You are on page 1of 1

Hojii fi Tarkaanfii Fayyinaa

1. Hojii fayyinaa (adeemsa fayyinaa) ibsi!


Waa’ee hojii fayyinaa yeroo kaasnu, wanti akka ijootti yookiin
xiyyeeffannaan irratti godhamee haasa’amu kan kaasnu ni jira.
As keessatti wantoota yaada kana keessatti akka ijootti ka’uu qabu
jedhee ani yaadu wantoota sadiitu jiru jedheen lafa kaa’a.
Isaanis:
1) Qaama hojii fayyinaa hojjete (Kiristoos Yesus)
2) Hojii hojjetame (Fayyina)
3) Fayyadamaa hojii hojjetame Sanaa kan ta’e (nama)
Egaa hojiin fayyinaa waan akka laayyootti haaasa’amee bira taramu miti; Kiristoos hojii fayyinaa kana
dhala namaaf hojjechuudhaaf yookiin nama firdii bara baraa jalaa baraaruuf jecha waaqa waan
hundumaa danda’uu fi beeku ta’ee osoo jiruu, Ulfina abbaa isaa wajjin wal isa fakkeessu akka waan
gatii hin qabneetti laakkaa’ee, surraaf simboo waaqummaa isa mara kana lafa kaa’ee oluma ka’eetu
ka’ee gara lafa kanaaatti gadi bu’e; nama ta’e, adeemsa dhalli nama tokko keessa darbu cinaa fi irra
utaalcha tokko malee keessa lufe.

Guyyaan itti kaayyoo inni gara lafa kanaa dhufe fiixaan baafamuuf ka’e sanatti kiristoos yesus surraa
kan qabu ture bifa dhabee fuula namatti jibbamee ( Isa 53:2-3) jabaadha dadhabaa fakkaate,
Beekumsa beektotaaf abuurraa hayyootaa garasii utuu qabuu wallaalaa homaa hin beekne ta’e;

You might also like