You are on page 1of 3

Waajjira A/Alangaa B/M/D/Dollootti Fuula1

Dhaddacha Yakkaa Lakk G/A/A:- 0134

Guyyaa _6/3/2016

A/Seera-Eebbisaa Daani’eel

A/Alangaa-Tarreessaa Qajeelaa

Himatamtoonni- 1ffaa. Amaanu’eel Solomoon Bulchaa, 2ffaa. Leencoo Waaqjiraa Bayyan-


dhiyaatanii eenyummaa isaanii dhadacha irratti ibsataniiru.

Galmeen kan beellamameef dhagaha duraa fi Ragaa dhagahuuf yoo ta’u ragooleen A/Alangaa
namootni lama dhiyaataniiru

Himannanan A/Alangaa nu gaheera dubbifanneess nuufgaleera falmii kanaaf Abukaatoon seeraa


nuuf haadhaabbatu jedhaniiru. Gochi himannaa A/Alangaa keessaa gocha keenya miti jedhaniiru.

Himatamaa 1ffaan gochaan himannaa lamaanuu gochaakoo miti sababni isaa sibiila binnee
gurgurachuu dhaqaa jirraa bakka jedhame kanatti waardiyyaan waraana nutti waamuudhaan
nureebsise malee gochaa kana gochuu hin qabnu. Himatamaa laffaanis yaaduma himatamaa
tokkoffaan kaase dubbateera.

Yaada A/Alangaa Abukaatoo seeraa dhaabuu ilaalchisee

Himannaan dhiyaate ifaadha walxaxaa miti kana malees immoo barnoota qabu waan ta’eef ofii
isaaniif yoo falmatan kan jedhu gaafanna. Kana irraa ka’uudhaanis Manni Murtii himannaan ifaa
akka ta’e kaasuudhaan himatamtoonni akka isaan ofiif falmatan taasiseera.

Yaada A/Alangaa himatamtoonni gochaa ittiin himataman waakkachuu ilaalchisee

Himatamtoonni gochaa ittiin himataman waakkatanii waan jiraniif Ragaa namaa waan qabnuuf
dhiyaatanii nuuf haadhagahaman.ragooleen keenyas bu’uuruma himannaatiin nuuf beeku.

Ragaa A/Alangaa

Ragaa 1ffaa.Geetahun Tafarraa, Um- 33 S/B-10 Hojii- waardiyyaa Waaldaa Beetel dhanqaa
Teessoo M/D/Dolloo Ganda Laaftoo

Gaaffii Duraa

Gaafa Guyyaa 12/1/2016 Go/Qe/wallaggaa M/D/Dollooganda Laaftoo bakka addaa naannoo


Mana Amantaa Beetel dhanqaa jedhamutti tilmaamaan sa’aatii 7:00 yeroo ta’utti laameeraatu
yeroo baayyee awwiltii irraa badaan gaafan misaa bahu himatamtoonni kun gibbii awwaalaa
galaniiru jennaan gaafan dhaqu laameeraa kana qodaa simmin tootti caccabsanii itti guutanii
bahaa jiruun haayiluu waliin gaafa itti dhufnu namootni biraanis itti dhufan. Kana booda gaafan
harkatti qabu narukutuu yaade leencoon. Kana booda raayyaan ittiisaa lama nutti dhufnaan
Waajjira A/Alangaa B/M/D/Dollootti Fuula1

Dhaddacha Yakkaa Lakk G/A/A:- 0134

Guyyaa _6/3/2016

kallattiidhaan gara waajjira poolisiitti akka geessaniif gaafannaan raayyaan ittisa biyyaas
W/poolisii geessan. Sibiila laameeraa LTZ jedhama. Buqqisuu isaanii ijaan hin argine. Awwaala
bukkee dhaabbatanii jiru. Mooraa awwaalaa keessaa fuudhame. Bitanii deemaa jiraachuu isaanii
hin beeku.

Gaaffii qaxxaamuraa

Leencoon kallattiidhaan natti dhufe. Amaanu’eel immoo qodaa daangoteetti sibiila laameeraa
kana baatee natti dhufe. kaa’i lafa gaafan jedhuun amaanu’eel lafa kaa’e. yeroo caccabsitan
karaarran jira.caccabsanii keessa naqataa jiru.sibiilli sun laameeraa dha.yeroo buqqisaa jirtan
ijikoo hin argine.harka duwwaa darban gaafa darban.Sibiilli sun awwaala sana keessa
jira.Leencoon kallattiin dallaarra utaalee natti dhufe.karaa bukkee ga’ee narkaa fiiguu
barbaannaanan dhaabbadhu jedheen.

Gaaffii Keessa deebii

Sibiilli awwaala sanarra jiruuf himatamtoota harkatti qabame walfaakkataadha.Maqaa sibiila


sanaa LTZ ta’uu hin yaadadhu. hamma isaan caccabsanitti ragaan itti waamadhe.kanaan dura
sibiilli bakka awwaala sanaa babbadaa ture. Sibiila bakka awwaalaa ta’uu fi dhiisuu adda hin
baafanne.sibiila awwaala irraa fuudhameedha.

Ragaa 2ffaa. Haayiluu Baqqalaa, Um- 43 S/B- 7 Hojii- waardiyaa beetel dhanqaa Teessoo
M/D/Dolloo Ganda Laaftoo. Himatamtoota beeka jibba irraa hin qabu.

Gaaffii Duraa

Gaafa Guyyaa 12/1/2016 Go/Qe/wallaggaa M/D/Dolloo ganda Laaftoo bakka addaa naannoo
Mana Amantaa Beetel dhanqaa jedhamutti tilmaamaan sa’aatii 7:00 yeroo ta’utti yerpoom sana
taraa waardiyaarran jiraa ijoolleen kun dhufanii darban. Kanaan booda laameeraa awwaalaa irraa
eeguuf bilbileen ijoolleen kun akka dhaqaa jiraan itti dawwale. Sibiila lafatti argeera. Raayyaan
ittisa biyyaa lama karaarratti argeen shakkamtoota kana akka qabaniif yeroo itti himnu raayyaan
ittisa biyyaas qabanii naannoo baajaajiingahan. Sibiilli laameeraadha.LTZ sibiila dallaati
saddeettan isaatu harkatti qabame. Sibiilli harkatti qabame kan awwaala irraa buqqa’e ta’uu hin
beeku. Sibiilichi kan awwaalchaaf qopha’uudha.

G/q

himatamtoonni kun erga to’atamniin sibiila lafatti arge. Yeroo isin sibiila kana buqqiftan isin hin
argine.yeroo raayyaan itti biyyaa isin qabe isin bukkeen jira. Fuudhi hin fuudhuu irratti raayyaan
ittisa biyyaa reebe. Yomuu isin buqqiftan isin hin argine. Dallaa keessattis isin hin argine.dallaa
alattin isin arge.sibiilli kan awwaalli ittiin ijaaramuudha.
Waajjira A/Alangaa B/M/D/Dollootti Fuula1

Dhaddacha Yakkaa Lakk G/A/A:- 0134

Guyyaa _6/3/2016

G/keessa deebii

Geetahun nama jedhamutu Kottu warri darban qabamaniiru waan ta’eef jedhee naaf bilbile.
Kanaan dura sibiilli sun babbadaa ture. Manni amantaa fi bakki awwaalaa tilmaamaan Meetira
10 ta’a. sibiilli sun daangotee keessa jira.sibiillisun awwaala keessaa bahe waan ta’eef kan
awwaalchaati.

Mirga wabii ilaalchisee yaada A/Alangaa

Kew. Ittiin himannne mirga wabii kan dhorkisiisu miti waan ta’eef mirgi wabii yoo eegameef
mormii hin qabnu.

Ajaja.

Wabii qarshii 20,000 matamataatti qabsiisanii yookiin hojjetaa mootummaa miindaa qarshii
5000 gadi kan hin taane yoo waammatan deddeebi’anii hordofuu ni danda’u. hanga kana hin
taanetti to’annoo w/Poolisii jala haa turan. Galmee qorachuudhaaf gaafa 19/3/2016 sa’a 3:00

You might also like