You are on page 1of 1

Dan Bible College (Koleejii Macaafa Qulqulluu Daan)

Qormaata Barumsa Kakuu Moofaa (OT Survey Final Exam)


I) Gaafilee armaan gadii Dhugaa YKN Soba jedhii deebis
1. Kakuun Moofaan yeroo jalqabaatiif Afaan Ibraayisxiitiin barreeffame.
2. Kitaabonni Muuseen barreesse shanan ‘Pentateuch’ jedhaman.
3. Kitaabota Kakuu Moofaa keessaa kitaabonni raajotaa kitaabota kudha torba.
4. Kitaabonni Kakuu Moofaa haala barreeffama isaaniitiin bakka afuritti qoodaman; isaanis:
Kitaabota Seeraa, Kitaabota seenaa,Kitaabota wolalootii fi kitaabota raagaati.
5. Seenaan Yooseefiitii fi Seenaan Yesuusii waan wol fakkaatuun qaba.
6. Kitaabota Kakuu Moofaa keessaa kitaabni Weedduu Weedduu caalu kan Salamoonii kitaaba
maqaan Waaqayyoo keessatti hin barreeffamne.
7. Kitaabni Qulqulluun kan namoonni Waaqayyoo Hafuura Qulqulluun geggeeffamanii barreessan
yoo ta’u barumsa, gorsaa fi onnee namaa qajeelchuuf barreeffame.
8. Kitaaba Seera ba’uu keessatti hoolaan Faasikaa akka Kiristoos hoolaa Waaqayyoo ta’ee qalamee
fi warra cubbamootaaf akka dhiiga ufii jisse mudhisa.
9. Akkuma ijoolleen Eelii mana Waaqayyoo keessatti cubbuu hojjachuudhaan Waaqayyoon
gaddisiisan adhallee namni mana Waaqayyoo keessatti cubbuu hojjachuudhaan Waaqayyoon
gaddisiisan ni jiru.
10. Kitaabonni Kakuu Moofaa wolumaa galatti kitaabota soddomii sagali.
II) Gaaffilee armaan gadiitiif deebii sirrii ta’e filadhu
1. Haga Muuseen du’e ummata Israa’elii kan masakkaa ture eennu?
(A) Iyyaasuu (B) Muusee (C) Abrahaam (D) Salamoon
2. Hujiin Izraa waa’ee Hafuuraa yoo ta’u hujiin Nahimiyaa immo
(A) Bulchiinsa (B) Doctora (C)Barsiisaa (D) Deenii hin qabu
3. Faaruu Dawitiititti aanee kitaabni boqonnaan isaa guddaa ta’e
(A)Raajii Isaayyaas(B) Raajii Ermiyaas (C) Raajii Hisqeel (D) Raajii Milkiyaas

4. Yoonaas jechuun maal jechuu dha?

(A) Handarii (B) Fayyisaa (C)Sambata (D) Qurxummii

5. Namoonni Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu maaliin masakkamanii barreessan?

(A) Hafuura Qulqulluu (B)Beekkumsa sammuu (C) Ogummaa dhuunfaa (D) Waraqata irratti.

III) Gaafilee armaan gadiitiif deebii sirrii ta’e kenni


1. Kitaabni Qulqulluun maaliif kitaabota kaawwaniin adda ta’e?
2. ‘Mannaa’ jechuun maal jechuu dha?
3. Dha’icha (balaa) Waaqayyo biyya Misiriitii fi Fari’oonitti fide keessaa shan(5) barreessi.
4. Seenaan Yooseefii fi seenaan Yesuusii waan wal fakkaatuun sadi(3) barreessi.
5. Qo’annaa Kitaaba Kakuu Moofaa kana keessatti waan baratte hamma dandeesse barreessi.

You might also like