You are on page 1of 3

Waliigaltee Gurgurtaa Mana Jireenyaa

1. Waliigaltee kan Taasisan

Durbee Asrassaash Nagaash Ayyanaa (Kana booda waliigaltee kennaa jedhamanii


kan waamaman) teessoon:- Bulchiinsa Magaalaa sabbataa ganda 02 lakk. Manaa 1109
Lakk. Bilbilaa 0922516686 kan ta’anii fi

Obbo/Aadde Fiqaaduu Dajanee Damuusaa (Kana booda waliigaltee fudhataa


jedhanii kan waamaman) teessoo: Magaalaa Finfinnee Ku/Magaalaa Nifaas Silk
Laaftoo ganda 02 lakk. Manaa 37/14 lakk. Bilbilaa 0911231666/0911474428 kan
taasifamedha.

2. Iddoo manni jireenyaa itti argamuu fi bal’ina iddoo mana jireenyaa gurguramee
2.1 Manni jireenyichaa kan argamu godina addaa oromiyaa naannawaa Finfinnee
magaalaa sabbataa iddoo kaaremeetira 28,897 tajaajila mana jireenyaatiif kenname
irratti kan argamudha.
2.2 Bal’inni iddoo mana jireenyaa Kaaremetira 200dha.
2.3 Bilookii 1 Lakk. Pilootii 1
2.4 Gosa manichaa G+0 bu’uura pilaanii mirkanaa’eetiin kan hojjetamu ta’ee; 1ffaa
Qonna lafaa, 2ffaa hojii konkiriitii Lafaaa, 3ffaa gurguraan (waliigaltee kennaan)
hojii bu’uuraa 4ffaa hojii bilookeetii, 5ffaa Hojii sooraa/hojii iskeelatanii/ hunda
isaa xumuree walii galtee fudhataadhaaf dabarsee kennuuf waliigalameera.
Waliigaltee fudhataanis mana jireenyaa jalqabbii kana erga harka gahatee booda
baasii mataa isaatiin ijaaree xumurachuuf waliigalamee itti gurgurameera/bitateera.

3. Gatii manichaa fi Haala Raawwannaa Kaffaltii


3.1 Gatiin gurgurtaa mana jireenyaa jalqabbichaa gosa manaa G+0 kan ta’e;
gatiinwaliigalaa hanga ammaa kaffaltii li/li kaffalame dabalatee qarshii 400,000
(Qarshii Kuma Dhibba Afur) yoo ta’u VAT % 15 qarshii 60,000 (kuma
Ja’aatama) yoo ta’u; yoo ta’u gatiin waliigalaa VAT %15 dabalatee qarshii
460,000 (kuma dhibba Afuriifi Kuma Ja’aatama) waliigaltee fudhataan qarshii
460,000 (kuma dhibba Afuriifi Kuma Ja’aatama) Kaffalanii jiru.

4. Waa’ee tajaajila bu’uuraalee misoomaa


4.1. kan misoomsu (waliigaltee keennan) tajaajila ijaarsa mana jireenya
riilisteetiidhaaf kan oluu ibsuu, bishaan,karaa keessaa akka galuu fi hojjatamuu
carraaqii barbaachisoo ta’ee hunda ni taasisa.

4.2 waliigaltee fudhataan faayida mataa isaatiif qofa bu’uuraalee misoomaa isa
barbaachisu baasii mataa isaatiin hojjachiisuu ni danda’a

4.3 waliigaltee keennaan haaluuma waliigaltee galeen waliigaltee fudhataadhaaf kan


harkaan ga’uu yoo ta’u waliigaltee fudhaataanis hojjiiwwan ijaarsa manichaa waliin
wal qabatani jiran seeraan ijaaramuu isaanii ilaalee ni fudhata.

5. Tajaajila Manichaa Ykn Haala Itti Fayyadamaa

Tajaajilii ykn faayidaa manichaa mana jireenyaatiif kan oluudha.

6. Waa’ee Kanfaltiiwwan Adda Addaa

6.1 waliigaltee fudhataan maqaa abbaa qabeenyummmaa jijjirsisuudhaaf


kanfaltiiwwan barbaachiisan kamiuuuu, mana jireenya jalqabbi’cha yeroo waliigalanii
eegalee gatii liizii jiru bu’uura seerichaatiin gatii VAT manichii ittii tilmaamameen
dirqama kanfaluu fi kanfaltiiwwan mootummaadhaan gaafatamuu kamiyyuu
kanfaluudhaaf waliigaleerra.

7. Waa’ee Wabummaa Abbaa Qabiyyee

Mannii jireenyaa jalqabbi’chii hin gurguuramu idaadhaan ykn dhorkaan


qabadheerra,dhaalaan mirga irraa qaba kan jedhu falmaan ykn mormaan yoo
dhiyaate waliigaltee keennaan baasii mataa isaatiin deebii keennudhaaf dirama
qaba.

8. Waa’ee Adabbii

Qaamnii waliigaltee kana hin kabajnee ykn akka hin raawwatamee guufuu kan
ta’ee garee waliigaltee kabjeef qarshii 5,000(kuma shan) adabbii ni kanfala.

9. Haala Wal Dhabbiin Itti Hikkatuu

Sababa hikkaa ykn raawwannaa waliigaltee kanaan wal qabatee garee waliigaltee
taasistoota giduutti wal dhabbiin uummamuu dhunfaadhaan ykn mana murtiitiin
akka ilaalamu taasisuun ni danda’aama.
10. Seerota Raawwatiinsa Qabaatan

Waliigaltee kana keessatti kan barreeffaman akkuma eegamanitti ta’ee seeronni


Federaalaa fi Naannoo Oromiyaa qixa qabaatan kan raawwataman ta’u.

11. Waliigalteen Guyyaa itti Ragga’u

11.1 Waliigalteen kun gareewwan waliigalan waliigaltee kana irratti guyyaa


mallatteessanii eegalee kan ragga’u ta’a.

11.2 Waliigalteen kun har’a guyyaa __________ A/L/H Naannoo Oromiyaa Godina
adaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee bulchiinsa Magaalaa Sabbataatti
Mallatteessameera.

Waliigaltee Kennaan

Maqaa: _________________________________

Mallattoo: _______________________________

Waliigaltee Fudhataan

Maqaa: _________________________________

Mallattoo: _______________________________

Maqaa fi Mallattoo Ragaalee

1. ________________________________________.
2. ________________________________________.

You might also like