You are on page 1of 46

Baga Nagaan Dhuftan!

Leenjii Seera Yakkaa irratti Barattoota M/Bar.


Sad/2ffaatiif Kenname
Caamsaa , 2015
D/Dolloo
Qabiyyee Leenjichaa….

1. Seera Yakkaa fi Maalummaa S/Y


2. Yakkoota Dargaggootaan Raawwataman
3. Yakkoota Daa’immanii fi Dubartoota Irratti
Raawwatamanii Fi
4. Miidhaa yakkoota kanaan dhufan fi akkaataa ittisa
isaanii
Barbaachisummaa Leenjii kanaa
Yeroo ammaa kana Yakkoonni daa’immanii fi dubartoota
irratti raawwataman akkasumas Dargaggootni yakka
raawwatan waan baay’ataniif; yakkoota irra deddeebiin
raawwatamaa jiran maal maal faa akka ta’an; maalummaa fi
adabbii isaanii akkasumas miidhaa isaan nama dhuunfaa fi
hawaasa irratti fidan hubachiisuun dargaggootni gochoota
yakkaa kana irraa akka of qusatan gochuu.
Dargaggootni bu’aa gochaa isaanii hubatanii, Miirri itti
gaafatamummaa akka itti dhagahamu gochuu fi gahee
isaan irraa eegamu akka bahan taasisuu
Yakkaa fi Seera Yakkaa
Yakka fi Seera Yakkaa
Yakka fi Seera Yakkaa
Yakka jechuun maal jechuudha? Namni tokko yakka
raawwateera kan jedhamu yoo maal ta’eedha? Gochi tokko
yakka ta’uuf ulaagaaleen akkamii yoo guutamaniidha?
Yakka jechuun wanta seerri raawwadhu jedhe raawwachuu
dhabuu fi wanta hin raawwatin jedhe raawwatanii
argamuun fi gochi (commission) fi gochuu dhabuu
(omission) kun kan adabsiisu ta’ee seeraan yammuu
tumamuudha.
Ulaagaa yakkaa…
Gochi tokko yakka ta’uuf, ulaagaa 3 guutuu qaba:
1 Kutaa Seeraa; (ifatti barraa’uu qaba)
2 Kutaa Gochaa (raawwatamuu qaba)
3 Kutaa Yaadaa (itti yaadee ykn dagannoo)
• Ulaagaawwan 3’n walfaana guutamuu qabu.

Seera yakkaa jechuun seera…. Labsii yookiin


dambii gochoota yakkaa tarreessuu fi adabbii isaanii
waliin tumuudha.
Young offenders….
Akka seera yakkaatti Dargaggoota yakka raawwatan
kan jedhaman kanneen wag.15 fi 18 gidduu
jiraniidha (S/yakkaa kwt.56)
Dargaggootni yakka yoo raawwatan akka nama
ga’eessaatti ilaalamu.
Haa ta’u malee, yakka kamiiniyyuu yoo raawwatan,
adabbiin du’aa itti murtaa’uu hin danda’u /kwt. 117/.
Yakkoota Dargaggootaan
Raawwataman
A. Gudeeddii Fi Yakkoota Quunnamtii Saalaa Biroo

Gudeeddii (SY kwt.620)


 Kew 620/1: Namni kamiyyuu, dubartii tokko Gaa’elaan
alatti gocha Humnaan, Sodaachisuun, Of wallaalchisuun
Akka of irraa ittisuu hin dandeenye gochuun dirqisiise yoo
gudeede Hidhaa cimaa wag.5-15 tti adabama.
 Gocha quunnamtii saalaa fedhii fi bilisimmaa malee
raawwatamu
 Koorniyaa lamaan irrattiyyuu ni raawwatama kwt.621
Itti fufee….
Yakki gudeeddii sun miidhaa qaamaa ykn sammuu ykn
immoo du’a kan qaqqabsiise yoo ta’e himatamaan adabbii
umurii guutuutiin ni adabama. Kwt. 620(3)
Kanatti dabaluun yakkoonni gara garaa yakka gudeeddii
kana irraa ka’uun raawwatamanii argamuu ni danda’u.
 fkn, yakka dhukkuba daddabarsuu, butii, fi yakki
bilisummaa namaa sarbuu walfaana raawwatamuu waan
danda’uuf yeroo akkasii kana immoo akka yakka
dachaatti itti gaafatamummaan uumamuu ni danda’a.
Ulfa Baasuu…S/yakkaa kew. 545-552
Dubartiin tokko itti yaaddee (qoricha liqimsaa
fayyadamuun, meeshaa gara garaa fayyadamuun) ulfa
ofirraa yoo baaste; ulfa yoo addaan kutte hidhaa salphaa
hanga waggaa 3tti ni adabamti.
Namni biroo gocha yakka ulfa baasuu,…. (ogeessa yaalaa,
nama biroo) dubartii tokko irratti raawwate hidhaa salphaa
hanga waggaa 3tti ni adabama.
Daa’imma Gaa’ila Hin Geenyee Waliin Gaa’ila
Raawwachuu
Namni kamiyyuu ijoollee gaa’ila hin geenye kan fuudhe
hidhaa cimaa hanga waggaa 7tti ni adabama.
Namni daa’ima durbaa waggaa 13 fi 18 gidduu taate waliin
fuudhaa heeruma raawwate hidhaa cimaa waggaa 3 hin
caalleen adabamuu danda’a. S/Y keewwata 648
Daa’ima durbaa waggaa 13 gad taate waliin fuudhaa
heeruma yoo raawwate immoo hidhaa cimaa waggaa 7 hin
caalleen adabamu danda’a.
Yakkoota Qaamaa fi Fayyaa Namaa Irratti Raawwataman
Seerri yakkaa tumaalee mirga kana kabachiisaan
keewwata 555-560 jalatti tumee jira.
Miidhaan qaamaa fi fayyaa namaa irratti raawwataman
miidhaa qaama cimaa,(h/c wag.15tti) miidhaa qaama
salphaa, (h/s wag.3tti) miidhaa qaama daguun
raawwatamuu (h/s wag.3tti) fi harka darbuu (h/s ji’a 3tti)
raawwatamu yoo ta’an, yakkoonni tumaalee kanneen
jalatti tumamanii jiru
Dubartoota Cunqursuu Yookiin Gocha Gidirsuu
Saalaa (Sexual Harassment)
Cunqursaan yookiin gochi gidirsuu saalaa dubartoota
irratti raawwatamu: tutuqaa qaama fedhii fi miira foonii
kakaasuu, jechoota yookiin gochoota fedhii qunnamtii
saalaa qabaachuu ibsanii dubbachuu yookiin agarsiisu
mul’isuu dha.
Gochi kun dubartoota qaaneessuu yookiin yeellaasiisuu,
salphisuu ni danda’a.
Rakkoo fayyaa fi nageenya dubartoota irraan gahuu ni
danda’a.
Itti fufee…..
Gochi kun mana keessatti mana barnootatti fi iddoo
hojiitti raawwatamuu danda’a.
Gochi kun hiriyyaa dhiiraatiin, itti-gaafatamaan
(hogganaan) fi namoota birootiin raawwatamuu danda’a.
Adabbii yakkaa: hidhaa salphaa hanga waggaa 3tti
adabsiisa.
S/Yakkaa kew. 625; 560 fi 846
Gocha Sammuu Dubartoota Irratti Dhiibbaa Uumuu
[Psychological Violence]
Dubartoonni gocha sammuu isaanii miidhu irraa
eeggamuuf mirga qabu.
Yeroo hundaa itti fufiinsaan yookiin irra deddeebi’anii
jechaan qaneessuu ykn yellaassiisuu, jecha kabaja ishee
xiqqeessu itti dubbachuu, bahaa fi gala dhowwachuu;
karaa dabarsuu diduu, baay’atanii itti qoosuu, uffata ykn
qabeenya jala dhoksuu fi kallattii hundaan rakkisuu akka
gocha sammuu irratti dhiibbaa uumutti ilaallama.
Kanaaf seeraan dhorkamee jira.
Itti fufee…..
Gochi kun seeraan kan dhorkamee ta’u isaa
beekamaa dha. Kunis Biyyi keenya seerota idila
addunyaa akka seera ishee ta’eetti fudhattee hojiirra
oolchuuf dirqama waan qabduuf. Kana malees;
Gochootni kun bu’uura s/yakkkaa kew. 625; 580 fi
846 tiin adabsiisu.
Adabbii yakkaa: hidhaa salphaa hanga waggaa 3tti
adabsiisa.
Wal-Qunnamtii Saalaa Saala Wal-Fakkaatu Waliin
Taasiisuu (Homosexual)
Dhiirri tokko wal qunnaamtii saala daa’imma dhiiraa
umuriin isaa waggaa 13-18 ta’e irratti yoo raawwate
hidhaa cimaa waggaa 3-15 tti kan adabamu yoo ta’u,
gocha kana daa’immaa dhiiraa umuriin isaa waggaa 13
gad ta’ee irratti raawwate yoo argame immoo hidhaa
cimaa waggaa 15-25 ti adabamuu danda’a. S/Y 631
Daa’imma Karaa Seera Ala Ta’een Iddoodhaa Gara Iddootti
Naanneessuu (Child Trafficking)
Daa’imma gaa’ila hin geenye tokko hojii humnaa akka
hojjettu gochuuf jecha humnaan, sodaachisuun,
gowwomsuun, butuun yookiin, bulchaa yookiin guddisaa
isaaf maallaqa kennuun ykn faayidaa biraa kennuun
daa’imma go’achuun dhoksuun, naanneessuun biyyaa
baasuun yookiin biyya keessa galchuun hidhaa cimaa
waggaa 5-20ti nama adabsiisa.
Labsii Yakka Namaan Daldaluu lakk. 1178/2012
Baala Sammuu Nama Haddoochu Yookiin Narkootikii, Gaanjaa
Omishuu, Hojjechuu, Naanneessuu yookiin Fayyadamuu S/Y keew
525
Baala sammuu namaa hadoochu fknf narkootikii, gaanjaa
oomishuu, hojjechuu, naanneessuu ykn fayyadamuun yakka dha.
Keewwata 525(2-C) yakkaa kana raawwachuuf daa’immanitti
fayyadamuun yakkaan kan nama gaafachisu ta’uu tumee jira.
Kana malees yakka kana iddoo barattootni baratanitti, ispoortiif
gargaaramanitti mana barnootaa yookiin dhaabbata hawasummaa
keessatti raawwachuun hidhaa cimaa waggaa 1 (tokko) gad
hin taanee fi qar.2,000 hin caalleen nama adabsiisa. S/Y kew. 625
(2-D)
 Hanna….. s/y kew. 665
Namni kamiyyuu badhaadhina hin malle argachuuf yaadee
qabeenya nama biroo kaasee kan fudhate h/cimaa waggaa
5tti ni adabama.
Fknf suuqii cabsuu, horii hatuu, qabeenya karaa dura
jira dhoksanii fudhachuu, fi kkf
 Hanna Cimaa….. s/y kew. 669
Namni kamiyyuu badhaadhina hin malle argachuuf yaadee
qabeenya nama biroo, halkaniin yookiin gareedhaan
ta’uudhaan ykn meeshaa qabachuun qabeenya nama biroo
kaasee kan fudhate h/cimaa waggaa 5-15tti ni adabama.
Argatanii dhoksuu…. s/y
Namni tokko faayidaa hin malle argachuuf qabeenya
nama biroo dogongoraan, mudannoo tasaa hin
yaadamneen, haala biroo kamiiniyyuu fedhii abbaa
qabeenyaachaatiin ala harka isaa gale kan ofii isaa kan
taasise/nama biroof kan kenne h/saphaa wag. 3tti ni
adabama.
Fkn Osoo hin beekin mobaayiliin hiriyaa tokko yookiin
kan nama biroo akka tasaa harkaa isaa galee; namni harka
isaa gale immoo … namni ana hin agarre, anis ofii hin
fuune, narratti hin baramu jedhee yaaduun itti
fayyadamuu yoo jalqabe yakka ta’a jechuu dha.
Yak
koo
Du t a Da
bar a’ i m
Ra t oot ma
aw a Ir nii
wa r a f i
t am t t i
an
Barmaatilee Miidhaa Geessisan
Barmaatilee Miidhaa Geessisan Fayyadamuun
Dubartoota Ulfaa Miidhuu (Keewwata 561 fi 562)
Kittaanuu
Butii
Dubartoota Hojii Qunnamtii Saalaaf Bobbaasuu
Dubartoota kittaanuu (sy kwt.565)
Namni kamiyyuu dubartoota umurii kamirrayyuu jiran
kittaane hidhaa salphaa ji’a 3 hanga wag. 3tti ykn maallaqa
qar.500 gadi hin taaneen adabama.
Namoonni gochicha kallattiin raawwatanii fi namoonni haala
mijeessan yakkaan ni gaafatamu.
Gochi kun miidhaa qaamaa yookiin sammuu cimaa ta’e
dubartoota irratti kan geessisu ta’uun isaa wal-nama hin
falmisiisuu. Kanaaf seerri yakkaa namoonni gocha kana
raawwatan hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa shaniitti
adabamu akka qaban keewwata 566 jalatti tumee jira. Gochi
kun qaama yookiin fayyaa kan miidhee yoo ta’ee immoo
hidhaa cimaa waggaa 5-10tti adabsiisuu danda’a.
Butii… s/y 587
Namni kamiyyuu dubartii tokko fuudhuudhaaf ykn
gaa’ela ishee waliin hundeeffachuuf yaadee kan bute yoo
ta’e adabbii hidhaa cimaa wag.3-10 adabama. kwt.587(1)
Gochi butii humnaan, ykn immoo sossobbiidhaan,
gowwomsuudhaan, ykn humnatti fayyadamee ykn
sodaachisee akka isheen hayyamaa fi fedha ishee kennitu
taasisuun kan bute yoo ta’e yakkichi ni adabsiisa.
Yakki buttaa raawwatame dirqiidhaan gudeeduus kan
dabalatu yoo ta’e, shakkamaan ykn yakkamaan sun yakka
dirqisiisanii gudeeduutiin akka yakka daddabalamaatti itti
gaafatama jechuu dha.
Itti fufee….
Gochi butii raawwatamee miidhamtuu fi shakkamaan ykn
himatamaan gaa’ela kan hundeessan yoo ta’e iyyuu itti
gaafatamummaa yakkaa jalaa baasuu hin danda’u.
Miidhamtoota yakka akkasiif mirga beenyaa gosa lamaanii
kana akka argataniif seerri yakkaa bu’uura seera
rogummaa qabuun gaafachuu akka danda’aniif tumeera.
Dubartootaan Daldaluu S/Y 597
Dirqiin hojii hojjechiisuuf jecha, humnaan
sodaachisuun, gowwoomsuun, butuun yookiin
nama ishee bulchuuf maallaqa yookiin faayidaa
biraa kennuun dubartii filuu, qabachuu, dhoksuu,
iddoodhaa iddootti naanneessuu yookiin
daddabarsuu, biyyaa baasuun yookiin biyya keessa
galchuun hidhaa cimaa waggaa 5-20 fi qar. Kuma
50 hin caallee Nama adabsiisa.
Dubartoota Hojii Qunnamtii Saalaaf Bobbaasuu
Faayidaa argachuuf yookiin fedhii foonii nama biraa
guutuuf yaaduun dubartoota hojii qunnamtii saalaaf
bobbaasuu,kakaasuun, sossobuun, nama biraaf
dhiyyeessuun, daldaluun yookiin iddoodha iddootti
naanneessuun, yookiin mana hojiin qunnamtii saalaa itti
raawwatamu teessisuun hidhaa cimaa waggaa 5 fi Qr.
10,000 nama adabsiisa. Labsii 1178/2012
Mana ofii gocha kanaaf oolchuun yookiin kireessuun
yookiin gocha qunnamtii saalaa nama biraa irraa
fayyadamuun h/salphaa wag. 3tiin nama adabsiisa.
Labsii Lakk. 1178/2012
Dhugaatii Alkoolii Daa’immaniif Dhiyyeessuu Yookiin Kennuu

Seerri yakkaa dhugaatii alkoolii daa’immaniif


dhiyyeessuun yookiin kennuun keewwata 531 jalatti
yakkaan nama gaafachisa jechuun tumee jira.
Dhugaatii Alkoolii miidhaa fiduu danda’an yookiin
dhugaatiiwwan Ispiirtoo qaban dargaggoo gaa’ila hin
geenyeef dhiyyeessuun yookiin kennuun yookiin akka
dhiyyaatu yookiin akka kennamu taasiisuun fayyaa
daa’immaa balaaf saaxiluun hidhaa salphaa waggaa tokko
hin caalee fi qarshiidhaan nama adabsiisa.
Gochoota yakkaa …
Miidhaa Yakkoota Daa’immanii
fi Dubartoota Irratti
Raawwatamuu
Miidhaa/bu’aa gochoota yakkaa…
Naasuu garmalee, sodaadhaan weeraramuu yookiin
aariidhan guutamuu;
Mataa dhukkubbii;
Irriba yookiin boqonnaa dhabuu;
Waa’ee taatee/gocha raawwatamee irra deddeebi’anii
yaaduu;
Gadduu;
Dandeettii hojii ykn barumsaa gadi buusa
Mana barumsaa ykn hojii addaan kutuu;
Itti fufee…..
Gochootni kun dubartoota qaaneessuu yookiin
yeellaasiisuu, salphisuu
Rakkoo fayyaa fi nageenya dubartoota irraan gaha.
Abdii Kutannaa fiduu danda’a.
Baasii dabalataa;
Rakkoo Ilaalchaan dhufuuf nama saaxila.
Miira Haalo baafannaa namarra bulcha; gareedhaan yoo
ta’e hanga hawaasa guutuu diiguutti gahuu danda’a.
Itti fufee…..
Itti fufee…..
Itti fufee…..
Our Responses to crime committed on us
Of tasgabbeessuu;
Miira ofii to’achuu qabna;
Yakki dabalataa akka hin raawwatamneef jalaa dheessuu;
Eeruu kennachuun seeraaf akka itti gaafatamu gochuu;
ot a
a r t o
u b a
f i D k a
n i i Y a k
m a h a
’ i m o c
D a a t a G
s a t o o
b i i n a m
a
Q Mii dh
Daa’immanii fi dubartoota irratti gochi yakkaa yommuu
raawwatamu miidhaan qaamaa, sammuu fi hamilee isaan irra
gahuun isaa hin hafu.
Daa’imman sababa umurii isaaniin dhimmoota toora
galchanii dubbachuu waan hin dandeenyeef, dubartoonni
immoo gocha isaan irratti raawwatame ifatti dubbachuuf
waan qaana’aniif ykn saalfataniif mala addaa itti dhiyaatanii
dubbisan barbaachisa.
Gargaarsa Miidhamtoota yakkaa…
Gargaarsa barbaachisu hundumaa gochuufii qabna.
Miidhaa xiinsammuu irraa eeguu
Miira hin barbaachifne irraa akka fooyya’aniif,
tasgabbeessuu;
Eeruu kennuu, ragaa bahuu, odeeffannoo kennuu
Beenyaa akka isaan argatan gochuu
Miidhaa xiinsammuu irraa eeguu
Biyya Awustaraaliyaatti…
Itti fufee…
Miidhamaan jalqabaa mataa keenya; obbolaa ykn
obboleettiiwwan keenya akkasumas hawaasa guutuu nuti
keessa jiraannu ta’uu sirriitti hubachuu qabna.
Lammii miirri itti gaafatamummaa dhagahamu taanee,
dursinee gocha yakkaa irraa of qusachuu; yakka
raawwatame immoo eeruu kennuu; ragaa bahuu fi
odeeffannoo kennuu qabna.
Dhuma irratti, miidhamtoota yakkaatii gargaarsa
barbaachisu hundumaa goonee nagaa fi tasgabii hawaasaa
bakkatti deebisuu

You might also like