You are on page 1of 2

Qajeelfama Dorgomtootaa

Akkaataa labsii bittaa mootummaaa keeyyata 27 qajeelfamni dorgomtootaa kanneen armaan


gadii qabata.
1. Dorgomtoonni biyya keessaa tarreeffama dhiheessitootaa keessatti galmaa’uu isaanii waraqaa raga
qabaachuu qabu.
2. Dorgomtoonni caalbaasii biyya keessaa irratti hirmaatan gibira hojii bara baajata 2016 kaffaluu isaa kan
mirkaneessan ragaa biiroo A/T/Galiiwwanii, Gumuruukaa ykn galii biyya keessaa federaalaa irraa ragaa
kan dhiyeessanii fi eeyyama daldalaa haaraa ykn haaromfame dhiyeessuu ykn daldaltoonni
sadarkaa A keessa jiran xalayaa A/T/Galii irraa dhiyeeffachuu qaban.
3. Dorgomaan biyya keessaa bittaa gatiin isaa qarshii 100,000 ol ta’e irratti hirmaatu kamiyyuu kaffalaa
taaksii dabalataa qabeenyaa/VAT/ galmaa’uu isaa mirkaneeffachuun waraqaa ragaa dhiyeeffachuu
qaba.
4. Dorgomaan gocha malaammaltummaa fi qisaasa irraa bilisa ta’uu fi seerota federaalaa fi naannoo kan
kabajuu fi sanadoota yaada dorgommii fi sanada caalbaasii waliin unka jiru irratti waadaa seenuun
mallatteessuu qaba.
5. Dorgomtoonni caalbaasicha gufachiisuuf yaalan caalbaasii ala akka ta’an gara fuulduraattis bittaa mootummaa
irratti akka hin hirmaannee fi kabachiisa caalbaasiif qabsiisan akka dhaalaman beekuu qabu.
6. Caalbaasii kamiyyuu gamaaggamuuf malaawwan gamaggamaa fi waldorgomsiisaa hojiirra oolan ykn
tarreeffama ulaagaawwan ykn qabxii ulaagaalee tokkoon tokkoon qaban agrsiisu qophaa’uu qaba.
7. Sanadni yaada dorgommii dorgomtootaan dhihaatu gosa meeshaa, maqaa meeshichaa, biyya itti
oomishame, lakk fi biyya itti oomishame facaatii agarsiisuu qaba.
8. Samuudii/sample/ meeshaalee dorgomtootaan dhiyaachuun barbaachisaa yoo ta’e Samuudiin barbaadaman
bakka itti dhihaatanii fi akka barbaachisaa isaatiin yeroo dorgomtootaan ittiin ilaalamuu fi iddoo akkasumas
samoodota kanneen dorgomtoota caalbaasii mo’ataniif kan deebi’u ta’uu ykn deebi’uu kan hin dandeenye
ta’uu.
9. Dorgomtoonni caalbaasii erga banamee booda yaada dorgommii caalbaasii dhiheessanii irratti jijjjiirama ykn
fooyya’iinsa gochuu ykn caalbaasii keessaa bahuun hin danda’amu.
10. Bakka saanduuqni caalbaasii itti banamu ifa ta’uu fi erga caalbaasiin banamee booda sanadni yaada
dorgommii dhihaatu fudhatamuu hin qabu.
11. Wabummaa kabachiisa caalbaasii ykn waliigaltee gaafatameefi yeroo wabummaan ittiin dhihaatuu fi
ragga’ee turu ibsuu.
12. Malaawwan caalbaasii gamaaggamuuf itti fayyadaman ulaagaalee gamaggama kanaaf barbaachisuu fi ga’ee
qabxii ulaagaaleen kun qabaachuu qabu akkasumas dorgomtoonni lamaa fi lamaa oli gamaggamamanii qabxii
walqixa yoo argatan mo’ataa caalbaasii addaan baasuu fi yaada dorgommii haala ittiin dhihaatuu fi ulaagaalee
ibsa.
13. Yeroo gatiin caalbaasii ragga’ee itti turuu fi bakka walharkaa fuudhiinsaa ibsuu.
14. Dorgomaan dorgomtoonni sanada yaada dorgommii dhiyeessan irratti maqaa, teessoo fi mallattoo
isaanii barreessuu qabu.
15. Caalbaasichii invelooppii lamaan kan dhihaatu ta’ee, samiin samsamuun sanadoota orijinaalaa fi
waraabbii adda addaatiin samsamee qaama aangoo qabuun mallatteeffamuu fi chaappaa qabaachuu
qaba.
16. Ragaan deeggarsaa fi sanduuqni caalbaasii W/ra MWD A/Nadhii Gibeetii argatu.
17. Dorgomtoonni sanada caalbaasii irrattii ibsa ykn gaaffii yoo qabaatan guyyaa caalbaasiin banamuu guyyaa 5
dura dhiyeessuu qabu.
18. Yeroo caalbaasiin banamee waliigalteen raawwatamu, sirreeffamni gatii hin taasifamu/hin eeyyamamu/.
19. Ilaalchi addaa oomisha kamiifuu hin taasifamu.
20. Waajjirichi dorgomaa mo’ataa ta’ee filatame waliin waliigaltee otuu hin mallatteessin dura gatii mo’ataa osoo
hin jijjiirin baay’ina dhiyeessii ajaja itti kennuu irratti 20% hir’isuuf ykn dabaluu ni danda’a.
21. Dorgomtoonni adeemsa raawwii caalbaasii irratti komii yoo qabaatan akkaataa labsii bittaa keewwata 61 fi
62n komii iyyataan barreessuun dhiyeeffachuuf mirga qabu.
22. Qaamni raawwatu wanta seera qajeelfama bittaattiin ala ta’e, yoo arge caalbaasicha haquudhaaf mirga qaba.

Maqaa dhiyeessitootaa Mallattoo


Maqaa:- ______________________________
Teessoo:-____________________________
Lakk.Bibilaa:-_______________________

You might also like