You are on page 1of 2

Guyyaa__________________

Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Waajjira Bulchiinsa K/M/Kuraa Jiddaa tiif


Walgahoo Laga Barii.

Dhimmi:Deeggarsa akka nuuf godhamuu gaafachuu ilaala.


Akkuma beekamuu yeroo amma kana kallatti Mootummaan keenyaa kaa’een
tarkaanfii(Initiative) misooma addaa addaa baasuun hawaaasaa bal’aa Magaalaa fi Baadiyyaa
fayyadamaa taaasisuuf karooraa xiiqii keessattuu bara kana(2016) Inisheetivii Horsiisaa
Lukkuu fi Horsiisa horii Aannanii irratti Kuta Magaalaa Keenyaa keessatti hojii boonsaan
hojjetamaa jiruu kan dinqisiifamuu dha.
Kanuman wal-qabatee Ani Maqaan koo Obbo Aqiloo Mahaammad Siraaj Kan jedhamuu jiraataa
Kuta Magaalaa Kuraa Jiddaa Aanaa Walgahoo Lagaa Barii kan ta’ee Inisheetivii Mootummaan
misoomawaa keenyaa baasee itti hojjechaa jiruu kun fedhii guddaa waan nuu keessatti uumeef
yeroo amma kana Maatii koo waliin ta’uu Waldaa IMX Daraartuu,Aqiloo fi Hiriyootaa
isaanii jedhamuun gurmoofnee Iddoo xiqqoo Mana Jireenyaa Keenya Keessa qabuu irratti
Lukkuu baayinni isaa 1000(Kuma tokko) ta’ee galchuudhaan jalqabbiif hojii keessa gallee
jira.Garuu fedhiin keenyaa horsiisaa lukkuu fi horsiisaa horii Aannanii kana balinaan hojjechuu
waan barbaanneef iddoon itti hojjennuu immoo kanaaf mijataa waan hin taaneef akka dhalata
oromoo tokkotti misoomaa mootummaan keenyaa baasee kallatti maraan hawaasaa fayyadamaa
taasisaa jiruu kana irraa fayyadamaa ta’uuf deeggarsa keessan gaafachuuf dirqamne jirra.
Haa ta’uu malee yeroo amma kana iddoon nuti Itti hojjecha jirru moora mana jireenyaa keessaa
waan ta’eef baayyee nutti waan dhiphatee jiruuf lukkuuwwan kun haala mijata dhabuu irraan kan
ka’ee guyyaa guyyaan balaaf saaxilama kan jiranii fi gama birootiin mandarrii nuti itti hojjechaa
jiruu mandara mana jireenyaa waan ta’eef gama fayyummaatiin ana fi oollawwan koo irraatti
dhibbaa geesisuu waan danda’uuf isiniis fedhii misooma guddaa nuti qabnuu kana nuuf
hubachuun iddoo hojii horsiisaa Lukkuu fi Horsiisaa Horii Aannanii itti hojjennu gama
keessaniin akka jiraata tokkootti carraan akka nuuf kennamuu deeggarsa baratamaa keessan akka
nuuf gootaniif kabajaan isin gaafachaa;deeggarsa nuuf gootaniif dursinee isin galateeffanna.

Nagaa Wajjin
G.G
 Waajjira CHUO K/M/Kuraa Jiddaa tiif
Walgahoo Laga Barii
Iyyattoonni 1. Aqiloo Mahaammad Siraaj
2.Daraartuu Hasan
3.Gaaddisee Hasan

You might also like