You are on page 1of 5

Waraqaa pirooppozaala Aartii Utubaa

Adaamaa, Oromiyaa
Guraandhala 6416
Qopheessitoonni:
 Ashannaafii Mokonnin
 Tokkummaa Beellamaa
Waraqaa pirooppozaala Aartii Utubaa

Seensa
Waraqaan kun waa’ee garee aartii Utubaa guutumaan guututti kan
qabateedha. As keessatti dhimmoonni akka seera ittiin bulmaataa,
walduraa duuba hojii, dirqama hirmaattotaafii wantootni garee
milkeessuuf barbaachisan baay’een isaanii waraqaa pirooppozaalaa
kana keessatti hammatamanii argamu.
Akkuma beekamu garee Utubaa keessatti madda galii haaraa uumuuf
YouTube irratti hojiin aartii akka hojjatamu erga murtaa’ee as gareen
Aartii hundaa’ee hojii isaaf of qopheessaa jira. Hojiin kunis hojii
carraaqqiifii tattaaffii hedduu barbaadu waan ta’eef gurmiin garee aartii
kun qindoomina jabaan socho’uuf waraqaa waan hunda garee kanaa
ibsuufii gareen kun ittiin qajeelfamu qopheeffateera. Innis isa kanadha.
Waraqaa pirooppozaala Aartii Utubaa

Kutaa 1ffaa
Seera ittiin bulmaata garichaa
 Kutaa kana keessatti kan hammatamu seeraafii qajeelfama
kutaa kanaa yoo ta’u miseensi garee aartii kamuu seeraafii
qajeelfama kana hordofuu qaba. Nuti warri garee aartii
kana keessatti hirmaattota taanee jirru kaayyoon gooroo
keenya hirmaattota guddistuu aartii keenyaa ta’uudha.
Aartiin safuudha. Safuun qajeelfama. Qajeelfamni seera.
Kana warra aartii qofatu beeka osoo hin taane jiruufii
jireenya hawaasa keenyaa waan ta’eef ittiin guddanne
kanaf namni aartiif fedhii qabu akkasumas aartii beeku
seera kana beeka.
 Seeronniifii qajeelfamoonni kunniinis:
 Miseensi kamuu iddoo ramaddii isaa kabajee
fudhachuu qaba.
 Iddoofii yeroo kabajuun amala jalqabaa nama
hirmatuu ta’uu qaba.
 Namni kamuu yeroo taatoo (actor) ta’ee hojjatu akka
waan amala ofii dhiisee kan taatoo uffatee jiruutti
yaaduu qaba. Kunis miidhagina hojii keenyaaf waan
murteessaa waan ta’uufi.
 Naamusni hojii hundi kabajamuu qabu. Kunneenis:
walkabajuu, waljaalachuu, waliif abboomamuu, hojii
xiyyeeffannoon hojjachuufii kkf.
 Hirmaataan kamuu dorgomaa ta’ee argamuu qaba.
Waraqaa pirooppozaala Aartii Utubaa

 Ilaalcha amantiifii gandummaa tarkaanfachiisuun


goonkumaa dhorkaadha.
 Iskiriiptii gareen teekinikaa (Utuba production group)
gulaalanii dabarsan kamuu hojiitti jijjiiruun dirqama.
 Hojii kana faayidaa dhuunfaa irraa bilisa taasisuun
dirqama haalduree hin barbaachifneedha.
 Hamma danda’ametti akka dhuunfaatti muuxannoo
irraa argachuuf hirmaannaa hoo’aa taasisuun
murteessadha.
 Yeroo filannoo argannu namni kamuu hojii dheessuuf
osoo hin taane hojicha miidhagsuuf filannoo gaarii
haa filannu.
 Shaakalaaf yeroo dheeraa kennuun dirqama.
Seerotaafii qajeelfamoota kanneen kabajuun dirqama miseensa
garee kanaati.

Sagantaa hojii garee Aartii


G/hojii Wiixata Kibxata Roobii Kamisa Jimaata Sanbata Dilbata
g/hojii Waraabbiifii
√ × √ × × √ maxxansa
S/haaraaf

Sagantaan kun murtee hooggantootaatiin waan taa’eef yoo miseensa keessaa


komiin jiraatee ni sirreeffama.
Hub: mallattooleefii gaaleewwan as keessatti fayyadamne hiikaan isaanii kunooti.

 √ Guyyaa hojiin jiru ta’uu agarsiisa.


 × Guyyaa hojiin hin jirre ta’uu agarsiisa.
Waraqaa pirooppozaala Aartii Utubaa

 G/hojii Guyyoota hojii kan jedhu bakka bu’a.


 g/hojii Guyyoota nuti sagantaa irraa qabnu.
 S/haaraaf Iddoo sagantaa haaraaf banaa ta’e agarsiisa.

Wantoota barbaachisan
Akka garee aartii tokkootti wantootni nu barbaachisan meeshaalee kanneen akka:
 Kaameeraa (Camera)
 Waraabduu sagalee (Microphone) fa’adha.

Garee Utubaatiif
Nuti akka gareetti itti gaafatamummaafii qajeelfama akkanaan hogganamnee
hojjachuuf qophii waan taaneef gareen Utubaan kaka’umsa keenyaafii haala
deemsa keenyaa ilaaluun wantoota hojii aartiif barbaachisan akka nuuf mijeessan
kabajaan gaafachuu barbaanna.

You might also like