You are on page 1of 12

atgeO

Dambii Mirkaneessa
GAHUMSA Konkolaataa
Fi Dh/Taj/Geej lakk.193/
2009 bahe
2009
Seensa

Ejansiin Geejjiba Oromiyaa Labsii Qaamolee Raawwachiiftuu


Irra Deebiidhaan Gurmeessuun Aangoo Fi Gahee Hojii
Murteessuuf Bahe lakk.163/2003tiin tajaajila geejjiba ummata
biraan gahuuf hojjeechaa jira.Kenna tajaajila geejjiba galmaan
gahuuf ammoo konkolaattota gahuumsa isaanii yeroo yerootti
mirkanneessaa deemun barbaachisaa dha. Gama biraatiin ammoo
balaa tiraafikaa sababa hanqina gahuumsa teeknikaan qaqqabaa
jirus gahuumsa konkolaatoota waggaa waggaatti sakattaasisuun
mirkaneessaan dhimma xiyyeeffannoon hojjatamuu qabuu dha.
Kanaafis konkolaataa gahuumsa isaanii eeguuf waggaa
waggaatti konkolaataa naannoo keenya keessatti galmaa’an
sakatta’a teeknika waggaa akka taasisan gochuun balaa tiraafikaa
sababa kanaan qaqqabu xiqqeessuun ni danda’ama. Sakatta’aan
konkolaattoota kun ammoo dhaabbillee dhuunfaa gahuumsa
qabaniin kan raawwatamu waan ta’eef qajeelfama hojii
dhaabbileen sakkata’aa itti hogganamanii fi itti gaafatamuummaa
hordofsiisu qabaachuun waan barbaachiseef bu’uura dambii
143/2004 kewwata 30(2)tiin qajeelfamni kun bahee jira.

Barbaachisummaa Qajeelfamichaa

 Qulqullina hojii sakatta’a dhaabbilee sakatta’an taasifamu


cimsuuf,
 Sirna itti gaafatamummaa fi iftoomina ejansii fi dhaabbilee
sakatta’a gidduutti uumuf,
 Waliigaltee bu’uura seeraa irratti hundaa’e raawwachuuf,
Kutaa 1 Haala Waliigalaa

Keewwata 1 Mata Duree Gabaabaa


Qajeelfamni kun, Qajeelfama Tajaajila Sakatta’a Gahuumsa Teeknika Waggaa
Konkolaataa Bakka Bu’iinsan Hojjachiisuu Fi Raawwii Isaanii To’achuuf Bahe lakk
09/2007 jedhamee ni waamama.

Keewwata 2 Kaayyoo

Kenna tajaajila bakka bu’iinsa hojii dhaabbilee sakatta’a gahumsa teeknika konkolaataa
waggaa raawwatamu iftoomina fi qulqullina akka argatu taasisuun balaa tiraafikaa
sababa hanqina teeknika konkolaataan qaqqabaa jiru xiqqeessuu dha.

Keewwata 3 Hiikkaa Jechootaa

Akkaataa galumsa isaa hiikkaa biroo yoo itti kenamuu baate qajeelfama kana keessatti;

1. Cheeklistii Sakatta’a Teeknika Konkolaataa:- jechuun yeroo sakatta’a teeknika


waggaa raawwatamu haala gahuumsa teeknikaa, ejjannoo qaama, kutaa fi
meeshaalee xiyyeeffannoon ilaalaman tarreeffama qabatee dha.
2. Dhaabbata Sakkata’insa Konkolaataa:- jechuun qaama gahumsa teeknikaa
konkolaataa sakkata’uf bakka bu’iinsa yeroo murta’eef keenamee fi hojii
sakkata’insa gahumsa teeknikaa konkolaataa irratti bobba’an dha.
3. Ejansii:- jechuun Ejansii Geejjiba Oromiyaa fi ejansii gejjibaa sadarkaa sadarkaan
jiranii dha.
4. Gabaasa Hojii:- jechuun gabaasa soft copy fi hard copyn print out barreefamaa fi
suuraa vidiyoo meeshaalee sakatta’a irraa argamuu dha.
5. Konkolaataa abbaa motoraa:- jechuun konkolaataa humna makaanikaalaan yookiin
elektirikaan daandii irratti gololleen(goommaan) kan socha’uu dha.
6. Konkolaataa Haaraa (New Vehicle):- jechuun konkolaataa gonkumaa biyya alattis
ta’e biyya keessatti hin galma’in yookiin kan gabatee hin maxxanfatiin dha.
7. Konkolaataa Moofaa (Used Vehicle):- jechuun konkolaataa biyya alaa yookiin biyya
keessatti galma’ee yookiin kan gabatee maxxanfatee turee dha.
8. Sakatta’a Gahuumsa Teeknika Konkolaataa Waggaa:- jechuun sakkata’a teeknika
konkolaataa dhaabilee beekamti qaban keessatti waggaatti al tokko rawwaatamu
dha.
9. Mallattoo Maxxantuu Gahuumsa Teeknika Waggaa:- jechuun konkolaataan
mija’inaa fi teeknika isaa gahuumsa qabu daandii irra akka socha’uuf waggaa
tokkoof mallattoo maxxanfamee tajaajiluu dha.
10. Manuwaalii Sakatta’a Teeknika:- jechuun manuwaalli hojii Ejansii Gejjiba
Oromiyaattin qopha’ee hojii sakkata’a teeknika konkolaataa waggaa ittiin
raawwatamu dha.
11. Meeshaalee Sakatta’a Dhaabbii:- jechuun buufata sakatta’a murtaa’ee keessatti lafa
irratti dhaabuun (fixed on ground) gosa konkolaataa murta’eef meeshaalee tajaajila
sakatta’a teeknika konkolaataaf gargaaran dha.
12. Meeshaalee Sakatta’a Socha’a:- jechuun buufata sakkata’a murtaa’ee keessatti
iddoo gara iddootti socho’un (portable) meshalee tajaajila sakatta’a teeknika waggaaf
olanii dha.
13. Meeshaalee Sakatta’a Teeknikaa:-jechuun meeshaalee sakkata’aa teeknika
konkolaataa socha’aa yookiin dhaabbii kan oggeessa teeknikaa sakatta’insaf kan
gargaarani dha.
14. Sakatta’a Addaa:- jechuun qorannoo gahumsa teeknikaa fi mijaa’ina meeshalee
konkolaataa irratti yeroo adda addaa sagantaa dhaabataan al gaggeefamu kan akka
yeroo balaan qaqqabee yookiin komiin dhiyaatee yookiin sababa biroon sakkata’insa
konkolaataa oggeessota ejansichaan raawwatamu dha.
15. Sakkata’a Tasaa:- jechuun gahumsa teeknika konkolaataa mirkanneessuuf
to’atootaan daandii irratti sakkata’a gaggeeffamu dha.
16. Unkaalee Hojii:- jechuun sanada konkolaataa tajaajila sakatta’a teeknikaaf dhiyaate
ittiin fudhamuu fi kan adeemsi hojichaa ittin raawwatamuu dha.
17. Waraqaa Hojii Oggeessa Dhaabata Sakkata’a:- jechuun ulaagaa xiqqaa sakatta’a
teeknika waggaa konkolaataa gahumsaan raawwachuuf dandeessisu ejansiin baasee
guutee argameef haayyama hojiif waraqaa ogeessaf kennamuu dha.
18. Waraqaa Ragaa Gahuumsa Teeknika Konkolaataa:- jechuun sanada gahuumsa
konkolaataa sakatta’a teeknika waggaa raawwateef kennamuu dha.
19. Waraqaa Ragaa Mirkaneessa Gahumsa Dhaabbataa:- jechuun sakatta’a teeknika
waggaa konkolaataa dhaabbata sakatta’aaf sadarkaa fi iddoon adda bahee sanada
mirkaneessa gahuumsa kennamuu dha.

Keewwata 4 Ibsa Koorniyaa

Qajeelfama kana keessatti ibsi koorniyaa dhiiraa fi koorniyaa dubartis ni dabalata.

Kuta Lama Sirna Kenniinsa Bakka Bu’iinsaa Fi Raawwatiinsa Isaa

Keewwata 5 Sirna Kenniinsa Bakka Bu’iinsaa

1. Dhaabbata sakatta’iinsa teeknika konkolaataa waggaa raawwachuuf meeshaalee


ammayya’aa fi humna namaa iddoo hojii qabaatee bu’uura labsii 681/2002 fi dambii
143/2004 itti gaafatamummaa fudhatee hojjachuuf hayyamamaa ta’uun iyyannoo
dhiyeeffachuu qaba.
2. Bu’uura keewwata 5(1)tiin dhaabbatni iyyannoo dhiyeessen gareen ogeessota
Ejansii Gejjiba Oromiyaan dhaabbatichi gahuumsa qabaachuu isaa unkaalee
gahuumsa itti mirkanaa’uun sakatta’amee qaama sakkata’een mallattoon
mirkanaa’u qaba.
3. Bu’uura keewwata 5(2)tiin dhaabbatni gahuumsi isaa mirkanaa’e bakka bu’iinsa
fudhachuuf sanada waliigaltee irratti Ejansii Gejjiba Oromiyaa waliin mallatteesse
mirkaneessu qaba.
4. Sanada waliigaltee walii mallatteessuf “Waraqaa Gahumsi Dhaabatichaa” ogeessa
Ejansii Gejjiba Oromiyaa koppii sadiin qophaa’ee mallattaa’a.
5. Dhaabbatni sanada waliigaltee mallatteesse tajaajila kaffaltii kanfaluun koppii
waraqaa gahuumsa dhaabbatichaa tokko mallatteessee fudhata. Koppii tokko ejansii
godinaa yookiin magaalaa dhaabatichi keessatti argamuuf yookiin socha’uuf
kooppiin tokko ammo Ejansii Gejjiba Oromiyaa kan kennamu ta’a.

Keewwata 6 Raawwatiinsa Bakka Bu’iinsa Waliigaltee

Bu’uura keewwata 5tiin bakka bu’iinsi waliigaltee kan turu guyyaa ejansiin fi
dhaabbatni walii mallatteessani irraa kaasee hanga dhuma qaammee bara waliigalteen
itti raawwatamee qofa ta’ee guyyaa waliigalteen kun kennamee hanga bakka bu’iinsi
kun irraa ka’utti qofa ta’a.

Kuta Sadii Meeshaalee Hojiif Barbaachisan

Keewwata 7 Meeshalee sakkata’a dhaabiif barbaachisan

1. Baatirii Harkaa(Inspection Light)


2. Meetira (Measuring tape)
3. Leensii Guddisee Mul’isu
4. Kiriikii fi kaastuu Kiriikii
5. Hiiktuuwwan adda addaa
6. Agarsiiftuu Kallattii ibsaa fuula duraa Kompiyuutaraan gargaaramu (Computer ized Head
Light Tester)
7. Fireenii konkolaataa Kompiyuutaraan gargaaramu
8. Suspention tester
9. Meeshaa sakatta’a haala aara konkolaataa kompiyuutaraan gargaaramu (Computerized
Exhaust gas analyzer)
10. Safartuu ilkaan gommaa (Tire tread depth gauge)
11. Ittisa balaa Ibiddaa
12. CCTV kaameera

Keewwata 8 Meeshalee sakkata’a socha’aaf barbaachisan

1. Baatirii Harkaa(Inspection Light)


2. Meetira (Measuring tape)
3. Leensii Guddisee Mul’isu
4. Kiriikii fi kaastuu Kiriikii
5. Hiiktuuwwan adda addaa
6. Agarsiiftuu Kallattii ibsaa fuula duraa Kompiyuutaraan gargaaramu (Computer
ized Head Light Tester)
7. Fireenii konkolaataa Kompiyuutaraan gargaaramu
8. Suspention tester
9. Meeshaa sakatta’a haala aara konkolaataa kompiyuutaraan gargaaramu
(Computerized Exhaust gas analyzer)
10. Safartuu ilkaan gommaa (Tire tread depth gauge)
11. Ittisa balaa Ibiddaa
12. Dijiitaala Vidiyoo Kaameera

Kutaa Afur Gahee fi Dirqama Qaamolee Adda Addaa

Keewwata 9 Dirqama Dhaabbata Sakatta’aa

1. Sakatta’a teeknika waggaa konkolaataa yeroo raawwatu bu’uura seera, qajeelfama fi


ulaagaalee ta’uun mirkaneessuun ta’uu qaba.
2. Ulaagaa ta’uudhaan meeshaalee sakatta’a qajeelfama kanaan ni barbaachisan
jedhamanii kaa’aman yeroo kamituu guutumaa guutuutti fayyadamun hojeechu
qaba.
3. Waliigaltee fudhataan haalli addaa yookiin rakkoon yeroo kamiyyuu yoo isa
muudatu waligaltee kennaaf gabaasa gochuun qajeelfama hojii gaafachuu qaba.
Bu’uura kallattii furmaata waliigaltee kennaan kennuun hojiirra olcha.
4. Waliigaltee fudhataan unkaalee hojii isaaf barbaachisu baasii ofiitiin waliigaltee
kennaa irraa fudhachuu qaba.
5. Waliigaltee fudhataan naamusa gaarii fi saffinaan tajaajila kennuu qaba.
Dhaabbatnis ta’ee hojjataan isaa qarshiis ta’ee kennaa adda addaa tajaajilamaa irraa
gaafachuus ta’ee fudhachuun dhoorkaa dha.
6. Waliigaltee fudhataan istaandardii taa’en bu’uura gochuun tajaajila saffisaa kennuu
qaba.
7. Waliigaltee fudhataan hordoffii raawwii hojii ilaalchisee waliigaltee kennaan
taasisuuf deeggarsa gochuuf qaba.
8. Sakatta’a teeknika waggaa raawwatuuf kaffaltii tajaajilaa keewwata 10 bu’uura
ibsameen abbaa qabeenyaa konkolaataa kafalchiisa. Kafaltii kana ala kafaltii
kamiyyuu gaafachuu hin danda’u.
9. Ogeessi sakatta’a teeknika waggaa raawwatu hojiitti galchuu dura waraqaa hojii
ogeessa maqaa isaatiin Ejansii Gejjiba Oromiyaa irraa fudhuufi qaba.
10. Dhaabbatni ogeessa of biraa gaggeessu dura waraqaa hojii bu’uura keewwata
9(9)tiin fudhatee deebisuu isaa erga qulqulleessee booda hojii gadi lakkisuu isaa
ragaa kennuu qaba.
11. Dhaabileen sakkata’a maashinii socha’atiin akka hojeetan hayyamameef ejansi
gejjiba godina yookiin magaala Ejansii Gejjiba Oromiyaa itti rammade qofa
hojeechuu qabu.
12. Dhaabatni sakkata’a socha’aa iddoo rammaddii Ejansiin Gejjiba Oromiyaatiin
keenameef keessatti hojeechuu qaba.
13. Dhaabatni sakkata’a damee tokko ol qabuu oggeessa isaa jijjiiree yoo itti fayyadamu
barbaadee dursa ejansii gejjiba godiinaa yookiin magaalaa beeksiisuu qaba.
14. Waligalteen bakka bu’iinsaa waggaa waggaatti haroomfamuu qaba.
15. Tarreefama konkolaataa barbaadaman qaama aangoo qabu irraa isa gaheen fi
lakkoosfi shaansii fi mootarii isaa rukkutamee yeroo sakkata’insa raawwatu
argamee battalumatti ejansiif gabaasu qaba.
16. Gabaasa sakkata’insa konkolaataa raawwatee bu’uura gabatee yeroo armaan gadiin
gabaasa taasisu qaba.
a. Gabaasa ji’a guyyaa 20-25 keessatti ejansii godinaa yookiin magaalaaf
gabaasu qabu.
b. Gabaasa kurmaanaa ji’a kurmaan xumuraa guyyaa 20-25 keessatti ejansii
godinaa yookiin magaalaaf gabaasun gargalcha isaa Ejansii Gejjiba Oromiyaa
qaqqabsisuu qabu.
17. Sakkata’a tasaatiif qaamni aangoo qabu konkolaataan akka sakkata’amuu yoo ajajee
sakkataa’un bu’aa isaa keenu qaba.
18. Konkolaataa moofaa ejansii biratti galmuuf dhiyaatee bu’uura xalayaa lakkoofsa
shaansii fi mootoraa eerun/ibsamuun/ sakkata’aaf ergameef sakkata’insa
raawwachuun bu’aa isaa ergu qaba.

Keewwata 10 Kaffaltii Tajaajila Konkolaataa Sakatta’a Teeknika Waggaaf Dhiyaatu

Tajaajila kaffaltii konkolaataa sakatta’a teeknika waggaaf bu’uura kanaa gaditti


tarreefameen kan raawwatamu ta’a

1. Taa’umsa Konkolaataa Geejjiba Deddeebisa Ummataaf

Lakk Teessoo geejjiba ummataa Kafaltii tajaajilaa


1 1-12 186
2 13-29 201
3 30-44 224
4 45 ol 240
2. Konkolaataa Fe’umsa Gogaa Kuntaalan

Lakk konkolaataa fe’umsa gogaa kuntaalan Kafaltii tajaajilaa


1 1-15 186
2 16-40 201
3 41-69 216
4 70-120 231
5 121 fi ol 246
6 Sochii addaa 203

3. Konkolaataa Fe’umsa Dhangala’aa Litiraan

Lakk konkolaataa fe’umsa dhangala’aa litiraan Kafaltii tajaajilaa

1 100-1560 186
2 1561-4160 201
3 4161-7176 216
4 7177-12480 231
5 12481 fi isaa ol 246

4. Kafaltii tajaajilaa keewwata 10(1-3) jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee
sakkata’a motor saaykiliif qarshii 79 dha.
5. Kafaltii tajaajilaa keewwata 10(1-3) jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee
qulqullini sakatta’aa akkuma eegametti ta’ee dorgommii cimsuuf jecha kafaltii
ta’ee gadii kafalchisuu ni danda’ama.
6. Kan keewwata 10(1-4) jiru akkuma eegameetti ta’e sakkata’a teeknika
konkolaataa waggaa kuufun yeroo 2ffaaf yookiin isaa oliif sakkata’insa
raawwachuuf kan dhiyaatee bu’uura armaan gadiitiin kafaltii kan raawwatu
ta’a.
a. Freenii, side slip, suspeentionf kafaltii waliigalaa irraa % 60
b. Ibsaa fulduraaf “ “ % 10
c. Sakkata’a araaf “ “ % 20
d. Sakkata’a ijaan taasifamuuf (visual inspection) “ “ % 10

Keewwata 11 Gahee fi Dirqama Ejansii Gejjiba Oromiyaa

1. Sakatta’a teeknika bu’uura seera fi dambii konkolaattootaaf sirritti sakatta’a


taasifamuu isaa fi haala nageenya tiraafikaa mirkanneessuun raawwatamu
jiraachuu isaa to’achuu fi tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu qaba.
2. Bu’uura gaaffii dhaabbataatiin ibsaa fi deeggarsa akka taasifamuuf gaafataniin
deebii haatattamaa kennuu qaba.
3. Fedhii gaaffii waraqaa hojii ogeessa sakatta’a teeknikaa raawwatu yoomu
gaafatamu deebii haatattamaa kennuu.
4. Dhaabbilee /kubbaaniyyaa/ yookiin abbootii qabeenyaa sakatta’a teeknika
konkolaataa raawwachuuf gahuumsa qabaachun dhiyaataniif ulaagaalee
barbaachisu guutuu isaanii mirkanaa’un waraqaa gahumsaa tajaajila kennuu
dandeessisu kennuu.
5. Dhimmoota kenniinsa tajaajila sakatta’a teeknika waggaa raawwachuuf dhaabbilee
garagaraan
a. Manuwaalii tarreeffama hojii sakatta’a teeknikaa qopheessee ni kenna.
b. Unkaalee adda addaa hojiif barbaachisan qopheessee ni kenna.
c. Ulaagaa (ckeek-listii) sakatta’a teeknika konkolaataa qopheessee ni kenna.
d. Formaatii gabaasni hojii idilee ittiin dhiyaatu qopheessee kennuun hojiirra
akka oolu ni taasisa raawwii isaas ni to’ata.
6. Ogeessoota fi raawwattoota dhaabbilee sakatta’aaf leenjii ni kenna.
7. Dhaabbatni sakatta’aa bakka bu’iinsa fudhatee sababa ibsuun bakka bu’insi isaa
akka irraa ka’u ji’a tokko dura gaafii dhiyeessu qaba.
8. Sagantaa hojii kenniinsa tajaajila sakatta’a teeknika waggaa fi mallattoo maxxantuu
baasuun ni beeksiisa. Sagantaa kanas tajaajilamtotaf beeksisa ifaan dursa ni
beeksiisu qaba.
9. Ulaagaalee adda addaa kenniinsa tajaajilaaf qophaa’an qorannoo irratti
hunda’unfoyya’insa ni taasisuun dhaabileef ni beeksiisa, qajeelfama irratti
foyya’insa ni taasisa.
10. Kenniinsa tajaajila dhaabbilee ilaalchisee,
a. Jijjiirraa odeeffannoo karaa “Wide area network” akka raawwatu sirna raawwii
ni diriirsa, raawwii isaa ni mirkanneessa.
b. Kenniinsa sakatta’a teeknika konkolaataa fi boollo ogeessota inspeekshinii
ramadamaniin akka raawwatu hoggansa ni kenna, raawwii isaa ni to’ata.
c. Sakatta’a teeknika tasaa raawwatamu adeemsa raawwii sakatta’a, galmeessa
ragaa fi sirna gabaasaa formaatii qopheesse hojiirra ni olcha.
11. Sakkata’a waggaa dhaabilee sakkata’a maashinii socha’atiin raawwatamu sirnaan
hogganuuf karoora waggaa waliin qoodinsa iddoo hojiin sakkata’aa taasifamu ni
baasaa.
12. Maxxansaalee kaneen akka booloo fi paadii barri baajataa haaraa jalqabamee haanga
haagayya 30 maxxansiisuu raabsuu qaba.
13. Murtii adabbii bakka bu’iinsa haaqamuu hordofsiisaan ni fudhata.
14. Murtii adabbii bu’uura qajeelfama kanaan ejansii gejjiba godinaa yookiin
magaalaatiin kenamee aangoo oliyannoo ilaaluu ni qaba.
Keewwata 12 Gahee Hojii Ejansii Geejjiiba Godina/Magaalaa

Tajaajila sakatta’a teeknika konkolaataa waggaa fi kenniinsa mallattoo maxxantu


(boolloo) akka raawwatu gahee hojii itti aanu ni qabaata.

1. Konkolaataan dhaabbata bakka bu’iinsa qabu irraa waraqaa ragaa darbuu fi


gahuumsa isaa mirkanneessu dhiyeesse bu’uura gochuun Mallattoo maxxantuu
(Boolloo) maqaa yookiin mallattoo addaa dhaabbatichaa kaa’un ni kenna.
2. Gabaasni idilee akka hojiirra oolu ni taasisa raawwii isaa ni to’ata.
3. Sakatta’a teeknika konkolaataa raawwatamu fi kenninsa mallattoo maxxantuu
(boolloo) ilaalchisee ogeessota teeknikaa raamaduun sakatta’a teeknika addaa
yookiin tasaa ni gaggeessa.
4. Adeemsa sakatta’insa tasaa raawwatamuuf formaatii odeefannoon itti galmaa’u fi
gabaafamu hojiirra oolcha.
5. Ogeessota teeknika dhaabbilee keessatti hojii sakatta’af ramadaman ulaagaa fi
istaandardii baheen raawwachuu akka danda’an ni taasisa, raawwii isaas ni
hordofa.
6. Dhaabbilee bakka bu’iinsa fudhachuun tajaajila kennaa jiran gahuumsa hojii fi
kenna tajaajila isaanii ogeessoota ramadee erguun gamaaggamaa fi to’annoo ni
gaggeessa, hanqinalee raawwii mul’ataniif tarkaanfii ni fudhata.
7. Sagantaa kenniinsa tajaajila sakatta’a teeknika konkolaataa waggaa fi mallattoo
maxxantuu (boolloo) ilaalchisee sagantaa baasuun tajaajilamtootaf dursee ni
beeksiisa.
8. Foyya’insa ulaagaalee adda addaa fi safartulee kenna tajaajila tajaajilamtootaf karaa
ifaa fi guutuu ta’ee dursee hubannoo ni keenna.
9. Paadii sakkata’a teeknika waggaan ittiin gaggeefamuu dhaabilee sakkata’atiif ni
keena, seeran hojiirra olchaa jiraachuu isaanii ni hordoofu, bakka rakkoon mul’atetti
tarkaanfii sireefamaa ni fudhata.
10. Adabbii bakka bu’iinsa haaqamuu hordofsiisaan Kew. 13 jalatti tumaman ragaa isaa
qindeessuun yaada murtee waliin Ejansii Gejjiba Oromiyaaf dabarsuu qabu.

Kutaa Afur Dhimmoota Adda Addaa

Keewwata 13 Adabbii

Dhaabatni kamiyyuu tumaalee qajeelfama kana darbanii argaman haala armaan


gadiitiin kan adabamuu ta’a

1. Dhaabbatni bu’uura qajeelfama kanaan fi waliigalteen haalawwan gabaasni itti


dhiyaatu keessa isaa tokkollee yookiin daangaa yeroo gabaasni itti dhiyaachuu
qabuun osoo gabaasa hin dhiyeessin hafee yookiin daangaa iddoo hojii hayyamameef
ala hojeechaa yookiin osoo ejansii hin beeksiisin ogeessa jijjiiree hojeechisee argame:
a. Balleessaa yeroo duraaf raawwateef akkeekachisa barreefamaa kennameefi yeroo
guyyaa 15 keessatti akka sireefatu ta’u qaba.
b. Balleessaa yeroo lammaffaaf raawwatef ji’a sadiif ni dhoorkama.
c. Balleessaa yeroo sadaffaaf raawwatef bakka bu’iinsi hojii keenamee ni haaqama.
2. Dhaabbatni waraqaa gahuumsa mirkanneessuu argachuuf meeshaalee sakatta’a
galmeesisee ture yeroo kamiyyuu osoo itti hin fayyadamiin hafe argamee,
a. Balleessaa yeroo duraaf raawwatef akkeekachisa barreefamaa kennameefi yeroo
guyyaa 15 keessatti akka sireefatu ta’u qaba.
b. Balleessaa yeroo lammaffaaf raawwatef bakka bu’iinsi hojii keenamee haaqamun
haanga waggaa lamaattis hayyamni biraa hin keenamuuf.
3. Dhaabatni kafaltii tajaajilaa murta’een ala kafalchiisee argamee,
a. Balleessaa yeroo duraaf raawwatef adabbii qarshii kuma 10,000 ni adabama.
b. Balleessaa yeroo lammaffaaf raawwatef bakka bu’iinsi hojii keenamee ni
haaqama.
4. Dhaabbatni bakka bu’iinsa qajeelfama kanaan waliigaltee raawwatamuun gosa
konkolaataa yookiin ulfaatina haayamameef ala bahee sakkata’a raawwatee yookiin
konkolaataa sakatta’a teeknika waggaaf osoo hin argamiin akka dhiyaate sakatta’amee
fakkeessuun waraqaa ragaa sakatta’a kennee argame bakka bu’iinsi hojii keenamee
haaqamun adabii Qr. 20,000.00 (kuma diigdama) adabamee yakkaan kan gaafatamu
ta’a.
5. Abbaan qabeenyaa konkolaataan isaa bu’uura keewwata 13(3)tiin sakkata’amee
argamee qarshii 5,000 (kuma shan) adabamee yakkaanis kan gaafatamu ta’a.

Keewwata 14 Daangeffama yeroo

1. Dhaabatnis ta’e abbaan qabeenyaa balleessa bu’uura kewwata 13(1, 2, 3 fi 5)tiin


raawwateef yeroo qoranno dhimmichaa osoo hin dabalatiin guyyaa balleessa isaa
beekamee kaasee haanga ji’a sadii yoo tarkaanfiin fudhatamuu baatee hin gaafachisuu.
2. Dhaabatni balleessa bu’uura kewwata 13(4)tiin raawwateef daangaa yeroo seera
yakkaan tumamee raawwatiinsa kan qabaatu ta’a.

Keewwata 15 Tumaalee Adda Addaa

1. Sababa kamiinuu ogeessi dhaabbata irraa hojii gadi lakkisu dhaabata irraa bu’uura
kew. 9(9)tiin waraqaa hojii oggumma dhaabaticha irraa fudhate dhaabbatichaaf
deebisuu qaba.
2. Dhaabatni sakkata’a murtii irratti keenamee irratti yoo mormii qabaatee Ejansii
Gejjiba Oromiyaaf ji’a tokko keessatti ol’iyannoo ni dhiyeessa.
3. Ejansiin Gejjiba Oromiyaa qajeelfama kana foyyeessuf aangoo ni qabaata.
4. Qajeelfama kana waliin duuka bu’oota ta’anii ergaman ckek listii hojii, unkaalee,
formaatiin waliigaltee fi maanuwaaliin qaama qajeelfama kanaa ta’u.
5. Qajeelfamni kun hogganaa Ejansii Gejjiba Oromiyaan mallattaa’ee chaappaan
guyyaa mirkanaa’ee eegalee hojiirra kan oolu ta’a.

You might also like