You are on page 1of 4

1.

Toora dhiigaa taatee na keessa facaatee Jaalalakee dhugaan na keessa tamsaatee Si dhiisuu hin
danda,uu an michuu dhugaa keetii Jaalalee kichuukoo attii naaf lubbuu kootii Nattii taatee jirtaa
dhukkubaa garaachaa Anoo obsa dhabee sumaaf na marachaa Jaalala dhugaatiin anaaf hirriyomtee An
yoommuu siin dagadhuu jirta Oonneekoo seente Waanofiikoo,lenii koo kichuukoo 100%

2.Hiriyaa koo Dhugaa Michuu koo Ganamaa

~anoo Sinan Boona Galgalaaf Ganama

~ati Anaaf Qaroodha Agartuu Ijaa koo

~si Dhabuu In Fedhu Guutumaa Bara koo

~=naaf Jiraadhu Buchekoo.

3.

,¤''¤ ¤''¤,

¤ '*' ¤

''¤, ,,¤'

''*'' Kalaqa Sammuukoo Yaada Guyyaa Guyyaa Falaaseen Siif Erga Jechoota Ammayaa Atinaaf
Keekiidha Nyaata Dureessotaa Har'a Qofaaf Miti Boriif Na Boonsitaa 100%

,¤''¤ ¤''¤,

¤ '*' ¤

''¤, ,,¤'

''*'' abaabon bareedun laphee sin hatinii jaalala naf qabdu eenyuf hin laatinii nama baayen arge si
qofan jaalladhe gola onne kee keessa Hin Ba'u Raawwadhee..........

4.Ati Ilillii Birraati Kan Keessi Urgaa'u Ciqileen Si Quuqa Eessa Koo Si Kaa'u Halkan Abjuu Keessa Dhufta.
Mana Keessan Jedheen Mana Namaa Horfa Maraatuudha Jedhe Hunduu Natti Kolfa Jalaluma Keetu
Natti Ta'e Golfaa. Kan asirraan Darbe Wan Akka Budaati Kan Sirra Na Qabee Jaalala Dhugaati Ati Anaf
Addaa Sifan Qaba Jaalala Guddaa Atimmo Wa'ee Kotif Yaada Akkamii Qabdaa?? Sin Jaalladha Jalala
Dhugaa I LOVE YOU

5.bulchiinsikee naaf ta'eeraam

hinqabu gaaffii haqaa,

addunyaakee keessaa ba'ee eessa abbaakon dhaqaa?

erga mootee miirako


miirakoo alaaf keessaa,

yoo barbaadde nabittee

nagurguruu dandeessa.

eenyummaako dhiiseen

enyuumaake jiraadhaa,

ba'aakee sirraa fuudheen

jilbeenfadhee siif baadhaa.

Mi'aako afaan dammaa egereekoo qaalii

an siif jechan dhabu ati hundumaa naaf caalii.

wareegama dhufu hundayyu ansiifan kaffala,

qixxeen qabneekoo jiraadhu an sumaafan maggala.

6.Jaalallee koo!!

Qaroon kee miidhamee

Arguu dhabdus lafa

Ija kee siif ta'een

Siif birmadha nafa

Adeemsa dadhabdee

Yoo buutes mogolee

Si utubeen adeema

Sin gatu yoomillee

Harka kee si qabeen

Si agarsiisa daandii

Si buusee adeemee

Gufuun sin rukutu

Nan dhaapha si maddii


Raawwadhee sin laadhu

Bineensaaf darbadhee

Gaddi kee gadda kooti

Nan boo'a hirqinfadhee

Sitti hin jabaadhu garaa

Yoomiyyuu danda'ee

Misjii keeyyuu dubbiseen

Immimmaan koo harca'e

Icciitii kee nan eega

Dhoksaa garaa keetii

Natti himadhu yaada kee

Nan sodaatiniitii

Ani siif horma Miti

Horma waadaa ciru

An siif haadhoo keetiim

Fira dhiigaaf tiruu!

Fayyaan kees dhibamee

Gaafa dhukkubsattu

Nyaachuu yoo dadhabdes

Yookiis alanfachuu

Bulleesseen siif kenna

Afaan koon hiixadhee

Gaaffiima kee kana

Deebisuuf miixadhee

Garuu hin jibbituu


gorora afaan koo?

Moo mi'aasaa

Dhamdhamtee

Eegdaree waadaa koo?

7.Ati hiree koodha kennaa waaqa biraa keessi onnee kootiis hin fedhu kan biraa dhugaan sijalaadha
jalaalla gad fagoo Situ naa booji'em dhugaadha onneekoo bareedina keetu kan namaarra addaa jireenya
koo keessaa bakka guddaa qabda jabeessitti eegadhu waadaa jalaalla koo yoo du'aa malee sin ganuu
keessikoo dammaakoo!!! Garuu Bayyee Sii Jalaadha Onnee Kiyyaa 100% Uuuuumphaaaaaa Ababoo Koo
Lubbuu Koo

8.

You might also like