You are on page 1of 6

Barannoo Tokkoffaa Barumsa Tajaajilaa

Boqonnaa Tokko:hojii waaqayyoo akka hojjennuuf maal haa goonu?


Boqonnaa lama: waaqayyo laphee keessan beeka.
Tajaajilaan lapheen isaa hin jijjiiramne tajaajila isaa irratti dhiibbaa akkamii fida?
1.Fudhatama dhabsiisa.
2.Amantii keessa isaa dhaba.
3.haala adeemsaa jalaa balleessa.
Boqonnaa Sadii:Laphee ofii eeggachuu
-yaanni namaa waaqayyoon akkamitti jijjiiramuu danda’a?
1.yeroo hunda yaada garaa isaa fuula waaqayyoo duratti
qorsiisuudhaan
2. qalbii ofii dhaqna qabuudhaan
3.kallattii galmeen keenya jiru sirreessuudhaan
Boqonnaa Afur: Warra Afuura ho’aa ta’aa
-Afuurri tajaajilaa akkamitti qabsiifama?
1. hojii kanaaf yaada qabnu akka sagalee waaqayyootti
haaressuudhaan
2. waaqayyo isa jalqabsiise akka xumursiisu hubachuu
3. burqaan ergaa tajaajila keenyaa waaqayyo akka ta’e
hubachuudhaan
Boqonnaa Shan: Waliin hojjechuu
Barnoota Tokkoffaa Kana Akka Xumurreen
 Waaqayyoon tajaajiluuf maal gochuu akka qabnu ni hubanna.
 Tajaajilaarraa maaltu akka eegamu ni beekna.
 Miidhaa fedha waaqayyoo malee tajaajiluurraa dhufu ni hubanna.
 Karaa,karooraa fi yada waaqayyootiin qofa tajaajiluurraa bu’aa argamu ni
hubanna.
 Fuula waaqayyoo duratti gadi of deeebisuun faayidaa maalii akka qabu
adda ni baafanna.
 Humna tokkummaa keessaan dhufuu fi kennaa nuuf kennameen qofa
tajaajiluurraan bu’aa argamu adda baafanna.
 Mallattoowwan tajaajilaa sirraa fi hin taanee haala salphaa ta’een ni
hubanna.
 Waaqayyo tajaajilaa tokkorraa maal akka jaallatuu fi jibbu ni hubanna.
 Miidhaa walirratti ka’uun fidu hubannee irraa of eeggana.
 Garaa garummaa fi bu’aa tajaajila fedha namootaaa fi kan waaqayyoo
gidduu jiruu ifaa fi ifatti adda ni baafanna.
 Tajaajila kamiyyuu dursinee akkamii fi akkamitti of qopheessuu akka qabnu
ni xiyyeeffanna.
 Qajeelfama tajaajilaan tokko hordofuu qaba ni qalbeeffanna. Hojiirras ni
oolchina
 Afuura tajaajilaa cimsuun barbaachisaa akka ta’e ni habanna.
 Lapheen tajaajilaa tokkoo akka waaqayyo barbaadetti jijjiiramuu dhabuun
tajaajila isaa irratti dhiibbaa akkamii akka fidu ni hubanna.
 Maalummaa dhiifamaa hubannee bakka itti ni kennina.
 Eenyuun tajaajilla? Yoom tajaajilla? Eessatti tajaajilla? Kan jedhuuf deebii
quubsaa arganna.

BOQONNAA TOKKO
Hojii waaqayyoo akka hojjennuuf maal haa goonu?
Yoh 6:28
Fedhiin qofni hojiin waaqayyoo akkaataa waaqayyo barbaaduun karaa sirrii fi bu’a qabeessa
ta’een raawwachiisuu hin danda’u.
Hojiin waaqayyoo beekumsa,harkaa fi ogummaa namaatiin miti.

Hojiin waaqayyoo karaa sadiin raawwata.


1.yaada,karaa fi ayyaana waaqayyootiin kan hojjetudha.hojii waaqayyoo ammo hojjechuuf
ogummaa, beekumsaa fi daandiin namootaa qofti gahaa miti.
Hojii waaqayyoo guddaa kana gaafa ilaallu egaa tajaajilaan kam iyyuu baay’ee beekuu fi
barachuu,akkaataa hojii fi daandii waaqayyo beekuun barbaachisaadha.
Mootii Salamoon
Ogummaadhaan, maallaqaa fi baay’ina loltuutiin nama gahaa ture.egaa kana hunda
qabaachuun Israa’eliin geggeessuu fi bulchuudhaaf gahaa ta’uu danda’a. haa ta’u malee mana
waaqayyoo hojjechuudhaaf loltuu, maallaqnii fi ogummaan Salamoon kophaasaa gahaa hin
turre.kkana kan argannu 1 Sen 29:1.
Kanaaf tajaajilaan kamiyyuu hojii waaqayyoon walbira gaafa qabamee ilaalamu ganaa ijoollee fi
xobbeedha jedhama. Kanaaf tajaajilaan kamiyyuu hojii waaaqayyyoo hojjechuudhaaf yeroo
filatamu maal godhu akkamittiin hojjedhu jedhee gaafachuu qaba.
Saduuqonni akkuma beekamu afuurris du’aa ka’uunis hin jiru warra jedhanidha. HoE
23:8.kanaaf tajaajilli isaanii yeroo hunda waan mul’atuu fi ergamoonni fi afuurri akka hin jirre
xiyyeeffatanii waan turaniif uumama qofa irratti kan xiyyeeffatee fi bal’aa fi gadi fagoo kan ta’e
yaada waaqayyoo kan hin dandeenye ture.
Sammuu uumamaatiin waan deddeebi’aniif afuurri waaqayyoo isaanif gowwummaa ture. 1 Qor
2:14.kanarraa ka’uudhaan waa’ee afuuraa waan afuuraatiin qabee yeroo inni isaan barsiisutti
hin fudhatan ture..waan lafaa qofa irra turan.
Fariisonni:Du’aa ka’uun, afuurrii fi ergamoonni akka jiru ni amanu.HoE 23:8.yeroo hojii
waaqayyoo hojjetan garuu waan bakkeen mul’atuuf malee waan keessaatiif dursa waan hin
kennineef Gooftaan Yesuus oftuultota jedhee isaan ceepha’aa ture.lapheen,karaa fi afuurri
tajaajila isaanii fuula waaqayyootti gaafa miijanamu oftuulummaadhaan guutuu akka ture
sagaleen waaqayyoo ni dubbata.
Mat 23:27-28
Tajaajilli ala addabaabayiirraa osoo hin taane keessaa jalqaba jedhaanii ture.Mate 23:26,mat
23:5
Gooftaan Iyyesuusis hojii waaqayyoo hojjechuuf maal haa goonu jedhanii yeroo gaafatan akkas
jedhee ture.”Hojiin waaqayyoo kun isa inni ergetti akka amantaniifidha” jedhe. John 6:29.
Namoonni sun fuula waaqayyoo duratti tajaajila fudhatama qabu gochuu yoo barbaadan
dursanii bara sanatti isa waaqayyo abbaan erge kana fudhachuu fi amanuutu irra ture.itti
aanseemmoo yaada waaqayyo abbaan ergetti , fedha isaatti, hojii fi karaa isaatti amanuun
isinirra jira isaaniin jedhe.
Isa waaqayyo yeroodhaan akka isaaf hojjetamu barbaadu gurguddoo kanneen akka Fedha isaa,
hojii fi akkaataa hojiisaa osoo hin fudhatiinaa fi hin amaniin akka Fariisotaa sochii bakkeerraan
mul’atu qofa yoo taasisna yoo ta’e fuula waaqaa duratti fudhatama hin qabu.
HoE 16:25-31 irratti Phaawuloosiif sillaas mana hidhaa keessatti taatee ta’e sana booda
eegduun mana hidhaa sun “Maal gochuun qaba ?” yeroo jedheen isaan “Gooftaa Iyyesuusitti
Amani.atis maatiin kees ni fayyu” jedhaniin.
Tajaajilli: yaadaa fi karoora waaqayyoo hubachuudhaan hojii ulfina waaqayyootii fi karaa
daandii fi ayyaana waaqayyootiin hojjetamudha.hojii kana hojjechuuf immoo kaayyoo fi
karoora waaqayyo waldaa kiristiyaanaatiif, biyya lafaa fi dhaloota gidduutti qabu hubachuu fi
amanuun barbaachisaadha.tajaajilaan yeroo fi karoora waaqayyo yeroo keessatti qabu utuu hin
hubatiinii fi hin amaniin akkasumaan kan fiigu yoo ta’e bu’aan isaa faallaa ta’a.
Saduuqonnii fi Fariisonni kan hojjetanii fi kan kadhatan maqaa waaqayyootiini. Sochiin isaallee
qabsoodhaan kan guute ture.fiigichii fi qabsoon kun hundinuu garuu qabiyyee fedha waaqni
yeroo fi baricha keessatti akka hojjetamuuf qabu kan hordofe hin turre.
Tajaajilaan tokko waan waaqayyo baricha keessatti yaadee fi karoorse amanee irratti
xiyyeeffachuu qaba. Waan aduu gadi jiru kun hundi yeroodhaan murtaa’a.yaanni waaqayyoo
kanadha jennee dubbachuu fi labsuu dursuudhaan amanuun dirqama. Sagaleen waaqayyoos
waan hin amanne akkamittiin waamu? Jechuudhaan dubbiin dura amanuun akka dursu
nubeeksisa. Rom 10:14
Saa’ol
Waaqayyo harree barbaacha irraatii gara mootummaatti waame.isatu filate.ta’us garuu hojii
waaqayyoo akkaa fi daandii waaqni barbaadeen hojjechuu waan hin dandeenyeef waaqni isa
dibee fi filate akka deebi’ee tuffate macaafni:1 Sam 15:26
Amaaleqoota balleessi jennaan keessaa fiffilatee hambise.1Sam 15:1-35

Musee
Mana fara’oonitti akka guddatu karoora waaqayyoo ture.Bau 2:1-10
Karooraa fi hojii xonqaayotaa ittiin akka fashaleessuuf waaqayyo biraa nama uleen
kennameefidha.
Nama waaqni Biyyi misir akka waan inni dubbatu hunduu isheerratti raawwatuuf aboon
kennameefidha.kes 34:11-12.
Maariyaamii fi Aaron
Warri kun ammo warra Hojii Musee keessa seenanii hojii isa dhowwanidha,waaqayyo garuu
yeroo isaan irrati ka'anitti gara Musee goree abukaatoo ta'eef. bau 12:5-8
Museen gatii guddaa kan kaffalee fi biyyichas osoo hin dhaaliin kan hafedha.Kes 34:4-5
Museen:
1.humna waaqayyoo isa jabaadhaan kan guutamee fi bichaan diimaa kan addaan hire
2.Maaraa kan Miyeesse
3.Fuula waaqayyoo duraa guyyaa 40 fi halkan 40 dhaabbachuudhaan qajeelfama akka saba
Israa’eliif ta’uuf seera waaqayyo harkaa kan fudhatee tajaajilaa waaqayyoo isa guddaa dha. Haa
ta’u malee jireenya xumuraa waaqayyo isa argisiise ni ilaale malee dhaaluu hin dandeenye.
Maalif?kun bara kamiyyuu nama waaqayyoon tajaajiluuf ka’eef fakkeenya guddaadha…….
Refdimitti Museen akkuma abboomametti raawwate.bu’aansaas gaarii ture. Bau 17:5-6
Bakka biraatti garuu Museen ..Qaadesitti..Lak 20:1-6 waan abboomame dhiisee akka isaaf
mijatutti raawwate.. Bu’aan isaahoo?S.Lak 20:8-12
Musee fi Aaron karaama dur baran sanaan waaqni har’as akkasitti waan bishaan kennu itti
fakkaate.waaqayyo garuu karaakoo osoo hin taane karaa mataa keessanii deemtan waan ta’eef
ana hin kabajnee jedheen waaqayyo.
Knarraa maal baranna? Tajaajilaan kamiyyuu tajaajilasaa kaleessaan hammam bu’a qabeessa
yoo ta’eyyuu waaqayyo akkaataa hojii yeroo jijjiirutti laphee isa wajjiniin jijjiiramu qabaachuun
barbaachisaadha.
Museen bakka kanatti miira isaa fi miira sabichaa eeguu yaade malee akkaataan ku
waaqayyoon ni gammachiisaa jedhee hin gaafanne.kanaaf tajaajilaan har’aa garuu waaqa isa
waameef amanamaa ta’ee tajaajiluu qaba.
Aaron
Fedhaa fi gaaffi sabichaarratti hundaa’ee jabbii warqeerraa hojjete.isayyuu fedhaa fi gaaffii
isaanii akka kan waaqayyoo ta’eetti fakkeessuudhaan “BOR AYYAANA WAAQAYYOOTI!
Jechuudhaan akkaataa waaqayyoon faallessuun hojjetaa ture.
Lubni Aaron waaqni biyya misirii sibaase kanadha jechuudhaan dubbataa ture. Bau 32:1-
6.karaa waaqayyoorraa ala osoo tajaajiluu wacaa fi fudhatamummaa sabicharraa argate ilaalee
wabii waan qabu itti fakkaate.kanaaf egaa waaqayyo sagaleesaatiin waaee saba kanaa akkas
jedhe.Bau 32:9
Aaron …Bau32:25…. Saba fedhasaatti dabarsanii kennuun ulfinni ifa kiristoos sabicharratti
mul’atee warra ormoota akka hin boojine godha.
Yohaannis Cuuphaa
Nama karaa waaqayyoorra waaqayyoon tajaajiledha.karaa fi yeroo waaqayyo barbaadee fi
akkaataa waaqayyo barbaadeen malee ofii fudhatama argachuuf waan sabni sun barbaade hin
tajaajille. Sagaleen waaqayyoos…Luq 3:15-17
Fedhii fi miirri sabaa yohaannisiin waan itti ergame keessaa isa baasuu hin dandeenye.waa’ee
kanaa ammoo Yesuus dhugaa baheefii ture… luq 7:27-28
Daawwit…. 1 Sam 18:7-9
Gahumsa waaqayyo kenneefiin Gooliyaadiin nama ajjesedha.sana booda miirri durboota
Israa’el waan itti toleef faarsaa humnasaa wajjin walmadaale hin faarsineef. Itti yaadanii
hubatanii hin turre.Daawwiit osoo kanatti gammadee yaadasaa irra kaawwateera ta’ee waan
hedduudhaan miidhama ture, kanaaf waaqnis nama akka garaakoon argadhe jedhaa ture.
Asirraa maal baranna? Tajaajilaan lallaba akkamii yoon lallabe sabni kun fudhata? Barumsa
akkamii barsiisu? Jechuu dhiisee hojii waaqayyoo karaa waaqayyo jaallatuun hojjechuuf garaa
kutachuu qaba.
Iyyooriba’aam
Waaqayyo Salamoon irraa fuudhee saba kudhan akka kennuuf Israa’elirrattis akka moosisu
waadaa galeefii ture. Qajeelfamas 1 Mot 11:31-33 irratti waaqayyo kenneeraaf.yoo waanan
sittihime goote animmoo kanan siif godha akkuman Daawwitiif hojjedhe siifan nan hojjedha
jedhee ture. 1 Mot 11:38.Yerobi’aam garuu saba waaqayyo irraa fudhate kana yaada,karaa fi
heyyama waaqayyoon osoo hin taane fedhaa fi miira sabichaa duukaa bu’ee faallaa waaqayyoo
hojjechuu jalqabee ture.gochaa inni godhe 1 Mot 12:26-28 irraa ilaalaa.
Yeroobi’aam fedha qalbiisaatiif dursa kennuudhaan sabichi waaqeffannaa dogogoraatiif akka
ofkennu godhee ture.kunimmoo fedhaa fi advantage mataa isaa eeggachuudhaaf jedheeti.
Dheekkamsi waaqayyoos irratti ni boba’e….. 1 Mot 12:9-10
Kanarraa maal baranna? Tajaajilaan kamiyyuu saba waaqayyo kenneef akka Iyyooriba’aam
sabichi akka kan dhuunfaa isaa ta’aniitti barbaaduuniin irra hin jiru.jalqabummarraayyuu sabni
waaqayyoo kanuma waaqayyooti malee kan eenyuuyyuu miti.dhiigasaa qulqulluu sana
dhangalaasee kan bitate gooftaa Iyyesuus Kiristoosidha malee tajaajilaa miti.
Sagaleen waaqayyoo waa’ee Yeroobi’aam 1 Mot 13:33-34
Bara kamiyyuu taanaa eessattiyyuu tajaajilaan tokko saba waaqayyoo karooraa fi karaa
akkasumas fedha waaqayyoon ala faallaa tajaajiluun irra hin jiraatu. Tajaajilaa gara tajaajilaatti
kan waamuu fi kan muudu waaqayyodha malee saba miti.
Kisu Senbeto [Pr]

You might also like