You are on page 1of 67

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa LaaLoo

Qilee

Leenjii Heera mootummaa FDRI irratti


Milishaaf qophaa’e
Hagayya 2015
L/Qilee
Qabiyyeewwaan Leenjichaa
Seensa
Kutaa tokkoffaa yaaddama heeraa akka waliigalaatti
, Seenaa dhufaatii heeraa akka waliigalaatti fi
Seenaa dhufaati heera biyya keenyaa, Kaayyoo
Heera mootummaa FDRI

Kutaa Lammaffaa qajeelfama bu’uuraa heera


mootummaa FDRI

Kutaa sadaffaa itoophiyaa keessatti sirna haqaa


fi sirna heeraa kabajuufi kabachiisuu keessatti
ga’ee(shoora) qaamolee haqaa
Yaada burqisiifame

1. Heera jechuun maali? Maaliif barbaachisee?

2. Biyyi keenya heerummaa qabdii?/Heera?

3. Heeraa fi seerota biroo maaltuu gargar godha?

4. Biyya (state) isiniif maaliidha? Maal jechhudha?


Seensa
Heera (constitution) jechuun :-
‘Constitute’ = ijaaruu, hundeessuu jechuudha.
‘Constitution’ = adeemsa ittiin ijaaramu ykn gocha
ijaaruu jechuudha.
Heera jechuun hiikkoo waliigalaan ;
 Sanada ykn waadaa lammilee fi mootummaa gidduu, fi
lammiilee fi lammiilee gidduu
 Sanada ykn waadaa dhimma siyaasa, hawaasummaa fi
seera haammatu
 A kind of document that constitutes a government
(democratic)
Heerri:
Mootummmaa fi biyya akka biyyaatti kan hundeessudha.
Heerri barreeffama, darbaa dabarsa baratamaan (established
precedents) hawaasa biratti fudhatama argate ta’uu danda’a
Heerri seeradha akkasumas seera olaanaa fi seeronni biroon
heerichaa bu’uuraa godhatanii osoo hin faallessin kan
ba’aaniidha.
Itti…
Heerri biyya tokkoo kan biyya biraa waliin karaa itti walfakkaatu fi garagar
bahu hedduu ni qabaata.
Sirna seeraa biyya tokkoo hubachuuf;
 heeraa akkamii akka qabu adda baasuu fi
 heerichi heera akkamii akka ta’e xiinxaluun barbaachisaadha.
 Heerri:
 seenaa dhufaatii isaa,
 haala qabatamaa heerichi keessatti bocame,
 hawaasummaa,
 seenaa,
 sirna siyaasaa,
 dinagdee fi kkf waliin hin ilaalamu yoo ta’e,
waa’ee heerichaa fakkii guutuu argachuun hin danda’amu
KUTAA Tokko
HEERA BIFA
WALIIGALAAN
Heerri seera ol’aanadha.
Heerri qajeeltoowwan bu’uuraa kan of keessatti qabatedha.
Sanada hunda bituu fi seerri biyyattii hundi kan isaa gadi
ta’edha.
Caaseffamaa fi hojii dhaabbilee mootummaa kan tarreessu,
qajeeltoowwan siyaasaa, hawwaasummaa fi dinagdee
akkasumas mirga lammilee tarreessuu fi beekamtii kan
kennuu, …
Amantaa uummataa kan qabu (based on widespread public legitimacy)…
adeemsa wixinee.
Jijjiiruuf ykn fooyyessuuf seerota idilee biroo caalaa adeemsi isaa kan
ulfaatu…garuu gosaan heerri; ‘flexible and rigid’ ta’etu jira.
Yoo xiqqaate sadarkaa idla-addunyaatti ulagaalee mootummaa
dimokraatawaa of keessatti qabachuu qaba.
Ta’uu baannaan, ‘dictatorial constitution’ ta’a.
Amaloota Heeraa
Seera (haqaan):
- The foundation of the legal
system and citizens' rights.

HEE Siyaasa (aangoo):

RA - power map of institutions of


governance

Hawwaasummaa (aadaa):
- reflecting and influencing shared values and
principles.
Akaakuu Heeraa

1. Heera Barreefamafi
2. heera hin Barreefamnee
1. Heera Barreefamaa:- jechuun maal jechuudha?
 Heera barreefamee yeroo jennuu seeronnii hunduu kitaabuma tokko kessattii
kutaadhan, Boqonnadhan, keewwata fi k.k.f.n qoodamanii qindaa’uudhaan kan
maxxanfamaan yoo ta’u yeroo ammaa biyyoonnii baay’een kan itti hojjetaniidha.
FKN:
 Itiyophiyaa
 Hindii
 Faransaay
 Jaappan
 U.S.A
2. Heera hin Barreeffamnee Jeechun maal jechuudha?
Heera hin barreefamnee jechuun seeroonnii hunduu kitaaba
tokko kessattii qindaa’anii waan hin argamaniif seerota yeroo
yeroon caffee fi mana maree irra bahaan muuxannoon akka
heeratti waan ittin hojjeetamuuf yoo ta’u biyyoonni kun heera
barreefamee gonkumaa hin qaban jechuu osoo hin taane bifa
bibittinaa’een kitaaboota seera adda addaa kessattii kan qaban
jechuudha.
FKN:- Ingiilaandii,
 Niwuziilaandii ,
 Isira’el.
Barbaachisummaa Heeraa
Sanada ykn waadaa lammileen biyyattii waliin jiraachuuf
waliigalan,
Sirna argannaa aangoo fi qoqqooddii aangoo mootummaa
kan hundeessu, ykn sirna siyaasa biyyaa kan bocu,
Eegumsa mirga namoomaa fi diimokiraasiif, ykn eegumsa
mirga dhuunfaa fi garee,
Mirgaa fi dirqama mootummaa fi lammilee gidduutti kan
diriirsu,
Wal-qixxummaa sabaa, sablammoota fi uumatootaa
eegsisuu.
Mirga ofiin of bulchuu sabaa, sablammoota fi
uummatootaa ni mirkanesa.
Birmadummaa uummatichaa ni mirkaneessaa.
Uumama mootummaa dimokiratowaaf abbaan aangoo
uummata tu’uu isaa ni ibsa.
Akkaata hojummaata mootummaa fi sirna
ittigaafatamummaani ibsa.
Qoodama aangoo, qaama mootummaa uummata ittii
dhiyoo jiruuf kan diriirsu waanta’eef.
SEENAA DHUFAATII HEERAA
Jalqaba: mootummaan irra caalaa amantiin kan
hoogganamu ture,
Sirna durii kana keessatti seera mootummaatu ture malee
‘mootummaan seeraa’ hin turre.
Mootummaan baay’inaan nama dhuunfaa akka mootii
jedhamuun waan hoogganamuuf, seerri mootii bulchu
seerri lafarraa(positive law) hin turre.
Seerri mootiin ittiin bulu seeraa Waaqaa(divine rule) waan
ta’eef, aangoon kan Waaqaati jedhama.
Magnaa Kaartaa
Seerri kana duras tureera.
Magna Carta jechuun jecha Laatinii ta’ee, Waliigaltee
Guddicha jechuudha.
Waliigaltee kanaan dura aangoon mootummaa daangaa
hin qabu ture.
Bulchitoonni jalaa fi abbootiin amantaa murtee akka
feeteen kennamu komachuun, mirgoota jalaa tuqamuu
hin qabne irratti mootii Ingilizii Joon jedhamutti iyyatan,
Mootichi bara 1215tti mallatteessee mirkaneesse,
Itti…
Mirgoota muraasa namoota muraasaaf kan tumee fi
aangoo mootichaa dhimmoota muraasa kanneen irratti
daangesse,
Qabiyyeen sanadichaa:
 Mootiin seera abbaa lafaa kabajuun mirga miseensota abbootii lafaa
eegeera.
 Mootiin dhimmoota biyyattii ilaalchisee gorsaa fi maree abbootii lafaa
gaafachuu akka qabu.
 Gibirri addaa yaada abbootii lafaa malee mootiin muruu akka hin
dandeenye.
 Koreen abbootii lafaas mootiin bu’uura sanada
kanaan hojjetu ta’uu mirkaneeffachuuf hundaa’eera.
Itti…
 Adeemsa keessa koreen kun gara
paarlaamaatti guddate.
 Namni bilisa ta’e kamiyyuu bu’uura seera
biyyattii ykn murtii mana murtii malee, hin
hidhamu, hin adabamu. Qabeenyaa isaa irraa
hin ka’u, biyyaa hin ari’amu ykn hin
balleeffamu.
 Qabiyyeen kun kan kaayyeffate mirga haqa
argachuu
 ‘due process of the law’ jedhutti guddatee.
Labsii Bilisummaa Ameerikaa
Falaasama John Locke irraa madde. Yaada inni hawaasa
ammayyaa qaroomeef mirgoota uumamaafi waliigaltee
hawaasummaa bu’uureffatee kennedha. His 2nd treatises.
Mirga ofiirraa dabarsanii hawaasaaf kennuu.
Bara 1776 GC tti biyyoonni Ameerikaa bilisummaa isaanii
labsataniiru.
Kun Maagnaa Kaartaatti aansee tarkaanfii guddaadha.
Biyyoonni haaraa bittaa Ingilizi jalaa bahan kunis, heera
mataa isaanii baafataniiru.
Biyyoonni haaraa kun, bara 1787 GC tti heera mootummaa
federaala Ameerikaa ammaa jiru kana raggaasisaniiru.
Heerichis bu’uuraan lammileen mootummaa mirga isaanii
eegufii danda’u hundeeffachuuf mirga kan qaban ta’uu kaa’a.
Labsii Mirga Namaa fi Lammilee (Faransaay)
Bara 1789 GC tti qotee bultoonni fi hojjettoonni biyya
Faransaay warraaqsa geggeessuun, mootummaa ofirraa
jijjiiraniiru.
Kaayyoon isaas mootummaa geeddaruu qofa osoo hin taane,
caaseffama hawwaasummaa jiru kan abbaa lafaa balleessuun
sirna hawwaasummaa haaraa hundeessuuf kan kaayyeffate
ture.
Sirni abbaa lafaa hacuuccaa irratti hundaa’ee ture diigamee,
sirni haaraan walqixxummaa namaa irratti hundaa’e akka
dhaabbatu ta’eera.
Qabiyyeen heerichaas:
Namni dhalachuu isaa irraa eegalee bilisummaa,
walqixxuummaa kan qabu ta’uu.
Namni mirga bu’uuraa sababa nama ta’ee dhalateef qofa
bilisummaa, mirga qabeenyaa horachuu, nageenyaa fi
hacuuccaa mormuu qaba.
Lammileen burqaa birmadummaa hundaati.
Biyyattii keessatti, eenyu illee aangoo burqaan isaa
lammilee ykn uummata hin taaneen qabaachuu hin
danda’u.
Itti…
Mirgoonni uumamaa namni tokko qabu daangaa inni
qabu mirga nama biraa miidhuu dhiisuu qofadha.
Hawaasni qoqqooddiin aangoo keessatti hin
raawwatamnee fi eegumsi mirgoota bu’uuraaf keessatti
hin taane heera hin qabu jechuudha.
Mirgi qabeenya horachuu mirga hin tuqamnee fi mirga
uumamaa waan ta’eef, akkaataa seeraan kan daanga’u yoo
ta’e malee namni kamiyyu mirga isaa irraa mulqamuu hin
danda’u fi kkf yaadota jedhan of keessatti qabateera.
Seenaa Heeraa Itoophiyaa
Biyyi keenya ammaa kun osoo humnaan hin
ijaaramin dura uummattoonni biyyattii
seenaa mataa isaanii, duudhaa mataa isaanii,
siyaasa mataa isaanii fi aadaa mataa isaanii
qabaachaa akka turan beekamaadha.
1. Sirna Gadaa

• Uummatni Oromoo sirna garboomfataa alagaa jala osoo hin galin


dura sirna siyaasaa beekamaa ta’e, kan qaroomina addunyaa kanaa
wajjin wal-gituu danda’u qabaataa akka ture seenaan ni ibsa.
Yeroo sanatti Uummanni Oromoo qaroomina gaarii kan
qabu, sirna siyaasaa fi aadaa of danda’aa ta’e ‘sirna Gadaa’
qaba ture.
Waan hundi aadaas ta’ee, amantaa, siyaasas ta’ee dinagdee
hundi Sirna Gadaatiin bulaa waan tureef, Gadaan waan
hundaa olitti bitaa ture
 Supremacy of Gadaa system.
Itti…
Sirna Gadaa ykn bulchiinsaa Booranaa kana keessatti qaamni
bulchiinsaa ykn raawwachiisaa ol’aanaan Adula (Gada Council)
kan jedhamu yemmuu ta’u, seera baasaan Gumiigaayoo (Gada
General Assembly) jedhama.
Sirna kana keessatti, yaadni ol’aantummaa seeraa jedhu seerri
nama (abbaa aangoo) olidha kan jedhu qofatti kan daangeffamu
miti. Ol’aantummaa seeraa jechuun waan hundumtuu ykn lubbu
qabeeyyiin kamiyyuu seera qaba kan jedhu ni dabalata.
“Seeri muummee, seer saree!”
Sirna kana keessatti Aadaa (custom), seera aadaa (customary law)
fi seerri (law) ni beekamu. Kan 2ffaafi 3ffaa dirqisiisummaa qaba.
kan 3ffaa marii gumii gaayootiin baha.
Itti…

Jaarraa 16ffaa gara jalqabaatii kaasee Uummatni


Oromoo bifa qindaa’een siyaasa isaa, dinagdee isaa,
hawaasummaa isaa, aadaa fi amantaa isaa ittiin
geggeeffataa akka ture seenaan ni ibsa. Prior?
Sirni Gadaa kun sirna diimokiraasii ammayyaa
wajjin kan wal-fakkaatu ta’ee, Uummanni Oromoo
Ripaabiliika tokko jalatti kan ittin bulaa turee fi
sirna diimokiraasii biyyootiin dhihaa leellisan
wajjin wal-fakkaataadha.
Booranni bara 1890 (bara bulchiinsa Liiban
Jaldeessaa Guyyoo DHabbasaa) kallattii lamaan
weraarame. (Golo Huka Liban, A deeper look into Boran Oromo Culture)
2. Fitahaa Negist
Fitahaa Negist kun akka sirna Gadaatti caasaa mootummaa
hunda qabaatee, hawaasaa fi qomoo hunda hirmaachisee
heera ta’ee kan fudhatamuudha jechuun hin danda’amu.
Haa ta’u malee, Fitahaa Negist kun seera mootolee
jedhamee beekama (bara 1235-1243).
Fitahaa Negist kun kutaa lama kan qabu yommuu ta’u;
 Kutaan jalqabaa waa’ee warra qomoo addaatti of ilaalanii (waa’ee
warra Kiristaanaa kan dubbatu) yoo ta’u,
 Kutaa lammaffaan immoo waa’ee mootummaa lafarraa (secular
matters) fi walitti dhufeenya moototaa fi warra bulanii (subjects)
dubbata.
Heerota Barreeffamaa

3. Bara Mootummaa Hayilassilaasee


 Heera bara 1931 fi 1955

4. Bara Mootummaa Dargii


Bara 1987
Socialist views, Leninist Marx and Engles philosophy.
Chaartera Yeroo Ce’umsaa
Hagayya bara 1991tti bakka buutota dhaabbilee siyaasaa 31 irraa
dhufaniin mallatta’ee hojii keessa gale.
Mootummaa Ce’umsaatiif akka heeraatti kan tajaajilaa ture,
Chaarteriin kun hojii guddaa inni hojjete keessaa muraasni;
 dhaabbileen siyaasaa walitti dhufanii Koree Biyyoolessaa (National Assembly)
tolchuudhaan caasaa mootummaa haaraa kan bocuu danda’u wixinee heeraa kan
keessatti qopheessaniidha.
Itti…
Chaarterichi sabootaaf mirga eenyummaa isaanii, dhimma isaanii akka
ofiin bulfatan, mootummaa giddugaleessaa keessatti hirmaannaa
baay’ina uummataan madaalawaa ta’e akka qabataan, fi mirga hiree
ofii ofiin murteeffachuuf beekamtii kenneera.
Haaluma kanaan, Ertiriyaan bara 1993tti bilisummaa labsatte,
Itti…
Chaarteriin Ce’umsaa kun waggaa 5’f kan hojjete yommuu ta’u, waggaa
shanan kana keessatti filannoo sadiitu geggeeffamee ture.
Filannoon jalqabaa Waxabajjii 21 bara 1992tti ta’ee filannoo naannoo fi
gandaatu geggeeffamee ture.
Inni lammaffaan Waxabajjii 4 bara 1994tti filannoo Bakka Buutota
Naannolee (Consituent Assembly) yoo ta’u, kaayyoon isaa bakka buutota
Wixineessitoota Heeraa Haaraa hundeessuuf ture.
Inni dhumaa filannoo Caamsaa 7 bara 1995tti geggeeffame yommuu
ta’u, Mana Maree bakka bu’oota Uummataa fi Mana Maree Naannolee
filachuuf ture.
Heera mootummaa FDRI 1995

Heerichi boqonnaa 11 fi keewwata 106


qaba

FDRI

FEDERALAWAA DIMOKIRATAWAA
RIPAABILIKA ITOOPHIYAA???
KAAYYOO HEERICHAA
Kaayyoon heera mootummaa FDRI:-
1. Sirna Siyaasaa Partii Danuu (Multi-party Politics) diriirsuudha.
 Biyyattiin bara dheeraaf paartii siyaasaa tokkoon bulaa turuun
beekamaadha.
Bara 1991 irraa kaastee garuu sirna saba, sablammii fi uummattoota
biyyattii hundumaa ilaalcha siyaasaatiin osoo adda hin basin wal-qixa
keessummeessuu danda’u uummachuuf jecha heera tumattee jirti.
Haaluma kanaan, heerri amma hojiirra jiru kun diimokiraasii paartii
hunda keessummeessuu danda’u akka uumamu taasisee jira.
HMFRDI kwt 38(2) fi seensa Heerichaa ilaaluun ni danda’ama.
2. Qodamiinsa aangoo (Decentralization)
Mootummaa Federaalaa fi Mootummaa Naannoo gidduutti kwt 50 (1)
Sadarkaa Federalaattis ta’e Naannootti qamoolee mootummaa
sadan(3)
hundeessuu kwt 50 (2)
1.Qaama seera baasuu
2.Qaama seera hiikuu fi
3.Qaama seera raawwachiisu

-Federaala
-Naannoo
-Godina
-Aanaa
3.MANNEEN MAREE FEDERAALAA
kwt 53
Manneen maree federaalaa lameen :-
 Mana maree B/B Uummataa fi kwt 54
 Mana Maree Federeeshinii kwt 61
4.Dhaabbata Mirga Namoomafi
Diimokiraasii hundeessuu

Dhaabbileen diimokiraasii kanneen akka Boordii Filannoo,


Komishiniin Mirga Namoomaa, fi Dhaabbatni
Abbagaar akka dhaabbatan taasisee jira.
Walumaa galatti kaayyoon heerichaa…
Walumaagalatti, heerichi sirna dimokiraasii lafa
qabachiisuuf, kaayyoo inni qabatee ka’e;
Rakkoo sabummaa waggaa dheeraa ture sirna federaalizimii
diriirsuudhaan furuudha.
Heerichi adeemsa diimokiraasiitti jijjiiruuf kaayyeffachuu isaatiif
agarsiiftuutti kan ka’an…
 sirna siyaasaa hunda galeessa ta’e (multi-party politics),
 sirna durii keessatti aangoo harka nama tokkootti
kuufamee ture gara saba, sablammii fi Uummattoota
biyyattiitti naannessuun aangoo ol’aanaa isa dhumaa
kennuufiin, dhaabbilee mirga namoomaa fi diimokiraasii
ijaaruu fi kkf fudhachuu dandeenya.
GALMA HEERICHAA
 Biyyattii keessatti nageenyaa fisirna dimokraasii
fulla’iinsa fi wabummaa ummataa qabu akka
diriiru gochuu;
 Guddina diinagdee fi hawaasummaa ariifataa fi itti
fufiinsa qabu akka jiraatu gochuu;
 Ol’aantummaa seeraa fi fedhii bilisaa
uummataa irratti kan hundaa’e Hawaasa
siyaas-diinagdee tokko uumuu, fi waliin
jiraachuu dha.
Hundeeffama Sirna Federaalizimii
Jechi Federaalizimii jedhu jecha Laatinii foedus jedhamu irraa
kan dhufe yoo ta’u, hiikaan isaas walitti gurmaa’uu
mootummootaa (alliances or leagues of states) jechuudha.

Jecha ‘Federalism’ jedhuuf hiika wal-fakkaataa kennuun


rakkisaa yoo ta’e illee federalizimiin sirna mootummaa keessaa
tokko ta’ee aangoo siyaasaa naannolee (federated units) fi
mootummaa giddu galeessaa gidduutti kan qoodu akka ta’e
beektonni itti waliigalu.
 Federaalizimiin;

 Sirna qoodiinsa aangoo Mootummaa lama (two levels of government)


gidduutti taasifamu yoo ta’u, yaadama ‘ideology’ dha.
 Qajeeltoo bu’uuraa (normative principles) of keessaa kan qabuudha
jedhanii dubbatu.
 Qajeeltoon kunneenis ofiin of bulchuu (self rule) fi waliin bulchuu (shared
rule) irraa kan maddedha.
Gosoota Federeeshinii
-Coming Together
-Holding Together
Biyya itoophiyaa fi Daangaa isaa
Biyya jechuun maali ?
Biyya jechuun:-Uummata mootummaa mataa isaa
waliin bakka murtaa’aa tokko jiraatu jechuun ni
danda’ama.
Biyyi tokko biyya jedhamuuf ulaagaa Afur (4) yoo
qabaatteedha. Isaanis:-
1. Uummata
2. Daangaa murtaa’e
3. mootummaa(bulchiinsa)
4. Birmadummaa (sovereignty) or the capacity to
conduct international relations.
 Uummata yoo jennu:- Saba daangaa murtaa’aa tokko irra jiraatu
kan mootummaan tokko of moggaasee bakka bu’uummaa fudhatee
jechuudha.
Daangaa:- Biyya Daangaa murta’aa akka seera biyya keessaa
fi seera Adduunyaatiin qabdu jechuu akka ta’e ni hubatama.
 Bulchiinsa (mootummaa) :- Bulchiinsi bakka bu’aa feedhii
saba ykn Uummata daangaa ifa ta’e mootummaa tokko jala
jiraatuuti.
kanaaf, mootummaa tokko jalatti uummanni beekamu daangaa
kabajamaa qabaatee bulchiinsa fedhii sabaatiif abboomu qaba
jechuudha.
 Birmadummaa yoo jennu:- isa xumuraa fi isa ijoo biyyi tokko
akka biyyaatti ilaalamuuf qabaachuu qabdu birmadummaa
ykn walabummaadha.
kunis biyyi tokko giddu seentummaa humnaa alaa irraa
bilisa taatee
Daangaa fi bulchiinsa ishee kabajattee jiraachuu akka qabdu kan
ibsuudha.
Daangaa Itoophiyaa Heeraa FDRI kwt 2
Daangaan Itoophiyaa lafa,qilleensa fi qaama bishaanii
kan haammatuudha.
bal’inni Daangaa itoophiyaa miliyoonii 1.101 million km2
ALABAA ITOOPHIYAA kwt 3
(1) Alaabaan itoophiyaa gara irraa Magariisa
gidduun Kelloo jalaan Diimaa ta’ee gidduu isaa
irratti Aasxaa biyyoolessaa ni qabataa . Bifti
sadanuu wal qixa ta’anii dalgaan taa’uu.
(2) Aasxaan biyyoolessaa Alaabicha irra
kaa’amuu saboonni, sablamonni, ummattonni,
amantaawwaan itoophiyaa wal qixxummaa fi
tokkummaadhaan jiraachuuf abdii qaban kan
calaqqisiisuudha.
Labsii Alabaa FDRI Labsii Lakk. 654/2009
Labsiin kun keewwata 6 fi 7 jalatti haaluma heera FDRI jalatti
ka’aameen hikaa fi halluu alaabaa FDRI ka’eera.
Namni kamuu faalla Alabaa heeraa FDRI 1995 fi labsii alaabaa FDRI
654/2009 tiin beekamtii qabuun ala qabatee argamuun dhorkaa akka ta’e
labsichi tumeera.
kwt 23 (1) jalatti alaabaa Aasxaa hin qabne fayyadamuun dhorkaadha
jedha.
labsima kana keewwata 24(2) jalatti Namni kamuu fallaa tuma labsii kana
kwt 23 (1) irra darbuun alaabaa Aasxaa hin qabne kan fayyadame yoo ta’e
adabbii maallaqa hangaa qarshii 5000 ykn adabbii hidhaa cimaa hanga
waggaa tokkoo (1) fi baatii ja’a akka adabamu tumee jira.
KUTAA LAMMAFFAA
QAJEELTOOWWAAN BU’UURAA HEERA
MOOTUMMAA FDRI

5
1.Qajeeltoo Birmadummaa
Uummataa
Heerrichi Kwt. 8 jalatti waa’ee
birmadummaa uummataa haasa’a.
Itoophiyaa keessatti aangoon ol’aanaan
haaluma kamiinuu kan sb sbl f umt. ti.
 Birmadummaa jechuun;-
A sovereign is the supreme law making
authority, subject to no other.
 Birmadummaa jechuun aangoo isa dhumaa ta’ee,
aangoowwan kaan hundumaaf bu’ura kan ta’u
jechuu dha.
Birmadummaa umt jechuunis umtotni biyya
tokkoo aangoo murteessummaa isa dhumaa
yeroo qabaatan jechuu dha.
Birmadummaa jechuun angoo ol’aanaa (bulchuu)
hundaa olii hin dangoofnee fi hin gaafatamne
ta’ee angoowwan biroo hundaaf isa bu’uraa ta’ee
dha.
Amaloota bu’uraa sirna diimokiraasii keessaa tokko abbaan
aangoo birmadummaa uummata ta’uu isaati.
Uummanni mirga hiree isaa ofiin murteeffachuu,
nama isa bulchu filachuu,
yoo hin taanef immoo aangoo kenneef irraa fudhachuu yoo
hin dandeenye birmadummaa qaba jechuun hin danda’amu.
Seenaarraa wanti hubannu mootummaan birmadummaa
uummataa hin kabajne aangoorra turuu kan danda’u
humnaan qofa.
Haaluma kanaan heera keenya ammaa keessatti
qajeeltoowwan bu’uraa isa jalqabaa,
kwt.8(1) jalatti abbaan aangoo birmadummaa biyyattii
saboota, sab lammoota fi uummattoota Itoophiyaa ta’uu ni
tuma.
2.Qajeeltoo Olaantummaa H/M kwt. 9
Heerri ibsa abbaa angoo birmadummaa s/s/u
itoophiya waan ta’eef seera ol’aanaa biyyattiiti.
Ol’ aantummaan isaa kunis kan kabajamu:
 Heericha Kabajuun
 Heericha Kabachiiisuun
 Heerichaaf abboomamuunii dha.
OL’AANTUMMAA SEERAA JECHUUN:-
 Namni kamuu seeraa ol miti; waan hojjetuuf itti
gaafatama jechuu dha.
 Ol’aantummaan seeraa bakka hin jirretti kan jiraatu
ol’aantummaa namootaati.
 Kana jechuun immoo namni itti gaafatamummaa
seeraa hin qabne kun waan fedhe raawwata jechuu
dha.

Ol’AANTUMMAAN SEERA HAALOTA ITTIIN


IBSAMU KEESSAA MURAASNI:-
1. Angoo Daangessuu
2. Seera fuulduratti walqixa ta’uu
3. Abbaan Aangoo Angootti yoo fayyadamu sirnaa fi
adeemsa kabajamuu qabu kabajuufi hojiraa oolchuu
sana ala itti gaafatamummaan diriiree waan jiruuf.

Seera bakka bu’aan abbaa aangoo birmadummaa


uummataa baase kabajuu diduun birmadummaa
uummataa cabsuu jechuu dha.
Kanaaf birm. Umt. mirkaneessuuf ol’aantummaa
seeraa kabajuun dirqama ta’a.
 Ol’aanummaan heera jira yeroo jennu akkumma
waliigalaatti heerichi mootummaa dabalatee nama
hundumaa bituu yoo danda’e dha.
Heerri seera ol’aanaa yoo jedhamu: kwt 9(1)
 Aangoo fi dirqamni qaama mootummaa kamiyyuu maddi
isaa heera ta’uu; Kwt9(3)
 Qaamni kamiyyuu taanaan aangoo fi dirqama isaa gaafa
hojiirra oolchu tumaawwan heerichaa kabajuu akka
qabaatu; Kwt 9(2)
 Murteeni fi tarkaanfiin qaama kamiinu fudhatamu yoo
heeraan walitti bu’a ta’e kufaa fi rawwatiinsa hin qabaatu
Kwt 9(1)
3. Qajeeltoo MIRGA NAMOOMAA FI
DIIMOKIRAASII Kwt 10
Qajeeltoon bu’uraa heerri FDRI 1995 ba’ee inni
guddaan heerri irra dhabate inni tokko mirgaa fi
bilisummaa bu’uraa dhala namaati.
Heera keenya kwt. 10 jalatti:
1. Mirgoonni dhala namaa fi bilisummaawwan bu’uraa,
uumama dhala namaa irraa kan maddanii fi kan hin
sarbamnee fi hin mulqamne dha.
2. Mirgi dhala namaa uummattootaa fi lammiilee ni
kabajamu. jedha
 Kabajamuun mirga dhala namaa fi diimokiraasii nageenya
fiduuf, guddina argamsiisuuf dhimma baay’ee murteessaa
ta’e dha.

 Kabajamuun mirga dhala namaa haal duree waa hundaati.

QOODAMIINSA MIRGA DHALA NAMAA


1.Mirga Namoomaa heera FDRI kwt 14- 28
Mirga namni nama ta’ee dhalachuu isaan uumaan namaaf
uumamaan kennee dha.
Qaama kamiiniyyuu mirga kennamus fudhatamus miti.

2. Mirgoota Diimokiraasii: heera FDRI Kwt 29- 44


Lammi biyya tokkoo sababa ta’eef namni kamuu mirga
argachuu danda’uu dha.
4. Qajeeltoo MOOTUMMAA FI AMANTAAN GARGAR
TA’UU Kwt 11
Amantaa fi mootummaan gar gar yoo hin taane:
Walqixxummaan hin jiraatu.
Mootummaan hawaasa ilaalcha adda addaa qabu
gara garaa bakka bu’uu hin danda’u.
Diimokiraasiin jiraachuu hin danda’u
Mirgi nama hundaa walqixxee kabajamuu hin
danda’u.
 Kanaaf gaheen mot. amantaan hundi walqixxee
akka kabajamu haala mijeessuu dha.
5. QAJEELTOO HOJIMAATA MOOTUMMAA FI
ITTIGAAFATAMUMMAA. KWT 12
 Hojii fi hojmaanni mootummaa uummataaf ifa
ta’uu qaba
 Filatamaan uummataas ta’e qondaalli kamuu hojii
isaaf itti gaafatamummaa ni qabaata.
 Umt. b/b filaterraa amantaa yoo dhabe bakka
isaarra buusuu danda’a.
KUTAA SADAFFAA

ITOOPHIYAATTI SIRNA HAQAA


FI SIRNA HEERAA KABAJUU FI
KABACHIISUU KEESSATTI
SHOORA QAAMOLEE HAQAA
Walitti dhufeenya namootaa fi uummattoota jidduu jiruuf
haqni dhimma murteessaafi isa bu’uuraati. Walitti dhufeenya
namootaafi uummattoota gidduu jiru sirrii ta’uusaa kan
mirkaneessan qaamolee haqaati jechuudha.

Biyya tokko keessatti seera loogii tokko malee, akkasumas


akkaataa mirgaafi faayidaa lammiilee kabajameen hojiirra
oolchuudhaaf, qindoominaa qaamoolee haqaa, hojii haqaa
irratti bobba’aan jiraachuun isaa barbaachiisaadha.
Qaamooleen haqaa kunniin dirqama isaani akkaataa seeraan
hin raawwatan taanaan, mirga lammileen haqa argachuuf
seeraan gonfatan kan dhabamsiisuufi mootummaa irrattis
komiin akka baayyatu kan taassisuudha.
Qaamolee Haqaa
Qaamolee haqaa kanneen jedhaman:-
 Mana Murtii
 A/Alangaa
 Mana Amala Sirreessaa
 Poolisii
 Miliishaa
 Dhimma nageenyaa fi
 Miseensota ykn humna Poolisii biroo
GAAHEE, AaNGOO FI DIRQAMA MILIISHAA
Heeraa fi sirna heeraa kabajuu fi kabachiisuu
Oolaantummaa seeraa mirkaneessuu
Labsii waajjira miliishaa hundeessuuf ba’e labsii
lakk.31/1992 seensa labsii kanaa irraatti
barbaachisummaa Miliishaa yommuu ibsu Uummata
Naannichaaf mirgootaa fi faayiidaa heera mootummaan
kabajaman eeguudhaaf,mirga kana sarbuuf humna
dhufu irraa ittisuu akkasumas nageenyaa fi tasgabbii
Naannichaa mirkaneessuu akka ta’e ibse jira.
Labsichi kwt 4 jalattis bifa wal fakkatuun kaayyoo
hundeefama waajjira miliishaa jalatti
Labsii 31/1992 Kwt 4
(1) heerota mootummaa federaalaa Dimokrataawwa Ripublika
Itoophiyaa fi Oromiyaan kan tumaman mirgoota,
faayidaa,nageenyaa fi nagaa Uummattoota Naannichaa ni eega ni
kabachiisa;
(2) Mirgaa fi faayidaa uummatichaa humnaan sarbuuf humna yaalu
ni qolata; ni ittisa jechuun tumee jira.
Aangoo fi Hojii Miliishaa labsi 31/1992 kwt 10
 Humnoota nageenyaa kan biroo waliin qindaa’ee yakki akka hin
raawwatamne ni hordofa; ni ittisa;
 Nama yakka osoo raawwatuu argamee ykn ciraa yoo qabe buufata poolisii
naannoo isaatti argamuuf yeroo gabaabaa keessatti ni kenna; akkaataa
qabiinsa isaas gabaasa ni dhiheessaaf;
 Hojii shiftummaa ykn hattummaa irratti namoota bobba’an akkasumas
yakka biroo raawwachuuf namoota gurmaa’aan ykn namoota seera
cabsan ,yeroo barbaachisaa ta’ee argame ,uummata qindeessuudhaan
to’annoo jala akka oolan ni taassisa;
 Humna ittisa biyyoolessaa waliin ni hiriira;
 Hojiiwwan biroo waajjira miliishaan kennamanif ni raawwata.
Dirqama milishaa kwt 11(1),(2)fi dambii
197/2010 kwt 14
(1) Miseensi Miliishaa Kamiyyuu Meeshaa waraanaa
hidhate akkaataa seeraatiin hojii kennameef qofa itti
fayyadamuuf dirqama nii qaba.
(2) Miseensi miliishaa kamiyyuu hidhannoo
mootummaan kennameef yoo gurgure ykn haala
birootiin nama biraaf dabarsee yoo kenne ykn balleesse
itti gaafatama.

You might also like