You are on page 1of 10

- Fuula_. —O8 — | v4 a $4 , Lak galmee 33118 | fark 1h FO Guyyaa.

13 /03 /2016

lap: Sa‘aatii jalqabe. 03:30

Sa’aatii xumurame 05:40

Abbaa Murtii

Jamaal Gabree Himataan obbo Mujarrib Ittafaa dhiyaataniiru. Himatamaan obbo Geetaachoo Araggaa
dhiyaataniiru. Galmeen ragaa bitaafi mirgaa dhaga’uuf bulee gareen lamaanuu dhiyaatanii ragoonni
keenya nama sadai sadiitu dhiyaate jedhanii ibsanii booda ragoonni isaanii dhiyaatan kakatanii jechi
isaanii haala kanatti aanuun fuudhameera. Ragaa himataafi ragaa himatamaa isaan lffaan maqaan
Taganyee Hiikaa umurii waggaa 40 teessoon aanaa Mattuu ganda Aallee Buyaa hojiin qotee bulaa ragaa
ta’een dufe himataafi himatamaatu xalayaa naan gahe , himataaf himatamaa beeka humaa irraa hin
qabu isaan waa’ee lafa masinoo irratti wal himataa jiru jedhaniiru. Gaaffii duraaf deebii Ani wantan
beeku masinoo amma falmii kaase kana akkan itti beeku duraan masinoon kun duraan kan obbo Ittafaa
Nuuraa ta’uun beeka, erga Ittafaa Nuuraa du’anii immoo_ ilma isaanii kan ta’e Mujarrabuutu iddoo
isaanii bu’ee itti fayyadamaa jira. Inni Mallasaa Balaayinee itti fayyadamaa ture immoo soddoo isaanii
kan ta’e Mulunaa Lammaa harka jira. Himatamaan kan himatameef Mulunaa Lammaatu asheeta
nyaadhu jedhee masinoo oflirraa kutaa kutee kenneefi. Kunis bara 2011 keessa dha. Daangaa duraan
Ittaafa Nuuraafi Mallasaa Balaayinee kan addaan baasu _—ika’ usa isaa gubbaadhaa kaasee boonbaa
guuddatu gargar kutee gidduu bahaa ture. Amma immoo caffeen xiqqoon daarii boonbaa sanaan bigilee
kan jiru akkasumas isaan qabattee saani boonbaa sana duuchinaan himatamaan kun kanaan qabatee
gama lafa masinoo Mujarrabuutti ce’ee qonnaa qotateera. Bara 2014 fi bara 2015 ji’a Amajjii keessa
daangaa himataa kanaa kan ta’u darbee

ee re

Fuula —O a —

‘ana Murtil ; .n:MM. tu Lak galmee 33118

anh OCF ECH Mt Guyyaa. 13 /03 /2016 a Sa'aatii jalqabe. 03:30 N / } Sa'aatii xumurame 05:40
himatamaan kun qotate. Kan inni duraa qabates sangaa tokko ta’a. Anis acbhuma naannoo sanaan
bonee qaba achumaan qotataa jira , achumattin guddadhes. Dhimma kana ilaalchisee gandatti wal
himatanii jennaan gandi nu ergee aniifi Mulunaa Lammaa dhimmicha sirreessuuf yammuu deemnu bara
2015 keessa boqqolloon qotamee dallaan itti dalleeffamee kan jiru himatamaan maasaa koo keessa_ hin
lixxanu jedhanii himatamaan nu dhowwanii jennaan waan goonu dhabnee deebinee achumaan
himataan kun mana murtiitti himata dhufe. Himatamaan masinoo himataa kallatti lixaatiin lafa sangaa
tokko ta’u daangaa darbee qabate jedhaniiru.

Gaaffii qaxxaamuraaf deebii

Himatamaan kun kan masinoo himataa daangaa darbe bara 2014 daangaa darbee qotuu isaan beeka.
Himatamaan waggaa shanin masinoo sana qotadhe kan inni jedhu sobadha, kan inni qixxee namatti
kennes isuma kan himataa daangaa darbe kana dha. Kan himatamaan kun masinoo sana daangaa
darbee qabate yeroo abbaan himataa kanaa dhukkubsatanii ciisaa jiranuudha. Duuti isaanii waggaa sadii
caaleera. Abbaan himataa kanaa yeroo ofii dadhaban qixxee namatti kennatii itti fayyadamu inni qixxee
fuudhu kun immoo hunda_ hin qotu moggaa moggaa irraa lafa duwwaatti ambisa kanaan daariin daariin
isaa caffee ta’e male lafuma masinoo kan abbaa himataati waan abbaa hin qabne miti isuma abbaa qabu
himatamaan kun humnaan itti bahee qote. Abbaan himatamaa kanaa Araggaa Abdiisaa kan jedhaman
bara 2013 fi bara 2014 keessa lafa abbaa himataa kana qixxee fuudhanii gotaniiru jedhaniiru.

Ragaa himataa isaan 2ffaan maqaan Mulunaa Lammaa umurii waggaa 45 teessoon Aanaa Mattuu ganda
Aallee Buyaa hojii qotee bulaa sadarkaa barumsaa kutaa 7ffaa ragaa ta’een himataafi himatamaa beeka
himatamaadhaan haati koofi haati abbaa isaa obbolaadha isaan waa’ee lafa masinoo wal himataa jiru
jedhaniiru.

Gaaffii duraaf deebii

Ani wantan beeku daangaa abbaa himataa kanaatii lafa masinoon qaba. Isan qabu kana irraan boombaa
gama keessaa kan koo irraa kuteen himatamaa kanaaf kennee bara 2013 keessa gasoodhaan qotee
waan muraasa irraa nyaateera. Yeroo dhuma sana boonbaa baasee ji’a Amaijjii keessa. gotate bara 2014
ji’uma Amajii keessa qotate. Kan daangaa wal irraa qabu anaaf
-y. .

himataadha , himatamaan kun immoo isan kenneef qotatee achumaan isa kan himataa kanas_ittuma
fufee qotate. Lafti koofi kan himataa kanaa waan walumatti aanee jiruuf isan kenneefi qotatee booda
achumaan kan himataa kunis lafuma jira jedhee itti fufee qote. Lafti ani himatamaaf kenne tilmaamaan
sangaa tokko ta’a, inni kan himataa darbamee himatamaadhaan qotame immoo sangaa tokkoof
walakkaadhaa hanga sangaa lamaa ta’a kallaattiin inni darbe baha irraa gara kaabaatti kan jiru darbe.
Akka naannootti gandi dhaqaa ilaalaatii sirreessaa jedhee nu ergee jennaan yammuu deemnee ilaallu
Geetaachoon midhaan koo galuu hin dandeessanu nuun jedhee maasaa sana keessa galuu nu dhowwee
jennaan aniif Taganyi Hiikaa dhiifnee deebine. obbo Taganyeen hidhataa ganda sanaati. Kunis bara 2015
keessadha dubbicha achumatti araarsuuf turre. Himataan kun laficha isa gogaa bara 2014 abbaa
himatamaa kanatti qixxee kennee qotataa ture . lafa isa ciidhaa immoo abbaan himataa duraan qotaa
turan garuu ergaa_ isaan dadhabanii immoo lafti sun hin qotamne lafa bahe. Iddirii irratti immoo kan
dubbatame himataa kanaan lafa kana nurraqa qoti sa’a nutti harkisaa jedhamee dubbatamee ture
yammuu inni qotuuf deemu immoo himatamaan kun daangaa darbee qotateera jedhaniiru.
Xumurameera.

Gaaffii qaxxaamuraaf

Lafa_ caffees ta’e isa gogaa kan jedhame masinoo sana_ kan qotaa ture abbaa himataa kanadha,
himatamaan kun lafa caffee kan abbaa hin qabne utuu hin taane masinoo himataa kanaa qabate.
Himataan immoo bara 2015 gandatti himatamaa kana himatee xalayaa nutti fide, yeroo dhaqnee ilaallu
boqqolloon asheetee waan tureef hin galtanu jedhee nu dhowwe. Abbaan himatamaa_lafa masinoo
himataan kun qixxee itti kennanii jennaan qotaa turani bara 2014 isaantu qixxee qote jedhaniiru.
Xumurameera.

Gaaffiin keessa deebii hin kaane. Ragaa himataa isaan 3ffaan maqaan obbo Garramuu Oljirraa umurii
waggaa 45 teessoon Aanaa Mattuu ganda Aallee Buyaa hojii qotee bulaa sadarkaa barumsaa kutaa 5ffaa
ragaa ta’een himataafi himatamaa beeka humaa isaanirraa hin qabu _isaan waa’ee lafa masinoo laga
bonee wal himataa jira jedhaniiru.

Gaaffii duraaf deebii


Ani wantan beeku daangaa abbaa himataa kanaatii lafa masinoon qaba. Jalqaba isaatii kaasee masinoon
sun kan Ittafaa Nuuraafi kan obbo Mallasaa Balaayinee ta’uun beeka erga isaan du’anii

immoo ijoolleen isaanii itti fayyadamaa jiraachuus beeka. Daangaan isaan lamaan addaan baasu immoo
durumaan kan bahee ture bo’oo bishaanii guddaadha isatu daangaa isaanii addaan baasa. Amma immoo
erga abbaan himataa kanaa du’anii bo’oon sun cabee himatamaan kun daangaa darbee lafa bonee kan
himataa kan ta’e sangaa tokkoof wayi ta’u darbee bara 2014ti darbee qabate kan inni qotee irraa nyaate
immoo bara 2015 keessadha. Bogqgolloon sirriitti irraa nyaatamuun isaa bara 2015 keessadha. Yeroo
darbame sana himataan bara 2014 keessa gandatti himatee jennaan daangaa sirreessuuf yoo deemamu
himatamaan kun diduu isaan dhaga’e ani garuu jaarsummaa sana keessa hin turre. Warruma ragootaa
kanatu jaarsummaa sana keessa ture. Kallattiin himatamaan daangaa masinoo himataa kanaa darbee
qabate_ kallattii bahaatiin itti seenee qabate jedhaniiru. Xumurameera.

Gaaffii qaxxamuraaf deebii

Lafti masinoo himatamaan kun darbee qabate kanuma himataati lafa qotamaa ture qabate , garuu lafa
isa jiidhaa immoo kan offaa boqqolloo qabu miti. Utuma himataan kun gandatti isa himataa jiruu
himatamaan kun dide. Himata himataan himate irratti hundaa’uudhaan gandi xalayaa baasee
maanguddoota biyyaas ergee dhaqaa sirreessaa jennaan himatamaan kun dide kanaaf eessa ture isa
jedhuuf himataan kun himachaadhuma ture. Sababni isaa masinoo sana kan abbaan himataa qotee itti
fayyadamaa turan waqan ta’eef caffee isaayyuu hayyamsiifannee haammachaa turre male humnaan itti
gallee qotaa hin turre himatamaan kun garuu humnaan qabee qotate jedhaniiru. Xumurameera.

Gaaffiin keessa deebii hin kaane.

Ragoota himataa dhaga’uun xumuramee kan himatamaa dhaga’uutti ce’ameera.

Ragaa himatamaa isaan 2ffaan maqaan Takkaa Moosisaa umurii waggaa 40 teessoon Aanaa Mattuu
ganda Aallee Buyaa hojii qotee bulaa sadarkaa barumsaa kutaa 8ffaa ragaa ta’een himataafi himatamaa
beeka humaa isaanirraa hin qabu isaan waa’ee lafa masinoo wal himataa jiru jedhaniiru.
Gaaffii duraaf deebii

Ani wantan beeku laga masinoo himatamaan kun bara 2012 jalqabe yeroo jalqabus lafa obbo Mulunaa
Lammaa irratti jalqabe gasoodhaan qotuu jalqabe. Bara 2012, bara 2013 himatamaan kun lafa obbo
Mulunaa qote amma kana caffeen inni kan himataa kun gidduudhuma ta’a bara 2014 fi bara 2015
immoo erga isan kan Mulunaa gotee xumuree booda darbee kan himataa kanaa gotate.

Daangaan kootiifi kan himataa kanaa walirraa kan deebi’uudha. Lafti kun kan lafa taa’aa ture waan

ta’eef horiin gidduu midhaan nyaatti. Abbaan himataa kanaa gotaa turan garuu isaan dadhabanii
jennaan gidduutti qonnaan addaan citeera. Himataan kun gara lafa qooraa gotachaa ture. Inni amma
himatamaan kun qotaa jiru utuu hin qotamin turee jennaan qabee qotate. Yeroo himatamaan kun
qabiyyee kana qotaa jiru kana himataan gandatti himataa ture anaanis daangaa koo naaf sirreessaa
jechaa ture garuu gaafan deeme sana waan hin mijoofneefan dhiisee deebi’e. lafti darbamee qotame
kun tilmaamaan sangaa tokko ta’a , kallattii bahaatiin daangaan darbamee qabame. Lafti amma
himatamaan kun qabate utuu hin gotamin waggaa dheeradhaaf lafa baheera jedhaniiru.

Xumurameera.

Gaaffii qaxxamuraaf deebii

Goodaan isaa kan duraanuu qotamaa ture himataan kun qotachaa ture , ammas isatti dabalee
himatamaan kun lafa jiidhaas qabee qotateera. Akkuma beekamu masinoon koree qaba koreen
masinoos ta’ee gandi himatamaa kanaaf hin kennine humnuma isaatiin darbee qabate jedhaniiru. Gaaffii
keessa deebi hin kaane

Ragaa himatamaa isaan 3ffaan Asmaraa Fiqaaduu umurii wagga 37 teessoon Aanaa Mattuu ganda Aallee
Buyaa _—hojii qotee bulaa sadarkaa barumsaa kutaa 10ffaa ragaa ta’een dhufee himataafi himatamaa
beeka humaa isaanirraa hin qabu isaan waa’ee lafa boneetiif wal himataa jiru jedhaniiru.
Gaaffii duraaf deebii Ani wantan beeku laga masinoo himatamaan kun bara 2012 jalqabe yeroo jalqabus
lafa obbo Mulunaa Lammaa irratti jalgabe gasoodhaan qotuu jalqabe. Bara 2012, bara 2013 himatamaan
kun lafa obbo Mulunaa qote amma kana caffeen inni kan himataa kun gidduudhuma ta’a bara 2014 fi
bara 2015 immoo erga isan kan Mulunaa qotee xumuree booda darbee kan himataa kanaa qotate.
Himataafi himatamaan kun daangaa walirraa qabu§ himatamaan kun duraan lafa masinoo obbo
Mulunaa Lammaa qotaa turan. Daangaa himataaf himatamaa addaan baasee waanan beeku hin gabu.
Masinoon amma himatamaan qote kun duraan qotamaa hin turre lafuma taa’aa ture. Kan lafa ture
yeroo dhiyoo keessadha kunis bara 1997 duratti qotamaa ture isaan booda garuu himatamaan kun bara
2012 irraa jalqabanii qotuu jalqabe. Masinoon koos kan amma falmii kaase irraa fagoodha. Boonbaan
guddaan gidduu isaanii jiraachu hin beeku hojiis wal gargaaruuf deemee | hin beeku anarraa fagoodha
jedhaniiru. Xumurameera. Gaaffii qaxxaamuraaf deebii Himatamaan kun ka’umsa jalqabaa kanan beeku
laficha obbo Mulunaa Lammaa kan isaaf kenne ta’uun dhaga’e kanaan alatt garuu koreen masinoo
yookaan hojjetaan misoomaa gandichaa isaaf kennuu waanan beeku hin qabu jedhaniiru.
Xumurameera. Gaaffii keessa deebii hin kaane = xumurameera. Ragoota bitaafi mirgaa dhaga’uun
xumuramee booda ajajni kana gadii kennameera.

Ajaja

Durgoon ragootaa haa kaffalamu jedhamee booda_galmee qorachuuf beellam ni gaafa 26/03/2016 sa’a
3:20tti beellamameera. L

eT ALLARD wih tod.

,x

. Abbaa Murtil ° _ 7 Jarnaal Gabree

Himataan obbo Mujarrib Ittafaa dhiyaataniiru. - Himatamaan obbo Geetaachoo Araggaa dhiyaataniiru,

Galmeen gorannoof kan bulee qoratamee ajajni kanaa gadii kennameera.

AJAIA
Dhimmi kun goratamee yoo ilaalamu himataan himannaan isaanii himatamaan bumna isantiin jeequmsa
natti kaasee lafa masinoo koo sangaa 6 [ja’a] ta’e aanaa Mattuu ganda Aallee Buyaatti argamu daangaan
isaa Bahaan Lafa masinoo obbo Mulunaa Lammaa Lixaan masinoo dhuunfaa kootii Kibbaan lafa boonee
Yaadasaa Bulaa Kibbaan Lafa Boonee Aadde Xilaayee Mallasaatiin daanga ee argamu himatamaan kun
angoo isaatti fayyadamuun kallattii Bahaatiin sangaa 1 /tokko/ na jalaa qabatee oomisha boqgollo
kuntaala lama ani argadhu na dhabsiise kan jedhe waan ta’eef waaijjirri lafaa aanaa Mattuu bulchiinsa
gandichaaf koree masinoo gandichaa dabalachuudhaan bakka falmii kaasetti argamuudhaan qabiyyeen
amma falmii kaase kun duriin isaa kan eenyuu akka ta’e , himatamaan yoom akka qabate , haala kamiin
akka qabate humnaan qabachuu isaaf dhiisuu isaa , lafa qabiyyee himataa ta’e gabachuufi lafuma
gadhiisaa jiru qabachuuf dhiisuu isaa daangessitootaa bonee jedhamee lffaa obbo Takkaa Moosisaa ,
2ffaa obbo Mulunee Lammaa, 3ffaa aadde Xilaayee Mallaasaa kana itti dabalachuudhaan _ sirritti
gadifageenyaan qulqulleeffachuudhaan bu’aa isaafi qaboo yaa’ii dhimmichi ittiin quiqullaa chappaa
waajjirichaatiin deeggaruudhaan waajirri lafaa akka dhiyeessu abarraa’uuf ,

Waajjirri qonnaaf qabeenyaa uumamaas aanaa Mattuus yammu dhimmichi koreewwan ajajanamaaniin
qulqullaa’u isaanii waliin bakka sanatti argamuudhaan bonee sangaa tokko jedhame daangaan isaa
kallattii afuriin caqasamuun dhiyaate kan amma falmii kaase kana irraa oomisha bara 2014 — bogolloon
kuntaalli meeqa akka irraa argamuu danda’uuf

kuntaalli tokko kilo meeqa akka ta’e qarshiittis yoo tilmamamu gatiin kiiloo tokko qarshii

meega akka ta’eef walumaagalatti oomishni himataan qabiyyee kana irraa dhabe qarshii

meeqa akka ta’e qulqulleesuudhaan bu’aa isaa akka dhiyeessu jedhameera haa barraa’uuf jenneerra.
Bu’aa dhiyaatu eeguuf beellamni gaafa 15/04/2016 = sa’a =: 08:3 Ott beellamameera.

Durgoo ogeessa waajjira lafaafi kan ogeessa waajjira qonnaa himataan mata mataa isaaniif garshii 300
[dhibba sadii] kutaa ofiisaraatti qabsiisee booda ajaja akka gaqqabsiifatu jedhameera. , _ Durgoo bulchaa
gandaafi beektota naannoo himatamaan achumatt yeroo dhimmichi

quiqullaa’y haa kaffaluuf jedhameera.


Abbaa Murtii J amaal Gabree

Himataan obbo Mujarrib Ittafaa dhiyaataniiru. Himatamaan obbo Geetaachoo Araggaa dhiyaataniiru.
Galmeen bu’aa dhiyaatu eeguuf bulee haaluma kanaa gareen lamaanuu dhiyaatanii bulchaa gandichaa
itti aanaan isaanii obbo Yaadataa Taaddasaa kan jedhaman akkaataa ajaja kennameetiin dhimmicha
qulqulleessineerra jedhanii ibsanii bu’aa quiqullaa’es dhiyeessanii fuudhatamee kan jiru yoo ta’u bu’aan
waajjira qonnaa aanaa Mattuu irraa barreeffame xalayaa M1-2/853 gaafa 23/04/2016 fuulli tokko kan
waaijjira lafaa aanaa Mattuu irraa barreeffame xalaya BL.1/1028 gaafa 23/04/2016n barreeffame fuulli
tokko akkasumas qaboo yaa’i dhimmichi ittiin qulqullaa’e gaafa 20/04/2016 n barreeffame full lama
dhiyaatee dubbifamee booda galmeetti qabsiifameera. Bu’aa dhiyaate kana irratti himataafi himatamaa
yaada barreeffamaan dhiyeeffatan yoo qabaatan kutaa ofiisaraatii waraabbii isaa fudhatanii yaada
dhiyeeffatan yoo qabaatan beellama durasii karaa kutaa ofiisaatiin dhiyeeffatanii gvalmeetti qabsiifatanii
galmeedhan waliin qabamee akka goratamu jedhamee ajajni kanaa gadii kennameera.

Ajaja Bu’aa dhiyaate kana irratti himataafi himatamaa yaada barreeffamaan dhiyeeffatan yoo qabaatan
kutaa ofiisaraatii waraabbii isaa fudhatanii yaada dhiyeeffatan yoo qabaatan beellama durasii karaa
kutaa ofiisaatiin dhiyeeffatanii gvalmeetti qabsiifatanii galmeedhan waliin qabamee akka qoratamu
jedhamee galmeen qorannooof gaafa 02/05/2016 sa’a

10:00tti beellamameera. ~ Uh.


I'm not sure if you're not good at all.

-------------------

/Presented by Directorate of Communication and Inspection office and Directorate/

-------------------

(January 2,2016 MMWO,Finfine)- How are you our followers, the basis of the regulation of the system
and ethics of the work of Oromia judiciary No. On 16/2014, we have posted for you what is the moral
that is expected from lawyers and lawyers. Next time we will bring you the manners that are expected
from other parts. A good read !!

----------------

✍ The discipline that is expected from the lawyer

☞A lawyer should be in a way that he has to protect his dignity and dignity when he enters the dignity.

☞Before the lawyer enters the meeting of the people who are standing in the meeting should be asked
peacefully.

☞A lawyer should be called without logic and respect the owner of the case while serving the case.

☞Any lawyers who work with the work of the lawyers should be called, discuss and work with them.

☞A lawyer should not give legal advice to a responsible person.

☞The lawyer has to be enforced by the law if there is any act that is against the dignity.

------------------

✍ The discipline that is expected from the owner of the issue

☞The owner of the case should be investigated when he enters the court compound.

☞The style of dressing should be respected by the people of Oromia and the state of the country,
respected by the court and the administration of justice.

☞The judges of the case in the court and in the courts should do respectful things and other staffs that
ordered the court

☞Unless the special situation requires, the owner of the case should wait for the appointment at least
fifteen minutes before the appointment.

☞The owner of the issue of debate and debate should present in respect of other groups, judges and
other staffs.
☞When presenting an opinion and argument without directly calling the name of a lawyer or group
argument, in the parliament, he should be addressed by saying 'honorable court' or 'honorable lawyer'

☞Talking to a lawyer or to a human witness, or talking to him is prohibited.

--------------

Find out more information about the General Court broadcasting - Telegram - ☞
https://t.me/MMWO202

' https://www.facebook.com/profile.php?id=100064892762726 and You Tube- ☞


www.youtube.com/@manamurtiiwaliigalaaoromiy364 to get educative decisions visit Telegram- ☞
https://t.me/oolmaadhaddachaa2016

#Daayireektoreetii_Dhimmoota_Komunikeeshinii_MMWO

You might also like