You are on page 1of 1

Yaada walii galaa

Seensa: Dhukkubbiin muuxannoo miiraa fi miiraa namatti hin tolle kan miidhaa qabatamaa ykn ta’uu
danda’uun walqabatee dhufudha. Itoophiyaa dabalatee biyyoota guddachaa jiran keessatti dhukkubbii
daa’imman kichuu to’achuu ilaalchisee beekumsaa fi hojmaati narsootaa gahaan hin jiru. Kanarraa ka’uun
qorannoon ammaa kun beekumsaa fi hojmaata narsoonni dhukkubbii daa’imman kichuu hospitaalota
mootummaa lixa Oromiyaa keessatti qaban adda baasuuf kan kaayyeffateedha.

Kaayyoo: Kaayyoon qorannoo kanaa beekumsa, hojii, fi wantoota dhukkubbii daa’immanii to’achuu
wajjin walqabatan narsoota hospitaalota mootummaa lixa Oromiyaa, Itoophiyaa 2022 keessatti argaman
madaaluu ture.

Mala: Hospitaalota mootummaa lixa Oromiyaa soddomii shan hundarraa, Caamsaa 1 hanga 30/2022tti
qorannoo kana gaggeessuuf dizaayiniin qorannoo qaxxaamuraa Dhaabbata irratti hundaa’e fayyadameera.
Hirmaataa qorannichaa filachuuf tooftaa salphaa tasaa saamuda fudhachuu fayyadameera. Xiinxalaaf
SPSS version 26 kan fayyadame yoo ta’u, istaatiksii ibsituu barreeffama, gabatee fi chaartiidhaan
dhiyaateera. Qabxiilee istaatiksii barbaachisoo ta’an adda baasuuf gatii-p <0.05 ilaalcha keessa galchuun
rigreesshiniin loojistikii jijjiiramoota lamaa fi jijjiiramoota baay’ee shallagameera.

Bu’aa: Qorannoon kun hojjettoota narsoota 203’ kutaa yaala cimaa daa’immanii keessatti hojjetan waliin
kan gaggeeffame yoo ta’u, deebii parsantii 98.5 argateera. Isaan keessaa narsoonni 62.6% dhukkubbii
daa’imma kichuu ilaalchisee beekumsa gahaa kan qaban yoo ta’uu, haala yaalii daa’imman kichuu
ilaalchisee hirmaattonni tokko ja’affaan 33(16.3%) hojii gaarii kan qabaniidha. Haala beekumsa narsii fi
leenjii dhukkubbii daa’imman kichuu to’achuu qabaachu gidduutti walqabsiisni guddaan mul’ateera.
Ogummaa narsootni yaalii daa’imman kichuu irratti qaban; sadarkaa beekumsaa (AOR, 3.3 CI: 1.14,
9.32), imaammata dhukkubbii ittisuu hojiirra oolchu qabaachu (AOR, 5.44, CI: 1.92, 15.37) fi
Yuunivarsiitii/kolleejjii keessatti koorsii barnootaa fudhachuu 2.55 (1.09-5.97) waliin Kan walqabate
ta’uusaa qorannon Kun Kan agarsiisuudha.

Guduunfaa fi Gorsa: Argannoon kun narsoonni dhukkubbii daa’imman kichuu to’achuu irratti
beekumsaa fi hoj-maata gahaa akka hin qabne mul’ise. Sadarkaan beekumsa narsii dhukkubbii
daa’immanii irratti qabu giddu galeessa ta’us, sadarkaan hojii yaala narsii dhukkubbii daa’imman kichuu
irratti qabu haala hin tilmaamneen gadi aanaadha. Kanaafuu, koorsii barnootaa yaalii dhukkubbii
daa’imman kichuu kennuu fi imaammata yaalii dhukkubbii raggaasisuun beekumsaa fi hojii narsoonni
dhukkubbii daa’imman kichuu irratti qaban fooyyessuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Jechoota ijoo: Dhukkubbii, yaalii, narsoota, dhukkubbii daa’imman kichuu, beekumsa, shaakala.

You might also like