You are on page 1of 20

Sirna Galii Sassaabuu fi

Ittifayyadamuu
(Revenue Retention and Utilization)
HCF

1
Qabiyyee
• Dhiimmoota Waliigalaa
• Madda Galii keessaa
• Adeemsa Galii sassaabuu
• Adeemsa maallaqa Kuufachuu
• Adeemsa Itti Fayyadama Galii keessaa
• Hojiiwaan Galii sassaabameen raawwatamuuf heyyamaman
(positive list)
• Galii Sassaabameen Hojiiwaan akka Hin raawwatamne
Dhorkaman ( Negative list)
• Adeemsa Baasii Maallaqaa
• Odiitii Sochii Herreegaa
2
Dhiimmoota Waliigalaa
• Dhaabbileen fayyaa galii tajaajilaa fi dhimmoota
biroo irraa argate akka sassaabu, hambifatuu fi
seera Faayinaansii eegee itti fayyadamudhaan
Humna namaa,
 Meeshaa wal'aansaa fi
Qabeenya guuttachuun kenninsa tajaajila fayyaa
qulqullinaa fi saffina qabu kennuf Labsii Lakk 93/97
fi Dambii Lakk 56/97 tiin aangoon kennameefii jira.3
Kan itti fufe....

• Galiin keessaa dhabbilee fayyaa bajata mootumaan


ramaduu irratti dabalata malee kan isa bakka bu’u
miti
• Galiin keessaa qulqqullina kennninsa tajaajila
fayyaa kennuuf oolaa
• Galii kan sassaabamu Nagahee BMMD maxxansiisu
ykn akka maxxanfamu kan hayyamuun qofaa ta’a.
4
Kan itti fufe....
• Ddhaabbileen fayyaa sadarkaa walifakaatu qaban gosa
tajaajila walfakkaatuuf gatii tajaajila fayyaatiif
kaffalchiisan walqixee ta'u qaba.
• Hafteen bajata madda galii kessaa ramadame bara
bajata ittiaanutti darbuu ni danda’a
• Maallaqni sassaabame guyyuma sana gara mallaqa
qabaatti galii akka ta’u gochuu.
• Cuufiinsa saanduqaa guyya guyyaan haala qajeelfama
5
faayinaansii tiin raawwachuu
Madda Galii keessaa
• Baajata Motummaan ramadu irraa
• Gurgurtaa qorichaa fi meeshaalee dhumeeyyii wal'aansa
irraa;
• Tajaajila wal'aansaa, tajaajila qorannoo, kennaa ragaa fi
KKF
• IFH irraa
• kaffaltii tajaajila gorsaa fi qo’annoo irraa
• Kaffaltii baratoota koollejii dhuunfaa irraa ogguumaa
yalii (Apparantship) dhaabbilee fayyaa keessatti
shaakalan irraa gali argamu.

6
Kan itti fufe....
• Galii leenjii hoji irraa (In-service training) irraa
argamu.
• Maddawwan galii biroo beekumtii Biiroo
yookan boordiin akka walittiqabamu hayyamaman
irraa,
• Gargaarsa ykn kennaa akaakuu fi maallaqaan
argamu
• Galii Tajaajila Wal'aansaa Daree dhuunfaa irraa
qooda hoospitalaaf kennamu
• Midhaan, maallaqaa fi deeggarsa biroo tajaajila
nyaata haadholee ulfaatiif haawaasaa fi 7
Adeemsa Galii Sassaabuu
 Galiin kan sassaabamu hojjataa sassaabduu maallaqaa ykn
qabaa maallaqaa dhaabbataan ramadameen ykn yeroo
rakkoon humna namaa jiraate beekkumsa Koree
Maanejimantiitin nama yeroodhaaf ramadameen qofa ta’a.
 Galiin sassaabamu NG WMWD maxxansuun ta’ee guyyaa
guyyaan galmee maallaqaa irratti galmaa’u qaba
 Dhaabbata fayyaa keessatti sassaabaan galii guyyaa
nagahee dura fudhate xumuree osoo hin deebisin
8
dabalataan nagahee biroo baasii gochuu hin danda’u.
Kan itti fufe....

 Midhaan, mallaqaa fi deeggarsa biroo tajaajila


nyaata haadholee ulfaatiif walitti qabamu gulantaa
galii 1489 tti kan galmaa’u ta’a
 .

9
Adeemsa Maallaqa Kuufachuu
 Dhabbannii fayyaa kamiyyuu heeyyama Biiroo ykn
WMWD tiin ala lakkofsa herrega baankii banuu ykn
cufuu hin danda'u
 Lakkofsa herrega baankii dhaabbilee fayyaatiif
banamu gosti isaa ”A ” ta’e ni banama
• Lakkofsi baankii banamu damee Baankii Daldala
Itooppiyaa ta’ee, dabalataan Baankii Hoji Gamtaa
Oromiyaa kessatti banachuu ni danda’a 10
Kan itti fufe....
 Dhaabbanni fayyaa kamiyyuu kaazinaa maallaqa ni qabaatu

 Maallaqni guyya guyyaan sassaabame guyyuma sana sassaabaa


galii guyyaa irraa gara mallaqa qabaatti galii ta’u qaba.
 Qabaan Maallaqaa galii guyyaa sana sassaabame galmee
Maallaqaa irratti ni galmeessa/ti
 Cuufiinsi saanduqaa guyya guyyaan abba herregaan mirkanaa’ee
hogganaa dhaabbata fayyaatiif gabaafamu qaba

11
Kan itti fufe....
 Qabduun maallaqaa galii sassaabame magaalaa baankiin keessa
jirutti guyyuma galiichii sassaabame ykn guyyaa itti'anuu baankitti
galchuu qaba.
 Magaalaa baankiin keessa hin jirretti torban tokko kan hin caalle
keessatti gara lakkofsi baankii dhabbatichaa keessa jirutti galchuu
qaba.
 Baayyinnii maallaqaa kaazinaa keessa bulchuu danda’amu:
 Magaalaa baankiin jirutti hanga qarshii 10,000
 Magaalaa baankiin hin jireetti qarshii 20,000 qofa.

12
Adeemsa Itti Fayyadama Galii
• Baajatni mootummaa irraa ramadamee fi galii
keessaa irraa labsame leejara baajataa irratti koodii
tokko tokkoon galma’e baasii fi haafteen akkaataa
waalmadaaluu danda'uun addaan bahee galmaa’ee
hordofamuu qaba.
• Baajatni madda galii keessaa irraa labsame osoo
itti hin fayyadamiin yoo barri baajata xumurame,
mana kuusaa maallaqaa mootummaatti hin
dhangala’u.
• Baajata galii keessa irraa
% 60 bittaa qorichaa fi dhiheessi meeshaalee
dhumeyyii yaalaatiif
% 40 immoo dhimoota biroof ni fayyadamu 13
Kan itti fufe….
• Baasiin tajaajila nyaata haadholee ulfaatiif bahii
ta’ee kan galmaahu gulantaa herregaa baasii koodii
6216 (baasii nyaataa) irratti ta’a.
• Dhaabbileen fayyaa hanga maallaqa baasii xixiqqaaf
oolu (petty cash) fi baasii maallaqa callaadhaan
kaffaluuf hayyamamu koreen manajimentii
dhaabbata fayyaa ni murteessa.
• Dhaabbatni fayyaa gabaasa sochii herreegaa ji'a
ji'aa fi waggaatti wajjira MWD fi waajjira Eegumsa
Fayyaa sadarkaa sadarkaan jiruuf dhiheessuu qabu.

14
Hojiiwaan Galii sassaabameen
raawwatamuuf heyyamaman (positive list)
1. Dhiyeessa qorichaa fi meeshaalee yaalaa dhumataa
2. Bittaawwan meeshaalee yaalaa dhaabbataa
3. Kaffaltiwwan tajaajilaa bishaanii, ibsaa,bilbilaa, geejibaa fi kkf
4. Gamoo dhaabbata fayyaa babal’isuu fi suphuuf
5. sirna galii sassaabuu fi sirna qabiinsa odeeffannoo fayyaa fi
hojimaataa haraawaa diriirsuudhaaf
6. Sirna dhukkubsattoota erguu fi simachuu (Referal) cimsuuf
7. Hojii walirra salpisuuf dhaabbilee fayyaa nannoo isaanitti argaman
meesha yaalaatiin fi qorichaan gargaaruu
8. Dandeetti fi kakka’umsa hojjattootaa cimsudhaaf dhimmoota
fayyadan kan akka onnachiiftuu maallaqaa fi maallaqaan alaa
9. Durgoo miseensota Boordii

15
positive list).....
8. Qo’annoo qulqulina tajaajila fayyaa foyyeessu
9. Tajajillawwan kafaltiin itti hingaafatamne haawasaaf kennuu
10. Bittaa ykn maxxansa nagaheewwan, leejarootaa fi galmee
herregaa fi qabeenyaa
11. Sirna galii sassaabuu fi sirna qabiinsa odeeffannoo fayyaa fi
hojimaataa haraawaa diriirsuudhaaf
12. Bittaa boba’aa fi dibata mootor saayikilii fi jenereetara;
13. Bittaa boba’aa meeshaalee dilalleessaa keellaa fayyaa
yookan buufata fayyaa;
14. Biittaa meeshaa barreeffamaa;
15. Bittaa kompiitara deeskitooppii.
16. Bittaa saanduqa maaallaqaa ykn kaazinaa
17. Bittaa jenereetaraa fi soolaaraa

16
Galii Sassaabameen Hojiiwaan Akka Hin
raawwatamne Dhorkaman ( Negative list)
1. Gita baasii bajatni irratti hin labsamne
2. kennaa ykn gargaarsa maallaqaa ykn meeshaa
dhabilee fayaatiin ala qaama birootiif keenamu
3. Itti fayyadama galii kaayyoo qulqullina tajaajila
fayyaa fooyyessuu wajjin hin deemne kamiyyuu.
4. Kaffalttii durgoo olmaa Miseensa Boorditiin ala jiran
kamiyyuu;
5. Bittaa uffata dambii hojjettoota fayyaa,
6. Bittaa boba’aa fi dibata, haaromsaa fi suphaa
konkolaataa,
7. Bittaa kompiitara laptooppii. 17
Adeemsa Baasii Maallaqaa
• Namootni cheekii irratti mallatteessan:
 Hospitaalaa keessatti:
– Hoji gaggeessaa hospitaalaa
– Meedikaal daareektara fi
– Abbaa adeemsaa hojii bittaa fi bulchiinsa faayinaansiiti.

 Buufata fayyaa keessatti immoo,


 Daareektara,
 Itti Aaanaa Daarektaraa fi
 Raawwataa herregaa fi bajataa buufata fayyaati.
 Hospitaala irratti Abbaa adeemsaa hojii bittaa fi bulchiinsa
faayinaansi Bufata fayyaa irratt ammo Raawwataa
herregaa fi bajataa buufata dhaabbiidhaan kan
mallateessu ta’a
18
Odiitii Sochii Herreegaa
• Odiitiin keessaa sochii heerregaa odiitii taasisuudhaan
gabaasa ittigaafatamaaf, boordii fi BEFO tiif dhiheessuu
qaba
• Oditarri alaas herreega dhaabbilee fayyaa barri bajataa
tokko dhumee ji’a 6 keessatti odiitii taasisuu qabu
• Firiin gabaasichaas koree manajimentiif, boordiif, BEFO
fi BMMD tiif ergamuu qaba
• Oditarri alas BMWD, Odiitara Ol’aanaa Oromiyaa fi
BEFO fi caasaa isaaniin oditii taasisuu ni danda’u .
19
Galatoomaa!
20

You might also like