Professional Documents
Culture Documents
NIIJEELLAA
Soorata sirnaan osoo hin nyaatin jireenya fayya qabeessa jiraachuun waan danda'amu
miti.Jechuun koo....guyyaa garaa garaatti soorata garaa garaa soorachuu qabna
jechuu kooti.
NIIJEELLAA V.O
Garuu guyyaa akkamiirra? guyyaa akkamiirrayyuu haa tahu garuu... miirri gaariin
akkanni natti dhagahamu kanan barbaadu yeroon nyaadhu qofa osoo hin taane yeroon
qopheessullee dabalateedha.
NIIJEELLAA
ummmmm... kun baayyee kan namatti toluudha.
NIIJEELLAA V.O
Haala salphaa ta'een nyaata jaallatan hojjechuun miirri gaariin akka nutti
dhagahamu godha.Nyaata nuti hojjennu namatti toluu kan danda'anii fi
Fuduraaleedhaan kan guutamaniidha.
NIIJEELLAA
Baayyee gaariidhas.
DHIIRA 1
Baayyee minyaa'a.
DUBARA 1
Dhandhama ajaa'ibaa qaba.
NIIJEELLAA V.O
Maatiikootiif hiriyyoota koo waliin gammachuun kan soorannedha.
DUBARA 1
Ummmm....
NIIJEELLAA V.O
Aluwaada koo isa haaraa keessa seeneera. Jireenyin amma jiraachaa jirus haaraadha.
NIIJEELLAA
Chokolleetta baayyee gurraacha baayyee kan jaallattan yoo tahe amma garan deemutti
na hordofaa... Garaakoo guutuu kanin amanu, nyaati nuti hojjennuuf akkaataa nuti
itti hojjennu baayyee miirri gaariin akka nutti dhagahamu godha.
DHIIRA 1
Ummmm!
NAMA BIRAA
Baayyeema minyaawa.
NIIJEELLAA
Anaaf nyaata bilcheessuun hammam salphaa yoo ta'eyyuu, jireenya koo haala gaarii
taheen mi'eeffachaa akkan jiraadhuuf karaa naaf taheera.
(02፡50)Dambalii salphaa Niijeellaa
AGARSIISA (03፡14-
NIIJEELLAA
Yeroo tokko tokko jireenya keenya keessatti muuxannoowwan mataa keenyaa osoo
jiraatanii gaariidha jedheen yaada. Anaaf muuxannoon koo gara Gabaa'n baayyee
jaalladhuu deemee wantoota tokko tokko bitudha.Addumatti immoo kan isin dhibu yeroo
hundumaa cireedhaaf hunduma caala kanan filadhu Daabboo muramaadha.
NIIJEELLAA V.O
Daabboo muramaan kun moggaasa maqaa namatti tolu"Diinkeelbiroot"jedhamu qaba.Hiikni
isaas "Daabboo Jarmanii" jechuudha.Salphaa fi gogaa tahuun isaa immoo, lallaafaa fi
minya'aa kan tahe Abukaadoo waliin nyaatamuuf bareedaadha.
AGARSIISA (03፡51-)
NIIJEELLAA
Abukaadoo daabboo bilcheeffame waliin qopheeffamuun isaa waan haaraa akka hin taane
sirriittan beeka.Haa tahu malee anaaf qaama jireenya kootiidha.Yeroon barbaade
kamittiyyuu yoon nyaadhe nan nuffisiisu.Garuu immoo yeroo laaqanaatti ariifattee
nyaachuudhaaf sababa yoo hin qabaanne, cireedhaaf kan tahu nyaata baayyee
filatamaadha.
Yeroo ciree akka ta'e beeka yoo taheyyuu mee xiqqoo akka gubu goona.Sinnichoo
daakuun itti firfirsaan.Itti dabaleemmoo torban kana akkaataa hojii abokaadoo
irratti waan ani itti dabaladhe Jibinbila xiqqoo itti gochuudha.Jibinbilicha akka
kanatti fiixee fallaanaa fayyadamee quncisuun baayyeema natti tola. Isa booda
Abokaadhicha irratti murmureen bittimsa.
ummm...waa'ee suura kanaa jechuu kanan danda'u, baayyinni gammachuu rifeensa keenya
hammam akka jeeqeedha.Suuraan koo illee baayyee bareeduu yoo dhiiseyyuu, suuraan
inni kun achi utuun jiruu kanan nyaadhe"Noodilii" ajaa'ibaa sana na yaadachiisa.
Guyyaadhaa guyyaatti garuu wanti adda ta'e yeroo hunda gammachuudhaan kuduraalee
mi'aa gaarii qaban yeroon sooradhu ture.Inni kunimmoo "Noodilii" adda ta'e
"Shireempii" fi qarafaa waliin kan hojjetame, kanin nyaadhe ture.Gaafa dhageessan
waan isin kanaan dura beektan isinitti akka hin taane beeka. yoo ta'eyyuu baayyeema
minyaawa.Nyaata namatti tolu akkasii nyaadhee hin beeku.Taayilaandiidhaa bahuu koon
duras akkaataa nyaati kun itti qophaa'u baradheera.
AGARSIISA (08፡33-
NIIJEELLAA
Dachee kanarra yeroo dheeraaf jiraadheera, garuu gaafa waa'een nyaataa kahu yeroo
kamittiyyuu yerookoo seeraanin fayyadama.sababni isaa kanaan dura mi'aa isaanii
dhandhamee kan ani hin beekne dhandamuudhaaf carraa waanin argadhuufi. Amma kanin
hojjedhu, kan namatti toluufi kan minyaa'u kuduraa bilcheeffameedha. Kun gosa
nyaataa jinbinbilaa fi qullubbii adiidhan mi'eeffamee hojjetamuudha.፡
kana yeroo jalqabaaf kanan dhandhame ogeessi nyaataa Toom jedhamu hojjeteeti.Garuu
yeroo waamamuudha malee gaafa barreeffamu "tii yuu emmi' jedhameeti. Gaafa hojjetu
baayyeema ture kan namatti tolu.Toomis yeroo kana hojjetu mi'eessituu baayyee kan
qabu "Seelerii" chaayinaa fayyadameeti.kanaafis amma kanan godhu waan mi'eessituun
baayyee itti baayyate "seelerii" murmuree nyaaticha keessatti fayyadamuudhaani.
Amma bishaan hamma ta'en itti godha.Isa booda suphaana lukkuu xiqqoo itti naqna.
Suphaanni lukkuu manatti kan hojjetame yoo ta'uu baatellee rakkoo hin qabu.Ogeessi
nyaata tolchu Toomis daakuusaati kan fayyadame.Anis argachuu kanan danda'e kanuma
waan ta'eefi. "keetjaamapii muunis"nis hamma ta'e itti daballa.Akkuma mi'eessituu
"kaachaappii atara akuriyaa"ti. Asitti makaa dimbiyyoo danfaa jiru keessa
shiriimpota buusna.
Baayyeen keenya gara gabaa deemnee Shiriimpota ho'aa ta'an bitnee, isa booda
kuuffiyyaa(haguggii mataa) aduu guddaa godhannee, gara qarqara galaanaa deemuu hin
jaallanna mitii? garuu Shiriimpoti qabbanaa'oon akkasii hin gurguraman utuu
ta'ee,anis yeroo kana isaan hin bilcheessun ture.
Mi'aayinni Shiriimphotaa hammi ta'e suuphaana dimbiyyoo kana waliin yeroo waliin
makaman, mi'eessitootni immoo Shiriimpota waliin sirriitti walitti makamu.Itti
fufee Noodilii bilchaatee fi calalamee ka'ame itti daballa.Kana booda sirriitti
waliin akka makamu goona.Yeroo hundumaayyuu nyaatuma argine qopheessuun waan
addaafi waanta ulfaatu natti fakkaata ture.Garuu nyaata kana irratti mi'aayina
ajaa'ibaa inni qabuuf gurraacha'ina isaa baayeen jaalladhe.Amma immoo daakamee kan
qopheeffame qullubbii adii fi qarafaa irran firfirsa.
Dhugaa dubbachuuf oomishaleen kun wantoota haaraa miti. Garuu akkaataan nuti itti
fayyadamnu kan duraan beeknu caalaaa mi'aayina addaa akka qabaatan isaan taasisa.
Ogummaa nyaata bilcheessuu jechuunis akkana mitii? kana namootni dhandhamtanii hin
beekane nyaata galaana "Taayii"jedhama.
"Noodilii" hamma ta'e gabattaa irra goona, itti fufnee shiriimpota bifa warqee
qaban kana keessa bubuusnaan, qarafaan immoo utuu hin daakamin akkuma jirutti yoo
gale filatamaadha.
Yoom iyyuu taanaan mukni isaa akka hin nyaatamne beekamaadha.
Xumura irrattimmoo baala "saalarii" murmurree itti daballa.
yeroo tokko hiriyyaan abbaakootii, "galuu kan qabu yoo ta'e mi'eessituu malee
galchaa" jedhaa turan.
Amma ammaattis ho'a salphaa ta'eenan bilcheessa ture.Amma gara hojii keenyaatti
gaafa deebinu,"kaamuunii" fi fuduraa"Niijeellaa" fayyadameeti kanan
bilcheessu.Kunis hojii bareedaa akka ta'e gaarii godheen isinitti agarsiisa.
baayyee galatoomi.
QALII
hoomaa miti.
AGARSIISA (14፡35-
NIIJEELLAA
Lafeen cinaachaa kun dhandhama bareedaa akka qabaatu waanin barbaaduuf, "soosii"
furdaa ta'e kamiyyuu hin fayyadamu.Sababni isaa mi'eesituuf foonicha akka gaariitti
wal nyaachuu qabu waan ta'eef.Mee hojiikoo fuduraa"Niijeellaa"tiinan jalqaba.
Jechuun koo, mi'eessituuwwan maqaasaaniin kan waamaman fayyadamuun rakkoo qaba
jedhee hin yaadu.
Amma kanan itti godhu "kaamuunii" gaariin kun dhandhama loomii ajaa'ibaa qaba.
Minyaa'ina isaa xiqqoo adda godha."kaamuunii" kanaan ala foon hoolaa hojjechuun
natti ulfaata.Lafeen cinaachaa kun ofiisaatiiyyuu dibata waan qabuuf zayita xiqqoon
fayyadama. Kunimmoo mi'eessituuwwan sirriitti akka wal nyaataniif gargaara.Foonichi
dhandhama bareedaa akka qabaatuuf "soosii atara akuriyaa"xiqqoon fayyadama.
Fuduraa "Niijeelaa" jechuun afaan Arabaatiin "Fuduraa eebbaa" kan jedhamu hiika
akka qabu dhi'eenya kanan bare. Dhugumayyuu waan hundumaa keessatti kan fayyadamnu
mi'eessituu gaariidha. Foon kana ho'a ammaan xiqqaa taa'eenan bilcheessa. Hamma wal
nyaatee dibata isaa ofitti xuuxee goksutti jechuudha.
NIIJEELLAA
yeroon nyaadhu maddiikootti diddibateera garuu hoomaa natti hin fakkatu.
DHIIRA1
Akkasitti sirraa bareeda
NIIJEELLAA
(kolfa)
AGARSIISA (19፡24-
NIIJEELLAA
Yeroo hundumaayyuu nyaata mi'ooftuu hojjechuu fi nama tasgabbeessu hojjechuun
gammachuu naaf kenna. "Abirikootii" fi "Almendon" fayyadamee "keekiin" hojjedhu
waan adda ta'ee hin qabu.Anaanis kanaaf baayyee natti tola. Gaafa hojjetamu foolii
manaa cuunfaa ilillii akkasumas kan Oogiyoo dhaan macheessa.
AGARSIISA (19፡47-
NIIJEELLAA
"Abirikootii"n galgala guutuu bishaan qabbana'aa keessa tursiisurra oogiyoo ija
lama bishaan xiqqoo itti godhee yeroo xiqqoo danfisuun filadha. Isa boodda akka
qabbanaa'un godha. Yeroo dheeraas na hin fudhatu.Kun kan fayyadu dafee fixuuf qofa
osoo hin taane, yeroo wal fakkaataatti "Abirikootii" fi mi'essituun oogiyoo akka
gaaritti akka wal makaniif dabalateeti.
Isaan kun keekicha gara irra keessaati. Akkasitti tolchuu kanan danda'e warruma
kana qofadha.Egaa amma maalif akka tahe isiniif gala.Abirikootni hafan, oogiyoo fi
"Seeraapii" qopheessine waliin maashinii isaan daakutti daballa
jechudha.Tokkoosaayyuu keessatti hin hambisnu. Kun keekii "Abirikootii" fi
"Almendii"ti. Iddoo daakuu immoo "Almendii" daakame giraama 200'n fayyadama. Kun
immoo "Kaarboohaaydireetii" hin barbachisne hambisuuf baayyee nu fayyada. Itti
fufeemmoo bifti isaa akka baayyee bareeduuf daakuu boqqolloo giraama 50 kan hin
caalle fayyadamna.
Itti fufnee shukkaara giraama 150 itti daballa. Shukkaara baayyisun nu irraa hin
eegamu,sababni isaa daakuun boqqollo fi almendiin daakame minyaa'ina ofii isaanii
qabu.Raacita fal'aana tokko itti daballa. Isa booda killee 6, innis bukichi
sirriitti akka nuuf bokokuuf akka lallaafuuf nu gargaara. Amma hundumayyuu waliin
makna. Ajaa'iba ta'a.
Amala loomii keessaa kan natti tolu minyaa'ina dhokataa isa inni gadi baasuudha.
Fal'aanni shaayii 2 gahaadha. Xumura irratti kan itti naqnu immoo cuunfaa ilillii
ta'a. cuunfaan ilillii cophni xiqqoon ishee dhandhama nyaatichaa hamma yaaddanii ol
jijjiira. Yoo itti baayyistan garuu dhandhamicha ulfaataa godha.Fal'aana shaayii
tokko qofa itti goona.Isa booda ammas daballee waliin makna.
Kun meeshaa bukoo itti naqnu, kan bal'ina ceentii meetira 20 qabuudha. Akkuma
argitan cina isaa dabalatee zayita dibeen bukicha irratti godhaan jira. Bifa nama
hin dhadhabsisneen bukicha akkasitti qophessinee xumurreerra. Kan hafe immoo
bilcheessituun keenya itti haa guutu.
Egaa amma kana bilcheessituu keessa galchina. kanas dhiquu nan barbaachisu. Sababni
isaa baalli rafuu kan ittiin nyaatamu shumburan itti dabala waan ta'ef. Isa meeshaa
qorqorroon tolfame fayyadaamuu dandessu , an garuu kanan filadhu isa qaruuraadhaan
jiruudha. Itti fufneemmoo salaadaan keenya waan bilchaate akka fakkaatuuf
"Harisaa"n itti dabala. "Hariisa"n sinnichoo warra Moorookkooti. Kana xiqqoo
bayyiseeti kana an itti dabalu.
Sababnisaa kana baala raafuu fi shumburaatti yoo baayisne rakkoo hin qabu waan
ta'eefi. Yeroo hedduu timaatimni akkaataa inni itti bilchessituu keessatti baqee
yaa'u natti tola.
Amma baalli raafuu keenya bareedina dur qabu waan dhabe fakkaata. Garuu garii
goonee ni miidheksina. Gaafan harka koo lamaaniin hojjedhuudha kan na
gammachiisu.Hojiin yo natti baayyaataniyyu itti gammadeeti kan an hojjedhu.
Ammallee baalli raafuu keenya akka gaariitti bilchaatuu deebisnee bilcheesitu
keessa keenya. shumburaan keenya garuu nuuf ga'eera. ho'inni bilcheessituu keenyaa
baala raafuu keenya akka lallaafu malee akka inni bukaa'u hin godhu.
"Parsilii" immoo baayyiseen itti dabala. Sababni isaa bareechuudhaaf osoo hin taane
akka salaadaatti fayyadamuudha kanan barbaadu. Akkan baayyise nan beeka,garuu
barbadeetuman godhe. Qabbanaa'inni isaa baayyee nama dhiba. laaqanaafis nyaata
ta'uu danda'uudha
Ashaboon itti godha. isa booda ija "poomeegiraantii" bareedduu kanan itti dabala.
Dhuma irratti "parsilii"n irra bittimsa. Nyaata akkasii qopheessuun salphaa waan
ta'eef baayyee natti tola. Eeyyeegaa kana boodallee akkasitti hojjechuu ittan fufa.
Akkasitti...