You are on page 1of 27

Bøqøññãã

Sammuu
Maddi Telegiraama Irraa
Haala Kanaan Kan Qopheesse Abussalaam Idriis
Yaadaaf - 0905550014
Bøqøññãã Sammuu

Bøqøññãã Sammuu

J ireenyi Keenya Yaada Nuti Sammuu Keenya Keeysatti

Irra Daddeebinee Yaadnu Irraa Madda Waan Tokko Sirritti


Hojjachuudhaaf Irra Deddeebinee Shaakaluu Qabna.

#Aristootil

"Jaalala Suuraatiin Ykn Dubartiitiin Qalbiin Qoramtu Qalbii


Jaalala Rabbii Irraa Duwwaa Taateefii Rabbi Irraa Gara
Galteedha

Qalbiin Jaalala Rabbiitiifi Isa Qunnamuuf Dharraa'uun Yoo


Guuttamte Dhukkubni #Jaalalaa Irraa Ka'a
#Ibn_Al_Qayyiin(Rabbi Irraa Haa Jaalatuu)

FUULA2
Bøqøññãã Sammuu
✍"Wanta Jireenya Keenya Keeysatti Nu Mudatu Kamiyyuu
Caalaa Ilaalcha Nuti Wantichaaf Qabnuutuu Milkaaina Ykn
Kufaatii Keenya Murteeysa #Normaan_Viinsaniti_Piil

Ilaalcha Kee Sirreeysi

"Jaalalli Daangaa Darbe Wallallummaa Ifa Bahe,Qalbii


Duwwaa Daladala Ykn Oomisha Waliin Hin Ko'oomnetti
Bu'a" #Aristotle

Hojii Malee Taa'uun Dhukkuba Jaalala Haraamaatiif Sababa.

Gaafa Tokko Mucaan Waggaa Afurii Kan Gurri Isaa Hin


Dhageenye Tokko Waraqaa Barsiisaan Isaa Itti Kanne Tokko
Kiisii(Giiphii) Keeysa Kaawwatee Gara Manaa
Gale.Barreeyfamni Barsiisaan Barreeysee Itti Kanne Kuniis "
Toomiin Kee Barnootatti Dadhabaa Waan Taheef Lammata
Mana Barumsaatti Hin Ergin"Kan Jadhu Ture. Haatii Mucaa
Kanaas Erga Waraqaa Kana Dubbiftee Booda "Toomiin Koo
Dadhabaa Miti Aniyyuu Naan Barsiifadhaa"Jatte.
FUULA3
Namni Kun #Toomas_Idisan Ture
Bøqøññãã Sammuu

Toomas Idisan Jachuun Nama Ifaa( Electric)Yeroo


Jalqabaatiif Argateedha

Atiis Ilaalcha Kee Jijjiiri Waan Barbaadde Ni Hojjattaa

Ati Dadhabaa Miti Ilaalcha Keetiitu Si Sobaa Jira Malee

"Injifachuu Ni Dandeeysa Dura Akka Dandeeysu


Sammuudhaan Itti Amani"

"Akkuma Ati Jabaattee Hojjachaa Deemteen,Carraan Waan


Gaarii Argachuu Keetiis Dabalaa Deema" #Heenarii_Foordi

" FUULA4
Bøqøññãã Sammuu
Jaalalli Daangaa Darbe Hubannaa,Yaadaafii Dandeeytii Waa
Beekuu Kan Balleeysuudha.

Namni Jaalalaaan Qabame Fuggisoo Wanta Namni Sun


Keeysa Jiruu Itti Yaada" #Ibnu_Taymiya( Rabbiin Isarraa
Haa Jaalatuu)

Odoo Kaayyoo Kee Bira Hin Gahin Bahara Jaalalaatti Yoo


Kufte Ittiin Nyaadhamta,

Adunyaa Kanarraa Wanti Dhiirootaaf Gufuu Tahee Jiru


#Shamarrani

Akkasuma Gufuun Shamarraniitiis #Dargaggoota

Gaafa Hin Fuudhin Waa'ee Jaalalaa Yaaddee Waa'ee


Kaayyoo Teetii Yoo Dagatte Gaafa Fuutehoo Maalitti
Yaadda,?

Gaafa Rabbiin Bakkaan Si Gaye Fuutee/Heerumtee Jaarsa


Kee /Jaartii Tee Waliin Ni Gammaddaa Amma Wahuma Irra
Jirtu Ooffadhu FUULA5
Bøqøññãã Sammuu
. "Hunduu Yeroo Isaa Eeggata Malee Numa Dhufaa Waan
Booda Dhufuu Jiraatuuf Amma Yeroo Kee Hin Qisaasin"

Odoo Kaayyoo Ofii Bira Hin Gahin Jaalalalatti Kufuun

Rabbiin Nama Wallaalchisa

Bahara Jaalalaa Keeysa Jireenya Dukkaneeysa

Kaayyoo Nama Dagachiisa

"Jalqaba Waan Hojjatamuu Qabu Hojjachuu Eegali.Itti


Aansii Waan Hojjachuu Dandeeysu Hojjadhu.

Akkas Goonaan Utuu Hin Beekiin Waan Hojjachuun Sitti


Ulfaatee Ture Hojjatta" #Qulqulluu_Firaansiis

"Milkaa'ina Jachuun Kufaatiin Gonkumaa Nun Mudatu FUULA6


Jachuu Miti.
Bøqøññãã Sammuu
Milkaa'ina Jachuun Gufuufi Kufaatii Jireenya Keeysatti Nu
Mudatan Injifachuudhaan Galma Keenya Guddicha
Dhugoomsuu Jachuudha Milkaa'ina Jachuun Dirreelee Lolaa
Maratti Injifachuu Qofa Oduu Hin Tahin Jabaannee Lollee
Dhuma Irratti Injifannoo Goonfachuu Jachuudha"

#Idiwiin_C_Biliis

"Miirri Nuti Irra Deddeebinee Sammuu Keenya Keeysatti


Ijaarru Guyyaa Tokko Ni Dhugooma"

#Earl_Nightingale

Gaafa Tokko Ni Injifattaa Akka Injifachuuf Jiraattu Irra


Deddeebi'ii Sammuu Keetti Himi

Atiis Injifachuuf Uumamte Malee Injifatamuuf Hin


Uumamnee Rookkoo Si Mudateef Harka Hin Kannin

FUULA7
Bøqøññãã Sammuu
"Sodaafii Muddamni Nuti Waa'ee Dhukkuba Tokkoon
Qabamuutiif Qabnu Akka Dhukkuba Sanaan Qabamnu
Gochuuf Humna Kan Qabu Tahuun Isaa Amanamaadha

Wanti Rabbiinsitti Fide Sirraa Hin Hafuutii Callistee Waan If


Duraa Mara Sodaattee If Hin Dhiphisin

Miirri Kee Akka Waan Gaarii Yaaduuf Kakaasi‼

"Namoonni Milkaa'an Waan Addaa Hojjetu Utuu Hin Taanee


Waan Xiqqoo Karaa Adda Taheen Hojjatu

Injifachuu Ni Barbaadda,Garuu Ammoo Injifachuu Akka Hin


Dandeenyetti Yaadda Taanan Hin Injifattu

"#Milaakaainni_Sammuu_Keessatti_Eegala"‼

FUULA8
Bøqøññãã Sammuu
Ilaacha Keetiin Sobamtee Hin Sodaatinii Itti Seenii Laali
Hojjachuu Ni Dandeeysaa

Odoo Itti Seentee Hin Laalle Hin Sodaatin Haya Habiibii


Koo/Habiibtii Too

"Namoonni Baay'een Wayita Milkaa'inatti Dhiyaatan Hojii


Dhaabu,Namoonni Kunnniin Rakoolee Hedduu Dandamatanii
Dhufanii Wayita Tarkaanfiin Takka Qofti Isaaniif Hafu Abdii
Kutatanii Addaan Kutu" #H_Roozi_Peerot

Ati Garuu Abdii Hin Kutatin

"Yoo Ati Hayyamteef Malee Namni Kamiyyuu Hamileen Kee


Akka Cabu Si Gochuu Hin Danda'u" #Iliinar_Ruusvalti

Namoota Hamilee Kee Si Cabsuu Barbaadaniif Harka Kee Hin


Kanninii Kaayyoo Keetti Cimii Jecha Namaa Dagadhu.

Siif Sumaatuu Gaha‼ FUULA9


Bøqøññãã Sammuu
"Namoota Hundumatti Amala Gaarii Agarsiisi. Garuu
Namoota Muraasa Qofa Hiriyyoomfadhu .Hiriyyummaaan
Biqilaa Suuta Guddatuudha. Biqilaan Kun Guddatee Firii
Godhachuudhaaf Balaawwan Garaagaraa Dandamatee
Keeysa Darbuu Qaba" #Joorji_Washington.

Hirriyyaa Hin Baayyisin Tokkoof Lama Amanamaa


Qabaadhuu Waliin Jiraadhu

Atiis Hiriyyaa Keetiif Amanamaa Tahii Jiraadhu

"Wayita Namoota Biroof Waan Gaarii Gootu,Bu'aan Gocha


Keetii Matuma Kee Fayyada." #Beenjaamiin_Firaankiliin.

Gaarii Tahuun Ifumaafi.

Yaadonni,Amaloonni Ykn Gochaawwan Keenya Dafaniis


Tahu Turanii Deebi'anii Gara Keenya Dhufuun Isaanii Hin
Oolu

Garuu Namoota Waa Gooteef Saniirra Galat Eeggachaa Hin


Godhiniif FUULA10
Bøqøññãã Sammuu

Wanti_Marti_Yaada_Booda_Dhufa

"Warroota Badii Dalagu Ilaaluun Odoon Anilleen Akkas Ta'ee


Jattee Hin Hawwin,Akkuma Waan Badaafii Fokkoo Hawwaa
Deemtuun Itti Harkifachaa Deemtaa"

Fknf Yeroo Dubraaf Dhiirti Haraamaa Harkaan Wal


Qabatanii Deeman Agarte "Ah"Way Aniis Odoon Akkas
Tahee Hin Ja'in "Alhamdulillah"Kan Rabbiin Haala
Fokkotaa Kanarra Na Baraare Ja'i Malee

Yoo_Hiryyaan_Kee Hiriyyaa Dhalaa/Dhiiraatii Waliin Isaa


Taphatu Argitu Hin Hawwin Akkas

FUULA11
Get To Know Allah During Prosperity & Allah Will Get To
Know You During Advertisity"
Bøqøññãã Sammuu
_______________________

Yeroo Ballina Keeysa Jirtu Allaahaa Yaadadhu Allaahaan


Yeroo Rokkoo Keeysa Jirtu Si Yaadataa

Meee Obboleeysa Koo Qaalii Obboleeytii Too Kabajamtuuu

Jalaqaba Nama Ganama Kana Salawaata Buusee Rabbi Si


Haa Godhuu Bakka Jirtuu Jaalataa Namaa Jaalatamaaa
Namaa Habiibii Kiyyaaf Kee Qaalii Rasuula Keenya
Muhammad Irratti Sallallaahu Aleeyhi Wa Salam Ja'ii Hoggu
10 Salawaata Qalbiin Bira Jirtu Buusi

Ergaa Kanaas Share Godhi Namootarra Ganamaan Sawaaba


Sassaabadhu

Barreeyfama_Caalaa_Arrabaan_Haa_Jannuu

FUULA12
Bøqøññãã Sammuu
"Namoonni Utuu Akkaan An Jabaadhee Itti Hojjadhe Ni
Beeku Tahee Silaa Milkaa'ina Koo Hin Dinqisiifatan Turen"
#Mikaael_Anjaloo‼

Milkaa'inni Lafffaatii Cimaa Malee Hin Argamu Milkaa'ina


Dhugaatiif Laffaatii(Tattaaffiin) Murteeysaadha

Gaarummaan Ganamumaani

Mucaa Xiqqaa Umriin Isaa Waggaa 10 Tahe Tokkootuu


Suuqii "Ayis_Kireemii"Deemee Kursii Gubbaa Taa"Ee
"Ayis_Kireemiin"Meeqaan Gurgurama Ja'ee Gaafate
Mucayyoon Suuqii Gurgurtuus Santima 75 Jateenii Deebisteef
Mucaaniis Santima 75 Qofa Qaba Ture.

"Ayis_Kireemiin" Inni Xiqqaanoo Meeqa Ja'ee Irra Deebi'ee


Gaafate Santima 65 Jattee Deebisteef Mucaaniis
"Ayis_Kireem"Xiqqaa Naaf Fide Ja"Een Mucayyoon Suuqii
Namaa Keeysa Daleeydu Saniis Deemtee Fideef. Erga Nyaatee
Boodaas Kafaleefii Kute Mucayyooniis Wayita Dhuftee Saanaa
Inni Iraa Nyaate Kaaftu Jala Isaatti Saantima Kudhan Agarte

FUULA13
Bøqøññãã Sammuu
Saantimni Saanaa Jala Kuniis Kan Micichi Mucayyoo Isa
Keeysummeeysite Kanaaf Kaayeefii Tureedha Mucaan
Kun"Ayis_Kreem" Kana Odoo Hin Ajajatin Dura Saantima
Kana Mucayyoo Tanaaf Akka Kennuu Qabu Murteeysee
Ture,Mucaan Kun Mataa Isaa Dura Namoota Birootiif Duursa
Kenne Odoo"Ayis_Kireem" Guddaa Santima Torbaatamii
Shaniin Bitatee Nyaatuu Dandahuu Santima Kudhan Isiif
Qoodee Santima 65nin Xiqqaa Bitate

Nuti Marti Odoo Akka Mucaa Kanaatti Yaannee Silaa Bakka


Maratti Fudhatama Arganna.

Namoota Birootiif Waan Gaarii Yaadi

Namootattiis Amala Gaarii Agarsiisi

"Gootummaa Jachuun Sodaan Jiraachuu Dhabuu Odoo Hin


Taane,Sodaa Injifachuu Akka Tahe Baradheera ,Namni
Cimaan Nama Hin Sodaannee Miti Nama Sodaa Isaa Injifatu
Malee" #Nelson_Mandela

Miirri Kee Waan Sodaatamuu Hin Qabne Hin Sodaatin Sodaa


FUULA14
Kee Injifadhu ‼
Bøqøññãã Sammuu
Atoo Maali Maaf Sodaatta Zamana Namni Waan Namni
Takka Godhee Hin Beekne Godhaa Jiru Kanatti Ati Dr Tahuu
Sodaatta,Ingenera Tahuu Sodaattaa...Maths Fi Physics
Barachuu Sodaattaa ?

Maaliif Waan Namni Akka Keetii Lafa Kaaye Baratuu


Sodaatta‼

Anaaf Atiis #Guyyaa_Tokko_Numa_Injifannaa Miira


Keenyaan Sobamnee Akka Hin Sodaanne,

"Addunyaa Kana Irra Namni Waan Gaarii Namoota Irraa


Fudhachuun Kabajame Hin Jiru. #Kabajaan Badhaasa Nama
Waan Gaarii Namaa Kannuuti" #Kaalvin_Kooljii

"Harka Waa Fudhattu Irra Harka Waa Kannituutuu Caala"


#Muhammad(S,A,W)

Yeeroo Mara Waa Arjoomuun Anaaf Sittiis Haa Baratu,

"Namni Tokko Waan Tokko Hin Dandeeysu Yoo Siin Ja'e


Dandeeytiii Isaa Siif Himu Jira Malee Dandeeytiii Teee Siif FUULA15
Himutti Hin Jiru"
Bøqøññãã Sammuu
Abalu Waan Takka Godhuu Dadhabe Jachuun Atiis Waan
San Godhuu Hin Dandeeysu Jachuu Miti,

Inninuu Yaalee Dadhabee Atoo Yaaltee Waan San Yoo


Goote Beeytaa !?

Yaali Atiis Ni Dandeeysaa

Dandeeytii Tee Dandeeytii Namaatiin Wal Hin Madaalchisin

Waan Inni Dadhabe Rabbi Siif Laaffisuutuu Malaa, Waan


Inni Dadhabeen An Dandahaa Jattee Garaa Hin Muratiniii
Yaaliii Hojjachuu Ni Dandeeysaa

Wanti_Hin_Danda'anme Hin Jiru Waan Ati Hin Danada'u


Jattee Sammuu Tee Amansiiste Malee‼

"Waan Tokko Milkeeysuuf Yeroo Dheeraa Waan Sitti


Fudhatuuuf Hojjachuu Sodaattee Hin Taa'in .

Yeroon Darbuu Hin Oolu Kanaaf Yeroo Darbaa Jiru Kana


Waan Gaarii Hojjachuun Dabarsuu Qabna" #Irlii_Naayitiigeel FUULA16
Bøqøññãã Sammuu
Galama Baafachuun Maaliif Barbaachisa;

Mee Taphattoonni Kubbaa Miilaa Taphachuuf Dirretti


Seenanii Qophaa'aa Jiran Haa Jannuu.Garuu Namni Tokko
Akka Tasaa Muka Gooliin Itti Galu Buqqisee Sarara Gooliin
Akka Gale Mullisu Yoo Haqe Akkamiin Gooliin Akka Gale
Beekkama?,Bakka Goolii Itti Galchitu Gahuukee Akkamiin
Beeyta? ,Dharraa Taphaa Waan Qabnuuf Qofa Taphachuun
Bu'aa Hin Qabu Bakka Goolii Itti Galchinu Akkamiin Akka
Galchinu Beekuu Qabna.

Galama Keenya Addaan Baaafannee Hin Beeknu Taanaan


Jireenyi Bitaa Nutti Gala. Bakka Deemtu Odoo Hin Beekiin
Makiinaa Ni Ooftaa? Hin Ooftu Akkas Taanaan Maaliif
Namoonni Baayyeen Galama Qabatamaa Odoo Hin Baafatin
Akkanumaan Jiraaturee?

Atoo Galma Murtaa'aa Qabdaa Moo Akkanumatti Dirree


Muka Goolii Hin Qabne Keeysatti Kubbaa Taphachaa Jirta

(Anaaf Atiis) Ammumarraa Galama Haa Baafannuu‼

FUULA17
Bøqøññãã Sammuu
"Sodaan Faayidaa Mataa Isaa Qaba, Sodattuu Tahuun
Garuuu Faayidaa Tokkollee Hin Qabu" #Mahatma_Gandhi

Namni Waan Tokko Yoo Sodaatee Garuu Immoo Irraa


Garagaluu Baatee Oobseetuma Hojjate Bu'aa "Ifaajee"Isaa Ni
Arga

Garuu Ammoo Oduma Itti Hin Seenin Halaalaa Taa'ee Yoo


Sodaate Umrii Isaa Guutuu Jijjirama Odoo Hin Finne Fixa

FUULA18
Bøqøññãã Sammuu

Hiriyyaa
Namoota Lamaatuu Bosona Keeysa Odoo Deemanii Bineensi
Isaanitti Dhufe.Yeroo Kana Inni Tokko Utaalee Muka
Yaabbate .

Garuu Inni Lammataa Mukaa Yaabbachuu Hin Dandahu


Ture.

Bineensichiiis Dhufee Namicha Muka Yaabbachuu Hin


Dandeenye Kan Lafa Dhaabbatu Kanatti Waa Hasaasee Biraa
Kute.

Namtichi Mukarra Turees Gad Bu'ee"Bineensichi Maal Sitti


Hasaasee Kute?" Ja'ee Namticha Lafa Ture San Gaaafate.
"Hiriyyaa Yeroo Rakkoo Kophatti Si Dhiisee Deemu Hin
Amanin"Naan Ja'ee Kute Ja'een

Waliif_Yaaduufii_Wal_Bira_Dhaabbachuun_Utubaa_Hariiro
o_Namootaa_Jabeeysuudha

FUULA19
Namni Tokko Waan Tokko Dalaguu Dadhabee Yoo Kufe Atiis
Ni Kufta Jachuuu Miti
Bøqøññãã Sammuu
Kufaatiin Nama Biraa Kufaatii Tee Hin Murteeysu

Innni Kufuun Atiin Si Dhiphisuu Hin

Ati Atuma If Tahii Jiraadhu

"Sammuun Cimaan Kaayyoo Qaba Sammuun Dadhabaan


Immoo Hawwii Qaba" #Washington_Irving

Hawwiin Kaayyon Bira Hin Jirre Bu'aa Hin Qabu

Kaayyoon Hojiin Bira Hin Jirrees Bu'aa Hin Qabdu

FUULA20
Bøqøññãã Sammuu

Aja'iba Seenan Qabu

Seenaa Kana Barata/Tu Odoo Galma Isaanii Hin Gahin


Bahara Jaalalaatiin Raafamaa Jiran Biraan Naaf Gahi
Obboleeysa Koo Qaalii/ Obboleeytii Too Kabajamtuu

Nama Sammuu Qabu Qofaatuu Hubata Seenaa Tana

#Galmaawwan_Hiika_Hin_Qabn

Qonnan Bulaa Tokkootuu Saree Dandii Gubbaa Teeysee


Makiinaa Eeydu Takka Qaba Ture.Sareen Kun Weyta
Makiinaa Argu Qabachuuf Duukaaa Fiiga. Weyta Makiinaan
Fiigee Duraa Kutuus Dhiisee Deebi'eee Taa'ee Makiinaa Biraa
Eeggachuu Eegala Gaafa Tokko Ollaan Abbaa Saree Tanaa
Kan Tahe Tokko"Sareen Kee Kun Makiinaa Ni Qabata Jattee
Yaaddaa?" Ja'ee Namticha(Abbaa Saree) San Gaafate.

Namtichi(Abbaan Saree) Kuniis"An Ka Na Yaachisu


Makiinaa Qabachuu Dadhabuu Isaatii Miti.An Ka Gaafii Natti
Tahu Sareen Kun Odoo Ka'ee Makiinaa Tana Qabatee Maal
Godha?" Ja'een.

Namoonni Baayyeen Jireenya Isaanii Keeysatti Akka Saree


Kanatti Jiraatu.
FUULA21
Galmi Akkanaa Galma Hiika Hin Qabneedha
Bøqøññãã Sammuu

✍ Dhaaamsa
Yeroo Namootaa Waliin Haasoftu Ilaalcha Mataa Keetii
Irratti Hundooftee Yaada Namootaa Duursitee Hin
Murteeysiin. Sammuu Dhiphaafii Afaan Bal'aan Yeroo Mara
Falmii Dhuma Hin Qabnetti Nama Geeysa

Marii Eegaluuf Jalqaba Namni Biraan Akka Yaada Isaa


Ibsatuuf Carraa Kanniif Hanga Inni Yaada Isaa Ibsatee
Xumurutti Carraa Kanniif Malee Yaada Isaa Jiddutti Addaan
Hin Kutin Dogoggora Isaa Itti Himuufis Hin Ariifatin
Obsaafii Kabajaadhaan Dhageeyfadhu

✍ Hub

Namoonni #Milkaa'an Yaadoota Namaa Oobsaan Caqasuu


Filatan

Namoonni #Dadhaboon Ammoo Yaada Namootaa Giddutti


Addaan Kutuu Jaalatu

FUULA22
Bøqøññãã Sammuu
Milkaa'inni Otuma Fiigduu Akka Carraa Waan Itti Baatuu
Miti. Milkaa'inni Qophii Ol'aanaafii Sabrii Gaafata Namoonni
Hundumtuu Injifachuu Ni Barbaadan,Garuu Namoonni
Baayyeen Aarsaa Injifannoon Gaafatu Kafaluu Hin
Barbaadan Milkaa'inni Aarsaa Kafaluufii Of Too'achuu
Gaafata

Milkaa'ina Goonfachuudhaaf Wanti Jabaatanii Hojjachuu


Bakka Bu'uu Danda'u Tokkoyyuu Hin Jiru #Heenary_Fordi
Akkana Ja'e"Akkuma Ati Jabaattee Hojjachaa Deemteen
Carraan Waan Gaarii Argachuu Keetis Dabalaa Deema"

Namoonni Baayyeen "


Jireenyi_Qormaataa_Oobsaatuu_Furmaataa" Jedhu Hiikni
Dhugaa Jecha Kanaa Akkana Jachuudha"
Jireenyi_Qormaataa_Ifaajee_Furmaata

Obsa Jechuun Murtii Keenya Sirritti Addaan Baasnee


Beekuufii Waan Murteeysine Ykn Karoorfanne Milkeeysuuf
Kutannoodhaan Itti Cichinee Hojjachuu Jechuudha

Hojii Malee Akkanumaan Callisanii Taa'uun Oobsa Odoo Hin


Taane Doofumaadha

FUULA23
Bøqøññãã Sammuu

Seenaa Kana Yeroon Isiniif Barreeysu✍ Hedduu


Dinqisiifachaatiin Isiniif Barreeyse,

Isiniis Qlbii Qalbitti Rarratuun Akka Naaf Dubbistaniin Isin


Gaafadha.

Qocaafii Illeettiitu Ture

Illeettiin Tun Qocaa Kana Ariitiidhaan Waan Caaltuuuf Yeroo


Baayyee Qocaa Kanarratti If Tuulti

Kanumaarra Ka'uun Yeroo Baayyee Akka Qocaan Kun Isii


Waliin Dorgommii Fiigichaa Seenuu Haala Dheekkamsaan
Guuttameen Gaafachaa Turte

Qocaaniis Yaada Illeetti Kana Fudhatee Isii Waliin Dorgommii


Seene Dorgommiin Kun Bakka Bineensoonni Baayyeen
Arkamanitti Haala Addaatiin Gad Geeyfamuuf Qophiin
Xumirameera ,

Abbaa Murtii Jeedala Godhachuudhaan Dorgomiin Jalqabme


Illeettiin Akka Dorgommiin Jalqabameen Qocaa Fageenya FUULA24

Baayyee Fagoo Taheen Dhiiftee Biraa Kuttee,


Bøqøññãã Sammuu
Illeettiin Tun Karatti Xiqqooshee Dadhabdee Boqocuuf Muka
Jalatti Gortee Gad Ciifte Qocaan Carraa Rafuu Isii Kanatti
Fayyadamuun Bira Kutuun Dorgommicha Injifannoon
Xumure,

_____________________

Seenaa Kana Irraa Wanti Barannu

1,Hojii Keenya Humna Guddaan Hojjachuu Caalaa Itti


Cichinee Walitti Fufinsaan Hojjachuutuu Bu'a Qabeessa

2,Gatiiin If_Tuuluu Booddeen Isaa Akkana Tahuu Irraa


Hubanna

Qocaadhaan Baga Gammadde Jennaan

Illeettiidhaan Ammoo Baga Gatii Tuffii Teetii Argattee


Jennan

FUULA25
Bøqøññãã Sammuu
Akkas Tahuun Nuun Hin Malu

Mee Odoo Namni Wahii Tokko Naaf Bilbilee" Ati Addunyaa


Kana Irraa Nama Dandeeytii Ol'aanaa Qabuudha Hojiii
Baayyee Gaarii Hojjachaa Jirta Kanaaf Sii Waliin Wal
Baruun Barbaada"Naan Ja'ee Maaltu Natti Dhaga'ama?
Nama Cimaafii Nama Dandeeytii Ol'aana Tahe Akka Nama
Qabuuttiin Of Laalaka. Garuuu Guyyaa Lammataa
Innummaan Kun Deebisee Narratti Bilbilee"Ati Nama
Badaadha Namni Hanga Kee Badaa Addunyaa Kana Rra Hin
Jiru...." Yoo Nan Ja'ehoo Maaltu Natti Dhaga'ama? Naan
Jeeqamakaa

Guyyaa Jalqaba Yeroo Inni "Ati Nama Cimaadha" Naan Ja'u


Nin Gammade Guyyaa Lammataa Immoo "Ati Nama
Badaadha" Naan Jennaan Niin Jeeqame. Maal Jechuudha
Kun Jireenya Koo Eenyuutuu Too'ataa Jira . Jireenya Koo
Kan Too'ataa Jiru Ana Otoo Hin Tahin Namicha Narratti
Bilbile Saniitu Naaf Too'acha Jira Jechudha

Kana Jechuun Ani #Makiinaa Namoota Birooti Jechuudha


Abbuma Barbaadeetu Gara Ofii Barbaadetti Na Oofa
Jechudha Namoonni Gaafa Fadhan Nu Gammachiisanii
Gaafa Fedhan Nu Gaddisiisuu Hin Qaban Gammachuu Mataa
Keenyaa Haa Uummannu

FUULA26
Jireenya Keenya Nutumaatuu Too'achuu Qaba Malee Nama
Biraatti Dhiisuu Hin n
Bøqøññãã Sammuu
________________

"Otoo Namoota Biroo Hin Gargaarin Mataa Keenya


Gargaaruu Hin Dandeenyu" #Jaanitii_Kool

Dandeeytii Qabduun Nama Sii Gadii Qarqaari Yoo Barataa


Taatee Barataa Dandeeytiin Isaa Sii Gadii Gargaarii Akka
Inni Cimee Deemu Taasisi,

Yoo Abbaa Qabeenyaa Taate Nama Hojii Hin Qabneef Hojii


Kanniif

Yoo Beekaa Taate Hawaasa Kee Barsiisi,

Walumaa_Galatti_Dhaamsikoo

Namoota Gargaaruu Haa Amaleeyfannuu Akka Nutiis Rabbi


Irraa Gargaarsa Argannuuf

FUULA27

You might also like