You are on page 1of 33

Mana Maree Misooma IMX Mootummaa Nannoo Oromiyatti

Qajeelfama Kenniinsa Tajaajila Ekisteenshinii Industirii

Lakkoofsa 005/2004

Seensa 

Mootummaan guddina hawaas-dinagdee saffisiisuuf, tarsimoo misooma Industiriifi Magaalaa, Karooraa


guddinaa fi Tiraansfoormeeshinii fi Tarsiimoolee Misoomaa kanneen biroos baasee jira. Tarsiimolee
kanneen gahumsaan raawwachuuf, humna namaa gahumsa qabuu fi Teeknoolojii bu’a qabeessa ta’e
dhiyeessuun sirna hojii bu’aa buusuu danda’uu diriirsuun hojiilee murteessaa ta’aniidha.

Tajaajilli Ekisteenshinii Industirii, IMXn biyyattii keessatti argaman hundi fedhii gabaa irratti hundaa’uun
qulqullina, omishaa fi Oomishtummaa guddisaanii, omishootaa fi tajaajiloota yeroo yeroodhaan  gabaa
irratti barbaadamanitti dorgomaa ta’uun dhiyeessuuf isaan dandeessisu mijeessuu qaba.

Tajaajilli Ekisteenshinii Industirii, haala kallattii Tarsiimoo Industirii keessa taa’etti, rakkoolee IMX
duraan dursuun qoratee fi bu’aa qorannoo irratti hundaa’ee adda baasuudhaan yaada rakkoo hiiku kan
Dhaabbilee Teeknikaa fi Ogummaatiin walitti hidhamiinsa qabu dhiyeessuu qaba.

Waan kana ta’eef Ittigaafatamtoonni sadarkaa sadarkaadhaan jiran, Ejansiin IMX, Ejansiin BLTO fi
Dhaabileen dhiyeessa Faayinaansii Xixiqqaa qindaa’uun, dandeettii  fi  humna namaa gahumsa qabu
qaban ijaaruun qabeenya qaban gurmeessanii sochoosuun IMX dorgomaa ta’e ijaaranii hojiitti galchuun
akka danda’amu waan barbaachiseef qajeelfamni raawwii kun akkaataa dambii deegarsa Misooma IMX
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk 139/2004 keewwata ____ baheera.

Kutaa Tokko

Walii gala

1. Mata duree gababa


1
Qajeelfamini kun Qajeelfama Kenniinsa Tajaajila Ekisteenshinii Industirii
Lakk. 005/2004

2. Kaayyoo
 Magaala keessatti Intarpiraayizoota Mayikroo fi Xixiqqaaf (IMXf) tajaajila Ekisteenshinii Industirii
kennuudhaan gabaa keessatti gahumsaan dorgomaa ta’un, carraa hojii bal’aa akka ummanii fi galiin
isaanis akka foyyaa’uu gochuudha.

3. Hiika
Halii jechicha hiika biraa kan kennsisuf yoo ta’ malee qajelfama kan kessatti

3.1. “Tajaajila Ekisteenshinii Industirii ” jechuun rakkoolee IMX kan adda baasee fi fedhii
irratti bu’uureffachuun ragaalee guutuu ta’an qindeessuu fi raabsuu, leenjii fi gorsa kennu
teeknoolojii misoomsuu fi waliidabarsuu muuxannoo gaarii gurmeessuu, qindeessuu,
raabsuu fi waan kana fakkaatuun tajaajila kennuu kan qabaatu.
3.2. “ Leenjii “ jechuun misooma IMX, ogummaa Bulchiinsa Daldalaatiin  Barnootaa fi Leenjii
Teeknikaa fi Ogummaatiin (BLTOn), Ilaalcha, beekumsaa fi ogummaa leenjiifamtootaa
karaa sirrii ta’een guddisuun yeroo gababaa, jiddugaleessaa fi dheeraa keessatti jijjirama
amalaa fi hojimaataa adeemsa fiduu dha.
3.3. "Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa” jechuun namoota armaan dura IMXn gurmaa’anii fi gara
fuula dura gurma’an ogeeyyiin oomisha yookan tajaajila tokko gahumsaa fi qulqullinaan
dhiyeessuu dhaan bu’a qabeessa ta’an oomishnii  fi tajaajilli isaanii akka itti fufu gochuuf
yeroo hunda sona akka dabalanii fi misooma akka saffisiisaan leenjii kennamu jechuudha.
3.4. “Leenjii Bulchiinsa daldalaa ” jechuun IMXn ijaaramuun dura hojii bu’a qabeessa akka
filatan, adeemsa hojii gaggeessuu keessatti karoorsuu, qindeessuu, hoogganuu, gurmeessuu
fi hordofuun bu’aa qabeeyyii akka ta’an leenjii kennamudha.
3.5. “Meeshaa oomishaa “ jechuun, meeshaalee dheedhiitti fayyadamuudhaan, omishaa omishuu
fi tajaajila kennuudhaaf kan gargaaran, kanneen humna namaa fi humna beeladaan
socho’anii fi kan humna filatamaadhaan hojjataan meeshaalee harkaa fi maashinootaa
jechuudha.

2
3.6. “Qaamman raawwatan jechuun IMXf tajaajila kennuudhaaf kan gurmaa’an kan akka
Ejensii IMX, Komishinii BLTO fi Dhaabilee faayinaansii xixiqqaa kan qabudha.
3.7. Sirna Leenjii Walta’insaa jechuun, Leenji’aan yeroo leenjii irra caalaa kubbaaniyyaa
keessatti leenjii gochaan hojjachaa leenji’uu fi Industiriinis leenji’aa sadarkaa barbaaduun
geessisee mala hojiitti dhiyeessuun yoo ta’u, DhBLTO, IMX yoo kan dhaabbii qaxaranii
hojiitti galchanii waliin, faayidaa waliinii irratti bu’uureffachuu Sirna (Mala) leenjiin ittiin
kennamudha.
3.8. “ Leenjii Kubbaaniyyaa Keessaa “ jechuun hojjattooni Industirii Hojimaataa fi Teeknoolojii
haaraadhaan walbaruuf kan gargaaruu fi Teeknoolojiiwwan duguuganii itti fayyadamuu fi
fooyyeessuun oomishtummaa gahumsaa fi qulqullinaan guddisuun Industrichi addunyaa
keessatti dorgomaa akka ta’u kan taasissuu  fi mala leenjii dandeettiin hojjataa ittiin
ijaaramudha.
3.9. “ Teeknoolojii “ jechuun, galtee omishaa tokko (Meeshaalee dheedhii) haala salphaa ta’een
gara omishaa gabaa keessatti barbaadamutti jijjiiruuf adeemsa gargaaru yoo ta’u adeemsa
kana keessatti meeshaaleen, beekumsi, ragaaleenii fi hojiin kan wal-qabataniidha.
3.10. “ Walitti Hidhamiinsa Sonaa ( Value chain ) jechuun, oomishni gabaatti dhiyaatu tokko,
meeshaa dheedhii irraa eegalee hanga oomishichi faayidaaf olutti, omishaaf kan bu’aa
gummachanii fi sona dabalan hojjattoota fi adeemsonni hojii bakka walitti hidhamaniidha.
3.11. “ Ibsa Walitti hidhamiinsa Sonnaa “jechuun adeemsa hojii omishaa tokko ibsuu fi haala
tartiiba adeemsa hojiichaa tokko tokkoon qorachuun qaawwa’aa Teeknolojii jiru adda
baasanii, beekumsan, meeshaan sirna gurmaa’insa hojittin adda baasun bakka qawwii hojii
fi meeshaa jiru beekuu fi hanqinni mul’atee yoo guutamee faayidaa argamuu danda’u  mala
agarsiisuu fi beeksisudha.
3.12. “ Bu’aa Qabeesumaa Ibsuu “ jechuun ibsa madallii walitti hidhamiinsa sonnaa keessatti
Teeknolojii qorannoodhaan adda baheetti fayyadamudhaan bu’aa gama omishaa guuddisuu,
qulqullinaan omishaa fi itti fayadama humnaa fi baasii qusachuun jiru fi maddalanii,
Teeknoloojichaa omiishuuf, baay’isuuf, bituu yookaan faoyyeesuuf hojimaata itti
deemaamu jechudha.
3.13. “ ‘Design’ “ jechuun Teeknolojiin filaatame tokko sadarkaa isaa eggee akka baay’achuu
danda’u, fakkii teeknoloojiicha, waliitti hidhamiinsa qaama isaa fi meeshaalee qammaa
isaaf bakka bussuuf barbaachisaa kan tokko tokkoon qabaate ragaa bareefama jechuudha.

3
3.14. “ Teeknolojii Kussuu” jechuun, teeknoloojii filataame tokko gahumsa fi dhaabbiidhaan
sadarkaan isaa akka eeggametti ce’esiisuuf, “Design” fi eedatoo isaa qopheesudhaan hojii
maddalanii raawwachuu jechudha.
3.15. “ Cee’umsa Teeknolojii “ jechuun, teeknoloojiin kufaamee tokko, Industirii isaa barbaaduu
fi baay’istoota adda baasuu fi geesiisuun, Teeknolojiichaa warra fidan irraa gara warra itti
fayyadammaniitti dabarsuu jechuudha.
3.16. “ Maddallii Gahumsa Ogummaa” jechuun sirna ogeessi tokko haala madaallii sadarkaa
ogummaa qophaa’eettin, gahumsa isaa irra eegamuu gonfachuun isaa ittin mirkana’uu
jechuudha.
3.17. “ Adeemsa Omsihaa (Production Process) “ jechuun, Qabeenyaa, humna nama fi uumamaa,   
meeshaalee dheedhii fi omishaa waliin qindesuudhaan, qabeenya meeshaa dheedhii gara
omishoota adda addaatti jijjirudhaan yookan tajaajila adda addaa kennuu jechudha.
3.18. “ Omishaa “ Production jechuun, sochii omishaa omishuu yookan tajaajila kennuu keessatti
bu’aa qabaatama argamuu jechuudha.
3.19. “ Qulqullina“ Quality jechuun, omishinii yookaan tajaajilli tokko tajaajilamadhaan
barbaadamuu isaa fi ulaagalee tajajilamaan barbaadu hunda guutee argamuu isaa jechudha.
3.20. “ Hojjataa Ekisteenshinii Industirii (Industry Extention Agent) jechuun, Dhaabbilee BLTO
keessatti tajaajilaa Ekisteensinii Industirii ramadamee hojjatuu jechudha.
3.21. “ Haala Mijeessaa Ekisteensinii Industiri” ( Industry Extention facilitator ) jechuun,
Dhaabbilee BLTO ttin tajaajila Ekisteensinii Industirii kennamu fi haala mijeesu ogeessa
wiirtuu tajaajila tokkoo keessatti ramadamee jechudha.
3.22. “ Intarpiraayizii Maayikiroo” jechuun, Abbaa qabeenyaa Intarpiraayizii, maatti isaa fi
hojjattoota qaxaramanii hojjatan dabalatee hanga namoota shanii kan hojjachiisuu fi kan
kaappitaalii isaa gamoo bakka hojii osoo hin dabaliin, damee tajaajilattin qarshii 50,000
(Kumaa shantama) damee Industriittin qarshii 100,000 (Kumaa dhiibaa) kan hin caalee
jechudha.
3.23. “ Intarpiraayizii Xiqqaa” jechuun, Abbaa qabeenyaa Intarpiraayizii, maatii isaa fi hojjatoota
qaxaramanii hojjatan dabalatee hanga namoota sodomaa kan hojjachiisuu fi kan kaapiitallii
isaa gamoo bakka hojii osoo hin dabaalattin, damee tajaajilaatin qarshii 50,001 (Kuma
shantamaa fi tokko) hanga 500,000 (Kuma dhibba shan) damee Industriittin qarshii 100,001

4
(Kuma dhibba tokkoo fi tokko) hanga 1,500,000 (Miliyoona tokkoo fi kuma dhibba shan)
kan hin caallee jechuudha. 

4. Qajeeltoowwan Tajaajila Ekisteenshinii Industirii 


4.1. Dhaabbileen BLTO bakka IMXn baayinaan iti dhalatuu fi wiirtuu cee’umsa teeknolojii
akka ta’an gochuu.
4.2. Tajaajila Ekisteensinii Industirii fedhii gabaatin durfamuu kan qindaa’ee fi wal-fudhatee
kennuu.
4.3. Tajaajila Iftooma, Ittigaafatamummaa fi amantummaa qabuu kennuu.
4.4. Guddinii Misoomaa fi faayidaa Intarpiraayizoota, faayidaa kiyyaa jeedhaanii amananii
fudhachuun sochoo’uu.
4.5. Intarpiraayizoota armaan dura turanii fi moodeela ta’aniif tajaajila Ekisteensinii Industirii
dursanii akka argatanii amanani socho’uu
4.6. Ijaarsi dandeettii Teeknolojii guddina Diinagdeetiif meeshaa furtuu akka ta’ee itti
amanuudhaan hojiirra olchuu.

Kutaa Lama

5. Dhiyeessa Tajaajila Ekisteensinii Industirii


5.1. Misooma humna namaa

Misoomnii humna namaa, meeshaa jijjirama ilaalchaa, beekumsa fi ogummaa fiduu waan ta’eef, deggarsii
leenjii, qorannoo fedhii leenjii hanga madaallii gahumsa ogummatti kennamu hojii wallitti fufiinsa fi
tartiiban hojjatamuu qabudha.

5.1.1. Qorannoo Fedhii gabaa fedhii humna namaa (Labour Market Analysis)
a. Qorannoon gahee fedhii humna namaa hojii akka barbaachisuma isaatti waggaa
waggaadhaan mala edatootti fayyadamudhaan dameewwan hojii filatamanii fi
Intarpiraayizoota armaan dura turan keessatti sadarkaa Komishinii BLTO Naannootti ni
gaggeefama.
b. Bu’ura qorannoo fedhii gabaa humna namaatiin waajjiralee Misooma IMX sadarkaa
sadarkaadhaan, jiraniitti, humna nama misooma IMXttin gurmaa’ee hojiitti galuu baay’inaan,

5
ogummaadhaan fi sadarkaa leenjiittin adda baasuun qopheesanii Dhaabbilee BLTOf ni
kennuu.
c. Ogummootaa adda baasuun, sadarkaa ogummaa qopheesuunii fi hojiirra akka oluu haala
mijeesuun gahee Ejansii BLTO Naannoo ta’ee, IMX dabalatee, dhimmamtoonii adunyaa
hojii keessa jiranii fi ogeeyiin damee Industirii hunddi hojii kana abuumadhaan ni raawatuu.
Muuxannoo gaariin fi sadarkaaleen ogummaa adunyaa irraa argaman akka galteeatti ni
fudhaatamuu.
d. Bu’uraa sadarkaa ogummaa qophaa’eettin / Komishiiniin/ Ejansiin BLTO, Naannoo
Misooma IMX hirmaachisuun sirna leenjii fi maanuwaalii leenjii ni qopheessuu
e. IMXn armaan dura turan bu’ura sadarkaa ogummaa qophaa’eettin madaallii gahumsa
ogummaa akka fudhatan gochudhaan qawwa ogummaa qaban adda bahee leenjiidhaan akka
guuttaatanii gahaan gochuu.
5.1.2. Haal-Duree Leenjii 
a. Lamiilee IMXn armaan dura gurma’anii jiranii fi gara fuulduraas gurma’aniif waa’ee
barbaachisummaa fi faayidaa leenjii, toftaalee sab-qunnamtii adda addaati fayyadamuudhaan
hubannoo walitti fufiinsa qabuu kennuu.
b. Ogummaalee qorannoo fedhii leenjii fi gabaattin adda bahan irratti leenjii kennuudhaaf haal
duree waan barbaachisan hundaa mijeessuu.
1. Leenjiifamtoota sadarkaa ogummaatin, umuriin, muuxannoo hojii fi sadarkaa guddina
IMXtiin adda baasanii leenjiif qopheesuu.
2. Bakka leenjii, mala leenjii fi yeroo leenjiin itti kennamu adda baasuun sagantaa leenjii
qopheesuu.
3. Bu’uraa sagantaa leenjiittin, mata dureewwan ogummaa leenjiitiif leenjiisaa rammaduu.
4. Maanuwwaloota leenjii, meeshaalee leenjii, baajataa fi galteewwan biroo leenjiidhaf ta’an
guutachuun leenjii gaggeesuu.

Leenjii qabatama ta’ee kennudhaaf, haldureewwan qophaa’an keessatti:-Sagantaan ,


rammadiin leenjiiftootaa, bakkii, malli kenniinsa fi yeroon leenjii hojiilee iddoo gurgudoo
qabaatani dha.

5.1.3. Tajaajila Leenjiitti fayyadamoo ta’udhaf ulaagalee guutamu qaban


a) Qorannoo fedhii leenjiittin adda bahanii beekamu.

6
b) Dhunfadhaaniis ta’ee waldaa’an gurmaa’anii leenjii’uf fedhii jiru iyyatan dhiyeeffachuu.
c) Sadarkaa barumsa fi muuxannoo hojii leenjichii barbaaduu guutanii argamuu.
d) Ogummaa fi beekumsa leenjiidhaan gonfaatan hojiirra olchudhaf qophaa’aa ta’u.

5.1.4. Haala Rawwii leenjii

Leenjiin Intarpiraayizootaf kennamu yeroo hojii intarpiraayizoota haala hin saamneen saganteefamee, irra
caalaan isaa yeroo hojii idilee keessatti ta’ee, akka barbaachisumaa isaatti galgaala fi guyyoota ayyanaa fi
boqqonnaa dabalatee akka kennamu ni ta’a.

Raawwii leenjii keessatti hojjileen armaan gaddiitti tareefaman ni hojjatamu.

a) Haala ulaagalee fi sagantalee leenjiittin leenjiifamtoota galmeesuu fi rammaduu.


b) Maloota kenna leenjii adda-addaatti fayyadamudhaan leenjii kennuu.
c) Sadarkaa itti qufiinsa leenjiidhaan argamee unkaa gaafii qophaa’ee guchiisuun
leenjiifamtoota/fayyadamtoota marii’achiisuun raawwii isaa madaaluu.
d) Leenjiifamtoonii madaallii gahumsa ogummaa akka fudhatan hordoffii fi deeggarsa gochuu.
e) Gabaasa raawwii leenjii qopheessuu.
f) Jijjiirama leenjiichii fide bakka hojiitti argamudhaan bu’aa isaa madaaluu.
g) Intarpiraayizoonii hojiirra jiran bu’ura sadarkaa ogummaa qophaa’eettin madaallii gahumsa
ogummaa akka fudhatan hordoffii fi deggarsa gochuu.
5.1.5. Mala Leenjiin Ittin Kennamuu
a) Namoonii armaan duraa IMXn gurmaa’anii fi kan gara fulla duraalee gurmaa’an Dhaabbiilee
BLTOtti galaanii qawwa ogummaa qaban irratti leenjiin gochaa irratti bu’ureefatee ni
kennamafii.
b) Leenjiichii, Dhaabbilee leenjii keessatti, Leenjii walta’insattinii fi leenjii kubaaniyaa
keessattin kan kennamuu yoo ta’u, baay’inaan sagantaa leenjii al idilee irratti xiyyeefaata.
c) IMXn dhunfadhaan yookan gareedhaan gurmaa’anii qawwaa ogummaa qaban irratti
bu’ureefachuun, leenjiin bakka hojii isaaniitti fi wiirtuu tajaajila bakka tokkotti
kilaastariidhaan akka kennamuuf ni ta’a.
d) IMXn waljijjiraa muuxannoo gaarii fi waltajjii hojiimataa gaarii irratti argamudhaan
muuxannoo akka argatan ni ta’a.

7
e) Ogeyii leenjiin leenjiiftoota kennamuf daaw'ii diiree akka taasiisaan waltajjin shaakalaa
gochaa ni mija’aafi
f) Dhaabbileen BLTO leenjiifamtoota leenjiisaanii baasutti dabaalanii:-
1. Sadarkaa guuddina IMX adda baasudhaan Dandeettii isaanii ijaaranii sadarkaa
itti’aanuutti cee’udhaaf sochii taasisaan deggaruu.
2. Madaallii gahumsa ogummaa fi gorsa ogummaa waliitti fufiinsa qabuu akka fudhatan
Waajjiraa Misooma IMX waliin karoorfatanii hojjatuu.
3. Qaamaan raawwatan kan biroo (Ejansii misooma IMX fi WALQO) biraa galteewwan
leenjii argaman yeroo fi hanga barbaadamaniin dhiyyeesun ergama isaanii bahaa
jiraachuu isaanii hordofuu fi deggaruu qabuu.
5.1.6. Gosoota Leenjii Kennamanii

Bu’ura qorannoo fedhii gabaattin, fedhiin leenjii IMX qoratamee, tajaajiloota leenjii armaan gadii keessa
kan isaaniif mijaa’u filatanii fayyadamoo akka ta’an gochuu.

1. Leenjii Intarpriner shipFi Bulchiinsa Daldalaa


a. Intarpiraayizoota haraa jalqabaniif,
1. Gurmaa’insa
2. Daldala keessan jalqabaa
3. Leenjii “Enterpreneurship” Bu’uraa
4. Leenjii bu’uura qabiinsa galmee hereggaa
5. Leenjii bu’uraa baasii fi tilmmaamaa gatti
6. Leenjii bu’uraa qabiinsa qabeenyaa
7. Leenjii bu’uraa qabiinsa/Ittifayyadama/ gabaa
8. Qophii karooraa daldalaa
9. Nama hojii daldalaattin gahumsa qabuu horachuu (CEFE)
b.   Intarpiraayizoota guddachaa jiraniif
1. Daldalaa keessan fooyyeessaa
2. Haala qabiinsa maamilaa
3. Hojii bulchiinsa humna namaa
4. Qabiinsa galmee heerreggaa

8
5. Baasii fi tilmmamaa gatti
6. Leenjii bu’uraa qulquuliinaa fi Omishiitumaan hojii gaggeesuu (kayizen)
c. Intarpiraayizoota gahaniif
1. Daldalaa keessan foyyeessa
2. Haala qabiinsa maamiilaa
3. Bulchiinsa humna nama
4. Qabiinsa galmee herreggaa
5. Baasii fi tilmaama gattii
6. Leenjii sadarkaa ol’aanaa , qulqullina fi omishtummaan hojii gaggeessuu
(Kayizen)
7. Sirna (ISO), qulqulliinan hojii gaggeessuu
2. Leenjii Teekniikaa fi Ogummaa

Leenjiin teeknikaa fi ogummaa fedhii gabaa fi sadarkaa ogummaa irratti bu’ureefatee, haala fi
akka sadarkaa guddiinaa Intarpiraayizitti leenjii kennamudha.

1. Industrii
1.1. Huccuu fi uffata
a. Uffataa fi sigaajjaa dhahuu
b. Huccuu fi uffata hodhuu
1.2. Hojii gogaa fi bu’aalee gogaa
1.3. Hojii sibiilaa fi “Engineering”
1) Hojii sibiilaa
2) Hojii mukaa
3) Hojii leemanii
4) Hojii suphee
5) Hojii faayaa fi hojii harkaa
6) Hojii “Electricity”
1.4. “Agro-Processing”
2. Damee Qonnaa, (Qonna Magaala keessaa)
2.1. Horsiisa Beelada ammayyaa
2.2. Horsiisa kanniisaa

9
2.3. Horsiisa Lukkuu
2.4. Qonna Kuduraa fi Muduraa
2.5. Omisha nyaata beeladaa
3. Hojiilee Bu’uura misooma Dinagdee (Economic Development Infrastructures)
3.1. Hojii Daandii
a. Hojii ‘’cobble stone’’
b. Hojii Ijaarsa daandii baadiyyaa
3.2. Misooma Magaalaa fi Ijaarsaa
a. Omisha galtee Ijaarsaa
b. Hojii “Surveying”
c. Hojii “Land scaping”
d. Haala kosii goggooggaa gatuu
3.3. Tajaajiloota Ijaarsaa
3.4. Hojii Ijaarsa Hadiidaa Baaburaa
3.5. Tajaajila quunamtii bilbilaa (Telecommunication)
3.6. Tajaajila Ibsaa (Humna ibsaa)
3.7. Tajaajila bishaan dhugaatii fi hojii jallisii
3.8. Tajaajila geejjiba lafa irraa
3.9. Tajaajila geejjiba baadiyyaa xixinnaa
4. Albuuda
1) Mala aadaatiin albuuda baasuu
2) Hojii misooma albuudaa gaatii mi’aa (Valuable minerals)
5. Daldala
1) Tajaajila mana kuusaa “Store Service”
2) Tajaajila “Packing”
3) Tajaajila bulchiinsaa /hojii gaggeesuu/
4) Tajaajila “Internet cafee” 
6. Aadaa fi Tuurizimii
1) Qophii nyaataa
2) Tajaajila mana bunaa fi nyaataa “Cafe & Restaurant”
3) Tajaajila Tuuristii

10
4) Hojiilee tajaajila miidhaginaa
7. Hojiilee Biroo
1) Tajaajila Mana Qopheessaa

2)    Tajaajila “Project Engineering”

3)    Tajaajila dallaa keessa miidhagsuu, Eegumsaa fi qulqullinaa.

8. Tajaajila Informeeshini Komminikeshinii Teknologi ( ICT )

Misooma “Electronics & soft wares” leenjiin teknikaa fi ogumma dameewwan hojii armaan olitti
tarreeffamaniif kennamu, guddina sadarkaa Intarpiraayizootaa bu’ureffachuun akka
barbaachisummaa isaatti qoratamee kan kennamu ta’a.

5.1.7. Qabiinsa ragaalee tajaajila leenjii

Qaamoleen sadarkaa adda addaatti leenjii kennan hundi ragaalee leenjii armaan gaditti tarreeffaman
qabaachuutu irraa eegama.

Gosoota leenjii kennamanii tokko tokkoonii fi yeroo fudhate, ragaalee leenjifamtoota tokko tokkoon
sadarkaa leenjiitiin, dheerina yeroo leenjiitiin, Teessoo leenjifamtootaatiin akkasumas gosa ogummaatiin
saalaa fi umuriin tokko tokkoon gosa ogummaa fi sadarkaa leenjiif baasii fayyadamee fi ragaalee biroo
kanneenii leenjiidhaan  walqabatan qindeessee qaama dhimmi ilaaluuf yeroo yeroodhaan dhiyeessuu qaba.

Haaluma kanaan bu’aa leenjichi buusee fi faayidaa argamsiise waliin ni madaalama. 

5.2. Dhiyyeessa misooma teekinoolojii barbaachisaa fi bu’a-qabeessa ta’e

Tarsiimoo Misooma Industirii keessatti, IMXn misooma Industirii gahumsaan deeggaruu akka danda’anii
fi dorgomummaa isaanii guddisuuf tajaajila ekisteenshinii dhiyeessa teekinoolojiitiin deeggarame
argachuu qabu.

5.2.1. Filannoo Teekinoolojii


a. Teekinoolojii IMXf barbaachisu filachuuf qajeeltoowwan bu’uuraa ta’an sadii hordofanii
hojjachuun dorgoomaa ta’uuf walitti-hidhamiinsa gabaatii fi misooma dinagdeetiif bu’aalee

11
murteessoo ta’an kan qabanii fi faayidaa akka biyyaatti argamu keessattis iddoo murteessaa akka
qabaatu taasisaa. Kunis:-

1) Hojimaata walitti hidhamiinsa sonaa tartiibaan hordofuudhaan, walitti hidhamiinsa sonaa armaan
dura tajaajila IMXf hojiirra oolanii fi kan gara fuula duraas oomishtummaa daraan   guddisuu danda’an
adda baasuun oomishuu fi akka barbaachiisummaa isaatti fooyyessuu.

2) Omishoota biyya alaatii (teekinoolojiiwwan) galan suuta suutaan biyya keessatti omishuudhaan
fedhii gabaa biyya keessaa guutuu fi
3) Adeemsa oomishaalee gabaa biyya alaatiif fayyadaniif galtee ta’an omishuu hordofuu qabu.
a. Haala qajeeltowwan armaan oliitiin teekinoolojiiwwan filataman guutumaan guutuutti
yookan hanga tokko biyya keessatti omishuu fi bakka buusuun teekinoolojicha karaa
omishtummaa, qulqullina omishaa, qusannaa humnaa fi baasii tartiibaan madaalanii
gahumsa isaa mirkaneeffachuun filachuu.
b. Adeemsa filannoo teekinoolojiiwwan keessatti adda durummaadhaan, Ejansiiwwan BLTO
sadarkaa Naannoo, dhaabbileen BLTO, Ejansiin Misooma IMX Naannoo
abbummaadhaan hojjechuu fi akkasumas Dhaabbilee Qorannoo fi Kenna Deeggarsa
Teekinoolojii dhimmi ilaalu hirmaachisuu.
c. Hojiin filannoo teekinoolojii haala bittinnaa’een hojjatamee, qisaasamni qabeenyaa akka
hin mudannee fi irra deddeebii hambisuuf Komishiini BLTO, Naannoo fi waajjiraaleen
Misooma IMX sadarkaa sadarkaadhaan jiran abbummaadhaan hirmaachuu qabu.
d. Teekinoolojiiwwan IMX fayyaduu danda’an maddoota armaan gadii irraa argamuu
danda’u
1. Dhaabbilee BLTO
2. Dhaabbilee Deeggarsa Teekinoolojii
3. Yuunivarsiitota
4. Wiirtuulee babal’ina teekinoolojii baadiyyaa
5. Fichisiiftota (Importers)
6. Industriiwwan gurguddoo fi jiddu-galeessaa
7. IMX armaan dura turan
8. “Web site, Internet” fi burqaalee/maddoota odeeffannoo biroo irraa walitti qabuu.
5.2.2. Teekinoolojii kuusuu /Cimmisuu/ 

12
Hojiin teeknoolojii kuusuu/ciimmisuu, kallattiiwwan teekinoolojii filachuu fi bu’a-qabeessummaa
teekinoolojichaa irratti bu’ureffatee teekinoolojiin filatame tokko, “Design” fi eddattoon adda baasuun
madaalanii teeknolojichaa ceesiisuuf qopheessuudha.

Hojiin kun teeknolojii tolaan argame tokko “Design” isaatti fayyadamuudhaan karaa saayinsaawaa
(Scientific) ta’e hordofuudhaan teekinoolojicha hiikanii tokko tokkoon ilaaluu fi fakkeessanii hojjachuu of
gochuu qabaata.

Haaluma kanaan Dhaabbileen BLTO, Yunivarsitonnii fi Dhaabbileen Deggarsa teekinoolojii Kennan,


akka sadarkaa haala walxaxiinsa teekinoolojichaatti:-

1. Ibsa tartiiba hojii /ijaarsa/ teekinoolojiicha


2. “Design” ittiin hojjatamuu
3. Maanuwaalii adeemsa omishaa (Production process manual) teekinoolojicha.
4. Eddatoo fi “Design” teekinoolojiicha meeshaalee dheedhii  omishaaf barbaachisaanitti
fayyadamuudhaan omishuu fi
5. Eddatticha sakatta’anii xumuruudhaan ittigaafatamummaa dandeettii dhaabbataa uumuun irraa
egaama.

Hojii Teekinoolojii kussuu/ciimmissuu keessatti qaamolee dhimmi kallattiin ilaalu ijoon:- Dhaabbilee
BLTO, Yuunivarsiitota, Dhaabbilee Qorannoo fi Seektaroota biroo yoo ta’an, akka guddina sadarkaa
Intarpiraayizootaatti Ejansiin Misooma IMX sadarkaa Naannoo, ragaa kennuudhaan, ogeeyyii
hirmaachisuudhaanii fi adeemsa hojichaa abbummaadhaan hordofuudhaan fi dub-deebii kennuudhaf itti-
gaafatamummaa qabu.

5.2.3. Teekinoolojii Ceesisuu


a. Hojii Teeknolojii cee’siisuu keessatti
2. Qaama Teekinoolojicha baay’isuu ittifayyadamuu adda baasuu
3. Qaawwa ogummaa qaamolee teekinoolojii baayyisan adda baasuun gahumsa akka
horatan gochuu.
4. Teekinoolojicha haala ulaagaa qulqullina taa’een omishuu.
5. Teeknolojii omishaame gabaadhaan walitti hidhuun fayyadamaa biraan gahuu.

13
6. Faayidaa teekinoolojicha qorachuun hojiilee itti aananiif dub-deebbii kennuu
raawwachuu.
B. Qamaa teekinoolojii madaalaamee mirkanaa’e dhiyeesseef sirna baasii bakka buusuu, haala
oomishuu baay’iftootaa fi walitti hidhamiinsa fayyadamtootaa, haala qophii qaamolee liqii
kennanii fi sirni hordoffiin qulqullina omishaa teekinoolojii qindoomina ogeeyyii
dameewwan/seektarootaattiin raawwatama.
c. IMXn qulqullina omishaa fi omishtummaa akka guddisaanii fi gabaa keessatti dorgomaa
ta’an, baay’isaa fi ceesisaa teekinoolojii keessatti qooda fudhattoota ijoo ta’uun dandeettii
ijaarratanii rakkoolee hawaasaa dhaabbiidhaan hiikuudhaan, meeshaalee omishaa duubatti
hafoo ta’an teekinoolojii fooyya’aadhaan bakka buusuun gara sadarkaa guddina itti aanuutti
akka ce’an ni taasifaama.
5.2.4. Ulaagaalee Intarpiraayizooni Teekinoolojii Baay’isaan guutuu qaban

Dhaabbileen BLTO, Dhaabbileen Qorannoo fi Dameewwan Intarpiraayizootaaf Edaattoowwan


Teekinoolojiiwwan mirkanaa’an irratti leenjii ittiin omishuu isaan dandeessisuu erga kennamee booda,
akka baay’atanii fi tamsa’an ni ta’a.Intarpiraayizoonni hojii kana hojjatan ulaagaalee armaan gadii
guutuutu irraa eegama.

a. Gosa hojii hojjatu irratti beekumsaa fi gahumsa ogummaa kan qabuu fi teekinoolojiiwwan
dhiyaatan irratti omishuudhaaf leenjii kan fudhate.
b. Humna nama leenji’ee gahaa kan qabu
c. Maashinootaa fi meeshaalee omiishaa gahaa kan qabu.
d. “Work-Shop” omishaa fi mana kuusaa meeshaalee dheedhii gahaa kan qabu
e. Nageenyaa bakka hojii fi ulaagaalee eegumsa naannoo hojiirra jiran kan hojiirra oolchu
f. Eddattoo teekinoolojii baay’ifamuuf mirkaanaa’e haala “Design” fi “Specification” tiin omisha
barbaadamee qulqullinaan omiishee gatii wal-madaaluun kan gabaaf dhiyeessuu danda’u.
g. Akka barbaachisaa ta’etti teekinoolojii omishee ittifayyadamtootaaf bakka hojii isaaniitti
dhaabuuf itti-gaafatamumaa kan fudhatu.
h. Rakkoolee meeshaalee teekinoolojichaa irra gahaan akka gosaa fi amala teekinoolojiichaatti wabii
suphaa meeshaa kan yeroodhaan daanggeffame kennu.
5.2.5. Baayyisuu fi Dhiiyeessa Teekinoolojii irratti Hirmmaannaa Abbootii Qabeenyaa

14
a. Teekinoolojii Dhaabbilee BLTO fi Dhaabbilee Deeggarsa Teekinoolojiitiin mirkanaa’ee, leenjii
baay’isuu isaan dandeessisu ergaa fudhatanii booda, teekinoolojiicha baayyisan IMXf dabarsuu
irratti
b. Teekinoolojiiwwan omishan irratti fayyadamtootaaf leenjii kennuu irratti
c. Haala adda addaatti teekinoolojiiwwan biyya alaa irraa argatan IMXn omishamanii hojiirra akka
ooluu danda’an haala mijeessuu irratti.
d. Teekinoolojiiwwan Intarpiraayizoota gurguddoo fi jiddu galeessaan akka baayyataniif filataman
IMXn akka “Sub-contractor” tti waliigalanii akka omishan gochuu irratti.
5.2.6. Teekinoolojiiwwan Baayy’atan irratti leenjii kennuu fi bebbeeksisuu
a. Teekinoolojiiwwan omishaman, Intarpiraayizoota baayyisan fi tamsaasaniif akkasumas
fayyadamtootaaf leenjii kennuu
b. Dhaabbileen teekinoolojiiwwan omishanii fi bu’aalee kalaqii baayyisan fi tamsaasan
akkasumas fayyadamtoota, daaw'ii Daldalaattin, Baazaariidhaan Birooshariidhaan, Bakka
Aagarsiisaa fi Miidiyaadhaan bebbeeksisuu.
5.2.7. Intarpiraayizoonni teekinoolojii baay’isaan, meeshaalee itti fayyadaman haala ittiin
argachuu danda’an (filannoowwan)
a) Qaamoleen meeshaalee dhiiyyeessan yookan Dhaabbilee omiishaan irraa “Cash” dhaan
biituudhaan
b) Dhaabbileen meeshaalee dhiyyeessan, omiisha yookan bittaa liizii meeshaaleetiin yookan
bittaa kiraa.
c) Mootummoota misooma deggaran biiyya alaa irraa deeggarsaan
d) Dhaabbilee BLTO fi Kubbaaniyyoota adda addaa irraa tajaajila bittaa meeshaaleetiin
argachuu ni danda’u.
5.2.8. Sirna Kenniinsa Tajaajila Waliinii
a. Meeshaaleen leenjii fi Omishaa Dhaabbilee BLTO keessatti argaman, Leenjiin yeroo
meeshaaleedhaan hin kennamne ilaalamee IMXf gatii madaalawaadhaan kireeffamee akka
itti fayyadaman gochuu.
b. IMXn meeshaalee Omishan qulqullinaan omishuu isaanii mirkaneeffachuuf tajaajila
mirkaneessa gahumsa omisha Dhaabbilee BLTO fi Teekinoolojii irraa gatii madaalawaadhaan
akka argatan gochuu.
c. Tajaajila “Laboratory” IMXf barbaachisuu Dhaabbilee BLTO irraa akka argatan gochuu

15
5.3. Ragaalee Lenjii Humna Namaa fi Misooma Teekinoolojii

IMXn rakkoolee gosa adda addaa dorgomummaa fi gahumsaa akka qaban ni beekama. Rakkoolee
kanneen haala Tarsiimoo Misoomaa IMX keessatti taa’een sirreessuuf haalli ragaalee misooma humna
namaa fi teekinoolojii ittiin argatan mijaa’ufii qaba. Intarpiraayizoonni dhaabbii adda addaa kan biyya
keessaa, biyyoota ollaa, fi adunyaatiin qunnamtii gochuu akka danda’an Dhabbiilee BLTO sadarkaa
sadarkaadhaan jiran waliin qunnamtii gochuun, tajaajilaa, teekinoolojii ammayyaa, meeshaalee dheedhii,
meeshaalee leenjii fi gorsa haala guutuu ta’een argachuu qabu.

a) Hojii Ragaalee madda adda addaa irraa funaanuu, gurmeessuu fi qindeessuu.


1. Ejansiin/Dhaabbileen BLTO, dameewwan hojii adda addaa irraa ragaalee adda addaa kan
misooma irratti xiyyeefaatanii fi misooma IMX saaffisiisaan kanneen akka:- ragaalee leenjii,
misooma teekinoolojii fi kkf, Dhaabbiilee Deggarsa Teekinoolojii, Yunivarsiitoota, Warshaalee,
Wiirtulee Babaal’ina Teeknolojii baaddiyyaa, fichisiiftota meeshaalee biyya alaa (Importers),
“Wab Site” fi “Internet”irraa, raawwachiiftota sadarkaa Naannoo fi Dhaabbileetti ni funaanamu.
2. Ragaalee maddoota ragaa adda addaa irraa funaanaman kana haala IMXf tajaajiluu danda’aniin
adda baasuu, gurmeesuu fi qiindeessuun daameelee hojii IMXf dhiyeessuu qabu.
b) Ragaalee Tamsaassuu
Ragaaleen qindaa’an bakka IMXn haala salphaadhaan argachuu danda’an, Ejansii BLTO fi IMX sadarkaa
sadarkaadhaan jiran yookan Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokko keessatti fayyadamtootaaf akka dhiyaatu ni
ta’a. Ragaaleen kunis, Kaataaloogiidhaan, Barruuleedhaan, “broshure”, “CD” fi “Web site” dhaan
qophaawanii dhiyaachuu ni danda’u.

Rawwachiiftoonni sadarkaa sadarkaadhaan jiran ragaalee tajaajila Ekisteenshiinii Industirii kan yeroo
murtaa'ee keessatti bakka itti barbaadaman gahuu qaban, akka barbaachisummaa isaaniitti Raadiyoo fi
Televizyiniidhaan qilleensarra ooluu isaanii hordofanii mirkaneeffachuu qabu.

5.4. Tajaajila Gorsa Daldalaa yookan “Kaizen”

Tajaajilli Gorsa Misooma Daldalaa fi “Kaizen” rakkoolee IMX hojii isaaniitti bu’aa qabeessummaa
dhorkan /dhowwan/ kanneen akka hanqina ogummaa bulchiinsa daldalaa, hojimaataa fi teeknikaa
furuudhaaf tajaajila kennamudha.

16
IMXn damee hojii misoomaa xiyyeeffannaan addaa itti kenname irratti bobba’an akka sadarkaa guddina
isaaniitti hojii daldala (business) isaanii guddisuuf, omishaa isaanii gabaa keessatti dorgomaa taasiisuuf
tajaajilli gorsa daldalaa fi “Kaizen”n gahumsa isaanii fooyyeessu shoora ol’aanaa qaba. Tajaajila kanaaf
akka gargaaru sadarkaa Federaalaatti “Kaizen Institute” ni dhaabbata.

a) Hojiilee gurguddoo “Kaizen Institute” keessatti hojjataman


1. Waa’ee barbaachisummaa tajaajila gorsaa daldalaa fi “Kaizen” irratti hojii hubannoo uumuu
hojjachuu.
2. Rakkoolee keessaa fi alaa IMX qunnamuu danda’an adda baasuudhaanii fi rakkoolee kanneeniif
fala qabatamaa ta’e kennuudhaan haala IMX dorgomaa taasisuun gurmaa’anii fi qindaa’anii
hojjachuu akka danda’an tajaajilli gorsaa akka kennamuuf gochuu.
b) Ulaagalee fayyadamtoonni tajaajila gorsaa guutuu qaban.
1. Fayyadamoo tajaajila gorsaa ta’uudhaaf kaka’umsa ofiiisaaniitiin gaaffii dhiiyyeeffachuu qabu.
2. Ragaalee amanamoo tajaajila gorsaatiif barbaachisaa ta’an kennuuf qophaa’oo ta’uu qabu.
3. Gahee hojii gama gorsaatiin kennamuuf hojiirra ooolchuuf qophaa’aa fi eyyamaa ta’uu qabu.
4. Faayidaa tajaajila gorsaa kan hubatan ta’uu qabu.
5. Gosa hojii irratti bobba’an yookan itti bobba’uuf saganteeffatan muuxannoodhaan yookan
barumsaan, leenjiidhaan, beekumsaa fi ogummaa, kan gonfatan ta’uu qabu.
c.    Sadarkaalee Raawwii Tajaajila Gorsaa
1. IMX fi qaamolee dhimmi ilaalu kanneen biroof tooftaalee adda addaatti fayyadamuudhaan,
waa’ee faayidaa tajaajila gorsaa hubannoo uumuudhaan kakaasuudhaan /sensitization and
stimulation/
2. Fayyadamtoota tajaajila gorsa Misooma Daldalaa fi “Kaizen” filachuu.
3. Ragaalee IMX tajaajila gorsa Misooma Daldalaa fi “Kaizen”f filatamanii funaanuun haalaI
qaabataama isaanii qaaccesuu /Situational Analysis/
4. Ragaalee haala qabatama xiinxala dhaabbatichaa irraa ka’uudhaan, filannoowwan fala rakkolee
dhaabbatichaaf ta’uu danda’an tartiibaan kaa’uu fi faloota kaa’aman irratti mari’achuun fala
fooyya’aa ta’e filachuu.
5. Sagantaa raawwii fala filatame hojiirra oolchuu nama dandeessisu (Action Plan) qopheessuu.
6. Intarpiraayiziin fayyadamaa tajaajila gorsa misooma daldalaa fi “Kaizen” fi Dhaabbanni
Tajaajila kennu waliigaltee barreeffamaa qopheessanii walii mallateessuu qabu.

17
7. Haala sagantaa raawwii baayyeetiin sochii qabatamaa keessa galuudhaaf, galmeen hordoffii
sagantaa raawwii hojii yookan galmeen dhaabbii hordoffii qophaa'uu qaba.
8. Haala sagantaa raawwiitiin tajaajilli /deeggarsi/ barbaachisu argamuu isaa mirkaneefachuu.
9. Intarpiraayizichi /dhaabbatichi/ tajaajila gorsaa fi “Kaizen” waan argateef jijjirama fidee
/mul’ate/ madaaluu fi dub-deebii barbaachisaa ta’e kennuu
10. Dameewwan hojii guddina irratti xiyyeeffatanii fi kan tajaajilli gorsa fi “Kaizen” dursan
kennamuuf qorannoo walitti hidhamiinsa sonaa (Value chain analysis) gaggeessuu irratti
xiyyeeffachuu qabu.
d. Leenjiin hojjattoota ekisteenshinii Industiriif kennamu:
1. Tarsiimoo Misooma Industirii fi Imaammata Misooma Magaalaa irratti
2. Tarsiimoo Misooma IMX irratti
3. Sirna tajaajiila wiirtuu iddoo tokkootti IMX f kennamuu irratti
4. Qajeelfama raawwii kenna tajaajilaa fi deeggarsa Misooma IMX irratti.
5. Kenna tajaajila misooma daldalaa (business development service) yookan Tajaajila “Kaizen”
irratti.
6. Dameewwan Tajaajilli Gorsa Misooma Daldalaa uwwisu ijoo ta’an kan akka (gabaa, liqii fi
qusannoo, qabiinsa galmee herregaa, qophii karooraa daldalaa, qabiinsa ragaa waldaalee
gurmeessuu, hoogganuu fi “Enterpreneurship” irratti
7. Misooma walitti hidhamiinsa sonaa (Value chain development) fi Misooma “cluster” irratti
8. Misooma hawaasaa (Community development) fi Hawaasa Tajaajiluu irratti
9. “Kaizen” yookan hojii teeknikaan walqabatee, akka haala qabatamaa naannootti, paakeejii
Ekisteenshiinii Industirii , qulqullina eeguu , qabiinsa fi ittifayyadama meeshaalee dheedhii ,
itti fayyadama Teekinolojii armaan dura turee fi haaraa , fi itti fayyadama meeshaalee dhaabbii
irratti.
10. Akka haala qabatama yerootti ogummaa fi sadarkaa ogummaa hojii hojjatamuun walqabatuu fi
barbaachisaa ta’e irratti leenjiin ni kennama.

E.   Gahee Hojii, Hojjataa Eekisteenshiinii Industirii Gurguddoo

1. Rakkoolee IMX mudachuu danda’an kanneen akka hanqinaa hubannoo   “Enterpreneurship”,


Faayinaansii, Gabaa fi kkf filachuudhaan tajaajila gorsaa waan hunda of keessatti qabate kennuu
fi deeggarsa gochuu

18
2. Tarsiimoo Misooma IMX irratti tajaajila gorsaa fi hubannoo kennuu akkasumas tajaajilamtootaaf
hojii hubannoo uumuu fi kakaasuu hojjachuu.
3. Ragaalee tajaajila Gorsa Misooma Daldalaa fi “Kaizen”, Galmee dhimma kanaaf qophaa’ee
irratti sadarkaa Intarpiraayiizii tokko tokkoo kan tajaajila gorsa fudhatuu yookan nama dhuunfaa
qorannoo haala qabatamaan biratti gaggeeffamu (Situalional analysis) itti galmaa’u, unkaalee
qopheessuun haala barbaachisuun gurmeessuu.
4. Qaama tajaajila gorsa fudhatu waliin ta'uun sagantaa raawwii hojii qopheesuu.
5. Bu’uura sagantaa raawwii hojiitiin Intarpiraayizichi deeggarsa barbaachisu argachuu isaa
mirkaneeffachuu fi gabaasa tajaajila gorsa kennamee qopheessuu, ragaa tajaajila gorsa fi
“Kaizen” fayyadamtootaf kenname tokko tokkoon galmee kanaaf qophaa’ee (Report on BDS
delivery) irratti galmeessuu.
6. Intarpiraayizoonni tajaajila gorsaa argachuudhaan, jijjiiramni fidan yeroo yeroodhaan
madaalamee rakkooleen mul’atan battalumatti akka fala argatan gochuu.
7. Hojjatan Ekisteenshiini Industirii hojiilee armaan oliitti tarreeffaman yoo raawwachuu baate
guutumaan guutuutti itti gaafatama.

F.  Gahee Hojii Haala-Mijeessa Eekisteenshiinii Industirii wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo

1. Ragaalee IMX jiran tokko tokkoon jechuun ragaalee:- leenjii, tajaajila gorsaa,
“Enterpreneurship”, teekinoolojii, Meeshaalee dheedhii, meeshaalee dhaabbii, fi kkf ilaalanii
madaaluun rakkoolee bu’uuraa IMXn qabu adda baasuu.
2. Rakkoolee adda bahan irratti qaamoleen dhimmi ilaalu deeggarsa akka kennuu danda’an
ragaalee qindeessanii dabarsuu.
3. Rakkoolee gosa adda addaa qaama raawwachiiftuu damichaa /seektaraa/ tiin fala argachuu
isaanii hordofuu fi wiirtuu tajaajila iddoo tokkootiif gabaasuu,
4. Dhaabbilee adda addaa kan mootummaa, miti mootummaa fi dhuunfaa qooda fudhattootaa fi
deeggartoota waliin haala waliigalteen hojii barreeffamaan qophaa'ee hojiirra oolu ni mijeessa.
5. IMX sababa adda addaatiin rakkoon yoo mudate, qaamolee dursanii walii galtee uumanii fi
kanneen biroo dhimmi ilaalu waliin hojii wal-qunnamsiisu hojjachuu,
6. Haala mijeessan ekisteenshinii industirii wiirtuu kenninsa tajaajila iddoo tokkoo hojiilee armaan
olitti tarreeffaman yoo raawwachuu baate guutumaan guutuutti ittigaafatama.

19
G.   Mala Tajaajilli Ekisteenshiinii Industirii Ittin kennamu

1. Sadarkaa nama dhuunfaa yookan dhaabbataatti bakka hojiitti argamuudhaan tajaajila gorsa
Misooma Daldalaa kennuu
2. Intarpiraayizoota hojii walfakkaatu hojjatan gareedhaan waliitti gurmeessuunii fi bakka hojii
isaaniitti qaamaan argamuun yookan sadarkaa wiirtuu “cluster”tti sagantaa baheen tajaajila
gorsa misooma daldalaa kennuu.
3. Bakka hojii IMXtti argamuun yookan daaw'ii dirree gochuun tajaajila gorsa misooma daldalaa
kennuu

H.  Haala filannoo Fayyadamtoota tajaajila Ekisteenshiinii Industirii

1. IMXn fedhii ofiitiin iyyata kallattiin dhiyeeffatan irraa ka’uudhaan,


2. Hojjatoonni tajaajilaa Ekisteenshiinii Industirii bakka hojii IMXtti qaamaan argamuun
qorannoo fedhii leenjii gaggeessanii gabaasa dhiyeessan irra ka’uudhaan.
3. Waldaaleen dameewwan, manni maree dameewwan daldaltootaa, waldaaleen ogummaa fi
qaamoleen biroo walitti dhiyeenya qaban tajaajilli industirii ekisteenshinii miseensota
isaaniitiif akka kennamu gaaffii dhiyeessan irraa

I.     Haala uwwisaa Baasii  Tajaajila Eekisteenshinii Industirii

1. Deeggarsi Gama Dhaabbilee gargaarsaa tiin IMXf kennamu hundi, IMX maxxantuu akka hin
taasiifne, fi kan qajeelfama gabaa bilisaatiin hordofaman ta’uu qabu.
2. Faayidaa Tajaajila Ekisteenshinii Industirii irraa IMXn argatan akka hubachuu danda’an
taasisuun sirna baasii hiruu IMXn fedhiidhaan hojiirra akka oolchan gochuu.
3. Galiin baasii hirachuu irraa argamu galtee tajaajila Ekisteenshinii Industirii guutuu fi
baasiiwwan bulchiinsa adda addaa uwwisuuf ni oola.
4. Kanaafuu, IMXn sadarkaa guddina adda addarra jiran, akka sadarkaa guddina isaaniitti baasii
tajaajilaa Ekisteenshinii Industirii haala armaan gadiitiin akka hirmaatan ni ta’a.

IMXn Haala Guddina Sadarkaa Isaaniitti akka Baasii ittiin Hirmaatan

Lakk Sadarkaa Guddina IMXn irra jiranii Baasii tajaajila Ekisteenshinii

20
Industiriitiif hiratan %n

1 IMX sadarkaa jalqabaa irra jiran Tajaajila bilisaa

2 IMX sadarkaa Guddinaa irra jiran 5%

3 IMX sadarkaa gahumsaa irra jiran 15%

J. Sagantaa fi yeroo kenniinsa Tajaajila Gorsa Misooma Daldalaa

1. Tajaajilli gorsaa misooma Daldalaa waggaatti marsaa lamaan kan kennamu yoo ta’u, dheerinni
yeroo turtii marsaa tokkoo hanga ji’a jahaa ta’ee, hojjataan Ekisteenshinii Industirii  tokkoo
marsaa tokkoon Intarpiraayizoota 10 hanga 15 tiif tajaajila kenna.
2. Hojjataan tajaajila ekisteenshinii industirii kennuu fi Intarpiraayiziin tajaajila argatu waliin
ta’uun sagantaa hojii torbanii, kan guyyaa guyyaadhaan adda bahee hirame (weekly work
schedule) ni qabatu.
3. Tajaajilli Misooma Daldalaa IMXf kennamu kan walitti fufinsaa fi tartiibaan taa’e, akkasumas
haala sagantaa hojii bahee tiin kan raawwatamuu qabu.
4. Tajaajilli Misooma Daldalaa karooraa waggaa, ji’aa jahaa, kurmaana waggaa fi kan ji’aa ni
qaba.

4.5. Haala kenniinsa deeggarsa gabaa

a. Intarpiraayizoonni maloota walitti hidhamiinsa gabaa adda addaa akka beekan leenjii
hubannoo kennuu fi tajaajila gorsaa akka argatan gochuu.
b. Intarpiraayizooni maloota walitti hidhamiinsa gabaa adda addaa kanneen akka  “Sub-
contracting” “Out-Sourceing”, “Frainchaising” fi “Out grower” akka beekanii fi itti
fayyadamuu danda’an deeggarsa gochuu.
c. Intarpiraayizoonni yeroo caalbaasiif dorgoman, qophii dookumentii caalbaasii irrati deeggarsa
gochuu fi raawwii caalbaasi irratti hordoffii gochuu.
d. Intarpiraayizoonni waliitti hidhamiinsa gabaa bakka adda addaatti argatanitti gahuumsaan
dorgomanii itti fufiinsan mo’achuu akka danda’an deeggarsa ogummaa kennuu.

21
e. Intarpiraayizoonni Industiriiwwan gurguddoo fi jiddugaleessa naannoo isaanii waliin galtee
omishaa dhiyeessuu fi “Semi-processed product” tiin waliitti hidhamiinsa akka uuman
deeggarsa kennuu.

4.6. Muuxannoowwan Gaggaarii Qindeessuu fi Babal’isuu

Tajaajila Ekisteenshinii Industiriitiin Intarpiraayizoonni bu’aa ol’aanaa galmeessan, Karooraa fi


Muuxannoo haala raawwii hojii isaanii bu’aa ol’aanaa galmeessuu isaan dandeessisee akka
muuxannoo gaariitti galmeessuu, gurmeessuu fi qindeessuudhaan, Intarpiraayizoonni biroo akka
Leenjiitti, Muuxannoo wal-jijjiiruu tti fi akka Tajaajila Gorsa Misooma Daldalaa fi “Kaizen” tti
akka fudhatanii fi muuxannoowwan kun tooftaalee adda addaatiin Intarpiraayizoota biroo irratti
akka hojiirraa oolanii fi bu’aa galmeessisuu danda’an dhiyeenyaan hordoffii fi deeggarsi ni
taasifama.

a) Ulaagalee Muuxannoowwan Gaariin Ittin Qinda'aan


1. Intarpiraayiziin moodeela ta’ee tokko rakkoolee qabuu carraaqqii mataa isaatiin fi
deeggarsa qaama biraa irraa argaateen akkamitti adda baafachuu akka danda’e
2. Rakkoole adda bahan filachuu dhaaf , deeggarsa meeshaalee omishaa, tajaajila gorsa
Misooma Daldalaa fi “Kaizen”, leenjii Misooma Teekinoolojiitti karaa bu’aa qabeessa
ta’een akkamitti akka fayyadamee
3. Haala akkamiitiin yaada misoomaawaa akka guddifate
4. Haala itti fayyadama ogummaa hojii
5. Gabaa keessatti haala qulqullina omishaa fi gatiidhaan dorgomaa ta’uu danda’een
6. Sadarkaa fi qulqullina oomisha gabaadhaan barbaadamuu haala akkamiitiin eeguu akka
danda’ee
7. Haala akkamiitiin gurmaa’inaa fi hooggansa dhaabbata bu’a-qabeessa ta’ee gurmeesse
akka hojiirra oolche
8. Oomishtummaa isaa haala akkamiitiin akka guddise
9. Gargaarsa fi tajaajila mootummaadhaan kennameef (Liqii, bakka omishaa fi gurgurtaa) fi
tajaajiloota adda addaa haala barbaachisuun akkamitti fayyadamuu akka danda’e.
10. Qooda gabaa keessatti qabu akkamitti guddisuu fi babal’isuu danda’e
11. Bara baraan haala fuftee qabuun akkamitti bu’aa qaabeessa ta’uu akka danda’e

22
12. Qabeenya /kaappitaala/ isaa haala akkamiitiin guddifachaa akka dhufee
13. Intarpiraayizoota yookan namoota dhuunfaa biroof akkamitti carraa hojii uumuu akka
danda’e
14. Sadarkaa Intarpiraayizichaattii fi hojjattootaatti aadaa qusannaa akkamitti guddisuu akka
danda’e kan of keessatti qabate ta’a.
b) Dookimentii muuxannoowwan gaarii itti qindaa’an qopheessuu
1. Ragaalee funaanaman xiinxaluu
2. Muuxannoowwan gaarii babal’achuu qaban adda baasuu
3. Muuxannoowwan gaarii haala ceesisuuf mijaawutti dookimentii qopheessuu
c) Mala Muuxannoowwan Gaariin ittiin Babal’atan
1. Hojjatoonni fi haala mijeessitoonni tajaajila Ekisteenshinii Industirii sadarkaa,
sadarkaadhaan jiran waliin ta’uun, Intarpiraayizoota omishtummaa fi
qulqullinni oomisha isaanii fooyya’aa ta’e akka  sadarkaa guddina isaaniitti
Intarpiraayizoota biroof muuxannoo garii qaban akka wal-jijjiruu danda’an
waltajii  waljijjiirraa muuxannoo qopheessuu.
2. Muuxannoowwan gaarii biyyaa keessaa fi biyya ala irra argaman qindeessuu
nii fi akka haala qabatama naannoo Intarpiraayizootaatti mijeessuun, karaa
tajaajila Ekisteenshinii Industiriitiin Intarpiraayizootaaf dabarsuu.

5. Cicatawwan Tajaajila Ekisteenshinii Industiriitiif


barbaachisaan
5.1. Humna Namaa
Hojiin tajaajila Ekisteenshinii Industirii:- ragaalee qindeessuu, Humna nama misoomsuu, filannoo fi
dhiyeessii teekinoolojii, tajaajila gorsa misooma daldalaa, misooma gabaa, “Enterpreneurship” fi
Galteewwan hojii bulchiinsa daldalaa kan qabu yoo ta’u caasaan sadarkaa sadarkaadhaan jiru, hojii isaa
haala barbaadamuun raawwachuu akka danda’u akka guddina sadarkaa Intarpiraayizootaatti, ulaagalee
filannoo armaan gaddiitti fayyaadamuun hojjatoota tajaajila Ekisteenshinii Industirii ni filata.

1. Gosti, sadarkaan barnootaa fi muuxannoon hojii qaban hojii Ekisteenshinii Industirii waliin
walitti dhiyeenya kan qabu. Intarpiraayizoota sadarkaa jalqabaa fi sadarkaa guddinaa irra jiraniif
DhBLTO irraa gulantaa  leenjii 4ffaan kan leenjii xumuree fi madaallii gahumsa ogummaa

23
fudhatee kan milkaa’e akkasumas hojii hojjatamuun ogummaa wal fakkaatuu fi muuxannoo hojii
kallattii kan qabu
2. Intarpiraayizoota gahanii fi sadarkaa guddina jiddugaleessaa irratti argamaniif ogummaa
barbaadamuun kan digirii jalqabaa qabanii fi sadarkaa ol’aanaa tti leenjii kenna tajaajila
Ekisteenshinii Industirii kan fudhatanii akkasumas ogummaa leenji’aniin muuxannoo hojii
kallattii kan qaban.
3. Tarsiimoo: BLTO, Misooma IMX fi sirna raawwii kenna tajaajila irratti leenjii kan argatanii fi
hubannoo gahaa kan qaban,
4. Ogummaa Tajaajila Misooma Daldalaa fi “Kaizen” irratti leenjii kan argatan
5. Dameewwann ogummaa tajaajila misooma daldalaa kan of keessatti hammatu (sirna gabaa,
faayinaansii, “Enterpreneurship”, Ragaa funaanuu, gurmeessuu, qindeessuu fi xiinxaluu,
karooraa Daldalaa qopheessuufi Misooma teekinoolojiitiin) leenjii kan argatan,
6. Damee hojichaa irratti jijjiirama guddinaa fiduuf carraaqqii taasifamu deeggaruuf kaka’umsa
cimaa fi naamusa hojii kan qaban
7. Hojichatti bobba’uuf kan isaan dandeessisu waraqaa ragaa ogummaa leenjii’aniitiin kan qaban
ta’ee, armaan dura DhBLTO keessatti muuxannoo leenjisuu kan qabanii fi Ejansii Misooma
IMX keessatti hojjataa tajajila Ekisteenshinii Industirii ta’anii kan hojjatan filannoo keessatti ni
hammatamu.

5.2. Galteewwan Meeshaalee


Tajaajiloota sadarkaa sadarkaadhaan kennaman haala guutuu ta’een dhiyeessuuf, meeshaaleen kenna
tajaajilichaaf barbaachisaan guutamuu qabu. Kanaafuu:-

a.Tajaajila Gorsa Misooma Daldalaa (BDS), tajaajila gorsa hoggansa hojmaataa fi teeknikaa (Kaizen)
kan omishtummaa fi qulqullina omishaa ittifufinsaan fooyyessuuf gargaaranii fi ragaalee qabuu fi
tamsaasuuf tajaajilan galteealeen meeshaalee hojii guutamuu qabu.
b. Ijaarsa dandeettii humna namaatii fi dhiyeessa teekinoolojiitiif kan barbaachisaan, “Work Shop”n
akka damee ogummaatti meeshaalee leenjii fi omishaatiin, maashinootaa fi meeshaaleen biroo tajaajila
omiishaaf barbaachisaan akka guutaman ni ta’a.

5.3. Dhiyyeessa Faayinaansii

24
Tajaajila Ekisteenshinii Industirii gahumsaa fi qulqullinaan kennuun akka danda’amu, raawwatoonni
sadarkaa sadarkaadhaan jiran, karoora baajata haala barbaachisuun qopheessanii qabaachuun, sadarkaa
sadarkaadhaan galtee tajaajila Ekisteenshinii Industiriif barbaachisu guutuutu irra eegama. 

Kutaa Sadi

6. Gurmaa'insa fi Hojimaata Qindoomina


6.1. Gurmaa'ina Dhaabbatummaa

Sadarkaa Federaalaa fi Naannoleetti Ejansii /Biiroo /Komiishinii/ BLTO jalatti adeemsi Hojii Ijoon
Tajaajila Ekisteenshinii Industirii ni gurmaa’a. Sadarkaa sadarkaadhaan Dhaabbilee BLTO tokko tokkoo
keessatti ittiaanaa Diinii yookan Ittiaanaa Daareektaraan  kan hogganamu adeemsii hojii ijoon tajaajila
Ekisteenshinii Industirii kan gurmaa’u yoo ta’u adeemsi kun yeroon hojii isaa guutumaan guutuutti
Tajaajilaa Ekisteenshinii Industirii kennuu ta’a.

6.2. Gahee Hojii fi Ittigaafatamummaa Qooda fudhattootaa


6.2.1. Gahee Hojii fi Itti gaafaatamummaa Ejansii IMX Sadarkaa Naannoo
a) Dandeettii raawwachiiftoota Tajaajila Misooma Daldalaa leenjii dhaan ni ijaara.
b) Qajeelfamoota tajaajila misooma daldalaa tiin walitti dhufeenya qaban kanneen akka: baasii
qooddachuu uwwisuu ilaalan ni qopheessa; qaama dhimmi ilaalutti dhiyeessee ni
raggaasisaa, hojiirra oolmaa isaas ni hordofa.
c) Naannoo keessatti dhaabbileen dhiyeessa teekinoolojii irratti hojjatan akka babal’atan qaama
dhimmi ilaalu waliin qindaa’ee ni hojjata.
d) Teekinoolojiiwwan bu’aa qabeessa ta’anii fi meeshaaleen omishaa IMXn barbaadaman mala
ittiin argaman ni kaa’a, haala salphaa ittin argamuu danda’an qaama dhimmi ilaalu waliin
qindoominaan ni hojjeta.
e) Kaalaqiiwwan Teekinoolojii IMXn argaman akka jajjabaatan ni taasiisaa.
f) Hojii Misooma Teeknoolojii meeshaa fi mallaqaan gargaaran dhaabbilee biyya keessaa fi
biyya alaa ni barbaada, akka deeggarsa kennanis haala ni mijeessa.
g) Naannoo keessatti kan argaman dhaabbileen qorannoo fi barnoota ol’aanaa sagantaalee hojii
qorannoo isaanii keessatti qorannoo misooma teeknoolojii akka galchan ni jajjabeessan

25
h) Teeknoolojiiwwan bu’aa qabeessa ta’anii IMXn barbaadaman ragaalee, “Designs” fi
eddattoowwan isaanii ni funaana, DhBLTO fi akka barbaachiisummaa isaaniitti omishtoota
birootiin akka omishaman ni taasiisaa.
i) Teeknoolojiiwwan oomishaman “exhibition” dhaan akka bebbeeksifaman haala ni mijeessa.
Hala beekkamtii seeraa ittiin argatan ni mijeessa.
j) DhBLTO tokkoo tokkoon naannoo teessoo isaaniitti IMX argaman hordofanii fi leenjisaanii
geessisaan Ejansii Misooma IMX naannootiin ni ramadamuu.

6.2.2. Gahee Hojii fi Ittigaafatamummaa Waajjiraalee Misooma IMX Sadarkaa


Sadarkaadhaan jiranii
A. Waajjira Misooma IMX Sadarkaa Godinaa
1. Waa’ee Tajaajila Ekisteenshinii Industirii Raawwachiiftootaa fi hojjattoota IMXf hubannoo
kennuu fi bal’inaan hojii beeksisuu fi qunnamtii uummataa hojjachuu.
2. Dandeettii hojjattoota damichaa ijaaruu fi DhBLTOn godiina keessatti argaman qindaa’anii
IMXf tajaajila Ekisteenshinii Industirii akka kennan haala mijeessuu.
3. Ragaalee Tajaajila Ekisteenshinii Industirii funaanuu, gurmeessuu, qindeessuu, gabaasa
qopheessuu fi qaama dhimmi ilaaluuf dabarsuu.
4. Kenna Tajaajiila gorsa daldalaa hordofuu fi bu’aalee argaman madaaluu.
5. Gabaasa tajaajila Gorsa Daldalaa Intarpiraayizoota Godina keessa jiraniif kenname (Report on
BDS delivery) qindeessuu fi qaama dhimmi ilaaluuf dabarsuu.
B. Waajjira Misooma IMX sadarkaa Magaalaa
1. DhBLTO waliin qindaa’uun hawaasa fayyadamaa ta’eef haalaa fi mala tajaajilli gorsaa ittiin
kennamu mijeessuu.
2. DhBLTO waliin qindaa’uun tajaajilli Ekisteenshinii Industirii bu’aa qabeessa akka ta’u irratti
hojjachuu.
3. Gabaasotaa fi ragaalee qindeessuudhaan qaama ol'aanaaf   dabarsuu.
4. Hojjattoota hojii isaaniitiin gahumsa qabanii fi bu’aa galmeessisaan jajjabeessuu.
C. Wiirtuu Kenniinsa Tajaajila Iddoo Tokkoo
1. Barbaachisummaa Tajaajila Gorsa misooma Daldalaa irratti hojii hubannoo uumuu fi
faayidaa isaa karaa barbaachisaa ta’ee hundaan hojii beeksisuu hojjachuu.
2. Fayyadamtoota Tajaajilichaa haala ulaagaa filannoo baheetiin filachuu.

26
3. Galteewwan Tajaajila Ekisteenshinii Industiriif ta’an, ragaalee sadarkaa guutuu ta’een
qindeessee fayyadamtootaaf ni raabssaa.
4. Tajaajilli Ekisteenshinii Industirii IMXf akkamitti, eessattii fi eenyuun akka kennamuu qabu
irratti hojii hubannoo uumuu bal’inaan ni hojjata.
5. Rakkoolee IMXn qaban haala qorannoo Tajaajila Misooma Daldalaatiin qoratee erga adda
baaseen booda kanneen tajaajila ekisteenshinii Industiriitiin fala argachuu qaban, DhBLTOf
dabarsa, kanneen biroo waa’ee (liiqii, bakka omishaa, gabaa fi kanneen kana fakkaatan
wiirtuu tajaajila iddoo tokkootti akka dhiyaatu ni taasiisaa.
6. Tajaajila Ekisteenshinii Industirii yeroo yeroodhaan DhBLTOtiin IMXf kennamu ni hordofa,
ni deeggara, gabaasa qaama dhimmi ilaalu irraa ni fudhata.
7. Kenna Tajaajila Ekisteenshinii Industirii irratti DhBLTO qunnamuun hojjatoota Tajaajila
Ekisteenshinii Industirii akka Ramadan haala ni mijeessa.

6.2.3. Gahee Hojii fi Itti gaafatamummaa Komiishinii BLTO Sadarkaa Naannoo


a) DhBLTO isaa jala jiran, Teeknoolojoota, “Designs” fi eddattoo teeknoolojii barbaachisaa fi
bu'a qabeessa ta'e akka omishan ni gargaara, haala ni mijeessaa, hordoffii fi deeggarsa ni
taasisaaf
b) Itti gaafatamtoonni fi hojjatoonni barumsa, leenjii fi wal-jijjiirraa muuxannoo biyya keessaa
fi alaa akka argatan haala mijeessuun ni hordofa.
c) Leenjifamtoonni DhBLTO keessatti leenjii erga xumuranii booda madaallii gahumsa
ogummaa akka fudhatan haala ni mijeessa
d) Sadarkaa naannootti hojiileen hojjataman kanneen akka misooma humna namaa, dhiyeessa
teeknoolojii, Tajaajila Ekisteenshinii Industirii baajata fi humna namaa barbaachisu akka
barbaachisummaa isaaniitti guuttatan ni ramada.
e) Adeemsa Hojii Ijoo Tajaajila Ekisteenshinii Industirii ni gurmeessaa, humna namas ni
ramachiisaa.
f) Hojiilee misooma humna nama, dhiyeessa teeknolojii fi Tajaajila Ekisteenshinii Industirii
sadarkaa nannootti hojjetamaniif haala qophii maanuwaalii ni mijeessa.
g) Dhaabbileen deeggarsaa biyya kessaa fi alaa misooma teeknoolojii, meeshaalee fi
maallaqaan akka deeggaran haala ni mijeessa, ni hordofa.
h) Leenjistoota DhBLTO kanneen qaawwa Ogummaa qaban adda baasuu dhaan leenjiin
dabalataa hanqina ogummaa guutuuf gargaaru akka kennamuuf haala ni mijeessa.

27
i) DhBLTOn jala jiran IMXf leenjii bulchiinsa daldalaa fi teeknikaa ogeeyyii gahumsi isaanii
mirkanaa'een akka kennamu haala ni mijeessa, ni qajeelcha, deeggarsaa fi hordoffii ni
taasiisaa.

6.2.4. Gahee Hojii fi Itti gaafatamummaa Dhabbata BLTO


a) Tajaajila Ekisteenshinii Industirii gahaa fi bu’a qabeessa ta’e IMXf ni kenna.
b) Teeknoolojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an qoratee filachuun “Design” fi eddattoo isaanii
qopheessee fi madaalee mirkaneessuun, baay’iftootaaf leenjii erga kennee booda akka
baay’isaan ni raabsa.
c) Misooma humna namaatiif, dhiyeessa teeknoolojii fi Tajaajila Ekisteenshinii Industiriitiif
maanuwaalii leenjii ni qopheessa.
d) Leenjifamtoota filatamanii dhiyaataniif maanuwaalii leenjii qophaa’e irratti hundaa'uun,
leenjii kennuudhaan kan leenjicha haala barbaadamuun xumuraniif waraqaa ragaa ni kenna.
e) Fayyadamtoota fedhii addaa qabanii fi IMX moodeela ta’aniif leenjii addaa fi tajaajila
gorsaa isaan barbaachisu ni kenna.
f) Sadarkaa guddina Intarpiraayizoota irratti bu’uureffatanii sagantaa leenjii kubbaaniyyaa
keessa dorgomaa isaan taasiisu qopheessee haala qabatama, bal’inaa fi gadi fageenya
qabuun leenjiicha ni kenna.
g) Leenjifamtoonni madaallii gahumsa ogummaa tiif akka qophaa’an deeggarsa ni kenna.
h) Qabinsa ragaalee Tajaajila Misooma Daldalaa: - Ragaalee Tajaajila Misooma Daldala /BDS/
dhaabbata yookan nama dhuunfaa tajaajila fudhatee hundaa gucoota armaan gaddiitti
fayyadaamuudhaan ragaalee galmeessuu qaba, ragaalee qorannoo haala qabatama naannoo
(situational analysis) fi sagantaa raawwii karooraa (action plan), gabaasaa tajaajilli gorsaa
itti kenname (Report on BDS Delivery) ni qopheessa.
i) Tajaajila kiraa meeshaalee kennuu fi meeshaalee jijjiraa maashinoota omishuun IMX
naannoo isaa jiraniif deeggarsa ni taasisaa.
j) Ogeeyyii Tajaajila Ekisteenshinii Industirii kennan ni ramachiisaa.
k) Intarpiraayizoota tajaajila suphaa irratti hojjataniif hojii isaaniitiin gahumsa akka qabatan
leenjii fi deeggarsa ni kenna.
l) IMX Teeknoolojii oomishaniif, omishtummaa, qulqullina omishaa, “Design” teeknoolojii
oomishamuu fi itti fayyadama teeknoolojii irratti gorsaa fi leenjii hojiirraa ni kenna.

28
m) Galteewwan leenjii teeknikaa fi bulchiinsaa daldalaa tiif barbaachisaan (humna namaa,
faayinaansii, meeshaalee leenjii fi kkf) guutamuu isaanii mirkaneessuun leenjii fedhii gabaa
irratti hundaa'e ni kenna.
n) IMX hanqina meeshaalee omishaa fi teeknoolojii tiin walqabatee rakkoolee isaan qunnamuu
fi qaawwa ogummaa qaban irratti qorannoo ni gaggeessa.
o) Qabiinsa meeshaalee, ittifayyadamaa fi suphaa meeshaalee oomisha teeknoolojii irratti
hanqina IMXn qaban qorachuun leenjii fi gorsa ni kenna.

6.3. Kenniinsa Tajaajila Ekisteenshinii Industirii irratti Dirqama


fayyadamtoota irraa eegamu

1) Fedhii jiru qofa irratti hundaa'uun tajaajilichatti fayyadamuu


2) Qaama Tajaajila Ekisteenshinii Industirii kennuufis ta’ee qaamolee biroo walitti
dhufeenya hojii qabaniif ragaa dhugaa ta’e kennuu.
3) Haala sagantaa hojii kennaa tajaajila Ekisteenshinii Industirii waliin ta’uun qopheessanii
fi waliigaltee tajaajilaa irratti waliigalameen gahee isaa bahuu
4) Baasii tajaajila Ekisteenshinii Industirii kennameef haala waliigalameen kaffaltii
raawwachuu
5) Hojii Daldala seeraan ala ta’etti hirmaachuu dhiisuu.
6) Hojjata Tajaajila Ekisteenshinii Industirii waliin haala waliigaltee kennaa Tajaajila
Ekisteenshinii Industiriitiin ala qunnamtii barbaachisaa hin taane gochuu dhiisuu.
7) Beellamni hojjataa Ekisteenshinii Industirii waliin qabatee yoo mijachuufii baate duraan
dursee beeksisuu.

Kutaa Afur

7. Deeggarsaa, Hordoffii fi Duub-deebii


7.1. Qabiinsa Ragaa
Qaamoleen Tajaajila Ekisteenshinii Industirii dhiyeessan kaneen sadarkaa sadarkaadhaan jiran, ragaalee
armaan gaddiitti tarreeffaman yeroodhaan qaama dhimmi ilaalutti dhiyeessuun irraa eegama.

a. Tarreeffama gosa Tajaajila Ekisteenshinii Industirii kenname fi dheerina yeroo fudhatee

29
b. Ragaalee IMX naannawaa sana jiranii gosa hojii (Omishaa, tajaajila) hojjatanii, sadarkaa barumsaa,
saalaa fi umrii miseensootaa funaanuu fi qindeessuu.
c. Ragaa hirmaattotaa tokko tokkoon ( Tajaajila leenjii, Gorsa Misooma Teeknolojii fi Daldalaa,
Ekisteenshinii Industirii fi kkf ) argate, dheerina yeroo leenjiin fudhate, teessoo, sadarkaa Barumsa,
Gosa ogummaa leenjii, saala fi umrii leenjifamaa.
d. Baasii leenjii Tajaajilli Ekisteenshinii Industirii tokko tokkoon fudhate fi ragaalee biroo wal
fakkaatan,
e. Ragaalee Tajaajila Ekisteenshinii Industirii barbaachiisoo ta’an haala qindaa’een “Data base” tti
galchuu.

7.2. Deeggarsa fi Hordoffii


A. Ejansiin /Biiroon/ Komiishiniin BLTO fi IMX Fedeeralaa fi Naannoolee waliin ta’uun karoora
waggaa qopheeffatanii DhBLTO isaan jala jiran dhiyeessa meeshaalee dheedhii fi maashinoonni
isaan barbaachisaan guutamanii akka dandeettii ijaarratan gochuun IMX armaan dura turanii fi
haaraa ijaaramaniif leenjii akka kennan deeggaruu, hordofuu fi madaaluun ni barbaachisaa.
B. Ejansiin/Biiroon/ Komishinii/ BLTO fi IMXn sadarkaa Federaalaa, waliin qindaa’un waggaatti
yeroo afur DhBLTOtti qaamaan argamuun, hordoffii gochuun deeggarsa kennuu qabu.
C. Sadarkaa Naannootti Ejansiin BLTO fi Misooma IMX waliin ta’uun waggaatti yeroo afur
DhBLTO naannoo keessa jiran keessatti qaamaan argamuun hordofanii deeggarsa kennuu qabu.
D. Dabalataaniis hojiin deeggarsaa fi hordoffii kun sagantaa raawwii sadarkaa raawwachiiftoota
naannootiin bahuun waliinii fi kophaa kophaatti raawwatamuu ni danda’a.

Hojiin Deeggarsaa Fi Hordoffii Kan Irratti Xiyyeeffatu.

A. Raawwii hojii Misooma Humna Nama ilaalchiisee


1. Qulqullinaa fi gahumsa qophii qorannoo fedhii leenjii (TNA)
2. Qulqullina filannoo leenjifamtoota
3. Haal-duree qophii sagantaa leenjii
4. Haalaa fi yeroo mijaa’aa sagantaa leenjii (galgala, guyyoota boqonnaa fi ayyaanaa)
5. Haala hirmaannaa leenjifamtootaa (haala fedhiin hirmaachuu leenjifamtootaa)
6. Haala qophii fi gahumsa leenjiftootaa
7. Dhiyeessii fi Itti fayyadama Galteewwan leenjii

30
8. Sagantaa kenna leenjii irratti haala qindoominaan qooda fudhatoota waliin
hojjachuu.
9. Leenjifamtoonni ogummaa fi beekumsa argatan hagam takka hojirra oolchanii,
jijjirama qabatamaa akka fidan madaaluu.

B.   Raawwii Dhiyeessii Teeknoolojii Ilaalchisee

1. Kallattii filannoo Teeknoolojii


2. Barbaachisummaa fi bu’aa qabeessummaa teeknolojii filatamee
3. Misooma Teeknolojii keessatti hirmaannaa fi gumaacha qooda fudhattootaa
4. Adeemsa filannoo eddattoo fi madaallii gahumsa teeknoolojii
5. Gahumsa IMX teeknoolojii filataman baay’isuu
6. Ceesisuu Teeknoolojii irratti walitti dhufeenya qaama Teeknoolojii dhiyeessuu, fudhatuu fi
liqeessuu.
7. Teeknoolojiiwwan ce’anitti fayyadamuun jijjiirama qabatamaa IMXn jiruu fi jireenya
isaanii irratti agarsiisaan
8. Duub-deebii fayyadamtoota Teeknolojii ce’e irraa argameen fooyya’insa taasifame

C.   Raawwii Tajaajiila Gorsa Misooma Daldalaa fi Kaizen ilaalchisee

1. Tajaajila Gorsa Misooma Daldalaa fi Kaizen irratti hubannoon hagam akka uumame.

2. Baay’ina IMX Tajaajila Gorsa Misooma Daldalaa fi “Kaizen” tti fayyadamanii fi gara fuula
duraa fayyadamuu ni danda’u jedhamee yaadamu.
3. Hojjatoonni Tajaajila Gorsa Misoma Daldalaa fi “Kaizen” hojii isaanii irratti gahumsa
ogummaa, kaka’umsaa fi naamusa hojii qaban.
4. Ittifufiinsaa fi waliitti hidhamiinsa kenna Tajaajila Gorsa Misooma Daldalaa fi “Kaizen”

5. Haala itti fayyadama, fayyadamtoota Tajaajila Gorsa Misooma Daldalaa

6. Ilaalcha gaarii fayyadamtoonni tajaajilicha irratti qaban

7. Haala sochii fayyadamtootaa (gabaadhaan, gaatiidhaan, qulqullina omishaa, fi tajaajilaatiin,


dorgomaa ta’uudhaan fi kkf) irratti jijjiirama fide.
8. Qindominaa DhBLTO fi Wiirtuu Tajaajilaa Iddoo tokkoo

31
D.    Duub-deebii

1. Tajaajila kenna Ekisteenshinii Industirii haala qindaa’aa fi bu’aa qabeessa ta’een gaggeessuuf
sirna deeggarsaa fi hordoffii armaan oolitti tarreeffame irratti hundaa'anii hojjachuu barbaachisaa.
Haaluma kanaan qaamni raawwachiftuu DhBLTO fi IMX sadarkaa sadarkaadhaan jiran
gurmaa’anii dub-deebii DhBLTO fi IMX irraa argatan qindeessanii qaama raawwatu kan dhimmi
ilaaluuf dabarsuudhaan akka hojiirra oolu gochuu.

9. Sirna Onnachiiftuu fi Itti gaafatamummaa


9.1. Sirna Onnachiiftuu

DhBLTO, Waajjirri Misooma IMX fi hojjatan tajaajila Ekisteenshinii Industirii hojiirra oolche bu’aa
qabatamaa galmeessiseef onnachiiftuu kan argatu yoo ta’u onnachiiftuu kuni 60% DhBLTOf  yookan
waajjiraa Misooma IMXf, fi 40% Hojjataa Ekisteenshinii Industirii yookan ogeessaa DhBLTO
kallattiidhaan hojicha hojjateef kan kennamu ta’a.

Dhimma kana hojiirra oolchuudhaaf qajeelfamni tokko tokkon haala raawwii ibsuu sadarkaa mootummaa
Komiishin BLTO fi IMX tiin qindoominaan ni qophaa’a. 

9.2. Sirna Itti gaafatamummaa

Tajaajilli Ekisteenshinii Industirii haala barbaadamee fi bu’aa qabeessa ta’een hojiirra kan hin olchine, itti
gaafatamummaa itti kenname kan hin raawwanne. DhBLTO, Waajjirri Misooma IMX fi hojjattoonni
Tajaajila Ekisteenshinii Industirii sirna itti gaafatamaniin hojiirra oolchuudhaaf kan barbaachisu
qajeelfamni raawwii tokko tokkoon qindoomina Ejansii Misooma IMX fi BLTO Federaalaatiin ni
qophaa’aa.

10. Daangaa Raawwii Qajeelfamichaa 

Qajeelfamni kun Komishiinii BLTO fi Ejensii Misooma IMX Sadarkaa naannootti fi IMX Tajaajila
Ekisteenshinii Industirii fayyadaman irratti kan raawwatu ta’a.

11. Qajeelfama kana Fooyyessuu

Qajeelfamni kun akka barbaachisummaa isaatti yeroo kami iyyu fooyya’uu ni danda’a.

32
12. Yeroo Qajeelfaamini kun itti ragga'u

Qajeelfamni kun Har'a Guyyaa ______________ bara 2004 irraa eegalee kan ragga'uu ta’a.

Umar Huseen Obaa


Sad.I/A pirazidantiitti Ogganaa BIMMO fi
I/A Walitti Qabaa Mana Maree Misooma Intarpiraayizoota Maayikiroo fi
Xixiqqaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Sadaasa 2004
Finfinnee

33

You might also like