You are on page 1of 47

2014

QORII QAROOMAA

Abdussalaam idriis fuua 1


2014
QORII QAROOMAA

QORII
QAROOMAA
Abdussalaam idriis
2014

Abdussalaam idriis fuua 2


2014
QORII QAROOMAA

Mirgi kitaaba kanaa


safuun eegamaadha,

Kitaaba Kana Irratti


Yaada Ykn Qeeqa
Akkasumas Dogongora
Koo Naaf Sirreessuuf ;-
0905550014
0927214227

Abdussalaam idriis fuua 3


2014
QORII QAROOMAA
BAAFATA
1. Kufaatiin Daandii Milkaa'inaati.
2. Araada Jaalatamaa!
3. Bakka Yaadde Ni Geessa!
4. Amalli Namoota Ciccimoo Garuu Akkas Miti.
5. Mindaa Ofitti Amanamummaa Dhabuu!
6. Dubartoota Arfan
7. Gorsa!
8. Hinaaffaa
9. Gad Aantummaa
10.Ni Dandeessa!
11.Irraa Baradhuu
12.Eenyummaa Isa Dhugaa
13.Nama Ogeessa
14.Gaggeessummaa
15.Qabannaa Jireenya Keetii Beeki!
16.Gorsa Xinnoo Kana Hubadhu!
17.Hiriyaan Gantuun Waa Sadii
18.Hiriyyaan Dhugaa Hoo?
19.Jaalala
20.Sumatu Si'i!
21.Hubadhu!
22.Ilaalcha
23.Galama Baafachuun Maaliif Barbaachisa?
24.Hiriyyaa
25.Dhaaamsa

DUBBISA GAARII!

Abdussalaam idriis fuua 4


2014
QORII QAROOMAA

KUFAATIIN DAANDII MILKAA'INAATI.

■ Namni Hayyuun Tokko Akkas Jedha:

"Rakkattee Osoo Hin Milkaa'in Hafte Yoo Ta'e, Kan Si Booda Milkaa'u
Dhaloota Tokkotu Jira; Osoo Hin Rakkatin Milkoofte Yoo Ta'e Garuu Si Dura
Nama Rakkatetu Ture." Jedha.

■ Dubbiin Namicha Kanaa 100% Dhugaa Dha.

• Maalifan Milkaa'uu Dhabee?

• Maalif Milkaa'inni Ana Irraa Fagaatee?

• Maalif Kufaatiin Natti Baay'atee? Jettee Komii Ofii Kee Irratti Nama
Irrattii Fi Rabbiirratti Hin Kaasin!

• Yoo Ofii Kee Rakkattee, Dadhabdee Milkaa'uu Baatte, Rakkina Kee


Kanatti Ilmi Kee, Dhaloonni Si Boodaa Milkaa'uu Danda'a.

Fakkeenya Tokkon Siif Fudhadha

■ Seenaa Dr. Maartiin Luuter King Juuniyeer Waan Beektu Natti Fakkaata.
Inni Bara Isaa Waggaa 38 Jiraate Keessatti Mirga Walqixxummaa
Gurraachotaaf Falmu Hoogganaa Ture. Sababa Kanaaf Yeroo Baay'ee Mana
Hidhaatti Darbatamaa Akka Ture Rakkinni Gurguddaan Isa Irra Gahaa Akka
Abdussalaam idriis fuua 5
2014
QORII QAROOMAA
Ture Beekamaa Dha. Haa Ta'u Malee Mirgi Gurraachotaa Kabajamee, Warri
Adii Fi Gurraachonni Mirga Walqixaa Qabaatanii Akka Jiraatan Osoo Hin
Argin Lubbuun Isaa Addunyaa Kana Irraa Namoota Badiin Dabarte. Garuu
Inni Ofii Isaa Rakkachaa Turee Milkaa'ina Rakkoo Isaa Osoo Hin Argin
Du'u Iyyuu, Har'a Ilmaan Isaa Bu'aa Rakkina Isaatii Dhamdhamaa Jiru.

Ilaali Rakkina Kee Har'aa Kana Ilaaltee Abdii Hin Kutin!

 Diinni Milkaa'inaa Inni Guddaan Abdii Kutuu Dha. Waan Hojjettu


Kamiyyuu Hamma Du'aatti Yoo Ta'e Iyyuu Cichii Jabeessii Itti Fufi!
Bor Yoo Duute Iyyuu Dhaloota Boriif Eebba Taate Duuta.

Dhaloonni Si Boodaa "Rakkina Inni Rakkachaa Ture Nuti Immoo Har'a


Bu'aa Isaa Jiraanna" Siin Jechaa Seenaa Kee Yaadachaa Jiraatu.

■ Hammuma Kufaatiin Sitti Baay'atu Milkaa'ina Keetti Dhiyaachaa Akka


Deemtu Beeki!

■ Kufaatiin Tokko Gaafa Si Quunnamu Deemsa Gara Galma Milkaa'ina


Keetti Gootu Dheerina Isaa Gabaabfachaa Jirta Jechuu Dha.

■ Imala Gara Milkaa'inaatti Deemuu Kee, Karaa Milkaa'inaa Irra Imalaa


Jiraachuu Kee Kan Siif Mirkaneessu Kufaatii Si Mudachaa Jiru Dha.

■ Kufaatiin Yoo Si Mudachaa Jira Ta'e, Jabaadhu Ati Karaa Milkaa'naa


Irra Jirtaati. Garuu Hamma Yoonaa Kufaatiin Si Mudatee Hin Jiru Yoo Ta'e
Ati Milkaa'ina Keef Deemsa Hin Eegalle Jechuu Dha.
Abdussalaam idriis fuua 6
2014
QORII QAROOMAA
■ Namni Osoo Hin Kufin Milkaa'e Nama Hin Hojjanne Dha Yookiin
Kufaatii Nama Biraatti Kan Milkaa'e Dha.

■ Kufaatiin Hammuma Si Mudachaa Deemu; Ofitti Amanamummaa Kee


Cimsaa, Waan Darbe Irraa Barachaa, Karaa Kaleessa Irratti Kufte Irra
Akka Hin Deddeebine Hubachaa, Karaan Biraa Akka Jiru Xiinxalaa Akka
Deemtu Si Gargaara.

■ Kanaaf Kufaatii Hin Jibbiin Kufaatiin Daandii Milkaa'inaa Ti.

• Jireenya Kee Jijjiruuf Sammuu Jijjiiramaan Har'a Jijjiirama Eegali!

ARAADA JAALATAMAA!

➥ Araada Tokkoon Wal Haa Barru. Araada Baay'een Ittiin Rakkatu Irraa
Adda. Araada Aara Hin Qabne, Araada Jaalatamaa! Araada Kanaan
Qabamuun Carroomuudha. Namni Araada Kanaan Qabame Sadarkaa Itti
Aanutti Darbuuf Tattaafata Malee Dhiisuuf Yaalii Hin Godhu.

➛ Araada Jaalatamaa! Abbaa Irraa Ilmatti, Hangafaa Quxisuutti, Kan Duraa


Irraa Kan Dhufutti Osoo Darbee Daandii Mil'uu Gara Kaleessaa,
Sakatta'iinsa Isa Har'aa Fi Mul'ata Boruu Ta'uun Dhalootaaf Miidhagina
Hiixata.

➛Eeyyeen! Nama Irraa Namatti Yoo Darbe Dhiibbaan Isaa Ba'aa Osoo Hin
Taane Bu'aa Buusa, Qara Baasa, Daba Sirreessa, Dhangaa Nyaataa Fi
Dhugaatii Ta'uun Dheebuu Fi Beela Bakkaa Kaasa. Araadichi Araada
Jaalatamaadha!

Abdussalaam idriis fuua 7


2014
QORII QAROOMAA
➛Nama Araada Kanaan Qabamee Fi Hin Qabamne Jidduu Garaagarummaa
Mul'ataatu Jira. Araada Jaalatamadha... Kanaafi! Bu'aan Araada Kanaa
Arraba Gabaabsa, Afaan Dhiphisa, Sammuu Immoo Daran Bal'isa.

➛Eeyyeen Wallaalaa Beekaa Godha, Beekaa Immoo Ittuma Qara. Keessa


Namaa Haaressuun Fakkaattii Alaa Jijjiira. Quba Namatti Qabbii Hir'isuun,
Of Beekuu Fi Sakatta'iinsa Keessa Namatti Dhiyeessa. Of Nama Barsiisa!
Kan Of Bare Immoo, Ofiifis Ta'ee Hawaasa Keessa Jiraatuuf Jal'isii Ta'ee
Kan Goge Jiisaa, Kan Jiidhe Immoo Lalisiisa Malee, Lolaa Ta'ee Kan Jiru
Balleesssuun Abdii Namaa Hin Golgoleessu.

➢ Araada Jaalatamaa!

➢ Araada Dubbisuu Sana.

➢ Araada Dubbisaa!

➛ Namni Dubbisus Isa Hin Dubbifne Irraa Adda. Dubbisaan Dubbii Tola;
Hammi Dubbatus Faara Tolaan Namaa Liqimfama. Dubbiin Isaas Akka
Damma Daamuuti; Dhaggeeffataan 'Dhaggeeffadhuu' Malee
Dhaggeeffachuuf Dirqamama. Dubbisaan Waan Dubbatu Beeka, Waan
Beeku Dubbachuufis Sodaan Hin Moo'atamu. Hayyee, Araada Dubbisaa
Haa Horannu! Haa Dubbifnu!

Bakka Yaadde Ni Geessa!

Abdussalaam idriis fuua 8


2014
QORII QAROOMAA
■ Eeyyen Bakka Yaadde Sana Ni Geessa.

Gaarii Yaadi!

Gaarii Hojjedhu!

Hirriiba Hin Jaalatin! Eeyyee Hojjedhuu Milkaa'i!

Barreessi! Dubbisi! Of Qaroomsi! Waanuma Dandeessu Godhi!

Waanuma Gatii Qabus Hojjedhu! Waanuma Qajeelaa Ta'e Yaaduun


Milkaa'ina Namaaf Gumaacha. Wanta Faayida Qabeessummaa Isaa Hin
Beekne Duukaa Hin Luucca'in!

Isa Gaarii Jabeessii Qabadhu! Yoos Wanti Gaariinis Si Barbaacha Gara


Kee Dhufa.

■ Yeroo Baay'ee Namoonni Ofitti Amanamummaa Hin Qabne "Milkaa'uu


Yoon Baadhes Nan Yaala" Jedhu. Yaadni Akkasii Shakkii Waan Of
Keessaa Qabuuf Kufaatii Fida.

■ Ofitti Amanamummaadhaan "Eeyyee Nan Danda'a" Jedhanii Yaaduun,


Humna Guutuudhaan Hojjetanii Akka Milkaa'an Nama Taasisa.

Egaa Ofitti Amanamummaan:

 Tooftaa Fi Sagantaalee Barbaachisoo Ta'an Baasudhaan Fuulduratti


Tarkaanfachuudha.

 Hanqina Ofii Ilaaluu Dhiisanii Cimina Lakkaawwachuu Dha.

Abdussalaam idriis fuua 9


2014
QORII QAROOMAA
 Yeroo Hundumaa Galma Galma Gahiinsaaf Itti Yaadu Dha.

 Hawwii Utuu Hin Taane, Hojjetanii Bu'aa Isaa Qabatamaan Fiduu


Dha.

■ Waan Tokko Gochuuf Gaafa Itti Amantu Battala Sanatti Malli Raawwii
Isaas Siif Dhufa.

AMALLI NAMOOTA CICCIMOO GARUU AKKAS MITI.

N
amootni Ciccimoon Kaayyoo Sirrii Ta'een Gaggeeffamu. Kaayyoo
Isaanii Kanaafis Bulu. Gochi Isaan Guyyaa Guyyaatti Hojjetan, Dubbii
Isaan Dubbatanii Fi Barreessan Hedduun Isaa Qaama Kaayyoo Isaanii
Kanadha. Sammuu Isaanii Fi Hubannaadhaan Gaggeeffamu Malee Oduu Namaan
Hin Bulan. Namoota Akkasii Irrattis Ta'ee Biratti Yoo Odeeffamu, Isaaniin Hin
Ajaa'ibu. Wanti Ta'aa Jiru Hedduun Isaa Wanta Isaan Duraan Yaadaniidha. Maal
Akka Yaadan, Maal Gochuu Akka Qaban, Rakkoo Tokkoof Maddi Isaas Falli
Isaas Maal Akka Ta'e Buusanii Baasanii Yaadu. Namoota Furmaataati Malee
Rakkoo-Uumtota Miti.

❏ Namoonni Ciccimoon, Wanti Hojjetamuu Fi Odeeffamu Kam Iyyuu


Fedhii Isaanii Malee Akka Dhiibbaa Hin Taane Irratti Hin Godhanneef Of
Eeggatu. Maal Akka Dhaggeeffatan, Maal Akka Dubbisan, Maal Akka
Dubbatan, Maal Akka Raawwatanis Bareechisanii Beeku.

Abdussalaam idriis fuua 10


2014
QORII QAROOMAA

❏ Amaloota Namoota Bebbeekoo Keessaa Inni Biraan Tokko Immoo,


Yeroo Hundumaa Sammuun Isaanii Banaadha. Beekumsa Dabalachuuf,
Ogummaa Fi Dandeettii Dabalachuuf, Gabbifachuuf Yeroo Hundumaa
Banaadha. Wanta Gaarii Irraas, Wanta Hamaa Irraas Wanta Baratan Qabu.
Maal Akka Godhanis Irraa Hubatu Malee Ittiin Hin Miidhamani.

❏ Cimina Isaanii Namoota Duratti Mirkaneessuufis Hin Dhiphatani.


Namootni Yoo Isaan Hubatanis Hubachuu Baatanis, Isaan, Irra Caalaa
Waanuma Gochuu Qaban Godhu Malee Haalaa Fi Oduudhaan Hin
Jeeqamani.

❏ Of Hin Tuulani. Siluma Iyyuu Cimoo Waan Ta'aniif, Ofii Isaanii


Fakkaatu Malee, Akka Nama Cimaa Hin Taanee Nama Cimaa Fakkaachuuf
Yaaluuf Of Hin Tuulani. Amalli Hamma Ofiin Alatti Of Tuuluus, Amala
Nama Cimaa Hin Taanee Akka Ta'e Bareechanii Beeku.

❏" Of Hin Jajanis." Hojiin Isaanii Inni Gaggaariin Akka Isaan Boonsu Waan
Beekaniif, Ofiin Of Leellisuuf Hagas Mara Hin Dadhabani.

❏ Amalootni Namoota Ciccimoo Fi Ciccimoo Hin Taanee Illee Hedduudha,


Ammaaf Garuu Kanuman Tuquu Barbaade. Mee Isin Immoo Maal Jettu?
Yaada Kana Keessatti Of Ilaaltaniittuu? Madaaltaniittuu?

Abdussalaam idriis fuua 11


2014
QORII QAROOMAA

Abdussalaam idriis fuua 12


2014
QORII QAROOMAA
MINDAA OFITTI AMANAMUMMAA DHABUU!

➥ Ofitti Amanamummaa Dhabuun Waan Qabatanii Jiran Nama Harkatti


Fokkisiisuu Irra Darbee Gatii Hin Malleen Of Nama Sharafsiisa. Isa Kan
Keetti Dugda Si Gachisiisee Kan Ormaaf Harka Si Kennisiisa. Harka Hin
Kenniin! Kana Yaadatti Qabachaama, Fakkeenya Tokko Waliin Haa Ilaallu.

■ Bara Durii Namoota Sadiitu Adamoof Manaa Bahan. Guyyaa Guutuu


Olii Gadi Fiigaa Turanii Homaa Tokkoyyuu Hin Arganne. Dadhabbii Fi
Beela Hammana Hin Jedhamneen Waan Hubamaniif Fala Osoma Dhahaa
Jiranii, Namicha Gosaan Warra Guddaa Kan Hoolaa Salgii Isaatti Baatee
Deemu Tokko Halaalatti Argani. Isaan Sadan Keessaa Tokko, "Namicha
Kana Irraa Humnaan Hoolaa Fudhannee Qalannee Nyaachuu Qabna Malee
Hin Duunaa?" Ittiin Jechuun Yaada Dhiyeesseef. Yaada Kanatti Mataa Isaa
Olii Fi Gadi Sochoosuun Gammachuun Walii Galuu Isaa Ibse Inni Tokko.
Inni Hafe Immoo, "Hoolaa Kana Fudhannee Akka Nyaannu Fedha Nan
Qaba, Garuu Akkamittiin Akka Irraa Fudhannuuf Falli Jira" Jechaa Fala
Sana Isaaniif Dhiyeesse.

■ Akkuma Walii Galtee Isaanii Gochuuf Ka'ani. Karaa Namichi Irra Darbu
Irra, Fageenya Murtaa'aan Walirraa Fagaatanii Dhaabbatani. Inni Jalqaba
Irra Dhaabbatu Namicha Hoolaa Baatee Deemu Sanaan, "Maali Namichoo!
Ati Gosa Warra Guddaa Taatee Saree Salgiitti Baattee Deemtaa? Namni
Biraan Si Argee Osoo Nama Kolfaa Si Hin Godhiin Ofirraa Darbi Saree
Kana!" Ittiin Jedhe. Namichi Inni Hoolaa Baatee Deemu Sunis, "Namichoo!

Abdussalaam idriis fuua 13


2014
QORII QAROOMAA
Hoolaa Fi Saree Adda Baafatteeyyuu Hin Beektuu? Maraataa! Kan Ani
Baadhee Jiru Hoolaa Malee Saree Miti. Ana Osoo Hin Taane Situ Saree
Baatee Jira" Jechuun Bira Darbee Deeme.

■ Hoolaa Isaa Baatee Osooma Deemaa Jiruu, Bakka Namicha Lammataa


Gahe. Namichi Karaarra Dhaabbatee Jirus Hin Callisne. Dabaree Isaa,
"Har'ammoo Saree Salgiitti Baachuutu Eegalamee,...Safuu! Oollee Bullee,
Waan Hedduu Arginee Dhageenya. Maal Taatee Jirta Namana?" Yeroo
Jedhuunii, Kan Hoolaa Baatee Jiru Sun Akka Duraa Ija Jabaatee Ifachuu Hin
Dandeenye. Ifachuu Dhiisuurra Darbee Iyyuu Nahee Jira. Miira Sodaa
Makateen, Harka Isaan Qaqqabachaa Hoolaa Ofirratti Ilaalaa, "Hoolaa
Mitimoo Kanan Baachaa Jiru? Hoolaa! Sareen Kana Hin Fakkaattu" Jedhee
Bira Darbee Deeme.

■ Shakkiin Baay'ee Humna Isaa Irratti Godhatee Jira. Hoolaa Fi Saree


Ta'uu Adda Baafachuuf Ofitti Odeessaa Deema. Isaa Akkanaan Jirutu Nama
Sadaffaa Bira Gahe. Kan Sadaffaan Sunis, "Maaliif Maqaa Warra Kee
Warra Guddaa Nyaatta? Saree Baattaa? Isayyuu Salgiitti! Osoo Namni
Biraan Sin Argin Lafa Buusii Badi!" Jedheen. Kana Dhaga'ee Qilleensa
Jidduu Hin Galchine Kan Inni Hoolaa Lafa Buusee Fiigichaan Qajeele.
Akkanaan Hoolaa Isaanii Fudhatanii Galani.

 Barbaachisummaa Waan Baatee Jiruu Dhabuun Isaa Hoolaa Isa


Dhabsiise. Hoolaa Ta'uu Isa Wallaalchisee Salphina Sareen

Abdussalaam idriis fuua 14


2014
QORII QAROOMAA
Saalfachiise. Kun Miindaa Waan Qabatee Jiru Wallaaluu, Miindaa
Ofitti Amanamummaa Dhabuu Isaati.

Akka Hin Daganne! Hiree Kee Sumatu Ofiif Murteeffata. Eeyyeen


Sumatu! Gatiin Kees Madaala Keen Murtaa'a. Ofitti Amanamummaa
Hir'attee Caarataa Ofirratti Hin Baasiin. Gatii Salphaan Kan Si Sharafuuf
Qophaa'ee Jiru Hedduu Ta'uu Mala. Isa Manaa Baateef Duubatti Hin
Deebi'in! Isa Harkatti Qabattee Jirtus Sirriitti Beeki! Ofitti Amanamummaa
Dhabdee Warqee Harka Keerra Jiru Hin Darbatiin! Ofitti Amanamummaa
Kee Cimsadhu! Harka Hin Kenniin!

Abdussalaam idriis fuua 15


2014
QORII QAROOMAA
DUBARTOOTA ARFAN

➤ Bar Tokko Mootii Qabeenya Guddaa Qabu Tokkotu Ture. Innis Haadha
Manoota Afur Qaba. Mootiin Kun Haadha Manoota Isaa Wal Caalchisee
Jaallata.

➛ Isaan Keessaa Ishee 4ffaa Hunda Caalaa Jaallata Ture. Uffata


Mimmiidhagaa Fi Waan Gaggaarii Jedhamu Maras Isheedhaaf Godha.

➛ Ishee 3ffaas Ni Jaallata, Fudhatee Bashannanaafis Deddeema.


Naanna’ees Jireenya Ollaa Isaanii Daawwachiisa Ture. Isheenis Baay'ee
Bareedduu Waan Turteef Namni Ana Irraa Fudhataa Laata Jedhees Ni
Sodaata Ture.

➛ Akkasuma Haadha Manaa Isaa Ishee 2ffaas Garraamii Fi Yaada Qabeettii


Ta'uu Isheef Ni Jaallata Ture.

➛ Ishee 1ffaa Garuu Jiraachuudhuma Isheeyyuu Dagatee Ture. Waa’ee


Ishees Kaasuu Hin Fedhu. Isheen Garuu 3n Isaanii Caalattii Laphee
Qulqulluudhaan Isa Jaallatti Turte.

➤ Osuma Kanaan Jiranii Mootiin Kun Dhukkubsate. Dhukkuba Cimaa


Kanaanis Du’aaf Akka Ga’e Of Bare. Yoo Du’u Garuu Qofaa Ta’uu Isaa
Yaadee Baay'ee Sodaatee Dhiphate. Kanaaf Dubartootaa Isaa 4n Keessaa

Abdussalaam idriis fuua 16


2014
QORII QAROOMAA
Tokkoon Isaanii Isa Waliin Akka Ta'an Yaade. Gaaffii Kanas Tokko
Tokkoo Isaanii Gaafate.

➛Ishee 4ffaadhan, Akkas Jedhe Baay'ee Baay'ee Akkan Si Jaalladhu Beekta,


Yoon Du’e Qofaa Koo Jiraachuun Waan Na Sodaachiseef Na Waliin Ta'uu
Dandeessaa? Jedhee Gaafate. Isheenis, "Tasumallee" Deebii Jedhu Qofaa
Kenniteefii Biraa Sokkite. Baay'ee Aaree,

➛ Ishee 3ffaas Akkas Jedhee Gaafate, "Jireenya Koo Guutuu Siif Kennee
Akkan Si Jaalladhu Beekta. Si Irraa Fagaadhee Hin Jiraadhu, Kanaafuu
Yoon Du'eef Ana Waliin Du’uu Dandeessaa?" Jedhee Gaafate. Isheenis,
"Lakki, Jireenyi Baay'ee Gaariidhaam, Yoo Ati Duutes Deemeen Nama
Biraatti Heeruma Ittiin Jetteenii Biraa Sokkite.

➛ Ishee 2ffaa Immoo Akkas Jedhee Gaafate, "Ati Yeroo Hunda Gorsaaf Na
Barbaachifta, Jireenya Koo Keessaa Si Dhabuu Hin Fedhu! Yeroon Du’utti
Na Hordoftaa? Ana Waliin Taataa Jedhee Gaafate. Isheenis, "Dhiifama,
Amma Si Gargaaruu Hin Danda’u, Garuu Guyyaa Awwaala Kee Haalan
Miidhagsee Boo’ee Sin Gaggeessa" Ittiin Jette.

➛ Kana Gidduutti Sagaleen Ol-Ka’ee "Eessayyuu Yoo Ta'e Si Waliinan


Deema! Sin Hordofas!" Jedhu Dhaga’e.

Haadha Manaa Isaa Ishee 1ffaa Ta’uu Gaafa Hubatu Mootichi Baay’ee
Gadde. Isa Isheedhaaf Waan Gaggaarii, Nyaatas Ta’ee Uffata Homaatuu

Abdussalaam idriis fuua 17


2014
QORII QAROOMAA
Godheefii Hin Beekne Yaadatee Gaabbiidhaan Quba Of Nyaachuu Jalqabe.
"Baay'een Gadda, Kanaan Booda Carraan Argadhe Kamiinuu Si
Kunuunsuuf Waadaan Siif Gala" Jedhe. Ofitti Ishee Qabee Hammatee
Dhungate Jedhama.

➤ Hiikan Dubartoota Arfan Kanaa Fi Dhugaan Jiruuf Jireenya Nama Kami


Keessayyuu Jiru Kan Armaan Gadii Ta'a. Namni Hunduu Jireenya Isaa
Keessatti Haadha Manaa Afur Qaba.

➛ Isheen 4ffaa, Foon Keenya. Baay’ee Buunee Baaneefii Jirra.


Kulkulleerras. Inni Garuu Du’a Keenyatti Kan Badudha.

➛Isheen 3ffaan, Qabeenya. Qabeenyi Gaafa Nuyi Duunu Kan Nama Biraati.
Har’a Ofumaaf Sassannee Namni Biroon Na Jalaa Fudhata Jennee Sodaanna
Malee Nu Waliin Hin Awwaalamu. Harkuma Qullaas Keessaa Deemna.

➛Isheen 2ffaan, Maatii, Firaaf, Hiriyaa Keenya. Tokkoon Ishaaniiyyuu Nu


Waliin Gara Bool’a Du’aa Hin Seenani. Baay’ina Hangamii Qabaatanillee
Waaree Nu Dhiisanii Wal Urursaa, Wal Jajjabeessaa Qofaatti Isa Du’e
Gatanii Galu. Eegduun Qacaramuufis Hin Jiru.

➛Isheen 1ffaan, Kan Xiyyeeffannoo Hin Qabne, Yoo Nuyi Dhiifnellee Nu


Malee Nama Biraa Kan Hin Qabne, Lubbuu

Abdussalaam idriis fuua 18


2014
QORII QAROOMAA
(Sammuu) (Our Mindstream) Keenya. Hanga Foon Keenyaaf Dhamaanu
Lubbuu Keenyaaf Dhama'uu Baannullee Lubbuun Keenya Nu Malee Hin
Qabdu. Nu Irraa Adda Baatees Jiraachuu Hin Dandeessu.

➦Kanaafuu Haala Kam Keessattuu Lubbuu Keenyaaf, Sammuu Keenyaaf


Xiyyeeffannoo Haa Laannu, Haa Kunuunsinu.

Abdussalaam idriis fuua 19


2014
QORII QAROOMAA
GORSA!

➲ Gaafa Karaa Tokko Siif Guutu Karaa Biraa Akka Sitti Hir’atu Beeki!
Hir’uun Namaa Daangaa Hin Qabu Waan Ta’eef.

➲Namni Baay’een Yeroo Si Jaallatu Baay’een Akka Si Jibbu! Beeki Hundi


Gaarummaa Namaa Hin Yaaduutii.

➲Nama Ofii Isaa Sitti Boonsu Irraa Fagaadhu! Keessa Isaa Tuffii Jiraatii.

➲ Korojoon Kee Guyyaa Tokko Guutee Gaafa Biraa Duwwaa Yoo Ta’e Of
Hin Dhiphisin! Qarshiin Ulaagaa Sin Guuchisuuti.

➲ Namoota Siif Gadii Kabaji! Atis Borii Kee Hin Beektuutii Rakkinas
Ta’ee Baldhina Imaanaa Hin Dagatin Nama Galfata Nyaate Jedhamtaatii!

➲Hamma Dandeettii Kee Carraaqi! Nama Dhalootaaf Waa Kaa’e Taataati.

➲Umurii Yartuu Jiraattuuf Nama Hin Hammeessin! Seenaan Si Abaaraatii.

➲ Arraba Keef Eeggannoo Godhi! Kan Ati Qoosaaf D Ubbatte Nama


Gaddisiisuu Danda’aatii.

➲ Kaayyoo Kee Bira Hanga Geessutti Nan Dadhabe Hin Jedhin! Nama
Karaatti Hafe Taataatii

Abdussalaam idriis fuua 20


2014
QORII QAROOMAA
➲ Har’aa Keetti Rakkinni Yoo Baay’ate Gadda Hin Baay’isin! Borii Keetu
Gammachuudhaatii!

➲Gaafa Qabdu Si Jaallatanii Gaafa Dhabdu Kan Si Jibbaniif Iccitii Kee Hin
Qoodin! Keessa Isaanii Ilkee Cimaatu Jiraati.

➲ Warra Si Dubbachiisanii Afaan Kee Irraa Dubbii Funaanan Baqadhu! Si


Waliin Karaa Dheeraa Deemuu Hin Danda’aniitii.

➲ Carraatti Utuu Hin Taane Hojii Rabbitti Amani! Amantiin Jalqaba


Milkaa’uutii!!!

Abdussalaam idriis fuua 21


2014
QORII QAROOMAA
HINAAFFAA

➢ Abbaa Manaatu Haadha Manaa Isaa Mana Gurgurtaa Fudhatee Deemuun


"Harmee Kootiif Kennaa Bitee Kennuu Waanin Barbaaduuf Mee
Kennaa Isa Baay'ee Miidhagaa Ta'e Naaf Fili." Jedheen.

 Haati Manaa Isaas Waan Hinaaffaa Cimaan Qabamteef Kennaa Isa


Gatiin Salphaa Ta'ee Fi Fokkisaa Dha Jettee Itti Amantu Akka Bitu
Itti Agarsiiste.

 Innis Kennicha Bitee Meeshaa Kennaa Itti Kennaniin Marsiisee


Haadha Manaa Isaa Galateeffatee Deeme.

 Galgala Kennaa Sana Qabatee Gara Mana Isaatti Galee Haadha


Manaa Isaaf Kenne. Ishiinis "Harmeedhaafin Bita Naan Hin Jennee?"
Jettee Gaafatte.

 Innis "Surprise Si Gochuu Barbaadeen Waan Keessi Kee Jaalatu


Baruuf Tooftaa Kanattin Fayyadame Malee Kennicha Siifin Bite."
Jechuun Deebiseef. Bu'aan Hinaaffaa Kanuma.

Abdussalaam idriis fuua 22


2014
QORII QAROOMAA
GAD AANTUMMAA

➥Gad Aantummaan Sababa Kufaatii Namoota Hedduu Addunyaa Kanaati.

➢ Gad Aantummaan Sababa Milkaa'uu Dhabuu Namoota Baay'ee Dachee


Kana Irra Jiraataniiti.

➢ Namoonni Tokko Tokko Sababan Harka Hin Qabneef Milkaa'uu


Dadhabee Jedha.

 Kaan Immoo Sababa Miilla Dhabuu Kootiifan Lafa Naaf Yaadame


Ga'uu Dadhabe Jedha.

Kaan Immoo Sababa Ija Dhabuu Kootiif Jedha.

Gariin Immoo Sababa Duudaa Ta'uu Koof Jedhu.

➢ Waan Hin Qabne Kana Hunda Sababa Godhee Gad Aantummaan Itti
Dhaga'ama. Garuu Akkas Ta'uu Hin Qabu Waan Hin Qabne Hin Lakkaa'in!

Wantoota Qabdu Qofaan Yoo Hojjette Iyyuu Milkaa'aa Ta'uu Dandeessa.

 ➢Ilaalcha Gad Aantummaa Keessaa Ba'i!

Miilla Dhabuu Keef, Harka Dhabuu Keef, Fira Dhabuu Keef, Qarshii
Dhabuu Keef Kan Kana Fakkaatan Dhabuu Keef Gad Aantummaan Sitti Hin
Dhaga'amin Jaala Koo.

➢ Mul'ata Kee Galmaan Ga'uuf Jiraadhu. Gad Aantummaan Sitti Hin


Dhaga'amin! Dandeettii Addaa Qabdu Gonfachuuf Ammuma Jalqabi!

Abdussalaam idriis fuua 23


2014
QORII QAROOMAA

NI DANDEESSA!

➥ Wanti Ati Kun "Hin Danda'amu Baay'ee Ulfaataadha" Jettu


Caaladhumattiyyuu Sitti Ulfaata. Faallaa Kanaa Wanta Ulfaatu Kamuu
Kutannoodhaan Itti Deemnaan Baay'ee Salphaadha.

➨ Injifannoon Kee Harka Kee Keessa Jira. Abjuun Kees Hiika Qaba. Waan
Abjootte Immoo Hiika Itti Kennuuf Ammuma Irraa Dhama'i! Dhamaatii Fi
Milkaa'inni Kee Hiika Abjuu Keeti.

➨ Abjuu Kee Of Keessatti Awwaaltee Hafta Taanaan Ati Ofiifuu Hin Taatu.
Osoo Ofiif Hin Taane Namaaf Ta'uun Hin Jiru Waan Ta'eef. Ofiif Yoo Taate
Kaaniif Taata.

➨ Jalqabni Milkaa'ina Kee Garuu Anaa Miti, Isaa Miti, Ishee Miti, Isaan
Miti, Nu'is Miti, Si'uma Si'i Mataa Keeti. Situ Siif Hiika Qaba. Hiika Ofiif
Kenni Namaa Gaditti Of Hin Ilaalin, Namni Ati Ofii Ol Gootu Hundinuu
Akkuma Kee Ji'a 9 Tti Dhalatee Yeroo Sana Maaliin Si Caala Ture Mee?
Nuti Hundinuu Yeroo Dirra Lafaa Kanatti Dhufnu Homaanuu Wal Hin
Caallu. Eegas Booda Namni Akkaataa Tattaaffii Isaatiiniif Akkaataa Ilaalcha
Isaatiin Wal Caaluu Jalqaba Malee.

Abdussalaam idriis fuua 24


2014
QORII QAROOMAA
➨ Kanaaf Gabaabamatti Wanti Jechuu Barbaadu, Ilma Namaa Kana
Hundaaf Yeroon Wal Qixa Kenname. Siifi Diina Keetiifis Wal Qixa
Kenname, Akkasumas Atiif Nama Ati Ofii Olitti Ilaaltuufis Waluma Qixa
Kenname.

➨ Diina Ofiitii Gadi Ta'anii Diina Ofiitti Hajamuu Caala Wanti Nama
Jibbisiisuu Fi Hamilee Nama Buusu Hin Jiru.

Kanaaf Teessee Diina Keetii Gaditti Ofi Hin Yaadiniitii Yeroo Walqixa
Siif Kennamte Kana Isaa Olitti Fayyadamuuf Yaali Yoos Caaluu
Dandeessaati.

Abdussalaam idriis fuua 25


2014
QORII QAROOMAA
IRRAA BARADHUU

➥ Halkan Tokko Utuu Barattoonni Ga'eessonni Barataa Jiranii Ogeessi


Xinsammuu Tokko Kutaa Seenee, Har'a Tapha Qabna Jedhe.

■ Barattoonnis Tapha Akkamii Jedhanii Gaafatan. Barsiisaanis

Barataan Fedhii Isaatiin Ka'u Jennaan Barataan Dhiiraa Tokko Ka'e.


Barsiisaanis Barataa Sanaan Namoota Baay'ee

Jaalattu 30 Gabatee Gurraacha Kana Irratti Barreessi Jedheen.

 Baratichis Maatii Isaa Irraa Eegalee, Oollaa Isaa, Fira Isaa Fi


Hiriyoota Isaa Hamma Nama 30tti Barreesse.

Barsiisan, Kana Keessaa Namoota Si Hin Fayyanne 3

Balleessi Jedhe. Innis Maqaa Ollaa Isaa Balleesse. Ammas Maqaa Nama 5
Balleessi

Jennaan Baratichi Namoota Fagoo Ta'an Fira Isaa Keessaa Balleesse.

■ Akkuma Kanaan Maqaa Barreesse Hunda Balleessee Fixee Maqaa


Haadha, Abbaa, Haadha Manaa Fi Ilma Isaa Qofatu Hafe. Ammas Barsiisan
Maqaa Arfan Kana Keessaa Maqaa Nama 2 Balleessi Jedheen. Barataan
Sun Baay'ee Na'ee Akka Nama Dirqamaan Balleessisee Maqaa Haadha Isaa
Fi Abbaa Isaa Balleesse.

Abdussalaam idriis fuua 26


2014
QORII QAROOMAA

■ Barsiisan Dhuma Irratti Warra Hafan 2 Keessaa Maqaa Nama 1 Akka


Balleessu Itti Hime. Ammas Baratichi Sammuun Isaa Baay'ee Jeeqamaa,
Harki Isaa Hoollachaa, Sodaachaa Maqaa Ilma Isaa Keessa Balleesse.

■ Barsiisaan Gad Taa'i Ittiin Jedheen. Achiin Booda Daqiiqaa Muraasa


Booda Barsiisichi:

➛"Maaliif Maqaa Haadha Manaa Kee Hambifte?

➛Maatiin Kee Siif Nama Ati Yeroo Hunda Itti Of Abdattudha.

➛Ilmi Kee Qaama Kee Nama Baay'ee Sitti Aanudha.

➛Haadha Manaa Garuu Kan Biraa Fuudhuu Dandeessa.

➛Maaliif Hunda Isaaniirra Haadha Manaa Kee Caalchifatte?" Jedheen.

■ Barataan Sunis Suuta Jedhee Akkas Jedheen:

 Tarii Guyyaa Tokko Maatiin Koo Na Dura Biyya Lafaa Kana Irraa
Darbuu Danda'u.

 Ilmi Koo Immoo Gaafa Guddate Sababa Barumsaaf Yookiin Hojiin


Na Dhiisee Deema.

 Bara Jireenya Koo Guutuu Hamma Lubbuun Lafa Irra Jiraadhutti Kan
Na Bira Jiraachuu Danda'u Haadha Manaa Koo Qofa Jedheen.

Abdussalaam idriis fuua 27


2014
QORII QAROOMAA
 Yeroo Kan Barattoonni Kutaa Guutuun Harka Rukutaniif.

➦ Dhugaadha. Hundi Keenya Iyyuu Maatii Keenya Hammam Yoo


Jaalanne Iyyuu Guyyaa Tokko Dhiisnee Deemna. Maaliif Yoo Jennee
Haadha Manaa Yookiin Abbaa Manaa Fi Ijoolleen Keenya Hammam Yoo
Nu Jaallatan Iyyuu Nu Dhiisanii Deemu. Dhuma Irratti Kan Nu Biratti Hafu
Haadha Manaa Keenya Yookiin Abbaa Manaa Keenya.

■ Eyyeen Obboloota Koo. ➦ Haati Manaa Kennaadha Malee Filannoo


Miti.

➦ Haadha Manaa Fuudhun Barbaachisummaan Isaa Galgala Galgala Sitti


Yaadatama Yoo Ta'e Ati Fuudhuu Barbaadda Osoo Hin Taane Nama Wajjin

Bultu Barbaadda.

➦ Haadha Manaa Fuudhun Kan Sitti Dhaga'amu Yeroo Uffati Kee, Manni
Kee, Xuraa'u Qofaa Yoo Ta'e, Ilaalchi Kee Galma Murtaa'aa Namni Hiriyaa
Gaa'elaa Qabaachuuf Jiru Kamiyyuu Irratti Yaaduu Qabu Irraa Kan
Fagaatedha.

➦ Haadha Manaa Qabaachuun Kee Ilaalcha Jaalalaa, Fedhii Saalqunnamtii,


Hiriyyummaa Yookiin Ijoollee Godhachuuf Qofa Irratti Kan Hundaa'e Ta'uu
Hin Qabu.

Abdussalaam idriis fuua 28


2014
QORII QAROOMAA

EENYUMMAA ISA DHUGAA


➥ Eenyummaan Kee Inni Dhugaan Isa Yeroo Ati Qofaa Kee Jirtu
Hojjettuudha.

➲ Dhugaadha. Eenyummaan Keenya Isa Yeroo Qofaa Keenya Hojjennudha


Malee Isa Uummata Biratti Qofa Hojjennu Miti. Nama Duratti Wanta
Qajeelaa Hojjenna Ta'ee, Yeroo Qofaa Keenyaa Immoo Wanta Jal'inaa
Hojjenna Yoo Ta'e Eenyummaan Keenya Sun

Jal'ina.

√ Yeroo Nama Biraa Dhugaa Dubbatta Ta'ee, Garuu Yeroo Qofaa Kee
Ni Sobda Yoo Ta'e Ati Sobduudha.

Wantoota Baay'ee Jechuun Ni Danda'ama, Garuu Dhaamsi Ani Isiniif Qabu


Waan Dubbattu, Waan Hojjettu Fakkaadhu!

➲Eenyummaan Inni Dhugaan Olkaasee Nama Mul'isa.

➲Eenyummaan Inni Dhugaan Nama Kabachiisa.

■ Jaalalleewwaan, Abbaa Manaa Fi Haadha Manaa, Kaadhimamtoota,


Akkuma Maqaa Kee Ta'i!

Abdussalaam idriis fuua 29


2014
QORII QAROOMAA
■ Barsiisaa/Barsiistuu, Barataa/Barattuu, Gaggeessaa, Kaabinee, Qaama
Siyaasaa, Akkuma Maqaa Kee Ta'i!

➦ Maqaan, Hojii Isaa Hin Fakkaanne Salphina. Baay'een Isin Jaaladha.


1000 Jiraadhaa!

NAMA OGEESSA

➥Ogummaan Bakka Hundatti Gaggeessituu Daandii Milkaa'inaati.

Namni Ogeessi Hin Kufu. Inni Ogummaa Harkaa Qabu Bakka Deeme
Hundatti Jireenyi Isaaf Mijataadha. Ogummaa Qabuun Simatamee Hojjetee
Of Jiraachisa.

● Inni Ogummaa Sammuu, Yaadaa Fi Haalaa Qabu; Bakka Hundatti


Dawaa Dha. Ogummaan Yaada Isaa Furtuudha, Gaggeessituudha,
Qajeelchituudha, Hoggantuudha, Ogummaan Yaada Keetii Boqonnaa Siif
Kenniti, Gammachuu, Ofitti Amanamummaa Siif Laatti.

● Carraa Hundaan Walii Galuu, Osoo Hin Sodaatin, Osoo Ceephoon Isa
Hin Mudatin, Haala Salphaatiin Eenyu Waliin Jiraachuuf Ogummaan Kee Si
Gargaarti.

Abdussalaam idriis fuua 30


2014
QORII QAROOMAA

Nama Ogeessa

➛ Ogeessi Yaadaa Waan Hunda Hubata. Osoo Ati Hin Dubbatin Adeemsaaf
Ilaalcha Kee Ilaalee Si Madaala, Si Beeka. Ogeessi Hubatee Raawwachuuf
Malee Ilaalee Dubbachuuf Hin Ariifatu.

➛ Kennaan Nama Hundaa Adduma Addaan Uumamaan Waan Nuuf


Laatametu Nu Waliin Guddatee Hojiidhaan Muldhata. Hundi Immoo
Kennaa Isaa Kana Itti Hin Fayyadamu. Inni Biraan Immoo Kennaa Isaa
Kana Daran Bilcheessuf Iyyuu Hedduu Tattaafata.

➛ Namni Kamuu Waan Uumamaan Kennameef Ni Qaba. Addunyaa


Jijjiiramaa Keessa Waan Jirruuf Waan Dabalataan Argannuu Fi Kan
Dhabnuuf Kan Dagannus Jiraachuu Mala.

➛Ogeessi Namaa Isa Uumamaan Qabu Irrattis Dabalatee Isa Of Dagate Of


Yaadachiisa. Ogummaa Dhaalchisa. Ogeessi Arraba Tola Fuula Ifa,
Hundaan Walii Gala. Garuu, Yaada Guduunfata. Of Hooggana. Ofiifis Isa
Cinaa Jiruufis Of Eeggata.

➛ Ogeessi Amala Tola. Tooftaa Ittiin Injifatu, Tooftaa Ittiin Waan Yaadeef
Fedhe Harkaan Ga'atu, Tooftaa Ittiin Galmas Gahu Cimsee Beeka.

Abdussalaam idriis fuua 31


2014
QORII QAROOMAA
➛Ogeessi Namaa Hin Kufu. Karaattis Hin Hafu. Wacnii Fi Ilaalchi Namaa
Isa Hin Hoogganu. Ogummaa Sammuu Isaatu Isa Hooggana.

Waa'ee Ogummaa Kana Caalaa Namoonni Dubbatan Ni Jiru. Ani Ammuma


Kana Dubbachuun Fedhe. Ogummaa Qabdan Kunuunfadhaa! Itti
Fayyadamaa! Of Irra Darbaatii Obboloota Keessanis Ittiin Fayyadaa.

GAGGEESSUMMAA

➥Gaggeessaa Ta'uun Gatii Nama Baasisa.

 Gaggeessummaan Isa Gaggeeffamuuf Gadi Jedhanii Hojjechuudha.

 Kan Humna Hin Qabneef Humna Ta'uudha.

 Rakkinaaf Mirga Kennuu Dhiisanii Alaabaa Moo'ichaa Argisiisu


Dha.

 Yaada Jireenyaa Qabatanii Kufaatii Ijibbaachisuu Dha.

 Gaggeessummaan Gonkumaa Bu'aa Irratti Kan Hundaa'e Ta'uun Irra


Hin Jiraatu.

 Fedhii Saba Guddaa Eeguu Irratti Xiyyeeffata.

 Kuni Gaggeessummaa Isa Sirrii Fudhatama Qabuu Dha.

Abdussalaam idriis fuua 32


2014
QORII QAROOMAA
Wanta Hojjennu Hundumaaf Itti Gaafatamummaa Fudhachuun Amala Nama
Ogummaa Qabuuti.

Wanti Hojjennu Dudduubni Isaa Ittiin Jiraachuuf, Qarshii (Business) Ittiin


Argachuuf Qofa Ta'uu Hin Qabu.

Wanti Ilaalamuu Qabu:-

➞Faayida Qabeessummaa (Hammam Namoota Gargaaruu Danda'a?)

➞Miidhaa Fi Faayidaa Isaa Adda Baafachuu.

QABANNAA JIREENYA KEETII BEEKI!

➛ Namicha Hiyyeessa Tokkotu Sangaa Tokko Qaba Ture Jireenyi Itti


Ulfaannan Sangaa Isaa Gabaa Geessee Gurguratee Utuu Deebi'uu Mana
Dhugaatiitti Goree Isa Booda Dhugee Machaa'ee Manatti Galuuf Karaa Irra
Bu'e Utuu Deemuu Waan Mana Ga'e Itti Fakkaatee Karaa Irra Ciise. Achitti
Saamtun Itti Dhufanii Qabeenya Isaa Hunda Harkaa Fudhatanii Rifeensa
Isaa Irra Haadanii Sokkan.

➛Machiin Irraa Galee Gaafa Ka'u Qarshiin Isaa Harka Hin Jiru. Iyyuuf
Gaafa Mataa Qabatu Rifeensi Irra Hin Jiru. Isa Booda Kun Ana Miti Jedhee
Deebi'ee Rafe!!!

Abdussalaam idriis fuua 33


2014
QORII QAROOMAA
 Qabaa Jireenya Keetii Beeki! Akkamitti Akka Bobbaatee Galtuu Fi
Daandiin Filannoo Keetii Gara Kamitti Akka Si Geessu Hubadhu!
Kufaatitti Akka Si Hin Geessine Eeggadhu Jechuudhumaafi.

Abdussalaam idriis fuua 34


2014
QORII QAROOMAA
GORSA XINNOO KANA HUBADHU!

➥Namaaf Jettee Yeroo Kee Hin Gubin!

➥ Jaallatamuufis Ta'ee Jaalachuufis Jettee Hin Rakkatin! Kan Eenyummaa


Kee Beeku Si Jaallata.

➥ Waan Gaarii Gootu Hunda Gatii Isaa Ilma Namaa Irraa Hin Eggatin
Rabbrraa Galata Argatta.

➥ Nama Tokko Jaallattee Yoo Dhabde Itti Hin Gaddin Sababni Isaa Rabbi
Nama Sana Akka Inni Siif Hin Taane Waan Beekuuf Sirraa Qabe.

 Jaalalli Dhugaa:

 Dhoksaa Hin Qabu.

 Gaabbii Hin Qabu.

 Jibba Hin Qabu.

 Wal Tuffii Hin Qabu.

 Wal Komii Hin Qabu.

 Walitti Mufachuun Yoo Jiraates Walirraa Fagaachuu Hin Qabu.

 Jaalalli Dhugaa Onnee Qulqulluu Qofa Barbaada.

Hiriyaan Gantuun Waa Sadii (3):

Abdussalaam idriis fuua 35


2014
QORII QAROOMAA
➊. Qoree Bishaan Keessaa

➋. Bofa Marga Keessaa

➌. Summii Midhaan Keessaati.

Hiriyaan Dhugaa Waa Sagal(9) Garuu Salgaan Sun Bakka Sagaltama


Siif Gaha.

➊. Abdii Jiruu

➋. Obsaa Jiruu

➌. Gorsaa Jiruu

➍. Qajeelchaa Karaa

➎. Dawaa Sammuu

➏. Irkoo Guyyaa Rakkoo

➐. Galma Geessaa Kaayyoo Keeti.

➑. Jajjabeessaa Hojii Keeti

➒. Gorfataa Karaa Guddinaa

➲Hiriyyaa Sobaa Mannaa Diina Dhugaa Wayya. Maaliif Seete, Diina


Akka Diinatti Beektee Irraa Fagaatta. Garuu Hiriyaan Gadheen Si Fakkaatee
Si Nyaata.

Abdussalaam idriis fuua 36


2014
QORII QAROOMAA

Kaayyoon Hiriyaa Gadhee:

➊. Jireenya Kee Balleessee Namaa Gadi Si Godhuu.

➋. Agartuu Kee Jamsee Ija Kee Balleessuu.

➌. Miila Kee Mummuree Tarkaanfii Si Dhorkuu.

➍. Harka Kee Si Hidhee Hojii Irraa Si Hambisuu.

➎. Sammuu Kee Maraachisee Baasee Si Salphisuu.

➏. Jaarsaa Fi Jaartii Addaan Baasee Kophaatti Si Hambisuu.

➐. Fuudhaa Fi Heeruma Dhorkee Manatti Si Hambisuu.

➑. Uummata Keessatti Maqaa Kee Xiqqeessuu Dha...

Hiriyyaan Dhugaa Hoo?

➊. Karaa Hamtuu Irraa Si Gorsee Karaa Qajeeltuu Siif Hawwa.

➋. Yoo Gaarii Hojjatte Gammachuu Siif Qaba.

➌. Yoo Ati Rakkatte Si Wajjin Cinqama.

➍. Bakka Ati Hin Jirretti Toltuu Kee Haasa'a.

➎. Utubaa Siif Ta'ee Mana Siif Ijaara.

Abdussalaam idriis fuua 37


2014
QORII QAROOMAA
➏. Olfuudhee Si Baatee Tabarra Si Dhaaba.

➐. Kabaja Siif Laatee Maqaa Kee Ol Qaba.

➑. Gammachuu Kee Gammadee, Gadditus Si Wajjin Gadda.

➒. Dhibee Kee Hundumaaf Qoricha.

Abdussalaam idriis fuua 38


2014
QORII QAROOMAA
Jaalala

 Jireenya Rakkoon Itti Baay'ate Keessatti Gufuuwwan Mudatan


Jaalalaan Tarkaanfachiisuun Ni Ulfaata.

 Haa Ta'u Malee Dhugaan Jaalalaan Waliif Gallaan Gaarri Fi Barri Ati
Ce'uu Hin Dandeenye Hin Jiru.

■ Namoonni Wal Jaallatan Amala Armaan Gadii Qabu:-

彡• Wal Kabaju.

彡• Badii Dhiifamaan Bira Darbu.

彡• Yeroo Wal Yaadan Waliif Bilbiluu Caalaa Qaamaan Wal Arguu Filatu.

彡• Rakkoon Gidduu Isaanii Seennaan Marii Isaan Lameen Qofaatiin Furatu


Qaama Sadaffaa Malee.

彡• Akka Haati Ilmoof Rifattuutti Rakkoo Walii Rifatu.

彡• Jecha Nama Biraa Caalaa Jecha Walii Filatu.

彡• Haasaa Namaatiif Iddoo Hin Qaban.

彡• Gammachuun Isaanii Wal Argachuu Qofa.

彡• Jaalallee Guyyaa Har'aa Haadha Manaa Yookiin Abbaa Manaa Guyyaa


Borii Jedhanii Wal Abdatu.

彡• Yeroo Hunda Jechoota Siin Jaalladha Jedhutti Fayyadamu.

Abdussalaam idriis fuua 39


2014
QORII QAROOMAA
彡• Maatii Walii Isaanii Kabaju.

彡• Wal Argachuuf Jecha Tulluu Yookiin Gaarri Isaan Gara Hin Galchine
Hin Jiru.

彡• Yoo Walitti Dubbatanii Fi Yoo Nama Biraatti Dubbatan Wal Adda


Jechuun Kan Waliin Haasa'an Ijaa Fi Bifa Jaalalaati.

彡• Gonkumaa Akka Adda Hin Baane Irra Deddeebiin Waliif Himu.

彡• Utuma Hanga Fedhe Wal Lolanii Deemi Si Hin Jaalladhu Waliin Hin
Jedhan.

Kanaa Fi Kan Kana Fakkaatan Ni Raawwatu Faallaa Wantoota Amma


Dubbannee Irraa Fagaatu

■ Jaalala Akkasii Rabbi Nuuf Haa Kennu. Haraama Irraa Nihaa Tiksu,

SUMATU SI'I!
➥ Qabeenyi Qaalin Dacheen Tun Qabdu Albuudota Akka Warqii,
Daayimandi Yookiin Pilaatiniyeemi Miti.

◇ Albuunni Qaaliin Isheen Qabdu Suma Mataa Keeti. Dacheen


Gadameessa Bal'aa, Harma Hin Guune Qabdi; Kanaaf Dhaqii Ba'aa Itti Ta'i
Jedhamtee Miti Kan Gara Kanatti Affeerramteef, Akka Ba'aa Irraa
Salphistuufi.

Abdussalaam idriis fuua 40


2014
QORII QAROOMAA

◇ Addunyaa Kana Irratti Eenyuyyuu Si Ta'uu Hin Danda'u. Sumatu Si'i! Of


Ta'ii Jiraadhu, Fakkaattee Hin Jiraatin! Egaa Of Beekta Yoo Ta'e Waan
Dhalatteef Raawwadhu! Lakkoofsa Taatee Hin Jiraatin.

◇ Bu'aa Ati Dachee Kanaaf Gumaachitu Namni Biraa Gumaachuu Hin


Danda'u. Sumatu Gumaachuu Danda'a.

◇ Namana Fagoo Of Hin Barbaadin Ofuma Keessaa Of Argatta. Eenyu


Akka Taate Namni Biraa Akka Sitti Himuuf Eegda Yoo Ta'e Lakkoofsa
Taatee Darbaa Jirta. ◇ Sumatu Si'i Ofuma Of Beeki!!

HUBADHU!
➥Nama Waan Gaarii Siif Yaadu Hamtuu Itti Hin Yaadin!

● Amala Gadhee Yoo Namarratti Argite Gorsuuf Yaali Malee Hamachuuf


(Komachuuf) Hin Fiigin!

Abdussalaam idriis fuua 41


2014
QORII QAROOMAA
● Akkuma Iccitiin Kee Faca'uu Jibbitu Iccitii Hiriyaan Kee Sitti Himate/Tte
Hin Facaasin! Namni Iccitiin Isaa Faca'uu Jaallatu Waan Hin Jirreef

● Nama Tokko Gammachiisuuf Jettee Nama Tokko Hin Boochisin Namni


Boo'uu Jaallatu Waan Hin Jirreef.

● Gaarii Hojjachuuf Yaali Malee Hamtuu Hojjachuuf Ofin Cinqin!

● Jaalalleen Kee Yoo Rakkate/Tte Wajjin Rakkadhu Malee Irraa Hin


Fagaatin!

● Qabeeenya Fedhe Yoo Qabaattes Qabeenyaan Hin Boonin!

● Firaan Booni Malee Firatti Hin Boonin!

● Akkumaa Yaaddanitti Dubbachuu Mitii Itti Yaadanii Dubbachuun


Ogummaadha!

● Oolmaan Kee Har'aa Galma Kee Boruuf Murteessaadha Hin Dagatiin!

● Nama Ilkaaniin Sitti Kolfu Hunda Hin Amanin!

● Gariin Namaa Yeroo Ammaa Harka Mirgaatiin Abaaboo Siif Keennaa


Harka Bitaatiin Albee Sitti Qarataa Ofeeggadhu!

● Boru Jireenya Gaarii Jiraachuuf Har'a Waan Gaarii Raawwadhu!

● Hanga Nama Jaallattu Beekta Malee Hanga Namni Sii Jaallatu Hin
Beektu. Gonkumaa Ebelu Akka Gaariitti Na Jaallata/Tti Hin Jedhin!

ILAALCHA
Abdussalaam idriis fuua 42
2014
QORII QAROOMAA
➥ Ilaalchi Jireenya Dhala Namaaf Murteessaadha. Ilaalcha Ati Qabdutu Si
Jiraachisa Yookiin Immoo Si Ajjeesa.

● Namootni Hedduun Haala Keessa Jiran Dhiisanii Haala Dhufuuf Jiru


Dubbisu. Haalli Amman Keessa Jiru Ni Jijjiirama Jedhanii Amanu. Osoo
Miidhamanii Guyyaa Miidhama Isaanii Irraa Bayyannatan Lakkaa’atu.

● Du’aa Fi Jireenya Gidduu Osoo Jiranii Jireenya Lakkaawwatu. Wanti


Naannoo Isaanii Marsee Jiru Abdii Namaa Hin Kennu Yoo Ta’eyyuu Kun
Hunduu Yeroo Booda Hin Argamu Jedhanii Amanu.

● Addunyaa Irra Ba’anii Addunyaa Gadi Ilaalu Malee Addunyaa Mataatti


Baatanii Hin Rakkatan. Addunyaa Irra Deemanii Lafa Kaayyoo Isaanii Gahu
Malee Addunyaa Baatanii Hin Tiratan.

● Warri Kun Warra Ilaalcha Isaaniitiin Jiraatanidha. Isaan Kuni Addunyaa


Akka Barbaadanitti Bifa Ishee Saxaxu Malee Addunyaan Isaan Hin
Saxaxxu! Warri Kun Du’anii Illee Seenaa Qabu! Haftee Isaaniitiin
Dhalootni Bocama!

● Faallaa Kanammoo Warri Osoo Jiranii Du’a Abjootanis Jiru.

➢ Osoo Jiraachuun Jiru Du’a,

➢ Osoo Darbuun Jiru Kufaatii,

Abdussalaam idriis fuua 43


2014
QORII QAROOMAA
➢ Osoo Ce’uun Jiru Gamanatti Hafuu,

➢ Osoo Ciminni Jiruu Dadhabina,

➢ Osoo Moo’uun Jiruu Moo’amuu,

➢ Osoo Qabanii Dhabiinsa,

➢ Osoo Nyaatanii Beela Warri Yaadanii Yaadda’anis Jiru.

● ➪ Warri Kun Keessi Isaanii Yeroo Hundumaa Ati Nama Hin Taatu
Isaaniin Jedha. Isaanis "Ani Nama Hin Ta’u" Jedhanii Yeroo Hundumaa
Of Ceepha’u.

➪ Yeroo Hundumaa "Bor Maalan Ta’a Laata?" Jedhanii Of Jeequ! Warri


Kun Warra Ilaalchaan Du’anii Dha.

➪ Warri Kun Addunyaa Baatanii Ba’aa Adunyaatiin Rakkatu. Addunyaatu


Gara Barbaadanitti Isaan Oofa. Maaliif Akka Jiraatan Hin Beekani!

➪ Waan Dhufe Wajjin Oofamaa Oolu…. Kallattii Deemsa Isaanii Hin


Beekan.

➪ Osuma Hammacamanii Yeroo Isaanii Xumuru…

➪ Seenaa Isaanii Wajjin Deemu.

➪ Haftee Hin Qaban! Yoo Qabaatanis Hafteen Isaanii Madda Badii Ta’a! ➦
Kanarraa Oolaa!

Abdussalaam idriis fuua 44


2014
QORII QAROOMAA

Galama Baafachuun Maaliif Barbaachisa?

Mee Taphattoonni Kubbaa Miilaa Taphachuuf Dirretti Seenanii Qophaa'aa


Jiran Haa Jannuu.Garuu Namni Tokko Akka Tasaa Muka Gooliin Itti Galu
Buqqisee Sarara Gooliin Akka Gale Mullisu Yoo Haqe Akkamiin Gooliin
Akka Gale Beekkama?,Bakka Goolii Itti Galchitu Gahuukee Akkamiin
Beeyta? ,Dharraa Taphaa Waan Qabnuuf Qofa Taphachuun Bu'aa Hin Qabu
Bakka Goolii Itti Galchinu Akkamiin Akka Galchinu Beekuu Qabna.

Galama Keenya Addaan Baaafannee Hin Beeknu Taanaan Jireenyi Bitaa


Nutti Gala. Bakka Deemtu Odoo Hin Beekiin Makiinaa Ni Ooftaa? Hin
Ooftu Akkas Taanaan Maaliif Namoonni Baayyeen Galama Qabatamaa
Odoo Hin Baafatin Akkanumaan Jiraaturee?

Atoo Galma Murtaa'aa Qabdaa? Moo Akkanumatti Dirree Muka Goolii


Hin Qabne Keeysatti Kubbaa Taphachaa Jirta. (Anaaf Atiis) Ammumarraa
Galama Haa Baafannuu‼

Abdussalaam idriis fuua 45


2014
QORII QAROOMAA
HIRIYYAA

Namoota Lamaatuu Bosona Keeysa Odoo Deemanii Bineensi Isaanitti


Dhufe.Yeroo Kana Inni Tokko Utaalee Muka Yaabbate .

Garuu Inni Lammataa Mukaa Yaabbachuu Hin Dandahu Ture. .


Bineensichiiis Dhufee Namicha Muka Yaabbachuu Hin Dandeenye Kan
Lafa Dhaabbatu Kanatti Waa Hasaasee Biraa Kute.

Namtichi Mukarra Turees Gad Bu'ee"Bineensichi Maal Sitti Hasaasee


Kute?" Jadhee Namticha Lafa Ture San Gaaafate. " Hiriyyaa Yeroo Rakkoo
Kophatti Si Dhiisee Deemu Hin Amanin"Naan Jadhee Kute Jadheen.

Waliif Yaaduufii Wal Bira Dhaabbachuun Utubaa Hariiroo Namootaa


Jabeeysuudha‼

Abdussalaam idriis fuua 46


2014
QORII QAROOMAA
DHAAAMSA

Yeroo Namootaa Waliin Haasoftu Ilaalcha Mataa Keetii Irratti Hundooftee


Yaada Namootaa Duursitee Hin Murteeysiin. Sammuu Dhiphaafii Afaan
Bal'aan Yeroo Mara Falmii Dhuma Hin Qabnetti Nama Geeysa‼

Marii Eegaluuf Jalqaba Namni Biraan Akka Yaada Isaa Ibsatuuf Carraa
Kanniif Hanga Inni Yaada Isaa Ibsatee Xumurutti Carraa Kanniif Malee
Yaada Isaa Jiddutti Addaan Hin Kutin‼ Dogoggora Isaa Itti Himuufis Hin
Ariifatin‼ Oobsaafii Kabajaadhaan Dhageeyfadhu ‼

Hubachiisa

Namoonni Milkaa'an Yaadoota Namaa Oobsaan Caqasuu Filatan‼

Namoonni Dadhaboon Ammoo Yaada Namootaa Giddutti Addaan Kutuu


Jaalatu‼

XUMURAME

Abdussalaam idriis fuua 47

You might also like