You are on page 1of 6

Mana Kiristaanaa tokkittiitti ni amanna!

(Dn. Essuubaalaw Damissee)

Manni kiristaanaa Ortodoks tawaahidoo ejjennoo amantaa ishee karaa ittiin barsiistuu fi dhugaa baatu
keessaa inni tokko “Kadhannaa amantaa” ti. Kadhannaan kun manni kiristaanaa wanta amantaa fi ittiin
hundeeffamte jecha gabaabaadhaan icciitii guddaa kan ittiin ibsitudha. Moggaasni isaa “kadhannaa haa
jedhu malee qabiyyeen isaa bu’uura amantaa kan calaqqisiisudha. Manni kiristaanaa tuutawwan
(gareewwan) adda addaa addunyaa irra jiran keessaa adda bahuudhaan qaama kiristoos, misirroo
Kiristoos ta’uu ishee eenyummaa ishee karaa kadhannaa kanaatiin ibsiteetti.

Akka aadaa (darbaa dabarsa) (tradition) ortoksiitti kadhannaan amataa (creed) mana kiristaanaa
keessatti iddoo guddaa qaba. Kadhannaan kun bifa har’a qabu kana horachuuf waggoota hedduu
fudhateera. Kaayyoon baruu(article) kanaa waa’ee kadhannaa amantaa ibsuu osoo hin taane galaana
fal’aanaan akkuma jedhamu qaama kadhannaa kana keessaa keeyyata 9ffaa irratti waa’ee mana kiristaanaa
ilaaluu ta’a. “Mana kiristaanaa tokkittii qulqulleettii, hundaa ol, yaa’ii duukaabuutotaa taatetti ni
amanna!” kan jedhu keeyyanni 9ffaan kun waa’ee mana kiristaanaa kan ibsudha.

Duukaabuutonni ergamtoota Gooftaa (church fathers, appostilic fathers) yemmu kadhannaa kana
barreessan kaayyoon isaanii kan ture amantoonni (believers) amantaa isaaniitiin akka cimanii dhaabbatan
taassisuuf,gantoota amantaa immoo hoomaa kiristoos keessaa foo’uufidha. Haaluma kanaan yaa’iiwwan
gurguddoo sadarkaa addunyaatti :- Niiqiyaa (bara323) fi Qusxinxiniyaa (384)tti gaggeessuudhaan seera
amantaa ( doctrine) kun baroota armaan olitti tumaman yemmu jennu barumsa haaraa ykn Dooktiriinii
haaraa kalaqanii ykn uumani jechuu miti.Qabiyyeen isaa guutummaa guutuutti barumsa Gooftaa keenya
Iyyasuus kiristoos fi duukaabuutota Isaa irratti hundaa’edha.

Abbootiin mana kiristaanaa jaarraa 4ffaa keessa turan kadhannaa (hundee) amantaa kana kitaabolii
qulqulloota (sacred scriptures) keessaa walitti qabuudhaan keeyyata 12 akka qabaatu gochuudhaan
qopheessaniiru.

1ffaa. Iddoon qulqulluu kiristaanonni walitti qabamuudhaan (wal- gahuudhaan) waaqa itti waaqeffannu,
iccitiiwwan amantaa amantaa itti raawwannu, gamoon mana kiristaanaa jechuudhaan waamna.
(Hoj.duuk. 3:1)

2ffaaTokkoon tokkoon amantootaa, qaaamni kiriastaanotaa,bultoon Waaqayyoo,mana kiristaanaa


jedhanmuun ni waamama. ( 1Qor.6:0)

3ffaaYaa’ii ykn tokkummaa amantootaa, namoota kiristoositti amanani bara kakuu moofaa keessa
namootni Waaqayyootti amanan mana Israa’eel, Gosa Israa’eel,akkuma jedhaman bara kakuu haaraa
keessatti immoo namootni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoositti amanan mana kiristaanaa bultoo
kiristoos jedhamu.

Haaluma kanaan barruu kana keessatti hiikoowwan armaan olii sadan keessaa isa sadaffaa irratti
xiiyyeffachuudhaan waa’ee mana kiristaanaa ilaalla.

“Mana kiristaanaa tokkittii…” keeyyatni waa’ee mana kiristaanaa amanuu akka qabnuu fi maal jennee
amanuu akka qabnu nu hubachiisa. Abbootiin mana kiristaanaa mana kiristaanaatti ni amanna jedhanii

1
amantaa isaanii ejjennoodhaan kan ibsaniif sababa malee miti. Sababiin isaas fayyinni dhala namaa mana
kiristaanaatii ala hin jiru waan ta’eefidha. (There is no salvation without church” st. John Chrysostom ‘
mana kiristaanaatiin ala fayyinni hin jiru” Qulqulluu Yohaannis Afawarqee 1Xiim. Akkuma jedhu Fayyina
keenya raawwachuuf (Filph. 3) waa’ee mana kiristaanaa beekuun, amanuunii fi hojiitti hiikuun
barbaachisaadha.

Waa’ee mana kiristaanaa sadarkaa beekumsaatti wanti beekuu qabnu ni jira. Itti aansuudhaan beekumsa
afuurawaa sana irratti hundaa’uudhaan kan amanuu qabnu ni jira. Akkasumas wanta beeknee amanne
sana ammo hojiitti hiikuu qabna. Barruun kunis waa’ee kanaa ni ilaala. Manni kiristaanaa qaama kiristoos
waan taateef isheetti ni amanna yemmu jennu hojii fayyisummaa Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos
nuuf raawwatetti ni amanna jechuudha.

Hiikoo mana kiristaanaa

Hiika mana kiristaanaa sirriitti hubachuuf akka nu gargaaruuf gara bara kakuu moofaatti deebinee wanti
ilaaluu qabu jira. Akkuma beekamu kitaaboliin kakuu moofaa bara mootii Batliimoos (petlomy) dh.K.d.
450 afaan Ibraayisxii (Hebrew) irraa gara afaan Giriikiitti yemmu hiikan jecha Ibraayisx “kahal” jedhu
“Eklesiyaa” jedhaniiru. Kahaal jechaan yaa’ii Gosa Israa’eel (mana Israa’eel) uummata tokkummaadhaan
waaqayyo waaqeffachuuf walitti qabame, yaa’ii Israa’eel kan ibsudha. Haaluma kanaan jecha Giriikii
‘ekleesiyaa” jedhu immoo yemmu hiikamu mana kiristaanaa jedhu hiika mana kiristaanaa jedhu nuuf
laata. “ለቤተ ክርስቲያን አቅሌሲያ ዘንሰምያ” akkuma jedhu. Kunis uummata hojii fi kaayyoo tokkoof waamame
kan ibsudha.

Yaa’iin gosa Israa’eel fakkeenya mana kiristaanaati. Israa’eel gaggeessummaa Museetiin biyya Gibxii
(Misiraa) irraa bahanii uummata tokko, saba tokko akkuma ta’anitti, manni kiristaanaas hojii fayyina
Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos raawwateen garbummaa diinaa duraa baatee yaa’ii gaarummaa
Waaqayyo dubbatudha. “ ማዳኑን ትናገሩ ዘንድ” Akkuma jedhu.

Kanaafuu, mana kiristaanaa yemmu jedhu tokkummaa ( gamtaa) amantootaa ( faithful community)
agarsiisa. Tokkummaan kunis tokkummaa amantaa addunyaan erga uumamtee jalqabee amantaan
cimanii argamanii kan agarsiisudha. ( Efe. 5:12) As irratti qulqulluun Phaawuloos mana kiristaanaa jedhee
kan ibse amantoota dhiiga kiristoosiin bitaman yknykn qulqullaa’anidha. (Rom. 5:8) Miseensonni waldaa
kanaa qulqulloota lubbuun jiranii fi amantoota fooniin biyya lafaa irra jiran; akkasumas Ergamtoota
qulqullootadha.

Manni kiristaanaa waldaa namoota biyya lafaa irraajiran qofaa miti.qulqulloonni jalqaba addunyaa irraa
jalqabani turanii qabsuura isaanii raawwachuun lubbuudhaan jiranis qaama mana kiristaanaati. Manni
kiristaanaa biyya lafaa irra jirtus isaan ilaaluudhaan ni jajjabaati.( Ibr.13:7) akkuma jedhutti. Qulqulloonni
fooniin boqotanii fi kiristaanota biyya lafaa irra jiru gidduu hariiroon afuurawaa waan jiruuf yeroo mara
kadhannaa keenyaan nu waliin ta’aa jechuudhaan maqaa isaanii waamna. ሰላም ለክሙ ጻድቃነ ዛቲ ዕለት
ኩልክሙ ዕድ ወአንስት በበ አስማቲክሙ፡፤ ቅዱሳነ ሰማይ ወምድር ማኅበረ ሥላሴ አንትሙ፤ ዝክሩነ በጸሎትክሙ……
“Qulqulloonni qjeelonni guyyaa har’aa yaaddatamtan marti keessan dhiirotni, dubartoonnis tokkoon
tokkoon keessan (Maqaa keessaniin) qulqulloonni samii fi lafaa waldaa Sillaasee kan taatan isin
kadhannaa keessaniin nu yaaddadhaa…” jennaan. Isaanis akkasuma waa’ee amantoota fiigicha isaanii hin
xumurree, waa’ee keenya fuula waaqaa duratti nuu kadhatu. ( Mul. 6:10)

2
Akka aadaa (Tradition) ortodoksiitti manni kiristaanaa waldaa, tokkummaa amantoota fooniin biyya
lafaa irra jiranii fi lubbuudhaan kiristoos waliin jannata Waaqayyoo keessa jiraniiti. Akka barumsa
Gooftaa keenyaatti dameewwan jirma tokko irra jiranidha. Dameen tokko gara olii inni tokko immoo
gara gadiitti margu illee hanga jirma tokko irra jirutti karaa jirmaatiin (jirma irraa kan ka’e) akkuma
walitti dhufeenya (tokkummaa) qabaatanitti akkasuma amantoonni foonii fi lubbuudhaan jiran
tokkummaa qabu. Tokkummaan Waaqayyoon hundaa’e sababa du’aatiin adda cituu hin danda’u.

Walumaa galatti, manni kiristaanaa waldaa kaayyoo tokkoof waamamu,waldaa waamicha Waaqayyootiif
deebii laatedha. Waamichi Waaqayyoo karaa Ilma Isaatiin ykn wangeelaan dabarseef waldaa deebii laatte
tole jettee ajajamtedha.

AMALAWWAN MANA KIRISTAANAA (CHURCH NATURE)

Seensa irratti akkuma hundee amantaa irraa caqasnetti manni kiristaanaa amala adda ta’an eenyummaa
ishee kan ibsan amaloota afur qabdi.amalawwan kana tokkoon tokkoon isaanii beekuun mana kiristaanaa
keessatti yemmu jiraannu maal amanuu fi akkamiin deddeebi’uu akka qabdu kallattii nutty agarsiisa.

Namoonni tokko tokko amalawwan mana kiristaanaa fi eenyummaa ishee sirriitti hubachuu
dhabuudhaan yaada dogongoraatiin butamanii namoota biros yemmuu butan ni mul’atu. Namni mana
kiristaanaa sirriitti hubachuudhaan yoo deddeebi’e yaada biyya lafaa irraa fagaachuudhaan afuura
qajeelaa horatan kanaanis ija isaa gara namoota fiigicha isaanii xumuraniitti ol kaasa, nama dhuunfaa fi
mana kiristaanaa adda baafata. Nutis, yaada afuura qulqulluu irraa hin ta’iin irraa of eeguuf haala
armaan gadiitiin amalawwan mana kiristaanaa arfan ni ilaalla.

1. Manni Kiristaanaa Tokkittiidha.

Hundeessaan mana kiristaanaa tokko akkuma ta’etti manni kiristaanaas tokkodha. Manni kiristaanaa
qaama Kiristoosiiti, Inni mataa isheeti. Mataan kun immoo qaama tokko qaba malee qaamota baay’ee hin
qabu.

Hojii aarsaa raawwateen uummata isaa mara tokko taassisee ijaareera. Warra gola kanatti galan malees
hoolota kan biro qaba; isaan immoo fiduun anaaf ni ta’a, sagalee koos ni dhaga’u; walitti karra tokko ni
ta’u, tikseen isaaniis tokko ni ta’a” ( Yoh.10:16, Maat.8:11, Luuq 13;29)jedhamee akkuma barreeffametti nuti
kiristaanonni addunyaa kana irra jirru marti keenya afaaniin, bifaan, yeroodhaan, biyyaa fi kkf hundaan
baay’ee taanullee jiruu tokko irraa wanta maddineef garaagarummaa hin qabu; hundi keenyi tokkodha.
Namootni Waaqayyotti amanan dhaloota addaa amantii fi icciitiidhaan argatan martinuu amantii qabanii
fi icciitii hirmaatan irraa kan ka’e tokko ta’u. Akkuma abdiin waamichaa inni isin itti waamamtan
tokkicha ta’e, dhagni tokko, afuurris tokko” ( Efe. 4:4-6) jedhamee akka barreeffametti kiristaanonni
Itiyoophiyaa, Gibxii, Sooriyaa, Armaaniyaa… iddoo adda addaa jiran marti amantii amanan irraa kan ka’e
tokkodha.mana kiristaanaa tokko jedhamanii waamamu.

Gadameessa tokkoo wanta dhalanneef (cuuphamneef) gabatee tokkoo nyaata tokko waan nyaanneef
kiristoos waliin tokkummaa qabna; kanaafis qaama kioristoos taana. “Hundumti keenya buddeena
tokkicha sana irraa waan hirmaannuuf, nuyi qaama tokkodha.” (1Qor.10:16-17) akkuma jedhametti nuti
martinuu qaama tokko, maatii tokko, mana kiristaanaa tokkodha. Garaagarummaa biyya lafaa
tokkummaa icciitawaa diiguuf human hin qabu.

3
2. Manni kiristaanaa qulqulleettiidha.

Qulqullummaan amalaan qabeenya waaqayyooti,qulqullummaa isaa kana immoo mana kiristaanaaf


kenaadhaan laateera.

Jechi qulqulluu jedhu adda ta’uu, ulfaachuu,ciminaan dhaabachuu.. jedhamee ni hiikama. Haaluma
kanaan hojii aarsaa Gooftaan keenya raawwateen manni kiristaanaa kan adda taatedha. Fuula
waaqayyoottis qulqulleettiidha. Qulqulluun Phaawuloos waa’ee kanaa yommuu dubbatu “Manni
kiristaanaa Waaqayyoo biratti fudhatamtuu akka taatutti, kiristoos karaa dubbii isaatii bishaaniin
dhiquudhaan ishee ni qulqulleesse. Xurii fi dirmammuun wanti kana fakkaatan osoo irratti hin argamiin
qulqulleettii fi mudoo dhabeettii godhee ulfinaan ofitti dhiyeessee” jedheera. (Efe.5:25-26)

Manni kiristaanaa dhiiga Gooftaan qulqulleettii taatee burqaa qulqullummaa ta’u dandeesseetti. Manni
kiristaanaa qulqulleettiidha yemmu jennu miseensonni marti mudoo hin qabani jechuu miti.namni tokko
akka dhuunfaa isaatti cubbamaa ta’uu danda’a. haata’u malee dadhabbinni nama tokkoo waldaa sana hin
xureessu. Waldaan sun cubbamticha ni qulqulleessiti malee cubbamaadhaan hin xurooftu. Kanaaf,
waamicha isa samii irraa hirmaattota kan taatan yaa obboloota qulqullootaa” waldaa kana keessa
cubbamaan hin jiru jechuu miti. Tokkummaan mana kiristaanaa akka qulqulleessuu danda’u agarsiisa
malee.

3. Manni kiristaanaa Hundaa oli

Akkuma beekamutti bara kakuu moofaa keessatti waldaan warra Israa’eel biyyaan, gosaan kan daangofte
turte. Haa ta’u malee manni kiristaanaa kakuu haaraa dhufaatii Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin
hundoofte akkuma inni ajajetti sadarkaa addunyaatti tamsaasuudhaan iddoo hundatti kan argamtu
taateetti. Kana irraa kan ka’e kan saba ykn uummata tokko qofa osoo hin ta’iin kan hundaa, bakka
hundatti kan argamtu hundaa ol kan taatedha. Isheen kan Kiristoos, kiristoosis kan Isheeti.

Manni kiristaanaa hundaa ol waan taateef safartoowwan biyya lafaa marti ishee daangessuu hin
danda’ani. Mana kiristaanaa yeroodhaan illee murteessuun hin danda’amu. Uumamuu addunyaatii
jalqabee namoota hanga dhufaatii Isaatti itti amanan, sana boodas jireenyi dhufu marti umurii mana
kiristaanaati.

Armaan olitti akkuma dubbisnetti manni kiristaanaa tokkummaa qulqulloota lubbuun jiranii fi
amantoota fooniibn jiraniiti. Qaamni kun lamaan iddoo fi yeroon osoo isaan hin qoodiin qaama mana
kiristaanaati; isheen samii mana kiristaanaa mo’attuu (Triumphant church) jedhamti. Miseensonni ishee
qabsuura isaanii raawwatan mo’annaadhaan bobaa (harka) Waaqayyoo keessa jirtu immoo “mana
kiristaanaa loltu ( Militant church) jedhamti. Qabsoo biyya lafaa kan hin xumuriin qabsoo irra kan jirtu
jechuudha. Haayyichi qulqulluu Yaareed mani kiristaanaa hundaa ol ta’uu ishee yemmu ibsu “ Hundeen
ishee lafarra; dameen ishee immoo samii irra “ jechuun dubbateera.

Miseensonni ishee samii fi lafarra jiran martinuu bakkuma jiranitti afuuraan tokko waan ta’aniif manni
kiristaanaa hundaa oli jedhamti. Barumsi mana kiristaanaa kana ta’ee osoo jiruu, hiikaa fi amala mana
kiristaanaa namoonni hin beekne tokko tokko yaada dogongoraan yemmu gufatan ni mul’ata. Kana irraa
kan ka’es mana kiristaanaa hundaa ol taatee jirtu kana naannoo murtaawaa tokkoof kennu. Haata’u
malee manni kiristaanaa amaluma isheetiin naannoo tokkoof qofa kennuudhaan murteessuun hin

4
danda’amu. Ishee biyya tokkoof miti addunyaa mul’atu kanatti qofa hin daangoftu; waldaa, tokkummaa
amantootaa samii fi lafaa waan taateefidha.

Manni kiristaanaa naannoo tokkoof qofa osoo kennamteetti taatee naannoo giddu gala bahaatti qofa
lallabamte hafti turte. Akkas akka hin taaneef Gooftaanis duukaabuutota isaa yommu ergu eessatti akka
dhugaa bahuu qaban akkas jedheera:-“Afuurri qulqulluun yemmu isin irrabulu hunna godhattu;
Iyyarusaalamitti, yihudaa hundumatti,samaariyaatti, human xumura lafaattis dhugaa baatota koo ni
taatu” ( Hoj.duuk. 1:8)

Amantootni aadaa, afaan, bifa, beekumsa adda addaa qabaatanii iddoo adda addaa jiraatanis hanga
amantii tokko qabaatanitti wantoonni armaan olii kun gar gar isaan baasuuf tasumaa hin danda’ani.
Haaluma kanaan manni kiristaanaa sooriyaa, Indiyaa, Armaaniyaa, Itiyoophiyaa keessa jirtu ergamnii fi
kaayyoon ishee tokko waan ta’eef haalonni teessumni lafaa fidaniin uummata mana kiristaanaa baay’ee
isaan hin jechisiisu. Amantii tokko (one faith) waan qabaniif hundumti isaanii daangaa biyya lafaa kanaa
ol ta’uudhaan mana kiristaanaa tokko jedhamu. Haalli amantaa isaanii ittiin ibsatan (Expression of faith)
garuu gar gar ta’uu danda’a.

Walumaa galatti manni kiristaanaa hundaa ol ta’uu ishee beekuun waliigallee biyya lafaatii ol ta’uu ishee
fi daangaadhaan kan hin murtoofne akka taate beekuudhaan “Hidhaa nagaatiin, tokkummaa afuura
qulqulluutiin of eeguudhaan jabaadhaa!” (Efe. 4:3) akkuma jedhame haalaan jiraachuun nurraa eegama.

4. Manni kiristaanaa kan duukaabuutotaati. (Appostolic)

Amalawwan mana kiristaanaa arfan keessaa inni tokko kan duukaabuutotaa (Apostolic) kan jedhudha.
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos mana kiristaanaa Isaa erga hundeessee booda duukaabuutonni Isaa
akka babal’isaniif itti gaafatamummaa isaaniif laateera. Isaanis wanta ija isaaniin argan, gurra isaaniin
dhaga’an, kan Afuura Qulqulluutiin hubatan mara addunyaa mara akka gahu taassisuudhaan gumaacha
guddaa gumaachaniiru. Isinis nu wajjin tokkummaa akka qabaattaniif isa arginee fi isa dhageenye sana
isinitti ni himna” (1Yoh 1:3) jechuudhaan mana kiristaanaa babal’isaniiru. Kana irraa kan ka’e manni
kiristaanaa kan duukaabuutotaa jedhamtee waamamti. Manni kiristaanaa amantaa fi barumsa isaanii
irratti kan hundooftedha. Gooftaanis yemmu kana nuuf mirkaneessu “ Ati qarsaa( dhakaa)dha; qarsaa
kana irrattis mana kiristaanaa koo nan ijaara” (Maat.16:18) jechuudhaan dubbateera. Dabalataanis
qulqulluu Phaawuloos ergaa isaa irratti bal’inaan kaasuudhaan “Isin hundee ergamtootaa fi raajotaa
irratti ijaaramtaniittu” ( Efe.2:19) jedhe.

Sababni Moggaasni kan “Duukaabuutotaa” jedhu kun mana kiristaanaatiif itti laatamte keessaa inni biro
immoo bara sanatti barsiisonni sobaa hedduun ka’anii uummata dogongorsaa wanta turaniis isaan irraa
adda baasuf, barumsa falaasama biyya lafaa ykn kalaqa namootaa irraa eeguuf manni kiristaanaa kan
duukaabuutotaa, isaaniin kan walitti qabamte jedhamtee moggaafamteetti.

Manni kiristaanaa tokko amala ishee kana eeguuf ykn kan duukaabuutotaa jedhamuuf wantoota armaan
gadii kana raawwachuun irraa eegama.

a). Dhaala aangoo lubummaa (Apostolic succession through priesthood):- akkuma beekamu Gooftaan
gara samiitti yemmu ol bahu duukaabuutota Isaatiif aangoo lubummaa kennee jira. Aangoon kun immoo
isaan irraa jalqabee hanga dhufaatii Gooftaatti itti fufa. Manni kiristaanaa tokko kan duukaabuutotaa
jedhamuuf sarara dhaala lubummaa wal- irraa hin citne kana qabaachuu qabdi. Haala kanaan

5
dameewwan amantaa (Religious sects) adda addaa sarara kana irraa wanta fottoqaniif amala kana
dhabaniiru. Manni kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo shanana ykn jahan garuu dhaala kana keessa wanta
jiraniif kan duukaabuutotaa jedhamanii waamamu.

b). Amantaa, Barumsaa fi aadaa duukaabuutotaa qabaachuu ykn eeguu: (preserving the Apostolic faith
or doctrine)

manni kiristaanaa barumsa (doctrine) duukaabuutonni barsiisanii fi aadaa kitaaba qulqulluu ittiin hiikan
haalaan qabdu tokko amala kan duukaabuutotaa jedhu kun ishee ni ibsa. Walumaa galatti laphee, ijaa fi
afaan duukaabuutotaa qabaachuu jechuudha. Yoo laphee isaanii qabaanne haalaan hubachuu; yoo ija
isaanii qabaanne haalaan ilaaluu; yoo afaan isaanii qabaanne waanta ilaallee fi hubanne sana dubbachuu
dandeenya.

c). Hojii duukaabu’ummaa raawwachuu (Practcing Apostolic Missionary activity)

Kaayyoon mana kiristaanaa inni guddaanii fi jalqabaa ergamuu,deemanii namoota Waaqayyoof fiduudha.
“Gara hoolota badaniitti deemaa” (Maat.10:6) jedhee dubbateera. Haaluma kanaan manni kiristaanaa
hoolota badan barbaaduun hojii duukaabu’ummaa raawwachaa wanta jirtuuf “Kan duukaabuutotaa” inni
jedhu ishee ni ibsa.

Waa’ee mana kiristaanaa guutummaa guutuutti barruu gabaabaa kanaan ibsuun hin danda’amu. Haa ta’u
malee kana ka’umsa taassifachuudhaan “Mana afuurawaa ta’uudhaaf ijaaramaa” (1Pheex. 2:5) akkuma
jedhutti mana isaa beekuudhaan bultoo isaa ta’uuf of haa qopheessinu.

Manni kiristaanaa Kiristoos guyyaa bifa haaraatiin gaafa ayyaana guyyaa shantamaffaa (Pentecost)
hundeeffamtu kennaa afuura qulqulluutiin yeroo do’atamte sanatti durboo Maariyaamii fi qulqulloonni
Isaa achi akkuma turan har’as bifuma sana qabdi, nutis mana dhugaa kana keessa qajeelinaan jiraachuun
akka nuuf ta’u dhaamsa qulqulluu Phaawuloosiin Xumurra:- “ Mana Waaqayyoo keessa amala akkamiitiin
jiraachuu akka qabdu siifan barreessa. Manni Isaas bu’uuraa fi utubaa dhugaa, mana kiristaanaa
Waaqayyo jiraataati”

Galatni Waaqayyoof haa ta’u.

Hub.: Barreeffamni kuni Barruulee “Dhangaa Lubbuu” Lakk.1 irratti kan maxxanfamedha!

You might also like