You are on page 1of 23

Kun Walta'iinsa Biiroo Barnoota Oromiyaafi MBA

WMOtiin Qophaa'ee
Kan isiniif Dhiyaate Barnoota Afaan Oromoo Kutaa
8ffaati.

Qopheessaan: Lataa Raggaasaa Soorii


Bil:-09-21-17-99-86
Yaadachiisa Barannoo Darbee

Barannoo sadaffaa keessatti waa’ee:

 Maalummaafi Gosoota Ciroo Ciroo


 Qoodni maqaalee/bamaqaalee
 Ramaddiilee Qooda maqaalee barannee turre.
BARANNOO AFUR

Sirna Tuqaalee
Kaayyoo: Dhuma barannoo kanaatti:

maalummaa sirna tuqaalee ni ibsitu

Akaakuu sirna tuqaalee ni tarreessitu.


Sirna tuqaalee adda addaa hima keessatti
fayyadamtu.
Sirna Tuqaalee
o Sirni tuqaalee maali?

o Sirna barreeffamaa keessatti himaafi ruqoota


himaa adda baasuudhaan ergaan barreeffama
sanaa akka ifa ta’u kan gargaarandha.
Akaakuuwwan sirna Tuqaalee
Barattoota! Sirna tuqaalee keessaa maal maal fa'a beektu?

 Tuqaa(.)

 mallattoo gaaffii (?)

 mallattoo raajeffannoo (!)

 qoodduu (,)

 buufata xiqqaa/ qoodduu jabaa (;)

 tuq-lamee (:)

 mallattoo waraabbii (“ ”)
 sarara xiqqaa (-)fi kkf
Kan itti fufe…

1. Tuqaa(.)
Tuqaan faayidaalee armaan gadii qaba:
 Yaada xumurame agarsiisuuf dhumarra gala.

Fkn. Siifan barattuu kutaa 8ffaati.


 Gabaajee agarsiisuuf gala

Fkn. B.B.O, W.M.O


 Kottoonfachiisuu agarsiisuuf gala.

Fkn. Lakkoofsa = Lakk.


Hubachiisa = Hub.
Kan itti fufe…

 Mata duree guddaafi xixiqqaa adda baasuuf gala.

Fakkeenya:
1. sirna Gadaa
1.1 Gogeessa Gadaa
1.2 marsaa Gadaa
 Herrega keessatti gaheefi haftee adda baasuuf

Fkn. 9.5
Kan itti fufe…
2. Mallattoo gaaffii(?)
a. Hima gaaffiin xumuramu booda gala.
Fkn. Firdiisaan eessa jira?
b. Seenaa keessatti bara shakkinu agarsiisuuf gala.
Fkn. Daldalli garbaa jaarraa 18ffaa (?) eegale.
c. Hima tokko akkuma jirutti gara gaaffiitti jijjiiruuf
gargaara.
Fkn. Tolaan Mana barumsaatii dhufe.
Tolaan mana barumsaatii dhufee?
Kan itti fufe..

3. Mallattoo Raajeffannoo(!)
a. Jecha ykn hima nama ajaa’ibu booda gala.
Fkn. Safuu!
Maali dhibeen sodaachisaa akkasii!
b. Himoota ajajaa booda gala.
Fkn. ka’i mana cufi!
Kan itti fufe...

c. Akeekkachiisuuf
Fkn. Of eeggadhu!, beekkadhu!
d. Iyya ibsuuf Fkn. U!U!U!
e. Jajuu agarsiisuuf
Fkn. Ishoo kormakoo!
Kan itti fufe…
4. Qoodduu(,)
a. jechoota, gaaleewwaniifi ciroowwan wal
qabsiistuun walitti hin hidhamiin adda baasa.
Fkn. Kumeen barnoota Afaan Oromoo, Herrega,
hawaasaafi Lammummaa jaallatti.
Kan itti fufe...

b. Ciroo hirkataafi of danda’aa adda baasa.


Fkn. Jabaatee waan qo’ateef, barana 1ffaa bahe.
c. Lakkoofsa keessa gala. Fkn. 10,000
Kan itti fufe…

d. Waraabbii keessa galee tajaajila.


Fkn. Caaltuun, “ Gowwaatu kana hojjeta” jette.
“Gowwaatu kana hojjeta,” jette Caaltuun.
e. Guyyaafi bara adda baasa.
Fkn. Abdiin bitootessa 18,2011 dhalate.
Kan itti fufe…

5. Qoodduu jabaa/Buufata xiqqaa (;)


Himoota guutuu lama gidduu galuun tokko taasisa.

Fkn. Isheen ni qo’atti. Inni ni rafa.

Isheen ni qo’atti; inni ni rafa.


kan Itti fufe...

6. Tuq-lamee(:)
a. Hima keessatti wantoota tarreeffamanii dhufan
dura gala.
Fkn. Dhalli namaa waan sadii jibba: deega, du’aafi
dulluma.
b. sa’atiifi daqiiqaa adda baasa. Fkn. 3:45
c. Reeshiyoo agarsiisuuf gargaara. Fkn. 1:5
Kan itti fufe…

7. Mallattoo waraabbii (“ ”)
a. Yaada nama biraa akkuma jirutti fudhachuuf.
Fkn. Ganamoon, “Oromoon tokko” jedhe.
b. Yaada waa’eensaa irratti xiyyeeffatamee haasa’amu ibsuuf.
Fkn. Oromoon hundi “aadaa ofii” kan jedhu yaadatti qabachuu
qaba.
c. Mata duree kitaabaa tokko beeksisuuf
Fkn. Kitaaba “ seenaa Oromoo” jedhu dubbistee?
Kan itti fufe…

d. Jecha ergisaa yeroo dhimma itti baanu ibsuuf


Fkn. Isheen “kireemii” dibattee jirti.
e. Mata duree kitaabaa keessaa kan akka asoosama,
walaloo fi boqonnaa kitaabaa eeruuf.
Fkn. Walaloo “beekumsa” jedhu dubbistee?
Kan itti fufe…
8. Sarara Xiqqaa(-)

a. Jecha tishoo barreessuuf gargaaramna.

Fkn. Miil-jala, sab-lammii…


b. Barreeffama keessatti birsagarratti adda kutnee
deebi’uuf.
Fkn. Uummatni Oromoo sirna boonsaafi sir- na
dimokiraatawaa ta’e Sirna Gadaa qaba.
Kan itti fufe…

Gaaffii Madaallii
Bakka hanqatetti sirna tuqaaleen guuti.
1. Namni waan sadii barbaada nyaata uffataafi
mana jireenyaati
2. Haacaaluun ani uummata Oromoof qaaliidha
jedhe
3. Nan badekaa
Kan itti fufe…

Deebii

1.Namni waan sadii barbaada:


nyaata, uffataafi mana jireenyaati.
2.Haacaaluun, “Ani uummata
Oromoof qaaliidha ”jedhe.
3.Nan badekaa!
Guduunfaa
 Sirna barreeffamaa keessatti himaafi ruqoota himaa
adda baasuudhaan ergaan barreeffama sanaa akka ifa
ta’u kan gargaaran sirna tuqaalee jedhamu.
 Akaakuuwwan sirna tuqaalee hedduu keessaa tuqaa,
tuq-lamee, waraabbii, qoodduu, buufata xiqqaa,
raajeffannoofi sarara xiqqaa fakkeenyaan ilaallee jirra.
XUMURAME!

You might also like