You are on page 1of 5

Guyyaa 16/7/2016

DHIMMISAA:- YAADAKO IBSACHUURRATTI HUNDAA’A


Akkuma armaan oliitti ibsamuuf yaadameti yaada maatii waliin qabate jiru fi haalota amma irra
jirru gara fuulduraattille haala akkamin akka waliin deemuu dandeenyu yaada mataako ykn
dhuunfaako ibsachu irratti hundaa’a. yaadan ibsu kana keessatti kan siniif fudhatame fudhachaa
kan isinitti hin tolle na sirreessa akkasumalle waan hafe jettani amantan itti dabalaa yaada
cimaafi dhimmi keenya akka galma nuuf gahu wal gargaaru akka qabnu abdiin qaba jechaa
guddanis xiqqaanis yaada mataa keessani haala barbaaddanin ibsachu akka dandeessanile adaraa
jechaa gara yaadakottin gala.

MUL’ATA KEENYA:-
Mul’anni maati kanaa inni duraa yaada qajeela qabaachufi mul’ata bal’aa, akkasumalle walitti
dhufeenya keenya cimsachuu, wal gaafachuu, gaafa gaddaaf gammachu wal bukke dhaabachufi
waan kamirrattille waliif jiraachu waliin jiraachudhaan alatti dhimmi inni itti ijaarame dhimma
polotikaa ykn dhaaba paarti ta’uufi akkasumalle waan badaa waliin mari’achuuf kan ijaarame
miti. Dhimma tokkofi tokko dhimma maatuma qofa irratti kan hundaa’edha.

Kanatti fufuun mul’anni keenya maatiwwan jiran waliin group uummachu, namoota nama
keenya ta’an ykn ijoolle wasiillanii, adaadatin ala fira kan hin dabalanedha. Garuu haallisaa
ilaallame ykn guddina keenya irratti hundaa’a firalle akka dabalatu mull’ata qabna. Itti fufuun
amma adda baasuuf;- maatii ittisa dabalaa qoofa kan ta’an ilaallata.

1. Obbo Xilawun ittisaa


2. Obbo shifarraa ittisaa
3. Obbo darribee ittisaa
4. Adde buzunash ittisaa

Armaan olitti kaneen ibsamani alatti dabalamuu qabu kan jettani itti amantan dabaluu ni
dandeessu.

HAALA GALMEE ILAALCHISEE:-

Galmeen ykn miseensumaan nama kamiifu kan hin eyyamamneefi maatiitti dabalamu
akka hin qabne, fakkenyaaf:- firumman, biyyumaan, ollumani fi kkf dabaluu akka hin
qabne. Sababnisas dhimmi keenya dhimma maatumma ykn obbolumaati malee kan
biyyumaa ykn firummaa ilaalatu akka hin taane amanne nama kamuu dabalu ykn Add
gochu akka hin qabanne hubachuu qabna.
HAALA QUSANNAA:-

Qusannaa waliin waliin qabate, qusachuun keenya gaafa gaddaaf qofa osoo hin taane
jijjiirrama ittiin agarsiisufi hojii ittiin hojjechuuf, akkasumalle hin fidiin malee gaafa
gaddaa waliin wal qabatee qarshii hammamtu bahuu qaba? Maaltu godhamu qaba?
enyuuf bahuu qaba? Kan jedhu adda baasuun murteessadha. Gaafa gammachuwo maal
gochuu qabna? Fakkeenyaf gammachu umurii keenyatti deebine hin agarre, cidha
fusisuufi heerumsiisuu, Eebba, SHinyiti yoo biyya keessa bahe qofa. Kana qofaaf baasu
qabnu. Kanaan alatti,

Qarshii 500 ji’aan qusannun alatti hojii hojechuu yoo barbaanne qarshiin nu hanqate
namni qabu yeroof nuuf liqeesse hojii eegalle dursa liqii keenya ofirraa heega baasne
booda gara qabeenya keenya walii galaatti deebi’a. yeroo liqii fudhanus dhala malee ykn
kaasaa malee ykn mallatto tokko malee t’uu qaba. sababnisaayyu ilaalchi nuti ittin wal
ilaallu akka gandaatti osoo hin taane akka obbolumaatti waan ta’eef shakkin nu
gidduudha bahuu qaba. Qarshiin kamiyyu socho’u kan qabu account tokkon maqaa:-

1. Fiqaaduu xilaawun
2. Alamu shifarraafi
3. Mammush shuleetin

heega walii galleeti kanaan alatti ykn account dhuunfaa saaniratti gashuu hin qabnu.
Hojiin komitoota kanaas akka abba ta’anii qarshii obbolaasaani kana yero yeroon
statement fudhachun nama gashefi nama hin gashinelle nu beeksisu akka qabaniifi
nama hin gashine akkasumalle haga ji’a sadiiti nama hin gashine maal ta’u akka qabulle
seera dhaabbachu akka qabnu fi haga ji’a sadi sadiiti maal airra akka geenyelle
komitoonni armaan oliitti ibsaman kun nu beeksisu akka qaban adaaraa jechaa
namoonni ji’a lama sadiif gashanii addaan kutan qarshiin isaani maal akka ta’uu qabu fi
heega eegalle ji’a lama sadi guunne, qarshiin gasha yoo jedhe dhufe maal qatahamuu
akka qabu adda baafachu akka qabnu.

Guyyaa 30-5 gidduutti namni qarshi 500 osoo hin gashiin irra dabarse maal akka
adabamuufi maal gochuu akka qabu beeku qabna. Armaan olitti wantotan ibse kana irra
dhaabbanne yaada akka waliif hirru jechaa:- gara caasefama keenyaattin darba.
CAASEFAMA MAATII ITTISAA DABALAA LOLAA

OBBO ITTISAA
DABALAA LOLAA

OBBO XILAWUN OBBO SHIFARRAA ADDE BUZUNASH OBB


ITTISAA ITTISAA ITTISAA DARRIBE
ITTISAA

OBBO KAASAA SH/ MISIRAQ OBBO BAQQALAA OBBO


XILAWUN SHIFARRAA SHULE WARQUU
DARRIBE

OBBO FIQAADUU ADE DHARAANEE OBBO FUFAA


XILAWUN SHIFARRAA SHULEE

ADE ZARITUU ADE MULUU OBBO BOKONON


XILAWUN SHIFARRAA SHULEE

ADDE WARQINASH ADE RAGAATU OBBO MAAMUSH


XILAWUN SHIFARRAA SHULEE

DAR. DIDHAA ADE WARQINASH ADE DASII


XILAWUN SHIFARRAA SHULEE

ADE TOLASHI
DAR. HAYILU
SHIFARRAA
XILAWUN
DAR. DUULAA OBBO ALAMUU
XILAWUN SHIFARRAA

DUR. ADDISUU
OBBO DAWO
XILAWUN SHIFARRAA

OBBO BALAAY
SHIFARRAA

DAR. BAAYISAA
SHIFARRAA

DAR. HAAFTAAMUU
SHIFARRAA

DUR. SHITTAAYE
SHIFARRAA

DUR. BURTUKAN
SHIFARRAA

DAR. KUMAA
SHIFARRAA
Namoonni ykn maatiin armaan oliiti hin ibsame yoo jiraatan wal haa yaaddachiifnu. Itti fufuun
ijollee abbabaa buuse ykn buchuruu shulee milkoo ijoollee dhugumaa milkoo galchuu hin
dandeenye. Sababnisas barbaachisa yoo ta’eefi fedha qabaatan galuu ni danda’u. ass keessattin
kanin ibse warra durbii tokkofaa qofadha. Sababnisaas maatin gindabarat jiran ijoolle bakka
buufachu waan danda’aniif fedha yoo qabaatan buusi eegaluuf mirga qabu.

Osoon hin galateeffatin kanin hin dabarre didhaa xilawuniifi balaay shifarraa guddaa naaf
galatooma. Yaada kana osoo kaasuu baattaniti sadarkaa kanarra hin geenyu turre guddaa naaf
jiraadha sinan jaaladha. Itti ansuun baayisaa fufaa qaxale ilmaa guddaa galatoomi akka nu waliin
jirtu nutti himteetta gochan gudadhu haadhoko.

Bakka buutota
Lakk. Maqaa maatii Maqaa bakka bu’aa Firummaa
01. Kaasaa xilawun ittisaa Mucaa
02 Zarituu xilawun ittisaa mucaa
03. Ijoolle warqinash nama gahe Mucaa
04. Dharraane shifarraa ittisaa Girmaa guutaa mucaa
05. Muluu shifarraa ittisaa Birqoo waltajji Mucaa
06. Raggaatu shifarraa ittisaa Addunaa tulluu Mucaa
07. Warqinash shifarraa ittisaa Badhaasaa kabbabaa Abbaa manaa
08. Baqqalaa shulee milkoo Burtee baqqalaa Mucaa
09. Fufaa shulee milkoo Baayisaa fufaa Mucaa
10.
Kanaan ala hin hafu bakka bu’umaan isaan barbaachisa kan jettan waliif haa ibsinu.

Xummura
Yaadako yoon goolabu hundasaa dubbistanii akka xummurtan abdiin qaba. Waan dubbistanii
xummurtaniif guddaa galatoomaa jechaa yaada kam yaada nu cimsuu danda’urratti nu
mariisisuu, nuuf barreessu, dogongortaniittu jettanii nutti dheekamuu dandeessu. Hunda dursa
yaada qajeela, mull’ata bal’aa yaada gaari ijoolle keenyaaf keenyee dabarru hojjechuu qabna.
Abbaan hin du’a maqaan hin du’u akkuma jedhamu sun maqaa gaari dhaloota dhufuuf keenye
darbuu waan dandeenyuf mul’ata keenya hin gabaabsinu bal’ifnee haa yaannu wal haa gorfannu
ija tokkoon wal haa ilaallu yoon balleesse dhiifama.

Haala buusi ilaalchisee maqaa koonis maqaa mucaa koonis galuuf fedhan qaba yoo jedhe galuu
akka danda’u. yoo danda’ame dhiifama yoon dogongore. Kanaan ala maatiwwan ykn dhala
keenyalle bal’inaan yeroo biraa galmeessine haa kewwanu boru isaantu ittin nu yaaddata waan
ta’ef waluma gala sadarkaa hangafumaa, dogongora qube, dubbatamu kan hin qabne yoon
dubbadhelle dhiifama galatooma ulfaadha.

. DAWO SHIFARRAA

You might also like