You are on page 1of 36

Maalummaafi Barbaachisummaa Dandeettii Barreessuu

Galmeen jechootaa ‘Oxford Advanced Learners Dictionary’ (1989) jedhu hiika jecha
“Skill’’jedhu yommuu kaa’u, “Ability todo something well.”(P.1193)jedha.
Hiika jecha kanaa gara Afaan Oromootti yeroo jijjiirru, yaada dandeettiin ga’umsa waan tokko
ittiin raawwannudha jedhu of keessaa qaba. Hiikichi dandeettiin kun adeemsa keessa shaakalaafi
hojii yeroo dheeraa booddee kan argamu ta’uusaa nutti agarsiisa. Maalummaan jecha kanaa
dandeettii barreessuu (writing skill) wajjin walbira qabamee yommuu ilaalamu yaada bu’uuraa
galmeen jechootaa qabu mul’isa.
Yommuu barreessinu mallattoolee sagalee dubbii bakka nuuf bu’an fayyadamuun qalamaan ykn
waan isa bakka bu’uun yaada barbaanne keenya. Haata’u malee, barreessuun mallattoo tokko
waraqaarra kaa’uu qofaa otoo hin ta’iin akkuma dubbachuun sagalee dhageessisuudhaa ol ta’e
barreessuunis qubeewwan /Mallattoolee/ waraqaarra kaa’uu kan darbudha. Qubeewwan walitti
dhufanii jechoota uumu, jechoonni immoo qindaa’anii hima tokko ykn himoota garagaaraa
ijaaru. Himoonni kun walqabatanii yaada guutuu tokko dabarsuu qabu.
Yaadolee Namoota Garagaraa Barreessuurratti Dhihaatan
Barreessuun yaada sammuu Keenya keessa jiru waraqaarra kaa’uudhaan namni biraa akka
hubatu affeeruudha. (Byrne, 1991:1)
Barreessuundubbisuunakkasumasakkabarreessaatti of ilaaluun danddeettii baratamudha’’
(Smith, 1982:199-200)
Akkuma yaadolee beektotaa armaan olitti eeraman irraa hubachuun danda’amutti barreessuun
mallattoolee afaan tokkoo lafa kaa’uu danda’uu qofa otoo hintaane, ergaa dabarfachuuf yaadne
haala barbaanneen dubbisaa biraan ga’uudha. Kana taasisuuf immoo jechoonni, gaaleewwaniifi
himoonni akkaataa seera afaanichaatiin qindaa’uun dhimma dursee dhufuu qabudha.
Kaana malees, dandeettii kana gaabbifachuun kan danda’amu shaakaluufi irra deddeebi’anii
obsaan yaaluuni. Kunis dhugaa eenyumtuu ragaa bahuu danda’udha. Namoonni gama kanaan
milkaa’eefi addunyaa kanarratti maqaa hindarbine galmeessisan ka’umsi isaanii dhugaa
kanarraa burqe jechuun ni danda’ama.
Gabaabumatti akkuma dandeettiiwwan afaanii biroo dandeettii barreessuu gahaa horachuun kan
yeroo fudhatuufi obsa guddaa gaafatudha. Kanaaf, adeemsa keessa dandeettii kana

1
fooyyeeffachuufi gabbifachuun nidanda’ama jechuudha. Barreessuun dandeettiiwwan biroo
wajjin walbira qabamee yeroo ilaalamu ni ulfaata..Asirratti waan tokko hindagatiin; barreessuun
kanneen biroorra nicima jechuun faayidaadhaan kanneen biroo caala jechuu miti.

Barreessuun maaliif ulfaata?

A. Hayyuun Byrne jedhamu dandeettiin barreessuu maaliif akka ulfaatu yemmuu ibsu dandeettii
dubbachuu wajjin walbira qabeeti. Yommuu dubbannu yeroo baay’ee namni waliin dubbannu
nubira jira. Haala inni keessa jiru fuula isaa irraa hubachuudhaan dubbii keenya mijeessaa
dubbanna. Yommuu barreessinu garuu wanta dubbisaan keenya nu bira hinjirreef carraa
adeemsa keenya ittiin sirreessinu hinqabnu. Kanaaf, dubbisaan keenya gaaffii sammuu isaa
keessatti uumamuuf deebii atattamaa hinargatu.
Kana malees, yommuu dubbannu dhaggeeffataan akka daddafnee itti fufnu nu jajjabeessa.
Dhaggeeffataan keenya waan nubira jiruufis qindeeffama yaadaatiif hagas mara hin dhiphannu.
Waa’ee barreeffamaa yeroo kaasnu garuu jecharraa kaasee hanga barruu guutuutti qindaayinni
haalaan barbaachisaadha. Kana qofaa otoo hinta’iin barreeffamni keenya akka fudhatama argatu
taasisuuuf keessa deebi’anii sirreessuunis nijira. Kanaaf, akka dubbannaatti saffisaan deemuun
rakkisaa ta’a jechuu dha.
Karaa biraa immoo dubbannaan dandeettiiwwan afaanii arfan keessaa kan bal’inaan itti
fayyaddamnu ta’uu isaati. Kana jechuun akka fakkeenyaatti yoo ilaalle namni tokko ganamaa
hanga galgalaatti wanta baay’ee dhimma adda addaa irratti dubbachaa oola. Gama
barreeffamaatiin garuu nixiqqaata. Akkasumas dubbachuu fedhiin irratti hirmaanna; barreessuu
garuu haalarratti hundoofneeti malee akkuma dubbiif hidhii keenya laffifannee jalqabnu
qalamaaf waraqaa walsimsiisuuf hinfooggallu. Yeroo tokko tokko immoo wanti barreessuuf
barbaanne akka feeneetti nuuf burquu dhiisuu danda’a (Byrne, D. 1991. 4-5)
Yaada hayyuun kun armaan olitti kennerratti hubachuu kan dandeenyu dandeettiin barreessuu
maaliif akka cimu sababoota ta’uu malan kaasuudhaani. Haa ta’u malee, dandeettii kana
cimsachuufi gabbifachuun hindanda’amu jechuu miti.
B. Hayyuun Elboo jedhamu immoo akkasiin cimina dandeettii barreessuu ibsa. Akka ilaalcha
hayyuu kanaatti rakkinni isaa namootuma bira jira. Kana jechuun namoonni baay’een
dandeettii barreessuuf ilaalcha gaarii hinqaban. Namoota qubaan lakkawwaman qofaatu
fedhii guutuun itti seena. Barreeffama gaarii qopheessuun muuxannoo yeroo dheeraan haa

2
argamu malee barreessuun eenyumaafuu banaadha. Waan kana ta’eeef, ilaalchi
barreeffamarratti qabnu kallattiinis ta’ee karaa biraan dhiibbaa nurraan gahuunsaa waan hin
hafnedha. Barreeffamaaf dandeettii barreessuuf ilaaalcha gaarii qabaannee fedhiifi
kaka’umsaan yoo itti deemne dhumni isaa bareedaa ta’a jechuudha; Barruu gaarii
qopheessuu dandeenya. Ilaalchi keenya faallaa kanaa yoo ta’e garuu, fedhiifi kaka’umsaan
ala dirqamuma barreessuu wanta qabnuuf yoo jalqabne barreefama keenya namni dubbisuun
haa hafuutii nutuu dubbisuuf hin feenu (Elbow, 2000: xiv).
C. Nunan akka ibsutti immoo, barreessuun kan cimuuf namoonni qulqullina barreeffamaaf
waan dhiphataniifi. Yaada burqisiifachuuf xiyyeeffannaa hinkennan. Akka Nunan jedhutti
yemmuu barreessuuf kaanu qulqullina caalaa baay’inarratti xiyyeeffachuu qabna. Yoo akkas
ta’e qofaadha dandeettii barreessuu guddifachuun kan danda’amu (Nunan, 1991 :87).
D. Yaadni biroo ulfina dandeettii kanaa wajjin walqabatu mata-duree irratti barreeffamu
jiddugaleessa godhata. Byrne(1991) gama kanaan waan jedhu qaba. Akka yaadasaatti
shaakalli barreessuu irratti barataadhaaf kennamu kan isa gammachiisuufi kan akka
barreessuuf isa kakaasu akkasumas dandeettii isaa waliin kan deemu ta’uu mala. Karaa
biraatiin mata-duree yaada irratti burqisiifachuu danda’uufi kan addunya dhugaa (jireenya
isaa) keessatti qabatamaadhaan isa quunnamu ta’uu qaba( Byrne, 1991: 40).
Barbaachisummaa Barreessuu

Barumsa gosa kamiiyyuu haa ta’uu adeemsa baruuf barsiisuu akkasumas jiruuf jireenya keessatti
barbaachisummaan barreeffamaa kan wal nama gaafachiisu miti. Akka fakkeenyaatti yoo ilaalle,
faayidaalee barreeffamaa keessaa isaan muraasni.
 Qormaata barreessii hojjechuuf
 Hojii qorannoofi qo’annootiif
 Gabaasa kitaaboleeefi qorannoowwan garagaraaf
 Miira namatti dhagahamu baasanii fedhii ofii ibsuuf
 Kitaaboleefi barruulee adda aaddaa qopheessuuf
 Barreeffama namoota xiinxalaanii yaadaa itti kennuufi kkf dha.

3
Barbaachisummaa Barreessuu Dhaabbilee Barnootaa Keessatti
Bal’inaan haalli itti fayyadamnu gargar haa ta’u malee, manneen barnootaa sadarkaa
gadaanaarraa kaasee hanga dhabbilee barnootaa olaanaatti dandeettii kanatti dhimma bahuun
keenya hin oolu. Sadarkaa tokkoffaa keessatti humni dandeettii kanatti fayyadamuu xiqqaadha.
Manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa keessattimmoo hanga tokko nidabala. Dandeettiin
barreessuu keenya irraa caalaa kan ba’ee mul’atu dhaabbilee barnootaa ol’aanoo keessatti.
Sababiinsaas, barattoota sadarkaa kanatti argamanirraa kan eegamu deebiiwwan gaggabaaboofi
murtaa’an barreessuu otoo hintaane qorannoofi qo’annoo gaaggeessuu akkasumas yaada
sammuusaanii barreeffamaan kaawwachuu (agarsiisuu) akka danda’ani dha.
Barbaachisummaa Barreessuu Jiruuf Jireenya Keessatti
Barnoota idileen alatti barreessuun jireenya dhuunfaas ta’e jireenya hawaasummaa keessatti
bakka olaanaa qaba. Fakkeenyaaf xalayaa iyyannoo dhaabbata tokkoof dhiheessuuf yoo
barbaadde dandeettii barreessuu hanga tokko si gaafata. Kana malees, odeefannoo si’anaa karaa
quubsaa ta’een qaama biraaf dabarsuuf dandeettii gahaa ta’e qabaachuun murteessaadha.

Amaloota Barreeffama Gaarii

Barreeffamni gaariin yaaduu/xiinxaluu/dha.


Kan itti yaadamuufi xiinxalamu waa’ee wanta barreessinuu/ mata duree/, eenyuuf akka
barreessinu /dubbistoota/, maaliif akka barreessinu /ergaa ykn kaayyoo/, yeroofi bakka ittii
barreessinu /yoomessa/ akkasumas ragaalee qabnu/ amanamummaa ykn fudhatamummaa/ dha.

Barreeffamni gaariin jijjiiramaan /yaaliin / kan argamu dha.


Barreessuun akkuma dandeettiiwwan afaanii biroo kan yeroo fudhatuufi obsa guddaa
barbaadudha. Barreessaan kamiyyuu yoo ta’e barreeffama dubbistoota isaa hawwatuufi garaa
ga’u qopheessuuf sadarkaalee hedduu keessa darbuun dirqamadha. Kanaaf, irra deddeebi’anii
yaada ofii karaa fooyya’aa ta’een ibsuun fudhatamummaa barreeffama tokkootiif gahee guddaa
qaba.
Barreeffamni gaariin yaadasaa sirriittii ibsa.
Kaayyoon barreessuu inni guddaan yaada ofii haala /akkaataa/ barbaadaniin bakkaan ga’uudha.
Kana taasisuuf wanti barreessinu ifaaf kan salphaatti hubatamu ta’uu qaba. Kana gochuuf immoo
qabxiiwwan barreeffamicha keessatti ka’an haalaan qindeeffamuufi ragaalee qabatamoon

4
deeggaramuu qabu. Yoo kun raawwatame barreeffamni tokko yaadasaa sirriitti ibsateera jennee
dubbachuu dandeenya.
Barreeffamni gaariin dubbistoota jiddu galeessa godhata
Barreeffamni qophaa’u tokko akkaataa kaayyoosaatiin garaagara haa ta’u malee dubbistoota ni
qabaata. Namni barreeffamuuf walitti dhufeenyi inni /isheen/ barreessaa wajjin qabu /du
murteessaadha. Fakkeenyaaf, barreeffamni hiriyaaf barreeffamuufi nama sirriitti hinbeekneef
barreeffamu tokko miti. Dabalataanis, maalummaa dubbisaa beekuun murteessadha; aadaasaa,
muuxxannoosaa, beekumsasaa, duudhaasaa, umuriisaafi kkf jiddu-galeessa godhachuun
qophaa’uu qaba. Kanamalees,barreessaan dhimmoota dubbisaa ilaallatan sammuutti qabachuu
qaba. fakkeenyaaf,
 Baay’inaaf gadifageenyi yaadolee hammam dubbisaa akka madaalan
 Baay’inaafi ragaalee filatamuu qaban
 Hammam barruun tokko idilee ta’uu akka qabu
 Jechoonni akkamii filamuu akka qaban
Barreeffamni gaariin kaayyoosaa galmaan ga’a

Yeroo wanta tokko hojjennu kaayyoo qabna. Yeroo dubbanus wanti dabarfachuu barbaannu jira.
Haaluma walfakkaatuun yommuu barreessinus kaayyoo qabaachuun murteessaadha.
Fakkeenyaaaf, akkatti meeshaan tokko hojjetu yoo barreessite dubbisan barreeffama keerraa
hubatee itti fayyadamuu qaba.

5
Keeyyata
Maalummaa Keeyyataa
Akkuma sagaleeleen dubbii seeraan qindaa’anii jecha hiika qabeessa uuman, jechoonni
walfaana deeman seeraan qindaa’anii hima ijaaru. Haaluma kanaan himoonni walfaana
hiriiranii keeyyata ijaaru. Keeyyanni ergaa murtaahaa tokko qofa sirriitti gadi fageenyaan ibsa.
Keeyyanni ga’aan tokko himoota meeqa akka qabaatu kan murteessu barreessaa haa ta’u malee
ogeessonni hedduun keeyyatni xinnaan himoota lama, inni guddaan ammoo himoota kudhaniifi
naannoo sanii yoo qabaate yaada tokko haala gaariidhaan ibsuu akka danda’amu ni’ibsu.
Himoonni keeyyata tokko keessatti argaman hundinuu yaada tokko ijaaruuf walfaana haa
hiriiran malee gosa lamatti qoodamu.
Caasaa Keeyyataa
Keeyyanni idileen tokko kan keeyyata guutuu isa taasisu qaamawwan sadi qaba.
A. Hima Ijoo
Keeyyata idilee tokko keessatti faayidaan himni ijoo qabu guddaadha. Himni ijoo yaada
barreessaan keeyyata sana keessatti barreessuuf yaade sana hima tokkoon kan ibsudha. Karaa
biraa hima ijoo sirriitti qophaa’e ilaaluudhaan keeyyatichi waa’ee maalii akka barreeffame
beekuun nidanda’ama.
Himni ijoo himoota keeyyata tokko keessa jiran keessaa hima isa yaada guddaa baatu
jechuudha. Yaada guddaa yoo jennu himoonni hafan martinuu yaada hima ijoo jedhame kana
tokkoo tokkoon fudhatanii waan mirkaneessaniif yaada himoota keeyyata tokko keessatti
barreessaan hundaa ga'u jechuudha. Himoonni kaan, hima ijoo kanarraa ka'uudhaan yaada
hima kana keessaatti ukkaamamee jiru diiganii babal'isuudhaan yaada sana ifa kan taasisan
jedhuu dha.
Barreessitoonni baay'een yaada isaanii keeyyata tokkoon ibsuu yoo barbaadan hima ijootiin
eegalu. Kunis barreessaan waan dubbisaatti himuuf barbaade dubbisaan dursee akka beekuuf
gargaara. Kana gochuun dubbisaan waa’ee maalii akka dubbisu baree qalbiisaa rarraasee
hamma dhumaatti akka dubbisu taasisa. Akka barreessaa beekamaan T.McWhorten jedhutti,
himni ijoon akka waadaa barreessaan dubbisaaf galutti ilaalama. Himni ijoon himoota keeyyata
tokko keessa jiran keessaa isa dimshaashummaa qabuufi yaada ol aanaa qabudha.

6
Himni ijoo keeyyata tokko keeyyata kan taasisuu fi yaada towataa keeyyata sanaa (mata duree
sanaa) kan of keessatti qabatudha. Himni yaada walitti ukkaamamee himoota deeggarootiin
babal’atu kun keeyyata idilee tokko keessatti haala afuriin dhiyaachuu danda’a.
1. Jalqaba keeyyataarratti
2. Qixxalamaan keeyyataatti
3. Xumura keeyyataafi
4. Jalqabaaafi xumura keeyyataatti barreeffamuu danda'a.
Himni ijoo ga'aan tokko waan lama hojjeta. Inni duraa yaada keeyyata sana labsuudha. Kana
jechuun keeyyata sana keessatti yaadni too’ataan maal akka ta'eefi himoonni deeggaroon maal
irratti akka ragaa yookiin fakkeenya dhiyeessan agarsiisuudha. Karaa biraa himni ijoon yaada
sammuu barreessaa sana ni’ibsa. Barreessaan yaada keeyyata sana keessatti barreesse sana
ofiisaa akkamitti akka ilaalu nimul'isa.
Walumaagalatti, yaada too’ataa jechuun yaada handhuura hima ijoo keessaa ragaafi fakkeenyi
himoota deeggaroodhaan irratti dhiyaatu jechuudha.
Hima Ijoo Jalqaba Keyyataarratti
Himni ijoo jalqaba keeyyataarratti yoo dhiyaatu, itti aanee himoonni deeggaroo yaada hima
ijoo irratti labsamerratti ragaa dhiyeessanitti aananii dhiyaatu. Kun yoo fakkiidhaan mul’atu:

Hima ijoo

Himoota deeggaroo
Yaadni hima ijoorraa maddee, gara hima deeggarootti yoo hiramu kan agarsiisudha.
Akka fakkii kanaatti fiixee dhiphaan hima tokkoon jechoota muraasaan yaada guduunfamaa
tokko ibsuu agarsiisa. Qaamni bal’aan kun ammoo yaada deeggaroo fakkeenyaa yaada ijoo
jabeessaniifi himootaafi jechoota hedduu wal gargaaranii yaada guutuu taasisan agarsiisa. Kana

7
jechuun yaadni handhuura ta’e jalqaba keeyyatichaarratti dhufee yaadni murtaa’oo deeggaroon
itti aananii dhufuudhaan yaada hima ijoodhaan labsame sana jabeessu.
Hima Ijoo Gidduu Keeyyataatti Dhufu.
Gosti keeyyata akkanaa himoota yaada dhiphoo qabaniin eegalee gara hima ijootti guddata.
Himoonni fakkeenya kennuun hima ijoo isa gidduu keeyyataa jiru bira ga'u. Kanaboodas hima
ijoo bira darbanii ragaa fi fakkeenya hima ijoo jajjabeessu kennuun keeyyaticha cufu.

Hima ijoo

Himoota callaa

Hima Ijoo Miil-Jala Keeyyataarratti


Akaakuun keeyyata kanaa olitti ilaalle himoota hima ijoo mirkaneessaniin eegalama. Himoonni
hundinuu hamma hima ijoo bira gahanitti yaada hima ijoo sana fakkeenyaafi ragaa itti
kennuudhaan jajjabeessaa deemu. Haaluma kanaan dhuma keeyyatarratti yaadni waliigala
keeyyatichaas dhiyaatee himoota olitti yaadolee xixiqqaa san sassaaba jechuudha.

Himoota deeggaroo

Hima ijoo

Akkuma fakkii kanarraa hubatamuu danda’utti keeyyatni akkasii kun kan banamu yaadolee
murtaa’oo hima ijootiif deeggaroo ta’an irrati. Himoonni kunneen walgargaaranii hima ijoo
sana jabeessu. Yaadoleen murtaa’oon himoota kanaan dhiyaate dhumarratti hima ijootiin
guduunfama.

8
Hima Ijoo Jalqabaafi Xumura Keeyyatarratti
Akaakuu keeyyataa kana keessatti ammoo himni ijoo jalqabaafi dhuma keeyyataarratti.
argama. Himni ijoo dhuma keeyyatarratti dhufu ammoo hima ijoo haaraa miti.
Akkas taanaan keeyyanni tokko hima ijoo lama qaba nama jechisiisa. Himni ijoo bakka lamatti
argama yoo jedhamu keeyyanni hima ijootiin banaame yaada barbaachisaa ta'e ergii dabarsee
booda xumura irratti yaada hima ijoo sanaa guduunfudhaan xumurama jechuudha. Jecha
birootiin yaada hima ijoorratti ibsame sanaaf hima akka guduunfaatti tajaajilu dha jechuu dha
Himni kun hima goolabaa jedhamuun beekama.
Akaakuun keeyyata kanaa barreesitoota hedduu biratti baay'ee jaalatamaa dha. Sababiin isaas,
barreessaan yaada isaa dubbisaa erge sana sassaabee hima tokkoon guduunfuu isaa sammuu
dubbisaa keessa akka turu gochuurrayyuu yaada isaa akka walqabatee tokkummaa argatu
taasisa.

Hima
Himaijoo
goolabaa

Himoota
deeggaroo

Himoota Deeggaroo
Keeyyanni tokko yaada hima ijootiin qabatee ka’e sana ragaafi fakkeenyawwan barbachisoo
itti dabaluudhaan guddisuun barbaachisaadha. Sababiin isaas, himni ijoon gaaffiileewwaan
hedduu sammuu dubbisaa keesatti kaase san deebii argachuun dirqama ta’a. Gaaffileen kun
ammoo kan deebii argachuu danda’an himoota deeggaroodhaanidha.

9
Hima Goolabaa
Keeyyatni tokko hima goolabaa malee hima guutuu hin ta'u. Tahus, yeroo hunda ifa bahee
hinmul’atu. Himni kun keeyyata tokkoof xumura gaariifi cimaa ta'e kenna. Faayidaa himni
goolabaa qabu; hidhaa keeyyataati. Yaada too’ataa keeyyatichaa karaa biraatiin guduunfa.
Yaada handhuura ta'e sana cimsee dhageettii guddisa.
Mallattoowwan Yookiin Amaloota Keeyyata Gaarii
Barreffamni tokko waraqaa irra jiraateef qofa yookiin himootni qindaa’anii barreeffamaniif,
walii galteen isa dubbisu waliin uumameera jechuu hindandaeenyu. Sababiinsaa, keeyyatni tokko
amaloota ga’aa isa jechisiisan hedduu waan qabuuf. Isaanis:
1. Tokkummaa
Keeyyanni qaama barruu xiqqaa tokko ta’ee yaada baaqqee tokko qofa kan keessumsiisu
dha.Yaada tokko keessumsiisuu keessatti caasaa sadeenuu;hima ijoo;himoota deeggaroo fi
hima goolabaa qabaachuu qaba.Haata’u malee qaamolee kana sadeen qabaachuun qofti
keeyyata tokko keeyyata ga’aa hin taasisu.Caasaa kana biratti keeyyanni ga’aan tokko waan
qabaachuu qabu keessaa tokkummaan isa dursaa dha.
Keeyyatni tokko keeyyata ga’aa ta’uuf tokkummaa qabaachuu qaba akka jenne, tokkummaa
qaba kan jedhamu immoo yoo xiqqaate qabxiilee barbaachisoo ta’an kan armaan gadii kana of
keessaa qabaachuu qaba.
Isaanis:
A. Yaadni hima ijoo yoo himoota gargaartuu keeyyatichaatiin deeggaramu;
B. Yaadni keeyyatichaa tokko qofa ta’uu;
C. Mathimni himoota keeyyatichaa yookan walfakkaatan ta’aniifi lakkoofsi yoo kan
walfakkaatan ta’aniifi lakkoofsi jaraas kan walfakkaatan ta’aniidha.
2. Walta’iinsa

Keeyyanni yaadaan tokko ta’ullee iddoo inni itti walta’iinsa yoo dhabe keeyyata gaarii ta’uu
hindandeenye jira. Walta’iinsi adeemsa yaadaa kan ilaaludha. Keeyyata tokkoon walta’iinsa
qaba kan nuti jennu himootni achi keessa jiran walta’aniii yaada achi keessa jiru yoo ibsanidha.
Walta’iinsi kunis qabiyyee isaa qofaan utuu hintaane seerlugaafi filannoo jechaanillee ta’uu
qaba. Keeyyatni tokko, yaada ciccitaa walitti fufiinsa hinqabne yoo ta’e, hubannoof nama
rakkisuu danda’a. Walta’iinsa yoo qabaate ammoo, walitti fufiinsa qabaachuu danda’a.
Keeyyata waltaasisuuf tooftaa armaan gadii fayyadamuu dandeenya.

10
a. Walqabsiistotatti Fayyadamuu: Walqabsiistotni nuti gargaaramnu, walqabsiiftota
yaada isa dura dhufeefi isa itti aanee dhufu gidduu jiru kan agarsiisanidha.
Walqabsiiftota akkanaa yeroo gargaaramnu, yaadotni achi keessa jiran walitti qabaatti
akka waan tokko ibsan godha. Walqabsiisotni nuti gargaaramnu kun wantoota
garaagaraa agarsiisu ykn faayidaa addaaddaatiif galu. Fkn: yaada dabalataa:
akkasumas, akkuma kana, kan biraas ;Yaada walfakkaatu: haaluma walfakkaatuun,
haaluma kanaan; Yaada bu’aafi sababa agarsiisu; kanaafuu, kanarraa kan ka’e;
Xiyyeeffannoof: keessumattuu; Yaada walii galaafi cuunfaa: xumuruuf;
b. Jechoota Yookaan Gaalee Furtuu Irra Deebi’uu: Jechoota yookaan gaaleewwan
hima jalqabaa keessatti barreeffaman himoota itti aanan keessatti irra deebinee
barreessuudhaan yaada himoota keeyyataa walqabsiisuu akka dandeenya.
3. Xiyyeeffannoo
Yeroo barreessinu waan dubbisaan keenya bira akka ga’u barbaannu barreesina. Yeroo tokko
tokko immoo akkuma yoo dubannu amansiisuu yaalluu yoo barreessinus akkasuma
amansiisuuf yaalla. Kanaaf immoo, mala adda addaatti fayyadamna. Dubbistoonni yaada
jalqaba keeyyataarratti dhufe yookiin xumura keeyyataarratti barreeffamu sirriitti hubata
jedhama. Sababiin isaas jalqabarratti qalbii haaraadhaan waan dubbifamuuf xumurarratti inni
dubbisanii xumuran yaada dhumarratti dhiyaate sammuutti waan hambifataniifidha. Yeroo
hedduu yaadni gidduutti dhiyaate hinirraanfatamu. Tartiiba xiyyeefannoo agarsiisuuf
walqabsiiftotatti gargaramuun barbaachisaa dha. Duraa fi xumurarratti barreessuu faana
walqabsiiftota kan akka: hundaa ol, hunda caalaa, kana caalaa, dimshaashatti kan jedhan
tartiiba xiyyeefannoo agarsiisuuf faayidaa guddaa qabu.

4. Tartiiba
Amala keeyyanni ga’aan tokko qabaachuu qabu keessaa inni afraffaan tartiiba. Tartiiba
keeyyataa yemmuu jennuu keeyyata sana keessatti gochawwan raawwataman yookiin yaada
keeyyaticha keessatti dhiyeessuu barbaadne duraa duubee isaanii eeguu jechuudha.
Tartiiba Qabatamaa: Tartiibota keeyyata tokko keessatti eegamuu qaban bakka lamatti
qoodnee ilaaluu dandeenya. Tartiiba qabatamaafi tartiiba yaadaati. Tartiiba qabatamaa jechuun;
gocha, yeroofi guddina wantootaa keeyyata keessatti yoo ibsina ta’e tartiiba qabatamaa
hordofne jechuudha. Tartiiba argamu, kan mirkaneeffamuu danda’u jechuudha. Kana keessaa
inni tokko tartiiba gochaati.

11
Tartiiba gochaa: Tartiiba gochaa yeroo jedhamu duraa duuba raawwatama gocha tokkoo
eeganii barreessuu jechuudha. Tartiiba keeyyaticha keessatti kenname hordofuun jechoota ykn
gaalee keeyyaticha keessa jiran kan akka “jalqaba, itti aansuun, kana boodaafi dhumarratti”
jedhan kana hordofee haala tartiiba jaraatiin gochicha hubachuudha.
Tartiiba yeroo: Tartiiba ijaarsa keeyyataa keessatti yeroo irratti hundaa’uudhaan kan dura
ykn jalqaba ta’aniifi kan itti aananii duraa duubaan yeroo eeganii sirreessanii barreessuun ni
danda’ama.
Tartiiba bakkaa: Tartiibni kun tartiibawwan qabatamaa keessaa isaa tokkoodha. Bakka tokko
yookiin meeshaalee tokko yoo ibsinu qunnamtii inni meeshaalee biroo wajjin qabu hordofna.
Ibsa kan akka gara mirgaatti, gara bitaatti, irraafi jala meeshaa yookiin wantoota argaman addaan
baafnee tarreessina.
Tartiiba Yaadaa: Tartiiba yaadaa kana keessatti, dimshaasharraa gara murtaa’aatti,
salphaarraa gara jabaatti yaadni attamitti akka ijaaramuu akka danda’u eera.
Dimshaasharraa gara murtaa’aatti: Keeyyata yeroo barreessinu hima ijootiin eegale jechuun
dimshaasharraa eegalle jechuudha. Sababiin isaa himni ijoon yaada dimshaashaa waan
qabuufidha. Karaa biroo, yaada sana dubbiftoonni hinbeekani jennee yoo amanne fakkeenya
isaan beekaniirraa kaanee gara yaada dimshaashaa deemna. Kun lamaanuu keeyyata tartiiba
yaadaatiin ijaaruu keessaa isa tokkoodha.
Salphaarraa gara jabaatti: Yeroo tokko tokko barreessaan dubbisaan akka yaada isaa amanuuf
fakkeenya akaakuu adda addaa qabanitti fayyadama. Fakkeenyi yaada barreessaa kana deeggaru
tartiiba salphaarraa gara jabaatti kan adeemu ta’uu danda’a. Kana gochuun dubbisaan fakkeenya
ifa ta’e dubbisaa fakkeenya yookiin yaada jabaa yookiin walxaxaa ta’ee hubachuuf salphaa
ta’aaf. Kanaaf, tartiibni salphaarraa gara jabaatti deemu filatamaa dha.
5. Guutummaa
Guutummaan amala keeyyatni qabaachuu qabu keessaa isa tokkoodha. Ergaan keeyyanni
tokko dabarsuu barbade, hammam guutummaa guutuutti darbuu dandaheera isa jedhu ilaala.
Amaloonni keeyyata gaarii hunduu sirriitti yoo eegamaniiru tahe, keeyyanni tokko guutummaa
qaba jedhama. Guutummaan keeyyataa kan mirkanaa’u yaadni too’ataan keeyyataa sun
guutumaa guutuutti himoota deeggarootiin gargaaramee ragaa gahaa hima ijoorraatti yoo
dhiyaatedha. Guutummaan keeyyata tokko kan safaramu yookiin kan beekamu yaada hima
ijootiin barreessaan qabatee ka’ee guutumaa guutuutti ibsee amansiisuu yoo dandahedha.

12
Gosoota Keeyyataa
1. Keeyyata Addeessaa
Keeyyata barreessinu keessatti jechootatti fayyadamnee ergaa waa’ee barreessinu sanaa yaada
dubbisaatti mul’isuu jechuudha. Namni keeyyata akkasii dubbisu, waan dubbise sana akkuma
nama argee fakkii sammuu keessatti hambifachuuf isa gargaara. Keeyyata addeessaa
barreessuuf yoo murteessinu waan barreessinu sana sirriitti hubannee ilaaluun addeessuun
faayidaa guddaa qaba.
Hubatanii ilaaluun, waan inni fakkaatu, maalirraa akka hojjetame, faayidaa inni kennu, umurii
isaa guddaafi xinnaa ta’uu isaafi kkf xiinxaluu dabalata. Kun addessaaf bu’uura gaariidha.
Arguun garuu, waan argine nama ta’uu isaa, yookiin horii ta’uu isaa beekuu ta’uu danda’a. Kun
addeessaa mijaawaa miti. Kana malees, iddoo xiyyeefannoo addaan baasuun addeessuuf
faayidaa guddaa qaba. Waan hubannee ilaalle sana irraa kallattiin xiyyeefannoo keenya hunda
caalaa hubatamuu qaba. Fakkeenyaaf, waa’ee nama tokkoo yoo barreessuu barbaanne, eejjeta
isaa moo amala isaa, ergii kana murteessinee booda, xiyyeefannoo keenya murteesina. Osoo
waa’ee amala nama filanne sanaa barreessuu barbaanne, xiyyeefannoon keenya amala isaa ta’a.
Yoo namni kun amala adda addaa qabaate, amaloota isaa keessaa kan irratti caalaa xiyyeeffannu
jiraachuu danda’a.
Caasaa Keeyyata Addeessaa
1. Himni ijoo
2. Himoota gargaartuu
3. Hima goolabaa
Tartiiba Keeyyata Addeessaa
Wanti argitee addeessitu tokko, otoo hinaddeessiin dura, sammuu kee keessatti tartiiba qabatee
hintaa’u. Kanaafuu, yeroo barreessitu, sammuu kee keessatti waan tartiiba hinqabne sana tartiiba
qabsiistee barreessita jechuudha. Addeessaa barreessuu keessatti irra caalaa tartiibni
barbaachisaa ta’e tartiiba bakkaati.Kana jechuun immoo ibsoota bakka isaaniitiin tartiibessuu
jechuu dha. Keeyyata addeessaa keessatti tartiibni bakkaa kanneen armaan gadii ta’uu danda’a.
Isanis tartiiba: Gubbaatii gara gadiitti, Mirgaatii bitaattiifi Dhiyootii fagootti
Keeyyata addeessaa kana barreessuudhaaf tartiiba armaan gadii yaada keessa galchuun baay’ee
barbaachisaadha.

13
Barreessuun dura
1. Duraan dursee faayidaafi namoota barreessituufii addaan baafadhu.
1. Mata-dureewwan adda addaa kanneen ta’iinsa namootaa, bakkoota qabatan lafa naqi.
2. Mata-duree kee akkaataa keeyyata tokkotti xumuramutti murteeffadhu.
3. Waayee mata-duree kee ibsoota miira namaa kakaasuu danda’an itti yaadi.
4. Tartiiba ibsoota kee sirreessi
Barreessuu
1. Hima ijoo yaada dimshaasha ta’e qabate barreessi
2. Ibsoota duraan qabatte himoota gargaartuu barreessuf itti gargaarami
3. Hima goolabaa yaada keeyyatichaa gudunfuufi xumura gaarii kennu itti dabali.
Gulaaluu
Mirkanneeffata armaan gadiirratti hundaa keeyyata kee gulaali.
1. Himoonni kee dogoggora seerlugaarraa bilisaa?
2. Jechoota sirriitti qubeessiteettaa?
3. Qub-guddeessaa bakka sirrii ta’etti gargaaramteettaa?
4. Himoota keef sirna tuqaalee sirri ta’e gargaaramteettaa?
5. Barreeffamni kee ifaafi qulqulluudhaa?
2. Keeyyata Amansiisaa.

Amansiisuuf yaalu jechuun namoota yaada ofii fudhachiisuuf, yaadaan moo’achuu, yaada
namootaa gara yaada ofiitti fiduu jechuudha. Yaadni keenya kan namoota biroo wajjiin tokko
yoo ta’e, keeyyata amansiisaa barreessuu hinbarbaachisu. Garuu, ilaachi keenyaafi ilaalchi
dubbistootaa addadda yoo ta’e, amansiisuuf keeyyata amansiisaa barreessina.

Dubbistoota amansiisuuf, tartiiba ifa ta’een ragaalee adda addaa kaa’uun barbaachisaadha.
Keeyyata amansiisaa yemmuu jalqabaa yaada amansiisuuf yaallu sana hima ijootiin ibsina. Itti
aansinee, sababoota adda addaafi fakkeenya kennuudhaan yaada keenya deeggarra. Dhuma irratti
immoo yaada keenya nigoolabna. Dubbistoota amansiisuun akka salphaatti kan danda’amu miti.
Yaada amansiisuuf yaalluuf sababa kennuufi ragaaleedhaan deeggaruu qabna.
3. Keeyyata Seenessaa
Akaakuun keeyyata kanaa akkuma maqaa isaarraa hubatamu, seenaa himuu dha. Kana jechuun
waan ta’e tokko dubbisaatti himuu jechuu dha. Wanti Keeyyati seenessaa karaa ta’iinsa tokko

14
yookiin waan raawwatame tokko dubbisaaf dabarsinu keessaa isa tokkoodha. Keeyyanni kun
waan dhugaatti raawwate tokko duraa duubee isaa eegee barreessuudha. Matadureen keeyyata
kanaaf kan filatamu waan raawwatame sana itti dhiyeenyaan waan beeknu yoo ta’edha. Kunis
yoo kan sigammachiisuufi kan sirriiitti barreessitu ta’uu qaba. Keeyyanni akkasii kun gaaffii
“maal?” jedhuuf deebii kenna.

Gaaffilee kanaa gadiif deebii kennuudhaan keeyyata seenessaa gaarii tokko barreessuun
nidanda’ama.Waa’ee eenyu?, Guut-miirri seenichaa maali? Eessatti ta’e?
Bu’aan isaa maali?Yoom ta’e?, Maal irraa baratte?,Maaltu isatti dhagaahame?,Dura maaltu ta’e?
Itti aansee hoo?
Gaaffilee kana deebisuun waan seenessamu sana haala dhugaa ta’een dhiyeessuufi barruu sana
amanamaafi dhageetti akka argatu taasisuuf nama gargara. Kunis tartiiba mataasaa qaba.
Tartiiba Keeyyata Seenessaa.
Keeyyata seenessaa keessatti tartiibni wantoota ibsamanii baay’ee barbaachisaadha. Kana
gochuuf wanta keeyyata keenya keessatti ibsinu sana tartiiba yeroo yookiin tartiiba bakkaatiin
dhiyeessuun seenessuun yaada ifa taasiisa. Keeyyata seenessaa keessatti faayidaaleen
walqabsiiftotaa guddaadha. Sababiin isaas, yaadni osoo walirraa hinciccitiin tokkorraan tokkotti
akka ce’u waan gargaaruufidha.
Yeroo baay’ee walqabsiiftota kan akka: Jalqabaa,yenuma sana, Itti aanee , gidduutti, Sana booda,
battalumatti ,Ergasii, dhumarrattifi kkf tti faayadamna
4. Keeyyata Ibsaa

Gosti keeyyata kanaa waan barreessinu sana dubbisaaf ittiin ibsinudha. Kana jechuun keeyyata
akkasii keessatti ragaaleefi fakkeenyawwan qabatamaatti fayyadamuun yaada sana ibsuudha.
Wanti keeyyata ibsaatiin ibsame kun yeroo hedduu dhugummaa yookiin soba ta’uu isaatiin
qeeqama. Kanaaf yoo keeyyata ibsaa barreessinu yaadni himoota deeggaroodhaan dhiyaatan
haqa kan mul’isan ta’uu qabu. Sababiin isaas wanti keeyyata ibsaatiin dhiyaatu dhugaa waan
ta’eef mirkanaa’u qaba.

Faayidaa Keeyyata Ibsaa


Faayidaa keeyyata ibsaa keessaa inni tokko odeeffannoo dabarsudha. Odeeffannoon hima
ijootiin dhiyaate haqa ta’uusaa himoota deeggerootiin mirkanaa’a

15
Faayidaan keeyyata ibsaa inni lammataa qajeelfama kennuudha. Qajeelfama kennuu jechuun
tartiiba waan tokko itti hojjetamu yookiin tolfamu ibsuu jechuudha. Kun dubbisaan waan
hojjechuu qabu sirriitti akka hojjetu gochuudha. Keeyyanni ibsaa dhugaafi haqa ta’uu qaba kan
jedhameefis qabxiin tokko isa kanaafi

16
17
Boqonnaa Lama: Yaadrimeefi Caasaa Barruu Guutuu
Keeyyanni yaada tokko qofaa irratti xiyyeeffata. Himoonni keeyyata sana ijaaruuf gurmaa’an
hunduu ergaa tokko bakkaan ga’uuf malee yaada /dhimma /gara garaa keessumessuuf miti.
Yaada tokko qofaa ibsuu otoo hin ta’iin himoonni sun akkaataa seera afaanichaatiin walitti
qindaa’uus qabu. Waan kana ta’eef, keeyyanni wal ta’insa qaba jechuu nidandeenya.
Barruu guutuun immoo keeyyattoota sadiifi isaa olitti fayyadamuudhaan dhimma tokko irratti
hundaa’ee ergaasaa dabarsa. Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne mata dureen barruu guutuu
tokkoo waa’ee bosona kununsuu yoo ta’e mata duree kana keessatti waa’ee midhaan nyaataa
haasa’uun hinbarbaachisu. Kanaaf, barruu guutuun tokkummaa (unity) qaba jechuu nidandeenya.
Kana qofaa otoo hinta’iin dhangala’insi yaadaa keeyyataa keeyyatatti kan waldeeggaruufi wal
cimsu dha. Yaadni kun immoo kan nutti agarsiisu barruu guutuun akka wal ta’umsa (coherence)
qabudha. Malaafi toftaalee wal ta’umsa keeyyataatiif akkuma fayyadamnu barreeffama guutuu
qopheessuu keessattis nitajaajilamna.
2.1. Adeemsa barruu guutuun ittiin qophaa’u
A. Mata-duree filachuu
Duraan dursinee otoo waa’ee irratti barreessinuu hinbariin qalamaaf waraqaa walsimsiisuuf
sardamuu hinqabnu. Wanti irratti barreessuuf dursinee itti yaadnu kun mata duree jedhama.
Yommuu barruu guutuu tokko qopheessinu mata duree wajjin walqabatee yaadolee armaan
gadii hubannoo keessa otoo galchinee baay’ee nu gargaaru.

 Mata- duree barreessaas ta’ee dubbistoota gammachisuu danda’u filachuu


 Fedhii qofaa otoo hinta’iin gahumsa /beekumsa/ mata duree sanarratti qabnu
quubsaa ta’uusaa mirkaneeffachuu
 Dandeettii(skill) fedhiifi beekumsa walsimsiisuu danda’u qabaachuu
Kanamalees,barreessaan gama dubbisaatiin wantoota irratti yaaduu qabu hedduutu jiru.Isaan
keessaa fedhii dubbistootaa eeguun tokkodha. Matadureewwan fedhii dubbisaa jiddu-galeessa
godhatan bakka garagaraatii filamuu danda’u. Irra caalaa jiruufi jireenya uummataa keessaa
dhimmoonni /matadureewwan/ fedhii namaa kakaasaan baay’eetu jiru.
B. Mata duree sakatta’uu
Mata-duree sakatt’uun sadarkaa barbaachisummaafi fudhatamummaa mata- duree beekuudha.
Akkuma daldalaan tokko bu’aa argachuuf haala gabaa, gatii, bakka itti barbaadamu akkasumas
yeroo itti barbaadamu qo’atu, barreessaan tokkos waa’ee mata-dureesaatii beekuu qaba.

18
Fakkeenyaaf, mata-dureen dubbisaa naannoo magaalaa jiruufi naannoo baadiyyaa jiruuf
dhihaatu tokko miti. Akkasumas mata-dureen jiraataa gammoojjiifi baddaa yookiin badda daree
jiruuf dhihaatu walhira. Karaa biraatiin sakatta’uun kallattiidhaan kaayyoofi dubbisaa keenya
wajjin walqabata.

C. Mata duree daangeffachuu


Mata-dureen jalqaba filanne bal’aa yookiin dhiphaa ta’uu danda’a. Bal’aa yoo ta’e haala quubsaa
ta’een bal’inaafi gadifageenyaan ibsuuf dhiibbaa ta’a. Mata-dureen keenya yoo baay’ee
dhiphates wanta barreessinu dhabnee waraqaa wajjin wal ilaaluun hinhafu. Kanaaf, rakkina
gama lachuunuun jiru furuuf mata-duree keenya daangeffachuun murteessaadha.

Mata-duree barruu guutuu dhiphisuuf yookiin daangessuuf qabxiiwwan armaan gadii duukaa
bu’uun dansaadha.
 Tajaajila barreeffama keenyaa addaan baafachuu
 Dubbistoota keenya beekuu
 Ergaa dubbistoonni keenya beekuu qaban murteeffachuu
 Ergaawwan murteeffanne keessaa tokko filachuu
I.Tajaajila barruu guutuu addaan baafachuu

Mata-duree bal’aa ta’e tokko erga haala asiin olitti hojjenneen daangessinee, yaada barreessinu
murteessuudhaan dhiphisuun barbaachisaadha. Kana taasisuuf, jalqaba tajaajila barreeffama
keenyaa murteessina. Tajaajila barreeffamaa murteessuuf immoo dubbistoota keenya addaan
baafnee beekuun wanta yeroo maraa yaadatamuu qabudha.
II. Qabxiiwwan ijoo ta’an lafa kaawwachuu
Erga dubbistoota keenya addaan baafnee booddee tajaajila barreeffama keenyaa murteessineerra.
Kanatti aansinee qabxiiwwan dubbistoonni keenya beekuu qaban addaan baafachuu qabna.
Mata-dureen tokko qabxiiwwan ijoo baay’ee qabaachuu nidanda’a. Waan kana ta’eef,
qabxiiwwan ijoo ta’an dursanii kaawwachuun murteessaadha.
III. Yaadolee Callaa tarreessuu
Qabxiiwwan ijoo ta’an erga murteessinee booda hojiin itti aanu yaadolee callaa tarreessuudha.
Yaadoleen callaa qabxiiwwan ijoo ibsanidha. Duraan dursinee yaadolee callaa nutti dhufan
hunda lafa naquu qabna.

19
IV. Yaadolee callaa tartiiba qabatamaadhaan kaa’uu
Yaadoleen asiin olitti lafa naqaman duubaafi fuuldura isaanii eeganii kan taa’an miti. Tarii akka
tasaa tartiibaan siif taa’aniiru yoo ta’e mishaadha. Haa ta’u malee, tartiiba qabatamaadhaan
kaa’uun nama rakkisuu danda’a. Gama biraatiin immoo akkuma maqaasaa irra hubachuu
dandeenyu yaadoleen qabxii ijoo ta’aniin ala dhufan jiraachuu danda’u. Sababiin isaas yaadolee
kana yommuu tarreessinu warra mataduree keenya wajjin walqabatu jennee yaadne hundaa
wanta tarreessinuufi. Waan kan ta’eef, yaadolee tarreessine tartiiba qabatamaan kaa’uufi
yaadoleen qabxii ijoo keetii wajjin hindeemne yoo jiraatan immoo keessaa baasuun
/haquun/barbaachisaadha.

D. Ijoo barruu qopheeffachuu

Akkuma himni ijoo yaada keeyyata tokkoo of keessatti qabatu, ijoon barruus yaada barruu
guutuu tokko of keessatti hammata. Ijoon barruu ulaagaawwan murteessoo ta’an sadi qaba.
Isaanis: daangeffama ,tokkummaafi ifa ta’uu dha. Ijoon barruu daangeffaamuu qaba yommuu
jennu ergaan dhihaatu barruu guutuu tokkoon kan xumuramu ta’uu mala. Tokkummaan ijoo
barruummoo himni ijaarame sun yaada tokkorratti xiyyeeffachuusaa mul’isa. Kana
malees,ifummaa agarsiisuuf jechoonniifi gaaleewwan akkuma waliigalaatti himni barreeffame
karaa adda addaa kan hiikamu ta’uu hinqabu; Dubbistoonni garagaraa hiika walfakkaatu
laachuufi qabu. Waan kana ta’eef, ijoo barruu ulaagaawwan armaan olitti eeraman guutu
barreessuun barruu guutuu cimaafi fudhatamaa ta’e ijaaruuf nu gargaara.
E. Karoora/Gumee baafachuu
Kutaa kana jalatti adeemsa karoora baafachuu keessatti qabxiiwaan ijoo ta’an irratti
xiyyeeffanna. Isaanis:
I. Mata-duree jaalannu filachuu
Mata-dureen filannu kan jaalannu yoo ta’e, dhimma sana irratti muuxannoofi beekumsa quubsaa
qabaachuu dandeenya. Beekumsa gahaa yoo qabaanne immoo ergaa barbaanne galmaan ga’uuf
bal’inaafi gadi fageenyaan ibsuu nidandeenya. Akkassumas, karaa nama ofitti harkisuun
qopheessuun nidanda’ama.

20
II. Waanta sammuutti nu dhufe katabuu
Waa’ee mata-duree irratti barreessituu yaadni bal’aan akka siif burqu, kan sammuu keetti dhufe
hundaa barreessuu qabda. Bakka kanatti waayeee dogoggoraa yaaduun dhiphachuun hin
barbaachisu.
III. Tartiiba yaadannoo keenyaa sirreessuu
Jalqaba mata duree jaalattu filatteetta. Itti aansitee mata duree sana wajjin wanta sammuutti si
dhufe barreessiteetta. Amma immoo wantoota lafa naqxe kana walduraafi duuba isaa sirreessitee
barreessuun barbaachisaadha.

Gosoota karooraa/gumee
Toftaaleen gurguddoon karoora ittiin baafannu lamadha
1. Karoora/gumee idilee /formal outline/.
Gosti karoora kanaa jechoota, gaaleewwan, ciroowwan akkasumas himoota adda addaa
lakkoofsotaafi qubeewwaniin fayyadamuun qophaa’a. Yommuu karoora gosa kanaa baafnu
wantoonni beekamuu qaban: Walirraa fageenya qabxiiwwan kaa’amanii (Spacing), lakkoofsa
fayyadamuu (numbering)fi qubeewwan fayyadamuu (lettering), gara keessaatti seenanii jalqabuu
(indenting) akkassumas qubguddeessaafi sirna tuqaaleettii tajaajilamuudha.
2. karoora/gumee miti idilee (informal Outline)
Karoorri gosa kanaa yaadolee jechoota, gaaleewwaniifi ciroowwaniin akkasumas, darbee darbee
himoota fayyadamuu danda’a. Karoora akkasiirratti kana mara xiyyeeffannaa lakkoofsotaafi
qubeewwaniin mata duree xixiqqootti hiruun hinjiru. Karoora akkasii kan fayyadamnu
barreeffamni keenya gabaabduu yoo taateefi barruu guutuu kutaa keessatti ijaaruuf dirqama
yoo ta’edha.
F. Barreessuu
Adeemsi hanga yoonaa barreessuuf kan karaa banudha malee mataasaatiin barreessuu miti.
Kanaan booddee qabxiilee kanaan dura kaafne hubannoo keessa galchuudhaan yaadolee callaa
tarreeffattetti fayyadamtee barruu guutuu ijaarta. Battalumaan gara barreessuutti otoo hinseeniin
dura barnoota yommuu waa’ee keeyyataa baratte yaadachuu dandeessaa? keeyyata yommuu

21
barreessinu himni ijoo, himoonnni callaafi himni goolabaa yeroo maraa warra ka’ani dha. Kana
qofaa otoo hintaane qaamoleen kunis tokkummaa, walta’umsaafi guutummaa qabaachuu akka
qaban ni beekta. Akkuma keeyyataa barruu guutuu yommuu ijaarrus qaamolee gurguddoo sadi
fayyadamna. Isaanis: keeyyata seensaa, keeyyata/oota qaamaafi keeyyata xumuraati. Asirratti
kan hubachuu qabnu keeyyattoonni qaamaa akka keeyyata seensaafi xumuraa, tokko qofaamiti.
Akkuma balina mataduree keenyaafi ijoo barruu baafanuutti qaragar ta’uu danda’u.

G. Barruu guutuu Keessa deebi’anii sirreessuufi gulaaluu

Adeemsi barruu guutuu tokko ittiin qopheessinu akkuma jirutti ta’ee, barreeffama qopheessine
keessa deebinee ilaaluun murteessaadha. Yeroo tokkichaan barreeffama guutumaa guutuutti
qulqulluufi dogoggora hinqabne irra qaqqabuun waan hinyaadamnedha. Kanaaf, barreeffama
keenya keessa deebinee sirreessuufi gulaaluun kan wal nugaafachiisu ta’uu hinqabu.

Keessa deebi’anii sirreessuufi Gulaaluu


Barreeffama tokko keessatti waantonni gulaaluu qabnu kan akka.
 Seera afaanichaa
 Qub guddeessa
 Sirna tuqaalee
Egaa gulaaluun kan xiyyeeffatu qabxiilee armaan olii irratti.
2.2. Caasaa Barruu Guutuu
Caasaan barruu guutuu maal of keessatti qabata?
Barruu guutuun qaamolee gurguddoo sadi of keessatti qabata. Isaanis keeyyata seensaa,
keeyyat/toota qaamaafi keeyyata xumuraati. Keeyyata tokko keessatti himni ijoo yaada
handhuura keeyyatichaa agarsiisa. Barruu guutuu keessatti immoo yeroo baay’ee keeyyanni
seensaa hima ijoo barruu guutuu of keessatti qabata. Akkuma himni ijoo keeyyata tokkoo
jalqaba, jidduufi dhuma keeyyatichaa keessatti argamu, barruu guutuu keessattis jalqaba,
jidduufi xumura keeyyata seensaa irratti argamuu danda’a. Garuu yeroo baay’ee ijoon barruu
tokkoo jalqaba irratti argama.

Gama biraatiin keeyyattoota ofdanda’anii dhabbatan (Orthographic paragraphs) bal’isuu yoo


feene himoota callaa itti dabaluu akka dandeenyu hundaa barruu guutuu tokko balisuuf yoo

22
barbaanne tooftaalee keeyyata ittiin babal’isan kan akka addeessuu, seenessuu, fakkeessuu,
waldorgomsiisuufi walmorkisiisuu fi k.k.kf fayyadamuudhaan barruu guutuu keenya babalisuu
dandeenya. Kanaan alatti akkuma keeyyanni hima xumuratiin gudduunfamu barreeffamni
guutuus keeyyata xumuraatiin yaadasaaa goolaba.
Keeyyata seensaa barreessuu
Yeroo waa’ee keeyyata seensaa kaafnu qabxiiwwan armaan gadii hubachuun murteessaadha.
A. Keeyyanni seensaa yeroo baay’ee ijoo barruu barruu guutuu ibsu of keeessatti
qabata.
B. Keeyyanni seensaa dursee dubbistoota keenyaaf karaa banaaf; odeeffannoo qaama
keessatti kennamuuf deemu agarsiisa.
C. Dubbistoonni keenya akka fedhii qabaatan taasisa.
D. Dubbistoonni keenya waa’ee mata-durichaa akka tilmaaman taasisa.
Tooftaalee keeyyata seensaa ittiin barreessuu dandeenyu
1. Ijoo barruun eegaluu
2. Seenessuun jalqabuu
3. Yaada namootaa yookaan beektotaa waabeffachuun
4. Ibsa gabaabaa kennuun
5. Gaaffii dhiheessuun
Fakkeenyaaf,
Barnoota bu’uuraa yommuu jedhamu uummata karaa qonnaa, eegumsa fayyaa, mala jireenyaa
karoora maatii, eegumsaafi itti fayyadama qabeenya naannoo ilaaluun beekumsaafi dandeettii
hojiin mul’atu kan qayyabachiisu jechuudha. Biyyoota guddinaan boodatti hafan keessatti
guddina dinagdeefi hawaasaa fiduuf sochii ta’u bakkaan ga’uuf sagantaa barnoota bu’uuraa
qindeessanii diriirsuun fedhii jiru dhugoomsuun barbaachisaadha. Kunis gama barnoonni
bu’uuraa sochii gamtaa sabaa keessatti qaama barnoota sadarkaa tokkoffaa ta’uusaa hubannee
hojjirra oolmaa isaaf tattaafachuun akka barbaachisu nu hubachiisa.
Kanaaf, barnoota saganteessuun uummata geessisuun tattaaffii misoomaafi guddina biyyaaf
godhamu keessatti hundee amansiisaa buusuudha.
Qaama giddu galeessaa barruu guutuu barreessuu
Qaamni barreeffamaa qaamolee barruu guutuu lamaan hafan nicaala. Dhugumattuu barreeffama
keenya barreeffama kan jechisiisu qaama giddu galeessaati. Ergaawwan quubsaa ta’an bal’inaafi

23
gadi fageenyaan bakka itti dhihaatanidha. Kunis bakka yaada ijoo barruu dhihaatee
fakkeenyotaafi ragaalee quubsaa ta’aniin itti babal’isnudha. Maddi ragaaleefi fakkeenyota kanaas
yaada beektotaa yookaan namoota bebbeekkamoo akkasumas muuxannoo dhuunfaa ta’uu
danda’a. Fakkenya armaan gadii ilaali.
Barreeffama armaan gadii keessatti qaamni hir’ate jira. Yaada seensaafi xumuraa irraa
ka’uudhaan qaama isaa barreessi.
A. Jaarraa ammaa kana keessa dhibeen (dhukkubni) addunyaa dudubbachiisaa jiru ‘HIV
AIDS’dha. Dhukkubni kun hanga ammaatti waan qorichi hinargamiiniif hedduu nama
yaachisaa jira. Haata’u malee, akkamitti akka ofirraa ittisuun danda’amufi of-eeggannoo
godhamuu qabu dursanii beekuun barbaachisaadha.Dhibee kanarraa bilisa ta’uuf, Jaalallee
tokkorratti daanga’uu akkasumas dhimmoota tuttuqaa dhiigaa wajjin walqabatanirraa of-
qusachuudha.
B.____________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
____._________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
_______________________.
C.Kanaaf, HIV ofirraa ittisuuf jaalallee tokkoof tokkotti murtaa’uu, lilmoofi wantoota qara
qaban kan namni biraa ittiin fayyadametti maayii bahuu irraa of ittisuu, burushii ilkaaniifi rigaa
nama biraatti fayyadamuu dhiisuu, dhiiga sirriitti hinqoratamne fudhachuu dhiisuufi k.k.f irraa of
eeguudha.
Keeyyata xumuraa/goolabaa barreessuu
Keeyyanni xumuraa karaa quubsaa ta’een yoo barreeffame yaada ijoo barruu haala adda ta’een
cimsee dhiheessa. Kun kan ta’us yaada barruu guutuu karaa biraatiin ibsuudha malee, ijoo barruu
akka jirutti jecha jechaan deebisanii barreessuu miti. Yaada keenya karaa biraatiin ibsuufi jecha
dhimma haaraa ijoo barruu keenyaa ala ta’e keessa akka hinseenne of eeggachuun
barbaachisaadha. Akkuma keeyyata seensaa irratti tooftaalee garagaraa fayydamuun dubbisaa
keenya gara barreeffama keenyaatti affeerru yommuu goolabnus tooftaalee adda addaa
fayyadamuun gahumsa keeyyaticxhaa cimsa. Fakkeenya Armaan gaditti mata-duree ‘Qilleensa

24
Naannoo’ jedhu jalatti keyyanni seensaafi qaama giddu galeessaa kennameera. Keeyyattoota
kennaman irratti hundaa’uudhaan xumura barreeffama kanaa bakka siif dhiisame irratti barreessi.
Qilleensa Naannoo
Namni naannoo tokko keessa jiru haala qilleensaa karaa lamaan hubachuu danda’a. Lamaan
kunis qilleensa yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramuufi qilleensa bara baraan osoo hinjijjiiramin
naannoo tokkotti mul’atu.
Amaloota lamaan kana adda adda baasnee yoo ilaalle, inni jalqabaa garaagarummaa qilleensaa
ganamaafi galgalaa yookiin galgalaafi guyyaa gidduutti mul’atu ta’uu danda’a. Kunis haala
qilleensaa jedhama.
Inni lammaffaa immoo qilleensa baramaa jedhama; Qilleensa bakka tokkotti baroota baay’eef
osoo hinjijjiiramiin turu. Inni kun bakka tokkotti giddugaleessaan bara dheeraaf jijjiiirama
guddaa walfaallessu osoo hinfidiin mul’ata. Waggaa waggaan wayitii gannaa yookiin bonaa
jennee itti eegnu qabna. Isaanis teempireechara, rooba, dhiibbaa qilleensaa, aduufi k.k.f.
Boqonnaa Sadi: Gosoota Barruu Guutuu
3.1 Barruu guutuu Addeessaa /Descriptive Essay/
Gaafa keeyyata addeessisu:
 Wanta addeeffamu sirriitti hubannee ilaaluu
 Eessaa gara eessaatti akka addeeffamu murteeffachuufi
 Jechoota wanta argine sana ittiin addeessuuf nugargaaran bakka isaaniitti
fayyadamuu qabna.
Qabxiileen kun barreeffama guutuu addeessaa qopheessuuf baay’ee barbaachisoodha. Kana
waan ta’eef, yeroo barreeffama addeessaa qopheessuuf kaanu qabxiilee kana dagachuu hinqabnu.
Kanneenin alatti, barreeffamni addeessaa karaalee lamaan dhihaachuu danda’a. Isaanis:
3.1.1. Akka arganitti Addeessuu (Objective description).
Akkaataan adeemsa addeessuu gosa kanaa, kan xiyyeeffatu waan arginu tokko akkuma jirutti
otoo itti hindabaliin ykn hinhir’isiin lafa kaa’uu jechuudha. Wanta sana erga argitee akka
namaatti kan sitti dhagahamu jiraachuu mala. Haa ta’u malee, dhageettii keenya (feelings) itti
dabaluu hinqabnu. Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne, kutaa barnootaa tokko jaalachuufi dhiisuu,
sitti toluufi si jibbisiisuu danda’a; garuu ilaalcha kee itti dabaluu hinqabdu.
Hubachiisa: Yaada ofii itti dabaluun gaarii miti yeroo jedhamu jecha waan addeessinu agarsiisu
miira keenyaan waliigallee hinfilannu jechuu miti.

25
3.1.2. Akka namatti dhagahametti Addeessuu/Subjective description/
Akka namatti dhagahametti yommuu addeessinu akka jirutti otoo hinta’iin wanta nutti
dhagahamu jiddu galeessa godhannee kaana jechuudha. Wanti argine sun nu gammachiisuu,
dinqisiisuu ykn gaddisiisuu danda’a. Kanaaf, akkaataa nutti dhgahamuun yommuu barreessinu
kan keessi keenya nutti himu barreessina.
Akka nutti dhagahamutti yommuu addeessinu karaa lamaan mul’isuu daneenya. Inni tokkoffaa,
kallattiidhaan addeessuu yeroo ta’u, kan biroo immoo cinaa qabanii agarsiisuu ykn mul’isuudha.
Yaada kana ifa taasisuuf fakkeenya gabaabduu armaan gadii ilaali.
Moluu fagoodhaa akka aduutti ifu calaqqisiisaa dhufe. Xiqqoo mana jalatti goree erga
dhaabbatee booddee, asiif achi ilaallatee utaalee morma irra na bu’e. Isaan booddee akka
kanniisa abaaboo gaarii argatee narratti lafa dhahuu nan yaadadha. Battaluma sana akka uffataa
olfuudhee na urgufe.
Yaada gabaabduu kana keessaa himni lammaffaan cinaa qabuudhaan addeesse. Sababiin isaas
akkkaataa namichi sun irra jiru argisiisa malee kallattiidhaan waan itti dhagahame hinibsine.
Himni sadaffaan garuu, kallattiidhaan wanta itti dhagahame agarsiisa “Akka kanniisa” gaaleen
jedhu kanuma mirkaneessa.
Hubachiisa: Akka arganittiifi akka namatti dhagametti addeessuu yeroo jedhamu xiyyeeffannaa
ittiin addeeffame agarsiisuuf malee guutumaa gutuutti barruun kun karaa kanaan addeeffame
jedhanii ibsuun ni rakkisa. Kanaaf, barruu addeessaan gahumsa qabu kan lamaanuu of keessatti
qabatudha.
3.2. Barruu Guutuu Seenessaa /Narrative Essay/
Seenessuun waayee qunnama ofii, namoota biroo akkasumus waayee ta’insootaa himuudha.
Yemmuu seenessinu karaa lamaan dhiheessuu dandeenya. Inni jalqabaa, dhugaa jiru seenessuu
yommuu ta’u, kan lammaffaa immoo dhugaa jiruuf arga yaadaatiin fayyadamanii seenessuu dha.
Fakkeenyaaf oduun, muuxannoon (quunnaman) dhuunfaa, seenaan namootaafi k.k.f. dhugaa
qabatamaan seenessamuu danda’u. Kanneen akka baacoo, oduu durii, asoosama dhangal’aafi
k.k.f. immoo warra arga yaadaatiin dhihaachuu malanidha.
Barruun guutuu seenessaa gaariin tokko qabxiilee bu’uura ta’an sadi of keessaa qaba. Inni
jalqabaa ka’umsa /dhalannoo/ yommuu ta’u, kunis bakka seenaaan sun itti eegalu dha. Bakka
kanatti yeroo baay’ee waldiddaan wanta uumamuuf dubbisaa kakaasuurratti gahee olaanaa qaba.

26
Itti aansee kan dhufu qabiyyee seenessamichaati. Kunis adeemsa waldiddaa uumame dhiphisuuf
taasifamudha, keessattuu ta’insootaafi qunnamtoota bal’inaafi gadifageenyaan bakka itti
dhiheessinudha. Akka qabxii sadaffaatti kan barruu seenessamaa tokko keessatti mul’atu
xumura seenichaati. Karaa biraatiin akkaataa seenaan sun itti raawwate agarsiisa.
Akka waliigalaatti barruu seenessaa tokko otoo hinqopheessiin dura gaaffilee armaan gadiirratti
xiyyeeffachuun barbaachisaadha.
Maaltu raawwate?, Akkamitti ta’e?, Eenyutu qooda fudhate?, Bakka kamitti raawwatame?
Yoom ta’e?, Maaliif ta’e? faa kaasuun gaariidha.
Gaaffilee deebisuun barruu guutuu seenessamaa quubsaa ta’e ijaaruuf gargaara. Kanaaf,
qalamaaf waraqaa otoo walhinsimsiisiin dura gaaffilee kana bulleessanii xiinxaluun barruu
guutuu tahumsa qabu ijaaruuf haalaan tajaajila.
Barruu guutuun seenessaan wantoota himuu danda’u irratti hundaa’uun karaa sadiin
dhihaachuu danda’a. Kana jechuun seenessamoonni maal himuuf seenessamu gaaffii jedhuuf
deebii karaa itti kenninudha.
3.2.1. Seenessama Seenaa /Historical narrative/
Kun seenaa wantoota ta’aniifi akka seenatti ilaalamuu danda’an irratti xiyyeeffata. Seenessamni
seenaa qabatamaa akkasumas arga yaadaatiin ta’insoota qophaa’an ta’uu danda’u. Fakkeenyaaf,
seenaa lola addunyaa lammaffaa yoo seenessine kun dhugaa qabatamaadha. Yeroo tokko tokko
immoo seenaa qabatamaa hintaane garuu uummanni akka seenaatti qabate seenessuun jiraachuu
mala. Kanamalees, namoonni dhuunfaan dhugaa jiru kallattiidhaan agarsiisuurra arga yaadaatiin
yommuu calaqisiisan ni mul’atu.
3.2.2. Seenaa Namaa Barreessuu /biographical narrative/
Seenessamni kun seenaa ykn qaama seenaa jireenya nama tokkoo hima. Seenaa nama tokkoo
yommuu jedhamu muuxannoowwan gurgudddoo namni tokko keessa darbuu maludha. Qaamni
seenaa nama tokkoo immoo qunnamtiiwwan ykn muuxannoowwan hedduu keessaa warra
muraasa ta’anirratti kan xiyyeeffatudha. Fakkeenyaaf,
Asteer Gannoo /Gannoo Salban/
Ardilee biyya lafaarra jiran keessaa Afrikaan ardii dukkanaa jedhamadha. Sababiin isaanis
maalummaan ishee sirriitti waan hinbeekamneefi. Haata’u malee, hanguma yeroon dabalaa
deemu, ilaalchisaanii jijjiiramaa dhufe. Kanaaf, sababoota gurguddoo lamatu jira. Inni jalqabaa
karaa garagaraa lammiileen Awurooppaa gara biyyoota Afrikaatti dhufuudhaan dhugaa jiru erga

27
arganii booddeedha. Sababni inni lammaffaafi guddaan daldala garbaati. Bittaafi gurgurtaa
garbootaa wajjin wal qabatee afaan, aadaafi seenaan Afrikaa bal’inaan hubatamaa deeme. Gama
kanaan namootni Afrikaa Awurooppaatti gurguramanii uummataaf biyyasaanii beeksisan
hedduudha. Isaan keessaa Asteer Gannoo tokkodha. Gumaachi isheen guddina Afaan Oromootiif
goote adda ishee taasisa.
Kan dhalatte bara 1870 Oromiyaa dhihaa iddoo Limmuu jedhamutti. Akka Oromoota biroo
maqaan kennameef daldaltoota garbaan otoo hintaane misiyoonotaan ture. Akka namni Gustaav
Areen jedhamu ibsutti Asteer gabrummaan qabamtee kan gurguramte qomoonshee mootii
Limmuu yeroo sanaatiif masaraa ijaaruuf wanta didaniifi. Haala kanaan booji’amtee gara baha
Itoophiyaatti geeffamte. Loltoonni xaaliyaanii yeroo sana naannoo Galaana Diimaa turan
daldaltootarraa buusisanii misiyoonota Imkulluu naannoo matsawwaa jiranitti kennan.
Akkuma Imkulluu geesseen mana barumsaa gaarbootaaf qophaa’e galte. Onesimos barsiisaa
mana barumsa sanaa waan tureef yommuu argu dandeetti addaan akka guutamte hubaachuun isa
hindhibne. Asteer bilchina sammuusheefi fedhii guddina Afaan Oromootiif qabdurraa ka’ee
yeroo muraasa keessatti kitaaba qulqulluu gara Afaan Oromootti jijjiirurratti Onesimos hedduu
gargaarte. Onesmos ijoollummaan biyyaa waan ba’eef jechoota tokko tokko irraanfate ture.
Kanaaf, gama kanaan Asteer baay’ee gargaarte.
Kana malees, jechoota Afaan Oromoo gara 500 ta’an walitti qabdee maxxansiifteetti. Jechoonni
kun aadaafi seenaa uummata Oromoo kan calaqisiisanidha. Fakkeenyaaf, kan akka
mammaaksaa, oduu durii, sirba jaalalaafi k.k.f.dha. Kun immoo hawaasa dadammaqsuufi
doofummaafi wallaalummaa keessaa baasuuf gumaacha guddaa qaba.
Kun Otoo kanaan jiruu akka Lakkoofsa Awurooppaatti bara 1904 carraa argatteen Oromoota
biroo wajjin lixa Oromiyaa keessatti barsiiaa turte. Keessattuu dubartoota Oromoo sababa
aadaafi hacuuccaatiin manatti of daangessanii turan ifatti baaste. Dubartoota Oromoo biroo
Liidiyaa Dilboo (haaadha manaa Onesimoos) fi Feeban Hirphee wajjin bara 1916 mana
barumsaa shamarranii naqamtetti bananii barsiisaa turan.
Dimshaashumatti, hojiiwwan Gannoo salban uummata Oromoof raawwatte sadarkaa Afaan
Oromoo har’a irra jiruuf gahee guddaa taphateera. Bara 1962 ummurii 92 tti haa boqottu malee
seenaan isheen hojjette har’as ta’e boru kan ishee dagachiisu miti.
3.2.3. Seenaa ofii barreessuu (personal narrative)

28
Seenessamni gosa kanaa wanta barreessaan sun keessa darbe ykn isa qunname ilaallata.
Fakkeenyaaf,
Halkan Gaafsanaa
Akkan seenaa baradhetti yeroo tokko Adoolf Hitlar kaayyoosaa galmaan gahuuf dargaggoota
garaa jabaatan akka barbaadu dubbatee ture. Amma Lubbuun otoo jiraatee dargaggoota akkaasii
argachuuf hedduu waan rakkatu natti hinfaakkaatu. Sababiinsaas aniifi hiriyoonni nafakkaatan
hedduun waan jirruufi. Akka qeerrummaa kootti hiriyoota badiif bobba’an horachuuf yeroo natti
hinfudhanne. Nama gara jabeenyaan guutame ta’uu koo hojiin tibbana raawwadhe naaf
mirkaneesseera.
Halkan guyyaa kamisaa ture hiriyoota koo waliin kanan magaala bahe. Akka hiriyoota kiyyaa
guutumaa guutuutti barumsa dhaabuu baadhus darbee darbee mana barumsaa nan deema ture.
Yeroo baay’ee karaa namoonni baay’atanirra deemuun of argisiisuufi durba numadaaltu yoo
arganne immoo waamnee haasofsiisuun milkaa’ina guddaa ture. Darbee darbee immoo, qarshii
bashannanaaf ta’u argachuuf murtee du’aa dabarsuun hojii daqiiqaa muraasaati. Walfakkaattiin
wal barbaaddi akka jedhamu aniif hiriyoonni koo fedhiifi hawwii walsimu qabna. Egaa guyyaa
kana maxxana tokkotti gorree dhugaatii gatii mi’aan ajajanne dhamdhamachaa haasaan mana
gaggaragalchaa turre. Kun otoo kanaan jiruu jidduun namni tokko yaada haaraa dhiheesse;
Namoota machaa’anii bahan duukaa bu”uun rukutuufi qarshii bashannanaaf taatu galchuu. Sa’a
tokkoon booddee jaarsa akka mishingaa bubbeen raasuu godhataa manaa bahan arginee duukaa
buunee bakka dawoo tokko yeroo gahan itti siiqnee qarshii akka barbaannu itti himne. Jaarsis
ulee gabaabduu bobaa jalaa butatanii adda hiriyaa keenya tokkorratti boqachiisan. Dhiiga akka
horii qalamee yeroo arginu warri hafne baay’ee naane. Nutis gama keenyaan haaloo bahuuf
tattaaffii hunda goone. Dhumarra jaarsa du’aaf jireenya jidduutti gannee irraa deemne.
Gara barii jala yommuun galu sodaa sodaan natti dhagahame. Nanqabama jedhee garuu hin
yaadne. Sababiinsaas kanaan dura qabamee hinbeeku. Guyyaa sana garuu maal raawwadhee
akkan dhufe yommuun yaadu abjuu abjuu natti fakkaatee nangaabbe; ofan jibbes. Naannoo
keenyaa namoonni hedduun jireenya akkasii gaggeessan waan jiraniif isaan fakkaachuu hin
barbaanne.
Amma yeroon duubatti deebi’ee yaadu balleessaa qabaadhullee akka Hitilar barbaadetti
balleessaa irratti hinbobba’iin hafuu kootti hedduun boona. Oolmaan guyyaa tokkoo karaarraa na
maqsitus dandii sirriitti deebi’eera. Anas hanga yoonaatti kan garaa na nyaatu cubbuun jaarsa

29
sanarratti hojjedhedha. Haa ta’u malee, dogoggorarraa barachuun beeekumsa guddaadha
jedheen yaada.
3.3. Barruu Ibsaa /Expository Essay/
Barruun ibsaa gosoota barruu gurguddoo keessaa tokko ta’ee, kan hubachiisu, barsiisu, himu
akkasumas hiika laatudha. Faayidaan barruu ibsaa yaada yookaan mata-duree tokko haalaan
duraa duuba isaa eegee ibsuudha. Gosni barruu kanaa karaalee gurguddoo lamaan dhihaachuu
danda’a. Inni jalqabaa odeeffannoo kennuun yommuu ta’u, kan biraa immoo qajeelfama
laachuuni. Odeeffannoon kan kennamu hiikuun, waldorgomsiisuufi walmorkisiisuun,
fakkeenyaan, sababaafi fidumsaan ta’uu danda’a. Yeroo baay’ee qajeelfamni kan laatamu immoo
akkaataa wanti tokko itti hojjetamu/ hojjetu /ta’uu danda’a. Fakkeenyaaf,

Nama Sobu Beekuuf


Otoo namni tokko si sobuusaa shakkitee, sobuusaa maaliin mirkaneeffatta? Baay’een keenya
wanta namni sun dubbatu irratti xiyyeeffachuun yaadolee wal rukutan barbaanna. Haata’u malee,
sobdoonni hedduun muuxannoo gahaa yeroo dheeraaf horatan qabu. Wantoota dubbatan maraaf
ofeeggannoo cimaa taasisu. Kanaaf, dogoggorri gama tilmaama keenyaatiin uumamu haalaan
xiqqoodha. Nama sobu addaan baafachuuf sagalee, fuulliifi sochiin qaamaa wanta dubbatamu
caalaa amansiisaa dha.
Maalummaan nama tokkoo irra caalaa kan ittiin mul’atu wanta dubbaatuun otoo hintaane,
akkaataa itti dubbatuuni. Jechoota sobaaf mijaa’oo ta’an filachuun salphaa ta’ullee
sagaleessurratti haalli ittiin dhihaatu garaagara. Akkaataan sagaleen ittiin bahu hojii sammuu
wajjin wanta wal qabatuuf sagaleen uumamu adda ta’a. Yommuu namni tokko sobu laafinni
sagalee xiqqaatee urgufamnisaa dabala.
Kana malees, sagalee namootaarra fuullisaanii ergaa cimaa dabarsa. Fuulli bakka dhageettiin
miira keenyaa bal’inaan itti callaqisuudha. Sodaa, qaanii, gammachuufi gadda bal’inaan kan
keessumeessu fuula keenyadha. Jechoota haala garagaraan fooyyessaa dubbachuun nidnda’ama
ta’a. Garuu wanta namatti dhagahamu fuularraa dhoksuun ulfaataadha. Namoonni soban dhugaa
jiruun otoo hintaane ofdhoksuun miira fuulasaanii jijjiiruuf dhama’u. Keessattuu, ijji icitii
hedduu baasa; ofitti amanamummaa dhabuun akkasumas ija guutuun nama ilaaluu dadhabuun
kan yeroo baay’ee sobdootarraa dubbifamu dha.

30
Hunda caalaa, qaamni nama sobuu ergaa guddaa dabarsa. Namoonni muuxannoo quubsaa
horatan sagaleefi fuulasaanii to’achuuf yaalanis sochii qaamasaanii hinabboommatan.
Qaamnisaanii akka dubbachuu danda’u hinhubatan. Haalli dhaabbiifi sochii qaamaa miira
dubbataa callaqisiisa. Kanaaf, namoonni soban fedhii guutuun hindhaabbatan. Haalli
dhaabbannaasaaniifi dubbisaanii wal hingitu. Kana malees, dhaggeeffataarraa fagaatanii
dhabbachuu filatu. Yeroo tokko tokko immoo tasa of qaqabachuufi qubeellaa harkaa
nanaanneessuun amaloota heddumminaan irra mul’atan keessaa muraasadha.
Egaa sobduu addaan baasuun hojii salphaa miti. Haata’umalee, milkaa’ina argachuuf
dhaggeeffachuu caalaa ilaaluun nifilatama. Akkuma hundi keenya beeknu jecha keenyarra hojiin
keenya maalummaa keenya mul’isa.
3.3.1. Qaamolee Barruu Guutuu Ibsaa
Qaamni inni duraa seensa. As jalatti yaadoleen akka walii galaatti barruu keessatti dhihaatan ni
tuqamu. Odeeffannoo wanta barreessinuu bakka itti quba qabsiisnudha. Irra caalaa qaamni
bal’aan barruu keenyaa maal ta’uu akka qabu karaa /iddoo/ itti argisiisnudha. Innis ijoo barruun
hammatamee dhihaachuu danda’a.
Inni itti aanuufi baay’ee murteessaa kan ta’e qaama bal’aa barruu ibsaati. Wanti beeksisuu,
hubachiisuufi barsiissuu barbaannee kan dhihaatu qaama kana jalatti. Gabaabumaatti, barruu
keenyadha jechuu nidandeenya. Kanamalees, qabxiileen dhimma barbaanne ittiin dabarfachuuf
dhihaatan fakkeenya quubsaan kan dhihaatan as jalatti. Fakkeenyoonni ka’an barsiisuuf, quba
qabsiisuuf, hubachiisuufi k.k.f. niif tajaa jiluu danda’u.
Qaamni sadaffaafi inni xumuraa kan goolabu ykn xumuruudha. Innis yaadolee qaama keessatti
ibsaman cuunfee karaa gabaabaaafi ifa ta’een dhiheessa. Ergaan dabaarfamuu barbaadame
bal’inaan qaama keessatti dhihaatullee dubbisaa keenya sammuusaa keessa wanta tokko keenyee
darbuuf qaamni kun gahee guddaa qaba. Fakkeenyaaf,
Amanamummaa Barattootaaf
Jiruuf jireenya keessatti namni walqunnamuun, yaada waljijjiiruun, rakkoo waliin furuuf
tattaafachuun hojii guyyaa guyyaan hojjetamaa ooludha. Sadarkaalee kana keessa darbuuf
immoo walii galuun, walamananii walii yaaduun isa hangafadha. Manneen barnootaa keessatti
barataafi barataan, barataafi hojjetaan, hojjetaafi hojjetaan wanta waliin dabarsan hedduudha.
Walqunnamtii gaariin kan jiraatummoo yoo waliif amanamani. Keessattuu barattoonni barsiisota
wajjin yeroo baay’ee akka faallaatti ilaalamu. Qabxii argachuuf ykn adabbii jalaa bahuuf

31
tooftaafi mala itti miliqan barbaadu. Amanamummaan barattootaaf jaallatamummaa argachuuf,
sammuu bilisa ta’e horachuufi lammii biyyaaf yaadu keessaa tokko ta’uuf gargaara.
Mannneen barnootaa sadarkaa tokkoffaatii kaasee hanga dhaabbilee barnoota olaanootti
barattoonni amalaafi sansaka hedduu qaban jiru. Yeroo baay’ee barattoonni tokko tokko
barsiisota sobuufi gowwoomsuuf yaaluun beekamu. Haa ta’u malee, darbee darbee barattoonni
baay’een walitti dhufeeya gaarii barsiisota isaanii wajjin qabu. Tolus badus dhugaa jiru baasanii
himu. “dhugaa jiru himanii bakka namatti dhihe buluu wayya” jedhama mitiiree? Kanarraa kan
ka’e barsiistonnis ofitti qabuufi karaa danda’ame hundaan isaan cinaa dhaabbachuuf murteessu.
Baarattoonni akkasii jaallatamummaa guddaa barsiisota isaaniirraa argatu.
Kana malees, amanamummaan sammuu bilisa ta’e horachuuf gahee addaa qaba. Namni sobuufi
ofitti amanamummaa hinqabne yeroo baay’ee sammuunsaa hinboqotu. Sababiin isaas, yoom
yakka koo narratti beeku jedhee waan yaaduuf. Dabalataanis, wantoonni hojjennuufi dubbannu
sammuu keenya wajjin walqunnamtii waan qabaniif himannaa sammuu jalaa dhokachuun
rakkisaa ta’a. Barataan namoota biratti amanamu garuu gama kanaan gaaffiin dhihaatuuf hin
jiru;Yeroo hundaa bilisummaan jiraata.
Kanneen armaan olitti ka’aniin alattis amanamummaan lammii biyyaaf yaadu oomishuuf bakka
olaanaa qaba. Namootaafi hojiisaatitti namni amanamummaa qabu akka lammii tokkootti
dhaloota boru dhufuuf bu’uura gaarii ta’uu danda’a. Barataan amanamaan, fakkeenya gaarii
ta’uun namoota faanasaa duukaa bu’an oomishuu danda’a. Kun immoo namoota biroo boodarra
dhufaniif haala mijeessee barataa biyyaafis ta’ee ofiif yaaduu danda’u uuma.
Dimshaashumatti, amanamummaan sadarkaa kamittuu murteessaafi barbaachisaadha. Kun
immoo kan mul’atu walitti dhufeenya jiru akkasumas ofitti amanamummaa qabaachuuni.
Kanaaf, barattootaaf amanamummaan bu’uura jireenyasaaniiti jechuun nidanda’ama.
Walumaagalatti, barruun guutuu ibsaa jiruufi jireenya namaa keessatti karaa beekumsa gahaa
ittiin horachuu dandeenyuufi yommuu gosoota barruu biroo wajjin ilaalamu bal’inaan kan
hojiirra oolaa jirudha. Waan kana ta’eef, maalummaa isaafi faayidaa inni kennu hubachuun
murteessaadha. Kun immoo guddachuu kan dand’u shaakalaafi fedhii akkasumas obsaan waan
ta’eef amaloota kana horachuun barataa afaanii gaarii tokkorraa kan eegamu dha
3.4. Barruu Guutuu Mormii (Amansiisaa) Argumentative Essay (Persuasive Essay
Waa’ee mormii yommuu haasofnu karaa lamaan ilaaluu dandeenya. Tokkoffaan mormii karaa
idilee hintaaneen dhihaatudha. Mormiin akkasii yeroo baay’ee kan burqu aariirraa ykn haaluma

32
jirurraa ka’uudhaan dhaggeeffattootni yaada barbaadame akka fudhatan yaaluudha. Inni
lammaffaan immoo kan dhihaatu karaa faallaa isa jalqabaati. Innis yaada “Otoo yaadaan walii
hingaliin waliigaluun nidanda’ama” jedhu of keessaa qaba. Kana jechuun yaadni barreessine
fudhatamaa ta’us ta’uu baatus ilaalcha keenya dhugaa qabatamaan deeggarame miira nama
morminuu otoo hinmiidhiin dhiheessuu danda’uudha.
Dandeettiin mormuu/amansiisuu/ karaa qabatamaafi fudhatamaa ta’een dhihaatu manneen
barnootaa qofaatti otoo hintaane umurii nama tokkoo keessatti barbaachisaadha. Keessattuu
walitti dhufeenya namoota wajjin qabnu cimsuurratti dandeettii amansiisuu horachuun gahee
olaanaa qaba.
Yeroo baay’ee barreeffamni amansiisuufi barruun mormii akka tokkotti fudhatama.
Haata’umalee, bal’inaan garaagarummaa isaanii yommuu ilaallu, barruun amansiisaa yaada
bal’aa of keessaa qaba. Isaan keessaa muraasni kan akka beeksisaa, xalayaalee gara
gulaaltotaatti ergamaniifi k.k.f. akkasumas barruu mormii karaalee dubbistoota keenya ittiin
amansiisnu keessaa tokko dha jechuun nidanda’ama.
Gabaabumatti barruun mormii gosoota barruu keessaa tokko ta’ee kaayyoon isaa inni guddaan
dubbistoota amansiisuu yookaan akka yaada barreessaa deeggaran taasisuudha. Kana gochuuf
garuu yaada ofii ragaalee qabatamoon dhiheessuun dhimma hangafaati. Yommuu barruu mormii
qopheessinu yaada gama biraa /faallaa / tuqnee ka’uu nidandeenya; garuu yaada keenyarraa
maquu hinqabnu.
3.4.1 Qaamolee Barruu Guutuu Mormii /Amansiisaa
Barruun mormii qaamolee gurguddoo sadan of keessatti qabata. Isaanis seensa, qaama bal’aa
barruufi qaama isa barruu goolabudha. Qaamoleen kun akkuma jiranitti ta’anii tokkoon tokkoon
isaanii maal of keessatti akka qabatan hubachuun murteessaadha.
Seensa barruuwwan biroorraa maaltu adda taasisa? Kan jedhu dha. Qaama kana keessatti
gabaabumatti yaada barruu barbaadameetu argama. Kunis kallattii waa’ee wanta mormamuu
bakka itti argisiifnudha.
Qaamni inni lammaffaa yaada bal’aa barruu tokkoo kan of keessatti qabatu yemmuu ta’u,
keeyyattoota callaatiin dhihaachuu danda’a. Bakka kanatti kan dhihaatan ragaalee, sababootaafi
fakkeenyota dubbistoota amansiisanidha.

33
Qaamolee barruu kanaa keessaa inni dhumaa goolabadha. Akkuma maqaasaarraa hubachuun
danda’amu qaamni kun yaada barruu mormii tokkoo guduunfee dhiheessa. Kana jechuun
yaadolee qaama bal’aa keessatti amansiisuuf ka’an cuunfee karaa biraa dhiheessa.
Dimshaashumatti, yeroo barruu mormii ykn amansiisaa ijaarru yaadolee armaan gadii
qalbeeffachuun qaamolee sadan asiin olitti eeraman hojiirra oolchuuf gahee ol’aanaa qabu.
 Dursa yaada faallaa qopheeffadhu. Kun kan ta’uu qabu ragalee, sababootaafi fakkeenyota
keetti fayyadamtee amansiisuuf wanta si gargaaruufi.
 Sababa ykn ragaa namoota yaada kee mormanii dhiheessi.
 Ragaaleen ykn sababoonni ka’an quubsaa akka hintaane agarsiisi.
 Yaada faallaa keetii fashaleessuuf ragaalee qabdu akka filatamaafi fooyya’aa ta’eetti
dhiheessi.
 Ragalaee, fakkeenyotaafi sababoota filatte bal’inaan ibsi.
3.4.2. Qabxiilee gurguddoo barruu mormii ijaaruuf gargaaran.
A.Mata duree
Matadureen barruu gosa kamiifuu barbaachisaa ta’unsaa kan wal nugaafachiisu miti. Haa ta’u
malee, mata dureen barruu mormiif ta’u kan biroorraa addadha. Mata dureen barruu mormiif
filamu mormiif banaa ta’uu qaba. Karaa biraatiin odeeffannoo dhugaafi yaada mormii gargar
baasuu qabna. Dhugaan jiru tokko yaada odeeffannooti malee yaada mormii miti. Barruu tokko
barruu mormii kan jechisiisu dhugaa jiru sanarratti hundaayuun yommuu karaa /position/ tokko
qabatudha. Fakkeenya.

Dhugaa jiru.  Barattoonni waggaa tokkoffaa Yuunivarsiitii Jimmaa barnoota ispoortii ni


fudhatu
Yaada mormiif dhihaateBarattoonni waggaa tokkoffaa Yunivarsiitii Jimmaa barnoota
ispoortii fudhachuu hinqaban.
Yaada faallaa mormiif dhihaate Barattoonni waggaa tokkoffaa Yuunivarsitii Jimmaa
barnoota ispoortii fudhachuu hinqaban.
B. Dubbistoota
Xiyyeeffannaan barruu mormii dubbistoonni yaada barreessaa akka fudhatan taasisuu hanga
ta’etti gaaffii dubbistoonni hagam nu wajjin walii galuu danda’u jedhu yeroo maraa kaasuun
murteessaadha. Mata-dureewwan tokko tokko fedhii dhuunfaa calaqqisiisuuf kan nama
kakaasanidha. Yommuu mata-dureen akkasii nu qunnamu tooftaalee adda addaa fayyadamuun

34
barruu gaarii /fudhatamaa/ ta’e qopheessuuf nu gargaara. Tooftaalee jiran keessaa inni fudhatama
guddaa qabu jalqaba yaada gama lachuunuu fudhatamaa ta’e dhiheessuu kan jedhudha.
C.Ijoo baruu bakka keewwachuu dandeenyu
Ijoon barruu barruu guutuu tokkoo jalqaba, jidduufi dhuma keeyyata seensaa irratti dhufuu
danda’a. Haata’u malee, yeroo baay’ee keeyyaata seensaa jalqabarratti argama. Akka
baarruuwwan biroo otoo hin taane, ijoon barruu kan mormii haala mata duree iratti hundaa’a.
Fakkeenyaaf, mata duree cimaafi gara fedhii dhuunfaatti kan nama geessu yoo ta’e, ijoon barruu
dhumarratti yoo dhufe filatama.
Mata dureen keenya dubbisaa biratti haala armaan olitti tuqameen alatti yoo ta’e ijoo barruu
bakka barbaanne kaa’uu dandeenya. Kanaaf gabaabumatti, ijoon barruu haalaafi gosa mata duree
akkasumas gosoota dubbistootaarratti hundaa’a jechuu nidandeenya. Gosoota dubbiistootaa
yommuu jennu karaa sadiin ilaaluun gaarii ta’a. Dubbistoonni tokko tokko dafanii yaada keenya
mormuuf gamu. Isaan kun ragaa qabnu dhaggeeffatanii murteessuuf obsa hinqaban.Warri kaan
immoo baay’ee hinmorman. Warri sadaffaa garuu dhimma irraa hinqabaatan. Kanaaf, mata-
duree keenyaaf dubbistoota walsimsiisuuf ijoo barruu bakka gaarii ta’a jedhamee yaadamu
kaa’uu qabna.
D. Ragaalee quubsoo ta’an filachuu
Yommuu barruu mormii (amansiisaa) qopheessinu akkuma dubbistootaaf bakka olaanaa
kenninu, ragaalee quubsoo ta’an filachuufis xiyyeeffannaa laachuu qabna.
Akka waliigalatti,ragaalee filachuun dura gaaffilee asiin gadii of gaafachuun barbaachisaadha.
I. Ragaan kun akkamiin amansiisuu danda’a?
II. Karaa ragaan koo fudhatamummaa dhabu jiraa?
III. Karaa hin yaadamneen hiikni laatamuufi danda’aa?
Gaaffilee armaan olii of gaafachuun fudhatamummaafi amanamummaa ragaalee wanta cimsuuf
itti yaadanii deebii quubsaa kennuufiin barreessaa qalbeeffataa tokkoorraa kan eegamudha.
Ragaalee eessaa argachuu dandeenya?
Ragaaleen barruu mormiitiif oolan kannen armaan gadii keessaa tokko yookaan
tokkoofi isaa ol ta’uu danda’u.
1. Dhugaa qabatamaa ta’erraa
2. Yaada namoota bebbeekamoo
3. Fakkeenyota qabatamoo addda addaa

35
4. Muuxannoo dhuunfaa (barreessaa)
5. Odeeffannoo qo’annoof qorannoon mirkanaa’e
Hubachiisa: Isaan armaan olii qofaa otoo hintaane kanneen biroos jiraachuu danda’u.

36

You might also like