You are on page 1of 12

1.

NAMA
1.1.namni maali?
1.2. kaayyoon uumamuu namaa maali?
1.3. namni tokko nama guutuudha kan
jedhamu yoomi?
1.4. wantoota ittiin namni Uumama kaan irraa
adda ta`u
1.5. Dandeetti namaa
1.6. Ilaachi namaa
1.7. Sanyii namaa

1.1 NAMNI MAALI?


Jechi yookiin maqaan walii galaa `nama` jedhu kun
kan mooggaafamee uumaanidha. Namni uumaan
yaadee karoorsee harkasaan kan uumedha. kanas
kutaa macaafa qulqulluu keessaa Uma 1:26, irratti
kana booddee Waaqayyo, "Koottaa akka bifaa
keenyaatti, akka fakkeenya keenyaattis, nama in
uumnaa! Isaan qurxummii galaanaa irratti, horii
qee`ee irratti, bineensa lafaa hundumaa irratti,
munyuuqaa lafa irra munyuuqu hundumaa irratti
mootummaa haa qabaatan!" jedhe.

kutaa kana irratti "Koottaa" yeroo jedhu Waaqayyo


eenyuun waamaa? namahoo ganaa uumuuf jedhaa;
gaaffiin jedhu, sammuu dubbisaa barruu kanaa
keessa akka dhufu nan amana. Kottaa kan inni
jedheen waaqayyo ilmaa fi waaqayyo hafuura
qulqulluutiini.
Namni bifa uumaa qabaatee kan uumame yommuu
ta`u, kan ilaalee argu, dhagahee dhaggeeffatu,
harkaan qaqqabatu, miila qabaate kan socho`u,
yaaduu kan danda`uu fi isa yaade hojiitti kan
hiikudha. Egaa waaqayyo hangafa namaa kan
ta`e, jalqaba irratti Addaamiin biyyee biyyoo lafaa
irraa harka isaan tolchee uume. Addaamiin erga
uumee boodas inni qofaa isaa jiraachuunii fi
jireenya isa gaggeeffachuun gaarii akka hin taane
waaqayyo beekee, isaaf dubartiin akka barbaachiftu
yaadee murteessees isaaf keenne. kanas uma. 2:21-
23 kan jiru yoo ta'u, "Waaqayyo gooftaan namichi
rafee akka of wallaalu godhee; utuu namichi rafuu
lafee cinaacha isaa keessaa tokko fuudhee iddoo
isaatti foon guute. Waaqayyo gooftaan lafee
cinaacha isa namicha keessaa fuudhe sana irraa
dubartii tolchee namichatti in geesse. Namichis
"Amma reefuu ta'e; isheen kun lafeen ishee
lafeekoo keessaa foon ishee foonkoo irraa
fudhatame; isheen kun namatti waan argamteef,
'Namee' jedhamtee haa waamamtu!" jedhe. haala
kanaan dubartiin hangafaa kun gara Addunyaa
kanaa dhufte.
Addunyaan amma namni hamma lakkaa'uunsaa
lakkooftota uummataa rakkisuu gahutti guute kun,
danoomuu isaanii irraa ka'uunis akkaataan itti nama
kana to'atan ulfaachuu irraan kan ka'e, kutaama
biyya tokkoottiyyuu: biyyi naannoleetti, naannoon
godinaaleetti, godinni aanaaleetti, aanaaleen
gandootatti, gandis deebi'ee mandaraa mandaratti
qoqqoodamuu danada'ee jira. sanaanuu utuu
mootummaan irratti dammaqee qusannaa maatii
uummata kana qaamaanii fi karaa foddaa TVn hin
barsiifne ta'ee yoona silaa balaan buute. Garuu
horee baay'achuun namaa ammaa kun ajaja
uumaan ganama obboroo kennedha. uumaan osoo
nama hin uumiin wantoota namaaf barbaachisa
jedhamee yaadamu mara dursee waan
qopheesseef, dacheen kun heddummachuu
namaarraa kan ka'e, namni kuni lafa jiraatu
dhabinna? shakkii jedhuu fi yaaddoo homaatuu of
harkaa hin qabu.
Namni amma akka margaatti lafa uffisee, ulfina
mootummaa fi ulfina biyyasaa ta'e kun, bu'uurri
isaanii Addaamii fi Hewwaan akka ta'e haalaan
hubanneerra.
Waa'ee nama kanaa ibsuuf yoo kaane

uumaan itti yaadee karoorfatee


biyyee biyyoo lafaa hammaarratee
uumama mararra calchifatee
bifaaf fakkeenya isaan kan hojjete
hafuura jiraatu itti baafatee
ta'ii kana hunda erga raawwatee
namnis mara guuttatee dhaabbate

tolchee dhiise miti adda godhe


hunda irratti mootii ta'i jedhe
biti bineensota sinbiraaf allaattii
kan bosona keessaa isa galu manatti
jedhee jalqabuma kenneefii muudama
gaafasii eegale bitamuun uumamaa

fardi guddinsaaf mana hin seenne kuni


da'imatu ajaja karaa barbaadeeni
bofa summii qabdu idditee ajjeeftu
osoo namni imaluu ijaan yoo argitu
biyyee nan badekaa! maaloo nan dhoksituu
jettee itti himattee baqattee kan ooltu
muudamasaa beekte kanaaf itti hin siqxu

kanaaf namni ka'ee korma jigsee qala


yoo fedhemmoo gaangee gaala koree imala
eenyu siif eeyyamnaan ati kana goote? jedhamee
hin gaafatamu aangoo dura argate

uumaatu kabajee itti uuffise simboo


namni kaanee yoo laallee ni miidhaga abboo
maal eessaan fokkata fakkaattii uumaati
qocaamoo hantuuta kamiin seete ati?
safuu hojii uumaa nama adduma godhe
beekumsaanis guutee godhe kan badhaadhe

Egaa namni kun jalqaba uumaan kabajamee


harkasaan kan bocame, aboof aangoo hunda irratti
fudhatee kan uumame yommuu ta'u, simboo fi
ulfina qabeessadha. namni kun uumamaan
dandeettiin waa dalaguu, isuma waliin kan
uumamedha; isa barnootaan ogummaa gonfatuun
alatti, namni muuxannoo waa dalaguu fudhateema
kan gara addunyaa kanaa dhufedha.
wantoonni irra lafa kana irratti dalagaman marti
mana barnootaatii gahuumsaaf beekumsa argaman
qofaan akka hin taane, sochii fi gocha Addaamii fi
maatiin isaa raawwatan irraa argachuu ni
dandeenya.
Akka walii galaatti hojiin dhalli namaa yeroo
jalqabaaf irratti bobba'ee hojjechaa ture:-
1.Eegumsa
2. Qonnaa fi
3. horsiisa beeyladaati.
Hojii amma namni danuun quxisuu ykn dhuma
hojiiti jedhee bakka gad aanaa eegumsaaf qabu,
ilaalaacha dogoggoraa ta'uu bira gahameera.
sababni isaas, yeroo jalqabaaf hojiin Addunyaa kana
irratti mul'ate, sanuu uumaan kan ajaje, jalqaba
namaa ykn angafa namaa kan ta'e Addaam akka
irratti bobba'uuf hojii abborfatee Addunyaa kana
irratti dhalatedha eegumsi. Kan duraa booda
gochuutu barsiifata ta'uuf ka'e malee, hangafi hojii
Eegumsa.
Waaqayyo jalqaba Addaamiin erga biyyoo irraa
tolchee, Hewwaaniin immoo cinaachaa isaa keessaa
fuudhee isatti geessee booda, isaan lachanuu akka
dhaaba EDEN keessa jiraatan godhe. dhaaba sana
keessa utuma deddeebi'anii waan gochuun isaan
irra jiru isaan qabsiisee ture. Dhaaba sana akka
eeganii fi akka tottolchanis dirqama uumaan
isaaniitti kennedha; jarris bakka eebbifamaa kana
keessa utuuma jiraachuutti jiranii, itti
gafatamummaa isaanis utuu bahatanii, guyyaa
keessaa gaafa tokko shaakala biraa eegaluu
Hewwaan irraan kan ka'e, waadaan jarri uumaa
duukaa qaban ni hiikkate. kan dhaga'amuu qabu
dhaga'uu dhiisanii, kan dhaga'amuu hin qabne
dhaga'uun gaafasii eegalee laata?
Gaaddisa qilleensa nagaan guute, hargananiis
sombaaf kan mijatu, urgaa'aan naannoosaa
halaalatti kan nama simatu, sana keessaa gad
baafamuunis dhufe egaa! maaliif ree? agartuu
namaatu gara bira laale, gurra namaatu
dhaggeeffachuun isaaf kan hin eeyyamamne
dhaga'ee dhaggeeffatekaa. Uumaan achumaan
bakka ulfinaa sanaa nama gad oofe. Muummeen
hojii Addaamis guyyaa gaafa Eden keessaa bahee
eegalee ni jijjiirame. harka isaan hojjetee, bu'ee
bahee, ofiin of gaggeessuufis itti gaafatamummaa
ofii isaatii fudhatee hinkoo/gahee isaaf qoodame
qonnaa duukaa faana kaase. Akkanumaan ijoolleen
isaas Qaayiin qotee bulaa, Abeel horsiisee bulaa
ta'uun jiruu isaanii adeemsisuu itti fufani;
hammeenyi nama daran utuu hidda hidda hin
yaafatiin. haa ta'uyyuu malee Addaam akkuma
gaafa hojii eegumsaa irratti bobba'etti, muuxanno
tokko malee, nama kam irraayyuu osoo hin argiin
mi'a qonnaaf brbaachisan kanneen akka:- gindii,
harqootaa, harkiftuu, qonyee, maarashaa, babattee
fi k.k.f dandeettii uumaan ganama keessa isaa
kaa'een hojjetatee hojii isaatti fufe.
Abeel ilma Addaam yoo ta'u, inni immoo horsiisa
loonii irratti kan bobba'e fi innis akkuma abbaasaa
Addaam muuxannoo homaatuu osoo hin qabaatiin
gara horsiisa kanaatti seene. akka har'a kana
hoolaan ji'a meeqatti akka dhaltu waallee hin
beeku; hin tilmaamus. bu'urri inni irra dhaabbatee
waan kan tilmaamu homtuu sababii hin jirreef.
Abeel dura namni tokkollee waa'ee hojii sanaaf
muuxannoo qabaatee yaada isaaf kan qoode hin
jiru. adeemsa keessa Abeelis haala isaanii hunda
hubachuu danda'e; turtii keessa waanti bira hin
gahamne sababii hin jirreef. barnoonni idileen
amma sirnaa'ee kennamaa jiru kun, dhimma
beeyladaa irratti muuxannoonsaa Abeel irraa waan
odeeffatame ykn fudhatame wayii natti fakkaata.

Uumama mara keessaa namni egaa karaa hedduun


adda kan ta'ee fi ta'ees kan argamudha. dhala
namaa kana maaltu uumama kaan irra adda isa
godha? yaada jedhu fuula dura kanatti bal'inaan
tuquu waanan yaaleeruuf asitti kaasuun nan
barbaachisu.

You might also like