You are on page 1of 5

Barreeffama Hundeeffama Waldaa Dhuunfaa Daldala Jimlaa Raabsaa

Simintoo fi Ijaarsa Gamoo BBM Itti Gaafatamummaan Isaa Kan Murta'e


Keewwata 1
Hundeefamaa Waldichaa
Waldaan Kun Bu'ura Seera Daldala Ithiophiyatiin Waldaa Dhunfaa Daldalaa Jimlaa Raabsaa
Siminto fi Ijaarsa Gamoo BBM Itti Gaafatamummaan Isaa Kan Murta'e Jedhamun Hudessine Jirra.
Keewwata 2
Maqaa Waldichaa
Waldichii Danbii Ittin Bulmataa Kanaan Hundeeffamee Maqaa Dhuunfaa Daldala Jimlaa
Raabsaa Simintoo fi Ijaarsa Gamoo BBM Itti Gaafatamummaan Isaa Kan Murta'e Jedhamuun
Kan Hundeeffamee Kana Booda Waldaa Jeedhamee Wamaammun ni Danda'a
Keewwata 3
Teessoo Waldichaa
1. Teessoon Waajiri Mumichaa Nannoo Oromiyaa Godina Adda Nannawwaa Finfinnee
Magalaa Hoolataa Ganda Gooroo Qeransaa Lakk. Manaa 070 Lakk.Bill. 09 11 47 58 11,09
11 39 67 28 Yoo ta'u
2. Waldichii Naannicha Keessatti Akka Barbachisumma Isaatti Godinoota Fi Magaloota Biro
Keessatti Dame Bane Hojjachuu Ni Danda'a
Maqaa Fi Teessoo Hundeesitota Waldichaa Gabateedhaan Yommuun Ibsamu.
T/L Maqaa Lammii Teessoo
Naannoo Godina Magaalaa Gand L.Ma
a
1 Daawiit Tasfaayee Ambaayee Itiyoopyia Oromiyaa G/A/O/ Hoolataa G/Q 070
a N/F
2 Tsiyoon Kabbadaa Alamuu Itiyoopyia Oromiyaa G/A/O/ Hoolataa G/Q 070
a N/F
Keewwata 4
Kayyoo Waldichaa
Waldichi kayyoo armaan gadii qaba.
1. Waldichi Daldala Dhiyeessii Daldala Walii Gala Simintoo Warshaalee Kanneen Akka
Habashaa, Daangootee,Darbaa , Moogoor, Naashinaali fi Warshaalee Simintoo Kaanneen
Tahaan Irraa Fuudhee Dhaabbata Mootummaa Fi Miti Motummaaf Gatii Madalawaan
Dhiyeessuuhan .
2. Waldichii Daldala Walii Gala Meeshaalee Ijaarsaa Irratti Bobbahuun Dhaabilee
Mootummaa Fi Miti Mootummaa Ijaarsaa Irratii Bobba'an Adda Addatiif Gaatii
Madaalawaadhaan Dhiyeessuu fi Warshaaleen Alatti Dhabilee Miti Mootummaa Ta'an
Warren Bolokeettiwwaan Adda Addaa Omishaniif ni Dhiyyeessa.
3. Waldichi Kuusaa Boba'a Dhaabuudhaan Dhiyeessii Boba'a(Fuel) Irrattii Ni Hojjata.
4. Waldichi Daldala Tajaajila Hawaasaatiif Olan Kanneen Akka Iddoo Bashananaa (Rezort),
Hooteela / Moteelaa fi KKf Irratti Bobba'e ni Hojjata.
5. Waldichi Daldala Jimalaa Meeshalee Ijaarsaa Biyya Alaa Galchuu Irratti Bobba'e Daldalaa
Dhuunfaa , Dhaabbillee Mootummaa Fi Mitii Mootumaa Adda Addaattiif Gatii
Madaalawaadhaan Dhiyeessuu dha.
6. Waldichi Daldala Konkolataa Fi Maashinoota Garaa Garaa Biyya Keessa Galchuu Irratti
Bobba'e Ni Hojjataa.
7. Waldichi Daldala Al-Ergii Bu'aa Qonnaa Irratii Bobba'e ni Hojjata.
8. Waldichii Daldala Ijaarsa Gamoo Kamirattuu boba'uun ni Hojjataa
9. Waldichii Meshaalee Maxxansaa fi Maashinota Maxxansaa Biyya Alaatiis ta'ee Biyya kessaa
bitachudhaan Dhaabilee Motuummaas ta'ee Mitii Motuummaaf gatii Madaalawaa ta'en dhiyessa
fi Hojilee Maxxansaa Kamiyyuu Hojjachuu.
10. Waldichii Dhaabilee Lenjii Adda Addaa Kan akka Dhabbata Lenjii Konkolaataa, Dhaabbata
Leenjii Kompitaraa Maneen Barnootaa Kolejiwaan fi KKF irrattii boba'ee ni Hojjataa.
11. Sochii Ijaarsa Bu'ura Misoomaa Biyyi Keenyaa Taasisaa Jirtu Keesatti Gahee Ofi Bahuun
Guddina Biyya Keenyaaf Gummaacha Calaqisaa Gummaachuudha.
12. Miseensoonni Wadichaa Diinagdee Akka Of Danda'anii Fi Galii Mataa Isaanii Akka
Qabaataaniif Cimsee Hojjachuu dha.
13. Hoojiiwwan Daldalaa Kallatiiniis Ta'ee Al-Kallattiin Wal Qunnamtii Qaban Irratti Bobba’uun
Hojjechuudha. Madda Galii Kanneen Biro Argachuuf Maallaqa Qabu 'Outsource’ Taasisuun
Daldala Biroo Galii Argamsiisan fi seeraa daldalaan hayaman Irratti Bobba’ee Hojjechuun
Tajaajila Kennuu Ni Danda’a.
Keewwata 5
Ulaagaa Miseensummaa
1. Waldaan Kun Hundeessitoota Miseensa Nama 2(Lama) Of Keessatti Kan Hammateedha .
Hirmaannaan Isaan Taasisan Akka Barbaachisummaa Isaatti Maallaqa Calla tiin hunda'ee.
2. Miseensi Waldichaa Seeraa Fi Qajeelfama Eegee Hojjechuu Qaba Akkasumas Gahee Isaa
Haalaan Ba’uu Qaba
Keewwata 6
Kaappitaala/Maallaqa Jalqabaa Waldichaa
A. Bu’uura Seera Daldalaa Itoopyaatiin Nuti Miseensonni Waldaa Kana Hundeessuuf Walitti
Qindoofnee Namoonni 2 (Lama ) Kaappitaala Jalqabaa 200,000.00(Kuma Dhibba Lama)
Biizinasii Kana Jalqabsiisuuf Barbaachisu Walitti Fiduuf Walii Kan Gale Yommuu Ta’u
Gaheen Namni Tokko Buusuu Qabu Qarshii 100,000.00 (Kuma Dhibba tokko) Hudi Keenya
Kanfaluun Walumaagalatti Kaappitaala Ulaagaa Seerrii Daldalaa Barbaadu Qarshii 200,000.00
(Kuma Dhibba Lama ) Walitti Qabamee Jira.
B. Kaappitaalli Waldichaa 200,000.00 (Kuma Dhibba Lama )Ta’u Qarshii Caallaan
Guutummaatti Kanfalameera.
C. Bay’inni Asksiyoonaa 2(Lama) Qofa Yommuu Ta’u Gatiin Tokkoo 100,000.00 (Kuma
Dhibba tokko)Ta’a.
Ibsi Gabatee Maqaa Hundeesitootaa Fi Hamma Aksiyoonaa Buufame Ykn Kanfalame
Agarsiisuun Akka Armaan Gadiitti Dhiyaata.
T/L Maqaa Abbootii Aksiyoonaa Baa’yina Aksiyonaa Gatii Tokko Buusii waligalaa

Daawiit Tasfaayee Ambaayee 1 100,000.00 100,000.00


Tsiyoon Kabbadaa Alamuu 1 100,000.00 100,000.00
Ida’ama 2 200,000.00
Keewwata 7
Haala Qoodinsa/ Hirmaannaa Bu’aa Qulqulluu Fi Kisaaraa Fi Maallaqa Of –
Eeggannoo Ilaalchisee
A) Bu’aa Qulqulluu Qooddachuu
1) Hojii Geggeessaan Waldichaa Bu’aa Qulqulluu Kan Waggaa Akkaataa Gahee Sheerii
Isaaniitiin, Erga Maallaqaa Of Eeggannoo Fi Baasii Adda Addaa Hir’ifameen Booda
Waggaatti Miseensotaaf Ni Qooda . Haata’u Malee Idaan Ykn Itti Gaafatamummaan
Missensotaa Gahee Kapitaala Isaan Waldicha Keessaa Qaban Hin Caalu.
2) Bu’aa Qulqulluun Waldichaa Kan Waggaa Keessatti Yeroo Fi Akkaataa Hirmaannaa Tokko
Tookkoon Miseensotaaf Akkaataa Aksiyoona Qabataniin Qoodamuu Kan Murteessu Marii
Waligahii Manajimentii Waldichaatiin Ta’a.
3) Miseensi Hundi Yoo Waliigalan Qooda Isaanii Walittii Fiduun Hojii Daldala Biraa Irratti
Walfaana Hirmaachuun Hojjechuun Ni danda’u
4) Miseensa Waldichaa Keessaa Kan Du’e Yoo Ta’e Akkaataa Filannoo Dhaaltootaa tiin Ykn
Tarree Qabeenyaa Dhaabbatichaatiin Hanga Qabiyyeen Aksiyoona/ Qooda Isaniitiin
Kaffaltii Fudhachuuf Mirga Nu Qabu.
5) Dhaaltonni Gatiin Aksiyoona Isaanii Akka Kaffalamuuf Kan Murteeffatan Yoo Ta’e Walii
Galtee Adda Yoo Jiraatee Malee Fedhiin Filannoo Isaanii Guyyaa Iyyataan Dhiyeeffatan
Irraa Kaasee Ji’oota Jaha Keessatti Raawwatamuuf Qaba.
Keewwata 8
Hoggansa(Managers)Waldichaa Ilaalchisee
Waldichi Hoggantoota/ Gaggeessitoota Lamaan Kan Gaggeffamu Yommuu Ta’u Hoji
Gaggeessaa Fi I/A/Hojii Gaggeessaa Ta’a.Haaluma Kanaan
I. Obbo Daawiit Tasfaayee Ambaayee Hojii Geggeessa(Dura Ta’aa) Waldichaa Ta’uun
Muudamaniiru.
II. Addee Tsiyoon Kabbadaa Alamuu Ittianaa Hojii Geggeessaa Waldichaa Ta’uun
Muudamaniiru.

Keewwata 9
Aangoo Fi Gahee Hojii Gaggeessaa Waldichaa
1. Waldichi Hojii gaggeessaa Ol’aanaa Tookkoon Ni Qajeelfama Ykn Gaggeefama. Hoji
Gaggeessan Murtee Qaama Waldaa Kanaatiin Miseensota Keessa Muudamuu Ykn Alaa
Qacaramuu Ni Danda’a
2. Hojii Gaggeessaan Waldichaa Hojiilee Bulchiinsaa Fi Teeknikaa Irratti Hojii gaggeessaa Ta’ee
Waldicha Ni Too’ata, Ni Bulcha ,Ni Hooggana.
3. Hooggantoota Dame Ni Muuda , Ni Gaggeessa, Hojii Tarreessee Ni Kenna, Ni to'ata ,
Akkasumas Mindaa Fi Kaffaltii Waliin Haalawwan Walqabatan Ni Murteessa.
4. Hojjettoota Ni Qacara, Hojii Irraa Ni Gaggeessa , Hojii Tarreessee Ni Kenna , Ni Too’ata
Akkasumas Mindaa Fi Kaffaltii Waliin Haalawwan Walqabatan Ni Mirkanesa.
5. Karaa Kamiiyyuu Qaama Sadaffaa Biratti Waldicha Bakka Bu’ee Hojii Waldicha Illaalu
Hundaa Ni Raawwata , Walii Galtee Ni Godha.
6. Maqaa Waldichaatiin Lakkoofsa Herrega Baankii Bane Maallaqa Galii Ni Godha, Herregoota
Maqaa Isaatiin Ni Sochoosa.
7. Kayyoo Waldichaatiin Kan Walqabatan Hojilee Daldalaa Kamiiyyu Ni Hoggana,Ni
Raawwachiisa ,Ni Bulcha, Ni Too,ata.
8. Maqaa Waldichatiin Baankii Irraa Liqeeffachuu Fi Liqii Kaffaluu ,Sanada Baankii Qopheessuu
Fi Duuba Isaa Irratti Mallattessuu,Ykn Sanadoota Kamiiyyuu Mirkaneesuu Fi Duuba Isaa
Irrattii Ni Mallatteessa.
9. Waldichi Yoo Himatus Ta’ee Yoo Himatamu Mana Murtii Kam Irrattuu Waldicha Bakka
Bu’uudhaan Ofiin Ykn Abukaatoo Seeraa Qaxaruun /Bakka Bu’iinsa Kennuun Falmii
Gaggeessuun Mirga Waldichaa Ni Eegsisa.
10. Daldalli Waldichaa Haala Gaariin Akka Deemuu Fi Bittaawwan, Gurgurtaawwanii Fi
Ajajawwan Ni Murteessa ni Gurguraa Ni Bitaa Ni Mallatessaa.
11. Faayidaa Waldichaa Jiddugaleesaa Godhachuudhaan Aangoo Isaa Guutumaan Guututti Ykn
Qoodee Itti Aanaa Hojii Gaggeessaaf Yookiin Nama Biraaf Bakka Bu’iinsaan Kennuu Ni
Danda’a
12. Miseensotni Fudhachuu Fi Raggaasisuu Akka Danda’aniif , Galmeen Herrega Galii Fi Baasii
Akka Seera Qabeessa Ta’an Tarkaanfii Barbachisaa Ni Fudhata.
13. Murtii Yaa’ii Waliigalaa Irratti Hunda’uudhaan Qabeenya Dhaabbatichaa Kan Socho’us
Ta’ee Kan Hin Sochoone Ni Gurgura Ni Jijjiira.
14. Miseensootaaf Waa’ee Sochii Hojii Waldichaa Waggatti Al Tokko Gabaasa Fi Ibsa Mallaqaa
Ni Dhyeessa
15. Walumaagalatti Akkaataa Seera Daldala Itopyiyaatiin, Barreeffama Hundeeffama Fi Dambii
Ittn Bulmaata Waldichatiin Itti Gaafatamummaa Issaa Ni Raawwata.

Keewwata 10
Aangoo Itti Aanaa Hojii-Gaggeessaa

1) Hojii Gaggeessaan Yoo Hin Jiraanne Bakka Isaa Bu’ee Ni Hojjata.


2) Qabeenyi Waldichaa Horaatamu Hundi Isaa Qajeelfama Faayinaansii Eeguun Galii Fi
Baasiin Akka Qabamuu Ni Taasisa.
3) Hojii Gaggeessaan Kan Kennamuu Hojiwaan Kan Biro Ni Hojjata.
Keewwata 11
Odiitara Waldichaa Ilaalchisee
1) Waldichi Odiitara Keessaa Tokko Ni Qabaata. Haaluma Kanaan Odiitara Keessaa Addee
Tsiyoon Kabbadaa Alamuu Jedhamu Miseensotaan Filamee Bakka Buufamee Jira.
2) Waldichi Waggaatti Altokko Odiitii Ni Tasifamee Gabaasni Isaa Qaama Dhimmi Ilaalu
Hundaaf Ni Dhiyaata
3) Itti Waamamni Oditarootaa Manaajimentii Waldichaa Ta’ee Aangoo Fi Gahee Armaan Gadii
Ni Qabaata
4) Haala Sirrummaa Bulchinsaa Ykn Qabiinsa Maallaqaa Fi Qabeenya Waldichaa Ni To’ata.
5) Sochiin Hojii Waldichaa Bu’uura Danbii Ittiin Bulmaata Kamiitiin Adeemsifamu Isaa Ni
Mirkaneeffata.
6) Gabaasa Odiitii Waggaa Manaa Maanajimantii Fi Qaama Dhimmi Ilaaluuf Ni Dhiyeessa.
Keewwata 12
Turtii Waldichaa
Waldaan Kun Guyyaa Galmaa’e Irraa Jalqabee Yeroo Hin Murtoofneef Kan Dhaabbateedha.
Keewwata 13
Ibsa waliigaltee Miseensota Waldichaa
A) Barreeffamani Hundeeffamaa Kun Miseensota Hundaaf Erga Dubbifameen Booda Irratti
Waliigaluudhaan Magaalaa Finfinnee Mana Hojii Abbaa Alangaa GAONFttii mallattaa’eera.
B) Maqaa Fi Mallattoo Miseensota Hundeessita Waldichaa
T/L Maqaa Hanga akaakayyu Lakk.Bilb Mallattoo Guyyaa

1 Daawiit Tasfaayee Ambaayee +251911 47 58 11

2 Tsiyoon Kabbadaa Alamuu +251911 39 67 28

You might also like