You are on page 1of 6

Gareelee Jechootaa

Maqaa - moggaasa namaa, bakkaa, wantootaa, yaadaa fi kkf kennamuudha. Maqaan Akka
gulummoo, irraawwatamaa ykn xumurtuutti tajaajiluu danda’a. gosti isaatis, maqaa dhuunfaa,
waliinii, dimshaashaa, qabatamoo fi wa’ii (killayaa), ta’uu mala.

Gosoota maqaa

Afaan Oromoo keessatti maqaalee hedduun waan jiraniif haala walfakkaataniin gosoota
gurguddoo shanitti qoodamu. Isaanis:

1. Maqaa Dhuunfaa Maqaawwan namoonni, baakkeen ykn waantonni dhuunfaan ykn mataan
ittiin beekaman maqaa dhuunfaa jedhama

Fakkeenya:

a. Maqaa Namaa:-Tulluu, Abbomaa, Gaaddisee

b. Maqaa Biyyaa:- Oromiyaa, Tanzania, Jarman

c. Maqaa Haroo:- Wancii, Laangaanoo, Danbal,

d. Maqaa Mukaa:- Arooressa, Garbii, Ittacha, Ejersa

e. Maqaa Magaalotaa:- Jimma, Finfinnee, Amboo, Gimbii, Ciroo, Dirree

2. Maqaa Gamtaa

Gosti maqaa kun namoota ykn waantota gosaafi sadarkaan tokko ta’aniif kan kennamudha.

Fkn: Horii, Muka, afaan, saree, laga

3. Maqaa Garee ykn duuchaa Maqaa namoonni ykn waantonni bakka tokkotti qarqabamaniif ykn
tokkummaan ittiin waamamaniif kan moggaafamudha.

Fkn: Uummata, saba, Hamaamota, Raayyaa, Waldaa,

4. Maqaa waantotaa: Gosti maqaa kun moggaasa waantota meeshaalee mana keessaafi alaaf
kennamudha. Fkn: Huubbooykn uuroo, Siree, Qabee, …

5. Maqaa killayaa ykn Gagsaa (abstract noun) Gosti maqaa kun kan bakka bu’u maqaalee
hinmul’anne, hinqabamne ykn hin qaqqabatamne dha. Gama biraatiin beektonni maqaa yaadaa
jechuun yaamu. Sababiinsaas maqaalee sadarkaa yaadaatti dhihaatan malee qabatamaan kan hin
mul’anne ta’uu isaaniiti.

Fkn: Bilisummaa, Gamnummaa, Jaalala, Gowwummaa, Raatummaa.

Tajaajila Maqaa
Akka matimaatti Matimni hima keesatti qaama xumurri waa’ee isaa haasa’u /dubbatudha.

Tulluun muka soofa.

Biyyi keenya Oromiyaadha.

Akka aantimaatti maqaalee hima keessatti gochaan tokko irratti raawwatuudha. Gosoota lama
qaba.

a. Antima kallattii Fkn:-

1. Jaarraan kitaaba bitate.

2. Lammiin biishaan waraabe.

b. Antima alkallattii fkn. Raammatoon Biqileef kitaaba bite.

Gochima/ Xumura

Xumurri jecha waa’ee namootaa ykn waantotaa maal akka ta’an ykn maaltu akka uumame kan
agarsiisudha. Xumurri afaan tokko keessatti matima wajjin walqabatee tajaajila gargaraa kenna.
Kanneen ijoo ta’an bifa armaan gadiin dhihaataniiru.

Hojii Matimaa Agarsiisuuf fkn. Roobaan horii bobbaase. Harmeen gabaa dhaqxe.

Maalummaa Matimaa Ibsuuf

Fkn: Baaruun waardiyaadha.

Marartuun faarfattuudha.

Waan Matimarratti Raawwatame Ibsuuf

Fkn: Yakkamtichi adabame.

Qabeenya Matimaa Mul’isuuf

Fkn: 1. Jaagamaan kaadhimaa qaba.

2. Oromoyaan lageen baay’ee qabdi.

Waan Matima Muudate Ibsuuf

Fkn: 1. Konkolaatonni walitti bu’an.

2. Ittoon Ibidatti gargale.

Gosoota Xumura
Faayidaafi hojii isaaniirratti hundaa’uun xumurtoota gosoota adda addaatti qoqqooduun ni
danda’ama

Xumurtoota Dabareeyyii (Transitive Verbs) Xumurtoonni gosa kanaa raawwii matimarraa gara
antimaatti ceesisanidha. Fkn 1. Dachaasaan mana ijaare

Xumurtoota dabarmaleeyyii (Intransitive Verbs) Xumurtoota gosa kanaa ammo gocha


raawwatame matimarraa gara antimaatti ceesisuu kan hindandeenye.Kanaaf, yeroo baay’ee
xumurtoota hafoo ykn gocha hambis jedhamuun beekamu.

Fkn. Ayyaaneen mana warraatti sokkite.

Xumurtoota gargaartuu (Auxilary Verbs) Xumurtoonni akaakuu kanaa xumura yaada


guduunfu deeggaruun kan galanidha. Xumurtoonni kun hennaa (yeroo) ykn unkaa ajajaa kan
mul’isanidha. Gosaanis tur-,qab-,jira-,ool-, dand-,jedhamu.

Deemuu qabna.

Gahutu sirra jira

Xumura Jiraa (Active Voice) Gosni xumuraa kun yeroo xumurri hojii /gahee matimaa
ibsuudha.Gama biraatiin matimmi/ gulummoon hima tokkoo maal akka hojjete kan agarsiisudha.
Fkn. Galaanaan ijoollee isaa walitti qabee reebe.

Xumura Riphaa/Callisaa (Passive Voice) Hima tokko keessatti xumurri matimarratti waan
raawwatame /hojjetame yeroo ibsu xumura callisaa jedhama. Fkn. Ijoolleen reebamte. Manni
ijaarame.

Ibsa Maqaa/Addeessitoota

Jechi hiika maqaatti waa dabalee nutti himu ibsa maqaa ykn addeessaa jedhamuun beekama.
Kunis maqaarratti karaa duubaa dabalamuun maalummaa maqaa ibsuun ykn murteessuunidha.

Gosoota ibsa maqaa

Ibisa maqaa Akeetuu / Eertuu

Maqibsoonni gosa kanaa kaneen waan dhihoo ykn fagoo jiru agarsiisuuf fayyadanidha.
Jechoonni kunis kana, sana, kun sun, kanneen, sanneen, warra kana/ sana. Fkn.

Namni kun yeroo jalqabaaf walga’ii irratti argame.

Intalli sun kaadhimaa Badhaasaati.

Ibisa maqaa Qabeenyaa /Abbummee


Gosa ibsa maqaa qabeenya /abbummaa agarsiisuuf maqaa waliin galanidha.Jechoonni kunis:
koo/ kiyya, kee, isaa, ishee, keenya, keessan, isaanii, jiraa, warra.

Biyyi keenya Oromiyaadha.

Furtuu koo dagadheen deeme.

Ibsa Maqaa Ibsee/Addeessituu

Ibsi maqaa gosa kanaa bifa, hammummaa, ba’eessummaa, yarummaa fi kkkf agarsiisuuf
tajaajila.

Mucaa gaarii ture.

Qilleensa dilalla’aa qabdi.

Ibsoota maqaa baay’inaa, sadarkaafi, lakkoofsaa

Akkuma maqaasaaniirraa hubannu gosoonni ibsa maqaa kun ammo baay’ina,sadarkaafi


lakkoofsa agarsiisuuf galu. Fkn.

Gatii baay’ee baasa. Ibsa maqaa baay’inaa

Namoota kudhalama erge. Ibsa maqaa lakkoofsaa

Magarsaan kutaa isaa keessa tokkoffaa baha.Ibsa maqaa sadarkaa

Maqibsoota gaaffii

Jechoonni kan akka maali, kamtu, hammam, meeqa fi kkf maqibsitoota gaaffii ta’uun tajaajilu.

Namoota hammamtu du’e?

Bulchaan yoona maal barbaacha dhufte?

Ibsa Xumuraa/Dablgochima

Ibsi xumuraa xumura (gocha), addeessaa (ibsa maqaa), ibsa xumuraa (dabal gochima) biraa
dura galuun iddoo, yeroo, qabata fi sadarkaa gochi tokko itti raawwate addeessa.

Gosoota Ibsa Xumuraa

Ibsa Xumuraa Iddoo

Gosti ibsa xumuraa kun gaaffii “eessa” ykn eessatti?” jedhu deebisuuf gargaara.

Fkn. Qorichaan Jimma jira. Namichi mana jalatti rukutame.


Ibsa xumuraa Yeroo Ibsi xumuraa kun ammo gaaffii “yoom?” jedhuuf deebii kenna.

Fkn. Qorumsi torbee dhufu kennema. Fiilmii kana duratti argeera.

Ibsa xumuraa akkaataa / haalaa

Fkn. Guutuun ariitiin sokke. Waariyoon abshaalummaan dubbata.

Ibsa xumura Sababaa Akaakuun ibsa xumura kanaa sababa gochi tokko itti raawwate mul’isa.
Heeddumminaanis gaalee keessatti mul’ata.

Fkn. Seenaan waan dhakkubsateef hojiirraa hafte.

Ana malee namni hinjiru waan jedhuuf, galgalli isaa kana ta’e.

Durduubee/Firoomsee
Hima keessatti jechoonni jechoota ykn gaaleewwan biroo wajjin qindaa’uun kallattii , bakka fi
kkf agarsiisan durduubee jedhamu.

Gosoota durduubee

Durgaa fi duubga dha.

Fkn. Gara manaa saanduqa keessa

Tajaajila durduubee

I. Bakka mul’isuuf

Fkn; Simbirroo muka irraa wacci. Harmeen mana keessa jirti.

II. Kallattii Agarsiisuuf

Fkn: 1. Bookaan gara biyyaa gale. 2 Namtichi fuuldura keenya jira.

III. Yeroo agarsiisuuf

Fkn:- 1. Aduun erga baatee deeme. 2. Waggaa darbe keessa jalqabe

IV. Haala mul’isuuf

Fkn:- 1. Mucaan kun jabaachuurra jira. 2. Haalli waan hinmijoofneef biyya gallakkisuutti jira.

V. Akka Mul’isuuf

Fkn 1. Mormataan akka gaararraa jijjiirama. 2. Simbireen haasaatti ariifatti

Bamaqaalee
jechoota bakka maqaa bu’uun tajaajila maqaaleen kennan kennaniidha.

Bamaqaalee ramaddii isaanitiin gosoota sadi qabu. Isaanis:

ramaddii tokkoffaa, ana nu’i

lammaffaa fkn si’i isin, fi

sadaffaa fkn ishii/ishee/isee, isa, isaan, faadha.

Tajaajila isaanitiinis gosoota saditu jiru:

Mathima ani, ati, isin, isaan kkf..

Antima na, nu, si, ishi, isaan, kkf

Abboommii fkn isaa, ishii, isaanii, keenya koo…

Waliigaa/Walqabsiistuu

Jechoota himoota, ciroowwan, gaaleewwan ykn jechoota walqabsiisaniidha. Isaanis:


Fakkeenyaaf, haata’uu malee, haaluma kanmaan, fi, yookin, kanas ta’ee san …

Eertuuwwan (determiners)- jechoota wantoota adda baasuun himaniidha. Fkn kana, sanneen …

Raajeffannoo (interjections)- jechoota miira keenya ittiin ibsannuudha.

Fkn. Ajaa’iba!, wawu! Maal!....

You might also like