You are on page 1of 1

Guyyaa 23-10-2013

Mana Murtii Ol’aanaa Godina Arsii Lixaatiif

Shaashamannee

Ol’iyyataan’- Obboo Abbaa Garoo Aagoo

Teessoon;- Aanaa G/Hasaasaa Ganda Buchoo Woqeenxaraa

D/kennaan A/Alangaa

Ol’iyyannoon B’uura S/D/F/Lakk 185,195 Ajajuun Kan Dhiyaateedha.

 Murtii komatame kan kenne Mana Murtii Aanaa G/Hasaasaati


 Guyyaan murtiin kenname 17-09-2013 lakk galmee 29322
 Galmeen Mana Murtii jalaa fuulli 35 walqabsiisee dhiyeesseera
 Yeroo oliyyannoo irra kan darbe ta’ullee hayyamsiisa oliyyannoo guyyaa 10 keessatti
akka dhiyeeffadhu dhaddacha gaafa 22-10-2013 ooleen naaf hayyamamee jira.

Falmii Mana Murtii Jalaatti Gaggeeffameefi Murti Kenname Ganaabinaan

Falmii kanaaf sababa kan ta’e A/Alangaa Aanaa G/Hasaasaa gaafa guyaya 25-03-2013
halkan keessaa sa’aatii 2:30 irratti ganda Buchoo Waqeenxaraa jedhamu keessatti Obboo
Awwal Ziyaad nama ulee shimalaatiin mataa dhahee buruqsee miidhe jechuudhaan na
himate. Anis dhiyaadhee gocha(yakka) ittiin himatame gonkumaa raawwadhee kan hin
jirre ta’uu koo ragaa ittisaa nama 3(sadi) qabaachuu ibsadhee mormadhee jira. Manni
murtii kanumarratti hundaayuudhaan ragaa bitaafi mirgaa akka dhiyeeffannu ajajee
ragaan abbaa alangaa dhiyeeffates haala ijoo himannaa abbaa alangaatiin narratti hin
ragne ragaan ittisaa nama 3(sadi) ani dhiyeeffadhe keessaa namni 2(lama) sa’aa gochi
yakkaa raawwatame jedhame sana ani gonkumaa bakka sana akka hin jirre naaf raganii
jiran. Ragaan ittisaa nama sadaffaa Obboo Loloo Shibbiruu jedhamus dhiyeeffadhee osoo
jiruu Manni Murtii jechi ragummaa isaa naaf caqasuu didee hubannoo gahaa tokko malee
adabbii daangaa waggaa lamaatiin haqa malee waam ma adabeef na komachiisee jira.

Ijoo Dubbii kiyya keessatti Naaf Xiinxalamuu Qabu

1. Falmii irratti abukaatoo bakka buufachuun akka naaf hayyamamu gaafadhee na


didee jira.
2. Ragaan ittisaa nama sadi(3) dhiyeeffadhee keessaa nama qaama seeraa ta’ee
Obboo Loloo Shibbiruu jedhamu beellama Mana Murtii irratti dhiyeeffadhee osoo
jiruu jecha ragummaa isaa naaf caqasuu diduun haqa miti dhiibbaadha.
3. Adabbiin narratti murtaayes haqaan maleefi olka’aadha.
Kanaafuu Seerummaa Mana Murtii Kana Gaafadhu.
Adabbiin mana murtii jalaa narratti murteesse bu’uura SDFY lakk 195tiin narraa
kaafamee bilisaan akka gaggeeffamuuf iyyataa hayyamsiisa oliyyannoo galmee
lakk 35186 ta’een dhaddacha gaafa 22-10-2013 ooleen naaf hayyamame fuula
1(tokko) walqabsiisee dhiyeeffadheera.
Mallattoo oliyyataa
_______________

You might also like