You are on page 1of 3

IFA HALKANOOME

Ifa Halkanoome!

Asooosama Gabaabaa

...... Safuudha jarana. Kun anaaf waan addaati, hin ta'a jedhee takkaa yaadee hin beeku!.
Akkamitti akka ta'e garuu na dhiba. Ani kana yaadee hin beeku tasa....uffff!

..... kkas ture, yeroon isaa galgala keessa. Barattoonni irbaata isaanii erga nyaatanii, Dirree
Awadaatti ba'ani kolfaa, taphachaa, mari'achaa buna isaanii dhuganii, debianii akkuma fedhi
fedhii isaanitti inni kan 'mana dubbisaa/library, inni kaan kutaa barnootaa/space, inni kaan ammo
Kutaa ciisaa/Dorm' ofitti waraqaa barnootaa/handout isaani

Qayyabatanii/dubbisani, gara dormiitti immo debiani boqotan, booda yoo ta'u akka halkan
walakkaa ture. Anif hiriyyonni koo hundi naguma qayyabannee sa'aa 5nitti deebinee dormitti
galle. Anis akkuma koottan qayyabachaa oole malee, guyyaa yadni kun na dhiphisaa oole.
Guyyaan guyyaa wiixataati. Silaayyu wixatni kun jininoftuu dha. Nama jininessitti. Anaan
ammoo guyyaa na qabdetu, halkan dubbii biraa natti fidatte dhufte. Maal kun Halkaniif guyyaa
deemti akka jaraa. uufff ammayyu na dhiba. Barreessuun isaayyuu. Mucayyoo yaadakoo keessa
nannoftu tokkotu ture. Nan jaalladha ture. Garuu bayee itti hin dhi'aadhu. Halalumatti yoo
waligallu, Halalumattis, wal jaallanna. Dubbii namaa kana jibbina waan ta'ef. Kan ishee dhisaa,
ani bayyen jaalladha. Mucayyoo kana Halkan sa'aati kanatti arguun haa turu, ani gaaf gaafii
guyyaa iyyuu ijaan barbaadeen dhaba. Na duraa, anuma dura dhokatti. Natti dhufteka qaxxisaa.
Ani hara halkanin dhisaa, duruu guyadhan gaf gaf yeroon ishee bira gau akkataan dubbii na
harkaa bada. Wanan jechuuf ka'ee dhiisen waan biraa iti haasa'e sokka/ kuta. Mataan ishee
filameera, Bijaamaa ammaa isa gad dheeraa kana uffatti. Fagoottan ishee arge. Garuu roobni
roobee mooraan waan jidheef suta suta suuta tirachaa deemti. As natti deemti malee daftee na
bira hin geenye. Anis Halkan walakka ishee arguukootti amanuu wanan dadhabeef fajajeen Ilaala
Eessa dhaqxi jarana?. Hm 'gud nawu' jedhan jarri. Haa ta'u malee, osuma isheen nabira hin
galinan waan tokko murtesse. Hara egaa na harka bauu hin qabdu. Nan du'a malee wajuma
haasaun qaba. Silaa guyyahoo_jennetu, amma hin dhisun jedhen murteffadhe. Barataan hunduu
rafee cirrjedheera. Daqiqaa muraasa booda na bira geesse. Hara jagnummaa onnee hirachuunkoo
hin hafne ittuma siqeen dubbisee, shamba shamba godhe. Imimmaan hin se'inaa, innoo jsuma
sana. Garuu akka gammachuu wayii irraa kan ka'e Eessa dhaqxa jedhee hin gaafanne. Achumati
qabeen Hm ofumaan kolfa ani. Isheenoo osuma ani akkan jalladhu, akkan ishee yaadaa oolu itti
hime. Shambaa shambaa gochuukootti bayye hin gammadne fakkata, sababin isaa immoo isuma
oromoon Harki darabee waldhiqa' jedhu sana ta'uu hin oolu......fuulluma ishee dimaa kana
gurrachessitee malif na gafatta? Jennaan Sin Jalladhakaan jedheen. Xiqgoo akka kolfuu taate

Barreessaan: Eeliyaas Deebisaa Page 1


IFA HALKANOOME

jennan anis nan kolfe.na bira kutte. Nan na'e. Ifti ibsaa adiin, Uurjin kolfee hin fixatin ani
Hiriyyaa qaba hin jettu seetani?. Kanaafu ati amma nan dhiphisiin yeroon sitti dhumateera naan
jette. Shax jettee bakka ifni hin jiree hunduu ifa dukkanaa naaf ibsa. Ijakoo duraa cillim cillim
jehan. Ani akka malee waanan ishee jalladhuuf obsuun, qabbanaa'uun dadhabe. Duukaa figuuf
ka'een sodadhe. Silaa illee duukuman figa ture, kan duukaa fiigu yoo jiraate naaf hin hilu jedheen,
waansaa dhabe. Xiqqo illee garaa naaf laafuu diduun ishee abdii na kutachise. An ishee malee
fulduratti, jiraachuu akkan hin dandeenye serebireemii sammuukootu murteesse. Kutaa sammu
isa guddaa jechuudha. Isheen ammoo akkas na gooteka. Kutawaan sammuu dhala namaa sadan
keessaa isheen "Idiot part of brain jedhamtu tokko sammu nama kamiyyu keessa aka jirtu
bayoloojstoonni fi saykoolojistotni ragaa bau. Kutaan sammuukoo kun of Ajjeesi malee naan
jette. Yeruma sana serebileemin sammukoo immo itti waligale. Wanuma ta'etti walif gala. Uff
du'atti harka kennadhe egaa. Akkataan isaa garuu na dhiba. Tokko qorichaan, tokko haadaan,
tokko immo humna ibsaa(Electric power) dhaan of galafadhu naan jedha. Waanan ta'u dhabeera.
Akkaataan isheen itti kutte na bira darbite inumaa obsa naaf hin kennu.Nan bo'ee , kanarra
dhuguma du'a wayya jedheen gutummaa qaamakotin, ofumatti du'a murteesse. Osuman kana
keessa jirun waa'ee ishee yaada. Yoowwana sa'aa kanatti mal hojjetti, maal gochuuf qophaa
deemti?, Enyu, enyu wajin?. Ani gubadheeraka. Furmaatni koo ammas du'a malee waan biraa
miti egaa. Qoricha ammaa isa"Malataayinil" jedhamu kana gadi ba'ee bitachuuf mooraan
cufameera. Gadi nan baasan, qarshiis hoomaa hin qabu. Hiyyummaa dhumakottan jaalalan du'a.
Hiyyeessi hin jallatuuree, hin Jaallatamuuree?. Isinumti deebisaa. Haada dhaquuf waanumti
haada/funyoo jedhamu Doormiis ta'e mooraa keessaa hin mul'atu. Electrikii ammaa kana tuqee
of galafachuuf ammoo bakkuma qunca'aa ta'en dhabe. Mootummaan sababii barattoota of
sodaatuuf/Eeggatuuf jecha Uukkamsa. Namichatu haada fudhatee bosona dhagee muka itti of
rarraasu/fannisu dhabee gale jedhan yeroo tokko. Duuni hin jiru jechaa gale jedhan. Safuudha.
Duuni akkamitti dhiba?.Ahaa of lakkiseka dhagaa irratti. Kun anaaf jireenya jedheen
malee.Akkuman gad of lakkiseen yeroon lafa ga'u garuu ofan bare. Waaqan galateeffadhe. Nan
ililche. Nan kufe malee hin cabne, ofan gad darbadhe, malee hin burkutoofne, Imimmaan
yaadaan bo'e malee, dhiiga hin boonye. Waaqnikoo, Uumaan koo Firaasha/Firaashii lafa naaf
afeetu, Boraatii mataa dura naaf kaa'eetu du'a, caba fi badii na oolche. Ahaa yeroon birrrrr...
Jedhu Innoo Abjuudha. Anis nan manaabe. Manabnikoos dhugaadha. Ayii yaa jaalala kanaa, na
manabsiste. Safuu siif!. Egaa hiriyyotako isin tarii warri Jaalala dhugaan boji'amtanii, mana
boojuu ormaa jiraattan hundi, warri du'uun jaalalaf furmaata isinitti fakkaate, filanno warri
dhabdan, Jaalalli keessa keessanii dhugaa ta'ee osuma jiruu, garuunamni isin jalattan (isa/isheen)
isiniif hubachuu dide/didde maraaf duuni furmaata miti. Jireenyuma keessantu furmaata. Nama
jalladhaa malee namaaf jettanii of hin Ajeesiina akka manaabakoo. Kan namaaf lubbuu isaa
kenne waqayyo qofa. Hafuura isaatin lubbuu nutti godhee nu uume. Lubbu isaas nuuf laate. Egaa
anis nan manaabee, manabnikoo garuu dhugaadha.

Barreessaan: Eeliyaas Deebisaa Page 2


IFA HALKANOOME

Galatoomaa!

Elyas Debisaa

Hawwaasaa universitii iraa!

2018!

Barreessaan: Eeliyaas Deebisaa Page 3

You might also like