You are on page 1of 12

Guyyaa 29/09/2014

Mana Murtii Ol’aanaa Go/har/Lixaatiif


Ciroo
Deebikennaan: Dhaabbata Inshuraansii Madin itoophiyaa
B/Bu’aan:- Abukatoo Kaabtaamuu Nugusee
Himataan:- Dhaabbata Kubbaaniyaa Inshuraansii Afrikaa
Teessoon:- Magaalaa Adaamaa
Deebiin kun bu’ura s/d/f/s/lakk.234tiin himannoo himataan galmee lakk. 62482 taheen
nurratti dhiheeseef deebii dhihaateedha.
Ijoo himannoo gabaabinaan
Himannoon dhihaate gabaabumaan kan jadhu konkolaataan Lakk.Gabatee isaa AA 03-01
A22102 tahee fi qabeenyumaan isaa kan himatamaa 1ffaa tahe gaafa 7/11/2013 Go/Har/Lixaa
Aanaa Gumbbii Borddodee keessatti Konkolaataa qabeenyummaan isaa maammila himataadha
nama Yohaannis Dammalaash jadhamu Lakkoofsi Gabatee isaa 3-B06747 AA tahe sababii
ofeeggannoo gochuu dhabuu konkolaachisaa himatamaa 1ffaa irraa kan ka’e rukutee miidhaa
waan irraan gahee tureef baasii konkolaataa maammila isaa kana suphisiisuuf baase qarshiin
422,679.21 akka naaf kafalamu jachuudhaan himannoo dhiheesee jira.
Mormii sadarkaa duraa .
1. Himataan himannoon dhiheesaa jiru maammila isaa bakka bu’ee baasiin suphaa konkolaataa
maammila isaatiif taasifame akka naaf bakka bu’u jachuudhaan himata kan dhiheesse haa
ta’uu malee konkolaataan maammila isaa suphamttee harka maammila isaa seenuu fi
maammili isaa suphaa taasifameen itti quufuu isaa (satisfaction letter) wantti himannoon
walqabsiisee dhiheese hin jiru. Bakka kun hin jirretti ammoo himataan kun maammila isaa
bakka bu’ee himannoo dhiheesuuf mirga hin qabu.kanaafuu himannoon kun
b/s/d/f/s/lakk.33(2) fi 231tiin akka haqamu gaafanna.

Tarree Deebii Keenyaa


2. Konkolaataan himatamaa 1ffaa (maammila keenyaa) lakkoofsi gabatee isaa 03-A22102 AA
tahe dhaabbata keenyatti uwwisni Inshuraansii qaama 3ffaa gaafa 8/8/2013 (Ebla 16/2021)
kan seene yammuu tahu waliigalttee inshuraansii uwwisa waliigala kan seene ammoo gaafa
13/1/2014ti. Kana jachuun gaafa balaan falmii kanaaf sababa tahe kan gahe ammoo gaafa
7/11/2013 tti. Kana jachuun gaafa balaan konkolaataa falmii kanaaf sababa tahe kan gahe
ammo gaafa 7/11/2013 akka tahe himannoo dhihaate irraa nihubatama. Balaan konkolaataa
falmii kanaaf sababa tahe kun yeroo himatamaa 1ffaan uwwisa inshuaansii qaama 3ffaa qofa
dhaabbata keenyaa wajjiin qabutti kan gahe yoo tahe ammoo daanggaan ittigaafatama
dhaabbata keenyaa balleessaa konkolaataa maamila keenyaatiin qaama 3ffaa irra gahuuf
dhaabbanni keenya kafaluuf ittigaafatama waliigalttee irraa maddu qabu qarshii 100,000
(kuma dhibba tokko) qofa akka tahe waliigalttee isnhuraansii keenya irratti ibsamee jira
waan taheef falmiin himataan ittigaafatama gamtaa fi qeenxee qaba jachuun dhiheese bu’ura
seeraa kan qabuu miti.
3. Himannoon himataan dhiheesse ka’uumsi balaa konkolaataa falmii kanaaf sababa tahe
ofeeggannoo dhabuu konkolaachisaa himatamaa 1ffaati jachuun alatti konkolaataan
maammila isaanii kallattii kami garam akka deemaa ture, konkolaataan himatamaa 1ffaa hoo
garamii kallattii kamiin deemaa akka ture, haala kamiin konkolataan lamaan akka waliti
bu’aan wanti ibsu tokkolleen hin jiru. Himannoo tokko ammoo yeroo dhihaatu haala balaan
itti gahee fi haala kamiin ofeeggannoon godhamuu akka dhabe, haala kamiin gochi
konkolaachisaa himatamaa 1ffaa badii akka itti tahee fi beenyaa kafaluuf ittigaafatamni akka
itti dhufu ifatti himannoo dhiheesuu qaba. Bakka himannoon kun ifaa tahee hin dhihaannetti
deebii sirrii laannee falmachuuf akka malee nurakisa, manni murtii kunis murtii haqaa
kennuu hin dandahu. Kanaafuu himannoon ifaa hin taane kun kufaa akka nurraa tahu
gaafanna.
4. Ragaa qorannoo tiraafikaa himannoon walqabate ilaalchisee ragaan waajira poolisii iraa
dhihaate kun raagaa sobaa fi logii irratti hundaahee kennameedha. Sababiin isaatis akkaataa
gabaasa Waajirri Poolisii Aanaa Gumbbii Borddoddee gaafa 23/11/2013 Xalayaa
lakk.462/PAGB/13 taheen dhaabbata keenyaaf barreesseen iddoo balaan itti gahe sanatti
gaafa san konkolaataan sadi (3) kan walitti bu’aan akka tahe gabaasni kun ni agarsiisa. Akka
gabaasa kanatti konkolaataan Lakk.Gabatee isaa 3-81058 ET tahe daanddii Asphaaltii
Mi’eessoo gara Borddoddee deemu irra bade dukkana keessa kan dhaabbataa ture tahuu isaa
fi Konkolaataan himatama 1ffaa fi konkolaataan maammila himataa Lakkoofsi gabatee
isaanii walduraa duubaan 3-B06747 AA tahee fi 3-A22102 AA tahaan kallattuma kana irra
walduraa duubaan gara kallattii Magaalaa Borddoddee imalaa osoo jiranii konkolaataan
maammila himataa konkolaataa bade dhaabbatu kana bira dabree deemuuf osoo jadhu
konkolaataan himatamaa 1ffaa daanddii keessaa bahee konkolaataa himatamaa 1ffaa kana
duubaan rukutee, konkolaataan maammila himataa lakkoofsi gabatee isaa 3-B06747 tahe kun
konkolaataa Traakara lakk.gabatee isaa 3-81058 ET tahe kana kallattii bitaatiin rukutee
konkolaataa sadeenuu irra miidhaan akka gahetti gabaasni dhihaatee jira. haata’uu garuu
balaan kun bifa Kanaan konkolaataan sadi (3) kallattii Daanddii Mi’eessoo gara Borddoddee
deemaa jiran irratti walitti bu’aanii balaan gahuun dhugaa tahee osoo jiruu, Waajirri Poolisii
Aanaa Gumbbii Borddoddeee Konkolaataan Lakk.Gabatee isaa 3-81058 ET tahee fi iddoo
balaan gahe sanitti bade karaa keessa dhaabbataa turuun isaa balleessaadha moo miti?
Konkolaataan dhaabbatu kun akka halaalaa mul’atuuf mallattoon calaqisaan kaawamee
yookaan ifaan isaa ni ifa ture moo miti? Konkolaachisaan konkolaataa Lakk.Gabatee 3-
B06747 tahe konkolaataa bade daanddii keessa dhaabbatu kana bira dabruuf yoo jadhu
konkolaachisaa maamila keenyaa isa duubaan deemaa jiiru kanaaf mallattoo ifaa diimaa
(hazardii) ibsuudhaan akeekachiisee jira moo miti? Konkolaachisaan lakkofsa gabatee 3-
B06747 tahe kun osoo konkolaataa Lakk.gabatee 3-81058 ET tahee fi karaa irra dhaabbataa
jiru kana bira dabruuf jadhu batala konkolaataan 4ffaa kan kallattii Bordoddee gara
Mi’eessoo deemu ifaa dheeraa ibsaa yeroo itti dhufu rifatee daanddii keessatti tasa fireena
yeroo qabu konkolaataa maamila keenyaatiin walti bu’aanii yoo jiraatan balleessaan kan
eenyuuti? Qabxii jadhu bifa walaba taheen ija ogummaatiin osoo hin ilaalin konkolaataa
maamila keesaniitu balleessaa qaba jadhamee gabaasni dhihaate sirrii miti waan taheef
himannoon gabaasa sobaa kana irratti dhihaate kun kufaa akka nurraa tahu gaafanna.
5. Balaa konkolaataa falmii kanaaf sabaab tahe gahuu kaa dandahe balleessaa konkolaachisaa
maammila keenyaatiin osoo hin taane balleessaa konkolaattoota lameenii jachuunis
ofeeggannoo dhabuu konkolaataa daanddii keessatti gatamee deemee fi akasumas
ofeeggannoo dhabuu konkolaataa maammila himataadhaatiin kan gaheedha. Sababiin isaatis
silaa konkolaataan lakk gabatee isaa 3-81058 ET tahe kun daanddii keessa dhaabbatuu baatee
konkolaataachisaan maamila himataadha yeroo fuul dura isaatii konkolaataan 4ffaan
daanddii isaa qabatee itti dhufu bakka itti dheessu dhabee daanddii keessatti fireena hin qabu
ture, silaa konkolaachisaan maamila himataadha ofeeggannoo gochuu qabu mara godhee
konkolaataa fuuldura daandii keessa dhaabbatuu fi kan fuuladura isaatiin ifaa ibsaa dhufaa
jiru kana sirritti laalee konkolaataa dhaabbatu kana bira osoo hin dabrin konkolaataa
maammila keenyaatiifis mallattoo ifaa diimaa agarsiisuudhaan akka dhaabbatanii dabarsan
godhamee balaan hin gahu ture. Kanaafuu balaa konkolaataa kana keessatti balleessaa kan
qabu abbootii qabeenya konkolaataa lamaanii fi konkolaachiftoota isaaniiti malee kan
maamila keenyaa miti waan taheef himannoon kun kufaa akka nurraa tahu gaafanna.
6. Akka gabaasa poolisii irraa hubatamutti iddoo balaan itti gahe sanatti konkolaataan
lakkoofsa gabatee 3-81058 tahe gara Kallattii Magaalaa Finfinee fuula deebisee daanddii
keessa badeee kan dhaabbataa ture tahuu isaa gabaasa dhihaate irraa ni hubatama. Balaa
kanaafis sababii kan tahe balleessaa konkolaachisaa konkolaataa bade daanddii keessa
dhaabe kanaa fi balleessaa konkolaachisaa maammila himataati. Sababiin isaatis konkolaataa
bade tokko daanddii Asphaaltii biyya qaxaamuru keessa dhaabanii deemuun balleessaadha.
Dabalataanis konkolaataan bifa Kanaan bade daanddii keessa dukkana keessa dhaabbatu kan
jiraatu yoo tahe konkolaachisaan konkolaataa maammila himataadhaa, konkolaataa bade
dhaabbatu kana bira dabruuf yoo jadhu konkolaataan ifaa ibsatee isa booda deemaa jiru yoo
jiraatee ifaa mallattoo malaa (hazard) ibsuufii qaba ture. Konkolaachisaan maammila himataa
garuu kana osoo hin godhin deemaa osoo jiruu ofumaaf konkolaataa daanddii keessa
dhaabbataa jirutti erga walitti bu’e booda daanddii isaa gadilakisee fuuldura konkolaataa
kiyyatti dhufeef balaan gahuu dandahee jira. kanaafuu balaa kanaaf konkolaachisaan
maammila keenyaa wanitti balleesse hin jiru waan taheef himataan himannoo kana nurratti
dhiheesuuf mirga hin qabu.
7. Balaa konkolaataa konkolaataa falmii kanaaf sabaab tahe gahuu kaa dandahe balleessaa
konkolaachisaa maammila keenyaatiin osoo hin taane balleessaa konkolaachisaa
lakk.gabatee isaa 3-81058 tahee fi iddoo balaan itti gahe sanitti daanddii keessaa dhaabbataa
tureeni. Sababiin isaatis iddoo balaan itti qaqabe sanatti Konkolaataan Lakoofsi gabatee isaa
3-81058 tahee fi gara kallattii Magaalaa Finfinnee imalaa kan ture bade daanddii keessa
dhaabbataa kan ture yammuu tahu balaan kan qaqabe halkan sa’atii 2:00 irratti waan tahee fi
konkolaataan dhaabbatu kunis bade dukkana keessa kan dhaabbataa ture waan taheef
konkolaachisaan konkolaataa kiyyaa daanddii isaa qabatee deemaa osoo jiruu konkolaataan
maammila himataadhaa tasa konkolaataa dhaabbatu kana yeroo argu daanddii isaa keessaa
bahee daanddii konkolaataa kiyyaatti seenee konkolaataan sadeenuu walitti bu’uu dandahaan
malee balleessaa konkolaataa kiyyaatiin miidhaan hin geenye. Kanaafuu dhaabbanni keenyas
tahe maammilli keenya balaa qaqabeef ittigaafatama hin qabnu
8. Himataan konkolataaaan maamila isaa suphisiise jadhu kun meeshaan akkamii akka irraa
badanii fi gatii qarshii meeqaatiin meeshaalee kana bitee akka suphisiise, harki ogeessaa
meeqa akka tahe, nagaheen bittaa meeshaalee walqabatee himannoon dhihaates hin jiru,
ragaaleen kana mirkaneesanis himataan walqabatanii hin dhihaanne. Bakka kun hin jirretti
falmii taasisuunis tahe manni murtii kunis murtii haqaa kennuuf nirakisa waan taheef
himannoon ifaa hin taane kun kufaa akka nurraa tahu gaafanna. Sababiin isaatis himataan
meeshaan jijiiraman moofaan qarshiin itti tilmaamee fi gatiin suphaa dhihaate kan walgituu
miti. Dhaabbanni keenya ammoo baasii suphaa kana kan kafalu yoo tahe meeshaalee qaama
konkolaataa sababii balaa kanaatiin miidhaan irra gahaan jadhamanfudhachuudhaan mirga
waan qabuuf, bakka meeshaaleen kun tarreeffamaanii hin dhihaatinitti falmiin taasifamuu hin
dandahu.
9. Balaa konkolaataan himatama 1ffaa qabeenya qaama 3ffaa irra qaqabsiisuun walqabatee
balaa tokkotti qarshii 100,000 (kuma dhibba) qofa kafaluuf waliigalttee kan qabnu waan
taheef manni murtii kun dhaabbata keenya ittigafatamaa kan taasisu yoo tahe daanggaa
ittigaafatama dhaabbata keenyatti murtii akka kennuu fi meeshaalee sababii balaa kanaatiin
jijiiraman moofaa hunda isaa himataan akka nuuf kennu murtiin haqaa akka nuuf kennamu
gaafanna.

Seerummaan gaafannu
1. Manni murtii kun deebi keenya kana seera roguma qabuun walcinaa qabee erga nuuf
madaale booda himannoo himataadhaa kufaa taasisee baasii kisaaraa itti nuuf muree
bilisaan akka nugaggeessu gaafanna.
2. Seerummaan lakkoofsa 1ffaa jalatti gaafanne kun kan nuuf hin murtoofne yoo tahe manni
murtii kun daanggaa ittigaafatama dhaabbata keenyaa keessatti akka nuuf murteesuu fi
meeshaalee dullacha haarawaan bakka buufaman hundda himataan akka nuuf kennu akka
nuuf murteesu yookaan gatiilee meeshaa kanaa ogeessaan shallagee hamma ittigaafatama
keenyaa irraa akka nuuf hir’ifamu gaafanna.
Dhugaa tahuu b/s/d/f/s/lakk.92 mirkaneesina.
Guyyaa 29/09/2014

Mana Murtii Ol’aanaa Go/har/Lixaatiif


Ciroo
Deebikennaan: Dhaabbata Inshuraansii Madin itoophiyaa
B/Bu’aan:- Abukatoo Kaabtaamuu Nugusee
Himataan:- Dhaabbata Kubbaaniyaa Inshuraansii Afrikaa
Teessoon:- Magaalaa Adaamaa
Tarree ibsa ragaa b/s/d/f/s/lakk.223tiin guutamee dhihaateedha.
Ragaa barruu
1. Waliigalttee uwwisa inshuraansii konkolaataa himatamaa 1ffaatiif kenname fuula 4, hiika
afaani wajjiin walqabatee jira.
2. Poolisiin wixinee tiraafikaa iddoo balaatii kaase galmee qorannoo tiraafikaa isaa qabatee
mana murtiii kanatti dhihaatee jacha ragaa isaa akka naaf kennuuf ajajni
b/s/d/f/s/lakk.145tiin akka naaf kennamun gaafadha.
Ragaa namaa
1. Haaji Jamaal
2. Gazaahany Alamaayyoo
3. Geetaachoo Balaachaw
4. Saajin leenjisoo Bunbuna faa yoo tahaan teessoon isaanii kan 1ffaa Magaalaa Baatuu
yoo tahu kan 2ffaa fi 3ffaa magaalaa Ciroo kan 4ffaa Magaalaa Bordoddee waan taheef
waamichaan akka naaf dhagahaaman gaafadha.
Dhugaa tahuu b/s/d/f/s/lakk.92 mirkaneessa.
KORPOREESHINII INSURAANSII ITOOPHIYAA
Teesoo muumee;- Finfinee, Lak. Po. 2545, Tel. 251-11-5512400, faaksii. 251-11-5517499, Imeelii.mkt.eic@ethionet.et

Ciroo lakk. Po. 293, Tel. 02555110881, Faaksii. 0255510061 websaaytii. http://www.eic.com.et

INSURAANSII MOOTARA DALDALAA


Damee :- Ciroo ,Lakk.Polisii:-4o43112020028614 Yeroo isuraansii:- Ebla 8/2013 haga Ebla 7/2014 halkan
keesa
Gosa insuraansii:- nama sadaffaa, kan emaltoota.

Kan insuraansii seene:- obbo Shimalis Yadecha ,Tessoo:- itoophiyaa, Magaalaa Asgorii lakk.Bilbilaa 0911864187

Ibsa konkolaataa

Lakk. Kampaa Gosa Kubik Lakk. Chaansii Bara itti Hamma fe’insaa Itilmaama Hamm
gabatee nii Qaama kaapaa omisham galameefii
Lakk. mootoraa meeshaa na
hojjate a sitii e
ma
konkolaataa

3- Isuzu Kan 4570 JAAKP34G477P1 2015 0 1 0000


A22102A feumsa 123578 +2
A a

Qar 750 ykn 5% hamma miidhaan gahee ol


Kaffaltaa Teembi
Waliigala. 4516.9

Daangaa itti ayyadamaa: fe’ina meeshaaf

Hammaa ittigaafatama korporeeshinichaa akkaataa Poolisii keenya kutaa II 1(a) tiin dhimma VIATPR iif

a. Beenyaa du’aa hamma qarshii- 40,000.00 nama tokkoof, 200,000 TAATEE TOKKOTTI
b. Beenyaa miidhaa qaamaa hamma :- 40,000.00 nama tokkoof, 200000 waliigala taatee tokkotti
c. Baasii Wal’aansaa mana yaalaatiif :- qarshii 1000.00 nama tokkoof balaa tokkoof staadaardii ittigaaftama
nama sadaffati
d. Beenyaa qabeenya badeef;- 00 Hammaa ittigaafatama korporeeshinichaa akkaataa Poolisii keenya kutaa
II 1(b) tiin dhimma VIATPR iif
e. Beenyaa qabeenya manca’eetiif:- VIATPR iif haama qarshii 100,000.00 baalaa tokkoofNama sadafaaf:- 00

Haamma kaffaltii mataa ofiitiin abbaan qabeenyaa akka suphatu hayyamamuuf akkaataa kutaa 1.5. (a)
tiin: hinjiru

Qoratameera guyyaa Ebla 8/2013

Insuraansii korporeeshinii itoophiyaatiif mallattoo hindubifamne niqaba

Uwwisa Inshuraansii Miidhaa Qaama 3ffaa irra gahuu


Inshuuraansii Galaan : Shimallis yaadachaa
Lakk.poliisii: ‘-‘- 30731120200479921

Wabiigalaan ykn Inshuraansii bitataan qaama waliigaltee kanaa kanta’ aan gaafiiin shuraansii
dhiheessee fi guca m irkaneessaa waliigaltee guuteen, haguuggii inshuraansii bitachuuf
dhaabbata inshuraansii Itiyoophiyaa (kana booda dhaabbata jedhameekanwaamamuuf) bu`uura
labsiilakk559/2000tiin haaguggiin inshuuraansii balaa qaama sadaffaa akka kennamuuf
gaaffiiwaan dhiheesseef, wabiigalaan kanfaltii haaguggii inshuuraansiichaaf barbaarchisu waan
kanfaleef, Poliisiin kun, gabatee fi ragaaninshuuraansii(certificate of insurance) yeroo
inshuuraansii kessatti balaa haaguggiin kennameef qaqqabuu haal-dureewwan ,haallan addaa
waligaltichaan hin haagugamnee ibsaman akkuma egamaniitti ta`e ida`amtoota (endorsement)
wajjin jeecha(terms) waligalteekanaati.
1.Ittigaafatamummaa haaguggiin kennameef
Baaxii ittigaafatamummaa gabateerratti kaa`ame kessatti Dhaabbatichi du`a ykn miidhaa qaamaa
ykn miidhaa qabeenya qaama sadaffaa konkolaataa haaguggiin kennameef irratti balaa walitti
bu’iinsa tasaa ykn garagaluu, Balaaibiddaan, dhohiinsa konkolaatichaan uumameen,faayiidaa
konkoolaatichaa waliin walqabate miidhaa wanta konkolaaticharraa ykn qaamni konkolaatichaa
kufuun ittigaafatamummaa gahuuf.
2.Beenyaa Namoota biroo ilaallatu
Haalotni,dangaawwan waligalticha keessatti ibsaman akkuma jirutti ta’ee inshuraansii galaan
konkolaataa haguuggiin bitameef namoonni biro akka ofan yoo heyyame ykn ajaje balaa
namoota kanarra gahuuf dhaabbatni beenyaa kan kaffalu namni inshuuraansii galaadhaan
heyyamameef ykn ajajame kun :-
- Haguuggii biraa kan hinqabne ta’uu qaba,
- Waliigaltee kana keessatti keeyyatoota,danboota,haallan,dhorkitootaa/addaa/,hallan
guutamu qaban gutu fi dabalataniis waliigaltee kanarratti qabxiilee raawwatamu qaban
hunda kan guutu ta’uu qaba.
3.Wal`aansa Ariifachiisaa
Dhaabbatichi baasii wal`aansaa miidhaa balaa konkolaataa haaguggiin kennameefi waliin
walqabatee gahuun bahuuf hanga baaxii gabateerrattii bsameef haaguggii ni kenna.
4.Kaffaltiiwwan Haalaa fi jecha haaguggii kanaatiin ala kafalaman
Dhaabbatichi nama haaguggii inshuuraansii kanaan haaguggiin kennameedhaaf balichi
waligaltichaan hin haagugamne ta`e bu`uura labsii lakk 559/2000 beenyaa yoo kafale hamma
kafale inshuuraansii galaarraa deffachuuf mirga qaba.
Haallan Addaa (Exceptions)
Dhaabbatichi kan armaan gaditiif dirqama beenyaa kafalu hin qabu:-
1.Miidhaa konkolaataa haaguggiin kennameef iirra gahuuf;
2.miidhaa qabeenya inshuuraansii galaadhaan amantaadhaan qabame,to`annaa ykn harka isaaj
irurrattii miidhaag ahu;
3.Du`a ykn Miidhaa qaamaa inshuuraansii gala ykn maatiiisaarra gahu;
4.Du`a ykn Miidhaa qaamaa nama inshuuraansii galaadhaan qacaramerratti hojii waliin
walqabatee gahuuf;
5.Miidhaa mi`a konkolaataa haaguggiin inshuuraansiin kennameef irratti ykn kessatti
fe`ameerratti gahuf;

6.Miidhaa dildila gosa kamiirraayyuu ,qaxxaamura,ykn dandii ykn wanta gajallaa kamirraayyuu
hollannaadhaan ykn ulfaatina konkoolaataa wabiin kennameefiitiin ykn wanta konkolaatichaarratii
fe`ameetiin gahuuf,
7.Du`a,miidhaa qaamaa ykn miidhaa qabeenyaarra aara ykn daaraa konkoolaataa waabiin
kennameefiittiin ka`uun gahuuf,
 8. Du`a,miidhaa qaamaa ykn miidhaa qabeenyaarra sababa ykn dangaa ykn fiixee dandiitiin
walqabatee nama konkoolachiisaa ykn garagaaraa isaatiin ala ta`een fee`iinsaa
konkoolaticharratti yoo fee`amu ykn fee`iisni irraa bufamu balaa gahuun gahuuf,

9. Balaa,miidhama ykn itti gaafatamummaa;

a. Daangaa Itiyoophiyaatiin ala.


b. Konkolaataan gabtee keessatti ibsame dorgommii waldursoo,lafa waldorgommii
waldursootti yaalii ariitii mirkaneessuu taasifame,yaalii amansiisummaa gahumsa
konkolaataa yookaan konkolaataan haguuggiin kennameef hojii gabtee keessatti
ibsameen alaa bobba’ee yoo jiraate.
c. Konkolaataa haguuggiin kennamef ilaalchisee balaa ykn miidhaa ykn itti
gaafatamummaa sababa machiin,baala sammuu hadoochan erga fudhatamanii
booda konkolaachisuun uumamaniif,

10.Itti gaafatamummaa waliigalteerraa dhufu kamiifuu

11.Yeroo balaan gahutti,konkolaatichi konkolaachisaa heyyama konkolaataa konkolaaticha


ofsiisuu dandeesisu hin qabneen ykn nama heyyamni konkolaachisummaasaa haqame ykn
heyyama konkolachisaa akka hin baafanne/hin arganne dhorkameen otoo ofamuu balaa
konkolaaticharra ykn qaama sadaffaarra gahuun itti gaafatamummaa kamiyyuu.

12.Galoo galaanaan,danablii galaanaan,dhoohiinsa voolkaanoo,titira lafaan, yookan sababa biraa


jijjiirama uumaamaa kallattiin yookan karaa nannaanawaan balaa yookaan miidhaa gaheef
sababa yoo ta’e
13.Waraanaan,weeraraan,sochii diinaa alaan,waraanni labasamus labsamuu baatus
walwaraansa keessan,jeequmsaan,qoqqobbii hojii dhaabuu,eekkara,jeequmsa humna
waraanaa yookan kaka’umsa uummataan,warraaqsaan,humna waraanaan gochaa taayitaarraa
buusuu ykn taayitaa fudhachuu,seera maarshaaliin akka labsamu yookan akka dheeratu
gochaa ta’een balaa yookaan miidhaa yookan itti gaafatamummaa dhufuf,

14.Waliigaltee kana keessatti haguuggiin kan hin kennaminiif harkifamaa yookaan


konkolaataa balaan irra gahe osoo harkisuu balaa yookan miidhaa konkolaataa haguuggiin
kennameefirra gahu.

15.Wabii bitataan beekuus beekuu baatuus abbaan taayitaa heyyama keenun dandeettii
fe’umsaa heyyameen ol fe’umsa fe’uun yookan dhiphisuun yookan teessoo jiruun ala
lakkoofsa imaltootaa baay’isuun balaa yookan miidhaa yookan itti gaafatamummaa dhufu.

16.Miidhaa yookan badii qabeenyaa kamirrayyuu yookan miidhaa yokan dhabiinsa galii
yookan baasii yookan itti gaafatamummaa seeraa karaa kallattiinis ta’ee karaa naannawaatiin
sababa:

a. Cararii ayoonaayizeshinii yookan faalama boba’aa nikularaa,faalama nikularaa


si’aa’aa yookan boba’iinsa boba’a nikularaa yookan haftee/raacita boba’aa
nikularaa,
b. Fanjii nikularaa kamirraayyuu yookan qaama nikularaa irraa kan madde raadiyoo
aktiivii yookan fanjii summaa’oo yookan amala hamaa birootin,

17.Du`a,miidhaa qaamaa ykn miidhaa qabeenyaarra ykn miidhaa konkolaataa wabiin


kennameefirra dhohinsa booyilaraatiin ykn qabiyyee human qilleensaa(air pressure vassel)
qaama konkolaatichaa ta`aniin ykn konkolaaticharratti maxxanfaman irratti gahuun
miidhaaa gahu.
HAALLAN(conditions)

1. Dirqama Inshuraansii Galaa

Inshuraansii bitataan yookan namni gaaffii beenyaa dhiheessu kamuu, waliigaltee kana
keessatti kan tumaman keewwattoota jiran jalatti ulaagaalee guutamuu qaban,dirqamoota
raawwatamuu qaban yookan gochoota dhorkaman kabajuu fi guutuu,akkasumas
guchagaaffiin waligaltee itti dhihaatu,guca balaan itti beeksifamu irratti odeeffannoon
kennaman.gaaffilee ni fi deebileen dhihaatan dhugaa ta’uu isaanii,dhaabbatni osoo dirqama
kamuu fudhatee kanfaltii hin raawwatamin dura haala-duree guutamuu qabanii dha.

2. Eegumsa konkolaataaf taasifamu

Namni wabii inshuraansii gale,hojjataan isaa yookan shufeerri heyyamani kennameef


kamuu,yookan konkolaataa haguuggiin kennameef kamiifuu itti gafatamummaa kan qabu
kamiyyuu,konkolaataa haguuggiin kennameef badiirraa yookan miidhamarraa eeguu fi
konkolaatichi hojii haguuggiin kennameef haalaan raawwachuu akka danda’u taasisuuf
tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu qaba.Dhaabbatni yeroo kamiyyuu konkolaaticha yookan
qaama kamiyyuu yookan shufeera nama wabii senee yookan hojjataa qorachuuf bilisummaa fi
mirga guutuu qaba.

3.Sobaan dhiyeessu

Namnii tokkooyyuu Haaguggii Inshuuraansii miidhaa qaamaSadaffaa argachuuf jecha jecha soba
dhiyeessu ykn haaguggii kan jalaatti gocha beenyaa dhorkisisu dalaguu hin qabu

4.Dogongorsuu

Gaaffiin beenyaa tokko yoo dhihaatu karaa kamiinuu kan dogongorsiisa qabu yoo ta’e,
akkasumas konkolaataan haguuggiin kennameef kan harmalee ol’ka’e yoo ta’e, yookan bu’ura

waliigalteen bu’aa argachuuf wabii seenaan yookan bakka bu’aan isaa haala doggongorsiisaan
kan fayyadame yookaan konkolaataa haguuggiin kennameefirratti beekaa yookan
dagannoodhaan badii yookaan miidhaa kan geessise yoo ta’e faayidaaleen waliigalteen kun
argamsiisan hundi ni haqamu.

5.Balaa beeksisuu

Yeroo balaan yookan miidhaan kamiyyuu gahu guyyoota kudhan jeessattii barreeffamaan
dhaabbataaf beeksisamuu qaba.Gaaffii beenyaa kamiyyuu ilaallatee yoo xalayaan,gaaffiin
beenyaa,ajajani,waraqan waamichaa isa gahe namni wabii inshuransii bitate yosuu dhaabbatatti
dabarsuu qaba.Bu’uura waliigaltee kanaan himannii gaaffii beenyaa adeemsarra jiraachuu yoo
bare,wabii galaan barreeffamaan dhaabbata beksisa.

6.Mirga bakka bu’ummaa

Namni wabii inshuraansii gale yookan gaaffii beenyaa dhiheessu kamuu osoo dhaabbatarraa
barreeffamaan mirkaneessa hin fudhatin dura kanfaltiiwwan amanuu,qopheessuu,waadaa galuu
yookan raawwachuu hin danda’u.Dhaabbatni yoo barbaade maqaa isaatiin gaaffii beenyaa
kamiyyuu hordofuu,falmii siiviilii yookan jaarsummaan mari’achuu fi kanfaltii raawwachuu
yookan mataa isaatiin gaaffii beenyaa kamiyyuu irratti yookan miidhaa yookan qaama sadaffaa
irratti fayiidaa mataa isaaf himata banachuu ni danda’a.Dhaabbatni dabalataniis falmii kamiyyuu
hordofuu fi beenyaa kamiyyuu kanfaluuf aangoo guutuu waan qabuuf akka gaaffii isaatti wabii
galaan odeeffannoo fi deeggarsa barbaachisaa taasisuufii qaba

7.Haguuggii inshuraansii gara biraa

Bu’uura waliigaltee kanaan gaaffiin beenyaa yoo dhihaatu haaguggiin inshuuraansii balaa ykn
miidhaa walfakkaattuu haagugu konkoolatichi gara birootii yoo qabaate dhaabbatichi miidhaa

waligalaarraa hamma herrega walmadaalawaa beenyaa ,baasii fi miidhaa (ratable proportion) irra
gahu caalaa kafaluuf hin dirqamu.
8.Jaarsummaa

Itti gaafatamummaan jiraachuun erga itti amanamee booda,bu’uura waliigalteetin hamma


beenyaa kanfalamuu qaburratti waldhibbeen yoo uumame,waldhibbeen kun gareewwan
lamaaninuu kan muudamu jaarsa araaraa tokkoon murteen tokko akka itti kennamu
taasifama.Kanarratti adda addummaan yoo uumame yookan waliigaluun furmaata irra gahuun
yoo dhibe,gareen tokko garee isabiraa guyyaa beeksisee kaasee ji’a tokko keessatti jaarsa araaraa
ofii isaa filatee barreeffamaan beeksisa.Gareewwan lamaanuu walitti qabaa qaama ta’urratti
furmaata tokkorra gahuu yoo dadhaban,garee lamaanirraayyuu jaarasolee araaraa ta’anii warri
filaman walitti qabaa nama ta’u barreeffamaan ni filatu.Walitti qabaanis jaarsoli araaraa waliin
ta’uun jaarsummicha ni gaggeessa.Dhaabbaticharratti tarkaanfii kamiyyuu fudhachuuf dursa
murteen jaarsummaan kenname jiraachuu qaba.

9.Waliigaltee haquu
Teessoo isaa dhumaa wabigalaan itti argamuun xalayaa lakkoofsa qabuun dhaabbatni waliigaltee akka
addaan kutu akeekkachiisa guyyaa 15 kennuu ni danda’a.Yeroo kana keessatti waliigalteen kan
raawwatamaa ture dhibbataan herreegee hanbifatee adda addummaa mula’tu wabi galaaf dhaabbatni ni
kanfala.Of eeggannoo barreeffamaan kennuun wabi galaanis waliigaltee yeroo kamuu addaan kutuu ni
danda’a.Bu’uuruma kanaan yeroo turtii waliigaltichaa gaaffiin beenyaa yoo dhihaate malee yeroo
waliigalteen raawwiirra tureef bu’uura ibsa herreegaa yeroo gabaabaa dhaabbataatiin kanfaltii
inshuraansii hir’isee garaa gartummaa wabii galaaf ni kanfala.
Ragaan inshuuraansii(certificate of insurance) qabeenya Dhaabbatichaatti,akkuma inshuuraansiichii
addan kutameen dhaabbatichaaf deebi`u qaba.

Chaaphaa geengoo qaba


Mallattoo qaba
Guyyaa 29/09/2014
Lakk.Galmee 62482

Mana Murtii Ol’aanaa Go/har/Lixaatiif


Ciroo
Iyyataan: Dhaabbata Inshuraansii Madin itoophiyaa
B/Bu’aan:- Abukatoo Kaabtaamuu Nugusee
Iyyannoon kun b/s/d/f/s/lakk. 78tiin deebii keenya barreeffamaan akka dhiheeffannu akka
nuuf hayyamamu gaafanna
Tarree iyyata keenyaa
Falmii dhimmi kafalttii beenyaa dhaabbata keenya (himatama 2ffaa) fi Himataa Dhaabbata
Inshuraansii Afrikaa jiddutti mana murtii kanatti gaggeeffamaa jiru kanaan walqabatee xalayaan
waamichaa dhaabbata keenyaaf ergamee ture himataan Distiriiktii Adaamaatiif geessee waan
tureef himatamaan 1ffaan uwwisa Inshuraansii kan seene ammoo Damee Baatuutti waan taheef
galmeen garas ergamuu isaa irraa kan ka’e yerotti deebii keenya mana murtii kanaaf guyyaa
beellamaa dhiheesee hin dandeenye ture. Kanaafuu manni Murtii kun rakkoo kana nuuf hubatee
deebii keenya barreeffamaan akka dhiheeffannu akka nuuf hayyamu gaafana.
Dhugaa tahuu b/s/d/f/s/lakk.92 mirkaneesina

You might also like