You are on page 1of 4

Guyyaa 30/9/2015

Mana Murtii Ol’aanaa Go/har/Lixaatiif


Ciroo
Ol’iyyataan:- Mohaan Abdoo Tasbii
Teessoon:- Magaalaa Ciroo Araddaa Ifaa Misoomaa
B/Bu’aan; Abukaatoo kaabtaamuu Nigusee
Deebikennituun :- Dashuu Siraaj Hasanee
Teessoon:- Aanaa Ciroo Araddaa Wadeeyitii
Komiin ol’iyyannoo kun b/s/d/f/s/lakk.327tiin Murtii manni Murtii Aanaa Ciroo galmee
lakk.56472 irratti gaafa 19/9/2015 kenname komachuudhaan ol’iyyata dhihaateedha.
 Murtiin jalaa kan kenname Mana Murtii Aanaa Cirootti
 Guyyaan murtiin kenname gaafa 17/9/2015
 Lakk.galmee mana murtii jalaa56472
 Garagalchi galmee mana murtii jalaa fuulli 118 walqabatee jira.

Ijoo himanoo dhihaatee gabaabinaan


Himataan gaafa 25/9/2013 baajaajii lakkoofsi gabatee isaa 1-91554 taatee fi qabeenyummaan
isaa tan himatamaa taate yaabadhee gara Madhichoo imalaa osoon jiruu sababii ariitii irraa
ka’een baajaajiin naan gara galttee miidhaan miila kiyya irra waan gaheef baasii mana yaalaa,
galii addaan cite fi kan fuulduraa waliigala qarshii 881,000 (kuma dhibba sadeetii fi kuma
sadeetamii tokko) akka naaf kafalamu jachudhaan himata dhiheesee jira.
Tarree Deebii kiyyaa
1. Konkolaataan baajaajii tiyya uwwisa Inshuraansii qaama 3ffaa Dhaabbata Inshuraansii
Awaash Damee Cirootii waan qabduuf dhaabbanni kun gara falmitti makamee akka anaa
wajjiin falmee gahee isaa kafaluuf b/s/d/f/s/lakk.41tiin waamichi akka naaf taasifamuuf
gaafadha
2. Himattuun baajaajiin tiyya garaan galtee miidhamuun dhugaadha. Garuu bajaajiin garagaluu
kan dandeesse sababii daandii maramaa fi dhiphaa tahe irratti konkolaataan biro fuulduraan
natti dhufee lubuu namaa baasuuf yoon jadhu baajaajiin balaa humnaa olii tasa gaheen
garagalttee miidhaan salphaan irra gahee ture malee sababii balleessaa konkolaachisaa irraa
kan ka’ee miti. Konkolaataa imaltootaa irratti sababii balaa tasa gaheen imaltoota irra
miidhaan kan gahu yoo tahe akkaataa seera biyyattiitiin beenyaan kafalamuu qabu qarshii
40,000 (kuma afurtama) qofa waan taheef himannoon himattuun balleesaa bu’ura godhattee
dhiheesite deegarsa seeraa kan qabuu miti.
3. Hamma miidhaa himattuu irra gahee ilalchisee himattuun miilli ishee qofti waan miidhameef
ani baasii kiyyaan qarshii 150,000 (kuma dhibbaa fi shanatamaa) ol itti baasee Magaalaa
Adaamatti yaalchisee, baasii qorichaa, nyaataafi dhugaatiif barbaachisu akasumas re’es bitee
itti qalee yaalchisee fayyitee amma baasii ani baasee tureef sababii nagaheen mana yaalaa
maqaa isheetiin muramee harka ishee jiru qofaan sobaan ana himatte waan taheef manni
murtii kun himannoo sobaan narratti dhihaate kana kufaa akka narraa taasisun gaafadha.
4. Himattuunn duchumaan qarshii 250,000 (kuma dhibba lamaa fi shantama) baase jatti malee
qarshii kana maaliif akka baafte ragaan dhiheesite hin jiru, nagaheen mana yaalaa isheen
himannoodhaan walqabsiiftee dhiheesite qarshii 9796 (kuma sagalii fi dhibba torbaa fi
sagaltamii jaha) qofa waan taheef, baasii kanas anaatu kafale waan taheef himannoon
himattuun dhiheesite kan hafe soba.
5. Himattuu irra miidhaan dhaabbataan gahe waan hin jirreef beenyaan hamilee isheen gaafattu
deegarsa sera kan qabuu miti.
6. Himannoon lakkoofsa 3ffaa jalatti baasii nyaataa fi dhugaatiif nama tokkoof guyyatti qarshii
1500 (kumaa fi dhibba shan) ji’a torbf qarshii 315,000 (kuma dhibba sadii fi kudha shan)
nyaataaf jachuudhaan gaafatte ilalchisee, himattuun ji’a 7 guutuu dhukubsattee kan ciifte
tahuu baatus silaa dhukubsattee ciifte jadhamellee namni tokko guyyatii nyaata qarshii 1500
(kumaa fi dhibba shan) hin nyaatu, namonin biro hin dhukubsannee fi fayyaa qaban ammoo
sababiin ishee bira ta’aanii qallabamaniif hin jiru. kanaafuu himannoon gama Kanaan
dhihaate himannoo qalbii gaariin hin dhihaannee fi himannoo soba dhugaa irraa fagaate waan
taheef manni murtii kun kufaa akka narraa taasisun gaafadha.
7. Himannoo lakkoofsa 4ffaa jalatti himattuun baasii geejibaa qarshii 60,000 (kuma jahatama)
jachuudhaan dhiheesite soba. Himattuun Ciro irraa gara Magaalaa Adaamaa kan geeffamttee
Ambulaansii Mootummaatiin yoo tahu namoota ishee jala konkolaataa dhuunfaatiin
deemanii turaniif ani baasii geejibaa qarshii 10,000 (kuma kudhan) harkatti bakka ragaan
jirutti kenneetiifan jira.
8. Himannoo lakk. 5ffaa jalatti himattuun guyyatti galii qarshii 500 (dhibba shan) najalaa cite
jachuudhan himata haadhiheesituu malee murtiin ragaa hiyyummaa isheen galmeen
walqabsiiftee dhihaate mataan isaa kan jadhu himttuun nama hiyyeesa hojii hin qabne haadha
manaa, qabeenya re’e tokkollee hin qabne tahuu ragoonni isheen mana murtii kanaf
dhiheesite mirkaneesanii murtiin hiyyummaa kunis galmeen walqabatee jira waan taheef
manni murtii tokko ammoo himattuun hiyyeessa iddoo jimaa itti daldalanis hin qabne,
daldaltuu jimaa kan hin taanee fi hiyyeesa qabeenya re’ee fi lukkuu illee hin qabne tahuu
mirkaneesee murtii erga kenne booda himattuun tun daldaltuu jimaa guyyatti qarshii 500
(dhibba shan) argattu jadhee deebi’ee murteeseef waan hin dandahaamneef himannoo
himattuun sobaan dhiheesite kana kufaa akka narraa tahun gaafadha.
Seerumaan gaafadhu
Manni Murtii kun deebii kiyya kana seera roguma qabuun walcinaa qabee erga naaf
madaale booda himannoo himattuun sobaan dhiheesite kana kufaa narraa taasisee bilisan
akka nagaggeessun gaafadha.
Dhugaa tahuu b/s/d/f/s/lkk.92 mirkaneessa.

Guyyaa 13/03/2015
Mana Murtii Aanaa Cirootiif
Ciroo
Deebikennaan:- Mohaan Abdoo Tasbii
Teessoon:- Magaalaa Ciroo Araddaa Ifaa Misoomaa
Himataan:- Dashuu Siraaj Hasanee
Teessoon:- Aanaa Ciroo Araddaa Wadeeyitii
Tarree ibsa ragaa kun b/s/d/f/s/lakk.223tiin guutamee kan dhihaateedha.
Ragaa barruu
Waliigalttee Inshuraansii qaama 3ffaa Dhaabbata Inshuraansii Awaashii waliin taasifame fuula 1
hiika afaanii wajjiin deebii duraatiin walqabatee jira.
Ragaa namaa
1. Mohaan Abdoo
2. Farahaan Usmaan
3. Faamii Shamsadiin
4. Feesal Nagaash
5. Naasir Haaji mahaamadnuur
6. Aanaa Nuuree faa yoo tahaan teessoon isaanii Magaalaa Ciroo Araddaa Caffee Araaraa
waan tahaaniif waamichaan akka naaf dhagahaman gaafachaa yeroof ragaan qabu
kanuma
Dhugaa tahuu b/s/d/f/s/lakk.92 mirkaneesa.

You might also like