You are on page 1of 3

Guyya 28/10/2009

Mana murtii ol Aanaa Go/Sha/kaabaatiif

Fiichee

Ol iyyattuun: Addee Mastaawoot Zawidee

B/bu’aan: obbo Ayyalewuu Mulugeetaa

Deebii kennituun Taddalaach Baqqalaa

Teesson keenya Aanaa Qimbibiit magaalaa shanoo ganda 02

Oliyyannii kun mannii murtii aanaa qimbibiit galmee lakk 09845 ta’ee dhaddachaa
gaafa guyyaa 08/10/09 oolen kennee komachuun ol iyyataa dhiyaateedha.

A. Garagalchaa galmee mana murtii jalaa koppii fuula 35 ol iyyataa kana waliin
dhiyeessee jira.
B. Ajaja yaamichaa mana murtii deebii kennituut nan qaqqabsiisa
A. Falmii mana murtii jalaattii turee fi murtii kennamee gababinaan

Deebii kennituun (himattuu 1ffaan jalaa) fi himataa 2ffaan a jalaa himannaa guyyaa
4/08/2009 mana murtii aanaa Qimbibiit irraattii ol iyayttuu ammaa irraattii
dhiyyeessaniin abbaa keenyaa obbo Baqqala Dassee waan du’eef qabiyyee lafaa
tarree 1 hanga 7 daangaa waliin tuqanii dhiyeessaniin gaahee keenyaa akkaa nuuf
qodduu jechuun himataa dhiyyeessani turan.

ol iyyattuun deebii gaafa 18/05/2009 ittii kenneen:

1. Du’aan dhaamoo guyyaa 22/1/2003 tasiseen dhaltootaa isaaf kan kenne


namoonnii dhammameefi gaahee isaanii fudhataani ittii fayyadamaa jiru.
Dhaamon kuni ergaa kan du’ee guyyaa 08/07/2007 bakkaa himatonnii fi
dhaaltonni biroo jiranittii dubbifameefi kan dhagahaan waan ta’eef komii yoo
qabataan bu’uura S/H/H/L/ 973(3) baati sadii (3) keessattii dhiyeessuu otoo
qaban ammaa dhiyeessuun sirrii mitii turmaata yerottin kufaa ta’uu qaba
2. Himataa 2ffaa walii galmee lakk 06994 ta’e irrattii araraan waan cufneef ammaa
anaa himachuu hin danda’uu jedhee dhiyyeessee fudhatamaa argatee
himannaan isaa kufaa ta’e jira.
3. Deebii kennituun(himattuu 1ffaan) araaraa guyyaa 24/7/2009 taasifameen gahee
ishii fudhattee otoo jirtuu dhimma araaran xumuramen ammaa himannaa
dhiyyeessuun ishii sirrii mitii jedhee mormii sadarkaa duraa dhiyyeessee jira.
Akkasumas ijoo dubbii irratti filanniin deebin kenneen
1. Anii qabiyyeen lafaa du’aa abbaa manaa kiyyaan addaan fudhannee gahee isaa
irraattii dhaamoo taasisee waan ta’eef kan himattoonnii ammaa tarreessaani
dhiyyeessaan tarree 1ffaa-4ffaa kan jiruu gahee anaaf hafee kooppoonnii ittii
baafadhee jiruudha. tarreen 5ffaan himataa 2ffaaf kennamuuf kan harkaa qabu
waan ta’eef anii himatamuu hin qabu tarree 7ffaa irraattii Gashawubazzaa
Baqqalaatiif kennamee innii fudhatee jire waan ta’eef ani himatamuu hin qabuu
jedhee deebii ittii kennee otoon jiruu himattoonnii himannaan dhiyeessani
dhaamon ture akka jigu gaafatan osoo hin jirre dhaamoon jira jedhamee akka
jigu jedhee murteessee qabiyyewwan lafaa tarreeffamaani dhiyaataan
dhaaltoonnii yaa qoddataan jedhee waan murteesseef ol iyyannii kun murtii
kana komachuun koo dhiyaateedha
B. Komii murtii mana murtii jalaa irraatti qabu
1. Deebii kennituun dursaa dhaaltummaa ishii otoo hin mirkanneeffannee dhaaltuu
obbo Baqqala Dasseettii jettee himannaa dhiyeessuun ishii sirrii mitii.
Deebii kennituun haatii ishee Sisaay Badhaadha kan jedhamtuu yoo taatuu
du’aa Baqqalaa Dassee waliin fudhaa fi heerumnii raawwataan waliin jirataan
deebi kennitu waliin argatanii miti. Haati deebi kennituu nama oboo Abbabaa
Faqqibaluu kan jedhamu waliin yeroo fuudhaa fi heeruma keessa jiran dhalatte
Taaddalach Abbabaa jedhamtee mana barumsaattis ta’ee waraqa eenyummaa
illee kana dura ture irratti maqaan abbaa ishii Abbabaa kan ture yoo ta’u amma
sababa maalitiiin du’aan abbaa kiiya akka jettu waan hin beekamneef abbuma
ishiitu otoo ta’ee dursa abbummaa fi dhaaltummaaishii mirkaneeffachuu otoo
qabdu himannaa kana dhiyeessun ishii sirrii waan hin taanef manni murtii jalaa
kana otoo hin mirkaneeffanne murtiin kenne dogongora kan qabuudha.
2. Du’aan qabiyyee gahee isaa irraattii dhaamoo guyyaa 22/1/2003 taasisee deebii
kennituun iddoo jirtuuttii dhaamoon kuni guyyaa 08/7/2007 dubbifamee gahee
ishiitii of harkaan geesee otoo jirtuu dhaamo kana irraatii mormii yoo qabattee
bu’uura S/H/H/lakk 973(3) tiin baatii sadii keessattii himannaa dhiyeessuu otuu
qabduu waan hin dhiyeyefanneef himannaa himattuu turmaata yeroottii kufaa
ta’uu otoo qabuu mannii murtii jalaa bira darbee qabiyyee gahee kiyyaa irraattii
murtii kennee sirrii mitii sirraawu kan qabuudha.
3. Deebii kennituun qabiyyee dhaala kennameef kana waliigaltee guyyaa
24/7/2009 taasifameen fudhattee otoo jirtuu fudhachuu ishii illee amanaa otoo
jirtuu manni murtii jalaa biraa darbee dhaamoo tasifamee gamaa tokkon
mirkanneessuun deebii kennituun lafaa fudhattee kana mirkanneesseefi gama
biraattiin dhaamoon taasifamee sirii mittii jedhee kufaa taasisuun qabiyyee lafaa
gahee kiyyaa akkaa qoddatuu murtiin kennamee dogongorraa kan qabuudhaa
4. Dhaamoon kan du’ee taasisee barreeffamee harkaa isaatin kan taasisee ta’ee laftii
qabiyyee dhirsaa fi niitiitti qabeenyaa qixxee waan ta’eef gahee isaa irraattii
dhaamoo yoo taasisuu beekaamtii kiyyaa jiraachuu agarsiisuuf qofa maqaan
kiyyaa dhaamoo irratti kan barreeffatee malee qabiyyee gahee isaa dhaamoo
taasisee kanaan dhaltoonnii dhaamoon taasifameef gahee isaanii fudhataanii
harkaa qaban otoo jiruu deebi kennittuun himachuu yoo barbaadee dhaltootaa
irraattii himataa dhiyeessitee kan ofii fudhattes itti maktee gahee ishee gaafachuu
dandeessii ta’aa malee gahee kiyyaa irraatti himanna dhiyeessuuf mirgaa otoo
hin qabannee ana himattee mannii murtiis biraa darbee qabiyyee lafaa gahee
kiyyaa irraatti murtiin kennee dogongorraa kan qabuudha.
5. Ol iyyattuu fi kan du’ee feedhii keenyan qabiyyee lafaa waliin qabnu dhaamoo
taasisuu isaatin dura addaan fudhannee innii gahee isaa irraatti dhamoo
taasifatee anii gahee kiyyaa irraatti ragaa ittii fayyadamaa lafaa badiyyaa itti
baafadhee jira. kanafuu dhaltoonnii dhaaluu kan danda’aan mirgaa kan du’e
qabu waan ta’eef ol iyyattuu himachuuf mirgaa hin qabnee mannii murtii jalaa
kana biraa darbee qabiyyee lafaa gahee kiyyaa irraattii murtiin kennee kan
komatamuudha.
6. Mannii murtii jalaa murtii yoo kennuu ragaan deebii kennituun (himatuun
jalaatiin dhiyaatan qofaaf madaallii kennee ragaa ittisaa ol iyyattuun
dhiyeessitee raggasistee dhiyaataani jechaa ragummaa kennaani otoo jiruu
murtii dhaddacha 08/10/2009 oolen kenname keessatti waan tokko osoo hin
tuqiin sababaa bira darbeefillee otoo hin ibsiin murtiin kennamee
dogongorraa seera kan qabuu waan ta’eef kan komatamuudhaa.
7. Laftii kun eenyu harkaa jira? Ol iyyattuu harkaa kan jiruu gahee du’aa Baqqalaa
Dassee dabalatee harka ol iyyattuu jiraa moo miti ? Harka dhaltootaa yoo jiraa?
Ijoon jedhuu qaama lafaa bulchuun qulqullawuu osoo qabuu kun biraa
darbamee murtiin kennamee dogongorraa kan qabuu waan ta’eef akka naaf
sirreeffamuu gaafadha.
8. Mirga dhaaltummaa fi qabiyyee tarree 7ffaa harkatti argamu Gaashwubazzaa
Baqqalaa illee himannaa keessa galee qulqullaawu otoo qabu wanti qulqullaaye
otoo hin jirre murtiin kenname dogongora kan qabuudha.
SEERUMMAAN GAAFADHUU

Bu’ura S/S/H/H/ lakk. 348(1)tin murtiin mana murtii jalaa naaf haqamee
komiiwwan olitti tokko tokkoon dhiyeeszse naaf ilaalamee qabiyyee lafaa gahee
kiyyaa himannaa keessaa akka naaf ba’u kabajaan gaafadha. Kunis dhugaan kan
dhiyaate ta’uu bu’ura S/S/H/H/lakk. 92tin nan mirkaneessa

You might also like