You are on page 1of 3

Guyyaa 19/10/2015

Mana Murtii Ol’aanaa Go/har/Lixaatiif


Ciroo
Ol’iyyataan:- Obbo Mahaammad Wadaay
Teessoon:- Magaalaa Bordoddee
B/Bu’aan; Abukaatoo kaabtaamuu Nigusee
Deebikennitoonni :-1ffaa Obbo Husseen Roobaa
2ffaa: Husseen Waariyoo
Teessoon:- Magaalaa Bordoddee
Komiin ol’iyyannoo kun b/s/d/f/s/lakk.327tiin Murtii manni Murtii Aanaa Gumbbii
Bordoddee Galmee lakk.05490 irratti gaafa 09/9/2015 kenname komachuudhaan ol’iyyata
dhihaateedha.
 Murtiin jalaa kan kenname Mana Murtii Aanaa Gumbbii Bordoddetti
 Guyyaan murtiin kenname gaafa 09/9/2015
 Lakk.galmee mana murtii jalaa 054490
 Garagalchi galmee mana murtii jalaa komii kanaan walqabatee jira.
Falmi mana Murtii Jalaa gabaabinaan
Mana Murtii jalatti ani ol’iyyataan ammaa himataa deebikennitoonni ammaa immoo
himatamtoota turan. Falmii kanaafis ka’uumsa kan tahe himanoo ani ol’iyyataan ammaa mana
murtii jalatti barreeffamaan gaafa 20/5/2015 deebikennitoota ammaa irratti dhiheefadhe yammuu
tahu ijoon himannoo kiyyaatis gabaabumaan kan jadhu deebikennitoonni mirga seeraan
kennameef tokkollee osoo hin qabaatin lafa Qonnaa tiyya Magaalaa Bordoddee keesatti argamtu
bal’ina Heektaara 3.5 taatee fi bara 1999 Mootummaan karaa seera qabeessa taheen naafkennee
haga ammaa itti fayyadamaa jiru daanggaan isaa Bahaan Laga Baala dabbal, Lixaan fi Kaabaan
lafa Sa’id Badheessaa, Kibbaan Ija Qaldjoon daangeffamu kanaan dura namoota biro wajjiin
galmee lakk. 04092 tahee fi 55536 taheen irratti walhimannee tiyya tahuun mirkanaawee harkaa
qabu deebikennitoonni gaafa 17/5/2015 lafa qonnaa tiyya irratti kallattii Bahaatiin lafa Bal’ina
Heektaara 0.5 tahe daangaa dabranii jeequmsa kaasuudhaan akkan itti hin fayyadamne waan
nadhoorkaniif jeequmsi akka narraa dhaabbatu jachuudhaan himata dheeseen ture.
Deebikennitoonni ammaatis deebii isaanii gaafa 16/06/2015 mana murtii jalatti dhiheessan irratti
1ffaa lafti falmii kaafte harka himataa waan hin jirreef mirga himata jeequmsaa dhiheesuu akka
hin qabne, lafti falmii kaase lafa nuti waggaa 10 oli harkaa qabnu waan taheef himatamuu hin
qabnu jachuudhaan debii laatanii turan.
Kanaan booda manni murtii jalaa bitaa mirga falmisiisee raga namaa bitaa mirgaa erga dhagahe
booda dhaddacha gaafa 04/09/2015 ooleen himannoon ragaadhaan hin mirkanoofne
jachuudhaan himata kiyya kufaa taasisuun murteesee jira. Komiin kunis murtii mana murtii jalaa
kana komachuudhaan kan hdihaateedha.
Qabxiiwwan Dogongora Mana Murtii jalaatiin raawwatamanii fi akka naaf
sirreeffaman gaafadhu
1. Himannoon dhihaate kan jadhu lafa qonnaa qabiyyee dhuunfaa kiyya teessoo fi
daanggaan himata keesatti ibsame Heektara 3.5 tahe keessaa deebikennitoonni kallattii
bahaatiin lafa bal’ini isaa heektaara 0.5 tahu deebikennitoonni humnaan jeequmsa
kaasanii najalaa qabatanii kan jadhu yoo tahe deebikennitoonni ammoo deebiin mana
murtii jalaatiif dhiheessan lafti falmii kaafte qabiyyee dhuunfaa keenyaati malee kan
ol’iyyataa miti, kanaafuu jeequmsi kaafne hin jiru jachuudhaan deebii laatanii jiran.
Ragaan namaa ani mana murtii jalatti dhiheefadhe lamaanuu bifa walfakkaatuun lafti
falmii kaafte qabiyyee dhuunfaa kiyya akka tahe raga bahaanii jiru. Jeequmsi jiraachuu fi
ooluu ilaalchisee ragaan kiyya 1ffaan lafa falmii kaase irratti anaa fi deebikennaan 2ffaan
wallolaa osoo jirruu nutti dhufuu yoo raga bahu ragaan kiyya 2ffaanis anaa fi
deebikennitoonni lafa kana irratti waldhabnee jiraachuu dhagahuu raga bahee jira.
Ragaan barreeffamaa Waajira Lafaa irraa dhihaates bifuma raga namaa kiyya deeggaruun
lafa falmii kaase ani bara 1999 Mootummaa irraa karaa seera qabeessa taheen
marraasuudhaan argachuu kiyya, akasumas deebikennitoonni lafa kiyya irratti mana
ijaaranii jeequmsa kaasanii jiraachuu mirkaneesanii jiran. Deebikennitoonni mataan
isaanii jeequmsa hin kaafne jachaa jiran malee lafa kiyya qabachuu hin waakkanne, lafa
falmii kaase kana irraa ammoo mirga qabaachuu ragoonni isaanis tahe maanguddoon
isaanii wantti mirkaneessan tokkolleen hin jiru. Kanaafuu manni murtii jalaa deebii
dhihaate jacha raga namaa bitaa fi mirgaa akasumas qabiyyee raga ogeessaa dhihaate
sirritti madaalee murtii kennuu osoo qabuu lafti falmii kaase tohaannoo oliyyataa harka
jiraachuun ragaan hin mirkanoofne jachuudhaan himata kiyya kufaa taasisuun murtiin
kenne sirrii miti.
2. Ani himannoon kiyya lafa qonnaa kiyya Heektaara 3.5 tahe keessaa deebikennitoonni
lafa bal’ini isaa heektaara 0.5 tahu humnaan najalaa qabatan jadheen himadhe malee lafa
kiyya guutuu najalaa qabatan jadhee hin himanne. Yeroo ammaa lafti kiyya heektaari 3
(sadi) ana harka jira, ittis fayyadamaatan jira. Kanaafuu manni Murtii jalaa lafti anaa fi
debikennitonni irratti waldhabne hagami? Eenyuutu mirga itti qaba? Yeroo ammaa harka
deebikennitootaa haala kamiin seente? Ijoo jadhu siranaan osoo hin qulqulleessin gocha
humnaa deebikennitoonni ana irratti raawatanii lafa kiyya irratti ijaarsa manaa
gaggeessan tahuun ragaan mirkanaawee osoo jiruu murtii gocha seeraan alaa isaan
narratti raawwatan kana galmaan gahuuf kennuun sirrii miti.
3. Falmiin dhihaate falmii lafa qonnaati. Ani karaa seera qabeessaan marraasuudhaan lafti
kan naaf kennametee bara 1999 jalqabee qabiyyee kanatti fayyadamaa kanan jiru tahuun
ragaan ijoo mirkanaahe kan jiru waan taheef deebikennitoonni lafa falmii kaase eenyu
akka kenneefii qabatanii ijaarsa seeraan alaa irratti akka gaggeessan ragaan tokkolleen
baka hin mirkaneesinitti, lafa qabiyyee dhuunfaa kiyya deebikennitoonni humanaan
najalaa qabatanii haga ammaa ijaarsa irratti gaggeessaa jiran akka naaf gadilakisan naaf
murteesuu osoo qabuu manni murtii jalaa jeequmsi kaa’uunii fi qabiyyeen harka
ol’iyyataa jiraahuun ragaan hin mirkanoofne jachudhaan murtiin kenne murtii seeraan
alaa deegarsa seeraa tokkollee hin qabne waan taheef akka naaf diigamunn gaafadha.

Seerummaan gaafadhu
Manni Murtii kun komii kiyya seera roguma qabuun walcinaa qabee erga naf madaale
booda Murtii manni Murtii Aanaa Gumbbii Bordoddee dhaddacha gaafa 04/09/2015
ooleen kenne naaf diigee akkaataa himannoo kiyyaatiin akka naaf murteessuu fi baasii
kisaaraa falmii kanaan narra gahu durgoo abukaatoo dabalatee akka itti naaf murteessun
gaafadha.
Dhugaa tahuu b/s/d/f/s/lakk.92 mirkaneessa.

You might also like