You are on page 1of 45

…ONNEE CABDE!

Eebba moo Abaarsa?

Si Eebbisa, Si abaara. Horii deebani, Deegii Qaccadhu. Bulii Dheeradhu, Umrii


Gabaabadhu. Beekkami, Hin beekin. Guddadhu, Xiqqaadhu. Ulfaadhu, Salphadhu.
Duroomi, Hiyyoomadhu. Worraan buli, Kophaa turi. Waliigalaa, Wal-dhabaa.
Wal-jaaladhaa, Wal-jibbaa. Tokkummaa’aa, Faffaca’aa. Hayyoomaa, Wallaalaa.
Jaalatamaa, Jibbamaa. Korma ta’i, Hin kormoomin. Tulluu ta’i, Sigigaadhu biyyee
ta’i. Bishaan ta’i, Humna dhabi, Dubartii ta’i, Mala dhabi. Warqii ta’i, Mi’aa’i,
Fiindoo ta’i, Rakasi. Dhalchii ergadhu, Dhalchitee hin ergatin. Ilma eebbaa
argadhu, Ilma abaarsaa guddifadhu. Gadaan buli, Gadaddoon turi. Woraani urii,
Mixii ta’i, Gubadhuu badii, Cidii ta’i.

Haa qabattu, Hin qabatin!

Maali sammuun ba’aa baatee hin dadhabne? Ba’aa sanis lafa hin keenye! Ihii…
ihiii…maal jechuudha? Ba’aan sunis kan hin muldhanne… ihii bu’aan duri kan
baatamu keessotti mo’o? alatti? Gaaffii gaaffii……… waan hundaafuu uumaaf
uumama xiinxalluun barbaachisaadha. Uumamaa uumama……maali jechuudha??
Kan xiinxalletu beeka. Xiinxalatu arga. Uumaa jechuun kan waa hunda lafa kana
irratti uume jechuudha. Uumama jechuun wanta uumaa kanaan lafa kana irratti
uumamanii argaman kan hunda jechuudha. Ahaa!...... ahaa wanta kanatu
gaaffiidhaaree? Maali kana namuu ni beeka mitii? jedhee Hundaafuun.
Hundaafuun mucaa raajiiti! Hundaafuun abbaa isaa Obbo Waaqaafuu Jirraa irraa
Bara 1987 akka lakkoofsa Habashaatti Magaalaa Shaashamannee Ganda Duwwaa
Tokko ammaa kanatti haadha koo Aadde Obsee Dandeettuu irraa dhaladhe.
Akkuma dhaladheen ofi hin barre, ofi baree hin dhaladhe, dhaladhee ofi bare
jechuu kiyya.

Dhaladhee akkuma ofi bareen raajii arguu jalqabe. Raajiin kun akkuma dhaladhee
waggaa sadi guuteen xiinxalluutti ka’ee jalqabe. Wanti raajii natti ta’e kun guyyaa
kam deebii akka argatu gaaffii natti ta’e. Gaaffiin kun guyyaa kam deebii akka
argatu innis gaaffii lammaffaa natti ta’e. Tarii guyyaan kun kamiin ta’uu danda’a?
jedhee guyyaa kana lakkaa’utti ka’e. Wixataa? Kibxataa? Roobii? Kamisaa?
Jimaataa? Sanbata moo Dilbata?....... moo guyyaan dhoksaa wayii jira turee???...
Hin beekamu! Gannaa, Bonaa, Birraa, Arfaasaa? Maraafuu eeguun dirqama jedhee

1
bira darbe ani! Dhaladhee ofi bare… ofi baree hin dhalanne… Tilmaama namni
tokko itti dhalatuu qabutti dhaladhee jedhama jedhe. Ji’a sagal guutee, akka namni
tokko dhalachuu qabutti dhaladhee jedha. Kanas maaf kaaseen keessan hin oolu!
Maaliif jennaan namni dhalachuuf jiini guutee dhalatuu lafa jiraa mitii isa jedhutu
gaaffiidha. Kun ana Hundaafuu biratti yaanni kun faallaa ta’ee waan muldhateef.
Anaaf qofa yaanni kun ta’uu danda’a. Dirqamatti namni tokko dhalachuuf ji’a
sagal qofa guutuun waan dhaabbataa ta’ee argame natti hin fakkaatu. Kanas waa
malee miti. “Erga dhaladhee hin teenye, bakka garaa koo hin geenye” jedhe
weellisaan. Anis akkasuma jedheetan erga dhaladhee ofi beekee jalqabee waan
hedduu ilaala, waan heddutu gaaffii natti ta’e. Hiikaa isaa argachuu hin dandeenye!
Maali gaaleen akkasii? Maali xaxaan akkasii? Gaafiin kun isa tokko natti ta’e.

Kanas baay’achuu haa baatuu malee namoonni tokko tokko ji’a torba, saddeet,
sagaliif kudhanitti dhalatan waan jiraniif. Kanaas akkas akka naan hin jenne jedhee
fakkeenya kana isiniif kaasa. Warqii laga danbii baasuuf dhaabbanni Meedirook
Keemikaalli fayyadamu carraa namni tokko ji’a uumaan namni tokko hanganatti
dhalachuu qaba jedhee kenneef kan cabsu waan ta’eef kana argee, kana dubbata
naan jechuu dandeessu jedheeti. Isa yoo barbaadan keemikaalli kun nama qofa
osoo hin taane beeyladoonni naannoo sanatti argamanis ji’a hanquu, dubartii ulfi
irraa bahuu, namni qaama hirdhuu dhalachuu, fkn gurra duudaa, ijji jaamaa,
qaamaan laamsha’aa irraa kaasee, ji’a hanquun dhalachuun muudata. Loowwanis
waanuma akka namaa kanatu muudata. Ani kana argeeti miti. Naannoma warshaan
hin jirre keessatti dhaladhee guddadhe. Magaalli Shaashamannee yeroo ani
dhaladhee jalqabee hanga ani guddadhettuu iddoon ani itti dhaladhe kun lafa
magariisa, gannaa bonni isaa namatti tolu, qonni xaafii, boqqollaa, qamadii,
dinnichaa, kuduraaf fuduraa gosa garagaraa yoo oomishamu, inni konkolaataa
keessa jiru itti bu’ii daawwadhu… daawwadhu… jedhaani. Keessattuu xaafiin
baay’inaan yeroo lama waan qotamuuf adduma. Anis guyyaa akka hardhaa kana
gandi sun saamamee maasaani qonnaa hundi yoo ilaaltu ijji si’I qabamtu kanaa
miti. Amma waan si’i ajaa’ibu xaafiin sun eessa deemte? Biyyaa baatee?
Ameeikaa deemtee? Minisootaa quphattee? Moo garam deemte si jechisiisa.
Namni hardha Shaashamannee argu waan kana amanuu hin danda’u. Sababiin isaa
gamoo hardha akkasitti ol fagaatee dhaabbatu kanaaf qorqoorroo osoo wali irraa
hin citin hanga Soolee, Soolee hanga Garmaamaattiifi Kofaleen walitti dhaabbate
tana yoo argu waan kana dhugaadha jechuu dhabuu danda’a. Ani garuu ishee

2
hardhaa osoo hin taane ishee kalee lafa duwwaa, qonnaaf saawwan qofa irratti
bobbaafataa oollu sana irratti dhaladhe. Walumaagalatti warshaan hin jiru jechuu
barbaadeeti.

Lafuma akkasii keessatti dhaladhee raajii adda addaa argaa guddadhe. Nama ji’a
torbatti, saddeetitti dhalatus arge. Ani garuu yaanni mormii kiyyaa kana irraa natti
hin dhufne. Kana ilaalanii namni kuni ji’a guutee dhalateera ykn hanquu dhalateera
jechuun hin danda’amu kan ani jedhes kanaafi miti. Waanuma biraatu na dhibe.
Gaaffii natti uume. Mataa bowwoo natti ta’e! Natti bitaacha’e. Namoonni ji’a sagal
guutanii dhalatanii hojiin isaanii nama dhibu, kan amanuu hin dandeenye, kan
namni arge malee kuni amanuu hin dandeenye hedduun arge. Ajab!...ajab!... jedhee
dadhabe. Ishee tufe jedhee bira darba jedhees darbuu dadhabe. Nama ji’a sagal
guutee dhalatee ka’ee yaanniif hojiin isaa nama dhibu arge. Faallaa deema. Adiin
gurraacha, gurraachaan adii, diimaan boora, booraan diimaa, Gantuun fira, Firaan
gantuu, Halkaniin guyyaa, Guyyaan halkan, …… nama jedhu arge. Kanatu na
dhibee, na raajee jennaan nama kanaan hanqoo! Jedhe. Hanqoo keessaayyuu nama
ji’a shanitti haadha garaa karaa kaleetiin fuudhame natti fakkaatee…ishe…ishe…
hanqoo hirdhuu jedheen. Kaani immoo faallaa kanaa arge. Ji’a torbatti dhalatee
waan ajaa’ibaa isa hojjatu arge. Dhugaan dhugaa, Adiin Adii, Bineensi
bineessuma, Diinni diinuma, … isaaf biyyis biyyaa, lammiinis lammii, lubbuunis
takkatti; Sanuu tan sabaati! Kana argee isaa kanaan waggaa guutee dhalate jedha.
Irra darbeeyyuu Jabaa… Jabaa… Caaluu… Leenca, goota! Jedhaan. Kanatu na
dhibee ji’aan hin murteessinu jedhe. Mee eenyuuyyuu ha madaalu! Kanaafuu nama
tokko ji’a inni dhalate irratti hundaa’anii murteessuu irra hojii isaa irraa kaanee
murteessitu gaariidha jedha.

Ani kana lamaan keessaa kam laata? Silaa namni yeroo gara irra caalu waanuma
gaarii ofii odeessa malee of qeequun baay’ee biratti hin muldhatu. Kanaaf ragaan
hedduun isaa jira. Nama kijibutu ani waan gaarii odeessaara, isintu na dhageeffatuu
dide malee jedha. Akkasuma namni biyya diigus “ani biyya ijaaraara isintu biyya
diigaara naan jedhe malee jechuun isa fokkoru yoo arginu” kanuma mirkaneessa.
Anis goluma kana keessa jiraa laata? Maraafuu seenaa koo xiqqishuu isiniif haa
qoodu. Ani dhaladhee waggaa sagalitti mana barumsaa seene. Akkuma mana
barumsaa seeneen barnoota jaalachuufi barnootaan cimuu jalqabe. Waan akka
seenaatti yaadadhu keessaa barataa kutaa tokko yeroo turetti, simisteera tokkoffaa
irratti barsiisaan nu barsiisu barsiisaa Jiksaan akkas jedhe, “barattoonni sadarkaa
3
1–3 baatan carraan gara sadarkaa kutaa itti aanutti darbuu ni dadneessu” jedheen.
Yoo kana barattoonni darees yaada kennuu jalqaban. Isaan keessaa ani nama tokko
ture. Yaada akkas jedhu kenne ijoolleen kun darbuu qabu jedhe. “Maaliif naan
jedhe barsiisaan” koo. Sababiin isaa yoo barattoonni kunniin gara kutaa itti aanutti
darban, sadarkaan keenya nuuf fooyya’a jedheen. Fkn inni 4 ffaan gara tokkoffaa,
inni shanaffaa gara lammaffaa dhufa. Akkasuma anis sadarkaan sagalaffaa irraa
gara jahaffaatti waan naaf fooyya’uuf jedheen. Barattoonniif barsiisaan koos
kolfanii cadhisani. Barattoonnis akkuma jedhameen gara kutaa lammaffaatti
darban. Imaammata bara sanaas waan ta’eef dirqamanii darban. Akkasumaan
barnoota keenya itti fuufnee simisteera lammaffaa geenyee, guyyaa cufama mana
barumsaa irratti ayyaana abbootii kan jedhamu waan jiruuf ayyaanni
gaggeeffamee, yeroo badhaasaa irra yoo geenyu, anumaa yoo xiqqaate garuma
jahaffaa qabadha jedhee kaardii koo osoo eeggadhuu barattoota maqaa yaamuun
jalqabame. Kutaa tokkoffaa “A” erga xumuranii booda gara kutaa tokkoffaa “B” tti
darban. Ani ummatuma keessa dhaabadhee barattoota badhaasa fudhatan yoo laalu,
barsiisaan sagantaa gaggeessu, kutaa tokkoffaa “B” keessaa sadarkaan tokkoffaan
barataa Hundaafuu Waaqjiraa jedhe! Ni nahe! Ana moo anaa miti? jedhe oli gadi
mildhadhe! Homaa nama achi bahu dhabe. Barsiisaan irra deebi’ee Hundaafuu
Waaqjiraa……Hundaafuu Waaqjiraa……jedha. Ummanniif barattoonni harka
shak…shak…shak…godhu. Ani saalfataa suutuma achi bahee badhaasa koo
fudhadhe! Wanta ani yaadee hin turret na qunname. Garuu barnoota koo sirritti
hordofaa waan ta’eef baay’isee na gammachiise. Xiiqii natti uume. Barnoota koo
kutaa itti aanus sadarkaa koo kabajjisiifataa kutaa sadaffaa dhaqqabe. Bara kutaa
sadaffaa baradhu simisteera tokkoffaa erga xumureen booda gaaffiin tokko
sammuu koo keessa na naanna’e. Innis yeroo ani ofi baradhe irraa jalqabee ati ilma
akkayooti, haadha hin qabdu, bada ka haadha hin qabne jechaa ijoolleen na
arrabsiti. Yeroo sana garuu soba jechaa ture. Maaliif jennaan yeroo ofi baradhu
akkayoma koof Abbaa koo Obbo Waaqjiraa qofa beeka waan ta’eef akkayommaan
koo kun haadha kooti jedheen qabadha. Garuu akkuma ani guddachaa deemuuf
sammuun baldhachaa deemuun, gaaffiin gara garaa natti baayyachaa, mataa koo
keessa na naannessaa, dhukkubbiin koo natti cimaa dhufe. Kanaaf bara kana waan
tokko murteesse. Innis dhimma kan Abbaa koo gaafadhee qulqulleeffachuun qaba
jedhee murteesse. Garuu gaafachuuf yeroo dheeraa natti fudhate. Gaafachuun
sodaadhe. Gaafachuuf dhaqee ka’ee, waan biraa gaafadhee of irra deebi’aa ture.
Hardha waanuma ta’e haa ta’uu jedhee, hardha garaa koo jabeessee, ilkaan kootiin
4
walitti ciniinnataa bira dhaqee qoonqa koo cirataa, uhu…uhuu…ahaa…ahaa…
jedhaa ture. Yoo kana abbaan koo Obbo Waaqjiraan maali maddisiisee? Maali
hardha kaa sadii…afur… irra deddeebitee qoonqa kee cirattu? Maali? Maali
dubbachuu barbaadde? jedhee irra deddeebi’ee na gaafate. Anas kan duraanuu
sodaan onneen koo akka waan nama buna tumatuu…duu…duu…dis…dis…na
jechaa turte sana malumaan qabbaneessee, suutumaan, suuta jedhee bishaan
qabbanaa’aa, akka ooba cabbii roobee tokko ouma keessaa maddisiisee itti buusee,
dubbii tokko tokko dubbachuu jalqabe. Suutaan sagalee koo gadi buusee hardha
waan tokko isin gaafachuuf abbaa koo jedheen. Yoo kana onneen koo shamisii
qoma koo irra jiru sochoosaa. Abbaan koos maali maali rakkoo qabaree na
gaafadhu naan jedhe. Yeroo hedduu ijoolleen yoo wali arrabsinu, bada ilma haadha
hin qabne jechaa na arrabsiti waan ta’eef, wanti kun yeroo baay’ee natti
deddeebi’eera. Namonni tokko tokkos waanuma akkasii natti dubbatu waan ta’eef
yeroo hedduu isin gaafadha jedhee sodaachaa ture, kanuma isin gaafachuuf
dhiifama naaf godhaa jedheen. Abbaan koos xiqqoo isaa turee, mataa lafatti gadi
qabee, ihii…ihii jedhee, hidhii isaa lamaan walitti ciniinaa, hafuura akka dadhabbii
fakkaatu tokko uufi…uufi…jedhe. Mucaa koo anuu waan kana dursee sitti himuuf
ture. Garuu akka ati urmiifi barnootaan oli fagaattuuf caldhiseera. Haa ta’uu amma
erga na gaafattee sittani himaa akka gaaritti na dhageeffadhu kaa jedhee dubbicha
naaf jalqabe. Ani haadha kee bara 1977 akka lakkoofsa warra kaabaa/habadhaatti/
tti fuudhe. Urmii koo waggaa digdamatti barnoota koo kutaa torbaa addaan kuteeti.
Sababiin ani barnoota koo addaan kutee fuudhuuf na dirqamsiise tokko jira ture.
Innis yeoo sana mootummaa dargii /Mangistuu Hayila Maari’am/ gara malee
namoota gara duulaatti guuraa waan tureef yeroo hedduu mana barumsaattis
ijoollee dargaggoo jedhanii waan nu marsaniif maatiin dirqamee akka ani fuudhu
murteessanii anuma duuba haadha kee obboleessi koo Dachaasaan naaf kadhatee
erga waa hunda xumureen booda guyyaa fuudhaa, gabaabsee torbaan tokkotti
qabee ykn lagumaa naaf kennaa, manaa natti gurguruuf hin yaadinaa jedhee,
guyyaa sana qofa qabee na geessee akkasitti barnoota koos addaan kutee hafe.
Haadha keetis umriin ishee baay’ee xiqqoo ture. Yoo xiqqaate waggaa kudha
shanii hanga kudha torbaa gidduu jirti. Erga wali fuunee waggaa kudhan geennee
booda ati bara 1987 tti dhalatte. Erga ati dhalattee waggaa tokkoofi walakkaa
geetteen booda obboleessi kee Obsaan dhalate. Inni dhalatee naannoo ji’a torbaa
yoo guutuu haati kee Aadde Walgeettuun gattee deemte! Achumaan Haati koo
Aadde Magartuun qabdee harma gu’ee ture hoosiftee guddifte. Seenaan isaa
5
fagoodha. Mee xiqqoma isaa siif qooda. Sababiin deemsa haadha keetiitiif ta’e
sababoota lamatu ture. Inni tokkoffaan obboleessa isii kan ta’e Diidoodha.
Lammaffaan immoo warruma ollaa keenyaa, haadha manaa obboleessa koo
Dachaasaa kan taate Aadde Sanbateedha. Yeroo hedduu obboleessi naaf bahi gara
biraatti si heerumsiisaa jedhaanii ture. Garuu isheen yeroo hedduu galtee natti
himachaa turte. Ani deemee warra isaatiin narraa qabaa jechaa ture. Innis abdii
kutatee erga galeen booda, fala tokko argatee dubartii obboleessa kiyyaa tana
bitatee isheen akkuma nama buna ollaa dhuguu fakkaataa, ganamaa galgala
deddeebi’ee akka isheen baatu taasifate. “Ollaaf firattis garaa himachuun rakkoo
kan ta’e kanaaf ture!” Achumaan obboleessi duraan karaa dhabe seenee gara
biraatti gursummummaa gurgurate/heerumsiise/. Anis si’a hedduu irra deebi’ee
himachaaf barbaadaa ture. Osoma ani akkanatti barbaadaa, iddoo isheen itti
heerumtes dhaqee hordoffii taasisu rakkoon wayii naannoo keenyatti uumame.
Innis namni Obbo Lammeessaan nama Obbo Jireenyaa Saba nama jedhamu sababa
lafa daangaa irratti wal-dhabaniif ajjeese. Erga ajjeesee ka’ee ammoo biyyaa bade.
Yoo kana warri itti dhihaatu warra keenya waan ta’eef akkasumas warri keenya
worraan naannoo kanatti worra guddaa waan ta’aniif hinaaffaan akkasiis jira waan
ta’eef akka warri keenya hidhamuuf ragaa kijibaa nutti raggaasisanii obboleeyyan
keenya wajjiin waggaa digdama nurratti murteessan. Akkasumaan mana hidhaa
Goobbaa Baaleetti hidhamne. Akkuma “ni qal’atti malee dhugaan hin cittu” jedhan
sani kan ajjeeses nuu miti waan ta’eef Ana qarshii sagaltma bara sanaa qarshii
kuma sagalii ammaa geettu kana kafalee ragoonni qarshii sana fudhatanii naratti
raguu dhiisan. Achumaan bilisaan bahe. Akkuma baheen ol’iyyannaa qabadhee
gara Shaggariitti deeme. Mucaa koo waan ajaa’ibaa arge! Akkuma Shaashamannee
ka’ee konkolaataa Finfinnee keessa seenee deemsa koo tokko jedhee naannawa
magaalaa Kuyyaraa gadi darbeen daandii gamaa gamanaa yoo ilaalu midhaan
gamaa gamanatti faca’ameeru gadi bu’ii haamadhu, nyaadhu, keessa ciisii
gangaladhu nama godha. Yoomii achitti dhaabbateree, dabalaa, dabalaa, deeme.
Keessattuu naannoo Bulbulaa, Adaamii Tulluu Jidduu Kombolchaa (Baatuu) I
Maqii kanatti oomishni boqqollaa, qamadiif xaafii bosona uumamaa namatti
fakkaata! Raajiidha! Maali lafti bareedaan akkanaa? Maali oomishni akkanaa?
Silaa ummanni naannoo kanaa hundi konkolaataa mataa mataan ni qabuu laata?
Shaggariin ummatuma naannoo kanatu jiraataa miiree jechaa, gaaffii cimaa mataa
keessatti natti ta’aa eenyuun akka gaafadhu dhabee, konkolaataa keessas oliif gadi
ilaalu homaa! Cadhisee tuma mataa koo keessa na nyaataa deeme. Osuma
6
akkanatti deemuu magaalaa Mojoo irratti konkolaataan tasa ta’ee dhaabbate. Anis
konkolaataa keessa gadi bu’ee bitaaf mirga yoo ilaalu lafa akka duraan argaa
dhufeef oomishuma duraan argaa dhufe sanatu irra jira. Garuu dukkaanota xiqqoo
xiqqoon naannawa magaalaatitti muldhataaru arge. Itti siqee Oromoota naannawa
sana jiraatan oromoota Tuulamaa nama tokko argee, manguddoo Obbo Raggaasaa
Dabalee nama jedhamu argee waan duraan mataa koo keessa na nyaataa ture sana
gaaffii tokko tokko gaafadhe. Akkam naannoo kana oromoon jiraatu silaa warri
Tuulamaa kun Finfinnees qabatee jiraa mitii? jedhee gaafadhe. Manguddichi
hayii… yaa nama koo… Finfinnee naan jettee! Moo sila Adis Ababaa? dhiisi
keenya kun yeroo dheeraa gaafata. Ihii… jedhee manguddichi afaan qabatee,
mataa hargufatee. Bar Tuulamni Shaggariin kan keessa bahe hardhaa kaleedhaa?
Bara namichi bineensi sun oromoo koloneeffate Minilik irraa jalqabee keessaa
bahe. Lafti qonnaa hundi saamamee dhumee Tuulamni lafa irraa buqqa’ee,
“Shaggar” tan diinaati! Tanaayyuu irraa nu buqqisuuf jiru. Namni keenya hundi
ergamatti saabate. Atuu Adis Ababaa deemaarta taanaan arguun kee hin oolu
deemi gubaa natti hin kaasin naan jedhe. Akkuma isaan naan jedhan konkolaataan
keenya kaatee, deemsa keenya gara Shaggarii qajeele. Magaalaa Mojootii baanee
xiqqoo ishee yoo deemnu magaalaa Bishooftuu seenne. Naannoo magaalaa
Bishooftuutti wantoota adda addaa arguu jalqabe. Innis warshaan adda addaa lafa
baldhaa qabateeru arge. Ajaa’iba Rabbii guddaati! Maali dukkaanaan akkanaa kun
kan lafa baldhaa kana hunda qabatee jiru jechaa osoo deemuu magaalaa Duukam
seenne. Wantuma naannoo magaalaa Bishooftuutti argetu naannoo magaalaa
Duukami kanattis argaa tuma deemsa koo itti fuufee, kaarra shanan Finfinnee
keessaa kaarra Aqaaqii-Qaallittii qabadhee magaalaa Finfinnee seene. Seensuma
ishee irraa jalqabee Finfinneen olii gadi yoo ilaalu waan ajaa’ibaatu natti muldhata.
Akkuma Finfinnee seeneen konkolaataan ariitii deemsa isaa gadi buuse. Akka
deemuun hin qabu. Konkolaataan akka saawwan dui obaa yeroo bishaan dhugan
osoo wali irraa hin citin gara malkaatti deemanii san natti fakkaata! …ajab…
ajab!... jechaa afaan koo harkaan qabadhee, fooddaa konkolaataa koo banadhee olii
gadi ilaaluu jalqabe. Konkolaataan keenya akkuma mammaaksa oromoo “miila
qocaatiin tirataa?” namaan jedhan kaani… miila Qocaatiin tirata. Anis kanumaan
suuta jedhee olii gadi ilaallachuu koo ittuma fuufaa…deemsa koos itti fuufe…
akkuma olii gadi ilaaluun Gamoon gurguddaan daandii gamaa gamanaa muldhatan
ilaalaa… namoottan yoo ani daandii irratti argu waliin dubbatanis…Indeet…no?
Salaam naachuu… aallaachuu… ayyeruu indeet noo…? jechaa Afaan
7
Amaariffaatiin nagaa wal-gaafatan arga; dhagaha! Ihii…maali inni kun? Akkam
sila…? Naga bultanii… Naga ooltanii… akkam jirtu… Fayyumaa… Nageenyi
badhaadhaa… fa’a waliin hin jedhanii?... jedhee eegeen dhabe! Akkasuma gamoon
gurguddaan gamaa gamasitti muldhatus foolii oromoo hin dhahu. Ahaa…ahaa…
kanaaf manguddichi oromoo kan magaalaa Mojoo “akkas” naan jedhee! jedhee ofi
duuba deebi’ee yaadadhe. Anoo o ajaa’ibsiiataa! Adaa…osoo… Dargiin “namni
kamuu barnoota barachuu qaba” jedhee labsii baasuu baatee, anis labsii sana
keessa carraa argadhee osoo barachuu baadhee, gatiin koo hin jiruumii… jechaa
osoo deemnuu konkolaachisaan buufata konkolaataa guddicha seenee, keessaa
bu’aa nuun jedhanii, keessaa buune. Dhimma deemnuuf iddoo deemuu barbaannu
deemnee guyyaa sadii Finfinnema keessa bule. Hanga guyyaa hammanaa bule,
nama tokko Afaan Oromoo dubbatu dhiisii qubee oromoo dubbatu, namuma
tokkoyyuu argachuu hin dandeenye. Manni siree guyyaa hamma sanaa bulles
akkasuma. Kana qofaa miti; iddoon kophee itti dhiqatan, manni shaayii, manni
rifeensa namaa sirreessu, wardiyaa gargaraa, hojjattoonni baankii, teelee,
gumuruukii garagaraa, yoo laalte namni lafa irra deemu hundi sanyima sana natti
fakkaata! “Bada gurbaa!” naan jedhe abbaan koo akkuma waan eebjotee…silaa
warra sana mootummatu jalqabaa hanga ammaatti sanyii sana waan ta’eef fidee asi
qubsiise moo asumatti dhalatan?...... jedhee mataa koo ufi gaafadhe. “Haa ta’uu
mucaa koo kun waan baraaf deemsaan bira geettu,” akkuma mammaaka oromoo
“dubbiif karaa osoma beekan irraa goran” jedhan kaani ittuma haa dhiisnuu naan
jedhee gara dubbii isaatti na deebise. Tunis anaaf gaaffii…gaaffii…natti taatee,
achumatti dhiisee……

Tolee abbaa koo jedhe. Achumaan deebi’ee gale. Beellama keenya ji’a shanii
boodatti nuuf qaban. Hanga kana ani waa’ee obboleeyyan koo hidhamanii qofatu
yaaddoo natti ta’e. Qe’ee hundaa kan bulchu anuma ta’e. Jidduu kana keessa
waa’een haadha keetii barbaachuun natti ulfaate. Eessumni kees iddoo ani duraan
beeku irraa jijjiiree, miila ishee fageessee akka “miila Bakar Waaree iddoo bu’e
dhabanii” jedhan kaani iddoo isheen buute dhabe. Eessumni kee immoo qarshii
hangam fidi, …… hangana fidi… jechaa natti taphataa deema. Yoo abbaan koo
akkas jechaa natti himu ani sila nama kamtu fira? Nama kamtu diina? Kan jedhutu
sammuu keessa na dhufa. Ahaa……… garuu hin gaafadhu. Kanumaaf hanga
barbaadu qabu barbaadee waan dadhabeef abdii kutadhee, garuma dhimma
obboleeyyan kiyyaatti deebi’e! Ammas beellama keenyaaf gara Finfinneetti

8
deemuuf yeroon deebinu geenyaan deemsaaf garas qajeelle. Buufata konkolaataa
magaalaa Shaashamanneetii kaanee deemsa keenya akkuma itti fuufuu jalqabneen,
wantoota tokko tokko ilaalaa deemuu koo ittuma fuufe. “Kan deemeef kan deegetu
dhugaa argaa” akkuma jedhan sani…… deemnee magaalaa Baatuu yoo geenyu
haalli gaafa duraa argeefii ammaa wali faallaa natti ta’e. Maali inni maaltu maali
ta’e? …… Dukkaanni kuni? Namatu du’e moo cidha wayiitu jira? jedhee ofi
gaafachuutti ka’e! Wanti kun maali inni jedhee nama tokko kan teessoo koo gama
irraan taa’u tokko gaafadhe. “Hayii…… nama kiyyaa…… kalleessi hardhaa
miti!...... hardhi boruu miti…… sa’aatiin teessee nu hin eeddu; …… Namni taa’ee
nu hin eegu; …… nutu taa’ee nama eega malee!...... lafa abbaan lafaa fudhateera!
Gamaa gamaana hunda kan ati argitu kunwarshaa adda addaaf…… fudhatanii hojii
jalqabuuf fakkaata naan jedhe. Maali hanguma ji’a hanganaatti moo!...... Maali
mootummaan” hammamitti kana godhe? Maali lafti tun hardhas……Borus……
teenyumaamii?...... Maaf akkanatti yeroo gabaabatti lafa saamuun? Ajab! ……
ajab!...... jedhee afaan qabadhe. Ana kani raajii guddaa natti ta’e…… lafti guyyaa
duraan xeefiifi…… midhaan gosa adda addaatiin akkasitti bareedu sun akkanatti
dukkaanaan qabamuuf yeroma gabaabaa keessatti wanti akkanaa raawwatamuun
raajii deebii hin qabneedha! Raajii!...... Raajii!...... Raajii!...... jedhee bira darbe!
Deemsa keenya itti fuufnee Finfinnee keenya! geenye. Akkuma nuuf
beellamameetti gara Mana Murtii Ol’aanaa ol’iyyannoo keenya geeffanneeti
deemne. Abbaan murtii hardhas galmee keenya ilaalee ammas waan qulqullaa’utu
jira waan ta’eef jedhee beellama dabalataa ji’a shanii nuuf qabee, deemaa nuun
jedhe.

Yoo kana namni ani waliin jiru Obboo Falmataa Dhugaasaa nama jedhamu wajjiin
jira. Jiddumaanuu namni Falmataa jedhamu kun nama yeroo mootummaa dargii
dirree waraanaa tureef, nama jabaa tokko ture. Yoo nuti bullee, otobisii keenya
qabannee, ganama kaanee, hamma tokko yoo deemnu “Obbo Waaqjiraa naan
jedhe”

Ani teessoma tokko irra gara fooddaatiin taa’eera waan ta’eef, fuulaan gara isaatti
gara galee…… Yaa…… maali jechuu barbaadu jedheen. “Waan tokko beeki kaa”
naan jedhe. Akka tokko akka waan na’uu ta’ee, maali innii …… obboo…… obboo
Falmataa jedheen afaan koo wal na rukutaa…… “lakki hin naatee moo? Beettaa …
barri kun badeeraa…………

9
Namni dhugaa hin jiru……………

Barri dhugaa hin jiru ………………

Dhugaan iddoo dhabeera; dharatu dhaaleera, kanaaf dhugaa argachuuf dhugaan


falmachuu osoo hin taanee cubbuu hojjachutu barbaachisa” naan jedhe. Hee!..........
naaf hin galle jedheen. “Maali akki nu dhugaa qabna dhugaan haa mootu jennee
luka qofaan deemnu sirrii miti. Ammas deebi’ee dhuguma keenyatu awwaalama.
Kanaaf waan baraatiin “Harkaan deemuu qabnaa” naan jedhe. Harkaan deemuu!
……… jedhee harkuma kootiin afaan qabadhe! “Maali siif raajiidha moo?” naan
jedhe. Lakkii wanti kun sadarkaa ol’aanaa kanattis ni barbaachisaa jedhee
gaafadhe.” Hayyee……… keetuu raajiidha! Adaa dubbiin siif hin gallee? Bar
biyya Itoophiyaa jedhamtu tana keessatti namni waa fudhatu gandaa jalqabee
hanga ministeera biyyaatitti garaagarummaa hin qabanii, biyya dhiiga lubbuu
namaatiin ijaaramte tana keessatti maallaqa qofa osoo hin taane, namumaa
nyaachaa jiru. Dabalataan biyya oromoofi sabaaf sab-lammoota adda addaa cabsee,
lubbuu nama miliyeena meeqaa kan lolaase namichi “Bineensi” Miniliki jedhan
suni biyya Itoophiyaa jedhamtu tana dhiiga dhugee ijaaree, ummata saamaa waan
tureef, mootummaan biyya kana bulchu kamuu saamaa tuma jiraatu. Akkuma
mammaaksi oromoo jedhu “wanti jalqabbiin bade, dhumattis akkasuma ta’a”
jedhan sanii dubbiin, biyya kanaaf jijjiiramni hin dhufu. Hattumatu hattutti wal-
kennaa deema! Kanaaf akkuma tolchine, tolchinee abbaa murtiif abbaa alangaa
kanatti waa kennuu qabna waan ta’eef deemsa keenya harka dhufuu irratti waa
barbaadi naan jedhe. Tolee akkamumatti kennina jedhee gaafadhe. Kuni si hin
dhibin! Poolisima wayii barbaanna; isattis waa kennina; isumaan nama isaanitti
dhiyaatu barbaadi ykn kenni itti jennaan, naan jedhe. Raajiidha! Maali poolisiin
qaama seeraatii mitii jedheen. “Duruuyyuu seerri kan badeen jalqaba abbaa
seeraatiin ! naan jedhe. Tolee kaa jedhee galee maallaqa loowwanuma gurguree
guyyaan deemsa keenyaa ji’a shan xumure, geenyaan naannoo qarshii kuma shanii
qabannee deemne. Garuu qarshiin kuma shanii bara sanii…… qarshii kuma
shantamaa bara hardhaa kana ni taati. Akkuma achi geenyeen, beellamni keenya
guyyaan boru waan ta’eef naannoo sana deemnee poolisa tokko argannee akkuma
nama dhimmaa barbaaduu kophatti yaamnee, nyaata wayii itti binnee erga kaaneen
booda, waan jiru hunda akka harkattillee qabannee dhufneerru itti himne. Erga waa
hundaa nurraa dhagahee ka’een booda bar kun salphaadha. Osoo duraani wal-
beekna ta’ee wanti kun hanganaa isinitti hin geettu ture. Amman isaan lamaanuu
10
natu sirreessa. Mee waajjira deemee abbaa alangaaf abbaa murtii dhimmi keessan
harka jiru laalee dhufaa aasumatti na eegaa jedhee nu biraa deeme. Xiqqoo turee
argeera dhimmi keessan abbaa alangaa Obboo Garbee Garba Igzaaberfi abbaa
murtii Obbo Woldee Kaasaa nama jedhamu bira jira. Amma dafaa galgala kana
waa hunda sirreessinee ganama nagayaan xumurattuu nuun jedhe. Nus naasuuf
gammachuu walii wallaalle. Tolee hangam hangam goona? Maallaqas baay’ee
harkaa waan hin qabneef jennaan…… waan gootan waluma qixxeessaa isaaniif
nuun jedhe. Nutis qarshii kumaaf dhibba torba torba isaaniif adda qoonne, isaafis
qarshii dhibba jahaa kennineef. Waaqaa jedhii waan qabnutu tana…… siif yeroo
biraas dammaaf dhadhaa qabannee galata kee waliin siif deebifna jennee, sodaataa
itti kennine. Innis shiggirii hin qabu isinumti waan amma jettan sana yoo kan
tolchitan taate, yeroo birootiifis abdii qabdu nuu jedhe. Nutis waaqumtu lubbuu
keenya nu keessatti haa qabu malee…… isaanumtuu mana hidhaatii yaanaan
galata kee itti himnaan, waan cimaa tokko jennee dibbee itti rukunnee! Innis ishii
jedhee maqaa ofiis nutti himatee, maqaan koo Kumaandar Daawit Yaaqib jedhama
jedhee, dhimma keessan ganama kana xumuramee argituu nagatti bulaa jedhee
deeme. Nutis dhugaa moo soba jedhaa kama gara siree bultiif kireeffanneetti
deebine. Garuu mataan keenya fayyaa hin qabu. Hin kenna moo hin kennu?......
kan jedhutu mataa keenya nu rukuta. Akkanumatti bullee barii sa’aa beellamaa
keenyaaf oli seenne. Namoota maqaa yaamanii……… namoonni maqaan isaanii
armaan olitti dubbifne kunniin himannaan isaan irratti dhihaateefi ragaan kanaan
dura irratti dhiyaate, kan wali qabatu waan hin taaneef, Manni Murtii Ol’anaas
ol’iyyannoo isaanii bitaaf mirga gara galchee erga ilaalee tureen booda, yeroo
dheeraa ji’a kudhaniif fudhannee qulqullinaan ilaaluun, murtii duraanii sirrii kan
hin taaneef ol’iyyannaan isaanii fudhatama argachuun bilisaan akka bahan
murtaa’eera jedhuun abbaan murtii yoo waraqata rukutu…… sammuun keenyas
walumaan akka waan nama muguu gadi jedhe. Waraqaa nuuf kennanii gara Mana
Sirreessaa isaan itti hidhamanitti deemne. Ajab!......Ajab!......Ajaba! Harkaan
deemuun lukaan deemuu caaltii jedhee anuu mammaake ofumaa kootitti!
Akkasumaan namoota abdii kutatanii, hardha duuna moo boru jedhaa deeman
poolisiin karra eegan tokko tokkoo isaanii maqaa yaamee, meeshaa keessan fudhaa
bahaa, yoo jedhu naasuuf gammachuun, imimmaan, kan rooba badheessaa
fakkaatu nama hunda keessaa rib… rib!...rib…… jedha. Namoonni mana
sirreessaa keessatti hafanis ni boohu. Gariin isaanii bahuu isaaniif gammadanii,
gariin isaanii immoo ofumaaf booyu. Akka ta’ettuu mana hidhaa gannaalee
11
Goobbaatii gadi yaafne. Abjuun abjuu dhugoomte taate…… yoo nuti gara ollaa
keenyaatti galus ummannuu firaaf maatiin booyinsaan waaniin isaa wallaalame.
Warri duraan ragaa kijibaatiin hiisisanis gaddaan cabanii, lama dhabnee jedhan.
Maallaqa keenya duraan nyaachifnetti hin oolle, isaaniin nuti dharaan hiisifnes
bahanii; isaanitti hin oolle, nama keenya namni biraa ajjeesee isaantu ajjeese
jennee dhugaan nama keenyaa baddee, sanatti hin oolle jedhanii ofi ajiifatu.
“Dhugaaf tikseen galgalaan galtiin” Oromoon mammaaku kanumaaf. Mussinnaa
biratti maallaqni booda irraas maallaqa jalqabaa taruun dhugama jennee bira
darbine. Garuu gaaffiin tokko sammuu keessatti na katabamet………

Inni kan namni jalaa hidhames nu’i……… kan qarshii kafalus nu’i, kan miidhames
nu’i, kan gammadus nu’i, maaf ta’e laata?……… Eenyutuu deebii isaa qaba laata?
Gaaffii gaaffii…… jedhee bira darbe. Yaa ilma koo kana keessa ture. Kunis seenaa
jechaaf sitti hime, silaa seenaan keenya afaanumaan daddarbaa dhufe waan ta’eef
kanas sitti himee qabadhu. Egaa kan haadha keetitti yoo deebi’u, osoma akkanatti
jiruu dubbiin haadha keetiis achumaan fagaate. Kaayyoon kiyya garuu waan kana
erga sitti himeen booda, akka ati waan kana hubattee duukaa buutee barbaaddu sitti
himuuf ture. Haa ta’uu ati takkaa akka ati barnootaaf fagaattuuf umriinis
guddattuuf lakkisee ture. Amma erga na gaafattee, Eessuma keetiin wal si
barsiisee karaa saniin barbaachuu ni dandeessa. Ammas dhugaan koos akka baatu
waan barbaaduuf naan jedhe.

“Gurbaa! Silaa dhugaan abbaa ilmaan baati jedhamaa miiree”? naan jedhe.
Akkuama jedhetti abbaan koo eessuma koo Obbo Dhibaa nama jedhamuun wal na
barsiise. Eessumni koos gaafa guyyaa jalqabaa sana yoo na argu baay’ee na
dinqisiifate! Baga jiraatte, baga guddattee, baga har’a geette naan jedhee………
oo’isee ol na fuudhee…….. wonta addaa namuma naaf godhu natti fakkaata. Anis
haala isaa kana yoo ilaalu yaaddoo koo woggaa baay’ee waan naa deebisu natti
fakkaatee baay’isee gammade. Ammuma firri koo naaf dhufe, fira argadhe jedhee,
gammachuun of wollaale. Gaaffiin koo deebii argachuuf waan dhiyaate jedhee,
abdii koo cimsadhe. Abdiin koo kun ni mirkanaa’a moo ni bada wanti jedhus
takkumaa shakkii natti hin taane. Gaaffii guddaa of gaafadhe. Duri akkamitti nama
jaalachuu malee amanuun barbaachise jedhee of gaafadhe. Gaaffii kanaafis ofuma
kootiif deebii kennuu barbaade. Maal nama firaatii mitii? Foon kootii mitii?
Akkamitti amanuu dadhaba jedhee; lakki amanuun qaba jedhee…….. gaaffii
sammuu kootiitiif deebii samuu kootii kennuuf barbaade.
12
Akkuma wol–baranneen qe’ee isaas deemee iddoo haati koo itti heerumtes natti
himee, bira deemna jedhee guyyaa naaf qabe. Akkuma beellama keenyaatti
qabannee walitti deebine. Akkuma nama kamittuu nagaha wol gaafannee…………
akkuma kaaneen bar ani beellama keenya ni dagadhe…… adaa har’a turee? jedhee
natti as deebisee na gaafate. Gadi jedhee mataan lafa ilaalee……… harkaan mataa
koo hooqachaa…… yaadaan sammuu koo keessa waan garagaraa naannessaa……
maaloo har’uma turee bee jedheen. Lakki si’umatu dogoggoree naan jedhe. “Haa
ta’uu hundaafuu” haati boollaa maraatuu teenya boonna jette jedhan” tan abbaa
worraa ajjeefatte. Anis akkasuma jedhee, caldhifadhe. Tole ammas beellama naaf
qabi kaa jedheen. Guyyaa kudha shanitti naaf beellame. “Arbi sagal buluu hin
dadhabin kurneeffachuu hin dadhabu” akkuama makkaaksi Oromoo jedhu sanii
……… jedhee, obsumaan haa ta’uu jedhee biraa gale. Amma wonti hunduu bitaa
natti ta’uu jalqabe. Yaadee; yaadee hiikuu dadhabe…….. tilmaamee tilmaama isaa
argachuu hin dandeenye. Kophaa koo dubbachuun jalqabe. Maaltu na jalaa haa
dubbaturee? Lafti garaa jabaatteerti. Mee na jalaa haa dubbattu?...... Silaa waaqni
narraa fagaate, dachee atumti na jalaa hin dubbattuu jedhee dirqisiisee gaafadhe.
Mee na jalaa haa dubbattuu? Waan godhu dhabee dachee…… dachee………atis
garaa jabaattee moo nama filattee jalaa dubbattu qabda jedhee ……… takka lukaan
lafa dhiitee. Ijaan waaqa oli ilaalee, dhagaa dhiitee……… takka mataa hargufee
iddoo dubbataa ture sana deeme. Hayi uumaa waaqaa! Siif laaftuudha jedhee
guungumaa deeme. Maali jenna? Maaltu furmaata? Waaqaaf lafaa gaafadhe
furmaata dhabe nama irraa deebii argadha jechuun ofitti qoosuu natti fakkaata
jedhee ofuma keessatti dhiise. Guyyaa kudhanii shanii inni beellama naaf qabe
sana eeggachuuf halkanii guyyaa lakkaa’aa deema. Silaa kani ariifateef lafti dhiite
bari’uuf waggaa tokko waan fudhatu fakkaatti. Kun ta’ii mataa koo irratti ta’eedha.
Seenaa himteen daddarbaa dhalootaa gara dhalootaatitti darbaa dhufee miti.
Halkan yoo dhihe, dafee bari’uu naaf didee………, ciisee gara gala…….. sa’aatii
ammaa amma ilaalaa……. Yeroo tokko tokko fa’aa, yeroo halkan keessa sa’aatiin
jaha ta’u ani sa’aatii sagal fa’a godheen ilaalaa ture. Ashuu…… naaf barite jedhee
ammas yoo ani gadi ciisu, lafti hin bariitu. Sinbira wocu hin dhagahu. Maali
maaltu ta’e jedhee yoon deebi’ee sa’aatii koon ilaalu saddeeti, ykn sagal fa’a irratti
arga. Ammas deebi’ee ofi ajiifadha. Hayi sammuu koo……. Silaa ijji hin argituu
qalbii jedhama mitiiree? Gahe amma mana wal-dhaansaa deemuu qaba fa’aa
jedhee ofi cinqaa bula. Cinaacha koo si’a torba gargalcha. Mee jijjiiramni haa
dhufuu………… adaa cinaacha jijjiirachuun jijjiirama hin fiddu. Jijjiiramni kan
13
dhufuun wanta bu’uura irraa sammuun yaadaa turte sana yoo jijjiiraniidha. Kun
yaada mormii hin qabneedha eenyuufuu. Osoma akkanatti lakkaa’uu guyyaan sun
hanguma dheerates haa dheeratuu, guyyaan beellama keenyaa gahee iddoo itti wal
beellamanne gara magaalaa Ashookaatti qajeele. Yoo ani achi gahu eessumni koo
naannoo gabayaa dinnichaatti dinnichaa wayii gurgura. Duraanuu inni daldalaa
dinnichaa waan tureef isuma bitaa gurgura. Yoo fageenya irratti ilaalee na argu
fuula isaa jijjiiree na ilaaluu jalqabe. Takka na ilaalee mataa lafatti gadi qabe akka
qotiyyoo qonna didee. Ani mataa koo keessa na jalaa dhokachuu barbaadaa jedhee
waan shakkeef dafee ijaan gara isaa ilaalaa deema. Osoo inni magaalaa keessa na
dhokataaf isa ilaalaa lukaan deemuu……… jaartii gabayaa keessatti buna afattee
teessee gurgurtu jalaa buna irra ejjadhee lafatti jikse. Jaartiin uu……uuu……uu
jettee na qabde. Iyyaansa kanaan namoonni gabayaa keessa jirani natti asi fiigan.
Namoonni tokko tokko hattuudha, hattuutu kiisii nama seene jedhee……
qabdanii……qabdanii…… jedhee natti asi utaalu. Jaartiin immoo buna koo kanfali
jedhaa tuntuummoon, shurraabii mormatti na qabdee na tumti. Ani immoo
imimmaan lakkuu lakkuu fuula koo keessaa gadi roobsuu malee waan dubbadhu
tokkos hin qabu.

Namoonni iyyaansa jaartiin dhufan maali maali taate? Hattuudha jedhanii yoo
gaafatan osoo jaartiin hin dubbanne daldaltoonni ollaa ishee jiran lakkisaa hattuu
miti, buna ishee irra ejjatee jalaa jisse malee jedhanii deebisuuf. Silaa namoonni
sunniin kun na dhiituuf kophee tolfatee…… kuun immoo halangee sirreeffatee…
kuun immoo shimala isaa gombifatee naaf dhufeera. Yoo na bira gahanii dursanii
dubbii kana dhagahaniif na ilaalan baay’isanii nahan. Sababiin isaa imimmaan na
keessaa cobuuf umrii koo yoo ilaalan baay’ee kan garaa nama nyaatuudha. Umriin
koo mucaa waggaa kudha lamaati. Barnootaan kutaa arfaffaa koon baradha.
Amma namoota reebuu dhufan keessaa manguddoon wayii……. Abbaa Gadaa
natti fakkaata dhufee, Jaartii harkaa na fuudhee maali goote jedhee na gaafate ofitti
na qabee. Booyaa…… hudhamaa……… osoo…….osoo…… achi…… achi
lufaaru tasa buna isaan jalaa jikse jedheen. Abbaan Gadaa eenyuun wajjiin jirta
jedhee na gaafate. Homaa wajjiin hin jiru, nama wayii waliin beellamadhee isa
barbaaduuf dhufeera jedheen. Amma isa argiteeree jedhee na gaafate. Hin argine
jedheen. Namni ati beektu wayii asi jira turee naan jedhe. Homtuu hin jiru jedheen.
Amma Abbaan Gadaa kun manguddittii dhiisaa mucaa kana argaartuu…… namnis
bira hin jiruu…… mucaan daa’imasii buna gubbaa gubbaa irraa guuradhaa, anuu

14
isinii guuraa lakkisaa haa deemuu jedhe. “Ashu bada ta warra gaalamaa reefuu
dhufte waa lamaan” jettee jaartiin itti dhaadatte. “Gaalamallee gosa ta’uu beennaa
maaliif walitti jabaata namni keenya jedhee”…... Amma buna kee siif kanfalaa
gatii isaa herreegadhu jedheen bifa aarii qabuun. Qarshii dhibba kanfali jetteen.
Maali maaliif dhibba siif kanfala? Guutuu bunaatu sirraa jigee? Isa biyyee keessatti
hafe qofa siif kanfala jedheen. Hin ta’u. kanfaltu kafali…… diddu anillee gurbattii
tana dhoqqee keessatti isa sukkuumaa jetteen. Yoo kana Abbaan Gadaas aaree
argitan jedhe namoota ollaa sana jiraniin. Namoonnis argitan jechuun keessan
dhugaadha, tun aadama ati jedhanii gaafatan. Waan qarshiin naaf hin geenyeef kaa
jette. Maarree mucaa kanas argaarta, ilmuma keeti. Nama karaa irraa itti goree
sababa nama yaaduuf nama guddaa ta’aniif akkas siin jedhan malee bar mucaa
isaaniitii miti. waan isaan siif kennan fudhadhu jedhaniin. Isheenis amma
saalfattee, erguma isin jettanii haa ta’uu jetteen. Abbaan Gadaas tolee qarshii
shantama fudhadhu jedheen. Hanga didde haa didduu mormiin waan itti baay’ateef
haa ta’uu mee jettee fudhatte. Abbaan Gadaas “ulfaadhu sanumaa kan beekutu
lammiif dhukkuba, kan tole nuuf jette tanumaa” jedhee harka na qabatee achiin na
deemee gurbaa suuta jedhii deemi karaa kee ilaaladhuu naan jedhee na biraa
deeme. Anis nahee amma daandii namni itti baay’atu irraas goree, olii gadi ilaalaa
yoon deemu namicha duraan argus garam akka deebi’e dhabe. Ijji koos waa ilaaluu
dadhabde. Na dimimmisti. Arguun dadhabe. Amma gabayaa keessallee deemuu
sodaadheera waan ta’eef garuma lafa duwwaatti achi siqee ijaan gabayaa keessa
yoon ilaalu, eessumni koo qarree bahee namaan wajjiin dhaabbatu arge. Dafaa……
dafaa ammas maaltu na mudata laata jechaa achi itti deeme. Biraan bahee naga
ooltanii eessumoo jedheen. Sagalee aarii qabuun, ija dhiigaatiin na ilaalaa
nagahaa……maali ani deemee danda’aa hin jiru, dhimma wayii qaba ………gaafa
naaf aanje koottu naan jedhe. Aduu dukkanoofte…… Guyyaa dhihe……abjuu
hiikkaa dhabe……Ija jaamte, natti ta’e dubbiin! Foon nama nyaate……Fira diina
namatti ta’e…… Waadaa jige……abdii dukkanoofte…… Qaanqee dhaamte……
ji’a hurrii maratte……hiikkaa isaa wallaalee xiqqoo isaa caldhisee ture. Mataa koo
keessa waa yaaduu jalqabe. Waa mataa keessa na yaa’e akka haada elektirikii……
mee eessumoo…… amma mee wanti hunduu haa hafuuti, maqaa, Aanaafi Ganda
isaa naaf kennaa jedheen. Xiqqoo ishee caldhifatee, mataa lafatti gadi qabee,
deemuu ni dandeessaa naan jedhe. Eeyyan yoo nama waliin deemu wayiillee
barbaadadhe, deemee inuma deemaa naaf kennaa jedheen sagalee qal’oof sodaa
qabdu wayiitiin. Maqaa isaallee siif kennuu danda’a garuu abbee waliin deemuu
15
hin qabdu jedhee akeekkachiisa natti kenne. Anis filannoo biraa waan hin
qabneef…… lakkisaa namuma biraa barbaadadhee deema malee isa wajjiin hin
deemu jedheen.

Garuu garaa kiyya kessatti gubadhee onneen kiyyaa barbadaa’eera. Maal haa
godhuure? Maal haa dubbadhuree? Keessuma kootti gubataa…… hancufa
liqimsaa…… kiisa koo keessaa qalamaa fi waraqaa ol fuudhe. Qabadhu kaa naan
jedhe …… namni haati kee bira jirtu ykn itti heerumteettu Obboo Goobanaa Risaa
Diidooti; gosti Qoomaa, balbalti shirkaasha. Akkasitti iyyaafataa deemi naan
jedhe. Waan nama ajaa’ibu guyyaa duraanii qashii deemsaa qarshii saddeettama
fidi naan jedhee narraa fudhateera ture. Kanas naaf hin deebifne. Dubbachuu
yaade. Garuu dubbachuuf sodaadheera waan ta’eef hancufuma koo waliin gadi
liqimsee hafe. Garaa koo keessa yoo guyyaan dhugaa baasu wayii tasa addunyaa
kana irratti kan dhufu yoo ta’e, guyyaa saniif haa teettu jedhee biraa deeme. Iddoon
kun magaalaa Waabee Gafarsaa magaalaa jedhamtu turte. Akkuma beekkamu ani
yeroo saniif iddoon maatiin keenya jiraatu Godina Arsii Lixaa Aanaa Kokkossaa
Ganda Korriftuu iddoo jedhamu waan ta’eef achi irraa fageenyi magaalaan kun
ganda kana irraa qabdu naannoo kiilomeetira 100 ni gaha ture. Maallaqa waan hin
qabneef lukaan deemee lafa kana dhaqe. Abbaan koos eessumni keetuu waa siif
bita waan ta’eef deemi jedhee harka duwwaa koo na gaggeesse. Garuu wanti
achitti ta’e faallaa kanaa ture. Erga waan ani isi gaafadhe kana naa kennee……
takkumaayyuu morma isaatiin gara galeeyyuu na hin ilaalle. Ani garuu si’a sadii,
afur ofi duuba ilaalaa ture. Inni takka ofi duuba ilaalee na ilaaluu dhiisii……
maaliif ragaa kanaa kenneefiin mataa bowwoo itti taateerti natti fakkaata.

Ani immoo gubataa…… akka nama fira biraa argee shaayima wayii naaf bituu,
nama hundumaa ija isaanii keessa ilaala. Homaa argachuu hin dandeenye. Akkuma
ganama baheen garaa koo duwwaa…… Akkuma oromoon afaanuma buleen
gale…… ykn afaanuma ooleen bule jedhu sani anis afaanuma ganama baheen
deebi’ee gale. Abbaan koos akkuma aadaa oromootti gurbaa galtee? Anaa galu.
Mee waan keessa oolte natti odeessi kaa naan jedhe. Anis xiqqoo caldhisee……
erga tureen booda, waan kana himuu irra himuu dhiisuun baay’ee natti tola
fakkaata jedheen. Maali gurbaa nama du’ee?, namumatu namatti himaa natti himi
naan jedhan.

16
Anis hafuura dheeraa tokko huuf…… jedhee baafadhee, waan keessa oole hunda
takka lamaan itti roobse. Abbaan koos waan kana akkuma ani itti himaa deemuun,
laafaa…… fuulli isaa gurraachataa…… sagaleen inni na jalaa qabuunis laafaa
dhufe. Xumura irratti maqaa waa hundaa qabatee galuun kee baay’ee gaariidha.
Wanti nama barsiisaniifis kanuma. Ani kanuma akka argitee itti akka amantuufi
guyyaa duraas sitti himee, ammas akka deemtu si taasise. Jabaadhu ammas kophaa
kee deemta. Kaartaa siif kennaa…… dhiisi homaami naan jedhe mataa isaa
sochoosaa! Oolee bulee akkaataa ittiin deemu malachutti ka'e.Abbaa koo waliin
marii erga taasisneen booda deemsaaf qophaa'e.Abbaan koo guyyaa tokko guyyaan
isaa kibxata saafaa naannoo saa'atii sagaliif walakkaa,kan oromoon saafaa laafaa
jedhu saniiti.Na yaamee gaaddisa muka guddaa tokko jala teenee
mari'anne.Abbaan koo akkas naan jedhe "yaa ilma koo jibbicha korma bahu
haaduma irrattii beekama" akkuma jedhamu san ,akkasuma ilma biyyaaf ta'us
ilmoomuma isaa irratti beekuu" jedhu.Kanaafuuu ati amma maqaa lafaaf maqaa
namaa qabatee deemuu qabda!Guyyaan gabaa qaree kamisa waan ta'eef guyyaa
kana deemtee,namoota gabayaa dhufanis yoo gaafate,argachuu dandeensa waan
ta'eef guyyaa sana deemtaa jedhee na gorse.

Akkuma Abbaan koo na gorseen qarshiin konkolaataa irraa fudhadhee deemsaaf


qophaa'e.Yeroo sanaaf gatiin konkolaataa kofalee hanga qoree qarshii saddeeti
qofa ture.Kanaafuu Abbaan koo qarshii Soddoma qofa naaf kenne.Sababiin isaa
qarshii deebii warruu siif kenna waan ta'eef,deebii irratti warruu siif kafala jechuun
na geggeesse.Dabalataanis uffatas, Siif bituu danda'u,jechuun na jajjabeessee naaf
dhaame.Anas gammachuun koo iskuweerii irra dabalee kiyuubiin baheera.Sababiin
isaan ani mucaa xiqqaa waan ta'eef gammachuun koo dachaa ta'eera.Yeroo urmii
saniitti waan akkasii argachuun waan guddaa waan ta'eef.

Garuun naan jedhe Abbaan koo yoo isaan waan biraa siif kennan hin fudhatin naan
jedhan.Sababiin isaa akka aadaa oromootti Abbaan biddeena yoo ilma alaa dhufe
tokkotti Hoolaa,Re'ee,Loon ykn gaalas yoo ta'e itti qalanii jennaan ilmi sun kan
gosa saniif ilma Abbaa sanii ta'a waan ta'eef hin qalatin naan jedhe.Abbaan Koos
wantn wanti waan sana jedhaniif ilmi haati xiqqeenyatti irraa deemte kana isaa
guddatee gamma kana gahe yoo agartu ,gammachuu irraan kan ka'e kana gochuu
dandeessi jedhe yaadeeti.Kun garuu maali ta'aan gaaffii.......gaaffii......ta'ee itti
fuufa moo deebii argatanii innuu mataan isaa gaaffii.....gaaffii.....

17
Akkuma Abbaan koo na gorseen barii barraaqa,Yeroo iyyi lukkuu mataa
darbee,waciinsa sinbiroota ganamaa hanqisee bahee deemsa koo karaa kallattii
kaabaa qabadhee qajeele.Guyyaan isaa roobii ture. Lafti badheessa jiidhaa,margi
lafaa biqilee,biqiloon bona baala isaan harcaafatanii turan amma bifti
magarriisummaan iddoo qabateera.Namatti tola.Sammii gubbaa yoo oli ilaalan
cinaa gaara lamaanii duumessa yabbicha ulfaatatu uwwisee argama.Dacheen loon
itti bobbaafadhu...bobbaafadhu.. Nama gooti.Kanuma daawwachaa deemsa koo itti
fuufe.Amma lafti ani dhaquu barbaadu iddoo adaan haadiqoo koo itti
heerumeteertu Qoomaa kofalee naannoo afaamoo jedhamu buluuf deema.Akkuma
deemeen naannoo galgala sa'aa kudha tokkotti achiin bahe.Akkuma achi
dhaqabeen ......Yee warra kana oolmaan nagayaa.akkam jirtu ?maatii waatiin,qe'eef
Re'een,sa'aa namaan naga qabduu erga jedheen booda seeni ...naan jedhanii oli
seenee gadi taa'e.Hafuura dheeraa dadhabbii ofi keessaa qabu tokko baafadhe.yoo
kana addaadaan koo aadee Safuun maaloo maali taate?ni dadhabdee?naan
jette.Eeyyan ganama qorraan bahee ,guyyaa aduun waxalamee .....dadhabiin na
qabde jedheen.

Kun hundi ifaajee haadha koo barbaaduuf taasiseedha.Haadha jechuun warri


haadha qabdan maalummaa haadhaaf bu'aa haadha kani ani isinitti himu Osoo hin
ta'in kanuma isin beektaniif natti himuu dandeessu.Anis haadha gadaamessaa na
deesse dhabus haadha naaf taatee harma goge hoosistee tan na guddifte
"Akkayyoo" koof achii fuutee tan na guddiste haadiqoo koo irraa bu'aa haadhaa
hedduu beeka! Kana kan ani jedheef wanta haadhaa dubbadhee xumuraaf osoo hin
taane yaadadhee yaadachiisuu dhumaaf.Erga mana seenee addaaddaan koo aadee
Safuun akkuma naga abbaa na gaafatee ,kaateen harka kaaniin buna
danfisaa,afaaniin maaliif akka dhufe na gaafate.Anis takka lama jedheen itti himuu
jalqabe.Akkuma ani dubbii kana itti himuu jalqabeen ....."lakki kun hin
ta'u".....akkamitti ta'a kun?"hin ta'u jechuun na mormite.Maali.....maaliif abbaan
kee kophaa kee si erga?daa'ima karaa dabarsuu barbaadaa?....jettee qeeqa
kaafte.Ammas xiqqoma jedhaa Aadee Safuun ....obboo Waaqjiraan amanee si
erga?anaaf gaaffii...Uumaaf raajii jette!Garuu beektee deemuu dandeessaa jettee na
gaafatte.Eeyyan maqaa lafaaf namaa qabadheera iyyaaffachaa tuma deema jedheen
.Haaluma kanaan lafti bariitee ,barii deemsaaf qophaa'e.Ammas Aadee Safuun
buna ganamaa nuuf danfistee......erga dhunnee kaanee booda Mucaa....Amma erga
inuma deema jettee ....nagayaan deemi...tasa yoo waan warra arguu dhabde ta'a

18
rakkata waan ta'eef qarshii kee hin balleesinii hanbaashaa kana qabadhuu deemii
yoo beelofte shaayii qofa itti bitadhuu mallaqa kee hin balleessinii jettee
hambaashaa harka na keessee,na geggeessitee..boosee na biraa deebite.Yoo kani
ani daandii gara kofaleettii geessu waan hin beekneef ,karaa qoomaa bitaachaa
jedhamuun natti akkeektee....Akkuma haadha kamitti karaa dugda lukkuu siif haa
ta'u!nagayaan gali jettee na biraa deebite.Anis deemsa koo Yeroo jalqabaatiif gara
magaalaa kofaleetti qajeele.Akkuma xiqqoo deemeen bosona qoomaa kofalee
jedhamu seene.

Ajab!jechaa olii gadi yoon ilaalu ....cinaan bareen bosona kana....cinaan immoo
hayi dukkana isaa .....bineessatu keessaa bahee na nyaataaraa?moo hattutu natti
bahee na qaba laata ?jechaa.....ofi duuba..mirgaa biraa ilaalaa...hafuura akka
Daraartuu maraatoon fiigdee xumurtee caalaa hafuura dheeraa.... uuf… uuf…
uuf… onneen ..gir .gir..du...du..na jechaa lafa tabbaa tokko gadi bu'e! Yoo laga
tokko bu'ee ofi fuulduratti achi ilaalu nama wayii ofi fuulduratti arge.Dafee
dhaqabuu?..lakki osoo nama hamaalee ta'ee jechaa achuma deema.

Amma sammuu koo erga wali mormaa tureen booda, hundaafuu dhaqabuu qaba
..tasa nama karaa koo waliin deemu ta'a ta'uu danda'aa jechuun isa dhaqabuuf
murteesee miila koo ykn na baasi ykn na cabi!...jechaa deema.Yoo kana safisa
koollee akkaan dabaleera!Maali silaa Akkuma mammaaksi oromoo jedhuti"kan
jiidhe roobaaf hin badadu,kan diine gosaa hin badaduu"jedhan sani.... Ani amma
akkasi ta'eera! Maaliif yoo jettan dhaladheen haadhaa dhabe!. Eessuma hin qabu...
akaakkayyuu hin qabu! Dhaladheen dhalata dhabe....yaadoo kooti kaa! ijoollee
bobaa haadha seenani hafuura haadhaa ulatan yoon arguu hin gubadhuuree?...kun
warra haadha keenyaati........ Kun maali keenya yoo jedhan anaaf madaa
jaldeessati. Kan namuu ilaalu..........kan madaan hin fayyine............. kan ogeessi
ilaalu hin dhiifne.....ani kana keessaa hin jiruuree?diqaalaa......kan haadha ofii hin
beekne....ati galaadha...biyya biraati uumamtee dhufte...yoon naan jedhan hin
xiiqayyuuree ilma namaati waan ani ta'eef natti dhagahamuuree.....haadha koo
baradhee seenee jijjiiruuf hin hojjadhuuree...xiiqiidha jedhan deema.Kanaaf
mammaaka kana fudhadhe.

Garuu garaa koo keessaa akkas jechaan deema......yaa rabbii waaqaa uumaa waaqa
uumamaa deemsa kana naaf milkeessi..........jechaa miila koo lafa irraa
shuu.....shuu.....gachaan deema.Amma nama duraan ofi duraatti ilaalu San bira

19
dhaqqabe.Akkuma aadaa oromootti naga wali gaafannee erga kaanee booda
maaliif akka deemu....eessa akka deemu itti hime.obboo jabeessaanis erga dubbii
kana hunda dhagaheen booda baayisee nahe.Maaloo maaliif mucaa hanga kana
kophaa kee si erguree?garuu homaa mitii sin deegaraa.......anis daldalaa waan ta'eef
garum magaalaa kanaatti deema waan ta'eef hin yaada'in naan jedhe. Anis amma
human horadheera.Wajjumaan haasayaa.........gara daandiitti oli baane.daandiitti oli
baanee Akkuma jenneen bajaajiin deeman ture.Garuu argachuu hin dandeenye
waan ta'eef lafa bitaacha jedhamu hanga buufata konkolaataatti,lafa kiiloo meetira
sadii geessu deemnee buufata konkolaataa geenye.buufata konkolaataa yoo seenu
konkolaataan kofalee gara magaalaa qoreetti deemu hin jiru.Ummani qoree deemu
buufata keessaa guutuudha.Amma obboo Jabeessaanis meeshaa koo mana namaa
kaa'adhee dhufeera waan ta'eef fudhadhe dhufaa asuma taa'i jedhee na biraa
deeme.Yoo konkolaataan dhufe yaabadhu naan jedhee kute.Amma naasuun jalqaba
narraa bade natti deebi'eera.guyyaan gara halkanniitti natti jijjiirameera.Caararraan
duraan naaf ifte amma gara dukkanaatti deebi'eera. Furmaata isaa walaalera.
Namuma buufata kana keessaa jiru kanumaa sodaadha. Caldhisee olumaa gadi
ilaala.Konkolaataan buufata keessaa jiru Shaashamannee, Dodolaa,Waabee,
Ashookaaf kk fakkaatan malee kan Qoree jedhu takkaayyuu hin arginne. Obb oo
Jabeessaan yoo iddoo meeshaa kayate dhaqu warri meeshaa kana itti cufatanii
deemaniiru.obboo Jabeessaanis warri kun deebi'aa hin jiru jechuun abdii kutatee,
mee mucaa geggeessaa jechuun deebi'e dhufe.Ammas yoo inn dhufus akkasumatti
jira. Dhufee erga kana natti himeen booda ittuu abdii koo na kutachiise.Ammas
mee carraa tokko ilaalee dhufaa jedheen na biraa deeme.Akka tasaa ta'ee mucaa
barataa tokko mana barumsaatii dhufee mana baneera waan ta'eef meeshicha
fudhatee dhufe.Ammas hin dhufnee?jedhe.Eeyyan hin dhufne jedhee hafuura
dheeraa tokko baafadhe.Ammas naannoo sa'aa tokko erga tureen booda
konkolaataan tokko gara buufataatti oli seene .

Yoo kana obbo Jabbeessan fincaaniif na biraa ka'eera.Konkolaataan Akkuma oli


seeneen, qarqaaraan konkolaachisaa Qoree...........Qoree jedhee lallabuu
jalqabe.Akkuma inni lallabsa calqabeen ummanni walcaccabsaa gara balbala
konkolaataatti gugata.

Obboo Jabeessaanis iddoma fincaaniif deemeen gara konkolaataatiti utaalee,


konkolaataa keessaa bu'e kana irraa ani waan tokkollee quba hin qabu
ture.Konkolaataan namoota hanga fe'achuu qabuu erga fe'atiin booda,meeshaa
20
imaltoota konkolaataa seenanii fe'uuf qarqaaraan konkolaachisaa meeshaa fe'uu
jalqaban.Ani Ija kootiin olii gadi ilaaluu maalee homaa gochuu hin dandeenye.
Booyufis imimmaan ija koo keessa na naana'aara.Meeshaa obboo Jabeessaan na
biratti dhiisan qabadhee dhaabbadhe.Konkolaataa seenuufis akka waan meeshaa
sana hattuun fudhattuu natti fakkaata.Kun hundi kanaan dura konkolaataa
yaabadhee hin beeku waan ta'eefi urmiin muccaa xiqqaa ta'uu kooti.Osoma akkan
ta'u qarqaaraan konkolaachisaa meeshaa imaltoota biroo fe'ee erga xumureen
booda kan obbo Jabeessaaaallee fe'uuf dhufe.Akkuma dhufeen gadi jedhee
meeshaa kana qabe.Anis hin fuutu jedheen harkatti qabe.qabee gadi dhiisuu
dide.Mucichi erga waan godhu dhabee obboo Jabeessaatti lallabate.Yoo ani achi
ilaalu obboo Jabeessaan fooddaa konkolaataatiin harkaa na yaamaara.Anis
hii....hii...hii...jedhaa garas qajeele.Yoo kan qarqaaraan konkolaachisaa waan inni
jedhee na arrabsu tokkoo lamas miti.Ani gurra kamiin kana haa dhagahuree....gurra
dhabee osoo hin taane naasuuf wanta haaraa natti uumame kanatu gurra koo na
cufe.Nahaa,sodaataa gara balbala konkolaatatti qajeele.

Iddoo obboo Jabeessaan naaf qabe,teessoo jalqabaa konkolaataa irra taa'e.Erga


qarqaaraan konkolaachisaa balbala cufatee jedheen,konkolaachisaan konkolaataa
kaasuuf firiisoonii yoo qabu,ani gara fuulduratti gadi jedhe.Ammas
konkolaachisaan buufata keessaa bahuuf kallattii naannefatu ammas gara duubatti
jige.Yoo kana obboo Jabeessaan harka isaattiin na qabee teessoo duubatti na qabee
na irkise.Amma konkolaataa buufataa bahee daandii kallattii lixaa qabatee
qajeele.xiqqoo ishee erga deemee addabaabahii magaalaa kofalee kan suuraa
haadha siinqeetiin ijaarameeru gara bitaatti dhiisee kallattii mirgatti maqee nuun
qajeele. Akkuma xiqqoo iishee deemneen obboo Jabeessaan haasaa tokko qoosaa
fakkeessee natti dubbate.Maali maali taate bari konkolaataa gaafa ummanni
akkanatti baayatu abbaa humnaatu yaabbata malee tola yaabbachuun hin
dandamu.Biyyi toophiyaa jedhamtu tuniif konkolaataan guyyaa akkanaa wali
fakkaata.Biyya toophiyaa tana keessatti Abbaa humnaatu jiraata waan ta'eef
akkasuma konkolaataa Kanas Abbaa humnaatu yaabbata,jedhee natti
kolfe.................,................

Anis caliseen dhaggeeffadha....ahaa....ahaa..........jedheen garaa koo keessatti


mataa koo sochoosuun jalqabe.Adaa Biyyi toophiyaa jedhamtu tuni bifa kanaan
ijaaramtee?jechuun ofumaa kootiif ofi gaafataa gamaa gamana ilaalaa deemsa koo
itti fuufe. Akkuma deemsa Keenya itti fuufneen naannoo loon baayeen argamu
21
wayii geenye.Obboo Jabeessaanis fooddaan ala na ilaalchisee naannoon kun
Goobee jedhama lafa mootummaan ummata irraa saamee loon irratti
horsiisuudha.Looni kunis kanuma mootummaati.lafti kunis naannoo hekteera
saddeetamaa dhuunfata.Lafti keenya hanga yoomitti akka saamamu ani hin beeku!
jedhe obboo Jabeessaan.... Dhugaan keenya yoomiin akka baatu anaaf gaaffii
.......osoo inni jedhuu miili konkolaataa arfan sun lafa sana keessaa fuudhee nuun
lufe.Ani immoo maali jechuudha............jechaa gaaffii natti ta'aa
deema.ahaa...ahaa....wanti guyyaa kaani abbaan koo naan jedhan kaaniin walitti
fidee tilmaamutti ka'e.waa'een lafa godina shawaa bahaafi Finfinnee kaan
yaadachutti ka'e.Akkamitti kun ta'a..........silaa lafti oromiyaa hunduu Abbaa
qabeenyaaf mootummaan Yoo qabamtu oromoon hoo akkam haa
ta'u................eessaa haa jiraatu...........maaf ta'e............eenyuun haa
gaafadhu ..........,......Dodolatti lafa qonna mootumaati jedhanii lafa hekteera dhibba
oli ,kofaletti lafa bosona mootumaatti,qoreetti akkas,shaashamanneettis achii
oli..ahaa...haa.. ......akkas taanaani Arsiin,Shawaa,Harargee,Wallaggaa
Illuun,Booranii, Gujiif Jimmaanis kunuma ta'aa..............................akkas taanaan
Oromiyaan lafa oromootaa osoo hin taane...........foon qircaanatti Yoo jedhan irra
gaarii hin ta'uuree jedhaa Oslo mataan na dhukkubuu magaalaa qoree
seene..........kun yaada dhuunfaa kootitti!...................

Magaalaa qoree seenee Akkuma xiqqoo deemeen konkolaataan dhaabbate.Namni


keessaa yaa'uu jalqabe.Anis Akkuma nama kamiituu keessaa bu'uuf oli ka'e.obboo
Jabeessaanis oli ka'anii,natu si gaggeeeessaa hin yaada'inii gadi bu'i naan
jedhe.Akkuma konkolaataa keessaa gadi bu'een magaalaa keessaa ilaaluu jalqabe.

Qorqooroofi nama asii achi wali keessaa hulluuqu malee homaa arguu hin
dandeenye.amma obboo Jabeessaan meeshaa isaanii ijoollee gaarii mukaa lafa irra
harkiftuun iddoo gabayaa naaf geessaa jedhee harka na qabatee ,daandii magaalaa
qoree irraa gara kaabatti qajeelchu qabadheen qajeele. Magaalaa keessaa Akkuma
xiqqoo achi baaneen araata gara magaalaatti asi dhufan hundaa obboo Jabeessaan
namooni ganda Baadagoosa Qoomaa asi keessaa jiruu jedhaa gaafata.Ani immoo
gaara duuroo ofi fuulduratti ilaalaa deema.ee bareedinna isaa!.......akkaataan walitti
tuutiinsa bosons isaa baayee kan nama gammachiisuuf namatti toluudha.Hayi
uumama dachee oromiyaa......lafa uumaan uumamaan badhaasee,faayee gadi dhiise
dachee ajaa'ibaa !.....silaa kanumaaf saamichi itti baayate jedheen ofuma kootti
dudubataa deema.Osoma obboo Jabeessaan araata gabaaf dhufu kaan gaafataa
22
deemuu si'a sadaffaa irratti.........maanguddoon tokko eeyyan ni jira jedheen.Garuu
maaliif gaafata jedheen?lakkii mucaa kanatu barbaada jedheen.Maaree natuu bira
geessa ,anuu abbeeraa isaati.Innuu amma hoolaa gabaa baafatee gabayaa hoolaa
jira koottu jedhee harka na qabee ,obboo Jabeessaanis amaanaa wali bira naaf
geessaa jedhee,anaanis jabaadhu jedheen na biraa deeme."Namatu namaaf
qorichaa" duri oromoon mammaaku kaan hardha naaf gale!..

Maanguddichi erga harka qabatee kaan deemeen booda mucaa koo warri maalitti
siif oolan jechuun na gaafate.Anis maali akka dubbadhu walaale.Tarii yoo ani
sirreessee itti himadhe waan na godhinuu kani jedhus na shakisiise.....wan ta'eef
adaadaa kootu asi jira jedheen .Maanguddichis tolee haa ta'uu jedhee naan deemee,
dubartii dinnichaa gurguratu wayii bira na teesisee,asumatti na eegi Baqataa
yaamee dhufaa jedhee na biraa sokke.Anis achuma ta'aa.......maaltu na
qunnama......yaa rabbii kiyya....tarii akkuma abbaan koo naan jedhe kaan moo
waan biraatu na qunnamaan qormaata sammuu ulfaataa natti ta'eera.Sammuun koo
qormaata ofiif ofitti kenniteen qormutti jirti.osoma akkanatti sammuun koo
dhiphattuu maanguddich obboo Baqataa qabatee dhufeen .........

Obboo Baqataan akkuma na bira gaheen abboo akkam nagayaa jedhee erga na
fudheen booda....nama akkam deemu jedhee na gaafate.Sammuu duraanuu ofiinuu
ofi qoraartu,amma qormaanni biraa duubaan yoo itti dhufu akkamitti haa
furturee.........suutumaan jedheen furmaata xiqqishuu tokko dhahee akkas
jedhe......ani kan adaadaa hadha manaa keetiiti ,isiin adaadatti naaf oolti,isii bira
dhufee jedheen.

Yoo kana obboo Baqataan akasuma na ilaalee amma dhugaa baasii mee fuula kee
irraa waan dubbisitu jira waan ta'eef, mee dhugaa isaa natti himi jedhee ija koo
keessaa na ilaale.Ee naasuu akkasii..........rifaatuu akka malee rifadhe.Deebii na
harka bade.na yaadesse.Ammaaf furmaanni maali akka ta'e sammuu koo keessaatti
uumuuf dirqame.Ahaa....akkasi jechuun qaba jechuun ofi dirqamsiise.Eeyyan ani
dhaladheen haati koo gara kee deemte jedhama seenaa yoo qoradhu.Erga ofi
bareetii jireenyi naaf hin mijoofne.Abbaa kootiinis wali galuu hin dandeenye waan
ta'ef,amma sadi karaa buleen dhufe.Sanaayyuu karaa iyyaafataa asiin bahe.

Guyyaa jalqabaa Beebee ka'een Weegee bule,Weegee ka'een lukumaan


sa'immannaa bule.Dhugaa dubbachuuf ani kama isiiti jedheen Osoo onneen koo

23
gir..gir...gir.......jettuu itti dubbadhe.Obbo Baqataanis ......anuu dhiigumaanuu si
beekeera duraanuu na dhoksaarta malee naan jedhe.Waan nama ajaa'ibu ani mucaa
xiqqaa waggaa kudha lamaati.Barnootaan kutaa arfaffaan baradha.Hojjaa kootu
xiqqoo dheerata malee dhiigni ijoollumaa narraa mula'ta.Obboo Baqataan afaan
qabatee.....amma kophama kee dhuftee jedhee na gaafate.Eeyyan jedhee akkaataa
namni na qabee abbeeraa isaatti na geessesi hunda itti haasaye.

Amma haa deemnuu koottu jedhee harka na qabatee gara mana shaayii dhugan
wayiitti na geese.Shayii naaf bitee amma haadha keen fideen dhufaa asumatti na
eegi,warra manaatiin na jalaa gadi hin dhiisinaa jedheenii na biraa deeme.Maaltu
akka maali ta'aaru naafi hin galle.Sila dubbiin kunuu dhugama
ta'aaraa?..........anumatu haadha kootiin wali arguuf deemaa....maaltu na muudata
laata...........uffatuma naaf bitu moo galaniin hoolaa natti qalu laata?...................

Moo waanuma kanaan addatu na muudataan wantoota sammuun koo keessaa


naanna'an keessaa isaan muraasa!...........onneenis dil....dil......dil....jettee na
dhawati.Namoonni na cinaa taa'aniiru osoo waan dhageeffatan taatee ni dhagahu
turan."Ofii booseef hattuu qucuu dhiisanii" mammaakaa taanii dubbiin sammuun
koofi onneen koo bifa kana ta'anis,mariif sodaan isaan akkaataa isaan yaadaniin
osoo hin taane akkaatuma biraatiin itti dhufuufi waan deemu natti fakkaata........

Naannoo daqiiqaa digdamaa takka erga tureen booda,obboo Baqataan dhufee mana
shayiitii gadi na yaamee.....Kunooti kaa haati kee naan jedhe!.Dhaladhee haadha
gadaamessaa keessaa bahee tani amma arguuf ka.... dhaladhee waaggaa kudha
lammaffaa kootti akka waan hardha dhaladheeti jechuudha.Gammachuun ofi
walaalee ,anaa waan dubbadhu dhabeeru akkas naan jettee!Garuu dubbii kana
dubbachuuf baayee natti dhagahame.

Haadha teessan gurri waan kan hin dhagahin........dhageettii gurra keessaniitiifuu


naga haa kennu................anuu inuma dhagahe waan ta'ef isinis obsitanii tuma
dubbisuun gaariidha.....jedheen isin gorsa!Ee mammaaka oromoo"kan jiidhe
raabaaf hin badadu,kan diine gosaaf hin badadu"akkuma jedhan sana dubbiin!
Xiqqoo narraa achi siqxee akkas naan jette...gurbaa eessa dhufte?...........eenyu
ati?.........maaliin dhufte?......maaliif dhufte?.....eenyutu si fide naan jette!Ee naasuu
akkasii maali haa dubbadhu?.....arraba kamiin haa haasayu.....waan dubbadhu
walaale. Xiqqoon jedhee,imimmaan akka waan na dhufuun ta'een ofi dhooge.Maali

24
ati na hin deennee?....na beettuu?....Hundaafuu nama jedhamu mucaa kee jalqabaa
sani na walaaltee?......jedheen harkaan du'aan tokko boqoo hooqadhe.Eeyyan si
beeku ,maaliif dhufteree? Naan jette?......haadha koottu asi jira jennaan sadi karaa
bulee ,achitis rakkanaan si barbaadachuuf dhufe jedheen sagalee laafaa tokkoon
.Yoo kana saammuu koo keessaan waan akka ibidaatu baha.Amma waan tolchitu
naan jette...........amma dafiitiii abbaa waliin dhufte natti himi.Abbaa kee Waaqjiraa
waliin dhufte moo obboleessa koo Jarjarsaa waliin dhuftee,naan jette?lakkii
kophama koo dhufee jedheen.Akkamitti kophaa kee dhufuu dandeessa jettee irra
deebitee na gaafate.Akkasuma jedheen......amma dafiitii konkolaatama dhufte
kanaan ofi irra deebii gali naan jette.Waaqaaf safuu.....safuu...........Amma obboo
Baqataan xiqqoo nurraa achi siqeera.Tanaayyuu isatu nama nagayaati malee warri
isaa si ajjeesuu danda'u waan ta'eef deemi gali naan jette.Amma obboo Baqataanis
gara kee natti asi dhufee beenaa kaa haa deemnuu yoo jedhu, lakki eessa deemaa
haa deebi'ee galuu jetteen.Akkamiti asi dhufee osoo ollaa hin baratin
deema! .........Haa galee qe'ee argee deemu jedhe.Lakki kuni hin ta'u jettee harkatti
dhaabde.Erga jettee shaayii dhugee haa deemu jedhe.Lakki amma homaa hin
nyaadhuu konkolaatamaan na gahaa jedheen,didee gara konkolaataatitti
qajeele.Amma maaltu akka uumame naaf galutti hin jiru!.......Qaamaan achi jira
malee yaadaaf sammuun fagaadhee deemeera.Maali dubbadha?.....afaan maaliin
dubbadha?..........jechoota akkamii haa fayyadamu?....Haadhumaa !.....haadhumatu
akkanaa...........moo tiyya tuni gadaamessaa addaati dhalattee?.....haadhumatu
akkanatti garaa jabaatee?.......

Sammuun koo duubatti na deebi'e.Maali yaadaa dhufee maaltu na


qunname?........."Uumaa waaqaa shakakkeessa hin dhagahaniin" waan akkanaa
kana.

Deebii waan kanaa kama uumeef yoo dhiifne malee namni deebii ni argata jedheen
hin yaaduu.Anaaf fakkeenya haadha garaa jabaatuu Oromiyaa qofatu natti
mulata.Tani ilma ofii sanuu qaruutee,beekaa,jabaa.goota ofii jibbitu,......tan baruu
nyaatu, tan nyaatee hin quufne...........Faallaa kanaa Abbaa bideenaa soortu,galaa
quubsitee,ilma guddeedaa waakkatu,goota ofii nyaataa lugna soortu.

Kanaafuu haati tiyyaaf oromiyaan wali fakkaati jedheen yaade.Maali na


waakatuuree ?....Usumaayyoo muusaa Eebisaa Addunyaa,Yooseef
Gammachuu,Dadhii Galanii hanga Haacaaluu Hundeessati.............. ,koloneel

25
Agarii Tulluu,Jeneraal Huseen Bunee,koloneeli Aliyyii Cirrii ,Jeneraali Waaqoo
Guutuu,Jeneraali Taadasaa Birruu,Dr.Hayilee Fidaa,Oliiqaa Dingil,Abbishee
Garbaa,Qeerroo Nageessoo,Guddinnaa Tumaa;Baaroo Tumsaa,Guutamaa
Hawaas,koloneel Elemoo Qixxeessa hanga Jaali Nadhii gamadati............Halloo
Dawwee,Worqituu Wolloo,Maaramee Harqaa hanga
bililee/mabuubatti/warrootuma qaqaalii dacheen oromiyaa garatti deefateeti.

Silaa barattoon sadarkaa gara garaatti dhuman,Qeerroof Qarreen dhumaati


irreechaa bara 2016tii kaasee,baddaa Wallagaaf Gujii,daandii gubbatti,Mana
hidhaatii yaasanii qaqalani,ijoolleen oli adeemtonni hallayyaa magoriitii hanga
baddaa shawaa,laga Dagam,laga Jamaa, sululala Gujii, carii saganii,paarkii nacci
saarii, Irgansaa,Saganii,gooroo Doolaa,Shaakisoo hanga baddaa magaadatti
dhumataniin dacheen oromiyaa quufuu dhabde.Kanaafi haati kiyyaaf oromiyaan
wali fakkaatan jechumaaf malee seenaa goototaaf himuuf maqaa isaaniitu
himiiyyuu hin danda'u.Akkuma isin na mormineef oromiyaa teenya arrabsite naani
hin jenneef.Garuu goobanooni isheen soortu kanuma isin beektaniidha.

Kanumaaf waa'ee haadha kiyyaaf oromiyaa wali qabsiisuuf yaale......

Hoola Jenne bira dabaru malee maali Jenna?............ Akkuma jedhetti Osoo nama
duraan dhukkubba dhiigaa qabu taatee....silaa dhiigni natti ka'ee na ajjeesseera
ture.Imimmaan mataa keessaa na dhufee ija bira gahee oli na deebi'e.Hidhiin
cinniinachuu dadhabe garaa keessaan garaachi kiyya walitti
cininnateera.Mari'amaan na citeera.Foolii haadhaa irraa foolii diinatu natti dhaha!
Haadha jechuun adaa waan haadha fakkaataa yoo hojjateedha.Haati waan
haadhomaa hin dalagne haadha miti.Anumaan maali jedhaan gala?...arge jedha
moo hin argine jedha?..abbaa kootiin maali jedhaan gala?..........

Uffata abbaan koo siif bitan jedheef loon siif qalan jedhe santu fuuldura na
deema.Haa ta'uu "hundaaafuu haati boollaa maraartuu teenya boona" jette tan
dhiirsa ajjeefata jedhan sana mammaakaati .........maraafuu gubataa gara
konkolaatatti na geessan.Amma saa'atiin naannoo kudhaniif walakka
gaheera.Yeroo ani konkolaata yaabadhus olumallee baatee na
geegessine!.......ajab,ajab!Obboo Baqataan dhufee iddoo teessuma konkolaataa
irraan na gahee qarshii digdamaa naaf kennee ,nagayaan gali naan jedhee na biraa
bu'e.konkolaataan akkuma xiqqoo jedheen fuula isaa bara kibbaatti naannefatee

26
nuun qajeele.Akkuma diqqoo deemneen ...............imimmaan lakkuu...lakkuun na
keessaa fe'ate.Ummata konkolaataa keessaa jirus waan sodaadheef gadi jedhee,
akka nama rafaarutti booya! Mataadhaan yoo ani waan hunda dhudhumu,ijji
immoo imimmaan roobsiti........ hanga booye haa booyuu ija koo imimmaan irraa
haqee oli jedheen,yoo olii gadi yoon ilaalu namoon tokko tokko konkolaataa
keessaa bu'uu jalqabaniiru.Sila hanganati kofale seene yoon jedhu ,seenasa kofale
geenyeera.Fageenyi qoree hanga kofalee kiloo meetira digdamii shanii ni gaha!
Kiloomeetir hanganaa guutuu imimmaaniin dabarse jechuudha!........maaree
dhugaa qaba kaa ............haadha ajjeeffadheemi?...........dhabuun kan duraanii Osoo
hin taane,hardha dhabe.Ta'ii isheen narratti raawwatetu kana na
boochise.........abdii kutachuu kooti.......haadha dhabeen guddadhee....

....ammas argee dhabuun .........uuma maleen narratti bahuun booyuu mitii Osoo
ofillee ajjeessee ,sa'aa sanaaf homaa naaf hin qabu....

Namoonni hedduun yeroo haadha barbaadatan ni arga,ni dhagaha..Haadha isaanii


waggaa jahaatamaa,torbaatama geesse yeroo ilmi ishee abbaa biddeena jalaa
baasee galatuun beeka.Kiyya kuni kanaan adda ta'uu irra darbee faalla'uun isaa
"cittoo irratti fanxoo" yoo naaf ta'e malee.....madaa madaa'ee fayyuu miti waan
ta'eef onneef dhukkubbii ,garaaf nadaamaa,mataaf assaayimentii cimaa naaf
ta'e.Amma magaalaa kofalee seenee,buufata konkolaataa seenee qarqaaraan
konkolaachisaa dafaa yaa'aa...dafaa yaa'aa jedhe.Anis konkolaataa keessaa
uumatuma faanaa gadi bu'e.Akkuma konkolaataa keessaa gadi bu'aniini namoonni
oli gadi garuma fuula fuula isaanii qajeelu.Ahaa.....ani garami haa
deemuree.......gara ganama dhufeen kaanisi walaale.hundaaafuu fuuldura buufata
konkolaataa dhaabbadhee oli gadi ilaalu maali haa arguree?......nama osoo herrega
hojjatu foormulaa irraa badeetiin wali qixa ta'eera.

Gatii sirriin isaa hin jiru.Amma an is akkasuma ta'eera daandiin na jalaa


badeera.................deemsaaf daandiin na jalaa bade..................ta'uuf teessuma hin
qabu.......amma naasuun na qabateera.Xiqqoo gara daandii bahaati gadi
deemee,maanguddoo tokkotti goree ,aabiyyoo mee daandiin gara qoomaa
afaamotti geessu kami inni jedheen ?kanumaa..... ispaaltima kana qabadhuu
deemii,bilookii gara daandii mirgaatti gortaa,dafii deemi laftis sitti halkanaa'ara
naan jedhe. Yoo kana cinaan gammachuu argadhe,cinaan immoo naasuun ittuu
natti cime.

27
Akkuma magaalaa keessa gadi deemeen,naannoo masgiida sanbata gahu fiigicha
itti fuudhe. Yoo fiigu kana tarii nama hattuu ,was hatee fiigaaru jerhananii na
qabinnuu jechaa,onneen koo duuu....duu...duuu...duu na jetti .Amma sammuun koo
garuu mataan koo murtee cimaa murteesite.Innis buluuf iddoo bulu hin qabu, suuta
deemuuf lafti dhihaarti waan ta'eef ,binneensi na nyaatu irraa kallattii arfaniinii
abdiin ani qabu natti dukkannaa'eera waan ta'eef na qabani na haa qabanii malee
murtee fiigichuma ta'ee fiigicha itti fuudhe.Iddoo jaarsi naan jedhe sana gahee
xurree harka mirgaa sana qabadhee ,bosona qoomaa kofalee gadi aseene.Akkuma
namichi namichaan "abboo maali jedhee si haa yaamu" jennaan ?..........namichis
akkasi jedhee deebiseef abboo "kan tarii kaan dabarii" jedhii na yaami jedheen
taanii dubbiin kiyya amma akkasi ta'eera!Dukkanni bosons kanaa nama mataan
boolla keessa gadi seeneeti.Dheerinni mukkeen bosona kanaa yoo oli ilaalu sammii
bulee malee homaa arguu dandeenye.Udumeen isaa waan ummani biyya kana
keessa hin jireeti.Ittuu qabbanaa'e.Ajajni wayii qaama kiyya keessaa natti
dhufaa.....akkasi naan jedha,iyyi......iyyi........iyyi................naan jedha!..........lakki
hin iyyin maalitti iyyita?....haa bineensonni yaa'anii na nyaataniif jedha wali
dhoorgan.Osoma onneen kiyya dhahattuu ,dafqi akka waan aduun gammoojjii natti
buuteti bulluqee saabadhu.

Du'amaan tokko tirataa,maaltu na qabaara?.....maali ta'aara osoma jedhu goodda


tokko oli bahee,hafuuraa du'aa ka'ii fakkaatu tokko baafadhee ofi duuba gadi
ilaale.Homaa natti fiigaa hin jiran .Galeemii....homaa na qabneemii ......jedhee irra
deebi'ee ofi duuba gadi ilaale,gara daandii adaadaa koo safuutti qajeele.Amma lafti
nama bineensaa oromoon jedhu sana geesseerti.Dimimmisa lafaa jechuudha."Luka
citeessaan harka gu'eessan loon kiyyatti hin ba'in"jedhe namichi namittii sokkuu
geette laalee hubatee jedhan .Anis amma miiluma citeessaan gara manatti achi
qajeele.Yeroo ani mana gahutti isaan loon elmatanii,balbala cufatanii ibida bira
taa'anii waaree daa'imman isaanii waliin taphataaru.Balbala gahee yee warrana
jedheen.Yee na jalaa jedhanii ,eenyuudha jennaan ?ana Hundaaafuu
jedheen....Hee....Hee......jechaa lafaa oli ka'anii...Aadee Safuun dhugaadha?jechaa
natti gadi baate.Maali taate?.............maaf galte?....lafa walaaltee karaa badee
galtee!...........karaa haa badu ani jettee bootte.Lakki deemee tuma galee
jedheen.Naaf dhagahuu didde.Ni boosi..........abbaa keettu sitti taphate..........mucaa
daa'ima baasee kophaa gadi akkise jechuun dhundhumetee boossi.Hanga boosse,

28
boosse tasgabbooftee.....waan ta'e hunda tartiibaan na gaafachutti
kaate.............................

Suuta jedhee tartiibaan waan irra Oolee gale kana itti himuu jalqabe.Naaf amanuu
hin dandeenye.Lakki si sobaniiru malee haadha keetii mitii naan jette.Ani garuu
waan qabatamaan argeef,akkuma ta'e ta'ee amansiisuuf yaale.Waan nama ajaa'ibu
hambaashaa isheen naaf kennites qabadhee deebii....Maali godhan ."Hayii.....akka
uume akka uunshetu taraa Mali godhaniimii dhiisi" naan jette.Hundeen amma
wanti gochuu qabdu waa'ee ishee dhiisi.Barnoota kee jabaadhuu baradhu.Nama
baratetu waa hedduu hubachuu danda'a waan ta'eef barnootatti
jabaadhu,cimii,baradhu,jechuun na gorsite.Anas amma xiiqiin koos garasuma
deebi'eera.Yaada "lama dhabuun duddaa gooroo dhabuudha"jedhu sani sammutti
qabadheera.Kanumaan bullee ganama gara ollaatti akka galuuf na
geegessite.Akkuma isheen na geggeesiteen naannoo saa'atii sadii erga deemeen
booda ,saa'atii shan gubbaa yoo ta'u lafa tabbaa ilaala mana keenyaa jala jiru yoo
ani oli bahu abbaan koo loon bobbaasanii obaaf gara laga waabeetti gadi
qajeelchaaru.Loon dareeranii akka nama albaa farfatuutti obaaf,hiriira galanii
malkaa laalanii gadi qajeelu.Abbaan koos duubaan itt fiiksaa.....osoo deemu,ani
lagaa oli futi jedhee jennaan loowwan na mildhatan.Abbaan koos loon maali
ilaalaaru jechuun yoo gadi ilaalu anatu oli bahaara!

"Gurbaa.......gurbaa......Abbaan kee bade......... abbaan kee bade".......... Jechaa natti


gadi utaale.Natti jige.Maali taate?......................muca koo akkamitti akkana taate?
Maaltu maali ta'e?.........naan jedhe.Koottuu mee gadi taa'i jedhee lafa gobaa takka
irra qabee gadi na teessise.Gadi taa'ee waan ta'e hunda takka lamaan itti
ibse.Abbaan koos erga dhageeffateen booda " arguun amanuudha"baga argite.........
ijji waan argitetti amantii jedhan mucaa koo!.....anis walaalee miti ,beekatuma si
erge.Akka ati qabatamaan argitee waan ani skin jedhu hundatti amantuuf.Duraanuu
haadha kee eenyuuf akka dhabdes siif himeera.Bu'aa bahii ishee deebisuuf ani
taasises siif himeera.Tarii naaf amanuu hin dandeessu jedhee waan shakkuuf kana
si taasise.Egaa amma wanti ati gochuu qabdu tokko jira.Innis jabaatee baratee kani
seenaan qabachaa deemuudha.Kani yoo dhugaaf haallis dide yeroon deebisuu
dandeessi.Amma deemii saa'aan misaa waan gaheef deemi galii waa nyaadhu horii
kana obaase deebi'a jedhee deeme.Galee soorata sooradhee,manaa bahee araddaa
baldhaa mana Keenya garraan jiru sana keessa diriirfadhee ciise.Sammuu koo
keessa wanti akka aabjuu wayii na naanna'uu jalqabe.Seenaa hamaa narratti
29
raawwate kana akkam gochuun qaba?dhiisuu.....lakki hin dhiisu........maali haa
godhu?......osoma jedhuu araddaan natti tolee hirribni na fudhate itti fuudhe.

Barnoota kootti deebi'ee barachuu itti fuufe.Kutaa tarbaffaa bara 2002 osoo
baradhuu ta'iin jabaan tokko natti deebi'e.Filannoo biyyaalessaa jedhanii kardii
filannoo qoodu jalqaban.Urmiin koo amma waggaa kudha shani
gaheera.Barattoota gurmeessuun kaardii fudhachiise.Akkamiti Urmii kudha
shaniin kardii filannoo fudhachuun danda'ama jettanii hin yaada'inaa.Maaliif
jennaan biyya tophiyaa jedhamtu tana keessatti wanti waraqaa irratti barraa'uuf lafa
irratti hajjatamu waaqaaf lafa. Akkuma kardii fudhannee xiqqoo tureen duuli na
fidhaa jalqabe.Poosterii paartii ADWUI mallattoon kanniisa qabu manxaffamuu
jalqabe. Madditti immoo madaraki kan PR.Maraaraa Guddinaatiin durfamu
mallattoo harkaatiin bakka bu'u maxxanfameera.Duula na filadhaaf warri
ergamtuun TPLF kan turan opdon shurraabii adii, koofiyaaf saa'atii harkaa
mallattoo kanniisaa qabu uffatanii,ummata walitti qabanii nu filadhaaf bookisuu
jalqaban.Waan tokko ilaalee ajaa'ibsiifachuu jalqabe. Innis maaluma "opdon
tuni?.....amma albuuda, qabeenya loonii...... Gaalaa, Re'ee,Hoolaa,Oomishni hundi,
xeefiin,Qamadiin,Baaqelaan,Atari,Nuugiin,Talbaani,garbuun gosaan,kuduraaf
fuduraan hundi lafuma abbaa isaanii,moonama isaanii,harkuma isaanii keessa jiru
kana dhiisanii bitamanii,nama jala gulufu moo isaan akka nama harka hin
qabnee,namni irraa asi fuudhee isuma nyaachisuu kaan waan guddoo irraa
fudhatanii waan xiqqoo kennaniif kaan fakkaatu.Kanuma ilaalee sila isaan mataa
qabanii?yaaduu danda'anii?ofi beekanii?barataniiruu?sila isaanuu oromoodha moo
diqaaladha kan jedhu gaaffii natti ta'ee.Nama gaafadhus dhabe.Abbaan koo
raadiyoo piliiphsii jedhamu tokko qaba.Galgala galgala sagantaa raadiyoo sagalee
uummata baldhaa ertiraa jedhu dhageeffata.Ykn immoo "VOA"Dooshabalee,
Sagalee bilisummaa oromoo kan jedhamu waan dhageeffatuuf jala bu'een
hordofa.Akkuma yeroo baayee raadiyoota kana dhageeffachuu baayisuun waa'ee
wayyaanee,opdofiABO dhagayaan dhufe.Akkuma dhagahuun waa'een isaanii naa
galaa dhufe.Kamtu balfa..........kamtu diinaa...........kamtu dhiigaa addaan
baafataa,dhufuun koo sammuu koo keessatti waa kalaqe.Kalaquma kana irraan
ka'ee, galgala galgala raadiyoon Amboo, Gincii, Dambdoolloo, Hajjee, Adaabaa,
Ciroo, Roobeef kkk fakkaatanit poostera tarsaasani yoo jedhan wanti akkanaa
naannoo keenyatti maaf hin raawwane kan jedhu anaaf yaadoo yaaddoo oli natti
ta'e.

30
Guyyaa tokko osoo Abbalamoota koo wajjiin mana obboo Galgaluutti osoo rooba
qophannuu,yaada akkas jedhu tokko kaleesseef..........yaa jara keenya nu maaliif
wanta godinoota adda addaa keessatti dhageenyu kana guyyama tokko waa
uumnee; osoo biyya kana guyyaa tokko shakkii keessa buufnee hoo
jedheen..........mee akkam gooneeti jedhan?Warqaa haa barreessinuu......halkani
poostera isaanii biinxinee,keenya kana achitti haa manxansinuu jedheen .Eeyyan
likkii jette jedhanii harka naaf rukutan. "Hantuuni dubbii basurree barbaadu afaan
boollaa irra deddeemtii" jedhamaa mitiire! Akkuma harka naaf rukutaniin mucaan
abbeeraa kiyyaa Jaalataan waraqaa abbaa sararaa namaan wali himachuuf bitate
fuudhee natti kenne.Anis akkuma karoorfadheen waraqaa gadi
fuudhee,barreeffama koos jijjiiree...waraqaa qabxii saddeeti qabu barreesse.Tokko
jedhee,afaan oromoo afaan biyyoolessaa no goona,barattoota oromoo irraa
ajjeechaan ni dhaabbata,lafti qonnaan bulttootaaf in oolti,fi kani kana fakkaatan
barreessee,halkan worri guyyaa cawwataa oole, amma mana dhugaatitti galanii
caffaru,waan ta'eef kaan kaasi kana manxansi jedheen biraa deeme.Sababiin isaa
ani hojjaan kiyyas oli hin dhaqqabu waan ta'eef,akkasumas halkan deemuu
sodaadha waan ta'eef kana murteesine.Akkuma murteesineen mucaan abbeeraa
kiyyaa ka hangafaa Tolaan deemee,halkan isaan mana garatti dhuganii duubaan
akkuma ajajneeti ,kaani kaasee kaan manxansee,biraa kute.

Isaanis hanga garaan isaanii qabatu ofitti erga buusanii booda ,kani ijjiif miili
isaanii wali rukute yaa'anii galani.Duruu isaan Ijaaf miila irraa maali godhatu,tani
garaa yoo geeffatan hangasuma....ee magani jedhe jaarsi..................

Ajaa'ba kaa dubbiin ........tani dhiite,bari'uu wayii oltiiree......dhiite bariite.Akkuma


bariin barraaqaan bariitee.......Saa'aan barnoota dabareen ganamaa gahee
,barattoonni barnootaaf gara mana barnootatti yaa'an.Mani barnootaaf manni
dhugaatii kun wali bira waan ta'eef,barattoon yoo afaan balbala mana barumsaa
kan gahan,maali inni maali kun jedhaa afaan qabataa dafaa gara dareetti
fiigu.Hunduu mana barumsaa keessatti garee garee uumanii ,mataa wali jalqabanii
hasaasu itti fuufan.

Amma dubbiin akkuma hasaasaan baayataa deemtuun,lootee dura bu'aa mana


barumsaa obboo Irkoo biraan baate.obbo Irkoonis dafee kaabinoota ganda jiranitti

31
bilbile.Kaabinoon gandaas,kaabinoota babbaatiif ganda jiran warra eda mataa
hanga lukaatti dhugaa bulan sun yoo dubbii kana dhagahan,lukti keenya
cittee............salphanne........eenyutu nu salphise?......jechaa bara mana barumsatti
utaalan.Dafanii akkuma mana barumsa seenanii barsiisota hunda walitti guuranii
wali gahii teesisan.Barsiisota irraa erga waan barbaadan dhabanii booda,caalaan
barsiisotaa amanamoo isaanii waan ta'aniif ,akkasuma bara sana nami waa'ee
qabsoo dubbatuuf akkeeku nama akkaan dubbiin galteef caarraraa wayii qabu yoo
ta'e malee bara akkaani dukkanaati jechuun no dandama.Kanuma irraa ka'uun
amma barsiisoni tokkoffaa barattoota kakka'umsa qabani,dargaggoota sochii
akkanaa gaggeessu danda'an,akkasumas barattoota maatiin isaanii baratanii
barnoota xunaraniif maatii ni mormaaf shakkita eera jedhan.Amma dabareen
ganamaa kutaa 1_4 waan ta'eef keessatti barsiisonnii kutaa5_8ti barsiiftan dirqama
keessan ta'u beekaa jedhanii dirqama itti kennan.Barsiisonis waan kana waaqa
maaltu waan kanaan nu darbate jedhanii ofi abaaru.

Akkuma ta'eef barsiisonni barattoota hunda erga xiinxalanii booda ,namni waan
kana hojjachuu danda'u Hundaafuu Waaqjiraa ta'uu hin oolu jechuun sababoota
akka .......bartaa cimaa ta'uu koo,duraanuu gaaffii ciccimoo gaafachuun beekamuu
koo,akkasumas abbaan koos nama beekamaa,barnootaanis hanga kutaa kudhati
kan xumure ta'uuf miseensa opdo ta'uu dhabuu isaatiinis wali qabsiisuun irratti
walii galanii maqaa koo fuudhanii kaabinoota garaan akka dubartii ulfaa ji'a sagalii
fakkaatutti kennan.Isaanis ammas milishaan haa qabnu moo akkam wayya jedhanii
barsiisotumatti deebisan.Ammas silaa barsiisaan abbaa kalaqaa waan ta'eef,
barsiinaan daree isaa barsiisaa Jaarraaf kennine jedhan.

barsiisaan Jaarraanis amala mucaa kanaa natu beeka dhiisaa jechuun fudhate. Dura
bu'aan mee akkamitti dandeessa jechuun gaafate?...dhiisaa humnaan itti deemnaan
waan hin sarmineef sobnee qormaata keninaaf.Akkas taanaan inni sadarkaa ofiitiif
jecha dafee waan hojjatuuf barreeffamaan wali bira finnee qabna,amma oduun
akka hin baane dhoksa jechuun dubbii isaa cufate.Sirriidha jechuun mataa
hargufuun ,barataani tokkos mana barumsaa keessaa akka hin baane dhoorgaa
jechuun murteessan.Anis akkuma duraa kani mana barumsaa dhaquuf akkaani
ariifadha waan ta'eef ,naannoo saa'atii shaniif walakkatti mana barumsaa
deeme.Akkuma mana barumsaa seeneen,namoota garaan fufurdaaf mataan xiqqaa
ta'e,sanuu koofiyaa adii kanniisaatiin golgame arge.Ahaa......isinii godheemii
jechaa garaa kiyyaa keessa ofi gammachiisaa......waa na argiteetti.....isinii
32
godheemi jechaa gaaddisa hidheensaa tokko jala taa'ee,kitaaba dubbisaa wanti
naannoo biraatti dhagahaa ture sana isinis dhaqabdeemii...................jechaa saa'aa
daree kootii eeggadha.

"Waan jala jiru hin beektuu tikseen hima geerarti jedhan".Bilbilamee barattooni
gaamaa daree gadi lakkisanii........akkuma jedhanii ,hiriyaa koo Aadam barataa
jedhamu ,kana sadarkaan kutaa keessatti wali dorgomnu wali qabannee gara
kutaatti oli seene.Teessoo ani irraa taa'u irra barattuu Ayyuu jedhamtu wajjiin
ta'a.Hin jaaladhaa mitii waanuma jedhuun hin qabu.................isheenis akkasumatti
na jaalatti......................yoo ani akka tasaa ta'ee mana barumasaa oole, osoo hin
baranne oolti.Anis akksumatti oola.Akkuma namoonni tokko tokko fedhii bunaa
haalaan qaban ,yoo buna hin dhugnee ijji lafa na hin argitu.............lafatu naa
deema........................... Ofi hin beeku jedhan kaanii ..........anis yoo ishee daree
dhabe amala akkasii santu na muudata.Guyyaa akkasii sanaaf xalaayaa barreessaa
barattoota ollaatti waliif kennina.hayi.........jaalala akkasii............jaalala
qulqulluu................ishee mudaa takka hin qabne.................mi'ooftuu akka
dammaa...........urgooftuu akka abaabboo birraa..........ishee daa'imummaa
sani,eessaa fuudhuree?.................isa hardha jaalala aadaa hin qabne,isa maddi isaa
biyya biraa ta'e,sababa teekinooloojiin toleef namuu mooba'eeliin toleef filmiif
diraamaa gara garaa ilaaluun hidhii wali keessaa fuudhan kanaa isinitti hin
faakkaatin!....................

Isa ganama wali jaalatanii galgala wali jibban,afaaniin si jaaladha jechaa ,garaa
duwwaa,kaan bira dhaabbataa kaani ilaalaa,nama sadii yeroo tokko
keessumeessaa,kani Imoon,faecbookiin, telegramiif waan kana fakkaataniin
afeeraa ,deemani kanaa miti.Akkuma oli seeneen Ayyaantuu koo jirtaa jedhee ,na
dura teesserti waan ta'eef itti gadi jigee bira gadi taa'ee.Qilleensi qabbanaa'anii
baddaa cilaaloo, gaara mulataaf Tulluu diimtuu keessa fakkatuu wayii natti
dhufe.Urmiinis ijoollee waan ta'eef iddoma taa'uutti itti irkadhee taa'ee haasaa
babbareedaa,hasayaa........kolfaa qiqqilisaa.....taphana.....yoo sa'aan jahaaf
walakkaa ta'u barsiisaan Jaarraan waraqaa xiqqishu wayii harka bitaatti
qabatee,boronqii immoo harka mirgaatiin qabatee,gabatee ilaalaa oli
fiige.Barattoonis hundi keenya lafaa oli kaane,naga ooltanii barattoota jechuullee
dagatee ,dafaa......dafaa gara alaatti yaa'aa...........maqaa
barreeffadhaa..............qorumsa salphaa hunduu cufu wayiitti.Hunduu cufuuf

33
qophaa'a!......afaaniin jechaa harkaan haxxuu isaatiin gabatee shu...........
shu .............shu tolcha.

Nutis dafnee daptara keessaa waraqaa, bicii......biici.......gochaa maqaa


barreeffanee,dafee xumuree senaa...seenaa.....nu jedhe.Akkuma oli seenee gabatee
yoo ilaalu qorumsa salphaa barnoota herreegaa,gaaffii kudhan keessaayi Durseen
hojjadhee gaaffii kudhanaffaa yoon xumuru ,boonasii jedhee amala
paaraaleelogiraanii barreessi jedha.’A’hanga’_J;tti iddoo duwwaa
kenneera!......akkuma hanga kudhanii xumuree ,boonasii kana argeen harka
baasuun ,barsiisaa qorumsi meeqa keessaayi qabama jechuun gaafadhe. Qorumsi
kudhan keessaa qabama naan jennaan, maali boonasiinis kudhaniimi
jedheen!.......rakkoo hin qabu ,abbaa hojjateef hundaa qaba Hundee naan
jedhe........erga akkasi ta 'ee dhibba guutadha waan ta'eef jedhee qalama koo
qubaan gadi qabee hanga danda'u,itti gadi lakkise!..............."Tani fannoo fuudhaaf
tani ukataa buusee" jedha mammaaksi oromoo.Dafee xumuree waraqaa kennee
gadi bahe .Barsiisaanis na faanaa gadi siqee,asii hin fagaatin naan jedhe!....Anis
ammas afaan balbalaa dhaabbadhee ,meeqa dhabe?...kamiin dhabe?...dhibba cufe
kaa!.jechaa, kitaaba irra ilaalaa!........

Barsiisaan Jaarraan akkuma waraqaa barattoota irraa sassaabe gadi baheen Hundee
koottu mee jedhee harka na qabatee,gara kutaa guddicha misooma barsiisotaa
jedhamutiin na seene.Gammachuun koo dachaan dabaleera!Sababiin isaa waan ani
qorumsa cufeef barsiisaan duraanuu waan na jaalatuuf kanaaf naan deemare jedhee
yaadeti.Osoo akka yaadaniin,addunyaa kana irratti akkasiti namaaf milkaayee maal
qaba ?..kun uumamumaan hirdhuudha."Oli darbadhatti gadi darbattee lachuu
dhabdee lama rakkatee"jedhan.......

Yoo ani biiroo mataa oli kaa'u namoonni biiroo guutuudha.Namoota kanneen
keessaa,namni ani beeku barsiisotaa sadi qofatu jira.Namoonni kuuwwan hunduu
ija babaasanii na ilaalu.Sodaadheen ija lafatti gadi
qabadhe.Hundaafuu;,Hundee..........noor............noor.............noor..................naan
jedhan .Homaa hin jenne.Caldhifacheen gadi taa'e.Namuu gara koo
ilaala.Barsiisaan Jaarraa,dura bu'aafi namoonni sadii teessoo tokko irratti walitti
deebi'anii waraqaa qorumsaa koo ilaaalaa,waraqaa wayii ofi jalaa qabu.Kana
walitti ilaalu.Yoo kana shakke.Amma namoonni kuuwwan waan adda addaa na
gaafatu.Kun kutaa meeqa?..warra kami?....jechaa na haasofsiisuu. Xiqqoo

34
jennee....barsiisaan Jaarraan "Hundee"amma waan tokkoofi si barbaana.Innis
barataa cimaa,hayyuu kan nutis si jaalanuuf sitti amanu ta'uu ni beekta.Kanaafuu
waan nutti si gaafannu akkuma nuti si gaafanneti nuuf deebisi naan
jedhee...........osuma dubbii isaa addaan hin kutin itti fuufee........waadaa tokko siif
gala.Innis waan kana isatu hojjate hin jennennu.Namni tokkooyyuu hin
dhagahu.Asumati dhoksaan xumuraa jechuun ,gaaffii na gaafachuu
jalqabe..............

Waraqaan barraa'ee asitti manxaffame kun si'iin barraa'eera.Wantoonni akka ati


barreessite mulisan keessaa,ati barataa cimaa ta'uu,barreeffamni keetiin wali
fakkaachuun,namoonni sochii akka kee kakka'umsa qabu naannoo kana jiraachuu
dhabuun siin wali fakkaata jechuun,carraa siif kenneera naan jedhe.Amma namuu
fuula gara kootitti garagalfateera.

Ani dubbiin akka naaf dhufe,amma naaf gale.Kuni hojii kootii miti jedhee ofi irraa
jecha gabaabaan deebiseef.Kana namni naaf dhagahe hin jiru.Kuni
garanaan......Kun garasiin.......akka gaaffii qaxxamura mana murtii natti
roobsan.Kani kaanumaan deebisaa,waan narraa fuudhan dhaban.Osuma asii achi
na daddarban,saa'atii jahaaf walakkatti seenee,kudhan gahe.Amma dubbiin akka
warri yaadu dubbiin waan ta'uuf didee jennaan ammaaf mee nurraa bahi jedhanii
gadi na baasani.Ammasi xiqqoo turanii, malatanii mucaa abbeeraa kootii kutaa
shan baratu tokko barataa Jaatanii yaamatan.Akkuma yaamaniin waraqaa asitt
manxaffame tokko argitee jedhanii bifa aarii qabuun gaafatan.Jaataniinis baayisee
sodaataa,hin arginne jedhee deebise.Akkamitti......Eenyuun sobuuf......Hundaafuu
amma nutu barreesse, isa wajjiin barreessine hin jennee maafi waakkata jechuun
ija itti babaasan.Yoo kana Jaataniif dubbiin faallaa kun isaaf hin galle.Faallaan
warra faallaa barate qofaaf galti.Kanumaaf Jaataniinis duraanuu sodaa waan
qabuuf lakki ani hin barreessine,isumatu barreesse jechuun icciitii warri barbaadu
hunda gadi lakkiseef.

Amma saa'atii gala geenyaan daptara koo qabadhee gara manatti gale.Akkuma
mana gaheen uffata koo jijjiradhee gara looniitti bahe.Watara baldhaa keessaa
looni afoo dhaabbadhee,loon bobbaasuu,milishaan qawwee mintoofii jedhamu
tokko qabatanii,keessi isaa xiyyiitii qabaatee,dhabaatee hin beeku ,na bira gahanii
si barbaanaa gara mana barumsaatti beena naan jedhan.Tole jedhee osoo mataallee
hin marin fuulduratti gajeele.Yoo ani achi dhaqqabu obboleessa Jaatanii Jissaallee

35
milishoonni qabanii fidaniiru.Achi fidanii walitti nu qabanii warri garaa fuffurdaa
kun nu fuuldura taa'anii ,waraqaa wayii qabatanii waan hoojjatani kana mee
tarreessaa...................

Maali tarreessina......homtuu hin jiru.Homaa himuu hin dandeenyuu jenneen.


Galgala saa'atii kudha lamaa hanga saa'atii sadiitti dabaree dabaree nutti lufanii nu
qoratanis homaa nurraa fuudhuu hin dandeenye.

Waan nu godhan erga dhabanii booda ammaaf galaa ganama deebi'aa jedhanii gadi
nu lakkisan.Jissaa wajjiin gara ollaati gallee,maali gachuu nu wayya?...biyyaa
halkan kana bannuu laata?....warra keenya fixinnuu?...silaa mootummaan
toophiyaa kun seeraaf heeraan hin bulu waan ta'eef maatii keenya sababa keenyaaf
rakkisinnaa laata jenne yaadaa bulle.Rakkataniif gammadaniifis lafti dhiiteef
bari'uu,bariiteef dhihuu hin ooltu; akkuma jedhan sana amma lafti dhiite,maraafuu
bariite.Ganama barii barraaqa diqqoma iyya lukkuu asi dabarsanii,milishoon
gandaa dhufanii abbaa koo obboo Waaqjiraaf obboleessa isaanii,abbaa Jissaa
obboo Galgaluun qabanii deemaniin.Ahaa.....Ahaa......tani nu jenne geessee argitee
waliin jenne.Amma isaan fala wayii waan barbaadatan fakkaatu.Dhaloonummaan
dhaaba kanaatuu jalqabaa waa nyaatuuf nyaata irraa waan bu'uuraye waan
fakkaatuuf,maatii burjaajessanii loon nyaatuu murteessanii ,halkaniin guuranii,kun
warra sodaachisaa,kun jaarsummaa dubbataa,yookaani isin dabarsinaa,Kani waan
kana hojjate ijoollee keessan waan ta'eef waan hanganaa fidaa jechuun,naannoo
qarshii kuma shan,shanii harkaa saaman.Mootummaadha moo saamtota galaana
irraa biyyoota garagaraa taani ta'inuun gaaffii.........

Amma ijoollee keessan takkattii tana gorsaan bira dabaraa,uummata gandaa wali
gahii waamnee,achi gubbatti nutu hojjate...........nutu balleesse....................nutu
cabe.........doggogorree waan kana dalagne jedhanii yoo dubbatan,isin immoo oli
kaatanii uummata ee akkasuma kuni badii ijoollee keenyaati nuuf kadhadhaa
jettanii oli kaatanii dubbatu!......jedhanii gorsan.Isaanis silaa kan "Qotoyyoon
iyyitu qacceen iyyitii" jedhanii mitiree!..........tole jedhanii fudhatan.Saa'atii torba
gubbaa yoo ta'u uummata gandaa milishaan walitti osoo dhiiraaf dubartiin
,daa'imman xiqqoon hin hafin walitti guuranii ,barattootas mana barumsaatii walitti
qabanii ka'aa dubbadhaa waan hojjatani jedhanii oli nu kaasan.Maali waa
hannee?......warqama harka keenyaan barreesineemii?........mirga dubbachuuf abbaa

36
barbaadu filachuuf dhiisuu hin qabnuu?...jechaa mataa keenya keessa aariin nu
deemaa lafa oli kaane akka warri barbaadu sana hanqifnee dubbane.

Uummataan yaada kennaa jennaan ,namni obbo Heebanoo jedhamu tokko akkasi
jechuun mammaake"akka tokko jirti moluun akka tokko didde toluu" jechuun nutti
mammaake.Lafaa haa fixamtuu jechuu barbaade fakkaata!....

Uummani kuuwani nuuf kadhatannii hardhaaf lakkisaa jedhanii,biyyee


ciniinanii,harkaa nu fuudhan.Isaaniif balleessaa fakkaati.Anaaf garuu uummata
hammasii fuuldura na dhaabsisuun isaan anaaf bu'aa guddaa naaf buuse.Onnee na
jabeesse.Muuxannoo guddaa naaf buuse.Achumaan xumurannee gara barnoota
kootitti deebi'e.Guyyaa sana irraa kaasee maqaa mormaa jedhamu argadhe.Silaa
oromoo taatee ofi beektee,waa'ee kee dubbata,Saba keetii dubbata taanaani maqaan
mormaa jedhamu kuni siif kennaadha.Anas badhaasuma garee sanaatu na qunname
jechuudha.Ammas anaaf qorumsa jireenyaa biraatu na qunname.Kunis anaaf
gamanaa gamasii yaadoo cimaaf xiiqii cimaa natti gate!

Amma maali tolchinaan mormaa naan jedhan?dhugaa waan ani dubbadheef,jedhee


yaada'uuf tilmaamuu jalqabe.Achumaan seenaa darbani gaafachuuf iyyaafachuun
koo cimee itti fuufe..........tanumaan bara kanas dabarse.Filannoonis
filatame.Mootummaan gartuu wayyaaneetiin durfamu,ergamtuu opdotiin
raawwatamu,filannoo dhibbaan dhibbati mooneera jechuun ibsa baase.

Kani paartii morkattootaa ta'an keessattuu paartilee oromootaa kanneen akka


"KFO" fa'a miseensota isaanii ajjeessaa,hidhaa,iddoo buufata filannootii ari'aa,ofii
namni tokko hanga barbaade gartuu biyya bulchituuf itti guuraa ,dhibbaan
dhibbatti moo'anne jedhan!..................jechaa barnoota koo kutaa saddeetaffaaf
galmeen jalqabe.Anis akkuma barattoota kamittuu mana barumsaa deemee
galmaa'e.Akkuma galmaa'ee deebi'een abbaa koottiin dabtaraaf uffata naaf biti
jedheen.Osoo abbaan koo daptaraaf Uffatallee naaf hin binne abbaa koo obbo
waaqjiraa waliin wali dhabne.Abbaan koos sababa kanaaf osoo naaf hin bitin
harkifate.Anas dallansuun na qabate.Maaliif abbaan koo kana narratti raawwate ?
sababa ani haadha hin qabneefiim miti jedheen yaada'utti ka'e.Kanaaf furmaata
tokko baafadhee.Biyya kanaa baduun qaba jedheen murteesse.Akkuma
murteesseen hiriyoota koo Bariisoof Nageessoo qofatti himuun gara Roobee
Baaletti akka badaaru itti hime.

37
Isaanis ijoollee daa'imman dirraa tokkootti waan ta'eef homaa naaf gochuullee hin
dandeenye.Isaanuu maatii harka eeggatu waan ta'eef afaanumaan
xu..xu...xu.jedhanii hidhii xuuxatanii caldhifatan.Akkuma murteesseen guyyaa
sanbata xiqqaa ganamaan bahee,qe'ee warra haadiqoo kootii buleen deema jedheen
,miila koo gara laga waabeetti gadi qajeele.Deemsa koo itti fuufee,laga Kuree,
Totolaamoof Ashookaa bu'een gara ollaa warra haadiqoo tiyyaa,Weegee Duulituu
gara tulluu Ashookaatti oli bahe.Naannoo saafaa keessa saa'atii kudhanitti achiin
bahe.Akkuma achi gaheen nagaa gaafadhee,warris na reebbatanii,maaliif dhufte?
warri nagumaa ?maaliif si ergan jedhanii na gaafatan.

Lakki yaadeetumaan dhufe malee warri naguma isaaniiti jechuun dubbii koo
cufadhe.Warris haaluma gaariin na keessumeessaa ,waan adda addaa na
taphsiisaa,hin mukaayin,taphadhu jechaa na oo'isu.Ani afaaniin haa dubbadhuu
malee malee mataan herreega biraa keessa jira.Amma yoo ani biyyaa deeme
barattoonni ani hardha qu'achiisu na dursanii yoo argamani ani maali ta'uu kooti?
Maraafuu barnoota dhiisuu hin qabu,akkuma ta'e ta'een barachuun qaba malee
deemuun ammas garbummaa garbummaa jalaatti ofi kufisuudha jedheen
murteesse.Guyyaa lamaaf erga achi tureen booda deehi'een dhufe.Mana barnootaan
deemee hiriyoota koo irraa daptara tokko tokko fudhadhe.Abbaa luukii soddomaa
fa'a,abbaa luukii shantamaatiin jijjiachaa,barnootuma barsiisaan jalqaba nu
barsiisuun barreeffachaa,barnoota kootitti deebi'e.

Booda irratti abbaan koos kadhaa meeqaan naaf bite.Yeroo kana haadha gaafi
duraa kaani tufee biraa gale sana qaabadhe.Maaliif jennaan barattooni tokko tokko
waan kanas haadha kootu akkas naaf godhe yeroo jedhan dhagaha.Kanatu na
yaachise.Guddistuun koo akkayyoon koo Aadee Waariteen gara nama guddati
waan deemaniif yaadoo natti ta'e.Bobeen guyyaa duraanii bira darbe kuuni natti
dhagahame!......

Xiiqiif aariin mataa na kore.Osoma akkanatti xiiqii kanaan baradhu naannoo jiini
onkololeessa dhaqabe.Guyyaa tokko barataa hiriyaa koo akka malee wali
jaalannuuf yeroo hedduu kubbaalee waliin taphanu barataa Abdii wajjiin osoo
mana barumsaatii galu,muka guddaa Heexoo jedhamu tokko jalatti boqannee
teenuu,Abdii waa siin mari'achuu barbaade jedheen.Abdiinis tole maali ta'aree mee
natti himi ka naan jedhe.Tolee kaa waa'ee haadha kootii ni beekta.Eessumni koos
waan na godhe kanaan duras sitti himeen ture.Amma waan tokko gochuun

38
barbaade.Eessuma koo jala farda sangaa cimaa waan qabuuf wajjiin taanee jalaa
fudhannee,dhoksinee gurguranna.Mooba'eliilee bitana.Uffatas bitanaa,;hafuura
dhoksaatiin akka deemnu barbaadeeti jedheen.Abdiinis tole guyyaa nuuf qabi haa
deemnuu naan jedhe.Anis gammachuun tooftaaf mala ittiin deemu malachutti
ka'e.Abdiin guyyaan gabaa seeroftaa Jimaata waan ta'eef Jimaata akka deemu
murteessine.Akkasumaan Jimaata mana barumsaatii ganama saa'aa boqonnaa
irratti yaanee gara mana keenyatti qajeele.

Yoo ollaa manaatiin baanu abbaan koo salaata jumaa deemuuf dhiqachutti
jira.Maali jarana maaliif gidduun galtan barumsaatu hin jirree moo maaliif nuun
jedhe? Abdiin mucaa akkaan qaroof jabaa waan ta'eef lakkaa anatu hojii wayii
waan qabuuf eeyyama barsiisota kadhannee baanee.Amma isinitti himnee deemuuf
dhufne jedheen.Haa ta'uu kaa jechuun gara masgiida ofii salaataaf deeme.Akkuma
inni qajeeleen,nutis gadi qajeele.Gara mana abbalamicha kiyyaa obbo Aadam
Nabiitti haada inni hoolaan hidhatee,jumaaf deemeru irraa hiikkannee,deemsa
keenya takka jenne.lava waabee mirga keenyatti lakkifnee,laga korriftuu qabannee
qajeele.......

Naannoo saa'atii torbaatti laga guddeeyyessoo buune yoo baanu garaan nu


beela'e.Waan tanu dhabnaan,Abdiin asheeta qamadii digaluu sukkuumataa nyaataa
deema.Ani immoo sanaayyuu sukkuumachuu dadhabe.Qaranatu na
waraana.Kanaaf lakkisee Abdii dhuma daawwachaa deema.Abdiin akkuma
deemuun lafti hundi qonna waan ta'eef sukkuumataa osoma deemu saa'aa sagalitti
qe'ee warraatiin baane.Akkuma achi geenyeen lafa dhooqaa takka keessa gadi
gorsiisee manaaf faradas itti muldhise.

Ilaalee gara magaalaa seeroftaatti oli baane.Magaala seeroftaa yoo geenyu


uumanni guyyaa gabaa waan ta'eef asiif achi wali keessa shaamisa.Nuus daandii
gubbaa dhaabbanee olii gadi ilaala.Silaa beelli beelaa miti.Akka waan namni
hudhee na qabeetti kokkeen na hudhameera.Garraachi koo ammoo akka ibida
saafaa galabatti qabateetti na qabatee na boba'aara.Ciisuuf iddoo ciisu
dhabeera.Kadhachuuf akka ittiin kadhadhu walaale.Abdiin koottu asi teenya
jechuun iddoo ijoolleen kophee itti miicuti teessoo sana irra nu teesise.Osoma achi
teenyu mucaan ollaa waraatii ka'ee hoolota daldaalu Furii Haaji galgaluu kan
jedhamu dhufe.Abdiin dafee itti dhaqee Furii akkam nagayaa jechuun itti jiguun
dubbise.Furiinis Nahee maali maaliif biyya sana dhuftaniirtu maali gootu jechuun

39
nu gaafate? Abdiin dafee afaan afaan dhaqqaba waan ta'eef bar hattuun loowwan
Keenya fixee jennaan,guyyaa gabayaa,gabayaa,gabaa irra deemara.

Warri gurguddaan gara gabaa sidaama fa'a deemaniiru.Nu immoo asi nu erganii
jechuun deebiseef.Furiinis Rabbiin isinii haa galchuu jechuun,anis qarshii
hoolotaan bitee fixadheera waan ta'eef homaa hin qabu jechuun qarshii shanii nuuf
kennee deeme.Gammachuun waan taanu walaale.Keessaanuu ani gammachuu koo
waan safaruun hin beeku. Abdiin fuudhee mana daabboo tokko nu
geessee,daabboo hamma wayii gahu qarshii tokkoof saantima shantamaan ,shaayii
immoo saantima digdamii shaniin dhugne.Quufee uuf.....uuf jedhee ,ijji lafa na
argite.

Amma bobeen duraan natti qabatee ture kuun narra dhaame.Shaayii teenya
dhugnee hafuurri natti deebinaan,gadi baanee daandii irra deemuu jalqabne.Osoma
daandii gubbaa deemnuu saa'atiin salaata magariibaa gahee masgiidaa
azaaname.Nus Magiida deemne salaanee rabbiin kadhannee,banee uummatuma
gabaa galu wajjiin yaanee deemsa keenya itti fuufnee,saa'atii tokkoof walakkaatti
mana warraa biraan baane.Kaloo xiqqoon wayii mana warraa bira jirti waan ta'eef
achi seenee tetteene.Yoo saa'atii lama ta'u jiini ji'a birraa waan ta'eef qorri
hamaadaan birraa sun narratti gadi bu'e.Saa'atiin lamaaf walakkaa ta'eera.Ummanni
gabaa galu karaa gubbaa deddema.Ani amma qorraan ofi dadhabeera.beelli
guyyaas natti deebi'eera.Ilkaan koo lamaan wali cinniineera.Harki koo lamaan waa
qabachuu hin danda'u.Qaamni koo guutuun qabbannaa'era.Abdii ,ani amma
dadhabe,waan baaneefis raawwachuu danda'aa hin jiru waan ta'eef furmaani kiyya
maali jechuun gaaafadhe?Osoma haasofnuu eessumni koo kan maqaa sun
obbooDhibaan gabaa gale.

Dalla irra maree farda isaa daamaa sana hidhaa irraa jijjiiree gara manatti
gale.Xiqqoo tureen Abdiin amma deenaara jedheen.Lakki nu qabanii hin deemnu
uumanni karaa irra deemaaru kun haa dhaabbatuu naan jedhe.Lakkii Abdii ani
amma qorri kun na ajjeessu irra warri qabee na haa qolu malee akkanatti hin
du'u,dhugaaf baanee dhugaan sun nu haa galchitu .

Yoo dhugaa hin qabnee haa qabamnuu jechuun lafaa ka'ee gadi qajeele.Jiini adii
mitii qoree baasa. Abdiin na faanaa deemuu sodaatee na biraa hafe.Kutataan
homaafuu gadi hin jedhu waan ta'eef iddoo dhokannee bahee gadi qajeele.Balbala

40
eessuma koo yoon gahu warri hundi rafanii huursuu itti
fuufaniiru.Fuufuu........Fuufuuu.....jechaa hirriba oo'ifataniiru waan ta'eef,balbala
irra lufee daamaa xiribbaa irraa hiike gara Abdiin jirtuun oli deeme.Abdiinis akka
homaa akka na hordofaa him jirre erga mikaneefateen booda,fuula keessa na
dhufee daamaa narraa fuudhe.Ani immoo fiigichaan gara dallaa'atti qajeele.Kaara
banee dallaa keessa yoon seenu loon muraasaaf farada haalaan hin leenji'n
gamureessatu moonaa keessa jira.

Farda kana qabuuf yoon haada irra darbu fardi dalla keessa utaala.Abdiin ani turee
jennaan daamaa qabatee dhufee Dalla irraan natti hasaasuun ..dhiisii
bahi.........dhiisii bahi.........naan jedhe afaan ariitiif sodaa qabuun natti
dubbate.Anis dafee gadi bahe.Abdiin daamaa masakkee,goodda guddoo takkatti
siqee ,dhoqqee loonii fuudhee bilbila daamatti cufe.Bilbili duraan
qilili.........qilili........

qilili jedhu suni afaan qabatee duude.Abdiin haada afaanitti dhawatee ,dafii
duubaan natti huddeelamii jechuun utaalee irra bu'e.Anis duubaan utaalee duubaan
huddeelame.Jabeessi na qabadhu jechuun daamaa gara baha biiftuu gara tulluu
abaaramoo guddititti gadiin nu gulufe .Daamaan daamaadha.Hin gulufaamii alaatii
waaqa gubbatti qaba jedhan kan mammaakani kuuni farduma akkanaati
jechuudha.Lafti silaa guyyaa fakkaata.

Daandii miliksinee tulluu abaaramootiin yoo baanu kallattii naaneffannee daandii


gara laga gudeeyyessooti geessu qabanee gulufa keenyaan daaraa kaasaa laga
guddeeyyessoo geenyee hafuura baafanne.Amma eenyuuyyuu hordofee nu qabuu
akka hin dandeenye waan mirkanneefanneef daamaa afaan keessa bunne.Daamaa
irraa bishaantu rooba.Ana immoo forqoqquun eegee koo na fixuun ,eegeen dudda
harree madooftee na fakkaati.Abdii du'ee farda suuta ofi jedheen .Ahaa akkamitti
haa nu qabaniif suuta ofaa jechuun natti dheekame.Dhiirti sibiilaa ofitti cabsitii ati
kana dadhabdee obsi naan jedhee,ammas kallattii jijjiree daandii gaalama boroo
fidu qabatee nuun kaachise.Gara malkaa eelaa laga waabee bira geesse oli nu
deebise.Lafa baldhaa akka gogaa dhisanii gadi diriire kana keessa osoo daaraa
kaasuu gosa Keenya beebee seenee afaan keessa qabne.

Amma hattu osoo hin taane Abbaa looniif abbaa qe'ee fakkaaneera.Ammas hattuun
ofi hin amantu waan jedhaniif gosuma keenyaa amanuu dhabnee daandii gooroo

41
dhiifnee,laga korriftuu keessa goree ollaa keenyas irra lufnee ollaa mana
barumsaatti kani argamuufi,yeroo qorumsaa yeroo tokko tokko achi bulaa kan
qu'annu mana warra obboo Araarsootti irraa buunee,kana qoonii,qorriif forqoquun
na fixe farda lafatti hiinee ,kaloon mana barumsaa leemaniinii ijaaramteerti waan
ta'eef diigannee ibidatti kaa'annee ibida oo'ifachuu jalqabne.Yoo saa'aatii sadi
gubatti seeroftaa kaanee saa'aa afuriif digdamatti korriftuu seene.Lafti kun
walakkaa guyyaa tokkoo deemsisti ture.Garuu nu saa'aa tokkoof daqiiqaa muraasa
deemuun keenya raajiidha.Ibida akkuma nutti hoo'aa deemuun ,dadhabiif beeliif
dhukkubiin natti cimaa dhufe.Dadhabiinis humna koo hunda na qabateera.Akka
duraan karoorsine,osoo namni nu hin argini gabaa naannoo sidaamaa jiru magaalaa
Harbagoonaa jedhamtutti gurgurannaa jennee karoorsine suni na harkatti laafeera.

Mala dhahachutti ka'e.Obboo Araarsoo hirribaa kaasee ,ani xiiqiif haloo


baafachuuf farda tokko fuudheera .Maali gochuu naa wayya jechuu jechuun
gaafadhe.

"Bitata walaalanii gabayaa abaarani;"Himata walaalanii Hayyicha abaaranii "jedhu


mitiire?Araarsoonis nahee oli utaalee,gadi utaalee. Rabbumaan sodaadhaa narraa
deemaanii,jechuun bifa aariif dallansu qabuun nutti dubbate." Cittoo irrratti
fanxoo"natti ta'e.Hin tolti jennee sagannee homa tolellee hin agarree"jedhe jedhan
namichi haati manaa jalaa duunaan.Xiiqiif aariin boolla nama seensiftiin dubbii
akkanaa kana!........Akka yaadeefi haalli amma keessa jiru baayee wali faallesse.

Maraafuu ibida oo'ifannee,erga kaanee booda maali gochuu qabna jennee Abdii
waliin marii taasifne.Akkuma marii gooneen,Abdiin furmaata tokko arge
jedhe.Innis halkanuma kana deemnee magaalaa naannoo sidaamaa Harbagoona
jedhamtu geessinee gurgurannaa jechuun yaada furmaataa fide.Eeyyan haa ta'uu
kaa jennee wali itti galuun deemsa keenya tokko jenne saa'atii yoo ilaalu jaha
ta'eera.Ofuma jibbaa waanuma gochu dhabaaf qajeele.Xiqqoo ishee akuma
deemneen,Abdiin nama obboo Kennoo jedhamu tokkotti dhaqee,guyyaan gabayaa
Harbagoonaa yoomi laata beektu jedhee gaafate.Eeyyan sanbata xiqqaadha;maaliif
gaafata garuu jedheen?lakkaa eessuma koo kan gadabii jalaa hattuun loon wayii
fudhateerti waan ta'eef achi deemaa naaf iyyaafadhu nan jedhe waan ta'eef ani
guyyaaf karaalee asiin hin beekuu saniif isin gaafadhee galatoomaa
jedheen.Maarree Rabbiin isiniif haa qabuu guyyaanis borumaa............dandiin
immoo karaa heebanoo deemtanii daandii gara harka mirgaatti goru qabatanii gara

42
magaalaa Hoogisoo deemtan.Magaala Hoogisoo yoo geessan nama gaafatu
jechuun kallattii nuuf eere.

Eeruma isaa kana fudhannee deemsa keenya jalqabne.Amma fardallee nama


lamaan halkaniin yoo yaabbanne namatu nu qaba waan ta'eef Kore koree haa
yaabbannuu ati ammaaf yaabbadhu naan jedhe.Korriftuu irraa hanga beebee
Awwayyutti deeme.Beebee Awwayyuu hanga Tulluu Gaduuddaatti
yaabbate.Akkanumaan osoo deemnu magaalaa Heebbanoo seene.Akkuma obboo
Kennoon nuuf eereen daandii harka mirgaa qabannee deemne.Hamma takka yoo
deemnu mandara Hora sabbu jedhamu geenye.Dadhabbiin dadhabbii miti.Hirribni
ija keessa na nyaataara.Abdii ani dadhabee xiqqishuu isii boqannuu
jedheen.Eeyyan jedhee daandii irraa kaloo wayii keessa seenee,haada fardaa atilee
maradhu,anillee hin maradhaa jechuun harkatti marannee gadi cicciifne.Hirribni
nu butee...achumaan itti fuune.

Hamma tokko rafnee yoo oli jennu saa'atiin kudha lama gaheera.Simbirti waccee
fixateerti.Warri dunququun nu qabate,kan ijji keenya lamaan osoo addaanillee
harkifnee banamuu hin dandeenye lafaa oli kaanee deemsa keenya itti
fuufne.Amma akkuma nama ollaa kanaa deemaaru ati yaabadhuu haasayaa waliin
deemnaa jechuun ani farda yaabadhee ,Abdiin lukumaan deemsa magaalaa
Hoogisoo seen a madda laga waabee tan taate iddoo "Ilka" jedhamu yoo geenyu
,amma magaalaa keessallee hin deemnu;bilbila kanas dhoqqee keessaa baafnaa
irraa bu'i jechuun irraa na buusee bilbilallee dhoqqee keessa baasee cinaa magaalaa
nu qabuun magaalaa keessaa nu baase.

Ganama keessa saa'atii lama ta'eera.Amma garri deemnu waan nu harkaa badeef
maali akka tolchinu waan nu dhibeef ,Abdii kani adaadaa koo fuudhe obboo
Wotilleen naannoo kana kan jedhan dhagaheera waan ta'eef iyyaafannee bira yoo
deemne malee furmaata biraa hin qabanu jedheen.Osoo nuti akkanatti dhaabbanee
haasofnuu maanguddichi wayii ulee bordeefataa dhufe.Itti siquun maqaa nama
kanaa erga itti himneen booda...nutti akeeke.Akkuma inni nuuf akeekeen ollaan
baane.Ollaa geenye,naga gaafanee yoo jennu adaadaan ,addee Iftuun nutti gadi
baate.Anaa dhufu erga nuun jettee ,maali maaliif deemtu?.....akkamitti dhuftani?
jechuun raajeffatee nu gaafate?Gurbaa kanatu waa rakkatee farda kana gabayaa
Sidaamaa kanatti widdiidha jennaan achi fidee gurguradhaa ,fira keessaniin na gahi
waan naan jedheef silaa obbo Wottilee waliin akka gurguratuuf barbaadee jedheen.

43
Obbo Wottilleen firi isaa tokkotu wali dhabee jennaan yoo danda'e ni araarsaa
jechuun deemeera.Amma akkamitti deemturee? gabayaanillee isinirraa based
jechaa adaadaan gara karatti oli nu baastee osoo dhaabbannee haasofnuu
dargaggeessi ollaa warraa tokko dhufee akkam bultan jechuun erga nagaa wali
gaafataniin booda, eessa deemaarta Duubee jetteen?Duubeenis Harbagoona
deemuuf ta'a garuu him murteessinmaaliif na gaafataniree jedhe?Lakkii ijoollee
tanatu achi deemuu barbaadee karaaf afaanillee waan hin beekneefi rakkate.

Wottilleenis karaa deemee hin gallee kanumaaf jetteen.Akkas taanaani waliin haa
deemnuuree jedhe?Eeyyan........ Eeyyan.....jenneen.Duubeenis fuulaan ifee na
eegaa uffata jijjiiradha?jechuun gara manatti utaale. Nutis fuuli keenya aduu
birraa....birraa ganama gara gubbaan oli baatu fakkaata.Magagi jedheera.Jalaan
wali ilaaluu jalqabne.Addee Iftuunis Rabbiins isini qarqaare isuma wajjiin deemtuu
jechuun nuuf gammade.

Duubeenis akka waan uffata namni fuula keessa isatti fideetti fudhatee utaalaa
deebi'e.Haa deemnu kaa gabayaan ganama waan taateef dafnee deemuu qabna
jechuun nu sarde.Addee Biiftuunis nagayaan galaa galgala narra gortanii bultanii
deemtu waan ta'eef asi gortani malee hin deeminaa amaanaa jechuun nu birraa
deebite.Nullee Duubeen daandii irra buusee nuun qajeele.Ana lukti koo iitayee na
dhukkubaara.Abdii is namuma kutataaf jabaa waan ta'eef malee haalli keessoo isaa
jiru kanuma kootiin wali fakkaata.Ani Daamaa yaabbadhee isaan lafoo
deeman.Daamaan duraan hamma gaala gahu suni dafqee...dafqee....xuuxulloo
saree fakkaata!

Osuma deemnu magaalaa xiqqittii Booro jedhamu takka geenye.Duubeen


beela'eera jedheen .

Duubeenis koottaa jedhee mana daabboo tokko nu seensisee daabboo nuuf


bite.Nyaanee quufnee jaakeetii halkan qorraaf uffadhee ture galgala fudhadhaa
jechuun baafadhee warra sana bira kaa'achuun darbe.

Waa'ee haala gabayaa waliin haasayaa farda yoo gurgurtan qarshii dhibba sadi naaf
kennitu nuun jedhe.Tola kaa jechaa farduma dafii nuuf gurguri qofa malee waan
qarshii hin yaada'in jechuun dubbii jiru hunda icciitii baafnee itti odeesine.Deemsa
saa'aa torba ta'u irratti deemsa magaalaa Harbagoonaa yoo geenyu Duubeen farda
irraa na buusee,bilbila farda irraa jirus irraa kutee anaan kiisii kee keessa ka'adhu

44
jechuun afaan nu beeknu dhiiisee gara afaan sidaamatti tarkaanfaate.Aniif Abdiinis
ijumaan wali ilaalaa duubaan deemna.

Duubeen osoo dhaaba gabayaa farda hin geenye nama tokkotti goree,farda kana
kan gurguraaru ta'uuf farda hanna ta'uuis itti dubbate.

Namichis waan dalaalaa argadhe jechuun natu gurguraa rakkoon hin jiru jechuun
qabatee utaale.Innis qarshii ittiin bitus hin qabu;namni inni akka bituuf barbaadus
waan dhabe fakkaata deebi'uu didee ture.Osoma Duubeen Farda qabatee
dhaabbatuu daldalaan wayii dhufee ,afaan sidaatmaatiin farda in gurgurtuu
jedheen.Eeyyan ni gurgura jedheen.Gatiin isaa meeqaree jedheen .Duubeenis
gabayaa farda beekuu dhiisii waanuma guyyaa tokkollee lukkuullee gurguree
beeku hin fakkaata .Qarshii kuma himate!Yoo kana namichaas dubbiin waan
galeef fakkaata ,mee asi siiqaa jechuun kophatti nu baasee qarshii dhibba torba
jedheen .Nuti gurra qabnaa malee wanti dhageenyee hiikkaa kenninu hin jiru
;duudaan wali qixa!Duubeen kunoo namichi qarshii dhibba torba jedhaara waan
ta'eef haa gurgurruu nuun jedhe?....Ehee........Ehee......Ehee.....akkamitti kun
ta'a?...hin ta'u jechuun mormine.Shakkiin keenya Duubeen akka afaan hin beekne
waan nu beekuuf qarshii namichaan waliin galee nurraa muree jechuun
shakkine.Osoo wali morminuu namichi inni jalqaba itti himuu suni nama wayii
barbaadate

45

You might also like