You are on page 1of 3

51.

Eennaa

Eennaan yeroo itti gochi tokko raawwate yookaan raawwatu ibsa.


Fkn, eennaa darbe, eennaa ammaa, eennaa dhufu. Eennaan walitti dhufeenya
dubbatamaa jiruufi yeroo gochaan tokko itti raawwate kan ibsuudha (Klein 1994).
Yeroo itti dubbatamaa jirutti hundaa’uudhaan yeroon ibsamaa jiru kan darbe
(Eennaa darbe: Inni dubbiseera). Eennaa dubbatamaa jiruu wajjiniin kan wal simu
(eennaa ammaa: inni dubbisaa jira). Ykn yeroo itti dubbisaa jiru booda kan raawwatu
(eennaa dhufu: Inni ni dubbisa). Ennaalee bu’uuraa sadiitu jiru.Isaanis: eennaa
darbe, eennaa ammaafi eennaa dhufu.

I. Eennaa Ammaa (Present Tense)

Eennaa ammaa kan fayyadamnu, waanti nuti ibsinu yeroo itti dubbachaa jirru waliin kan
walirra oolu yoo ta’e eennaa ammaa jedhama.
Eennaan ammaa akaakuu sadiitu jiru. Isaanis:
A. Eennaa Ammaa Salphaa (Simple Present Tense): Eennaa gocha irra
deddeebiin raawwatu (simple present tense) akkasumas, dhugaa waliigalaafi
gocha ammaa agarsiisudha. Dabalataanis, waan jaallannu yookaan jibbinu ittiin
ibsachuuf gargaara.

Fkn: 1. Inni Finfinnee jiraata.


2. Ishiin haadha ishii jaallatti.
3. Isaan yeroo hunda galgala galgala TV ilaalu.
4. Inni ijoollee lama qaba.
5. Ishiin afaan Ingilizii barsiisti.
6. Isaan ganama ganama sochii qaamaa hojjetu.
7. Ani Ciroottin gala.
B. Ennaa Amsiqaa (present continuous tense): gocha yeroo ammaa fufeenyaan
raawwatamu ibsa.
Fkn. 1. Isaan qayyabataa jiru.
2. Ishiin huccuu miiccaa jirti.
3. Ani asoosama duhbbisaan jira.
4. Inni deemaa jira.
5. Isaan namoota walitti araarsaa jiru.
C. Eennaa Ammaa Murteessaa (Peresent Perfect Tense): -Eennaan kun gochaalee
yeroo darbe raawwataman kan yeroo dubbatamu sana waliin wal qabatu ibsuuf
gargaaramna.
Fkn. 1. Ani cireekoo nyaadheen jira.
2. Lookoon barnoota diploomaa ishii xumurtee jirti.
3. Inni iyyannoo isaa galfatee jira.
4. Biliiseen boqonnaa da’umsaa fixxee jirti.

II. Eennaa Darbaa (Past Tense)


Eennaa darbaan gocha ykn ta’umsa yeroo darbe raawwate kan agarsiisudha. Eennaa
darbaa kan fayyadamnu, yeroo gochi ykn ta’umsi raawwatame yeroo itti ibsamaa jiru
dursee raawwatudha. Eennaan kun ta’umsi ykn gochaan raawwatame sun xumuramuu
isaa yookaan itti fufaa turuusaarratti hundaa’uudhaan qoqqoodamuu danda’a.
A. Eennaa darbaa salphaa (Simple past tense): Eennaan darbaa salphaan waan
yeroo darbe raawwate, kan agarsiisudha. Eennaan kun gocha yeroo darbee
keessaa eegalee yerooma darbe keessa xumurame agarsiisa.

Fkn: 1. inni kaleessa hiriyoota isaa waliin taphate.


2. Caaltuufi Hiikaan sila laaqana isaanii nyaatan.
3. ishiin galgala fiilmii eelaa ilaalte.
B. Eennaa Tarsiqaa (Past continuous tense): Eennaa gocha yeroo darbee keessa
fufiinsaan raawwateme kan ibsudha.
Fkn. 1. Yeroo ishiindhufte, roobaa ture.
2. Moosisaan ganama fiigicha shaakalaa ture.
3. Lookoon bariin kaatee mana barumsaa deemaa turte.
C. Eennaa darbaa murteessaa (Past Perfect Tense)
Gocha biroo dursee raawwachuu isaa irratti xiyyeeffate ibsa.
Fkn. 1. Utuu hin rafin dura hojii manaa hojjennee turre.
2. Utuu ciree hin nyaatin dura nafa dhiqatee ture.
3. Osoo hin iyyatin carraa barnootaa argatee ture.
III. Eennaa Dhufu (Future tense):
Eennaan kun gocha ykn ta’umsa gara fuula duraatti raawwatu ibsa. Eennaa dhufu kan
fayyaadamnu, gocha ykn ta’iinsa yeroo itti dubbatamaa jiru booda raawwatu ibsuufidha.
Eennaan dhufu gochi ykn ta’umsi sun itti fufeenyaan raawwachuu ykn al tokko kan
raawwatamu ta’uusaarratti hundaa’uudhaan qoqqoodama.
A. Eennaa Murannaa(Simple future tense): gocha gara fuul-duraatti
raawwatamuun isaa hin oolle garuu yeroo itti raawwatamu kan adda bahee hin
beekamiin ibsa.
Fkn. 1. Ani nan deema.
2. Hora har-sadee daawwachuudhaan guyyaa dhaloota ishii ni kabajatti.
3. Caalaan bara dhufu fuudha.
B. Eennaa Dhufsiqaa (future continous tense)
Eennaa gochi itti fufaan yeroo dhufu keessa raawwatamu ibsa.
Fkn, 1. Torban sadan dhufuuf Madda Walaabuun daawwadha.
2. Bariisaa Caalaan sa’aa lama hafan fayyadamee barsiisa.
3. Qananiisaan waggoota itti aanan lamaaniif Oromiyaa bakka bu’ee fiiga.

You might also like