You are on page 1of 2

FALMII KIRISTOOSIIFI SEEXANA GIDDUU JIRU

Gara raawwiitti dhiyaateera. Seexanni haala seenaa ilmaan namaa irratti humnoota isaa hiriirsaa
jira. Karaa yohaannis “Mul. 12:12, phex. 5:8dubbisi.

“ Yeroon yaaddessaan /hammaan/ fuula keenya dur ajira. Dhugaa kan beeku hundumtuu
dammaqoo mataa isaa, dhaqna isaatiifi hafuura isaa toora leenjii w/qa jala of galchuu qaba.
Diinni godoo ykn dunkaana keenya irra jira. Ofirra eenyufis dammaqoota ta’uu qabna.

Mi’a waraanaa kan waaqaa guutummaatti uffachuu qabna. Gorsoota nuuf kennaman hordofuu
qabna.

Dhugaa yeroo kanaaf kennames jaallachuufi abboomamuufii qabna. Kunis gowwoomsaa cimaa
fudhachuurra nu oolcha. 8T298

YEROO ITTI QOPHOOFNU

testimonies 5ffaa fuula 711 keessatti.


“ Saba waaqaa rakkoo guddaatu eeggata” kan jedhu dubbifna. “ Rakkinnichis irraa jalaan nutty
dhufeera. Seexanni yerichi gabaabaa akka ta’e ni arga(argeera). Yeroon haraaraas amma
raawwatutti, balbaalli haraaraas bara baraan amma cufamutti, namootni akka gowwoomfaman,
akka dogoggoraniifi akka qabamanii ta’anii/akka hidhamanitti akka gataniifis inni bakka bu’oota
isaa hundumaa hojiitti bobbaaseera.

“Addunyaadhaaf ergaa haraaraa kennuu ilaalchisee utuu saba isaatiin geggeeffameera ykn
adeemsifameera ta’ee, kiristoos kanaan dura gara biyya lafaa kanaa dhufa ture. Toloonnis kanaan
dura gara magaalaa waaqaatti simannaa argatu turan.”
Eyyee tokkoo tokkoo “ labsiin guyyaa dilbataa hin bane jechuu danda’u.” warroonni yaada
kanaan of sossoban kan itti aanee jirus mee itti haa yaadan.”6T450 “

Yeroo hedduu kana kunoo kan akkas tuture amma daddafnee kadhataan qorachunn hin
qabaannuuree? Bakka bu’oonni warri lafaa /hojjetootni/ hojjetoota waaqaa ergamoota hafuura
qulqulluu walii galanii hojjetaniiru ta’ee hedduun gara dhugaatti deebi’u turan.

Garuu sabootni nuti kan waaqaati ofiin jedhan gahee hojiisaaniif kenname irratti muganii
argamaniiru. Isa beekaa “hafuurri qulqulluun daandii ittiin hojjetu eeggachaa jira. Hafuurri
waaqaa godaansa /namoonnisaa/ dafanii akka fudhataniif dafee waldaa isaa irratti roobuuf
jedha.”
ERGAA LAA’UDOOQIYAA Mul.3:14- 21
Saba haftuu waaqaa daddamaqsuudhaaf maaltu jedhamuu qaba? Fula keenya dura haalota
sodaachisoon jiraachuu isaaniin arge. “ seexanniif ergamootni isaa saba waaqaa irratti fe’uudhaaf
humnoota isaanii fidaa jiru. Yeroodhuma muraasaaf illee yoo rafaniif badiin isaanii murtaa’adha.
1 T263 Yeroo seenaa lafaa tutture kana keessatti isheen haftuun laadoqiyaan humna
guddaadhaan ergaa ergamaa 3ffaan humnaan labsuudhaaf kan isheen hin qophoofneef maaliif
laata? Seenonni kanatti fufanii jiran hammina diinaa kan saxilanidha.

DOGOGGORSA SEEXANAA
“Yoo danda’amee seexanni guyyaa sana dhaabbannaa isaanii tolfachuuf jecha namootni qophee
akka hin godhanneef ni dhorka. Innis karaa saanii duraa cufuudhaaf qabeenya lafaatiin isaan
danquuf /gufachiisuuf/ ba’aa ulfaataafi nuffisiisaa akka isaan baataniif isaan gochuudhaan waan
hundumaas isaaniif mijeessa. Garaasaanii jireenya akka sirratti akkasaan gatan gochuudhaan
guyyaan qormaataa akka hattuutti akkanni isaanittidhufu godha. GC625,626

Humnootni seexanaa murtee bara baraarraa yaada namaa micciruudhaaf hojiirrra jiru. Diinni
yaada mataa saatiin akka walii galaniif haalota mijeeffateera. Hojii biyya lafa ispoortii, jireenya
gad-dhiisii, guyyaa guyyaa isaan kun sammuu dhiirotaaf durbootaa qabu.” 9T43 Warroota yaada
namaa booji’an kumaatamarrraa fagaachuu qabna. Dhimmootni yeroo balleessaniifi qorannoo
kakaasan jiru. Garuu isaan kun waan akkasumaan raawwatamanidha. 2 Qor.11:14 1T341

1phex5:8 . efes 6:11,2tas2:9

You might also like