You are on page 1of 5

Sakkatayiinsa Rakkoowaan Giddugala Inkubeeshinii Daldala TQO Oromiyaa Damee

Adaama bara 2009 fi 2010 irrati godhame

Seensa
Raawwii hojiilee walii gala Giddugala Inkubeeshiinii Daldala TQO oromiyaa hariiroo kaayoo
hundeefameen yeroo xinxaalamu qaawwii guddaan karooraa fi raawwii giddu kan jiru ta`uu isaa
hubannee jirra. Sababa qaawa kanaas maal akka ,ta`ee adda baasuuf, sakkatayiinsa haala keessaa
fi alaa gaggeesinee jirra. xinxaala geggeesineen rakkoowaan waggaa lamaan darbaan keessatii
kayyoon akka galma hin geenyeef sababa ta`aan adda baasuuf yaaliin godhamee jirra.
Kayyoo
Madda rakkoo akka hojiin haala karoorfameen hin raawatamnee godhaan adda baasuun mala
furmaataa ka`uu dha.
Galma
Rakkoo hojii giddugalaa Inkubeeshinii Daldala TQO adda baasuun damee hojii namni hojjatee
ittiin milka`uu danda`u adda baasuu..
Tarkaanffii
Rakkoo sakkaallaa milkayiina hojii giddugalaa ta`aani adda baasuun hojii milkahoo gara fuula
duraatti hojjachuuf tarkaanfiilee armaan gadii fudhachuun adda baasuuf akka yaalleeti.
Tarkaanffii 1ffaa
 Hojii Gama giddugalaan hojjatamaan
1. Sakkatayiinsa fedhii damee hojii duraan adda bahee :-
Dameewaan TQO waggootan darbaan lama adda bahaanii irratti
hojjachaa turee irratti sakkatayiinsa gooneen.
i. seekteera mootummaa keessa fedhiin jiraachuu fi dhiisuu adda
baasuuf xalayaa deegarsa teenantoota ejensiin akka nuuf
barreesu gochuun unkaa damee hojii sadan irratti
guuchisiisneen fedhii hanga tokko jiraatuus code baajata isaa
kana ittiin hojjachiisaan waan hin qabneef hojichi mana hojii
mootummaa keessatti fedhii xiqaan jiraachuu isaa hubanee.
ii. Fedhii Dhaabbiileen dhuunfa addaa baasuu yaalii goone fedhii
akka qabaan adda baasuu dandeenyee jirra.garuu dhaabbileen
tokko tokko gahuumsaa teenaantoota keenyaa baruuf ragaa
hojii ykn muuxxannoo hojii kana dura hojjataan kan gaafataan
waan ta`eef, fedhii jiru hundati fayadamuu akka hin dandeenye
hubannee jirra.
2. Sakkatayiinsa maamilaa:- fedhii armaan olitti adda bahee irratti
hunda`uun maamila jiraan dhaabbiin qabachuuf yaalii gooneen,
dorgoomtoota naannoo jiraan wajjiin gahuumsaa fi qulqullina hojiin
dorgoomnee mo`aachuun sheerii maamilaa guddaa qabachuuf ammas
ragaa hojii kan barbaadaan waan ta`eef maamila gaha hojii keenya
irratti jijjirama fiduu danda`uu qabachuu akka hin dandeeny adda
baasuu dandeenye jirra.
3. Sakkatayiinsa dorgoomtoota:- damee hojii(diriisa cimdaa,misooma
moosajii fi suphaa Meeshaalee TQO) adda bahaan irratti fedhii jiruu fi
maamila jiraan dorgoomtoota jiraan wajjin dorgoomnee qooda
maamila gudda qabaachuu akka dandeenyuuf xinxaala dorgomtoota
gooneen dorgoomtootni jiraan kan muuxxannoo guddaa fi yeroo
dheeraaf gabaa keessa turaan waan ta`eef, haala qabatamaa
teenaantoota keenyaan dorgomaanii mo`uuf rakkisaa ta`uu isaa
hubannee jirra.
Tarkaanffii 2ffaa
 Teenaantootni boobaasuun sakkatayiinsa godhameen :- waggootaan lamaan
darbaan bara 2009 fi bara 2010 teenatootni damee hojii irratti galan irratti
sakkatayiinsa fedhii fi gabaa akka godhaan kallattii kenniineef ture. unkaalee
qopheesinee dhaabbilee dhunfaa,abootii qabeenyaa , kilinkootaa fi hospitaaloota
dhunfaa irratti akka adeemsiisaan yaalii ,gooneen:-
1. Suphaa meeshaalee TQO irratti
 Maamila:-yaalii maamila adda baasuuf godhameen ,dhabbileen
kunniin adeemsaa teenaantootni fedhii fi maamiltoota jiraan adda
baasuun irratti karoorfachuuf deemaan irratti gahuumsa isaanii
mirkanneesuuf yeruma sana maashinoota ballaan suphanii
gahuumsa baruu kan barbaadaan waan ta`eef, yeroo sanatti ijoolee
suphuuf leenjii fi hubannoo kan qabne waan ta`eef, dhaabbileen
kun teenaantoota kana akka gahumsa hin qabneet waan ilaaluuf
maamila horachuuf rakkisaa ta`e hubannee jira.
 Dorgomtoota dhaabbilee dhuunfa keessatti hojjataan adda baasuuf
yaalii godhameen suphaa meeshaalee TQO dabalatee meeshaalee
elektirooniksii hunda irratti dhaabbilee kan keessatti hojjachaa kan
jiraanii fi maamiltoota harka baafachuu ulfaata akka ta`e adda
baasuu dandeenye jira.
2. Misooma moosajjii dhaabbilee dhunfaa keessatti:-
 Fedhii :- fedhii dhabbileen dhunfaa adda addaa hojii isaanii
“automate” gochuuf qabaan adda baasuuf yaalii godhameen, fedhii
guddaa qabaachuu isaanii hubachuun danda`amee jira.
 Maamila:- yaalii maamila adda baasuuf itti adeemne keessatti
fedhii guddaa jiru sana gara maamilaatti jijjirachuuf yaalii goone
keessatti maamila ta`uuf muuxxannoo miisooma moosajii kan
gaafataan waan ta`eef waggootan lamaan darbaan kanati carra
kanati fayyadamuu kan hin dandenye ta`u isaa hubane.
 Dorgoomtoota:- damee kana irratti dorgoomtootni muuxxannoo
guddaa qabaan baayeen kan hin jirree waan ,ta`eef deegarsi
barbaachiisaan yoo godhamee kan milka`uu danda`uu ta`uu isaa
hubanne jirra.
3. Hojii diriirsa cimdaan:- yaalii fedhii fi maamila dame kana
xinxaaluuf gooneen dhaabbileen dhunfaa haal duree lama kaasaa
turaan
1ffaa hojiin mana hojii isaanii kompiyuuteeraan hojjachaa kan hin jirree
waan ta`eef cimdaan yeroof barbaachisaa akka hin taane kaasu.
2ffaa itti fayadama Internet wajjin wal qabsiisu,internetiin akka
biyaakafaltiin isaa mi`aayaadha kana biraati ni ciccita osoo itti hin
fayadamiin kafaltiif nama saaxila jedhu. Kana irra ka`uun fayidaa itti
fayadama cimdaa hubachiisuuf yaaluus fedhii guddaa qabataman
nama qabu argachuu hin dandeenye. Gama adda ta`een ijaarsa gamoo
haara ijaarama jiru waliin hojjachuuf yaalii gooneen kontiraakteerootni
hojicha subkontiraakteerrii wal beekanii fi muuxxannoo hojii qabaaniif
kan kennu waan ta`eef hojiin diriirsa cimdaa kan hin baasne ta`uu isaa
hubachuuf yaallee jira.
Tarkaanffii 3ffaa
Gama bulchiinsa Giddugalaa Inkubeeshinii Daldala TQO kaayyoo hunda`eef
galmaan ga`uuf Rakkoo gurguddoo kan akkaa rakkoo baajeta ,human namaa
,gabaa fi kkf iddoo lamatti qooduun akka armaan gadiiti ka`uuf yaallee jirra.
 Rakkoo keessoo :-
I. Giddugalli Inkubeeshinii baajeta hojii kan hin qabne waan ta`eef haala
karoorfateen hojicha raawachuu dadhabuu isaa ilaallee jirra.
II. Hojii Inkubeeshinii fi rakkoo isaa Qunnamuu namni bakka bu`ee abummaa dhaan
Manajimeentii EMTQOtiif dhiyeesuu kan jirree ta`uun waggaa guutuu rakkichaa
furmaata tokko malee kan turu ta`uu isaa adda baafnee jirra.
III. Hojii beeksiisa giddugalichaa TV fi Raadiyoon beeksiisuun hawaasni naannoo
deegarsa barbaachiisaa akka kennuu gochuuf rakkoon baajetaa jiraachuu adda
baafnee jirra.
IV. Teenaantoota doorgoomsiifnee seera IMX guutanii dhufaan wal diddaa
teenaantoota akka waldaa kaaniit deegaruu diduu wajjira carra hojii uumuu
wajjiin uumamee furuu dadhabuu.

Tarkaanffii 4ffaa
Gama EMTQO oromiyaa deegarsa hojii giddugalaaf osoo gochuu qabaan laafaa
ta`uu isaa irraan kan ka`e madda rakkoo ta`e yeroo sakkataanu rakkoowaan armaan gadii adda
baasuu dandeenyee jirra.
I. Baajeta hojii Giddugalaaf ramadamu gara giddugalaatti gad buusuu dhabuu.
II. Bulchiinsa Inkubeeshiinii walgayii manajimeentii ejensii keessatti miseensaa
gochuu dhabuu
III. Hojii Giddugala Inkubeeshiniitiif ejeensiin xiyyeeffannaa laafaa kennuu.
IV. Loojistikii hojiif barbaachiisuu guutuu dhabuu.
V. Qacarriin koontiraataa hojjataan ittiin qacaramu labsii hojjatootaa mootumaaf
bahee kan hordofnee ta`uu dhabuun miira hojjataan hojiif qabu irratti rakkoo
qabaachuu isaa
VI. Qacarrii human namaa bakka namni gadi lakkisee fi iddoo gonkumma itti hin
qacaraminiiti qacaruuf rakkoo gudda hojii giddugalichaa irratti uumuu.
VII. Abum maa gamoo giddugalichaa bulchiinsa magaalaa waliin ta`uun
mirkanneessuu dhabuun irraan kan ka`ee walitti bu`iinsa isaan wajjiin goonuun
hojii irratti dhiibba uumuu isaa.
VIII. Dambii ittiin bulmaata Giddugalichaa mirkanneesuu dhabuu.

Kallattii gara fuulduraa


Rakkoo saakatayiinsaan adda bahaan kanaaf furmaata waaraa ta`uu danda`aan
kan jennu akka armaan gadiiti ka`uuf yaallee jirra.
Rakkoo Tarkaanffii 1ffaa fi Tarkaanffii 2ffaa Damee hojii teenaantootni irrati galan
milka`uu danda`aan sakkatayiinsaa adda baasuuf akka yaalleetti:-
1. “Hojii digital photo print” hojiin kun galii giddugalaa guddisuun cinati si`a tokkoti
dargaggoota baayeef carra hojii uumuu kan danda`uu ta`uu isaa hubanne jira.
2. Hojii Maxxansaa hojiin kunis akka bulchiinsa magaala adaamaatti gabaa guddaa qabuu
fi yoo irratti kan hojjatamuu ta`ee hojii milkayaa ta`uu isaa adda baafnee jira.
3. Misooma Moosajii hojiin kun qajelfamni akka ejensiiti bahee manneen hojii caalbaasii
malee hojii misooma moosajjii teenaantootaa akka kennuu danda`aan yoo godhamee hojii
milkayaa ta`uu isaa fedhii jiru irra hubachuu dandeenyee jirra.
4. Wirtuu leenjii fi hojii footo koppii haala gabaa amma jiruun fedhii guddaan jiraachuu
isaa hubannee jirra.

Rakkoo Tarkaanffii 3ffaa keessatti kaasuuf yaalleef rakkoo bulchiinsa giddugala guddaa
kan ta`aaniif:-
 Rakkoo baajeta Ilaalchisee EMTQO hojii giddugala kanaaf baajeta qaama
ejensiitii hin rarraanee Abummaa dhaan giddugala kennuun raawwii isaa
hordofuu akka qabu.
 Qindeessaan Giddugala qaama miseensa manajimeentii ta`ee hojii hojjatamuuf
rakkoo isaa quunnamu manajimeentiif dhiyeese murteesiisuu akka danda`u
gochuu.
 Hojii beeksiisa giddugalichaa bannerii fi boorosheeriin ala dabalataan TV fi
Raadiyoon beeksiisuun hawaasni naannoo deegarsa barbaachiisaa akka kennuu
gochuuf rakkoon baajetaa jiraachuu adda baafnee jirra.
 Bara 2011ti namoota waajjira carra hojii uumuu keessatti gurma`aan fudhachuun
rakkoo uumaamaa turee furuu

Rakkoo Tarkaanffii 4ffaa furmaata ka`uuf akka yaalleeti


I. Baajeta hojii Giddugalaaf ramadamu gara giddugalaatti gad buusuu .
II. Bulchiinsa Inkubeeshiinii miseensa manajimeentii ejensii gochuu.
III. Loojistikii hojiif barbaachiisuu dhiyeesuu.
IV. Qacarriin hojjataan ittiin qacaramu labsii hojjatootaa mootumaaf eege akka
raawwatu gochuu.
V. Qacarrii human namaa bakka gadi lakkisaanii fi irratti hin qacaramiin irratti
dafanii raawachuu.
VI. Abummaa gamoo giddugalichaa bulchiinsa magaalaa waliin ta`uun
mirkanneessuu.
VII. Dambii ittiin bulmaata Giddugalichaa mirkanneesuu.
Waluma galati rakkowwaan waggoota lamaan darbaan akka hojiin keenya hin milkoofne
godhaan adda baafnee bara 2011ti immoo bifa haaraan rakkoo ture furee bakka itti kufne akka
ka`uu dandeenyu itta mirkaneesinuti fudhannee bara kanati hojii milka`aa akka hojjanu tuumsii
qaama dhimmi ilaalatu murteessaa ta`uu isaa hubachiisa milka`iinaaf haa hojjanu!.

You might also like