You are on page 1of 11

OPC PGDFS curriculum

Kolleejjii Poolisii Oroomiyaa

Karoora Tor Xiinxala Fedhii Barbaachisumma Barumsa Fi Sirna Barnootaa Poostii


Grajuu’ettii Dippilooma Foreensik Saayinsii

Qopheessitoota:

1. KOM. Abdallaa Kadiir----------------------------- Walitti qabaa

2. Bars. Mittikuu Moosiisaa….----------------------Barreessaa

Bara 2016
Adaamaa, Itoophiyaa

1
OPC PGDFS curriculum

Karoora TOR Xinxala Fedhii Barbaachisumma Barumsa Fi Sirna Barnoota Poostii


Grajuu’ettii Dippilooma Foreensik Saayinsii

1. Seensa
Kolleejjin Poolisii Oromiyaa, barumsaa fi leenjiwwan hojii irraa fi hojiin alaa adda
addaa kennuun humna Poolisii naannichaa baay’inaa fi qulqullinaan horachu irratti
argama. Hoggansaa fi miseensotiin dandeetti barbaachisaa ta’e akka gonfatan taasisuun
fedhii humna namaa komishinichaa guutudhaan, nageenyaa Naannoo Oromiyaa
mirkaneessuuf, miseensota poolisii ogummaa adda addaatiin leenjisuun hojiitti kan
bobbasaa jiru ta’uun isaa beekkamaa dha.

Bu’uuruma kanaan, miseensoota poolisii naannichaatif barumsaa fi leenjii karaa


hammayyaa’aa fi haala yeroo waliin deemuu danda’uun kennuun barbaachisaa take
argameera. Kanumarraa ka’uun, barbaachisummaa barumsaa Poostii Grajuu’ettii
Dippilooma foorensik saayinsii fi sirna barnoota qopheessuu dhimma jedhu irratti
xiinxala qabatama gaggeessuufi qaama dhimmii ilaallatu bira gahuun akka
barbaachiisu beekkamadha.

Haalumaa kanaan, xinxallicha, adeemsiissuf ammoo haal-duree barbaachisan hunda


guutachuun barbaachisaa waan ta’eef dhimma kana milkeessuuf karoora TOR kana
qopheessuun barbaachisaa ta’ee argamee jira.

2. Ergama, Mul’ataa Fi Duudhaalee Kolleejjii Poolisii Oromiyaa


2.1. Ergama
Barumsaa fi leenjii ga’umsaa ol’aanaa gonfachiisu kennuudhaan humna poolisii uummata
hirmaachisee nageenya naannichaa mirkaneessu, heeraa fi seera biyyaatti kabajee kabaachiisu,
baay’inaa fi qulqullinaan horachuu, qo’annoo fi xinxala saayiinsawaa gaggeessun yaadota
haarawaa burqisiisuun ga’umsaa fi hoj-maata poolisii ittifufinsaan akka guddatu taasiisuu fi
tajaajila gorsaa fi haawasummaa hoj-imaata hojii poolisii bu’uureeffatee teeknolojiin
deeggaramee kennu.
2
OPC PGDFS curriculum

2.2. Mul’ata (Vision)


Bara 2022 tti ga’umsa hojii barnoota, leenjii fi qu’annoo hoj-maata poolisiitiin Kolleejjii Poolisii
Oromiyaa sadarkaa biyyaatti fakkeenya ta’e uumuu
2.3. Duudhaalee Ijoo /Core values/
 Ittigaafatamummaa  Qophaa’ina jijjiirama
 Iftoomummaa  Kutannoon hojjeechuu
 Ol’aantummaa heeraa fi seeraa  Hirmachiisummaa
kabajuu fi kabachiisuu  Qulqullinni ijoo leenjii keenyaati
 Icciitii eegguu
 Naamusni ol’aanaan ittin beekkamti keenya
 Leenji’aa leenjisuun kallattii keenya
3. Kaayyoo Gooroo
Kaayyoo karoorichaa, barumsaa fi sirna barnootaa Foreensik saayiinsii ilaalchisee fedhii
Komishinii Poolisii Oromiyaa fi dhimmamtootaa dhimmii ilaallatuu sakkata’uun fedhii
barumsaa fi leenjii foreensik saayiinsii addaa baasaanii mirkaaneessuun, sirna barnoota foreensik
saayiinsii sadarkaa Idil-addunyaatti fudhatame qabuu qopheesuun akka mirkaana’uu taasisuudha.
4. Kaayyoo Gooree
1) Fedhii barumsaa Poostii Grajuu’ettii Dippilooma foreensik saayiinsii akkaa Komishinii
Poolisii Oromiyaa fi dhimmaamtoota dhimmi ilaallatuu sakkatta’uun addaa baasuun
mirkaaneesiissu.
2) Sirna barnoota Poostii Grajuu’ettii Dippilooma foreensik saayiinsii qopheessuu
3) Sirna barnootaa Poostii Grajuu’ettii Dippilooma foreensik saayiinsii mirkaaneesiissu
5. Barbaachisummaa Karoorichaa
Qondaaltootaa fi Miseensoota Komishinii Poolisii Oromiyaaf qorannaa yakkaa irratti
hojjataniif leenjii fi barumsaa Poostii Grajuu’ettii Dippilooma foorensik saayiinsii kennuun
poolisii naannichaa dandeetti fi gahumsa ol’aanaa gonfachiisuu dha. Kunis
miseensotiin poolisii tajaajila si’oomina qabuu fi yeroon barbaadu seeroota fi labsii adda

3
OPC PGDFS curriculum

addaa deeggaramuun hawaasaa naannichaatiif tajaajila barbaachisaa ta’e kennuu akka


danda’an kan taasiissu dha.
Hojiin kana galmaan gahuf qaama dhimmi ilaallatu wajjin hojjachuu kan barbaachissu
yoo ta’u kanaaf jecha dursa fedhii dhimmaamtoota hubachuuf sakkatta’insa fedhii kana
kessatti akka hirmaatan gochuu murteesadha.
Kanaumrraa ka’uun, hojii kana qulqullinaan raawwachuun karoora, gaafii fedhii,
hooggansaa fi miseensootaa poolisii fi dhimmamtootaa addaa baasuu yeroo fi
sooriyaalee hojiidhaaf barbaachusuu adda baasuun murtii itti keennisiissuuf karoorri
TOR gabaabaa kana qopheessuun barbaachisee jira.
6.. Haala Raawwii Xinxala Fedhii Barumsaa Fi Sirna Barnootaa Foreensik
Saayiinsii
Kolleejjiin Poolisii Oromiyaa gosa barnoota adda addaa rakkoo nageenyaa fi hojimaataa Poolisii
fooyyeessaan kenna jiraachuun isaa ni beekama. Bara baajataa 2016 keessattiis barumsa
foorensiki kennuudhaf karoorfateetera.

Haalumaa kanaan fedhii dhimmamtootaa isaa jiddu galeessa godhachuun raawwachuuf haallii
raawwi kana adeemsiisuuf, jalqaba irrattii, karooraa fi gaaffilee sakkatta’insa qopheessuu,
mikaneesiissu, xalayaa dhimmamtootatti barreessuun xinxala kanaaf deeggarsa akka taasisan
gochuu, Odeeffannoo walitti qabu, odeeffannoo walitti qabamee qindeessuu, seeca’uu fi gabaasa
saakkatta’insaa qopheessuu akkasumass sirna barnootaa qopheessuun mirkaanesiissudha.

7. Daangaa Xiinxalichaa

Saakkatta’insii gabaabaa Kun kan haaguugu fedhii barumsaa fi leenjii, sirna barnotaa foreensik
saayiinsii , dhimmamtoota Kolleejjii Poolisii Oromiyaa sirnaa nagaa fi haqaattin walqabatan
kan bara hojii 2016 keessaa jiruu addaa baasuun sirna barnootaa foreensik saayinsii
taasisuufidha.

4
OPC PGDFS curriculum

8. Hojiiwwan Gurguddoo Hojjetamuuf Karoorfaman

1) Karoora hojii karoorsuun murtii itti kennisiissu


2) Af-gaafii, fi gaaffi saakkatta’insaa fedhii barumsaa fi sirna barnootaa foreensik
saayiinsii qopheessuu
3) Dhimmaamtoota komishinii fi kolleejjii poolisii oromiyaa fedhii barumsaa foreensikiitiin
walqabataan (hirmaatoota, eddoo, dangaa fedhii sassabbu) garee xiyyeeffannoo fedhii
barumsaa fi leenjii Poostii Grajuu’ettii Dippilooma foorensikii sakatta’uun adda baasuu
4) Malaa, fi akaakkuu odeeffannoo itti fuunanamu qopheessu
5) Baasii, lojastikii, yeroo hojiin itti raawwatamu addaa baasuun murtiif dhiyeessu
6) Rakkolee qunamuu danda’uu fi yaada furmaataa ka’uu
7) Hojiiwwan hojjataman sakkata’u fi gabaasa barbaachisaa ta’e gochaa deemuu.
9. Tarreeffama Hojiiwwan Hojjetamuuf Karoorfamani
8.1. Karoora Hojii Karoorsuun Murtii Itti Kennisiissu
Karoorri hojii kun karoora guddaa tarsiimoo fi karooraa waggaa, qorannoo, gorsaa fi
tajaajila haawasummaa kolleejjichaa irraa kan maddudha. Karooraa kunis, raawwii hojii
saakkatta’insaa fedhii barumsaa fi leenjii akkasumas qophii sirna barnoota kan illaalatudha.
Haaluma kanaan karoora kana keessaatti hojiiwwaan gurguddaa hojjatamanii fi hojjichaa
raawwachuu haal dureewwaan barbaachisan: yeroon hojiin fudhatuu, qaammootaa hojii
kanaa keessatti hirmaatan fi baasii barbaachissu haala ibsuun qopha’ee jira.

8.2. Gaaffiiwwan Saakkatta’insaa Fedhii Barumsaa Fi Sirna Barnootaa Foreensik


Saayiinsii Qopheessuu
Gaafii barbaachisummaa fedhii barumsaa foreensik saayinsii fi sirna barnootaa isaa irraatti
Hoggantoota fi Miseensootaa Poolisii Komishinii Poolisii Oromiyaa fi dhimmaamtootaaf
qopha’ee.
a) Hubannoo dhimma foreensik saayiinsii irraatti qabdan maaliidha?
b) Hojii keessan keessatti tajaajila foreensiik saayiinsii faayiidaan isaa maaliidha?
c) Tajaajiila haqaa fi murtii seera keesatti foreensiik saayiinsii fayyadamuu dhabuun
miidhaa maali qabaa?
5
OPC PGDFS curriculum

d) Rakkoolee qorannaa yakkaatiin poolisiitiin mudatan furuuf kolleejjiin poolisii


oromiyaa barnootaa fi leenjii foreensiik saayiinsii keennu qabaa?
e) Rakkoo gama qorannoo foreensiik saayiinsii uumamu hiikuudhaaf deeggaarsi
keessaan maaliidha?

8.3. Hirmaatota Sakkatta’insaa Xiinxala Fedhii


Hirmaatotin ykn dhimmamtoota sakkatta’insaa fedhii barumsaa foreensik saayinsii Kolleejjii
Poolisii Oromiyaa kennuu:

1) Komishinii Poolisii Oromiyaa


2) Komishiinii Manneen Sirreessaa
3) Bu/Nageenya Oromiyaa
4) Ab/Alangaa Waliigala Oromiyaa
5) ILQSO
6) Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Fi Godinaa
7) Kolleejjii Poolisii Oromiyaa fi manneen leenjii
8) Qajeelcha Poolisii godinaalee
Gabate Lakk 1 Dhimmamtoota Fedhii Barumsaa Foreensikiitiin Walqabataan

Lakk. Dhimmamtoota Ibsa


1. 1 Komishinii Poolisii Generaalaa komishinaraa KPO
Oromiyaa:7 It/A/Kom. Itti gaafatamaa Qajeelcha mumee Qo/Ya/fi
Mu/Ha/Kennisiissaa
It/A/Kom fi itti gaafatamaa Qajeelcha mummee It/Yakkaa
It/A/Kom Fi Itti gaafatamaa Qajeelcha Muummee Bu/Qab/Nama
Qaj/Mu/Qorannaa Taaktikaa
Qaj/Mu/Qorannaa teekniikaa
2. 2 Komishiinii Manneen Qaj/To’annaa Sochii Tiraafikii
Hogganaa
Sirreessaa = 2 Bu/Humna Namaa
3. 3 Bu/Nageenya Oromiyaa =2 Hogganaa
Bu/Humna Namaa
4. 4 Ab/Alangaa Waliigala Hogganaa
Oromiyaa =2 Bu/Humna Namaa
5. 5 Mana Murtii Waligala Hogganaa
Oromiyaa =2 Bu/Humna Namaa
6. 6 Kolleejjii Poolisii Oromiyaa Dareektara Ol’aanaa KPO
=3 It/A/ Dareektara Ol’aanaa Akkaadaamii KPO
Dareektara Barumsaa fi Leenjii Ol’aanaa KPO

7. 7 Qajeelcha Poolisii Godinalee Godina Shaaggar,(2) magaala Adaamaa (2)


=4

6
OPC PGDFS curriculum

8. 8 Arbaa Mincii Yuunivarsitii Yuunivarsitii akka biyyaatti dhimma foreensikii irratti barnoota
=2 kenna ture waan ta’eef muuxannoo jiru gaafachuu fi walii galtee
walii mallatteessuu

Ida’ama wali gala = 24+5= 29

8.4. Mala, Akaakuu Odeeffannoo Fi Madda Odeeffannoo


8.4.1. Mala Funaansa Odeeffannoo (Methods Of Data Collection)

A. Af-gaaffii

Af-gaaffii caaseffame fi hin caaseffamne sadarkaa dhimmamtoota Kolleejjii Poolisii Oromiyaa


akka dhiyaatu taasisuuf qajeelchi af-gaaffii gaaffiiwwan 5 of keessaa qabu qophaa’ee hojiitti ni
galama. Af-gaaffiin erga qophaa’een booda It/A/Daareektara Daarektooreetii Qu’annoo,
Qorannoo fi Tajaajila Gorsaa fi Hawaasaa Kolleejjii Poolisii Oromiyaatiin akka mirkanaa’u ni
taasifama. Erga Mirkanaa,ee booda meeshaa sagaleen itti waraabbamu kolleejjicha irraa
fudhachuu fi xalayaa deeggarsaa kolleejjicha irraa fudhachuun fi qajeelchoota godinaalee
Poolisii Oromiyaa deemuun dhimmamtoota Kolleejjii Poolisii Oromiyaa baayinni isaanii 21
ta’aniif akkasumas Koree Manaajeementii Kolleejjii Poolisii Oromiyaa baayinni isaanii 3 ta’an
Waliigala 24 waliin af-gaaffiin ni taasifama.
8.4.2. Mala Qaaccessa Odeeffannoo (Method of Data Analysis)

Xiinxala kana keessatti malli odeeffannoon itti caacceffamu ilaalchisee odeeffannoowwan af-
gaaffiin fi gaafii barreeffamaa irraa kan argaman waan ta’eef, odeeffannoowwan madda irra
argaman fi danda’anii akka qaacca’anii ni taasifama.

Odeeffannoowwan Af-gaaffiin argaman Koree mgt Komishinii Poolisii Oromiyaa, Komishiinii


manneen Sirreessaa,Bu/Nageenya Oromiyaa, Ab/Alangaa Waliigala Oromiyaa, fi Kolleejjii
Poolisii Oromiyaa irraa funaanamanii erga dhufanii booda Af-gaaffii tokko tokkoon isaanii
SPSS fayadamuun Odeeffannoo qaaccesuun ibsi ni taasifama.

Odeeffannoowwan, af-gaaffiin funaanamanii ilaalchisee duraan dursee odeeffannoowwan af-


gaaffiin argaman sagalee Waraabduu irraa gara koompiitaraatti akka gara galu taasifama. Itti
7
OPC PGDFS curriculum

aansuun sagalee koompiitara irratti gara galee tokko tokkoon erga dhaggeeffatameen booda gara
barreeffamaatti akka jijjiiramu ni taasifama. Sagaleen namoota gara barreeffamaatti erga
jijjiiramee booda kan itti aanee dhufu yaada hirmaattotaa tokko tokkoon dubbisuun maal jechuu
isaanii akka ta’e of gaafachuu ta’a.

Dubbisa yaadota walitti dhiyaatan iddoo tokkotti gurmeessuun akkaataa af-gaaffiiwwan ka’an
keessaa kamiin deebisuu danda’an jedhuun waliigalaa isaa hubachuuf ni yaalama.odeefanowwan
hangamtaa ilaalchisee SPSS keessaa galchuun bu’a isaa dhibbentaadhaan af-gaa fi barreeffamaa
faana kan ibsamu.Dhuma irrattis, odeeffannoo madda adda addaa irraa argame wal bira qabanii
ilaaluun (triangulation) argannoo irra ni ga’ama.

8.4.3. Akaakuu Fi Madda Odeeffannoo

A. Odeeffannoo Duraa (Primary Data)

Xiinxala kana keessatti Odeeffannoo duraa kessaa af-gaaffiin (caaseffame fi hin caaseffamne)
qophaa’ee dhimmamtoota filataman irra bifa af-gaaffii fi bar-gaaffiin kan walitti qabamu ta’a.
B. Odeeffannoo Sadarkaa Lammaffaa (Secondary Data)

Kitaabonni fi interneetiin dhimma fedhii xiinxala barumsaa fi leenjii foreensik saayiinsiin walitti
dhufeenya qaban dubbisuun. Dabalataanis, toora interneetaa fayyadamuuf yaaliin ni taasifama.

8.5. Baasii fi Lojastiksii Barbaachisan


8.5.1. Baasii Barbaachisu

Hojii Haal-duree Kana hojjechuuf Humna Namaa, Baajataa fi Lojistikiwwaan Adda Addaa Barbaachisan:-
Lakk Hojii kana Qarshii
raawwachuuf humna Baay’inna Gatii tokkoo waligalaa Madda
namaa fi gosoota barbaachisu barbaachisu Baajataa
meeshaalee

1. Durgoo Oolmaa 2 549 X 2 X 15= 16470 KlPO


2. Faasiliitii Akkaayyii, fi Guyyaa 15 , a) Qursoo/ 1200
bishaanii dhugaatii Namoota 2 f akaayyii 3 kg=
(3X400=

8
OPC PGDFS curriculum

b) Bishaanii 1/2x 600


2.15=60
(10 X 2 X 15)=600
Ida’ama 18270

Walumaa galatti hojii qophii Projektii Giddu gala Foreensik Saayinsii kanaaf Qarshiin
18270.00 (Kumakudha saddeettiif dhibbaa lamaa fi torbatama) qofa kan barbaachisu
waan ta’eef qarshiin kun dursee akka qophaa’uu danda’u karoora TOR kana
qopheessinee yaada murtee MGT Kolleejjichaatiif dhiyeessinee jira

9.5.2. Lojastiksii

a) Waraabduu Sagalee
b) Rifreeshmentii ( Buna, shaayii, Bishaan fi akaayii
c) Konkolaataa
d) Qaama hojii kana raawatuuf durgoo oolmaa kan barbaachisu ta’u

9.6. Rakkoolee Mudachuu Danda’anii Fi Fala Isaanii


9.6.1. Rakkoolee nu Mudachuu Danda’an

 Qaamolee hojii keenyaaf barbaachisoo ta’an yeroon argachuu dhabuu.


 Kolleejjiin yeeroodhaan geejiba kan hin ramadne yoo ta’e akkaataa barbaachisaa
ta’een iddoo barbaadame yeroon gahuu dhabuu,
 Maamiltoonni keenya af-gaaffii dhiyaateef kallattii qoraatooni barbaadeen hubachuu
dhabuu fi af-gaaffii kennameef yeroon deebisuu dhabuu,
9.6.2. Fala Rakkoolee Uumamuu Danda’anii
 Qondaaltota ykn miseensota bakka bu’anii jiranitti fayyadamuu,
 Kolleejjiin geejiba yeroo yeeroodhaan akka ramaduuf waliin dubbachuu
 Qoratoonni Kollejjii irraa Af--gaaffii fudhatanii deeman naannoo sanatti argamuun
hubachiisuu fi kallattii qabsiisuu
 Qaamaa ilaallatu waliin hubannoo uumuun rakkoo dhufuu danda’u hiikuu.

9
OPC PGDFS curriculum

GAB LAKK 2 : Yeroo Hojiichi Itti Jalqabamuu Fi Itti Xumuramu

Lakk. Hojiiwwan Gurguddoo hojetamuu qaban Guyyaa Guyyaa Ibsa


jalqabamu Xumuramu
1 Karoora Fedhii qo’annoo hoggansaaf qopheessuu fi 25/01/2016
dhiyessuu,
2 Af-Gaffii qopheessuu 28/01/2016 30/01/201
3 Hogganaa dhiyoo jiruuf karooraa fi gaaffii qopha’e 04/02/2016 05/01/2016
dhiyeessuun Yaada itti kenisiisuu,
4 Yaadaa fi sireefama kenname Fudhachuun sirreessuu 06/02/2015 8/02/2016
5 Af-gaaffii qopha’ee qabachuun, ragaa funaaname gosa 09/02/2016 10 /02/2016
gosaan qooduun addaan baasuu
11 Yaada gabaasa irratti kennamee itti dabaluun 11/02/2016 12/02/2016
foyeessuu
Qophii sirnaa barnootaa jalqabuu fi xumuruu 16/02/2016 18/02/2016

10. Yaada Xumuraa


Kolleejjiin Poolisii Oromiyaa xinxala fedhii qo’annoo bara 2016 dhimmamtoota Kolleejjii
Poolisii Oromiyaa addaan baasuuf karoora hojii bara 2016 keessatti kan qabate yoo ta’u,
akkaataa karoora qabameen hojii barumsaa fi leenjii barumsaa foreensik rakkoo hojii sirna haqaa
fi nagaa hiikuu danda’uu irratti barumsaa keennuuf dursa xiinxala fedhii gaggeesuun
barbaachisuma barumsichaa addaa baasuun barbaachisaa ta’e argameera.

Kanaafuu xinxala fedhii barumsaa fi leenjii foreensik saayinsii bara 2016 keennuuf karoorfatee
irratti hunda’uun af-gaafii qopheessuun, tooftaa fi burqaa daataa argachuun danda’amu addaan
baasuun ragaa barbaachisaa ta’e argachuuf kan dandeessisu karooraa fi propoozaala xinxala
fedhii Xinxala fedhii barumsaa fi leenjii foreensik saayinsii bara 2016 dhimmamtoota Kolleejjii
Poolisii Oromiyaa addaan baasuuf, akkasumas sirna barumsaa fi leenjii foreensik saayinsii
qopheessuuf karoora qopha’edh.

10
OPC PGDFS curriculum

Qaama qopheessu

______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________

Maqaa_____________________________________
Mallattoo__________________________________

Guyyaa____________________________________

Yaada Murtee Qaama Ol’aanaa

______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________

Maqaa_____________________________________
Mallattoo__________________________________

Guyyaa____________________________________

11

You might also like