You are on page 1of 2

Guyyaan ogeessa fayyaa ta'e kanan abaare yoo jiraate kun isa jalqabaa ta'uu baatulleen hedduu kan

keessa koo miidhe dha. Yeroo dhukkubsaatan kee fayyuuf carraa guddaa qabu osoo beektuu yeroo du'u
miirri sitti dhaga'amu baayyee ulfaata dha. Waggaa afur dura yeroon "Intern" ture mucayyoo maqaa
ishee ammaaf dha'uu hin barbaadne dhukkuba onneen dhibamtee hospitaala ani keessa baradhu
dhuftee yaalee ture. Hordooffii ishee akka addaan hin kutne gorsee hospitaaluma kanatti hordoffii ishee
guyyaa tokko illeen osoo addaan hin kutiin itti fufte. Yeroo san umriin ishee waggaa 13 ture.

Sanaan booda ani eebbifamee kutaa dhukkuba keessaatti ramadamee hojjechu eegale. Yeroo kanatti
umriin ishee waggaa kudha afur yoo ta'u gama koo dhufte. Walitti dhufeenyi keenya walitti dhufeenya
ogeessaaf yaalama osoo hin taane akka maatii tokkootti ta'a dhufe. Anilleen bilbilaan akka isheen dawaa
ishee fudhattu fi beellama irraa akka hin hafne gochuun dirqama koo bahuu jalqabe. Mucayyoon haadha
malee abbaa waan hin qabneef, qarshii dawaa ittiin bitattu illeen akka rakkattu hubadheen wantoota
hospitaala keenya keessa jiru hunda tolaan akka fudhattuuf; kan hospitaala keessaa dhabame immoo
yoon danda'e ani mataa kootiin bitaafii yoo dadhabe immoo hiriyoota koo irraa qarshii walitti qabuun
bitaafii turre.

Haadhi ishee illeen ati amma as jirtutti intalli koo homaa hin taatu jechaa yeroo hundaa harkaa koo
keessa dhungachaa naa eebbisti ture. Haalli mucayyoon isaanii keessa jirtu garuu anaan yaaddoo
guddaa keessa na galchaa dhufe. Vaalviin Onnee ishee kan duraa irra sadarkaan miidhaa isaa dabalaa
dhufee jira. Isaan garuu waan hundaa ana irratti waan dhiisaniif xiqqoo waan boqotan fakkaatu ture.
Onneen mucayyoo isaanii baqaqsanii yaalamuu waan qabuuf hospitaala koo fi hiriyoota koo wajjiin
mari'annee yaalaaf gara hospitaala "Black Lion" Finfinneetti ergine. Garuu namootni yaalaaf beellama
ishee dura jira hedduu waan taheef yaala argachuu hin dandeenye. “Yeroo siif bilbille dhuftaa hordoffii
kee achumatti itti fufi” jedhamte.

Amma haalli ishee waan yaachisaa dhufeef maatiin ishee gaaffiin sammuu koo dhiphisuu jalqaban.
Yeroo hunda haati “mucayyoo koof jedheen umrii koo malee kophaa jiraachaa ture; ishee yoon dhabe
an jiraachuu hin danda'u mucayyoo koo naaf fayyisaa” jetti. Garuu, intalli isaanii mucayyoo hedduu
beektuu fi hubattuu dha. Dhukkuba ishee daran haadha isheef yaadofti. Erga Finfinnee deemtee
deebiteen booda abdii duraan qabdu hunda waan dhabdeef ani illeen keessi koo hedduu jeeqamaa
dhufe.

Isheenis yeroo hedduu hospitaala ciistee oksijiinii fudhachuun dirqama ta'aa dhufe. Haala kanaan osoo
isheen jirtuu ani immoo gama Finfinnee barnootaaf deeme. Hospitaalota dhuunfaa yaalii baqaqsanii
onnee kennuu danda'an hiriyyoota koo wajjin gaafachuu jalqabne. Yaalamu kan dandeessu garuu dura
isheen dhuftee kaardii baastee akka murteessan nutti himan. Anis tole jedhee Finfinneetti fidee kaardii
qarshii 500’nin baasnee erga laalanii booda qorannaa hedduu kan qarshii humna keenya ol ta'e erga
baasnee booda siree qabattee yaalamuu waan qabduuf walumaa galaatti qarshii 160,000 akka nu
barbaachisu nutti himan.

Abdiin ani intala isaanii yaalchisee haadha hiyyeettii tana gammachiisuuf qabu na harkaa bade. Guyyaan
natti gurraacha'e. Kan ana irraa hin baqatne Imimmaan koo qofa ta'e. Keessi koo jibbaan guutame.
Garaa jabina namaa; of jaalachuun namaa; bineensa bosonaa akka irra wayyu keessi koo amane.
Namootan beeku kan ani hin dubbisne hin jiru.

Hoggansan itti dhihaadhu dubbisu illeen “nuun waanti nu dhiphisu dhimma biyyaa malee dhimma
dhuunfaa miti" naan jechaa natti yeroo qoosan ani kun maraatadhan ofiin jedhe. “Dhalli namaa waliif
osoo hin taane wal miidhuuf uumame” nan jedha keessi koo.

Garuu maal godhu guyyaan ogummaa kana filadhu kaayyoon koo nama fayyisudha ture. Yeroo koo
dheeraa san saayinsii barachuun fixeen jira. Waanta hospitaala keenya keessa hin jirre viidiyoo fi kitaaba
irraa dubbisuun fixee har'a yoon duuba deebi'e laalu gaabbiin keessa koo akka abiddaa bobeessa.

Mucayyoo tana fayyisuuf jedhee maatii koo rakkatanii na barsiisan dagadheen ture. Harmee koo miila
duwwaa na barsiiste kophee tokko illeen osoo hin bitneef yeroo fi maallaqa koo fixaa ture.

Amma ani nama waan lama dhabduun ta'e. Harmeen mucayyoo ishee adaraa jettee narratti dhiistee
harkaa koo dhungachaa turte amma haala isheen keessa jirtu anii fi daandiin Awwadaay kan du'a intala
ishee booda ishoo jedhe simate yaa murteessinu.

An gara jabeessa namummaa waan horadheef haadha mucayyoo osoo oksijiina irra jirtu sagalee ciccitaa
sanaan bilbiltee “a..aa..adaraa haadha koo…” naan jette san dagachuufan deema. Garuu daandii
Awwadaay keessa darbee Harar deemuuf sagalee mucayyoo xiqqoo sunii fi sagaleen maashinni kutaa
ciisichaa ishee mataa koo na dhukkubsa.

“Dhugaatti barachuun koo maal fayyada?” jedheen of komadha. Jiraachuu koof nin shakka.

Har'a haadhonni hedduun kaansarii fiixee gadameessaa yaalamuuf; dhukkubsattootni kumaan


lakkaa'aman yaalii onnee; kaleef beellamni isaanii osoo hin gahiin du'aa jiran yoon yaadu maaliifan
ogeessa fayyaa ta'e jedheen of gaafadha.

Garuu immoo uummatni keenya haala nuti ogeeyyiin fayyaa keessa oollee bullu hin hubatan. Hirriba
gaarii hin rafnu; jireenya gaarii hin qabnu; maqaa gaarii illeen hin qabnu. Badii xixiqqoon maqaan keenya
xuraa'a. Hospitaalotni keenya ijaarsa qofa akka ta'e hawaasni hin hubatu. Dhugaan Jiru garuu ogeeyyiin
fayyaa amma danda'ame uummata gargaaruuf dadhabaa jira. Akka mataa kootti waan danda'uun
uummata koo gargaaruuf dadhabeen jira. Garuu du'i mucayyoo tanaa fi haalli jireenya haadha ishee
yoon yaadu dhala namaatti garaa na jabeessee jira. Osoo abbootni qabeenyaa meeqa jiranuu; osoo
guyyaatti walgayii fi leenjii jedhamee qarshii uummataa miliyoonaan ba'aa jiruu “ati maaliif mucayyoon
tun duute” jedhee yeroo sammuun koo na komatu baayyeen itti aare. Kanaan booda sin dhaga'u
jedheen garaa koo jabeesse. Akka ogeessaa osoo hin taane buddeenaaf hojjechuuf sammuu koo
amansiisuuf yaalaan Jira.

Mee osoo isin ta'ee maal gootu? Bakka kiyya bu'aamee yaada naaf kennaa…

Dr. Mi'eessoo Baayyuu

Amajjii 5, 2020
Finfinnee

You might also like