You are on page 1of 31

Maanuwaalii Raawwii

Hojii fi Sosochii
Maallaqa
Fandii Daandiiwwanii
Qabiyyee Maanuwaalichaa
 Seensa • Tooftaa Faayinaansii Waajjira Dameewwan Suphaa

 Daangaa Raawwatiinsaa Keenyaan Yeroo Hojjataamu (Own Force)

 Mul’ata, Ergama fi Kaayyoo Manuwaaliichaa • Karooraa fi Baajata Fandii Daandiiwwan Naannoo

 Gahee Hojii Biiroo Daandiiwanii fi Loojistiksii • Herrega Baankii Fandii Daandiiwwan Naannoo
Oromiyaa
Oromiya
 Gahee Hojii Waajjira Daandiiwanii fi Loojistiksii
• Sanadoota Herregaa fi Nagaheewwan Mana Kuusaa
Godinaa
• Gabaasa Biiroo Daandiwwaan fi Lojistiksii Oromiyaa
 Gahee Waajjira Daandiiwanii fi Loojistiksii Aanaa
Irratti Qopha’uu
 Gahee Hojii Waajjira Damee Suphaa Daandiiwwan
Naannoo Oromiyaa
Seensa
•Haa ta’u malee, hojiiwwan kanneen humna
Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara
mootummaa qofaan raawwachuun waan hin
baraan baajata guddaa rammaduun danda’amneef

daandiiwwanii fi riqaaleen hojjetaman Fandii Daandiiwwanii Naannoo Oromiyaa


yeroo yeroon suphuu, suphisiisuu,
• labsii lakk.224/2012 fi
kunuunsuu fi nageenyummaa isaanii
•Dambii labsichaa lakk.223/2013
mirkaneessuun tajaajila itti fufinsa
baasuun madda faayinaansii dhaabbataa akka
qabuu fi guutuu ta’e kennuun qabaatuuf mirkanaa’ee irratti hundaa’uun Boordiin
barbaachisaa ta’uu amanuun hojjechaa Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa

jiraachuun isaa ni beekama. • qajelfama lakk.01/2014 baasuun isaa ni yaadatama.


Seensa
Raawwii hojii suphaa daandii Aanaalee hunda keessatti akka wal-fakkaatu
taasisuuf
• Labsii Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa

• Lakk. 224/2012

• Keewwata 15 irratti hundaa’uun

• ’’Manuwaalii Raawwii Hojii fi Sosochii Maallaqa Fandii


Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa” kun akka qophaa’u taasifameera.
Daangaa Raawwatiinsaa

Manuwaalii Raawwii hojii fi Sosochii Maallaqa Fandii Daandiiwwan


Naannoo Oromiyaa;-

• Daandiiwwanii fi Istiraakcharoota maallaqa fandii naannootiin


hojjetaman hunda irratti guyyaa manuwaaliin hojii kun bahe irraa
eegalee Naannoo, Godinaalee, Aanaalee fi Damee Suphaa
Daandiiwwanii irratti hojiirra kan oolu ta’a.
Mul’ata Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa

Bara 2023tti hawaasa daandii isaa


hirmaannaa isaatiin kunnuunfatu
ummuu dha.
Ergama Bulchiinsa Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa

Bulchiinsi fandii daandiiwwan naannoo oromiyaa

• Karoora suphaa fi kunuunsa daandiiwwanii hojjechiisuuf

• Maallaqa maddisiisuu, walitti qabuu, walitti qabsiissuu fi

• Qooddii geggeessuun qaama hojii kana hojjetuuf dabarsuun

• Suphaan daandii sadarkaa isaa eegatee qulqullinaan akka suphamuuf

• Hordoffii fi to’annoo walirraa hin citne taasisuu dha.


Kaayyoo Manuwaaliichaa

• Daandiiwwanii fi istiraakcharoota

• Mootummaa naannoo oromiyaa fi dhaabbilee garaagaraatiin hojjetaman

• Haala itti fufiinsa qabuun suphuu, suphisiisuu, fooyyeessuu fi kunuunsuun


barbaachisaa waan ta’eef,

• labsii, dambii fi qajeelfamni fandii daandiiwwan naannoo oromiyaa bahee waan


jiruuf

• Maanuwaalii adeemsa raawwii hojii bulchiinsa fandii daandiiwwan naannoo


Oromiyaa qopheessuun ittiin hooganamuudha.
Gahee Hojii Biiroo Daandiiwanii fi Loojistiksii Oromiyaa

• Qajeelfamoota, maanuwaaloota fi uunkaawwan bulchiinsa Fandii Daandiitiif barbaachisan ni


qopheessa, hojii irra oolmaa isaa ni hordofa.
• Gatii baal-tokkee (Unit rate) qopheessuun akkaataa barbaachisummaa isaatti qorachiisuun qaama
dhimmi ilaalatu mirkaneessissuun hojiirra akka oolu ni taasisa.
• Karoora waggaa suphaa daandii fandii dandiitiin geggeeffamu baajata rammadameef waliin wal-
simsiisuun qulqullinaan tartiibeessee (prioritize) Godinni qopheessee dhiyeesse qindeessuun boordii
naannoof ni dhiyeessa.
• Karoora fi raawwii hojii suphaa fandii daandii yeroo barbaachisaa ta’etti Godinaalee, Aanaalee fi
Waajjira Damee suphaa daandiitiin yookiin sadarkaa naannootti mala bittaatiin kan hojjechiifamu irra
dhiyaatu qindeessuun Boordii fandii daandii naannoof ni dhiyyeessa.
• Karoorii fi gabaasni hojii fandii kanaan hojjetamu kamiyyuu addatti qophaa’ee qaama dhimmi
ilaaluuf dhiyaachuu qaba.
Gahee Hojii Biiroo Daandiiwanii fi Loojistiksii Oromiyaa ---

• Hirmaannaan uummataa humna bilisaa haala gabaa yerootiin shallagamee maallaqatti jijjiramee
baayinaa fi saalaan adda ba’ee karoorfame Godina irraa qindaa’ee dhiyaate qindeessuun boordii
Naannoof ni dhiyeessa.
• Nagahee sassaabbii galii fandii daandiiwwan naannoo ni maxxansissa,akka rabsamu haala ni
mijeessa,hojiirra oolmaa isaa ni hordoffa,ni to’ata.
• Sassaabbiin galii maallaqa Fandii daandiiwwan naannoo akkataa labsii, dambii fi qajeelfama keessatti
tumamee jiruun hojii irra ooluu isaa ni hordofa,bakka hanqinni jirutti tarkaaffiin sirreeffamaa akka
fudhatamu ni taasisa.
• Sadarkaa Naannootti madda maallaqa adda addaa irraa maallaqa walitti qabamu hojii suphaa fandii
daandii kanaaf akka ooluuf qooddii baajataa ni geggeessa.
• Qooddii baajata geggeessuun boordii fandii daandii naannootiif dhiyeessuun akka mirkanaa’u ni
taasisa, baajata mirkanaa’ee xalayaan qaama dhimmi ilaaluuf ni beeksisa.
Gahee Hojii Biiroo Daandiiwanii fi Loojistiksii Oromiyaa ---

• Bulchiinsi fandii daandii naannoo maallaqa fandii daandii bara baraan qoodinsi
geeggeefamee boordii naannoon mirkanaa’e akkaataa ragaa kaffaltii (payment
certificate)mirkanaa’ee dhiyaatee fi waliigaltee hojii jiddugaleessa godhachuudhaan
lakkoofsa herragaa baankii WDLG hojii kanaaf sadarkaa Godinaatti banameetti dabarsuu
qaba yookiin yeroo gama biirichaatiin qaama biroon hojjetamu(out source) yookiin gama
Damee Suphaa Daandii kan hojjetamu(own force) yoo ta’e gara lakkoofsa herregaa hojii
kanaaf sadarkaa naannootti banameetti maallaqa ni dabarsa,akka darbu ni taasisa,sababiin
isaas lakkoofsa herregaa addaa sassaabbii galii fandii kanaaf sadarkaa naannootti baname
waliin akka wal-hin makneef.
Gahee Hojii Biiroo Daandiiwanii fi Loojistiksii Oromiyaa ---

• Ragaan gaaffii kaaffaltii (payment certificate) baajata kaappitaalaa waggaa waggaan baajata
BDLOtiif rammadamu irraa ≥20% suphaa fandii daandiif qoodamu fi madden adda addaa
fandii daandiif labsii, dambii labsichaa fi qajeelfama irratti ibsameen maallaqni sassaabamuu
sanadni kaffaltii ittiin gafatamu(interim payment certificate) qophaatti adda ba’ee akkaataa
gara fuul duraatti qabinsa herregaa fi hojii odiitiif mijatutti dhiyaachuun
dirqama.Akkasumas,hojiiwwan hojjetaman adda ba’anii qofaa qofaatti dhiyaatan ni taasisa.
• Godinaalee haali qabatamaa naannoo isaanii isaan hin daangessiin galii maddoota adda addaa irraa argamuu
danda’u akkaataa karoora isaanii walitti qabuu irratti hanqina kan argisiisan yoo ta’e, haaluma labsii fandii
daandiiwwan keessatti ta’ee jiruun kan itti gaafataman yoo ta’u,dabalataan suphaan daandii Godina isaanii
keessatti argamu galii Godina biroo sassaabeen akka hin suphaamne ni taasisa.
Gahee Hojii Biiroo Daandiiwanii fi Loojistiksii Oromiyaa ---

• Leenjii ogeessota hojii Suphaa daandii fandii kanaan geggeeffamu irratti boba’aniif yearoo yeroon akka
barbaachisummaa isaatti ni qophessa,ni leenjisa akka leenjifaman haala ni mijjeessa.
• Hojii Supha Fandii Daandiitiin hojjetamu irratti hojii humna Godina/Aanaa ol ta’e, akkaataa bu’aa qorannoo
irratti hundaa’uudhaan akkaataa barbaachisummaa isaatti gama Damee suphaa daandiiwwaniitiin yookiin
qajeelfama bittaa fayyadamuun ni hojjechiisa.

• BDLO’n hojii suphaa fandii daandiitiin wal-qabatee jiru hojii eegumsa naannoo, oomisha cirracha filatamaa fi
mirga daandii kabachiisuu irratti xiyyeeffannoo addaa kennuun qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uun gama
kamiinuu hojii hojjetamuuf haalli akka mijatu ni taasisa.
• Bittaa meeshaalee fi bittaa tajaajila gorsaa hojii kanaaf oolu akkaataa barbaachisummaa isaatti BDLO ni
raawwata.
• Qorannoo haala waliigala daandii fi Istiraakcharootaa (road condition survey & inventory) qaama dhimmi
ilaalatuun(Godina,Aanaa yookiin Gorsaa) qoratamee dhiyaatu ni mirkaneessa.
Gahee Hojii Biiroo Daandiiwanii fi Loojistiksii Oromiyaa ---

• Hojii deeggarsa teknikaa qaamolee barbaachisu hundaaf akkaataa barbaachisummaa isaatti ni


kenna yookiin akka kennamu ni taasisa, akkasumas, hordoffii fi to’annoo walirraa hin citne
ni raawwata.
• Maallaqni fandii daandii, deeggarsa maallaqa madda adda addaa irraa argamu hojii suphaa
fandii daandiitiif karoorfameef qofa akka oolu hordoffii ni taasisa.
• Akkaataa ulfaatinaa,wal-xaxiinsa hojii fi miidhama daandii irratti hundaa’uudhaan daangaa
maallaqaa fi hojiiwwan sadarkaa naannoo, Godinaa fi Aanaa irratti hojjetaman adda baasee
ni kaa’a, ni beeksisa.
• Kaffaltiin adda addaa madda maallaqaa adda addaa irraa argamu kan baajata kaappitaalaa fi
maddoota galii biroo hundumtuu akkaataa seera, dambii fi qajeelfama faayinaansii hojiirra
jiruun kan raawwatamu ta’a.
Gahee Hojii W/ra Daandiiwanii fi Loojistiksii Godinaa

• WDLG bakka bu’aa BDLO ta’uun Manuwaalii Raawwii Hojii fi Sosochii Maallaqa Fandii
Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa hojiirra oolu isaa ni hordofa,ni to’ata.
• Karooraa hojii suphaa fandii daandii yeroo barbaachisaa ta’etti Aanaalee irraa dhiyaatu
boordii gorsittoota Godinaalee mirkanneessisuun naannoof ni dhiyyeessa.
• Qophii karoora suphaa Fandii Daandii irratti Aanaaleef deeggarsa ni kenna.
• Karoora waggaa suphaa daandii fandii dandiitiin geggeeffamu baajata rammadameef waliin
wal-simsiisuun qulqullinaan tartiibeessee (prioritize) Aanaan qopheessee Naannoof ni
dhiyeessa.
• Karoorii fi gabaasni hojii fandii kanaan hojjetamu kamiyyuu addatti qophaa’ee qaama
dhimmi ilaaluuf dhiyaachuu qaba.
Gahee Hojii W/ra Daandiiwanii fi Loojistiksii Godinaa ---

• Hirmaannaan uummataa humna bilisaa haala gabaa yerootiin shallagamee maallaqatti


jijjiramee baayinaa fi saalaan adda ba’ee karoorfame Aanaa irraa dhiyaate qindeessuun
Naannoof ni dhiyeessa.
• Gabaasa raawwii hojii suphaa fandii daandii qaama ilaalatuuf ni dhiyyeessa.
• Nagahee sassaabbii galii fandii daandiiwwan naannoon maxxanfamee ni rabsa yookiin akka
rabsamu haala ni mijeessa, ni hordoffa,ni to’ata.
• Sassaabbiin galii maallaqa Fandii daandiiwwan naannoo akkataa labsii, dambii fi qajeelfama
keessatti tumamee jiruun hojii irra ooluu isaa ni hordofa, bakka hanqinni jirutti tarkaaffiin
sirreeffamaa akka fudhatamu ni taasisa.
• Sassaabbiin galii fandii daandii irratti cimee haala itti fufiinsa qabuun akka sassaabamu
deeggarsa barbaachisaa Aanaaleef ni kenna.
Gahee Hojii W/ra Daandiiwanii fi Loojistiksii Godinaa ---

• Deeggarsa to’annoo fi hordoffii hojii supha daandii fandii daandiitiin wal-qabatee jiru hunda
yoo gorsaan kan hin qacaramne ta’e gorsaa ta’ee ni hojjeta.
• Baajata naannoo irraa gadi bu’ee naannoo bakka bu’uun waajjira maallaqaa Godinaa waliin
ni bulcha,ni to’ata,qajeelfama hordofee hojiirra akka oolu ni taasisa,akkasumas Aanaalee isa
jala jiraniif ni beeksisa.
• Hojii qorannoo fi qo’annoo aanaa waliin ta’uun ni qopheessa, qaama ilaalatuun
mirkaneesiissuun Naannoof ni dhiyeessa, hojii irra ni oolcha.
• Kaffaltiin madda maallaqaa adda addaa irraa argamu kan baajata kaappitaalaa fi galii biroo
hundumtuu akkaataa seera, dambii fi qajeelfama faayinaansii baheen kan raawwatu ta’ee,
ragaan kaffaltii raawwatamu kamiyyuu gorsaan kan qacarame yoo ta’e gorsaan
mirkaneessisuun/gorsaan kan hin qacaramne yoo ta’e WDLG akka gorsaatti ni mirkanneessa.
Gahee Hojii W/ra Daandiiwanii fi Loojistiksii Godinaa ---

• Kaffaltiin adda addaa madda maallaqaa adda addaa irraa argamu kan baajata kaappitaalaa fi
maddoota galii biroo hundumtuu akkaataa seera,dambii fi qajeelfama faayinaansii baheen
kan raawwatu ta’ee, ragaan kaffaltii raawwatamu kamiyuu gorsaan kan qacarame yoo ta’e
gorsaan mirkaneessisuun/gorsaan kan hin qacaramne yoo ta’e WDLG akka gorsaatti ni
mirkanneessa.
• Kaffaltii kontiraaktaraa irraa gama Aanaatiin dhiyaatu ni mirkaneessa, akka kaffalamu ni
hayyama.
• Kaffaltiin kamiyuu erga mirkanaa’ee booda Godina irraatti kan kaffalamu ta’a.
• Kaffaltii(payment certificate) gama Aanaatiin dhiyaatee mirkanaa’e kaaffaltiin itti
raawwatame naannoof ni dhiyeessa.
Gahee Hojii W/ra Daandiiwanii fi Loojistiksii Godinaa ---

• Maallaqa fandii daandii madda adda addaa irraa argame hojii suphaa fandii
daandiitiif karoorfame hojii irra oolu isaa ni hordofa, ni to’ata.
• Suphaan daandii fandii daandiitiin suphaman haala kenna tajaajila isaanii fi
baayina konkolaatota itti tajaajilamaniitiin yoo kan sadarkaan ol-gudachuu
barbaachise akkaataa gaaffii Aanaa irraa dhiyaatuun madaalee
barbaachisummaa hawaas-diinagdee daandichaan sadarkeessudhaan gaaffi
sadarkaa ol-guddisu naannootiif qorachuun adda baasee ni dhiheessa.
• Maallaqni fandii daandii, deggarsa maallaqa madda adda addaa irraa argamu
hojii suphaa fandii daandiitiif karoorfameef qofa akka oolu hordoffii taasisa.
Gahee Hojii W/ra Daandiiwanii fi Loojistiksii Godinaa ---

• Akkaataa daangaa maallaqaa fi hojii Aanaa fi Godinaaf gama BDLOtiin


kenname bu’uura godhachuun caal-baasii Aanaan baase qajeelfama bittaa
hordoffee raawwatamuu isaa hordofuun firii caal-baasii qindeessee haala
qulqullina isaa eegateen Naannoof ni gabaasa.
• Godinaaleen Aanaalee maashina/meshaalee hojii suphaa daandiitiif oolu ofiin
bittatanii of-harkaa qaban yookiin deggersaan argatan gatii xiqqaan hojjechuuf
maashina kanaaf waantota oolu kanneen akka boba’aa,dibata,meeshaa jiijjiiraa
fi kkf boordii sadarkaan jiru hayyamsiisuun Aanaa waliin ta’uun kanneen
barbaachisu akka guutamuuf ni taasisu.
Gahee Hojii W/ra Daandiiwanii fi Loojistiksii Aanaa
• Hojii qorannoo haala waliigalaa daandichaa fi istiraakcharootaa (Road condition survey &
Inventory) ni geggeessa,wagga waggaan akka ragaan ogeessan sassaabamee qindaa’u ni
taasisa, Qorannoo fi Qo’annoo qopheessuun Godinaaf ni dhiyeessa.
• WDLA haala bu’aa qorannoo daandiilee irratti hundaa’uun mala suphaa fi maallaqa suphaa
daandiitiif barbaachisu qoratee ni dhiyeessa.
• WDLA osoo gara hojiitti hin galiin dura baajata rammadameef hojii inni sadarkaa Aanaatiin
hojjechiisuu danda’u gorsaan yoo qacarame gorsaa waliin ta’uun/gorsaan kan hin qacaramne
yoo ta’e WDLG waliin ta’uun sarara daandii fi istiraakcharoota irratti hojjetamu filachuun
qulqullinaan wal-duraa duubaan haaluma karooraan akka suphamu ni taasia.
• WDLA boordii gorsittootaa Aanaa waliin ta’uun uummatni Aanichaa nagahee sassaabbii
galii fandii daandiitiin maallaqni ittifufinsaan akka sassaabamu ni taasisa.
Gahee Hojii W/ra Daandiiwanii fi Loojistiksii Aanaa ---

• Sassaabbiin galii maallaqa Fandii daandiiwwan naannoo akkataa labsii,dambii fi qajeelfama


keessatti tumamee jiruun hojii irra ooluu isaa ni hordofa,bakka hanqinni jirutti tarkaaffiin
sirreeffamaa akka fudhatamu ni taasisa.
• Karoora waggaa suphaa daandii fandii dandiitiin geggeeffamu baajata rammadameef waliin
wal-simsiisuun qulqullinaan tartiibeessee (prioritize) qopheessuun Godinaaf ni dhiyeessa.
• Karoorii fi gabaasni hojii fandii kanaan hojjetamu kamiyyuu addatti qophaa’ee qaama
dhimmi ilaaluuf dhiyaachuu qaba.
• Hirmaannaan uummataa humna bilisaa haala gabaa yerootiin shallagamee maallaqatti
jijjiramee baayinaa fi saalaan adda ba’ee karoorsuun qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessa.
• Gabaasa raawwii hojii ji’a ji’aan ni qopheessa, qaama ilaalatuuf ni dhiyeessa.
Gahee Hojii W/ra Daandiiwanii fi Loojistiksii Aanaa ---

• Kaffaltiin adda addaa madda maallaqaa adda addaa irraa argamu kan baajata
kaappitaalaa fi maddoota galii biroo hundumtuu akkaataa seera,dambii fi
qajeelfama faayinaansii baheen kan raawwatu ta’ee, ragaan kaffaltii
raawwatamu kamiyuu qaama dhimmi ilaaluun ergii mirkanaa’ee booda akkataa
karoora gocha hojii boordiin gorsittootaa Aanaa raggaasisseen qofa ta’a.
• Ragaa gaaffii kaffaltii qaama hojjicha hojjetu irraa dhiyaate ilaaluun mirkanesse
akka kaffalamuuf gaaffii Godinaaf ni dhiyeessa.
• Maallaqni fandii daandii, deeggarsa maallaqa madda adda addaa irraa argamu hojii suphaa
bulchiinsa fandii daandiitiif karoorfamee qofa akka oolu hordoffii ni taasisa.
Gahee Hojii W/ra Daandiiwanii fi Loojistiksii Aanaa ---

• Ragaa kaffaltii qaama hojii hojjete irraa dhiyaatu gorsaan kan qacarame yoo ta’e gorsaan
mirkaneessisuun/gorsaan kan hin qacaramne yoo ta’e WDLG akka gorsaatti waan
fayyadamuuf mirkaneessisuun WDLA gama isaatiin mirkaneessisuun Godinaaf dabarsuun
kaaffaltiin akka raawwatamuu ni taasisa.
• To’anno fi hordoffii hojii supha fandii daandii tiin wal-qabatee jiru hunda akkaataa
barbaachisummaa isaatiin ni taasisa.
• Dandiiwwan fandii dandiitiin suphaman haala kennaa tajaajila isaanii fi baayina konkolaatota
itti tajaajilamaniitiin yoo kan sadarkaan isaanii ol-guddisuun barbaachise akkaataa gaaffii
hawaasa irraa dhiyaatuu fi miidhama daandicha irra gahe giddugala godhatee
barbaachisummaa hawaas-dinagdee daandichaa ilaalcha keessa galchuun madaalee
sadarkeessudhaan gaaffi sadarkaa ol-guddisu qaama ilaalatuuf ni dhiheessa.
Gahee Hojii W/ra Daandiiwanii fi Loojistiksii Aanaa ---

• WDLA hojii suphaa fandii daandiitiin wal-qabatee jiru hojii eegumsa naannoo, oomisha
cirracha filatamaa fi mirga daandii kabachiisuu irratti xiyyeeffannoo addaa kennuun qaama
dhimmi ilaalu waliin ta’uun gama kamiinuu hojii hojjetamuuf haala ni mijeessa.
• WDLA daangaa maallaqaa fi hojii kennameef irratti hundaa’uun sanada caal-baasii ni
qopheessa, boordii gorsittootaa Aanaatiif dhiyeessuun ergi mirkanaa’ee booda caal-baasii ni
baasa, qaama mo’ate waliin waliigaltee ni uuma/mallatteessa, akkasumas, adeemsaa fi firii
caal-baasii WDLG ni beeksisa.
• WDLA bulchiinsa Aanichaa waliin ta’uun hojii suphaa daandiitiin wal-qabatee jiru hojii
eegumsa naannoo, bakka oomisha cirrachaa filatamaa fi mirga daandii kabachiisuu irratti
xiyyeeffanno addaa kennuun eegumsa barbaachissuu ni taasisa, akkasumas qaama dhimmi
ilaaluu waliin ta’uun akka qophaa’u ni taasisa.
Gahee Hojii W/ra Daandiiwanii fi Loojistiksii Aanaa ---

• WDLA fi Ejjensii Geejjiba Aanaa waliin qindaa’uudhaan konkolaattoota daandii irratti


fayyadaman, waldaalee geejjibaa, waldaalee leenjistootaa konkolaachisaa fi waldaalee fi
yuniyeenoota oomisha baadiyyaa keessaa sassaabani fi daandii baadiyyaa irratti baayinaan
fayyadaman qindeessuudhaan nagahee fandii daandiitiin maallaqni akkaataa kaaffaltii taarifa
qajeelfama fandii daandii keessatti ibsameen qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uun kan walitti
qaban ta’a.
• Aanaaleen maashina/meshaalee hojii suphaa daandiitiif oolu ofiin bittatanii of-harkaa qaban
yookiin deggersaan argatan gatii xiqqaan hojjechuuf maashina kanaaf waantota oolu kanneen
akka boba’aa,dibata,meeshaa jiijjiiraa fi kkf boordii sadarkaan jiru hayyamsiisuun Godina
waliin ta’uun kanneen barbaachisu guutachuun kan itti fayyadaman ta’a.
Gahee Hojii W/ra Damee Suphhaa Daandiiwanii Naannoo Oromiyaa---

Tooftaa Faayinaansii Waajjira Dameewwan Suphaan Hojjataamu (Own Force)


• Manuwaalii raawwii hojii fi sosochii maallaqa Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa bulchiinsa
faayinaansii Biiroo Daandiiwwan fi Loojistiksii Oromiyaatiif Dameewwan suphaa daandii
Oromiyaatiin yeroo hojjtamu qofa akkaataa armaan gadiitiin kan itti raawwwatamu dha.
• Biiroon Dameewwan Suphaa tiif sararoota daandiwwaan suphamanii adda baasuun ni beeksisa.
• Sararootni adda ba’an irratti dameewwan karoora hojii fiziikaalaa fi Faayinaansii dhiyyessuu qabu.

• Biiroon karoorri isaa boordiin erga mirkanaa’ee booda Damee suphaan kan hojjetamu yoo ta’e gara hojjitti ni
galu.

• Biiroon maallaqa lakkoofsa herreaggaa baankii Dameewwan Fandii Daandiiwwaniif banataniin dabarsa

• Maallaqa herregga baankii kan Sochasaan I/G Damee Suphaa fi dursaa garee bulchiinsa faayinaansii ta’uu
qaba.
Gahee Hojii W/ra Damee Suphhaa Daandiiwanii Naannoo Oromiyaa---

• Sanadoota herregaa waajjira maallaqaa irraa kan maxxansaame ykn


kan qophaa’e irraa fudhaachuu gara hojiitti ni galama, kun sanadoota
herregaa nagahee galii, nagahee kaffaltii fi ajaja galmeffama
herreggaa ni ta’a.

• Waajjira Maallaqaa irraa kan maxxansaame ykn kan qophaa’e,


nagahee galii (mod-19), nagahee baasii (mod-22), Bin Card, Istock
card fi gabatee gaaffii waajjira maallaqaa Godina irraa bittachuun kan
itti fayyadaman ni ta’a.
Yeroo Gabaasaan Walqabatee
•Gabaasni Faayinaansii fi Fiizikaala ji’aan, kurmaannaa fi waggaan
qophaa’e qindeessuun qaama dhimmi ilaaluuf ni darba.
Guduunfaa
• Walumaa galatti, manuwaaliin raawwii kun (ERA Technical Spefication for
Road Maintenaance Works 2nd Edition, 2003 G.C and Maintenaince
Management Manual, 2005G.C) akkaataa qabatamaa hojii suphaa daandii fi
Istiraakcharoota irratti hundaa’uun kan raawwatamu ta’a.
• Namni kamiyyuu hojiirra oolmaa Manuwaalii Raawwii Hojii fi Sosochii
Maallaqa Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa kana raawwachiisuuf
deggarsa kennuuf dirqama qaba.

• Akkaataa labsii, dambii, qajeelfamaa fi hojiirra oolmaa manuwaalii raawwii


hojii fi sosochii maallaqa fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa ba’eetiin kan
itti gaafatamu ta’a.

• Dhimmotni Manuwaalii Raawwii Hojii fi Sosochii Maallaqa Fandii


Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa kana keessatti hin hammatamiin yoo
qunnaman gaaffiin qaama dhimmi ilaalatuun dhiyaatee ibsii fi deebiin gama
BDLOtiin kan kennamu ta’a.
Galatoomaa!!
Horaa Bulaa!

You might also like