You are on page 1of 4

Sirba ka’a beeku jedha Oromoon yeroo mammaaku.

Namni jabaan ofiif maatii isaa jijjiiree


biiyyaaf abdii ta’u ganamaan qarama. Maatiin bakka ittii ijoolleen dhalatatan eenyummaan
isaanii bocamudha. Ijoolleen Maatii qareeyyii ta’an keessaa dhalatan qaxalee egeree biyyaaf
wabii ta’anidha. Kanumaafuu Maatiin bu’uura biyyaati jedhama. Kabajamtoota
dhaggeeffattoota keenya qaxalee keenya arraatiin Seenaa dargaggeessa ofii isaa fi maatii
isaarra darbee biyyaaf abdii ta’e tokkoo odeeffanne isiniif dhiyeessina.

MUSIC

Bara 1978 Obbo Gurmuu Badhaadhaa Ilma tokko argatan. Maarree akkuma aadaa Ormtichaatti
yeroo shan ililchanii ilma abbaa caalu ta’i jedhanii ollaaf firri eebbisanii Marqaa nyaatanii
shanan isaatti Gabiree jedhanii maqaa moggaasanii ba’an. Gabireenis akkuma ilmaan Qote
bulaa tuulamtichaa Ona Malkaa Adaamaa keessaa jiraatan guddataniitti Jaabbilee eegaa yeroo
umurii isaa jabaatu ammoo loon tiksaa guddate. Umuriin isaas barnootaaf geenyaan yeroo sana
naannoo isaanii manni barumsaa waan hin jirreef gara mana barumsa koolleejjii poolisii
jedhamu kan naannoo Abbaa Gadaatti argamu Km 5 miillaan imaluun Barnoota sadarkaa
jalqabaa barachuu eegalee achumatti xumure. Mana barumsaa sadarkaa lammaa hanga kutaa
kudhaniitti ammo Magaalaaa Adaamaa mana Barumsaa Koloneel Dajanee Simee jedhamutti
baratee Kutaa 10 xumure. Jibicha Korma ta’u aadarratti beeku akkuma jedhamu Gabireen nama
naannoo jiraatu xiyyeeffannaan ilaaluu fi hojii daldalaa irraa galiin argamuu danda’u qalbiin
hubachaa guddatedha. Maatiin dargaggoo Gabiree Gurmuu maatii qonnaan bulaadha.
Magaalaan Adaamaa Akkuma Guddachaa dhuftee gara gandoota baadiyyaatti akka malee
baballachaa guddatte, yeroo sanatti maatiin qonnaan bulaa irra heedduu lafa irraa oomishu
maallaqa xiqqoon gowwoomfamanii gurguraa turan. Obbo Gurmuu Badhaadhaa ammo
qonnaan bulaa Abshaalaa waan ta’aniif lafa isaanii eeggatanii tursan.

Upppppppppp waayee lafaa

Abbaan Koo akka guddadhee nama ta’uuf yeroo hundaa na gorsu. Namni jabaatee hojjete
biyyaaf wabiidha naan jechaa na guddisan jedha Dargaggoo Gabireen. Gorsii Abbaakoos
dhadhaabbata yeroo dargaggummaa naaf ta’ee akkuman barnoota kutaa 10ffaa
maallaqumama maatiin koo yeroo barbootaa naaf kennaa turan qusadhee hojii daldaa xiqqoo
eegale. Booda keessaa Magalaa Adaamaa Guddachaa waan dhuftee hojii dhiyeessii Meeshaalee
ijaarsaa hojii gaarii ta’uu hubatee daldala dhiyeessii meeshaalee ijaarsaa irratti bobba’ee
hojjechuu jalqabe.

Up Up up Up.

Suuta suuta Killeen lukaa deemti jedhama mitiiree Dargaggoo Gabireenis Naamusaa fi jabina
maatiin hojiif qaban galaa isaaf ta’e hojii dhiyeessii Meeshaalee ijaarsaa irraa gara Ijaarsaatti
seene. Maallaqa daldala Dhiyeessee ijaarsaa irraa argachaa ture qusatee maashinaroota
ijaarsaa bitachuun bu’aa ba’ii fi dhamaatii heedduu booda meeshaalee ijaarsaa guutachuun
hojii ijaarsaa jalqabe. Yeroo ammaa kana Maqaa dhaabbata Daldalaa Gabiree Gurmuu jeneraal
Contiraaktor jedhamuun hayyama ijaarsaa sadarkaa 4ffaa qaba. Pirojectoota gurguddoos
handhuura oromiyaa finfinnee dabalatee bakkeewwan garaa garaatti hojii ijaarsaa kana
hojjechaa jira. Kana malees Warshaalee Akka warshaa Sibiilaa, warshaa Qorqoorroo, warshaa
Ujummoo fi Warshaalee Copileksii nyaataa maqaama dhaabbata kanaan kaan isaanii hojii
keessa galanii jiru, kaan ammo Ijaaramaa jiru. Dargaggeessi kun dafqa xuruurfatee hojjechuu
isaatiin dargaggoota heedduuf maaddii nyaataa ta’uu danda’eera. Ilma Qaxalee biyyaaf abdii
ta’u jechuunis nama akksiisti.

UPupupup

Contiraakter Gabiree Gurmuu duraan ofii dafqinee hojjennee qabeenya horannee of jijjiirree
biyyaaf abdii ta’uuf illee baayyee rakkachaa turre, Ani ilma qonnaan bulaa waanan ta’e lafa
aabbaan koo qabu ofii kiyya investimentiin misoomsuuf seerri biyyatti nu dhorka ture.
Kanumaafuu osoo hojjechuu dandeenyuu harka marannee taa’aa turre, amma garuu Qonnaan
bulaanis ta’e maatiinqonnaan bulaa lafa Ofii irratti Investimentii hoojjechuu akka danda’au
labsiif waan nu deggereef dargaggoon kunis carraama kanatti fayyadamee hiyyummaa
biyyarraa ariyaa jira.

Success

Sot
Ilmi dhama’ee hojjetee hiyyummaa injifate biyyaaf wabiidha. Guddaa biyyaafis shoora olaanaa
qabaata. Dargaggoo Gabiree Gurmuu biyya keessatti hojjetee of jijjjiire kana keessatti hojiilee
tola oltummaa jajjabaa heedduu hojjetee dirqama lammummaa isaa ba’atee namoota biroof
illee fakkeenya ta’eera. Uummnni oromoo Naannoo sumaalee jiraatan waggoota shaniin dura
yeroo dabaan bakka jiranii ariyatamanii lammii isaanii barbaacha gara oromiyaa dhufanitti
Gabireen Adaamaatti Mana 15 ijaaruun lammilee isaa nama simatedha. Kana malees Yoo ollaan
nagaa bule atis nagaa taata yaadama jedhuun dargaggooota maatii harka qaleeyyii ta’an walitti
gurmeessuun Hojjetanii akka of jijjiiranii maatii isaanii jijjiiraniif Maashina Bilooketa oomishu
Lama bituun dargaggootaaf kennuun akka hiyyummaa injifataniif gumaacha godhee jira. Gama
biraatiin ammoo mootummaan manneen barnootaa bu’uura Boruu ijaaruuf karoora guddaa
baasee hojii keessa jiraachuun ni beekama, Maarree Dargaggoo Gurmuunis dirqama isaa
ba’achuuf birrii Miliyoona Afurtamaa ol baasuun Mana barnoota bu’uura booru tokko
istaandardii Mootummaan baase guutee hojjete ebulchiinsa magaalaa Adaamaatti dabarsee
kenneeera. Egaa Wabii biyyaa ta’uun akkasi.

Wiston Churchill, Namni yeroo lama deebi’ee muummee ministeeraa unuted kingdom ta’ee,
akkasumas barreessaa, akkasumas miseensa waraanaa biyyattii kan ture Milkaa’inni xumura
miti, deebitee kufuu dandeessa, akkasuma kufaatiinis xumura mit deebitee milkaa’uuu
dandeessa, jabinni guddaa isaan kana bakka irra jiranitt dhaabuu danda’uudha jedhe.
Dhugumayyu fiixee milkaa’inaa isa guddaarra geessee kufaatii hamaan si mudachuu danda’a,
kufaatii fi hiyyuma jibbisiisaa keessaas dhadha’attee kaatee fiixaa milkaa’aniirra ga’uu
dandeessa. Knaafuu milkaa’ina kee iddoorra turiisuuf jabinni kee murteessaadha. Dargaggoo
Gabiree Gurmuu Kufaatii tokkoon deemsa kee yoo dhaabde barabaraan hirkataa taatee jiraatta
jedheetu amana.

MUSIC

Mukti tokko ni aara malee hin boba’u. Hojii daldalaa keessatti nama amanamaa of biraa
qabaachuu qabda. Nama akkasii yoo of biraa qabaatte tasgabbooftee shakkii malee milkaa’ina
qofatti hojjetta. Gabireenis Fuudhee mana dhaabee jira. Haati warraa isaa Salamaawiti
Amaanu’eel jedhamti. Salaamaawitti dubartii jabduu akka sibiilaa milkaa’ina kiyyaaf qooda
olaanaa qabdudha jedha gabireen. Anis akkuma maatii kiyyaa ijoolleen boor horadhuuf
fakkeenya ta’uun qabaan hawwii Gabireedha. Maatiin koo naamusaa fi duudhaa Oromummaan
na guddisan Gabireenis kanuma ijoollee isaa dhaalchisuu barbaada.

Uppp

Dargaggootni keenya baayyee hojii tuffatu. Hojii madda galii qabu kamuu tuffatamuu hin qabu.
Biyyi keenya reefu biyya guddataa jirtuu ta’uu isaatiin carraa hojii guddaa qabdi. Dargaggootni
yeroo baayye baratanii xumuranii yeroo dheeraaf hojii barbaaduu irratti dabarsu. Kun kan
ta’eef hojiitu dhabamee osoo hin taane aadaa hojii filachuutuu rakkoo kanaaf isaan saaxile.
Gama birotiin ammoo abdii kutachuuf kufaaiif karra saaquudha. Namni addunyaa kanarratti
osoo gufuu isa hin mudatiin milkaa’ina guddaarra ga’e hin jiru. Darggaootaan maaloo abdii
kutachuu irraa kutadhaan dhaamsa Gabireedha. Xumure! Bara milkii qabaadha.

You might also like