You are on page 1of 29

Mana Maree Deegarsa Misooma Intarpiraayizii Maayikroo fi Xixiqqaa

Bulchinsaa Mootummaa Nannoo Oromiyatti


Qajeelfama Misooma Wirtuu Kenninsa Tajaajila Iddoo Tokkoo
Lakk.001/2004

Seensa
Misoomni IMX misooma Industrii giddu galeessaa fi ol’anaaf bu’uura kan ta’aniifii dinagdee baadiyyaa
fi magaalaa walitti hidhuun guddina dinagdee yeroo ammaa mul’achaa jiru haala itti fufinsa qabuun
mirkaneesuu fi gara sadarkaa ol’anaatti ceesisuuf akkasumas galii hawaasaa guddisuun hiyyuummaa
hirisuuf gahee guddaa gumaachuu irra darbee abbaan qabeenyaa misoomaawaa kan keessaa bahuu dha.
Kanuma irraa ka’uudhaan, mootummaan misooma IMXtiif xiyyeefannaa kennudhaan tarsiimoo baasee
hojii irra olchaa jira.

Tarsiimoo kanatti fayyadamuun IMX babal’isuuf haala mijaawaa umuu fi sirna tajaajila babal’isuu
diriirsuun hojii irra olchaa tureera. Sochii kanaan misooma IMXtiin bu’aan nama jajjabeessuu argama kan
jiru yoo ta’uu, dame kana caalatti bu’aa qabeessaa fi dorgomaa taasisuuf yaada misoomaawaa seeroota
jiran kabajee hojjachuu danda’uu umuuf , tajaajiloota kennaman kan qulqullina foyya’aa qaban, baasii
qusatan, karaa iftomina qabuun,saffisaa fi bu’aaqabeessa ta’een kennuun baay’ee barbaachisaa ta’uun isaa
itti amanamee jira.

Rakkoo hojii dhabummaa fi hiyyuumaa hikuuf, misooma industrii milkessuu fi guddina dinagdee
saffisiisuuf IMX haaraa baay’inaan horachuu fi kan hojii keessa turaniis jajjabeesuuf WKTIT
gurmeesuun shoora ol’anaa qaba. WKTIT kun IMXn seera qabeesa ta’anii hojilee oomishaa fi tajaajilaa
irratti akka boba’aan deggarsoota mootummaa haalaan akka argatanii fi tajaajiloota dhaabbilee birootiin
kennaman bifa qindaa’ee, ifa ta’ee fi saffisaa ta’een bakka tokkotti kennuudhaaf akka dandeesisuu ta’ee
kan gurmaa’u dha. Qajeelfamni kun sirnaa fi raawwii adda addaa naannoolee hunda keessa jiru
walfakkaataa akka ta’uu kan taasisu dha. Walummaagalatti, hojiimaataa foyya’ee, fedhii hawaasaa
bu’uura godhatee, bu’aa qabeessaa fi tajaajiloota saffissaa adda addaa kennuun omishtummaa IMX
guddisuu fi gabaa irratti dorgomaa akka ta’an gochuuf qajeelfamni rawwii kenna tajaajila iddoo tokko
kun akkataa Dambii deegarsa Misooma IMX Bulchiinsa M.N.O. Lakk. 139/2004 keewwata ________
bahe jira.

Kutaa Tokko
Walii Gala

1
1. Mataa Guree Gababa
“Qajeelfamin” kun qajeelfama Misooma Wirtuu Kenninsa Tajaajila Iddoo Tokkoo Mana
Maree Deegarsa Misooma IMX Lakk.001/2004 jedhamee wamamu ni danda’a.

2. Kaayyoo
WKTIT misoomaa fi guddina IMXtiif tajaajiloota barbaachisaa ta’aan karaa iftoomina
qabuun, saffisaa fi bu’aa qabeessa ta’een bakka tokko irraa ykn wiirtuu tokkotti kennuu
dha.

3. Hiika
3.1. “Wiirtuu Kenninsa Tajaajila Iddooo Tokko (WKTIT)” jechuun seera
qabeessummaa IMX mirkaneessuuf haala mijaawaa umuun deeggarsootni
mootummaa fi tajaajilootni kennaman bifa qindaa’een bakka tokkotti qaamoolee
qindessaa tokko jala jiran irraa akka argataniif wiirtuu gurmaa’ee jechuu dha.
3.2. “Magaalaa” jechuun manni qopheessaa kan keessatti hundaa’ee ykn uummata
kuma lamaa fi isaa ol kan qabuu ta’ee kana keessaa humni namaa dhibbeentan 50
kan ta’uu hojii qonnaan ala ta’ee irratti bobba’ee jechuu dha.
3.3. “Bulchinsa Magaalaa” jechuun magaaloota chaartarii qaban osoo hin dabalatiin
magaaloota kan biroo keessatti akka mana qopheessaa ta’ee magaalaa kan
bulchuu fi tajaajila akka kennu kan dhaabbatee qaama bulchinsaa of danda’ee
jechuu dha.
3.4. “Intarpraayizii Maykiroo” jechuun nama Intarpraayizii hundessee fi maatii isaa
dabalatee hanga nama 5 qaxaree kan hojjachiisuu ykn (fi) hangi qabeenya isaati
waliigalaa gatidhaan lafaa fi gamoo osoo hin dabalatiin :
 Damee tajaajilaatiin qar.50,000 (kuma shantama) kan hin caalee
 Damee Industriitiin qar. 100,000(kuma dhibba tokko) kan hin caalee
Intarpraayizii qabu jechuu dha.
3.5. “Intarpraayizii Xixiqqaa” jechuun nama Intarpraayizii hundessee fi maatii isaa
dabalatee namoota 6 hanga 30 qaxaree kan hojjachiisuu ykn (fi) hangi qabeenya
isaati waliigalaa gatidhaan lafaa fi gamoo osoo hin dabalatiin :
 Damee tajaajilaatiin qar.50,001(kuma shantama fi tokko) hanga 500,000
(kuma dhibba shan)kan hin caalee

2
 Damee Industriitiin qar. 100,001(kuma dhibba tokko fi tokko) hanga
1,500,000 (miliyoona tokko fi kuma dhibba shan) kan hin caalee
Intarpraayizii qabu jechuu dha.
3.6. “Tajaajila Eksteenshiinii Industrii” jechuun deggarsa odeeffannoo guutuu ta’ee
rakkoo intarpraayizootaa kan adda baasee fi fedhii irratti kan hundaa’eeqindessuu
fi kennu, leenjii fi gorsa, misooma teeknolojii, sirna gabaa, muuxannoo gaarii
qindessuu fi dabarsuu kanof keessatti hammatu jechuu dha.
3.7. “Intarpraayizii Moodeela” jechuun Intarpraayizii sagantaa misooma IMXtti
hammatamee tattaaffii mataa isaa fi deggarsa galteewwanii taasifameefitti
fayyadamuun bu’aa ol’aanaa galmeesisee fi ilaalcha misoomaawaa inni qabuun
intarpraayizoota kan birootiif fakkeenya ta’uun tarsiimoo babal’isuu irratti adda
durumuudhaan humna misooma kan ta’ee jechuu dha.
3.8. “Intarpraayizii Hojii keessa ture” jechuun Intarpraayizii qaama seerummaa ykn
eyyama argatee ykn eyyama male gara hojiitti erga galee waggaa tokkoo fi isaa ol
dabarsee ta’ee, yeroo gurmaa’an tajaajila deeggarsaa guutuu ta’ee ykn muraasa ka
argatan ykn kan hin arganess ta’uu danda’uu.
3.9. “Intarpraayizii Haaraa” jechuun akkaataa gurma’insa Intarpraayizotaatti qaama
seerummaaargatanii gara hojiitti erga galee waggaa tokkoo kan hin guutne ta’ee,
yeroo gurmaa’an tajaajila deeggarsaa guutuu ta’ee ykn muraasa ka argatan ykn
kan hin arganess ta’uu danda’uu.
3.10. “Naannoo” jechuun Nannoo Mootummaa Oromiyyattii
3.11. “Biiroo” jechuun biiroo Industrii fi misooma magaalaa Oromiyatti
3.12. “Ejensii Naannoo” jechuun Ejensii Misoom Intarpirayzoota Mayikiroo fi xixiqqa
Nanichaa jechudha
3.13. “Komishinii BLTO Nannoo ” jechuun Barnoota fi Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa
olaantummaan kan hogganuu Komishinii Nannoo jechuu dha.
3.14. Dhaabbilee Dhiheesa Faayinaansii Xiqqaa” jechuun dhabbilee IMXtiif tajaajila
faayinansii, liqii fi qusanaa kennan jechuu dha.
3.15. “Hojiilee Ijaarsa dandeetti” jechuun humna namaa, hojimaataa fi hojiilee
gurma’insaa jechuu dha.

3
3.16. “Teeknolojii” jechuun beekumsa, dandeettii, meeshaalee fi maanuwaaloota
kanatti fayyadamuuf gargaaran, qajeelfamoota hojimaataa fi gurma’insaa kan
hammatuu jechuu dha.

4. Dudhaalee
a. Biiragahinsa tajaajiloota IMXtif kennaman mirkanessuu
b. Tajaajiloota IMXtiif kennaman bifa qindaa’aa gurmaa’aa, sirrii fi baasii qusataa
ta’een akka kennamu taasisuu.
c. Hojjatootni priinsiploota naamusaa kan goonfatanii fi tajaajila kennaniif itti
gaafatamuummaa kan qaban ta’u.
d. Tajaajilootni kennaman fedhii intarpraayizootaa irratti kan hunda’aan ta’u
e. Qixxee itti fayyadamuumaa dubartootaa kan mirkanessuu ta’a.
f. Tajaajilootni karaa mootummaa kennaman enyuuf, yoom fi akkamitti akka kennamu
ifa akka ta’uu ni taasifama.

Kutaa Lama

5. Tajaajila Gurmaa’insa IMX


Qaamooleen hawaasaa hojii barbaadan IMXn gurmaa’uun gosoota hojii adda addaa irratti
bobba’uu barbaadan filannooo gurma’insaa adda addaa tiin galmeesanii hojitti galchuuf
fedhii fayyadamtootaa ka’umsa godhachuun seera daldalaa bara 1952 baheen,
labsiiwaldaa hojii gamtaa lakk147/91 fi labsii galmee fi heyyama daldalaa lakk. 686/2002
bu’uura godhachuun tajaajilli ni kennama.

5.1. Haalduree Gurma’insa IMX


a. Midiyaalee, afoshaalee fi walgahii ummataa adda addaatti fayyadamuun hawaasni
waa’ee IMX hubannoo akka argatuu taasisuu.
b. Intarpraayizoota qaama seerummaa osoo hin argatiin hojiilee adda addaa irratti
bobbaa’anii hojachaa jiran seera qabeessa akka ta’an hojii hubannoo umuu itti
fufinsa qabu hojjachuu.
4
c. Namni hojii barbaaduu, gahumsaa fi fedhii qabu (BLTO irraa seektaroota hojii
xiyyeefannoon kennameef irratti muuxannoo qabun) hojiilee IMX irratti akka
bobba’uu gochuu.
d. Intarpraayizootni magaalaa/ganda isaan filatan keessatti akka gurma’an gochuu
e. Galmeessa intarpryizootaa WKTIT keessatti gaggeessuu
f. Intarpraayizootaaf WKTIT itti galama’aan keessatti lakkofsa kaffalaa gibiraa
addaa kennuu.
g. Seektaroota xiyyeefannaan itti kennamee manufaakchariingii fi
ijaarsa(manufacturing and construction)fi gosoota hojii isaan kana jala jiraniin
hojiitti galuuf namootni barbaadan dhaabbata beekamaa ta’ee irraa raga gahumsa
ogummaa ykn muuxannoo isaanii ibsuu dhiheessuu qabu
h. Intarpraayizootni ulaagaa guutanii dhiyaatan WKTIT irraa waraqaa raga qaama
seerummaa akka argatan gochuu.
i. Hojii barbaadoota ofii isaaniitiif intarpraayizii hundessuu hin dandeenyaa
dhaabbilee qaxaranii hojjachisan waliin hojii walqunamsiisuu hojjachuu.
j. IMX gurma’insa kamiinuu galma’an galmee herreegaa bu’uuraa qabaachuu
isaanii mirkaneessuu
k. IMX seeraan gurma’an yeroo galma’anii kaasee waggaa sadiif qofa gibira bu’aa
irraa bilisa ta’uu.

5.2. Gosoota Gurma’insa IMX


a. IMX dhuunfaadhaan dhaabbatuu
b. Waldaa daldalaa seera daldalaatiin dhabbatuu
c. Gurma’insa waldaa hojii gamtaa

5.3. Ulaagaalee galmeessa gurma’insa adda addaa

5.3.1. IMX dhunfaadhaan dhaabbatuu


a. Suura iyyataan ji’a jahaan asitti ka’ee
b. Koppii Waraqaa enyuummaa iyyataa kan magaalaa ykn gandaa
c. Umuriin isaa 18 kan guutee ta’uu
d. Manni daldalaaf ykn tajaajilaaf itti fayyadamu kan teessoo qabu ta’uu

5
5.4. Intarpraayizoota ulaagaalee fi Gosa Waldaa Daldalaatiin
galma’anii gurma’an
Haala qabatama Naannoo keenyaatiin IMXn kan gurmaa’an dhunfaadhaan,
waldaa gamtaa shariikaa, waldaa dhunfaa itti gafatamni isaa murtaa’ee fi darbe
darbe waldaa aksiyoonaan yoo ta’an gurma’insii intarpraayizootaas baay’inaan
isaan kana irratti kan hundaa’ee ta’a.

5.4.1. Waldaa gamtaa shariikaa


a. Gamtaan shariikaa qaama seerummaa kan qabu ta’ee dhaabbilee ykn waldaalee
daldalaa hunda irra caaseeffama salphaa kan qabu dha.
b. Lakkofsii shariikoota xiqqaan nama lama qofa dha.
c. Kaapitaalli xiqqaan gaafatamu hin jiru./gaaffiin kaapitaala xiqqaa hin jiru./
d. Kaapitaalli dambii ittin bulmaata keessatti yoo hammatamees galmaa’un dura
kaffaluun barbaachisaa miti.
e. Buusiin ogummaa ykn tajaajilaa ni eyyamama.
f. Baay’ini hojii gaggessaa tokko fi isaa ol ta’uu ni danda’aa.
g. Hojii gaggeesitootni miseensoota keessaa ykn alaa ta’uu ni danda’uu.

5.4.2. Ulaagaa IMX waldaa gamtaa shariikaatiin gurmaa’uu


a. Iyyata miseensotni hundi irratti mallateessan dhiheessuu
b. Saamuuda barreefama hundeeffamaa fi dambii ittiin bulmaataa WKTIT irraa
fudhachuun barreefama hundeeffamaa fi dambii ittiin bulmaata waldichaa
miseensootaan ragaasisuun dhiheessuu
c. Hojii gaggeesaan waldaa daldalaa kanaa waldaalee daldala biraa kamiyyuu
keessatti dabalataan hojii gaggeessaa ta’uu hin danda’uu.
d. Waldaan daldalaa galmee daldalaa irratti galmaa’uun dura dhaabbata dhiheessaa
faayinaansii xiqqaa irraa buusii isaa liqiin kan haguuguu ta’uu isaa raga ittiin
mirkaneessuu ni dhiheessa.
e. Waldaan daldalaa galmee daldalaa keessa erga galee qama seerummaa argatee
booda buusiiwwan gosa gosaan buusaman yoo jiraatan maqaa waldaa dhaabbatee
sanaan miseensootni qaboo yaa’iidhaan mirkaneesannii WKTIT tti dhiheessuu.

6
Haata’u malee, meeshaaleen abbuummaan isaanii kan mirkanaa’ee yoo ta’an
BLTOdhaan gatiin isaanii tilmaamamee WKTITtiif dhihaachuu ni danda’a.
f. Interpiraayiziin sirna liizii meeshaan fayyadamaa yoo ta’e raga isaa dhaabata
omishaa yoking dhiyeesaa irraa buufata tajaajilaa gidugaleesaa tokkoof ani
dhiyeesa .

5.4.3. Waldaa Dhunfaa itti gaafatamni isaa murtaa’ee


Akkaataa seera daldalaa kewwata 510 tiin:-
a. Yoo xiqqaatee miseensoota lamaan yoo baay’atee miseensoota 50n kan
hincaaleen kan dhaabbatu dha.
b. Kaapitaalli ka’umsa waldichaa 15,000 ol kan ta’ee
c. Aksiyoonni waldichaa gatii aksiyoona walqixa ta’een kan addaan qoodamee
ta’ee gatiin aksiyoona tokko qarshii kudhanii gadi ta’uu hin qabu.
d. Maqaa fi teessoon miseensota waldichaa eramu qaba.
e. Kaayyoon daldalaa waldichaa ifaan bareeffamu qaba
f. Busiin miseensotaa kaffalti gosaan ta’uu danda’a.
g. Dhaabbatni kun dhaabbata miseensonni isaa itti gaafatamummaa murtaa’ee
qabani dha.

5.4.4. Waldaa Aksiyoonaa


Akkaataa seera daldalaa keewwata 304 tiin waldaan aksiyoonaa:-
a. Maallaqni waliigalaa dursee murtaa’ee aksiyoonaan kan qoqoodamee dha.
b. Kaapitaalli ka’umsaa waldichaa 50,000gadii ta’uu hin qabu.
c. Gatiin aksiyoona tokko qarshii kudhanii gadi ta’uu hin qabu.
d. Lakkoofsi miseensoota inni xiqqaan shanii gadi ta’uu hin qabu.
e. Miseensootni dirqamoota waldichaa irratti itti gaafatamuummaa kan qaban
hanga qooda aksiyoonaa qabaniin qofa ta’a.
f. Miseensootni waldicha hundessan qaamoolee sadaffaatiif hundeeffama
waldichaa ilaalchisee dirqamoota bahuuf waadaa galan tokkummaadhaan osoo
hin qoqodamiin daangaa malee itti gaafatamtoota dha.
g. Gosni waldaa daldalaa kun gosa waldaa daldalaa qabeenyii waldichaa
idaadhaaf itti gaafatamu dha.

7
h. Waldichii yeroo hundeeffamu enyummaa namootaa /miseensotaa/ osoo hin
ta’in maallaqa gara kuubaaniyaatti galii ta’uu ilaalcha keessa galchee kan
hundaa’uu dha.

5.4.5. Ulaagaa galmeessa IMX waldaa gamtaa shariikaatiin, waldaa


dhunfaa itti gaafatamni isaa murtaa’een fi waldaa Aksiyoonaatiin
gurma’an
a. Intarpraayiziin waldaa daldalaatin gurmaa’uu kammiyyuu saamuuda
barreefama hundeeffamaa fi dambii ittiin bulmaataa WKTIT irraa akka
fudhatuu ni taasifama.
b. IMXn barreeffama hundeeffamaa waldaa daldalaa fi dambii ittin bulmaataa
WKTIT itti dhiheesuun ni raggaasisuu.
c. Intarpraayizootni WKTIT tti dhihaachuun ni galmaa’uu.
d. Guyyaa galmee daldalaa irratti galmaa’ee kaasee galmaa’uun waldichaa kan
ragga’ee ta’a.

5.5. IMX Waldaa Hojii Gamtaatiin Gurmaa’uu

5.5.1. Hundeeffama waldaalee hojii gamtaa


a. Waldaaleen hojii gamtaa akkuma amala isaaniiti waldaa bu’uuraa irraa kaasee
hanga sadarkaa fedeereshiniitti gurmaa’uu ni danda’uu.
b. Waldaan bu’uuraa namoota dhunfaa naannawaa danga’eetti jiraataniin ykn
hojjataniin ykn ogummaa murtaa’ee irratti bobba’aaniin hunda’aa.
c. Lakkoofsii miseensoota waldaa bu’uuraa 10 gadi ta’uu hin qabu.

5.5.2. Ulaagaalee Waldaa Hojii Gamtaatiin Gurmaa’uuf Guutamu Qaban


Waldaa hojii gamtaatiin gurmaa’uuf namootni fedhii qaban 10 fi isaa ol kan
barbaachisuu yoo ta’u, ulaagaaleen isaan guutachuu qabanis kan armaan gadiiti:-

a. Qaboo yaa’ii walga’ii hundeesitootaa.


b. Bareeffama hundeefamaa fi Dambii ittin bulmaata waldichaa kooppii 3
c. Maqaa, teessoo fi mallattoo miseensootaa
d. Maqaa, teessoo fi mallattoo qaamolee hojii gaggeesitoota waldichaa
e. Karoora daldala waldichaa koppii 3

8
f. Teessoo waajjira waldichaa
g. Sanada waldichii yaa’ii waliigalaatiin maallaqa miseensootaaf akka kennamu
murteessee irraa gatiin carraa 1/5ffaa sasaabamee dhaabbata dhiheesa faayinaansii
xiqqaatti galii itti ta’ee dhiheessu.

5.6. Tajaajila Gurmeessuu fi Galmessuu


1. Ragaa dargaggoota, dubartootaa fi qaamolee hawaasaa kan biroo nannawaa
sanatti akka hojii dhabaatti galma’an ka’umsa godhachuun waltajjii
hubannoo umuu mijeessuu.
2. Kaayyoo fi faayidaa IMX akkasumas barbaachisummaa gurma’insaa fi
filanoowwan gurmaa’insa irratti hubannoo umuuf kan ta’u barumsa bal’aa fi
itti fufinsa qabuu kennuu.
3. Hojiilee gaaffii gurmaa’uu fayyadamtoota simachuu ykn calaluu fi
gurmessuu
a. Hojii dhabeeyyii waldaadhaan gurmaa’uuf fedhii qaban adda baasuu
b. Unka iyyatni miseensummaan itti guutamee fudhachuu
c. Ragaa jiraataa magaalaa ykn naannawaa sanaa ta’uu isaa mirkaneessuu
fudhachuu.
d. Warra seektaroota xiyyeefannaan itti kennamee irratti bobba’an irraa ragaa
mirkaneessa gahumsaa fi muuxxannoo hoji fudhachuu.
e. Barreeffama hundeeffamaa fi dambii ittiin bulmaataa miseensootaan ragga’ee
mirkaneesuu.
4. Gurmeessuu fi qaama seerummaa kennuu

5.6.1. Tajaajila Galmee guddaa fi eyyama daldalaa


a. Gaaffii jiraatoota naannawwaa sanaa hojii dhabummaadhaan galma’an keessaa
dhunfaadhaan hojii maayikiroo fi xixiqqaa hojjachuuf dhiheesaniif ragaalee
guutamuu qaban iftoominaan akka argatan gochuu.
b. Akka IMX dhunfaatti unka galmee guddaa ykn eyyama daldalaatiin galmaa’uuf
dandeesissuu kennu.
c. Unka kennameef erga guute booda ogeessi galmessa daldalaa haal-dureewwan
barbaachisaa ta’an guutamu isaanii mirkaneessuu.

9
d. Kaffaltii tajaajilaa wiirtuu tajaajilichaatti akka kaffaluu taasisuu
e. Galmee guddaa fi eyyama hojii daldalaa fayyadamaaf kennuu.

5.6.2. Tajaajila Galmee Guddaa Waldaa Daldalaa Fi Eyyama Daldalaa


a. Jiraatoota naannawaa sanaa hojii dhabummaan galmaa’aan keessaa waldaa
daldala IMXtiin hojiitti galuuf ragaalee guutachuu qaban karaa ifa ta’een akka
argatan ni taasifama.
b. Waldaalee daldalaa (waldaa gamtaa shariikaa, waldaa dhunfaa itti gaafatamni isaa
murtaa’e, fi waldaa aksiyoonaa) gurmaa’uun bareeffama hundeeffamaa fi dambii
ittin bulmaataa seera waldaa dadalaatiin galmaa’uuf ragga’ee ogeessa galmessaa
eyyama daldalaatiif dhiheessuun unka akka guutan gochuu.
c. Unkaaleen guutaman seeraan guutamu isaanii fi haaldureewwan barbaachisaa ta’an
guutamu isaanii ogeessa galmessaa eyyama daldalaatiin mirkanessuu.
d. Kaffaltii tajaajilaa wiirtuu tajaajilichaatti akka kaffaluu ni taasifama.
e. Galmee guddaa fi eyyama hojii daldalaa fayyadamaaf kennuu.

5.6.3. Tajaajila Galmeessaa fi Kenna Waraqaa Ragaa Qaama seerummaa


Waldaalee hojii gamtaa.
a. Jiraattoota naannawaa sanaa hojii dhabdumaan gaalma’aan keessaa warra
waldaalee hojii gamtaa IMXtiin hojiitti galuuf gaaffii dhiheesaniif ragaaleen
guutamuufi qaban (Iyyata, Barreefama hundeefamaa fi Dambii ittin bulmaataa,
dambii keessaa, karoora daldalaa, sanadoota herregaa fi galmee, kkf.) seeraan
akka argatan ni taasifama.
b. Waldaa hojii gamtaatiin gurmaa’uu kan barbaadanii fi seera waldaa gamtaatiin
ulaagaalee barbaachisan guutuudhaan ogeessa galmeessa eyyama daldalaatiif
akka dhihaatan gochuu
c. Ulaagaaleen seeraan guutamuu isaanii fi haal-dureewwan barbaachisan hundi
guutamuu isaanii ogeessa galmeessa eyyama daldalaatiin mirkaneessuu.
d. Kaffaltii tajaajilaa wiirtuu tajaajilichaatti akka kaffaluu gochuu.
e. Waraqaa raga qaama seerummaa hojii gamtaa fi galmee intarpraayizichaaf
kennu.

10
f. Hojiin gurmeessuu Hojii Waldaa Gamtaa, Ejensii Hojii Gamtaa Oromiyaa
irraa bakka bu’insii hojii gurmeessuu Ejensii IMX Oromiyaa tiif akka kennamu
ni taasifama.

5.6.4. Tajaajila Galmeessa Maqaa daldalaa kennuu


a. Iyyata intarpraayizoota gaaffii galmeessa maqaa daldalaa gaafatan
fuudhachuun sanadootni barbaachisaa ta’an guutamu isaanii mirkaneessuu.
b. Maqaan daldalaa intarpraayizichi dhiheese dhaabbata biraatiin kan hin
qabamnee ta’uu isaa kuusaa ragaa galmeesa maqaa Ministeera Daldalaa
keessa akka hin jirree xalayaadhaan qulqulleesuun maqaan gaafatamee kan
biraatiin kan hin qabamnee ta’uun isaa erga mirkanaa’ee booda kaffaltii
tajaajilaa kaffalchisuu.
c. Maqaan daldalichaa gaazeexaadhaan beeksisni isaa akka maxxanfamuu
taasisuudhaan namni mormu yoo jiraatee guyyaa 15 keessatti mormii isaa
akka dhiheessuu gochuun mormiin akka hin jirree mirkaneessuu.
d. Galmee maqaa ilaalchisee ragaan hanga qulqullaa’ee dhumutti yeroodhaaf
galmeen kennameefi ji’a 3 keessatti hojiin qulquleessuu ni adeemsifama.
e. Galmeessa maqaa daldalaa raawwachuun waraqaa raga kennu.
f. Ministeerii Daldalaa ji’a sadii sadiin maqaalee daldalaa galma’an biro
daldalaa naannoo irra jiraniif ni erga.

5.6.5. Kenna Tajaajila jijjirraa Galmeesaa fi Eyyama hojii daldalaa


a. Iyyata intarpraayizoota gaaffii jijjiirraa hojii daldalaa ykn foyya’insa gaafatan
fuudhachuun qulqulleefachuu.
b. Sanadootni jijjiirraa galmessa eyyama daldalaatiif barbaachisan guutamuu
isaanii mirkaneessuun kaffaltii tajaajilaa kaffalchiisuu
c. Galmeessa duraa irratti jijjiirama taasifamee galmeessuu
d. Waraqaa ragaa jijjiirraa ykn foyya’insaa qopheessuun kennuu.

11
5.6.6. Tajaajila Haaromsa Eyyama Daldalaa
a. Intarpraayizootni gaaffii haaromsa eyyama hojii daldalaa dhiheesan
keessumeessuun waajjira gibira kaffalchiissuu irraa waraqaa qulqullinaa akka
fidan gochuun unka haaromsaa akka guutan itti kennu.
b. Unka kennameef erga guutee booda haaldurewwan barbaachisan guutamu
isaanii ogeessa galmeessaa fi eyyama daldalaatiin mirkaneessuu.
c. Kaffaltii tajaajilaa akka kaffalamu taasisuu
d. Unka guutamee ogeessa galmeessaa fi eyyama daldalaatiin mirkaneessuun
eyyama hojii daldalichaa haaromsuu.
e. Galmeen daldalaa guddaan waggaa shan shaniin kan haaroofmu ta’a.

5.6.7. Kenna Tajaajila Eyyama daldalaa badee ykn Manca’e bakka buusuu
a. Gaaffii Intarpraayizootni eyyama hojii daldalaa fi galmee guddaa jalaa bade ykn
faayidaa ala ta’e akka bakka bu’uuf dhiheesan keesumeessu.
b. Kan bade ykn faayidaa ala kan ta’e kan galmee guddaa yoo ta’e kaffaltii
tajaajila bakka buusuu kaffalchiisuun galmee gudda kan bakka bu’ee
kennu.
c. Kan badee ykn hojii ala kan ta’e eyyama daldalaa yoo ta’e waajjira gibira
kaffalchiisuu irraa waraqaa qulqullinaa akka fidu gochuun qulqullessuu.
d. Kaffaltii tajaajila bakka buusuu kaffalchisuun eyyama hojii daldalaa bakka
bu’ee kennu.

5.6.8. Tajaajila Galmee Guddaa Haquu


a. Gaaffii haqamuu galmee guddaa intarpraayizoota dhunfaa fi waldaa daldalaa
irraa dhihaatu keesumeessuu.
b. Intarpraayizii dhunfaa fi waldaa daldalaa yoo ta’ee maqaan isaa galmee
wabummaa baankii irra akka hin jirree fi kaffaltii galii biyya keessaa
raawwachuu isaa mirkaneessuun eyyama hojii daldalaa isaa akka deebisuu
gochuu.
c. Ragaan barbaachisaa ta’an guutamuu isaanii mirkaneessuun intarpraayizicha
dhunfaa kaffaltii tajaajilaa kaffalchisuun galmee guddaa haquu.

12
d. Intarpraayizootni diigamu isaaniitiin dura herreega isaanii odiitii gochisiisuun
gabaasa odiitii akka dhiheesan gochuu.
e. Intarpraayizichi waldaa daldalaa yoo ta’e waldichi akka haqamuu baasii
waldichaatiin gaazexxaatii beeksiisni akka bahuu taasisuu.
f. Dhimmootni armaan olitti tarreefaman guutamuu isaanii mirkaneessuun
kaffaltii tajaajilaa kaffalchiisuun galmee irraa haquu.
g. Ragaalee tajaajila iddoo tokkoo Daataabeeziin galmessee qabachuun waajjira
misooma IMX magaalaaatiif ni dabarsa.

5.7. Tarkaanffii Qaama seerummaa haquu waldaalee hojii gamtaa


1. Waldaaleen hojii gamtaa qaamni seerummaa akka haqamuu gaaffii yeroo dhiheesan
iyyata, gabaasa ykn ajaja fudhachuun sakata’uu
2. Rakkoo waldichaa adda baasuu, herregni waldaa odiit ta’uu fi yaa’ii waligalaa
miseensootaatin waldaan akka haqamu murtaa’uu isaa mirkanessu.
3. Qabeenya waliinii kan hin qoodamnee yoo jiraatee misooma naannaawaa sanaaf
akka oluu taasisuuf qaama motummaatti dabarsuu.
4. Idaa fi dirqamoota adda addaa waldichi bahuu qabu waldichi bahuu isaa
mirkaneesuun waraqaa raga akka debisuu gochuun galmee irraa haquu.
5. Hojiin waldaalee hojii gamtaa gurmeessuu Ejansii Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaan
WKTITf bakka bu’umaa akka kennu ni taasifama.

5.8. Bakka Bu’insaa WKTITf kennaman


1. Bu’uura Labsii galmessaa fi eyyama daldalaa Lakk. 686/2002 tiin Biroo Daldalaa
fi Misooma Gabaatiin Galmeesi fi Heyyamni Hojii Daldalaa IMXf WKTIT tti
raawwatama.
a. Galmee guddaa fi tajaajila eyyama daldalaa
b. Galmee guddaa fi tajaajila eyyama daldalaa waldaa daldalaa
c. Tajaajila galmeessa daldalaa
d. Jiijjira galmessaa fi eyyama hojii daldalaa Intarpraayizoota
e. Eyyama hojii daldalaa haaromsuu
f. Galmee fi eyyama daldalaa badee ykn faayidaa ala ta’ee bakka buusuu.

13
Tarkaanfiwwan galmee guddaa haquu ilaalchisee Biiroo daldalaa fi Misooma
Gabaa Oromiyaatiin hojiin isaa sadarkaan gadi bu’uun WKTIT keessatti kan
raawwatamu ta’a.

2. Labsii waldaa hojii gamtaa gurmeesuu Lakk 147/91 bu’uura godhachuun


waldaalee hojii gamtaatiin gurma’aniif galmee fi waraqaa ragaa mirkaneessa
qaama seerummaa kennuu, haquu fi tajaaila odiitii gochuu, Ejensii waldaa hojii
gamtaa Naannoo irraa Ejansii MIMX naannootiif bakka bu’insa keennamuun
WKTIT raawwatama.
3. Intarpiraayizii waldaa daldalaa akkaataa seera daldalaatiin hundaa’uu, tajaajila
Biiroo haaqaatiin/waligaltee fi ragaa kennamuun bakka bu’umaan akka hojjatu
Ejansii IMX naannoo tiif bakka bu’umaa keenamuun WKTiT keessaatti tajaajili
ni kennama.

Kutaa Sadii
6. Tajaajila Wiirtuu Kenninsa Tajaajila Iddooo Tokkoo (WKTIT)
WKTIT IMXn seera qabeesa ta’ani hojii oomishaa fi tajaajila irratti akka bobba’an
deggarsoota motumma haala gaariin akka argataniifi tajaajiloota dhaabbilee biraan
kennaman kara qinda’ee, iftomina qabuuni fi saffisaa ta’een bakka tokko irra kennuu
akka dandeesisuuf tajaajila gurmaa’ee dha.WKTIT keessatti tajaajila armaan gaditti
kennama.

6.1. Calalii fi Tajaajiloota Seera Qabeesummaa Mirkanessuf


Kennaman
6.1.1. Calallii Hojii dhabdootaa Ilaalchisee
1. Calalliin hojii dhabdootaa kan gaggeefamuu sadarkaa bulchiinsa gandaatti bulchinsa
Gandaa fi hojjatoota WKTIT misooma IMXn akkasumas haala uummata naannichaa fi
qammoolee dhimmi ilaaluu hirmaachisuun kan raawwatamuu ta’a.
2. Hojii dhabaan misooma IMX irratti gurmaa’uu barbaadu kamiyyuu waraqaa
enyummeesssa ganda keessatti gurmaa’uu fi jiraatu sanaa qabaachuu qaba.
3. Namni teessoo isaatiin ala IMX irratti gurmaa’uu barbaadu, ganda jiraatuu irraa hojii
dhabaa ta’uun isaa mirkanaa’ee gara ganda jiraachuu fi gurmaa’uu barbaaduu kanatti

14
kan xalayaa gageesituu fidee fi ganda kana keessatti fudhatama argatee waraqaan
enyuumeessaa kennamee fi hojii dhabaa ta’uun isaa uummataa gandichaan
mirkanaa’ee ta’uu qaba.

6.1.1. Tajaajiloota Seera Qabeesummaa Mirkanessuf Kennaman


a. Intarpraayizoota gosa hojii adda addaa irratti bobba’anii eyyama daldalaa seera
qabeesa osoo hin qabaatiin hojjachaa jiran akka galma’an fi eyyama akka argatan
jijjabeessu.
b. Namoota hojii barbaadan galmeesuun gara hojitti akka galan kan hojii keessa
jiraniis adda baasuun ragaa qabachuu
c. Waldaa hojii gamtaa dhaan gurmessuu, galmessuu fi waraqaa ragaa kennu.
d. Tajaajila galmeessa guddaa fi eyyama daldalaa IMX dhuunfaaf kennu.
e. Tajaajila galmeessa guddaa fi eyyama daldalaa walda daldalaa kennuu
f. Tajaajila galmeessa kaffalti gibiiraa
g. Haaromsa, jijjiiraa fi haquu eyyama daldalaa
h. Tajaajila qabinsa herregaa fi odiitti mijeessuu

1.1. Deggarsaa fi tajaajiloota mootummaadhaan kennaman


a. Wiirtuu kilaastarii oomishaa fi gurgurtaa mijeessuu /qopheessuun/ hojii irra
olchuu fi bulchuu /hoggannuu/
b. Tajaajila liqii fi qusannoo mijeesuu
c. Deebi liqii fi sasaabii qusannoo cimsuu
d. Ragaalee sasaabuu, qindeesuufi fayyadamtootaaf kennu
e. Intarpraayizoota pirojektii misooma mootummaa irratti hirmaachisuun carraa
gabaa irraa akka fayyadaman taasisuu.
f. Agarsiisa daldalaa fi baazaarii adda addaa qindeessuun oomisha fi tajaajiloota
beeksiisuun deeggaruu.
g. Interpiraayizoota giddutti waliti hidhaminsa gabaa fi muuxannoo waljijjiiruu
mijeesuu,
h. Intarpraayizootni meeshaalee waliin itti fayyadaman bittaa adda adda waliin
bitachuu fi hojiilee gabaa barbaaduu waliin akka hojjatan deggaruu.

15
1.2. Tajaajiloota Wiirtuu kenninsa Tajaajila Iddoo tokkoo

1.2.1. Tajaajila odeeffannoo


a. Magaalaa keessatti galmeessa fi eyyama daldalaa malee hojiilee adda ddaa irratti
bobba’anii hojjachaa kan jiranii fi hojii barbaadoota sub qunamtii adda daaatiin
fayyadamuun dadamaqsuu, amansiisuu fi dandeetti fi muxxannoo qabaniin adda
baasuun galmeessuu.
b. Galmaa’uuf yeroo dhufan galmaa’uu isaaniitiin dura galmee dhabbii qopheessuun
filannowwan gosoota hojii jiranii irratti ibsa kennuun gosa hojii barbaadan jalatti
akka galma’an deggaruu.
c. Odeeffannoon sassaabamuu, xinxalamuu fi tamsa’uu haala formatti standaardii kan
eggatee gochuu.
d. Odeeffannoo meshaa dheedhii, gabaa, teeknolojii, liqii fi leenjii IMXf
barbaachisan qindeessuun qabachuu, qaamoolee dhimmi isaan ilaalatuu fi gaaffi
dhiheesaniif tamsaasuu.
e. Carra hojii Intarpraayizootni haaraa fi hojii keessa turan uman, kaapitaala qaban,
gabaa argatan, walitti hidhaminsa gabaa namoota birootiif uman, hanga qusanoo
isaanii, teeknolojii isaan hojii irra olchanii irraa fayyadaman ilaalchisee
odeeffannoo yeroo isaa eegatee sassaabuufi qindeessuu.
f. Intarpiraayizoota BLTO tti tajaajila eksteenshinii Industrii argatan fi kan argachuu
qaban ilaalchise odeeffannoo qindessuu.
g. Jijjiirama tajaajila deeggarsa eksteenshiini industriitiin argaman Intarpraayizoota
irra sasaabuu, qindeessuu fi odeeffannoo isaa wajjira /ejansii/IMX magaala fi
naannootiif dabarsuu.
h. Web-saayitii feedaraalaa fi naannootiin fayyadamuun odeeffannoo gabaa yeroo
isaa eegaatee dabarsuu.
i. Profaayilii intarpraayizoota raga guutuu qabachuu fi profaayilii intarpraayizoota
modeela qindessuu akkasumas muuxannoo gaarii qaban qindessuun karaa sochii
umuu dandeesisuun qopheesanii itti fayyadamu.
j. Daataa beezii raga waliigala intarpraayizoota WKTIT tti ni gurma’a.
k. Odeeffannowwan “a_j” armaan olitti tarreefaman WKTIT qinda’anii
fayyadamtootaaf kan tamsa’an ta’a.

16
1.2.2. Wirtulee kilaastarii oomishaa fi gurgurtaa mijeessuu
a. Iddooowwan oomishaa fi gurgurtaa IMX tiif ta’u danda’an Bul. Magaalaa irraa
fudhachuun qajeelfama raawwii kanaaf bahee irratti hundaa’uun ni kenna, ni
bulcha.
b. Intarpraayizotni wiirtuu kilaastarii keessa turan deggarsoota isaaniif taasifamanitti
fayyadamuudhaan gahumsa akka qabaatan deggarsa itti fufinsa qabuu fi qinda’aa
argachuu isaanii ni mirkaneessa.
c. Intarpraayizootni IMX wiirtuu kilaastarii keessatti hojjatanin walqabatee,
rakkoolee bu’uraalee misoomaa, tajaajila suphaa, qulqullinaa fi egumsa jiran
yeroodhaan akka hikkamaniif qamolee dhimmi ilaalatu waliin walitti dhiheenyaan
ni hojjata.
d. IMXn wiirtuu kilaastarii keessa jiran akkataa waligaltee isaaniitiin wirtuleetti
fayyadamaa jiraachuu isanii fi dirqama irraa egamuu bahaa jiraachuu isanii ni
hordofa, kira iddoo hojii ji’a ji’an MMD bulchiinsaa Magaalichaaf galii ta’uu isaa
ni mirkannesa.
e. Fedhii iddooo oomishaafi gurgurtaa IMX gosa hojiitiin adda baasuun qindeessee
bulchiinsa Magaalaatiif ni dhiheessa.
f. Wirtulee keessatti Intarpraayizooni iddooo oomishaa fi gurgurtaa fudhatanii
seeraan itti hin fayyadamne irratti akkaataa qajeelfamaatiin tarkaanfii sirreefamaa
akka fudhatamu ni taasifama. Intarpraayizoota yeroo isaanii xumuran yeroo dhaan
iddoo gadiisuu isanii ni hordofa.
g. Hojiilee armaan olitti a-f tarreefaman WKTIT keessatti offiisara Misooma Iddoo
oomishaa fi gurgurtaatiin kan raawwataman ta’a.

1.2.3. Dhiheesa Faayinaansii Xiqqaa


IMXn dhiheesa faayinaansii irraa fayyadamuu isaaniitiin dura waa’ee qusannoo fi
qabinsa maallaqqaa irratti hubannoo qaban cimsuun barbaachisaa dha. Kana cinatti
hojiileen qinda’aanii fi waldeeggaran liqii duraa fi liqii booda hojjataman IMXn
faayinaansii isaaniif dhihaatu karaa bu’aa qabeessa ta’een akka itti fayyadaman isaan
dandeesisa. Waan kana ta’eef, WKTIT kesatti hojiileen liqii duraa fi liqii booda
armaan gadii akkaataa sadarkaa guddina intarpraayizootaatti ni raawwatama.

17
1. Hojiilee Liqii dura Hojjataman
a. IMXn karoora daldalaa sirrii ta’ee akka qopheefatan deeggarsii ni taasifamaaf.
b. Akkaataa karoora daldalaatti keessumaayyuu intarpraayizoota hojii keessa turan
hanga liqii isaan barbaachisuu,gosaan, haala kaffaltii fi liqii sana faayidaa maal irra
olchuuf akka karoorfatan addaan bahee akka beekamu ni taasifama.
c. Intarpraayizoota hojii keessa turan liqii fudhachuun dura liqii sana akkamitti akka itti
fayyadaman,liqii akkamitti akka deebisan ,Intarpraayizii isaanii akkamitti fi hangam
fayyaduu danda’a kan jedhu gadi fageenyaan akka mul’isan ni taasifama.
d. Intarpraayizoota hojii keessa turan filannoo liqii liqeefachuu ilaaluun dura
intarpraayizichi kan isa barbaachisuuliqii ta’uu isaa sirritti mirkaneefachuu.
e. IMXn hojii keessa turan kan isaan barbaachisuu liqii ta’uu isaa erga mirkanaa’ee
akkaataa qabxiiwwan armaan gadditti liqii akka argatan ni taasifama.
1. Akkaataa formaati gaaffii liqii dhaabbatni dhiheesa faayinaansii xiqqaa qopheeseen
intarpraayiziin hojii keessa ture gaaffii liqii akka dhiheessuu gochuu.
2. Intarpraayizichi ibsa bu’aa fi kisaaraa, qabeenyaa fi idaa akkasumas ibsa dhangalaa’a
maallaqaa akka dhiheessuu ni taasifama.
3. Intarpraayizichii gosa liqii isa barbaachisuu,hanga isaa fi haala kaffaltii isaa
tarreeffamaan akka dhiheessuu ni taasifama.
4. Karoori daldalaa qophaa’ee seeraan qophaa’uu isaa ogeessa dhaabbata dhiheesa
faayinaansii xiqqaatiin ni gamaaggamama.
5. Karoorii daldalaa ibsa bu’aa fi kisaaraa, qabeenyaa fi idaa akkasumas ibsa dhangalaa’a
maallaqaa sirreeffama kan barbaachisu yoo ta’ee, intarpraayizichi akka sirreessuu
deeggarsii ni taasifamaaf.
6. Bakka bu’aan hojjataa dhaabbata dhiheesa faayinaansii xiqqaa karoora daldalaa sirraa’ee
bu’uura godhachuun hanga liqii intarpraayizichii liqeefachuu danda’u fi yaada isaa itti
dabaluun waajjira dhiheessa faayinaansii xiqqaa dhiheenyatti argamutti karoora daldalaa
gamaaggamuun sanadoota liqii sana raggaasiisuu dandeessisan hunda guutee chappaa
WKTIT irratti rukkutee xalayaa gageesituudhaan dhaabbata dhiheesa faayinaansiichaatti
akka ergu ni taasifama.

18
7. Liqiin sadarkaa hundatti erga ragga’ee booda intarpraayizichi gara waajjira dhabbata
dhiheesa faayinaansii xiqqaa qaamaan dhaquu fi waliigaltee hunda guutuun liqii akka
argatu ni taasifama.
8. Ragaan liqeefatoota hanga qarshii fudhatanii gabatee yeroo deebii liqii isaanii
agarsiisuu, yeroo liqiin itti kaffalamee dhumu agarsiisuu WKTIT keessatti qindaa’ee
qabamu qaba.

2. Hojiilee Liqii booda Hojjataman


a. Intarpraayizootni akkaataa karoora daldalaa dhiheesanii fi ibsa bu’aa fi kisaaraa,
qabeenyaa fi idaa akkasumas ibsa dhangalaa’a maallaqaa akkaataa karoorfameen liqii
fudhatee galma barbaadameef olchuu akka danda’uuf ogeessa WKTIT keessa jiruun
deeggarsii itti fufinsa qabu ni taasifamaaf.
b. Intarprayiziii liqii fudhatan maallaqa hojii barbaadameef olchuu isaanii hordoffiin ni
taasifama.
c. IMX hojii keesa turan liqii fudhatan haala waliigalteetiin yeroo kaffaltii isaa eganii
kaffalaa jiraachuu isaanii hordoffiin ni taasifama.
d. IMXn hojii keessa turan liqii fudhatan karaa bu’aa qabeessa ta’een fayyadamanii gabaa
irratti dorgomaa akka ta’aniif tajaajila ekisteenshiinii industrii tajaajila liqii waliin
qindaa’ee akka argatan ni taasifama.
e. Intarpraayizootni liqii fudhatan waliigaltee kabajuu dhiisanii yeroo duraatiif liqii
tursiisanii yoo kaffalan, liqii kana deebisuu irratti haalli nama shakkisiisuu yoo jiraate
rakkoo isaanii addaan baasuun deggarsa itti fufinsa qabu guyyaa guyyaadhaan akka
argatan ni taasifama.
f. Intarpraayizootni yeroo baay’ee liqii fudhatanii itti fayadamanii yeroon deebisanii fi
intarpraayizii isaanii bu’aa qabeessa taasisan tooftaalee adda addaa fayyadamuun
hawaasa naannawaa sana jiru biratti sirritti akka beekaman ni taasifama.
g. Kan liqii fudhatanii maallaqa qisaasanii liqii deebisuu dadhaban uumatni akka beeku
gochuun liqii sana akka deebisan dhibbaa gochuu, sana malees, hojiin isaanii kun
hanqina naamusaa kan qabu ta’uu isaa hawaasni akka hubbatu ni taasifama.

19
3. Tajaajila Qusannoo
a. Hawaasa naanawaa sana jiru biratti faayyidaa qusannoo gadi fageenyaan mul’isuu
gochaalee aadaa qusannoo cimsuu danda’an afooshaalee biratti bakka gabaatti, mana
barnootaa tti iddooowwan amantaatti iddooowwan namootni baay’en itti walgahaan itti
guyyaa ayyaanaa hojii hubannoo uumuu itti fufinsaan raawwachuu.
b. Intarpraayizoota sadarkaa jalqabii irra jiran hubbannoon qusannoo irratti qaban sadarkaa
ol’anatti guddisuuf barumsa itti fufinsa qabu ni kennamaaf.
c. Intarpraayizoota sadarkaa jalqabii irra jiran liqii osoo hin gaafatiin kallatiidhaan
hojiiwwan liqii malee tiin hojiitti akka galan mijeessuun hordoffiin taasifamee, galii
argatan irraa akka qusatan ni taasifama.
d. Intarpraayizootni sadarkaa jalqabii irra jiran maallaqni isaan qusatan gara fulduraatiif
liqii fudhachuuf akka haal-dureetti akka tajaajiluu ni taasifama.
e. Intarpraayizoota hojii keessa turan hojii isaanii yeroo hojjatan hojiimaata baasii qusatuu
akka hordoffan tajaajila ekisteenshiinii industriitiin leenjii fi gorsii ni kennamaaf.
f. Intarpraayizoota hojii keessa turan saffina hojimaata isaanii irraa kan ka’ee baasii
qusatanii fi bu’aa isaanii irraa muraasa akka qusatan fi gara fulduraatif liqii fudhataniif
bu’uura akka ta’uuf ni taasifama.
g. Armaan olitti hojiilee liqin dura hojjataman keesaa hojiileen lakk. 1,2, fi 3 jalatti
tarreeffamanii, hojiile liqii booda hojjataman fi hojiileen qusannoo offiisara liqii WKTIT
fi ogeessa dhaabbataa dhiheesa faayinaansii xiqqaa waliin qindoominaan ni
raawwatamu.

4. Aangoo, Hojiilee fi Walittti hidhaminsa WKTIT fi Dhaabbata


Dhiheessa Faayinaansii Xiqqaa
Dhaabbilee faayinaansii xiqqaa waajjira isaanii guutumaan guutuutti WKTIT keessa
galchuu ykn bakka WKTIT itti dhiheenya qabuutti tajaajila kennuu banuun
fayyadamtootaaf tajaajila biragahaa ta’ee akka kennan ni taasifama.
WKTIT tajaajila liqii fi qusannaa ilaalchisee itti gaafatamummaa fi hojjiiwwan armaan
gadditti tarreefaman ni raawataa
a. Akkaataa ulaagaalee callaliitiin calallii liqqeefattootaa ni gaggeessaa.

20
b. Liqeefatootni hojii hojjachuuf barbaadan irratti karoora daldalaa akka qopheessan
deeggarsi ni kennama.
c. Karoorri daldalaa qophaa’ee haalaa gaariin qophaa’uu isaa hojjataan bakka bu’aa
dhaabbata faayiinaansii xiqqaa ni gamaaggama.
d. Karoorri daldalaa sirreefama kan qabu yoo ta’ee IMX qopheessee waliin ta’uun hojiin
sirreefamaa ni hojjatama.
e. Karoora daldalaa sireefama bu’uura godhachuun hojjataan bakka bu’aa dhaabbata
faayiinaansii xiqqaa hanga maallaqaa intarpraayizichi liqeefachuu danda’uu fi yaada
isaa itti dabaluun sanadoota liqii ragaasiisuu dandeesisan guutuudhaan WKTIT tti
liqii akka argatan ni taasisa.
f. Hangii liqii humna WKTIT ol yoo ta’ee qaama sadarkaa itti anuutiin akka ragga’uu
sanadoota barbaachisan guutee erguudhaan ni raawwachiisa.
g. Ragaan liqeefatootaa hanga maallaqaa fudhatanii gabatee yeroo deebii liqii isaanii
agarsiisuu, yeroo liqiin itti kaffalamee dhumu agarsiisuu WKTIT keessatti qindaa’ee
qabamu qaba. Dabalaatinis, liqii booda hordoffii fi deeggarsa gochuun liqiin
dugugamee hanga deebi’uutti xiyyeefannoodhaan ni socho’uu.
h. Kaffaltiin yeroon isaa irra darbee akka hin uumamnee ittissuu irraa jalqabee kaffaltii
yeroon irra darbee fi liqii fandii wabummaa fandii liqiitiin haguugame qaamoolee
raawwachiftootaa fi qooda fudhatoota waliin qindaa’uun deebisiisuun hojiilee isaan
ijoo dha.

5. Angoo Liqii /Raggaasiissuu/


a. WKTIT hanga liqii bakka bu’uumaadhaan kennameef gammaaggamuun ni
mirkaneesa.
b. Hanga liqii humna WKTIT ol ta’ee irratti yaada isaa kennuudhaan dhaabbata
faayinaansii xiqqaa sadarkaa itti anuutti jiruuf dhiheesee ni mirkaneesa.
c. Dhaabbatni faayinaansii xiqqaa karoora daldalaa dhihaateef bu’aa qabeessuummaa
isaa seraan gamaaggamuun guyyoota 10 hin caallee keessatti liqiin sadarkaa
sadarkaadhaan akka ragga’uu taasisaa.

21
d. Haala kanaan angoon dhaabillee faayinaansii xiqqaa sadarkaadhaan liqii ragaasiisuu
fi waliigaltee raawwachiisuu, akkaataa gurmaa’insaa fi hojiimaata dhaabbata liqii
kennuutiin murta’a.

1.3. Tajaajilaa Gabaa Mijeessuu


a. Odeeffannoo carraawaan gabaa naannawaa magaalaa fi baadiyyaa jiran IMXn
akka argatanii fi itti fayyadaman gochuu.
b. Itti fayyadama carraa gabaa naannawaa sana jiru ilaalchisee gatii, qulqullina,
dhiheesaa fi dorgomummaa IMX naannoo sanaa odeeffannoo isaa sasaabuun
waajjira/Ejensii misooma IMX magaalaa fi naannoottiif qindeesanii dabarsuu.
c. Oomishaa fi tajaajila qaamoleen hawaasa adda addaa barbaadan akkasumas
fedhii bittaa isaanii qindessuun ragaa isaa IMXf kennuun hojii walitti fidu
raawwachuu. Dabalataaniis, intarpraayizootni tooftaa adda addaa akka
fayyadaman gochuu.
d. Oomishaalee adda ta’ani meshaalee dheedhii naannawaa bu’uura kan godhatanii
fi dorgomummaa kan mirkaneessan akkasumas walitti hidhaminsa soonaa (value
chain) giddugala godhachuun hawaasa naannawaa sanaatiin akka beekaman
gochuu.
e. Oomishaalee IMXn oomishaman giddugala gabaa magaalaa keessatti
dhaabbatani akka gurguraman gochuu.
f. Oomishaalee biyya alaatii galanii fi naannawaa sanatti hawaasnii bal’inaan itti
fayyadamu ulaagaa isaan addaan baasuuf kennamuun adda baasuun
waajjira/Ejensii misooma IMX magaalaa fi naannoottiif qindeesanii dabarsuu.
g. Ragaa meshaalee dheedhii IMXn bal’inaan itti fayyadaman isaan irraa sasaabun
qindeessuun meshaa dheedhii waliin bitachuu akka danda’aniif deggarsii akka
taasifamuuf raga isaa waajjira/Ejensii misooma IMX magaalaa fi naannoottiif
qindeesanii dabarsuu.
h. Oomishaalee fi tajaajiloota IMX beeksisuudhaan carraa gabaa akka argatan
agarsiisa daldalaa fi baazaarii irratti hirmaachuuf kan fedhii qaban adda baasuun
raga isaa waajjira/Ejensii misooma IMX magaalaa fi naannoottiif qindeesanii
dabarsuu.

22
i. Hojiilee “a – h” tti tarreeffaman WKTIT keessatti offisara misooma gabaatiin
kan raawwataman ta’a.

1.4. Tajaajila Herreggaa fi Oditii


a. akkaataa maanuwaaliitiin IMXn leenjii buu’uraa qabinsa herreggaatiin akka
argatan gochuu.
b. IMXn galmee herreggaa bu’uuraawaa akka guutatan deeggarsa gochuu.
c. IMXn galmee herreeggaa qabaachuu isaanii mirkaneessuu, kan galmee
hinqabanees faayidaa galmee qabu barsiisuudhaan akka qabaatan jajjabeessuu.
d. Intarpraayizoota hojii qabiinsa herreggaa xixiqqaa irratti gurmeessuudhaan IMXn
galii fi baasii, bu’aa waggaa, ibsa qabeenyaa fi idaa isaanii akka beekanii fi
tajaajila kana irraa akka fayyadaman gochuu.
e. IMXn herregni isaan odiitii akka ta’uu barbaadan addaan baasuun tajaajila odiitii
akka argataniif gara waajjira/Ejensii misooma IMX magaalaa fi naannoottiif
dabarsuu.
f. Ragaa intarpiraayizoota tajaajila odiitii argatanii qindeessuun waajjira/Ejensii
misooma IMX magaalaa fi naannoottiif dabarsuu.

6.6 . Muuxannoo Gaarii Qindeessuu


a. Intarpraayiizoota muuxannoo gaarii qaban ulaagaa qophaa’uun adda baasuun raga
isaa waajjira/Ejensii misooma IMX magaalaa fi naannoottiif qindeesanii dabarsuu.
b. Waajjira Ejensii IMX, weeb-saayitii naannoo magaalaa fi irraa, filmii
dookumantarii fi barreeffamota muuxannoo gaarii irratti qopha’anii darban
intarpraayizootaaf tamsaasuu.
c. Magaaloota naannoo keessa jiranii fi naannoon ala jiran keessaa IMX bu’aa
qabeessa ta’ani fi baasii qoodachuudhaan muuxannoo fudhachuuf fedhii qaban
raga isaanii waajjira/Ejensii misooma IMX magaalaa fi naannoottiif dabarsuu

Kutaa Afur

23
7. Filannoo Iddooo WKTIT, Gurma’insaa fi Humna namaa
WKTIT
7.1. Filannoo Iddoo
WKTIT bakka IMXf dhiheenya qabuutti haala deeggarsa hundagaleessa ta’ee kennuu
danda’uun gurmaa’uu waan qabuuf filannoon iddoo xiyyeefannaa guddaan itti kennamu
qaba. Kanaafu,
1. WKTIT IMX naannawaa sana jiraniif bakka giddugaleesa ta’etti dhaabbachuu
qaba.
2. Biragahinsa IMXwannii kan qabu
3. Qaamoolee deeggartootaa fi raawwatoota ta’an itti kan dhihaatee ta’uu qaba.
4. Kilastaroota oomisha fi gurgurtaa hordofuu fi dhiheenyatti tajaajila kennuuf ta’uun
isaa ilaalcha keessa galchuun filannoon iddoo taasifamuu qaba.

7.2. Gurma’insa WKTIT


1. WKTIT haala qabatamaa naannoottin bulchinsa magaalaa keessatti caasaa
mootummaa sadarkaa isa dhummaa irratti gurma’a.
2. Magaaloota gurguddoo naannoo keessa jiran keessatti akkaataa baayina umataa,
bal’ina magaalootaa fi gurma’insa waajjiraalee mootummaatti WKTIT tokko ol
hundaa’uu ni danda’a.
3. Magaaloota xixiqqootti WKTIT tokko hundaa’uu ni danda’a.
4. Qabxilee “1-3” tti tarreeffaman yaada keessa galchuun mootummaan naannoo
WKTIT dabalataan hundeessuu ni danda’aa.
5. WKTIT Waajjiira Misooma IMX Waamammaa ta’a.

7.3. Humna Nama WKTIT


1. Tajaajiloota WKTIT keessatti kennamanii fi humna namaa jiru qideessuun
gahumsaan hogganuu kan danda’u qindeessaan tokko ni rammadama.
2. Rammadiin humna namaa bal’ina hojii gosa ogummaan gaafatu bu’uura
kangodhatee ta’uu qaba. Kunis, qorannoo jijjiirama bu’uura adeemsa hojii naannoo
waliin walsimsiisuun kan raawatamu ta’a.

24
3. Ogeessi dhaabbata faayinaansii xiqqaa WKTIT waliin qindaa’ee hojjatu ni
ramadama.
4. Baay’inaa fi faca’insa humna namaa gabatee miltoo 1 ffaa irratti ibsameen akkaataa
bal’ina hojii fi baay’ina fayyadamtoota wiirtichaatti dabaluu ykn hir’achuu danda’a.
5. Ogeessii gita hojii hunda irratti ramadamu osoo hojii hin jalqabiin dura tarsiimoo
misooma IMX fi qajeelfamootaa fi maanuwaaloota tarsiimoo kana galmaan gahuuf
gargaaran irratti leenjii fudhachuu qaba.
6. Immaamataa fi tarsiimoo misoomaa mootummaa irratti leenjii hubbannoo uumu
waliigalaa fudhachuu qaba.

7.4. Iddoo WKTIT itti Dhaabbatu


Hojilee WKTIT haala barbadamuun hojjachuuf haala qabatamaa naannawaa irratti
hundaa’uun iddoon WKTIT itti hundaa’uu hojiif karaa mijaawaa ta’een ni qophaa’a.
1. Naannoo keesatti WKTIT karaa guutuu ta’een tajaajila kennuu akka danda’uuf
meshaaleen waajjira tajaajila intarneetti akka qabaatan haali ni mijaawaa.
2. Hanga humni eyyumatti haali teessuuma hojjatoota WKTIT keessatti karaa
dhangalaa’aa hojii hordofeen akka ta’uu ni taasifama.
3. Akkaataa haala qabatamaa naannawaatti sarara bibilaa bilisa ta’ee fi tajaajila
intarneetii akka argataniif haalli ni mijaawa.
4. WKTIT keessatti bilboordiin ragaan tamsa’uu fi haaldureewwan tajaajila argachuu
itti mul’ifaman karaa haala qabatamaa naannawaa sanaa ilaalcha keessa galchuun
akka qophaa’an ni taasifama.

Kutaa Shan
8. Gahee Hojii fi Itti gaafatamummaa Qaamolee Rawwatoota

8.1. Waajjira Misooma IMX Magaalaa


a. WKTIT humna namaa fi meeshaaleedhaan akka guutamu ni taasisaa.
b. Dandeetti ogeessota WKTIT keessatti hojjatanii ni ijaara
c. Karoorri WKTIT akka qophaa’u ni taasisa, raawwiin isaas haala staandardii kenna
tajaajila baheen ta’uu isaa ni gamaaggama

25
d. WKTIT qaamolee raawwatoota kan biroo waliin qindaa’ee akka hojjatu ni deegara.
e. Karooraa fi raawwii WKTIT istandaardoota hojiimaataa sirraa’uu qabanii fi hojiilee
ijaarsa dandeetti yaada isaa itti dabaluun Ejensii MIMX tti ni dabarsa.

8.2. Dhaabbata dhiheessa Faayinaansii Xiqqaa


a. Dhaabbatni dhiheessa Faayinaansii Xiqqaa ogeessa WKTIT waliin qindaa’ee hojjatu
ni ramada.
b. Dhiheessa faayinaansii IMX magaalaatiif barbaachisuu ni mijeessa.
c. Fedhii liqii guutuudhaaf hojimaata adda addaa sirna sassaabbii qusannoo diriirsuun
WKTIT waliin qindaa’ee nihojjata.
d. Dhiheessi faayinaansii IMXf taasifamu karaa saffisaa ta’ee fi haala istaandardii
kenna tajaajila baheen rawwatamaa jiraachu isaa ni mirkaneessa.
e. Dhiheesa faayinaansii IMX magaalicha keessa jiran mirkaneesuuf hojiilee liqii duraa
fi liqii boodaa addaan baasuun karoora keessa galchee WKTIT magaalichaa waliin
ni qindaa’ee hojjata.
f. Dandeettiin ogeessoota Dhaabbata dhiheesa Faayinsii Xiqqaa WKTIT waliin
qindoomanii hojjatnii yeroo yeroon akka cimu ni taasifama.

8.3. Barnoota Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa (BLTO)


a. BLTOn magaalaa WKTIT waliin qindaa’uun IMX tajaajila eksteenshiinii industrii
kennamuufi qabu adda baasuun tajaajila ni kenna.
b. Offisara mijeessaa tajaajila ekisteenshinii industrii WKTIT waliin qindaa’uun raga
tajaajila ekisteenshiinii industrii intarpraayizootaaf kennamu ni qindeessa.
c. Kenni tajaajila ekisteenshinii industrii haala karoora qindoominaatiin raawwatamu
isaa WKTIT waliin ta’uun ni gamaagama kallatiiwwan furmaataas ni ka’a.
8.4. Koree teeknikaa
1. Koreen teeknikaa kun sadarkaa naannoo irraa kaassee hanga Gandaa/WKTIT tti,
waajjiraalee misooma IMX, KBLTO fi WALQO irraa kan hundaa’uu ta’ee, gaheen hojii
isaatiis, hanqinoota raawwii misooma IMX irratti mul’atan ilaalchisee marii ni adeemsiisa,
rakkoolee jiran adda baasuun fala ni kaa’aa, kan humna isaa ol ta’an mana mare misooma
IMX sadarkaa isaatiif dhiyeessuun furmaata akka argatan ni taasisa. Dabalataanis, mana
mariichaaf deeggarsa teeknikaa ni taasisa, gabaasa ni dhiyeessa. Haaluma kanaan,

26
a. Sadarkaa naannoo irratti waajiraalee armaan olitti eraman kessaa akka barbaachisummaa
isaatti adeemsaalee hojii kallatiin dhimmi ilaalu irraa kan misoonsoota torba (7) qabu
ta’a.
b. Sadarkaa Godinaatti waajiraaleedhuma kana keessaa miseensota nama shan (5) kan qabu
ta’a.
c. Sadarkaa Bulchinsa Magaalaattis akkuma armaan olii kana kna miseensoota shan (5)
qabu ta’a.
d. Sadarkaa Aanaatti koreen kun miseensoota shan (5) kan qabu ta’ee WKTIT fi Mana
Mare Misooma IMX gandarra jiru kan deegaru ta’a.
2. Koreen kun walitti qabaa fi barreesaa ofkeessaa kan filatuu akkasumas adeemsaa fi sagantaa
hojii baafatee kan hojjatuu ta’a.

9. Irra deebiin gurmeessuu, Sirna Hordoffii fi Gamaaggamaa


I. Irra deebii’anii Gurmeessuu
1. Intarpiraayizootni seera kanaan dura jiru kamiyyuu gurma’anii hojii keessa jiran bu’uura
tarsiimoo haaraa fi dmbii deeggarsa misooma IMX 139/2004 keewwata 51 irra deebi’ani kan
gurma’aan ta’a.
2. Irra deebi’anii gurmaa’uun kun guyyaa dambichi ragga’ee onkoloolessa 20/2004 irraa kaasee
waggaa tokko qofa keessatti kan raawwatamu ta’ee, hojiileen armaan gadii duraa duubaan kan
raawwataman ta’a.
a. IMX kana galmeessuun, tarsiimoo, dambii fi qajeelfamoota irratti hubannoo umuun amansiisuu.
b. Qabeenya Interpiraayicha odiitii gochuun iddaa fi dirqama isaa akka bahuu taasisuu.
c. Akkaataa filannoo isaaniitiin dhunfaan, bu’uura seera daldalaatiin ykn waldaa hojii gamtaan akka
gurmaa’aan gochuu.
d. Haala gurmaa’insa haaraatiin waraqaa raga qaama seerummaa akka argaatan haala mijeessuu.
e. Sababa irra deebi’anii gurmaa’uu kanaan miseensootni fedhii isaaniitiin ykn haala dirqisiisaan
kan gar gar bahaan yoo ta’ee fi idaan yoo irra jiraatee, bu’aa odiitti irratti hundaa’uun haala iddaa
isaanii itti kaffalanii fi qabeenya qaban hirachuun gara gurmii haaraatti akka dhufan deeggarsa
taasisuu.
3. IMX yeroo jedhamee kana keessatti irra deebii’ee gurmaa’uuf feedhii kan hin agarsiifnee yoo
ta’ee qaamni seerummaa isaa haqamuun deeggarsa kamiyyuu akka hin arganee ni dhorkama.

27
4. Kan armaan olitti ibsamee akkuma jiruutti ta’ee IMX irra deebi’ani gurmaa’uun bu’uura dambii
haaraaraatiin qaama seerummaa hanga argatanitti tajaajila deggarsaa kam iyyuu argachuu hin
danda’uu.
II. Hordoffii fi Gamaaggamaa
1. Qaamoolee raawwatoota waliin ji’a ji’aan waltajii waliigalaa mijeessuun WKTIT,
BLTO fi Dhaabbata dhiheesa Faayinsii Xiqqaa raawwii karoora qindoominaa
gamaaggamuun kallatiiwwan furmaataa kaa’uu.
2. Ogeessotni WKTIT keessa jiran hojii misooma IMX irratti ilaalchaan, dandeettiin,
dhiheesa cicataalee fi sirna gabaatiin ciminootaa fi hanqinoota qaban torbaniin, guyyaa
15n, ji’an kurmaanaan, ji’a jahaa fi waggaadhaan gamaaggama hojii gochuu.
a. Gabaasa raawwii WKTIT kan ji’a, kurmaanaa, ji’a jahaa fi waggaa qaamolee dhimmi
ilaalatu hundaaf dhiheesuu.
b. Gabaasoota barreeffamaan, afaaniin fi saaphanaa odeeffannoo elektroniiksiitiin
fayyadamuun qaamolee sadarkaan jiranitti dabarsuu.
c. Sirni hordofii fi deeggarsaa gabaasa fudhachuu fi doowwii direetiin kan raawwatamu
ta’a.

Kutaa Jahaa
Tumalee Adda Addaa

10. Daangaa Raawwii


Qajeelfamnii WKTIT kun naannoolee hunda keessatti raga’ee Ejensiin misooma IMX tiin hojii
irra ni oola.

11. Waa’ee qajeelfama Fooyyeessuu


Qajeelfamni kun akka barbaachisummaa isaatti mana mare MIMX Bulchiinsa Motummaa
Naannootiin yeroo kamiyuu fooyya’uu ni danda’aa.

12. Yeroo Qajeelfamni kun Itti Ragga’uu


Qajeelfamni kun har’a Guyyaa _________bara2004 irraa eegalee kan raga’uu ta’a.

Umar Huseen Obaa


Sad.I/A pirazidantiitti Ogganaa BIMMO fi

28
I/A Walitti Qabaa Mana Maree Misooma Intarpiraayizoota Maayikiroo
fi Xixiqqaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Sadaasa 2004
Finfinnee

29

You might also like