You are on page 1of 1

Guyyaa 01/13/2015

Iyyannoo

Waajjira Barnoota Aanaa D/Xiijootiif

Saaguree

Dhimmi Rakkoo Saamicha Qabeenya fi Meeshaa mana keessaa na jala saamame isin beeksifachuu ta'a.

Akkuma armaan olitti ibsamuuf yaalametti ani B/stuu Habiibaa Usmaan Barsiistuu M/B Boolladanaa kan
ta'ee kanaan dura baatii waxabajjii keessa halkan bakka ani rafetti lukkooleen koo kormaan Afur kan
qaama hin beekkamneen qalaman ta'uu isinitti iyyachuun koo ni yaadatama. Ammas dabalataan guyyaa
29/12/2015 waaree booda tilmaaman naannoo sa'aatii 11:30tti yoo ani mana yaalaatii galuu mana
jireenya koo kan dallaa M/B Boolladanaa keessatti argamu na jalaa cabsanii meeshaalee ani ittiin
fayyadamuu na jalaa saamaniiru. Kan hafee caccabsanii tajaajilaan ala taasisaniiru.kun dhugaa ta'uu
battaluma argeetti namoota naannootti argaman: kanneen Obbo Jeeylaan Roobaa jiraata ollaa dallaa
M/B fi Waardiyyaa M/B Boolladana Obbo Fayyoo Dasuu jedhamanitti mul'iseera. Sa'aatima kanatti
bilbilli D/T M/B hojjachuu didee jennaan manaajara ganda Ayimuraa boolladanaa obbo Xaahir
Kinniisoottis bilbilee himeera. Gaafa guyyaa 30/12/2015 ganama sa'aatii 3:30tti GMBB M/B,D/T M/B, Itti
Aanaa bulchaa gandaa fi Barsiisonni lama dhufanii ilaalanii jiru. Ta'us furmaanni qabeenya koo
saamameef kaa'amee hin jiru.maal akkanumatti callifama jedhe gaafannan jimaata siif ilaala jechuun ati
rabbiif jecha callisi naan jedhe GMBB M/B Keenya.kanaaf yeroo gara yerootti tarkaanfiin qabeenya koo
irratti fudhatama deemu kun dhiibbaa dubartummaa kootii ta'uu fi booda gara lubbuu kootiittu ni dhufa
sodaa jedhu guutumaan guututti waan qabuuf isinis kana naaf hubattanii fi kanaan booda M/B kanatti
deebi'ee barsiisuu kan hin dandeenye ta'uu beektanii furmaata akka naaf kennitan kabajaan isin
gaafadha.

Nagaa wajjiin

G/G

1 Waldaa B/sota Aanaa D/Xiijootiif Saaguree

2 Waajjira Bulchiinsa Aanaa D/Xiijootiif Saaguree

3 W Paartii Badhaadhinaa Aanaa /xiijootiif Saaguree

4 Waajjira dhimmaa Dubartoota fi Daa'immanii Aanaa D/Xiijootiif Saaguree

5 Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenya Aanaa D/Xiijootiif Saaguree

6 Waajjira Afa-Yaa'ii Aanaa D/ Xiijootiif Saaguree

Mallattoo

You might also like