You are on page 1of 14

Abbaa Manaa Gowwaa

Amicha tokkotu ture. Namichi kun ka'ee haadha manaa fuudhe. Haati manaa isaa erga itti heerumtee
booddee, kaatee mucaa godhatte. Amma erga mucaa godhattee booddee, gaafa mucaan dhaqee
daa'imuuf ka'u abbaa manaa ishii waan jibbiteef kaatee gaafa waan malattu dhabdu dhabdu mucaa
mucaa ishii fuutee baadhattee hurursuutti kaate. Mucichimmoo baay'ee jaallatuyyuu hurursitee haati
manaa namichaa kaatee, "mucaa koo dhukkubaa," jettee irra tarkaanfatti turte. “Otuu inni baqqoo
dhaqee ajjeesee ni fayya," jette.

Dubartiin kun waan namicha jibbiteefis michuu kan biraa qabduuf nyaata qopheessite. Akkatti wajjin
nyaattu dhabdee namichimmoo dhuguma jedhee baqqoo dhaquudhaa ka'e. Otuma deemuu namicha
harree oofee deemu tokkotti dhufee, namicha wajjin nagaa wal gaafatan. "Yaa namichoo" jedheen.
"yee!" jedheen. "Eessa dhaqxaa?" jedhee gaafate. Namichimmoo, "mucaa koo tokko dhukkubaan yoo
baqqoo dhaqxe malee hin fayyu naan jennaan ka'ee," jedhe.

Namichi harree oofu sun, "innoo sobaa mucaan kee ni fayyaa deebi'ii" jedhe namichaan. Achumaan
namichi duukaa deebi'ee, "yeroo fuullee mana keetii geessu natti himii," jedheen. Deemanii dhufanii
fuullee manaa ga'an. "Ilaa kuunnoo isa sana," jedhee mana isaa itti agarsiise. Achumaan namichi karaa
deemu sun "qalqalloo koo keessa si buufadheen dhaqee na bulchaa jedhaatii hin dubbatiin," jedheen.

Namichis, "haa ta'u" jedheen. Akkuma jedhe qalqalloo isaa keessa buufatee harree isaatti fe'atee
dhaqee, "warra manaa," jedhee waame. "Yoo!" jedhanii jennaan, "na bulchaa aduutu natti dhihee,
harree oofeen deemaayyuun sodaadhee," jedheen warra manaatiin "Bulaa manni kan Waaqaayyootii,"
jette. "Haa ta'u," jedhee harree isaarraa hiikkatee, "asuma naaf haa taa'uu," jedhee mana jala
kaawwate. Namichatti sila waan hundaa itti himeera. Inni mana jala kaawwatee jennaan, "ol
liccisiifadhaa," jette. "Silaayyuu mi'a kootiifan sodaadhaa olin liccisiifadha" jedhe. Namichi qalqalloo isaa
ol liccisiifatee taa'e.

Kana gidduutti, "kennaa isiniin kaa'aa" jette. "Hi'i koo asuma naaf haa taa'u na cinaa" jedhe. Yammuu
namichi ol lixu inni luuccaan isaa jijjigaa qooseerra ciisuu, kan barcuma taa'umsaarra shaanfoo (Eeboo)
ofitti hirkisee taa'u tokko arge. Innis immoo qondaala jedhama. Qondaalichi yommuu namichichi ol lixee
taa'u, wajjin haasa'uutti ka'e. Qondaalichi maqaa namichaa gaafachuutti ka'e. Namichi itti himuu didee
jennaan, gaafatee dhiisuu dide. Gaafa inni gaafatee dhiisuu diduu maqaan koo, “Boru udaan fidiyyee,"
jedhee deebiseef. Eega maqaa gaafatee booda dinqisiifachuutti ka'e. Erga dingisiifatee booddee walii
wajjin haasa'uutti ka'an. Otuma walii wajjin haasa'uutti jiranii irbaanni qophaa'ee dhufee nyaatuma
nyaatanii quufanii maaddii fuudhuuf jennaan, "nuu noorsi namichoo," jedhe qondaalli. "Anoo beekee
hin noorsuu," jedhee didee "isin nuu noorsaa malee," jedhe. "Haa ta'u," jedhee, "ani nan noorsaa
atimmoo na jalaa qabii," jedhee akkana jedhe,

Nooruu yaa budeenaa si nyaannee quufnee,

Nooruu yaa ogeessa faranjii dhagaraa uddeela,


Nooruu yaa buddeena ishii baqqoo dhaqxee,

Nagaadhaan hin galchiin,

Nooruu yaa buddeena achitti ishii haa hambisu," jedhe.

Erga noorsee booddee, "namichoo atimmoo noorsi," jennaan noorsuutti ka'ee, akkana jedhe:

Nooruu yaa buddeenaa kan qalqalloo keessaa,

Nooruu yaa buddeenaa namnillee hin beekuu

Nooruu yaa buddeenaa maaddiirraa iyyatuu,

Nooruu yaa buddeenaa ishii baqqoo dhaqxee,

Nagaadhaan hin galchiin,

Nooruu yaa buddeenaa isaan maaliif jedhuu,

Nooruu yaa buddeenaa kan edana buluu beennee,

Akkas namicha abaaru, jedhe.

Namichi noorsee maaddiin fuudhamee dhaqanii rafanii, namichi inni abbaa harree namichaan,
"yommuu isaan rafan, goradeen sii kennaa morma kutii," jedhe. Bari'uuf jennaan golgola barii namichi,
"yaa warra manaa

nagaatti oolaa," jedhee sokke.

Erga namichi sokkee fuullee manaa ga'ee hirribaa kaatee yommuu ishiin jettu mormi abbaa manaa isa
haaraa hin jiru. Fiigdee gadi baatee, "yaa bor udaan fidiyyee! yaa bor udaan fidiyyee!" jette. "Balbala
duratti awwaalii," jedhee namichi sokke. "Ishiin dhuguma," jettee balbala duratti awwaalte akka namni
argutti. Gowwaa ta'uun kana nama godha jedhama.

Gaabbii Dhirsaa fi Niitii

Dhirsaafi niitiitu turan. Barrimmoo bara beelaa ture. Jennaan dhirsichi tuffee isaa rarraaseetu abidda
bira taa'a ture. Ishiinis wajjumaan teessi ture.

Niitiin, "maaloo wanna kana abidda bira rarraafatee teessu ofirraa qurxitee hin gattuu," jetteen.
"Maaloo intalaa sin mararuu yoon qurxee darbe gaafa barri kun darbemmoo bakka fuunuu hin qabnu,"
jedhe. "Ani sirumaa nan mararuu," jetteen. "Achi gati," jette dabaltee. "Tole egaa," jedhee foon qalamee
lafa jiraa, bara beelaa silaa horii nyaataniyyuu foon sa'aa sana fuudhu, "ilma haadha raawu," jedhee,
"badi kanumaaf na dhibdaa," jedhee achi gate. Ka'ee gaafa gatu, barri sun dabarraan, birraan bari'ee
dhangaan alaa ga'ee nyaatan.
Kana booda har'ammoo niitiin, "maaloo namana waanti ubdarb ullelam new sleep kun gufuudhumtillee
sitti hin hafnee," jettee irra barbaaduu qabde, "Inni eessa jiraa," jedhee itti waakkate dur yommuu ishii
fuudhummoo warri ishii sa'a shantama gabbara irraa fudhatanii turan. "Maal intalaa inni eessaa argama
hin jiruu, ka'eetan deemeellee bita malee," jedheen. "Maaloo yoo hin argama ta'e amma fedhe haa
ta'uu nuuf bitii ilma ayyaa," jettee kaafte. "Tole deemeetan gaafadha," jedhee akkanuma bobba'ee
guyyaa tokko oolee gale. Galee, "biyya akkanaatti kutaa shantamaan hin argamaa," jedheen.

Hoggaa inni akkana jedhu, "maaloo shantamatu dhibeeree?" jettee ganda warra ishiitti kutte. Geessee
warra ishiitiin, "maaloo bara rakkoo sana waan tokko ofirraa kuchisiisee ammammoo rakkannee,"
jetteen jedhama.

Logo

Haxxee

Posted by Admin on January 17,2023

TAGS

Dubartiitu sanyoo godhatte jedhan. Sanyoo godhannaan, "maaloo eessatti wal arginaa, jedheen.
"Magaalaa Gabra gurraachaatti," jetteen. Dabaltees, "Obboleettii tiyyan siin jedhaa akka namni si hin
barreef shaashii maradhuu, qamisii uffadhuu kottuu, jette. "Nan dhufa kaa guyyaa akkanaa," jedhe.
Akkuma wal beellamanittis dhufe. Dhufnaan ishiin yommuma gaaratti agartu ililchite. Dhirsi gadi ba'ee
qawwee dhukaase. Dhukaafnaan, "maaloo obboleettii ani biyya oromaatii qabu tokkotu dhufee," jettiin.
"Ahaa! Baga nagaan dhufte," jedhee waliin simatanii maseena qalaaf. Maseena qalame kanas amma
torban lamaatti wajjin nyaatan. Sana booda gaaf tokko yommuu obboleettiin ishii gabaa dhaqxu, ishiin
manatti hafnaan ka'ee qabate. Ishiin itti luqqifattee, kaatee hillim jette. Karaa ishiin baate sana ba'ee
raawwatee, "maali? inni na qabatee raawwatee, jennaanan itti luqqifadhee harkaa ba'ee dhufe mitii,"
jedhe. "Eegasuu ati galii ani tiyyaahuu beekaa," jetteen. Isuma kanaan galtee yommuma balbala dura
geessu, "wayyoo! wayyoo!ub yaa obboleewwan too," jetteen. Dhirsichis reebuuf balbala taa'aayyuu,
"maali?" jedhee gaafate. A "Obboleewwan tiyya kan biyya ormaa jiran lamaa, takkittiin wanna dhiiraa
fuutee," jetteen. "Maaloo kan asii kunis wanna dhiiraa fuutee badde mitii?" jedheen jedhama.

OTHER FOLKLORES

Oduu Durii
Hiibboo

Geerarsa

AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama,
ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan
isinii dhiyeessina.

FOLLOW US

USEFULL LINKS

About

Destination

Services

Packages

Guides

Testimonial

Blog

CONTACT US

Finfinnee, Itoophiyaa

+251 912 778324

info@afoola.com

NEWSLETTER

Your Email
Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.

Logo

Gaarummaa

Posted by Admin on January 17,2023

TAGS

Intala tokkotu turte. Abbaafi haati ishii looniifi faradoo baay'ee qabu turan. Abbaanis intalattiidhaan,
"mee faradoof bishaan kennii," jedhe. "Faradoo kanaafimoo eenyuufii?" jetti. "Jifaarii," jedhaan. Fardi
Jifaar jedhamu kunis faaraan guddaadha. Ishiinis otuma hin kenniniif, "kenneeraaf," jette. Mucayyoonis
kadhatamtee cidhi ishii hamaamonni ishii ga'e. Afeerraan qophaawee fudhachuu dhufan. Maqaan
intalattiis, hawwii waan tureef, "Hawwiin farda isa kam yaabbatti," jedhanii dubbatan. "Farda tokkicha
garuu yaabbattee ni galti," jedhanii yaada kennan. Booda, "yaa Hawwii, Bulloo yaabbadhuu," jedhan.
"Hin ta'u" jette. “Magaal yaabbadhu kaa," jedhaniin. "Hin ta'u" jette. "Daalacha yaabbadhu," jennaan,
"hin ta'u," jette. "Ihii! Maal wayyaree?" jennaan. "Jifaar kanan wal'aanaa ture sun eessa dhaqe?," jette.
"Lakkii intala koo fardi kun si fuudhee hallayyaa si gataa," jedhan. "Waa tokko homaa nan godhuu,"
jetteen.

Isaanis, “tole," jedhanii fardichuma yaabsisan. Fardichis fudhatee lafa fagootti ittiin bade. Otuma
adeemanii hallayyaa bira qilxuu guddaa tokko jalaan ga'ee waan nyaattu, waan dhugdutti otuma jirtuu
daldaltoonni karaa deeman achitti ishii argu. Ishiinis fardicharraa bu'uu hin dandeessu turtee achirra
teessee:

“Jifaar yaa Jifaar! bakka aabboon hin jirre, bakka aayyoon hin jirreen naan dhuftee naan galimee” jettee
weeddifte.

Fardichimmoo, "Hawwii yaa Hawwii! Boora yaaphu, jennaan situ didee, adii yaaphu jennaan situ didee,
Bulloo yaaphu jennaan situ didee taa'i kophaa taa'i kophaa," jedheen.
naan dhuftee naan galimee naan galimee," jettee innis, "Hawwii yaa Hawwii adii yaaphu, jennaan situ
didee, Bulloo yaaphu jennaan situ didee, taa'i kophaa taa'i kophaa", jedhee jedhanii kanumaan qarree
gubbaarraan ilaalanii, amma fardichi ga'us ilaalanii deeman.

Hoggaa deemanu lafti itti dukkanaa'e. Isaan utuma hin beekiin yaaduma karaa deemanii amma mana
abbaa ishiitti maqanii, "nu bulchaa" jedhanii abbaa ishii gaafatan. Abbaan ishiis, "manni kan Waaqaatii
bulaa," jedhe. Jarreenis maqanii bulan, nyaata, dhugaatii, bishaan miilaa, bakka rafiitii hunda kennaniifi
keessummeessan.

Amma galgala otuma taphatanii, haasaa keessa, "har'a waa dinqii agarree," jedhan. "Maali," jennaan,
“fardi dhaabbatee magaala guddaadhaa, qilxuu jala mucayyoo tokko achi jalaan ga'ee arginee," jedhan.
Maal jettimmoo, "Jifaar yaa Jifaar! bakka aabbo hin jirre bakka aayyoo hin jirre naan dhuftee, naan
galimee" jetti, hoggaa ishiin akkana jettu innimmoo, "Hawwii yaa Hawwii! adii yaaphu jennaan situ didee
magaal yaaphu jennaan situ didee taa'i kophaa taa'i kophaa" jedhee deebisaaf. "Kana agarre" jedhanii
warra ishiitti himan.

Yeroo kana abbaan ishii, "eessatti agartan," jedhee gaafata. "Bakka akkasii bakka akkasii," jedhaniin.
"Bakka sana nu geessuu dandeessuu?" jedhan. "Eyyeen sin geessina dhibee maal qabaree?" jedhaniin.
Bariinaan wajjin ka'anii bakka sanatti deeman. Bakkicha ga'anii gaara gubbaa dhaabbatanii yommuu gadi
ilaalan mucayyoonis fardis kan isaaniiti. Garuu kooraaniifi nafti mucayyoo walitti fayyee addaan ba'uu
hin danda'u. Amma waan godhan dhabanii fardicha kuffiisuu Amma barbaadan. Eeboo fudhataniis
dugdasaa gadi waraanan. Garuu inni homayyuu ta'uu dide. Abbaan, obboleessi walduraa duubaan
dhufanii waraanan. Inni garuu homaa ta'uu dide. Dhumarratti waan godhan yommuu dhaban, hallayyaa
keessaa mucayyoon akkana, jette, "Firri koo hunduu naa yaa'ee dadhabemmoo mee dhirsa kiyya sana
naa waamaayyuu," jetti. Yeroo kana dhirsatti waraana kennanii, "dhaqii," jedhaniin. Hoggaa kana
dhaqee qilxuu gubbaa koree fardicha gooba keessa yoo gadi waraanu fardichi ni jilbeeffate. Garuu
mucayyittii karaa ittiin irraa buusan hin qaban tureeyyu. Kooraa hudduu ishiitti ol dhisanii raawwatanii,
irraa buusanii mucayyoo

fudhatanii galan.

Duraanis abbaan mucayyoofi daldaltoonni sun waliigaltee qabu turan. Waliigalteen sunis, "mucayyittii
biraan isin ga'ee yoon jedhe maal naa gootaa," jennaan abbaan mucayyoo, "horiin qabu qixxeettan siif
hira," jedhee tureeyyu. Amma egaa akkuma jedhe biraan ga'ee mucayyoo yommuu fudhatanii galan,
horii qixxeetti hiruufiif ka'e abbaan ishii sun. Naggaadichis, “kan toltee mana kee na bulchite horii kee
naa hirtaa? Ani silumaa ofumaan horii kee naa hirii siin jedhe, gara fuulduraatti firoomaan jiraannee
mana kee haa bulu, intalli kees baga nagaan siif galtee” jedheen jedhama.

OTHER FOLKLORES

Oduu Durii

Hiibboo

Geerarsa

AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama,
ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan
isinii dhiyeessina.

FOLLOW US

USEFULL LINKS

About

Destination

Services

Packages

Guides

Testimonial

Blog

CONTACT US

Finfinnee, Itoophiyaa

+251 912 778324


info@afoola.com

NEWSLETTER

Your EmailEma

Logo

Jaalala Dhugaa

Posted by Admin on January 17,2023

TAGS

Mucaa tokkotu jiraayyu. Mucichis niitii hin fuune ture. "Mee niitii naa kadhadhaa," jedhee warratti hime.
Warris, "dhaqii ilaalladhu yaa dargoo," jedhaniin. Yoo dhaqee ilaallatu mucayyoo biiftuu fakkaattu tokko
argate. "Kunoo mucayyoo akkanaa argadhe," jedhee galee warratti hime. Warri dhaqanii yoo kadhatan
warri mucayyittii ni didan. Isaan didaniyyuu mucayyoon gurbaa waan jaallatteef, isaaf jettee muka
burqaa tokkorra jiru yaabbatte.

Kana booda warri mucayyittiis hojjettuu qabaniiyyuu, bishaan bu'uuf yoo buutu mucayyoon gadi jettee
achi keessatti mucayyoo sana agarte. "Ana tana fakkaatu tanatu kana galee," yoo jettu okkotee cabsitee
galte. Achumarraan, "maal taate? yaa mucayyoo," jennaan, "kufeetan cabsee," jette. Ammas lammaffaa
yammuu itti kennan bishaan waraabdee lafa gootee lafatti of rirriittiyyu. "Maal taate yaa mucayyoo,"
jennaan, "ana tana fakkaatu tanatu bishaan isinii waraabaa?" jette. Warris akka mucayyoo isaanii taate
beekanii ol jedhanii yoo ilaalan mucayyoo argan. Achumarraan, "koottuu bu'i yaa mucayyoo si
fudhannee gallaa," jedhan. Yoo diddu mucaa ishii kadhate sanatti himan. Mucichis wayyaa biteefii
dhaqee, "yaa mucayyoo koottu, gurraan dhalee, arroon dhalee koottu koottu, jedheen. Yommuu kana
mucayyoon achirraa utaaltee buutee innis fudhatee galee jedhama.

OTHER FOLKLORES

Oduu Durii

Hiibboo
Geerarsa

AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama,
ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oro

Logo

Handaaqqoo Fi Farda

Posted by Admin on January 17,2023

TAGS

Handaaqqoofi fardatu ture. Fardi sun ni bobba'a, gala hin yaadatu, toora lagaa, toora caffee deemee
marga dheedaa, bishaan dhugaa achuma tura. Hindaaqqoon garuu lafti otoo itti hin dhihiin dura galti.
Farda barbaachaan galchan. Hindaaqqoon galgala yommuu galtu sana utubaan balbalaa dheeraa kanaa
gadi jettee, "kan nagaan nu oolchite gooxii keenyarra nagaan nu bulchi" bulchi" jettee galti. galti.
Fardichammoo barbaadanii fuudhanii, sanuu dallaa jala oliifi gadi darbee, ariisaanuu galuu dida.

Hindaaqqoon kan dheerina hin qabne, balbala dhungattee boroo harka fuutee qooxii ofiitti galtii,
Waaqayyoon ni galateeffattii, dheerina hin qabduu gadi jetti. Fardimmoo yeroo galu sanuu galuu didaa,
dhiitaa balbala dhahaa gala. Farda guddaarra hindaaqqoo xinnayyoo Waaqaaf galata galchitu qalbii
qabdu sana, Waaqnimmoo ofitti aansee afaan isaa barsiisee, yommuu inni balbala banatu beektee
iyyitee, "balballi Waaqaa banameeraa kan raftan ka'aa," jetti.

Waaqayyos waan ishiin isa beekteef afaan ofi barsiise. Yommuuiyyitu kan hindaaqqoon
iyyituinnijedhuhindaaqqoon xinnoon Waaqa beektee, fardi guddichi waanwallaaleef caaltee maqaan
ishii waamama jedhama.

OTHER FOLKLORES
Oduu Durii

Hiibboo

Geerarsa

AFOOLA.COM

Logo

Lafaa fi Illeettii

Posted by Admin on January 17,2023

TAGS

Lafaafi illeettiitu wajjin maabara dhuga ture. Dabareen "xuwwaas" dura lafa ga'e. Illeettii itti aansee ga'e.
Laftis akkuma fudhattetti kaffalte xuwwaa ishee ofirraa baaste jechuudha. Illeettiinimmoo, "ani barana
hin qabuu naa kaffalii," jetteen. "Tole yoo barana rakkoo ta'e siifan kaffalaa, atimmoo sadaffaarratti
kaffaltaa," jetteen. "Tole," jetteen. "Amma kaffalee, sadaffaarratti yaa illeettii naa kaffali kaa xuwwicha,"
jetteen. "Yaa lafaa ani barana rakkoo keessan jiraa, barana silaa hin du'uu na dhiisii," jetteen. Amma
diddee kaattee, kaattee dhokatte. "Laftis yaa illeettii maaloo hin kaffaltuuree?" jetteen. "Utuma diddee
baqaaf kaattuu sombaa dhoote," jedhama.

OTHER FOLKLORES

Oduu Durii

Hiibboo

Geerarsa

AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama,
ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan
isinii dhiyeessina.
FOLLOW US

USEFULL LINKS

About

Destina

Logo

Bookee fi Arba

Posted by Admin on January 17,2023

TAGS

Bookeetu gurra arbaa keessa seenee utuu jiraatuu dhukkubsate. Inni qoricha hin kennuufii walitti hin
himatanii, gurra arbaa keessaa baatee lafa buute. "Maaliif mana kee keessaa baatee lafa buutee?"
jennaan, "baay'ee na dhukkuba homti nafa kootii natti hin jiruu," jette. "Yoo maal godhan fayyitaree?"
jennaan, "yoo na koobanan fayya," jette. "Eessa qabanii si koobanii?" jedhaniin. "Koobuma natti fuudhaa
malee hinuman koobama," jette. Koobaa fuudhanii dhaqan.

Bookeen xiqqaadhaa, dhaabnaan ta'uu dide. "Eessa si qabna," jennaan, "eeguma koobaan dhihaatee
anarra dhaabuurraa haajaa qabdanii, akkanuma anuu nan fayyaa," jetteen. "Odoo koobaa fuudhuu
baatanii nan du'aayyuu jettee duute haa jedhaniif malee koobaan silaa eessa kootti dhaabbataa?" jette
bookeen jedhama.

OTHER FOLKLORES

Oduu Durii

Hiibboo

Geerarsa
AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama,
ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan
isinii dhiyeessina.

Logo

Waaqaa fi Gaangee

Posted by Admin on January 17,2023

TAGS

Gaangeetu quufa baay'ise jedhan. Quufarraan kan ka'es Waaqayyoon dhiitte. Waaqayyos ol ba'e, ol
fagaate. Waaqa sana keessaas bineensi hin yuusa ture. Gaangeenis bineensa sana hin beektu, harreenis
hin beektu. "Maaluma kan irra kana keessaa sagalee miidhagaa akkanatti bookkisu kun, otuma Waaqni
ijaan nu agarsiisee," jedhanii Waaqa kadhatan. "Mee bineensuma sagalee beeknu kana nu agarsiisii,"
jedhan. "Lakkii yaa harree koo, namichi sagalee miidhagu kun yoo gadi bu'e fira hin ta'uu, diina ta'aa,
bu'uu isaa hin kadhatiin," jedheen. "Lakkii ni firoomfannaa nuu buusii," jedhaniin. "Tole egaa gidduu
kana eeggadhu" jedheen. Xob! godhees buuse. Ishii bishaan dhuguudhaa achi laga bu'u, isaa reefu bu'ee
bishaan dhuguudhaa dhaqu walitti dhufan.

“Akkam? akkam?” jedhanii nagaa walgaafatanii, "eessaa deemtaa?" jedhee gaafate inni Waaqaa dhufe.
"Biyyi kiyya asuma," "eenyuree maqaan kee?" jedheen. Harrikko kaa! Harreedha, atiwoo bineensa.
eessaa dhuftaree?" jette. "Waaqaan dhufee," jedhe. "Akkamiin biyya keenya dhufuu dandeesse?"
jedhee gaafate harreen. "Harrikkoo harree kan jedhamu, kan sagalee bareedu, yaa Waaq nuu buusii,"
jennaan, "Waaqni na buuse, harrikkoo sanallee ani hin beeku, Rabbi yoo na barsiise malee, sv
keessummaa ta'ee har'uman mul'adhee," jedhaan bineensichi. Ahaa! ahaa! bineensi sagalee miidhagu
sunrisesi'ii? si'ii? ajettiin. jettiin. Anuma. "Harrikkommoo kan harreedhaa, mootiin anuma. Maalooree
attamitti walbarraree? walbarraree? Walbarraamii? Wajjinuu hin taphannaamii? Biyya wal
barsiifnaamii?" jettiin harrikkoo. "Tole!" attamitti taphatanii?" jedhaan.

“Walitti kolfanii, durdurii odeessanii taphatan,” jettiin. "Nuti warri bineensaammoo taphni nuti beeknu
wal'aansoo walqabatanii walkuffisuufa'i kan biraa hin beeknu," jedhaan.
Hin sodaanna tapha akkasii. Maal na sodaatta? Gaafa kee kanaan na waraanta jedheetan sodaadha. Yoo
nama waraane nama ajjeesa. Inni nama hin ajjeesu teepha. Qabee ilaallaan hin laallaafa. Ani waraanan
se'e walitti hin hiiqnuuree? Tole hin hiiqna. Amma garaa isaatti ishii nyaachuu yaade. Kanaafis sababa
barbaade. Amma ishiin isa gajjallaadhaa bishaan dhugaa turteeyyu, inni gararraadha jira. "Maaliif
bishaan borcitee natti booressitaa," jedheen. Amma calluma jettee, lagaa baate ishiin. Innis biyyi
kanshiiti jedhee dhiisa. Ishiinis qarreetti baatee fincoofti.

Hoggaa fincooftu sana fincaan ulattee huuruu ishii ol qabdee hidhii ishii bilxix goote. "Sirumaa
ammammoo natti kofaltaa, inshaallaa harrikkoo!" jedhe. "Duruu danbiin keenya kanuma sitti hin
kofalle," jette. "Hin kofallee? Eeyyee, danbiin keessan kanumaa?" jedhaan. "Eeyyee! yaa waruu yoo
nyaatte na nyaadhu malee, sababii natti hin guuriin ani lola kee hin qabuu," jette. "Erga lola hin
qabaannee koottu kaa wal'aansoo walqabannee taphannaa, abbaa mo'u ilaallaa," jedhaan. "Tole!"
jettee tapha wal'aansoo calqaban. Sobee humna ishii arguudhaaf jalaa kufe bineensi. Yoo kufu, "narraa
ka'i kaa," jedheen. "Tole!" jettee irraa kaate. Ammammoo galagalchee irra aane.

Ammammoo ishiin dabaree ishee “narraa ka’i” jetti. “Allama sadii walirraa kaanee. Kanaa ol walirraa
ka'uun hin jiru, handhuura seenanii walirraa quncisuudha biyya keenyaa akkasii,” jedhaan. "Biyya
keenyaammoo wal nyaachuun hin jiru walirraa ka'u malee narraa ka'ii," jetteen. Dide. "Anumatu ofitti si
kadhatee, yoo nyaattes nyaadhu malee, maalan godharee," jetteen. Innis otuma ishiin watwaattuu
nyaatee fixe, jedhama.

OTHER FOLKLORES

Oduu Durii

Hiibboo

Geerarsa

AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama,
ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan
isinii dhiyeessina.

FOLLOW US
USEFULL LINKS

About

Destination

Services

Packages

Guides

Testimonial

Blog

CONTACT US

Finfinnee, Itoophiyaa

+251 912 778324

info@afoola.

You might also like