You are on page 1of 3

♥♥♥♥♥XALAYAA JAALALAA♥♥♥♥♥

Warri jirtan keessaafi ala; kanneen barsiisaafi barataa, qonnaan bulaafi daldalaa, hojjataafi
hojjachiisaa, dardaraafi dargaggeettii, xiqqaafi guddaa, jaarsaafi jaartii, jajjabeefi qeerroo abdii
biyyaa osoo hin jenne; tulluu koree, tabba ce'ee, lagaas bu'ee; Osoo gufuun hin rukutiin,
waraansa qoreetiin maleetti, ija hamtuun karaarratti osoo hin mil'atamiin, deemsi isaa osoo hin
gufaatin, gufaata tokkoon maleetti bakkuma isin jirtanitti golee tokkoon tokkoo keessanitti isin
haa qaqqabu nageenyi koo inni onnee Oromummaa irraa burqite.

Akkam naaf jirtu? Alaafi manaan, namaafi sa'aan, mukaafi citaan, ollaafi waatiin hunduu fayyaa
isaaniitii? Ani yaadaafi yaaddoo keessan irraa kan hafe Rabbiif haa galatu malee Fayyaa kooti.
Keessuma gidduu kana hirriba nagayaa rafan jira. Bariis hirribaa yeroon dammaqu gammachuun
waaroo gammachuu kan natti hafarsituun ol jedha. "Maaltuu kana hunda si gammachiisa? " akka
jettan beeka.

Wanti addaa yoo argamuu baates barbaacha Bilisummaaf xurree kan saaqxu asxaan isaa
mumul'achaa dhufuu isaati. Asxaan kun bara hedduu dhibuuf barbaachi amna Bilisummaa yoona
eege. Inni har'a mul'ataa jiru: Dhiigni koo akka kaleessaa sanatti walkeessa faffaca'ee summii
waliif firfirsuutu hafe. Lammiin koo gola walii saaqee iccitii waliis afoolessuu ni dhiise. Dhagaa
waliin walitti darbachuu dhiisee waliif waliin darbachuu eegalan. Ormaaf hidhama hin hiikamne
sakaalee walqabuu lagatee harka walii walqabatee barbaacha amna Bilisummaaf amna
barbaachaa aadeffate. Qara eeboo walitti horfuu hanqatee qaawwaa walii waliif duuchuu
barsiifata taasifate. Karra alagaaf banuu qaanfatee qomoof banutti gammadaa dhufe.
Gandummaafi gosummaaf bakka dhabee ilaalcha sana maseense. Lagummaa leellisuu gu'ee,
tokkummaafi OROMUMMAA qofa faarsaa, amna Bilisummaa barbaachaaf deemsarra jira.
Jabaadhaa haa jabaannuu! Orma jala kaachuu dhiisanii ilma ofii Bilisummaa barbaaduutu haqa.

Bara Bilisummaan badee namni isa barbaadu dhibetti; gameeyyiin Bilisummaa irraa hafuu
dadhaban baay'een isaanii kitilaan 'orobiitii' nama xiinsammuu(qorqalbii) guutuu keessa jireenya
jiraachuu dadhabanii, qe'ee maraatuu keessa bilisaan basha'aa jiraachuuf nagayee muratanii jiru.
Maraatuu bilisaa maraataniii qalbii bilisaan bilisummaa waahallee qabdu qabatanii ergarama
addunyaa dheefa achi jiru. Dhugaa qabu! Gidduu bilisummaan bade kanatti ijji qareeyyii danuu
jaamuun addunyaan deemsaaf kallattii itti adeemtu dhabdee raatuu taatee ijaajjee dhaabbatte
dhaabbinatti hirriba bu'aa hinbuusne raftee hafteetti... Tibbuma Kanatti bineensi namarraa
dhalate: hattuu, saamtuu, nyaattuu, bolooltuu, sobduu, maltuu, ifqola, ofittoo, fakkeessituu,
falfaltuu, moortuu, shirtuu, dabagala, goomattuu, hinaaftuu, gantuufi kkf ta'uun humnaa ol gooba
baasanii jiru. Gooba baasteen warreen dhugaa dhiitaafi rirriitaa jiraatu. Ofiif inni dhugaaf
dhugaan dhugaa qabatee wareegama dhugaan barbaadu kaffalaa dhugaaf dhugaan jiraatu hin
mirgisu.

Har'a ammoo kun hunduu haa hafuuf Qeerroon falma jabeessee jira. Falma jabeessuun gaariidha.
Barbaacha amna Bilisummaatu cimaa adeema ta'a... Yeroon ammaa tun yeroo kamuu caalaa
ijaafi gurri Oromoota maraa alaafi keessaan itti tokko ta'eedha. Tokko ta'uu booda
TOKKUMMAA cimaatu dhalata. Tokkummaan dur barbaachaaf nutti fagaatte ammoo har'a tasa
duumessooftetti. Tokkummaa duumessoofte kana mammandi'uu roobaatti jijjiiruun ijibbaata
mara keenyaa gaafatti. Ijibbaata yoo ta'e duriis addaan dhaabnee hin beeknu. Ijibbaanni keenya
inni alanaa ijibbaata durii kan caalu ta'uu qaba malee. Keessuma nuti dhaloonni_dhaloonni
amaanaa tokko ta'uun ijibbaata Bilisummaa barbaachaaf ijibbaata cimsuu qabna. Dhaloonni_
dhaloonni qubee duumessa baraati. Hawwiin duumessaa roobaan dhugoomti. Duumessi baraa
ammoo 'QEERROO' dha. Qeerroon duumessa roobuuf amaanaa gootota keenyaa of harkaa
qabnuudha. Lubbuun gootota meeqaa awwaala dhabdee, ekeraan isaanii ciisa hankakte nu
abaaraa jiru. Dhiigni isaanii nuuf jecha dhangala'e. Lafeen isaanii nuuf jecha cabde. Lubbuun
isaaniis numaaf jecha jireenya jiraachuu dhiifte. Jireenyaas dhabdee awwaalaas hankakte.
"Booree keenya nuuf baaftuu!" jedhanii amaanaa nu biraa qabu_Amaanaa Goototaa! Galfata nu
biraa qabu_Galfata Seenaa! Nuti Qeerroon ammoo dhaloota amaanaa goototaafi galfata seenaa
nyaattu miti. Amaanaan na baadhaa jetti malee na nyaadhaa hin jettu. Galfata seenaa kunuunsuuf
irbuu hincabne seenne; irbuu eeguuf wareegama hamma lubbuutti of itti kitimaa jirra. Imimnaan
harmee qorsuufis duumessa qorsa qabanne dhufne jedhamne abdatamna. Abdiin kun daangaa
keenya dhiibuu daran dallaa keenya isa hattuufi bineensi diigee harmee rakkise kanaaf haaromsa
ni taasiftuudha. Waan marri inni akka muka bubbeen jalliiftee ta'ee bakka bakka jiru kana galma
isaatti deebisuun dirqama nurra jiru ta'a.

Dhufa keenya kanarraa wanti eegamu kitila ta'us dursa barbaacha amna Bilisummaaf
tokkummaan hirmaannee Bilisummaa manatti galchuudha. Barbaacha Bilisummaaf lubbuu
qaqqaaliitu itti achi buutee ta'e. Lubbuuwwan herreegni hin madaalle kanneen akkasii horachuuf
Oromiyaatti barbaachi Bilisummaa dheeratee, barbaachi amna Bilisummaa hamma yoonaa
dhaloota keenya eege. Barbaacha isaaf osoo amnarra jiranii, akka daandii haqaa qabatanii jiraniin
dhugaa wajjiin awwaalatti dhidhiman. Tokkummaa amma qabnu kanaan yoo fuuldurratti kaanne;
dhugaa awwaalamte awwaalaa baasnee barbaacha Bilisummaa milkiin ni xumurra. Milkiin
walkiphnee Bilisummaan mul'ate yoo ta'e, gootonni kitilaan awwaala dhugduun kaleessa itti
isaan dhidhimsite; dhidhima awwaalaa sana cabsanii; Xombora injiffannoo dhiiga isaaniin
qabatte ibsaa; FAAJJII Walabummaa lafee isaaniin dhaabbatte ol qabaa; uffata alaa dhufaan
isaanirraa mulqe sanaas golgaa dhiiga isaanii marxiifatanii Cidha guddaa Dabaala
BILISUMMAA qe'ee TUFAA MUUNAAN, FINFINNEE irratti nu waliin ni taasisu. Dabaala
kanaan wal kiphuuf amniiti barbaacha Bilisummaa ulfaa'e waan ta'eef, itti cimnee hoofkaltii itti
gochuuf haa jabaannu!!

Dhuma jala wantin dhaammadhu yoo jiraate, maaloo adaraa keessan adda hin ori'inuu koottaa!
Harka walqabanne waliif haa tumsinu. Ilkaan bakka tokko jiruutu danda'ee wajjiin ciniina waan
ta'eef. Adda fiiguun ergamtuu diinaa nu taasisa. Yartuun hamma namaa hin geenye hundi, kophaa
kophaatti nu argatte numa numaan hiitee nutti caaquuf huuruu ishee sagal dhiibuu shaakalti.
Nuutu of darrachiisee fadhiidoo ofirratti goobse... Isa darbeef of komachuu dhiifnee,
tokkummaan dhiyoo tana nurraa bubbistu tun faarri ishee gaarii fakkaataa qe'eetti haa
madaqsinu. Ishee Oromoota kallattii maraa aannan mucha sa'aa tokkoo taasifteedha. Waaqni
ammallee nurratti haa jabeessuun jedha. Nuus nama ajjeerraa manaa hin beekne isa manarratti
ba'aa tuulee manuma ofii jigsu nu hin taasisiin!!

Nagayaa Wajjiin

Muddee, 2017 Barreessaafi Barsiisaa Hiriirsaa Jamaal Ahimad

Hardiim Irraa

You might also like