You are on page 1of 28

Qajeelfama Kenniinsa Ragaa

Ga’umsaa Intarpiraayizoota
Maaykiroo fi Xixiqqaa Hojii Ijaarsaa

Okololesa 2010
ciroo
Seensa
Indaastiriin Konistiraakshinii guddina biyyaa keessatti gumaacha ol’aanaa
waan qabuuf Ogeeyyiin Konistiraakshinii sektarichaaf gumaacha irra eeggamu
akka kennan taasisuuf carraa hojii uumanii hojiitti galchuun waan
barbaachiseef;
 
Mootummaan pirojaktoota Konistiraakshinii gatiin waliigalaa isaa hanga
milyoona kudhanii ta’e Intarpirayizoota Maaykiroo fi Xixiqqaa sektara
Indaastrii Konistiraakshinii irratti bobba’an qofaaf akka kennamu waan
murteesseef, ogeeyyiin ogummaa konistiraakshiniitiin eebbifamanii hojii
dhaban carraa kanatti akka fayyadaman taasisuun waan barbaachiseef;
 
Waldaalee maayikiroo fi xixiqqaa hojii konistiraakshinii irratti bobba’an
dandeettiin isaanii cimee qulqullina qabaatanii gabaa irratti dorgomaa akka
ta’an jajjabeessuu fi deeggarsa barbaachisu kennuun Sektara konistiraakshinii
keessatti carraan hojii humna namaatiin raawwatamu akka babal’atu ni
taasisa jedhamee waan amanamuuf;
Qajeelfamni kun bu’uura Labsii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk.
199/2008 Keww. 74(3) tiin bahee jira.
KUTAA TOKKO
TUMAALEE WALIIGALAA

1. Mata Duree Gabaabaa


Qajeelfamni kun “Qajeelfama addaa Kenniinsa Waraqaa Ragaa Ga’umsaa
Intarpiraayizii Maaykiroo fi Xixiqqaa hojii ijaarsaaf bahe qajeelfama Lakk. 02/2009”
jedhamee waamamuu ni danda’a.

2. Hiika
Akkaataan itti-fayyadama jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee,
Qajeelfama kana keessatti:
1) “Biiroo” jechuun Biiroo Konistiraakshinii Oromiyaa ti.
2) “Eejansii” jechuun Eejansii Carraa Hojii Uumuu fi Wabii Nyaataa Magaalota
Oromiyaa ti.
3) “Waajjira Konistiraakshinii” jechuun waajjira konistiraakshinii Godinootaa fi
magaalotaa ti.
4) “Waldaa” jechuun Intarpiraayizii Maaykiroo fi xixiqqaa hojii ijaarsaa irratti
kontiraaktarummaan bobba’uuf bu’uura qajeelfama kanaatiin Waraqaa Ragaa
Ga’umsaa fudhatee dha.
5) “Waraqaa Ragaa Ogummaa” jechuun waraqaa ragaa
muxannoo fi gosa barnootaa irratti hundaa’ee ogeessotaaf
sadarkaa Biiroo ykn Ministeera konstraakshiiniiti kennamuu dha.
6) “Waraqaa Ragaa Ga’umsaa” jechuun ragaa Waajjiraalee
Konsitiraakshiniitiin kan kenname yoo ta’u, Intarpiraayizoonni
Maaykiroo fi Xixiqqaan Waldaadhaan gurmaa’anii, ulaagaalee
baayina ogeeyyii barbaachisan qabaachuu isaanii kan
mirkaneessuu fi hojii kana akka hojjataniif hayyamni kan
kennameef ta’uu ragaa agarsiisuu dha.

3. Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun Naannoo Oromiyaa keessatti Intarpiraayizoota
Maaykiroo fi Xixiqqaa hojii ijaarsaa irratti bobba’aniif
raawwatiinsa ni qabaata.
KUTAA LAMA
AANGOO FI HOJII QAAMA GALMEESSAA FI MIRKANEESSA
GA’UMSAA RAAWWATU

4. Aangoo fi Gahee Hojii

1) Waraqaa Ragaa Ga’umsaa fudhachuuf, haaromsuuf, yookin


foyyeessuuf iyyata dhiyaatu ni fuudha,ni keessumeesa.
2) Iyyata bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa tokkoon dhiyaate
ulaagalee qajeelfama kanaan tumame guutuu isaa fi ragaalee
dhiyaachuu qaban waliin dhiyaachuu isaa qulqulleeffachuun iyyataaf
ragaa kennuu, haaromsuu, foyyeessuu yookin kufaa taasisuu ni
danda’a.
3) Waldaalee bu’uura qajeelfama kanaatiin Waraqaa Ragaa
Ga’umsaa argatanii galmaa’an ni too’ataa, ni jajabeessa.
4) Hordoffii taasisaa tureen rakkoolee fi dadhabina waldaalee
keessa turan adda baasuun waggaa waggaan gamaaggamuun
tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata.
5) Waldaalee Raawwii gaarii qaban adda baasuun akka
jajjabeeffaman ni taasisa, sektarootaa dhimmi ilaalu ni
beeksisa.

6) Waldaan raawwii keessatti dandeettii irraa eeggamu kan hin


qabne ta’uu yoo mirkaneesse
yookin balleessaa raawwachuu isaa yoo mirkaneesse bu’uura
seera jiruutiin Waraqaa Ragaa
Ga’umsaa ittisuu yookin haquu ni danda’a. Dabalataanis badii
raawwataniif seera yakkaatiin
yookin seera hariiroo hawaasummaatiin akka gaafataman
taasisuu ni danda’a.
KUTAA SADI
KENNIINSA WARAQAA RAGAA GA’UMSAA
5. Iyyata
1) Intarpiraayiziin Maaykiroo fi Xixiqqaa (IMX) hojiiwwan
ijaarsaa irratti bobba’uuf karaa Eejansii tiin gurmaa’an
ulaagaalee dandeettii qajeelfama kana keessatti caqasaman
guuttachuu isaanii ragaa mul’isu dhiyeessuun Waraqaan Ragaa
Ga’umsaa akka kennamuuf uunkaa Lakk.01 tiin waajjra
konstraakshiinii Godinaalee ykn Magaalotaa gaafachuu danda’u.
2) Waldaaleen bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa
tokkoon gurmaa’e hojiiwwan Gorsaa irratti bobba’uuf hayyama
dabalataa baafachuu hin danda’ani. Hojii Gorsaa
Konistiraakshinii irratti bobba’uu yoo barbaadan Waraqaa Ragaa
Ga’umsaa bu’uura qajeelfama kanaatiin fudhatan deebisuu
qabu.
3) Baayyina miseensota Waldaa keessaa parsantiin torbaatamii
shan Ogeessa ta’uu qaba.
6. Waraqaa Ragaa Ga’umsaa argachuuf Ragaalee dhiyaachuu
qaban
1) Barreeffama Hundeefamaa fi Dambii Ittiin Bulmaataa Waldichaa
qaama aangoo qabuun kan mirkanaa’e;
2) Xalayaa deeggarsaa fi Waraqaa Ragaa Eejansii irraa Waldaan
karaa seera qabeessa ta’een gurmaa’uu isaa kan ibsu;
3) Iyyataan Bakka Bu’aa Waldichaa yoo ta’e Ragaa Bakka Bu’ummaa
mirkanaa’ee fi koppii isaa;
4) Waraqaa Ragaa Galmee Daldalaa;
5) Lakkoofsa Addaa Kaffalaa Gibiraa Waldichaa (TIN No.);
6) Waraqaa Ragaa Ogummaa miseensota Waldichaa.(Biiroo irraa
yookin Ministeera Konistiraakshinii Federaalaa irraa kan baafatan)
7) Ragaa Barnootaa ogeeyyii waldicha keessatti miseensa ta’an.
8) Suuraa abbaa (3 x 4) miseensota waldichaa tokko tokko.
9) Waraqaa Eenyummaa Gandaa miseensota waldichaa;
7. Waraqaa Ragaa Ga’umsaa Haaromsuu

1) Waldaan Waraqaa Ragaa Ga’umsaa haaromsuuf


qabxiilee armaan gadii guuttachuu qaba:
a) Dura taa’aan Waldichaa yookin Bakka Bu’aan seeraa
waldichaa iyyata haaromsaa uunkaa Lakk. 01 irratti
guutee dhiyeessuu;
b) Waraqaa Ragaa Ogummaa Ogeeyyii waldicha
keessatti miseensa ta’an, bu’uura seeraatiin kan
haaromuu qabu yoo jiraate, haaromee dhiyaachuu;
c) Gibira kaffaluu isaanii ragaa agarsiisu;
d) Hayyama daldalaa;
2) Waldaan Waraqaa Ragaa Ga’umsaa Waggaa Waggaan
ji’a Adoolessa 01, hanga Hagayya 30 keessatti
haaromsuu qaba.

8. Kaffaltii Tajaajilaa
1) Waraqaan Ragaa Ga’umsaa bilisaan kan kennamu ta’a.
2) Haaromsaan Waraqaa Ragaa Ga’umsaa sadarkaa 8ffaa
qarshii 300.00 (dhibba sadii), fi sadarkaa 9ffaa immoo
qarshii 250.00 (dhibba lamaa fi shantama) kan raawwatu
ta’a.
3) Waraqaan Ragaa Ga’umsaa yeroo keessatti haaromuu
qabu osoo hin haromin kan ture yoo ta’e adabbii
maallaqaa qarshii 100.00(dhibba tokko) kaffaluun kan
haaromfamu ta’a.
9. Qabiyyee Waraqaa Ragaa Ga’umsaa
Waraqaan Ragaa Ga’umsaa qabxiilee armaan gadii qabaachuu qaba:
1) Ragaan bifa addaatiin kan kenname ta’uu isaa ibsuuf mata duree irratti
Waraqaa Ragaa Ga’umsaa IMX kan jedhuun ibsamu qaba;
2) Maqaa Waldaa guutuu;
3) Suuraa Dura Taa’aa waldichaa fi maqaa isaa;
4) Teessoo waldaa fi lakkoofsa bilbilaa
5) Waldaan bu’uura qajeelfama kanaatiin ragaan kan kennameefi jechuun
lakkoofsa. Qajeelfama kanaa caqasuu;
6) Guyyaa Ragichi kennamee fi lakkoofsa galmee;
7) Kaappitaala Waldaa;
8) Ramaddii fi Sadarkaa hayyamaa;
9) Gosa hojii Waldichi hojjachuu danda’uu fi gatii ol’aanaa pirojektii hojjachuu
danda’uu;
10) Ragaan kenname waggaa tokkoof kan tajaajilu ta’uu isaa;
11) Maqaa fi mallattoo Gaggeessaa ragaa kennee fi chaappaa
biirichaa;
12) Qabiyyee guutamuu qaban kan biroo;

10. Waraqaa Ragaa Ga’umsaa Manca’e bakka buusuu

1) Waldaan Waraqaan Ragaa Ga’umsaa jalaa bade yookin


manca’e haalota armaan gadii yoo guute Waraqaan Ragaa
ga’umsaa bakka ni buufamaaf
a) Waraqaan Ragaa ga’umsaa jalaa baduu isaa waajjira poolisii
irraa raga dhiyeefachuun uunkaa Lakk.01 irratti yoo iyyate;
b) Waraqaan Ragaa Ga’umsaa kan manca’e yoo ta’e ragicha
manca’e dhiyeessuun uunkaa Lakk. 01 irratti kanuma ibsuun
ragaan akka bakka buufamuuf yoo iyyate;
c) Kaffaltii Tajaajilaa qarshii 100.00 (dhibba tokko) yoo kaffale;
11. Waraqaa Ragaa Ga’umsaa dhoorkuu

1) Waraqaan Ragaa Ga’umsaa sababoota armaan gadiitiif


dhoorkamee turuu ni danda’a:
a) Waldaan ragaalee, gabaasota fi odeeffannoo Biirichaan
gaafatame osoo hin dhiyeessin kan hafe yoo ta’e;
b) Waldaan yookin miseensi waldichaa ta’e jedhee itti yaaduun
yookin hanqina naamusaa fi Ogummaa tiin hojii isaa karaa sirrii
hin taaneen raawwachuu isaatiif maamila irraa komiin irratti
dhiyaatee,
2) Waldaan Waraqaan Ragaa Ga’umsaa irraa dhoorkame guyyaa
shan keessati waraqaa ragaa Biiroof deebisuu qaba.
3) Ragaan bu’uura keewwata kanaatiin dhoorkamu yeroo ji’a sadii
tiif dhoorkamee tura. Balleessaan raawwatame yeroo ji’a 3 (sadi)
keessatti yoo sirreeffame dhoorkaan ni ka’a. Yoo hin sireeffamin ta’e
immoo kan haqamu ta’a.

12. Waraqaa Ragaa Ga’umsaa Haquu


Waraqaan Ragaa Ga’umsaa sababoota armaan gadiitiin haqamuu ni
danda’a.
1) Waldaan yoo diigame yookin fedhii isaatiin hojii dhaabee Ragicha
yoo deebise;
2) Waraqaa Ragaa Ga’umsaatiin yakki kan raawwatame yoo ta’e
yookin qaamni biroo seeraan ala akka itti fayyadamu yoo taasifame;
3) Waraqaa Ragaa Ga’umsaa argachuuf ragaan yookin
odeeffannoon sobaa kan kenname ta’uun isaa yoo mirkanaa’e;
4) Ulaagaaleen ragichaaf barbaachisan adeemsa keessatti hir’atanii
turtii ji’a tokko keessatti osoo hin guuttatin kan hafan yoo ta’e;
5) Haala keewwata 11(3) tiin yoo raawwatame haqamuu ni danda’a.
13. Sirna Dhiyeessa Komii
1) Waraqaa Ragaa Ga’umsaa baafachuuf, haaromsuuf,
bakka buusuuf yookin dhoorkaa ragaa irratti godhame
kaasisuuf iyyanni dhiyeesse seeraan ala kufaa na harkaa
taasifame qaamni jedhu, yookin Waraqaan Ragaa
Ga’umsaa seeraan ala haqame qaamni jedhu iyyata isaa
Guyyaa 30 (soddoma) keessatti hoogganaa Waajjira
Konistiraakshinii Godinaa yookin Magaalaaf komii
dhiyeefatuu ni danda’a.
2) Hogganaan Waajjira Konistiraakshinii komii dhiyaateef,
ofii isaatiin ilaaluudhaan yookin koree komii kana ilaalu
hundeessuun yaada murtii akka dhiyeessaniif gochuun
guyyoota 10 (Kudhan) keessatti murtii isaa barreeffamaan
iyyataaf ni beeksisa. Ijoo dubbichaa irratti murtiin
Waajjirichaan kennamu, murtii dhumaa ta’a.
3) Murtii Hoogganaa Waajjira Konistiraakshiniitiin kenname irratti
qaamni komii qabu guyyaa murtichi barreeffamaan isa ga’e irraa
kaasee guyyoota jiran 30 (Soddoma) keessatti dhimma seeraa
qofa irratti mana murtii aangoo qabutti oliyyannoo dhiyeeffachuu
ni danda’a.

4) Iyyannoon daangaa yeroo keewwata kanaan caqasame


keessatti hin dhiyaatin fudhatama hin qabu. Komii Sababa
humnaa oliitiin daangaa yeroo tumame keessatti osoo hin
dhiyaatin hafe, Biirichi ofitti fuudhee ilaaluu ni danda’a.
KUTAA AFUR
ULAAGAALEE WARQAA RAGAA GA’UMSAA FI HOJII ISAA

14. Ulaagaalee Ogeeyyii


1) Miseensi woldaa hunduu hojii mootummaatiin ta’ee
dhuunfaan qaxaramee kan hojjachaa jiru ta’uu hin qabu.
2) Tarreen gosa ogeeyyii waldaan qabaachuu qabuu Gabatee
lakkoofsa 1 fi 3 miiltoo qajeelfama kanaatiin walqabate irratti
caqasame jira.

15. Hojiilee Waldaan hojjachuu danda’u


Waldaaleen bu’uura qajeelfama kanaatiin Waraqaa Ragaa
Ga’umsaa fudhatan hojiiwwan konistiraakshinii gabatee miiltoo
qajeelfama kanaa Lakk. 2 fi 4 irratti akaakuu hojii fi hanga hojii
caqasame hojjacuu danda’a.
16. Dirqama Waldaa

1) Waldaaleen hojii Konistiraakshinii yeroo raawwatan


seerota, istaandardota, koodota, fi naamusa ogummaa
konistiraakshinii kabajuun hojjachuu qabu.
2) Waldaaleen hojii isaanii yeroo raawwatan qulqullinaan
raawwachuu qabu.
3) Waldaaleen bu’uura qajeelfama kanaatiin Waraqaa
Ragaa Ga’umsaa fudhatan miseensota irratti jijjiirraan yoo
raawwatame yookin miseensotni turan waldicha kan gadi
lakkisan yoo ta’e, yookin kan biroo kan ofitti dabalan yoo
ta’e, yookin ragaalee duraan qabsiifatan irratti jijjiiramni
yoo raawwatame biiricha guyyaa 15 (kudha shan)
keessatti beeksisuu qabu.
4) Miseensi woldaa hojii mootummaatiin
ta’ee dhuunfaan qaxaramee kan hojjachaa
jiru yoota’eeargame woldaan seeraan kan
itti gaafatamu ta’a.
5) Miseensi woldaa hojii biroo kan argate
yoo ta’e haala seeraatiin miseensa biroo kan
hojii hin qabneen bakka bu’uu qaba.
KUTAA SHANI
TUMAALEE ADDA ADDAA
17. Aangoo fi Dirqama Biiroo fi Waajjiroota Konistiraakshinii
1) Waajjirri Konistiraakshiinii waldaaleen hojii isaanii qulqullinaan akka
hojjatan taasisuuf hordoffii fi deegarsa barbaachisu ni kenna.
2) Waajjirri Konistiraakshinii Eejansii waliin ta’uun Waldaaleen IMX hojii
ijaarsaa irratti bobba’an baay’ina akka jirachuu danda’an ni taasisa
3) Pirojektoota mootummaa gatiin waliigalaa ijaarsa isaanii hanga
qarshii milyoona 10 (kudhan) ta’e Waldaalee bu’uura qajeelfama
kanaatiin Waraqaa Ragaa Ga’umsaa fudhataniin qofaan akka hojjatamuu
ni taasisa.
4) Waajjiri Konistraakshiinii Waragaa Ragaa Ga’umsaa Waldaa dhaa
yeroo kennu kopii isaa chaapaa dhaan mirakneesee Biiroo dhaaf guyyaa
shan keessatti xalayaa dhaan erguu qaba.
5) Miseensi woldaa hojii mootummaatiin ta’ee dhuunfaan qaxaramee
kan hojjachaa hin jire ta’uu isaa yeroo dha yerootti qulquleefachuuf
diqama qaba.
6) Waajjiri Konistiraakshiinii qajeelfama hojii kan qaamni dhimmi ilaalu akka beeku iddoo
hojiitti maxxansuu fi Orenteesshiinii kenuuf dirqama qaba.

18. Dirqama Deeggarsa Kennuu


Qaamni dhimmi ilaallatu kamiyyuu, Qajeelfama kana hojiirra oolchuudhaaf odeeffannoo,
ragaalee fi deeggarsa barbaachisaa Biirichi gaafatu hunda kennuu qaba.

19. Yeroo Qajeelfamni Hojirra oolu


Qajeelfamni kun Hagayya 25, bara 2009 irraa kaasee raawwatiinsa ni qabaata.

Inj. Birhaanuu Baqqalaa


Hoogganaa Biiroo Konistiraakshinii Oromiyaa
Finfinnee,
Hagayya 25, Bara 2009
HORAA BULAA!

You might also like