You are on page 1of 14

Kollejjii Saayinsii Hawaasaa fi Namummaa

Muummee Afaanii fi Ogbarruu Oromoo


Koorsii Asoosama Dhangala’aa Afaan Oromoo
(AfOL3071)
kan asoosama dhangala’aa godaannisa jilbaa irratti hojjatame.

Miseensota Garee

Maqaa L.W.E

1. Ilkiyyoo W/Mikaa’el L.W.E 014/15


2. Immabeet Dagafaa L.W.E 018/15
3. Ibraahiim Hamiid L.W.E 026/15
4. Nabiyaat Guddetaa L.W.E034/15
5. Tolaa Kadiiroo L.W.E044/15

Bara 2009
OGWOLALOO QAACCESSUU
1. Mata dureen waa’ee maaliiti? Mata dureen kun hawataa dha?
Eenyumma (waa’ee) waan tokkoo kan ibsu.
Fkn Ogbarruu Oromoo kan babal’ataa jiru ibsu.
Maal yaa Afaan Oromoo Maaliif hacuucamtee
Qabsoo gurguddaadhaan erga ifa baatee
Dagaaguu dahabdee ammayyuu iddoo geenye
2. Ramaddii 2ffattu (Isatu) waa’ee nama biraa dubbata. (waa’ee aadaafi aadaa
dubbata.
Fkn:- Maal yaa aadaa Oromoo kunoo kaa mancaatee
Faashiniin guutame namni of dagatee
Kan hormaatiin boona baay’een kansaa gatee
Qarshii guddaan bitee qullaashee mul’istee
Nan bareeda jettee aadaa shee dagattee
3. Namni dubbsu ykn dhaggeeffatu eenyu ta’uu danda’a?
 Nama afaan Oromoo beeku
4. Gochoota akkamiittu walaloo sana keessatti argama?
Seenaan isaa kan akka miitii ?
 Gochoota gaggaarii fi araa ummata keenyaan raawwatamantu dhiyaateera.
Seenaan isaas Afaan, Aadaa Falaasama, Seenaa Abdii fi gootummaa
Oromoo kan himu.
5. Caasaa walalichaa seeraan qoqoodameera? /Gargar bayeera?
 Eeyyen FKn:-
Callaaf bullaa’aa nyaattee
Mar’immaan kee marattee
Kaayyoo keef ciniinnattee
Daarruuf qullaa ta’uu
Dhabuufi argachuu
Hunduu si dhipisuu
Siitti wal jijjiruu
Harka namaa ilaalta
Yeroo manaa kaatu
Kaan garaa sii laafa
Baay’een si dhorkatu
6. Aadaa fi seenaa ibsaa?
 Eeyyen ni ibsa FKn:-
Saba seenaa bal’aa
Dhalootaan dureessaa
Uummata aadaa bal’aa
Addunyaa hundaa keessaa
Kuna qofa miti
Onneedhaanis goota
7. Yoomessi maal fakkaata?
 Yoomessi waloo sana keessatti dhiyaatee jiru:-
FKn :- halkan ni dheeratee
Laafti barii didee
Abaarsa maal qabnaa
Kan lafti hin barineef
Guyyaa yooman rafee
Galgalaaf ganamaa
Halkan boqonnaa dhabee
Guyyaas yooman rafee
Oromoon sifaarsaa
Sijalatti boqotaa
Seera ittiin bulu
Si jalatti tumatu
Aadaaf safuu Eeguu
Sijala filatu
Oromiyaa, Oromiyaa
Biyya worqee
Eddoonsaa Kaleessaa
Aduu sifaabasaa
8. Kaayyoon (Ergaan saa) maali? Nijajaa? Ni kakaasaa? Komii qaba?
Madaa qooruu dide
Kan nurra bubbule
Hiyyummaa maqaansaa
Yoom darbaa barrisaa?
Ilmi abbaatti ba’aa
Yoo akka durii ta’ee
Shantu ililfamaa
Yoo ilmi dhalate
Naannoonis gammadee
Ililchaa itti ba’aa
Halkan ni dheeratee
Obsi nu dhumteettii
Lafti barii didee
Nu’i maal maqneetii?
9. Ergaan walii galaa walaloo sanaa maali?
 Ergaa waliigalaa lamatu jira:-
1. Walalotti gargaaramuun namoota daandii sirriirraa kaatan sirreessuuf.
Hindaan dhaamsa qaba
Na dhageessuu laata
Gurraa natty qaba
Malan harkaa qaba
Manguddoof haadholiif
Dargaggoof shamarree
Waa’ee safuu badeef
Maaloo maaf teessuree
2. Dhalootaa dhufuu waan gaariin hojjataamee akka darbu gochuuf.
- Barbachisaadha Feyyan baajee barbaachisaadha.
Humna qabaa?
 Eeyyen ni qaba. Nama kakasa, ni cimsas.
10. Tooniin walalichaa (mirri dubbisaa keessatti Uumaamu kan akkamiiti?
 Miraa gadda, fi gammachuu uuma.
FKn bu’uura ilma namaa
Burqaa waan hundumaa
Barnoota kan jamaa
Hubadhaa yaa namaa
Biyya kan jiijjiru
Doiofummaa balleessu
Barnoota haa barannu
Ofii keenyaa ha hubanuu ( miira gamachuu ni uma.)
Maali maqaan mirga
Hinuma dhageenya
Sitti hin gargaaramne
Kan biraadhaan bulle (miira yaaddoo ykn gaddaa ni uma.)
11. Jechoota baratamatti gargaarameera? Iyeen .
Fkn:- Maal yaa afaan Oromoo
Maalif Hacuucamtee?
Qabsoo gurguddoodhaan
Erga ifa bate

Jechoota Alkallattiin ergaa qabaniis fayyadameera.


Fkn:- lafa diigdee fixxe xaddeen nu marartee
Dhiiga koo na xuuxxe
Natti waljijjiirtee
12. Filannoon jechootaa kan akkmiiti ?
 Jechootaa filatamootti fayyadamee waa’ee waan ibsuu barbaadee sirritti
ibsuuf jechootaa filatamoo ta’anitti fayyadamuu dhiyeesseera.
Hundumaa ni baattaa
Isa gadheef gaarii
Yoom aara galfattaa
Hojii koo har’aattii
Galata hin qabdu
Ofumaa rakkattaa
Lakkii of eeggadhu
Gaaf tokko hin salphattaa!
Sammuu koo na jeeqxee
Maaliif na dhipistaa
Olii gadi na ooftee
Maaf na joonjessitaa
13. Argaa yaadaa garagaraa gargaarameera?
Iyyen Fkn:- Ormiyaan biyyaa akkamii akka ta’te argaa ydaatiin nama
daawwachiseera.
Saba seenaa bal’aa
Dhalootaan dueessaa
Uummata aadaa bul’aa
Addunyaa hundaa keessaa
Kana qofa miti
Onneedhaanis goota.
14. Dbbii qolaa garagaraatti fayyadameera? Iyyen
Dhiigakoo naa xuuxxe
Natti wal jijjiirtee
Mannee ijaarrattee
Guddina na dhowwitee
Mana kootti wal geesee
Narratti wal guurtee
Dhiigaakoo mi’eeffattee
 Gosoota kanfaa? Faayidaan saanii maali?
- Anyaarsee :- barsfataafi haallan gadheen hawwasa Oromoo keessa akka badan
gochuf FKn:- akka goobana Daaccee ta’uun Lammiin gurguruu akka hin qabne.
15. Caasaan walii gala walaloo kanaa maal fakkaata?
 Caasaan Walaloo kanaa bayee gaariidha.
 Toorri isaas walmadaalaafi
 Safarri waloo kanaas walqixa
Si’i kan gidduu seenu
Dafee tasgabbeessu
Nuuf jiraadhu malee
Olmaa kee hubannee
Hojii keetu si boonsaa
Hormi maal Odeessaa
Si’I abbaan nageenyaa
Poolisiin kan keenyaa
16. Rukuttaan manaa namatti tolaa? Eeyyan namatti tola
Maqaa kee jijjiiranii
Kan biroon si waamanii
Of qulqulleessanii
Siimmoo xureessanii
Taayitaa walii laatanii
Iddoo isaa kaleessaa
Aduu siifan baasaa
Du’een bada malee
Hin deebi’u booddee
YUNIVARSIITII DILLAA
KOLLEEJJII SAAYINSII HAWAASAA FI NAMUMMAA
MUUMMEE AFAANIIFI OGBARRUU OROMOO
Gaaffilee ofmadaalii koorsii Asoosama Dheeraa Oromoo (Afol 3071)
Ajaja: Asoosamoota Dhangala’aa Gabaabaa Oromoo Galmee Saglffaa, Qorsa,
Abdii Dukkanoofteefi dungoo halkan sanaa keessaa tokko filachuudhaan dubbisaatiii
gaafiile armaan gadiitiiif deebii kennaa!
Qabatamummaa deebii keessaniitiif ragaa asoosamicha keessaa fuula
Wajjiin waraabaa mirkaneessi!
1. Yoomessaa asoosamichaa gurguddoo qofarratti hundaa’uun raga deeggarii agarsiisi!
1.1. Haalgalumsa Qabatamaa (Physical Context)
Lafti dhaloota koo wallagga keessa magaalaa Biilaa jedhamtuudha. (Bakka dhaboota
Abdiisaa soolan Dhaabaa (1992:7) Maannaaloo Balaay. Dargagaggummaa isaatti hojii
barbaacha marraa beetee dhaa Gimbii dhufe. Dhaabaa (1992:8) Yunivazristi Qotisaa
Haramaayaatti ramadamuu ko ti kan ganda sanaa na baase. Dhaabaa (1992:1)
Har’a dhiya keessaa sa’aatii sagalittaa deeme Mooraasana keessa, namni olii fi gadi
naanna’u baayee hin mul’atu Dhaabaa (1992:25)
Guyyaan isaa kamisa. Ji’a Fulbaanaa. A’uutoobusiin ganamaan finfinnee gadhiisee ba’e.
Dhaabaa (1992:30 “ Maqaan isaallee Bishooftuu ture?, amma garuu Dabrezeit” , jedhu.
Dhaabaa (1992.31). Ciroo… Ihi…. Kan “ Asbe Tafarii’, jechan kana dha, ‘mucaa
harargeeti’ Dhaabaa (1992:36) mana hojii Hariiroo Oomisha Alaatti ramadamuun kees
irratti himana dhaabaa, (1992:119) markaatoo naannoo’ Goojjam Barandaa’jedhamu.
Dhaabaa, (1992:121)
1.2 Haalgalumsa Hawaasaa (Social Context)
Obboleettiin koo, Kuulaniin ijoollee waggaa ji’aa turte. Maannaaloo Balaay kan hinni
haadha koo mallaqaan gowwoomsaa itti hiiqe. Jaareen fira abbaa koo hunda rifachiise.
(Dhaabaa Woyyeessaa,1992:8)Waynisheet- Maqaan ishee. wayin jedhu Shamarran
hiriyyoonni ishee. Kan dardarri ishee waamullee dhaga’ee hin beeku. (Dhaabaa
Wyyeessaa, 1992:15)Dhaqxee namoota waan tokko tokko bitataa jiranitti
makamte.(Dhaabaa Woyyeessaa,1992:37) Taliileen garuu na biraa hin hafne. (Dhaabaa
Woyyeessaa,1992:41) Isheen warraa isheef mucaa angafaa ta’uu ishee… Obbolaa
dubaraa lama qofa akka qabdu… haatishee sababa dhukkubsattuu taateef, akka sireerraa
hin buune… abbaan isaanii ba’aa baatee gatii dafqaa argatuun akka isaan guddise..
(Dhaabaa Woyyeessaa, 1992:44) Alamaaz dubartii mana banaa ani dhaquu baayisuu.
(Dhaabaa Woyyeessaa,1992:48). Henook ijoollee mana tokko waliin jiraannu keessaa
kan hedduu mitti hiiqu. (Dhabaa Woyyeessaa, 1992:84) Tujubaa Hundee nama
Henookiin gadii naaf ta’ee hin argamne (Dhaabaa Woyyeessaa,1992:120)
1.3 Akka Biyyaa (Local Color)
Dubartoonni ciroo Shiita haalluu adda addaa uffatu. Dhiironni marxoo (Shirrixii) maratu.
Dhubartoonni mataa isaanii iraatti fudeeraalee adda addaa baachuu dhaan gurguratu.
Mandazriinii, Paappayyee, muuziifi burtukaana fa’a (Dhaabaa woyyeessaa, 1992:38)

Haala dubbannaa ilaalchisee FKN. Habbaa takka, Ruubiyyaa, Neeraa… (Looga Harar
dubbatu. (Dhaabaa Woyyeessaa,1992:37) .Dargaggeessi mataa dha hanga miilaatti kutaa
isaanii itti gad jigsanii hanga funyaanii fi ijjii isaanii mul’attuutti fuula isaaniitti
aguuggatanii, eboo isanii gurraan qixxeeffatanii naanna’anii dhaabbatu. (Dhabaa
Woyyeessaa, 1992:18) .Asheeta bilchaatte!
Asheeta nama gomjaasistu! …(Dhaabaa Woyyeessaa, 1992:13) .Lafa magariisa irraa…
Gaaddisa muka dameen isaa dagaagge jala…Bishaan qulqulluu sagalee dhoksatee
dambali’u qarara… (Dhaabaa woyyeessaa, 1992:29)
2. Caaccuuwwan Asoosamicha filaattanii irratti hundaa’uun gaaffiiwwaan armaan
gaditiif deebii kenni!
2.1 Gulantaawwan Jaargochaa Asoosamicha filattan sanaa akkamitti akka
dhiyaatan raga deeggaramii dhiyeessi!
I. Ibsa (Exposition)
Abdiisaa Soolan maqaa koti. Kan an ittiin waamamu. Maqaa kana abbaa kootu naaf
baase. Barataan ture. Barataa Yuunivaristii. Amma garuu hojjataa dha. Hojjataa
mootummaa. (Dhaabaa Woyyeessaa,1992:1). Lafti dhalootaa koo wallagga keessa.
Magaalaa Biilaa, jedhamtu .Abbaan koo woggaa Saddeetiif walakkatti haadha kootti
nadhiiseedu’e.( Dhaabaa Woyyeessaa ,1992:7) .Akka yeroon gadda isaa dhumeen haati
koo hiriyyaa dhiiraa qabatte. (Dhaabaa Woyyeessaa ,1992:8). Gorgaarsa firoota kootiin
barnota sad. 2ffaa Xumuree Yunivaristii Qotiinsa Hara maayaatti ramadammudhaan
ganda sanaa baye.” Ani yeroo sani qaamni koo fi sammuun koo akkamitti akka jaalalaa
dheebochuufi beela’uu jalqabe amma afaan quutee dhubbachuun na dhiba” Dhaabaa
(1992:11) Deemsiyeroos guyyaan hin si’in guyyaa eebbaan na ga’e. Hariiroo OOmishaa
Alaatti ramada muun koos natti himame dhaabaa (Wayyessaa 1992:106,119)
II. Ka’umsa Waldiddaa (Initiative Incidence)
Booda Isheen haadha mana wasiilaa keenyaa wajjiin walii galuu dhabdee Najjoo deemte.
Harka isaa dhiqatee harka ishee qabate takkaa butee of cinaa doph godhe. (Dhaabaa
Wayyessaa 1992:8,9) otoo natti hin beekkamin onneen kees kufee ka’aa faanaa ishee
furguggaate. (Dhaabaa Wayyessaa 1992:13) kan ani ta’e barcuma nama lama kaa’u irra,
in tala tokko cinaature. (Dhaabaa Wayyessaa 1992:3) Tujubaa Waliin mi’a ishee qabnee,
manattii kootti galle. Dubartiin seenuun isa jalqabaati. (Dhaabaa Wayyessaa 1992:148)
maaltiif intala sanaan taphatta? …. Xuriin dubartii gaarii miti. (Dhaabaa Wayyessaa
1992:46) Achi booda, Waanan duraan laphee jabaadhee namatti dubbadhee hin beekneen
dubbadhe. Waa’ee ishee kan keessaa kootti dhaga’amu maraa gadi baaseen itti hima.
(Dhaabaa Wayyessaa 1992:151) Maannaaloon erga mallaqa argateen booda mallaqaan
gowwoomsee haadha kootti hiiqe (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:8) Maanaaloon osoo
kanallee arge hin jedhin olbatee siree irraa ishee busee. Kana booda fedhiisaa dhugaatiin
hoo’e qabbaneesse. (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:10). Utuu natti hin beekkamin onneen
koos kufee ka’aa faana ishee furguggaate. Ergasii dubartoota kaan ilaaluun najibbisiise.
(Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:13) “Abbaan koo haa du’u. Ati namaa miti. Maaf siif hin
galuu? Jedhaan barruu harka ishee susukkuumuu jalqabe.(Dhaabaa Wayyeessaa,
1992:56) Nan jeeqama. Guyyaan isaas, halakn isaas harka sadii natti dheerata. (Dhaabaa
Wayyeessaa, 1992:103). Yaaduuf yeroo hin arganne. “Abdiisaa dhaa mitii ati? Wal-hin
beeknuu?” Jettee sagalee akka nama weeddisuu, kufaa ka’uun.
IV Guutmiira (Climax)
Asoosama dhangala’aa ‘Godaannisa’ jedhamu kana keessatti iddoon akka guutmiiraatti
fudhatame:-
- Abbaan koo woggaa saddeetiifi walakkatti narraa du’e. (Dhaabaa Wayueessaa,
1992:7)
- Akkaa yeroon gaddasaa dhumeen haati koo hiriyyaa dhiraa qabatte. Maannaaloo
Balaayii. (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:8)
- Isa dhugaa sitti himuuf yaanni koo isa duraa miti. Amma yeroon isaa dabreera.
Amma qabameera. (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:116)
- Anii fi obboleettiin koo woggaa kudhaniif mana wasiilaa keenyaatti wajjiin
jiraanne. (Dhaabaa Wayyeessaa ,1992:8)
- Maannaaloo ajjeesuuf yoo isaan halakan gaadanii dhaqan inni immoo, isaan
dursee horii hamma argate sessaabatee ishee hafe immoo, gatee biyyaa gadidhisee
bade. (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:10) –“Maal jettaree?“ jedhee dabalee gaafadhe.
“Yeroo hin qabu” jettee. “Jaalachuuf moo, jaalatamuuf? “Lamaan isaaf iyyuu
yeroo hin qabu” naan jette. (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:27)
VI. Furmaataa fi Goolaba (Resolution and Conclusion)
Laphee kootti hirkatteeti, “Dhugaa sitti hin dallanne.” Maaloo Abdii Laawunjii
deemnee Shaashee dhugna, jette. ‘Abdii jettee kan isheen na masartu gaafa sana.
(Dhaabaa wayyeessaa, 1992:51), Deemsi yeroos guyyaan hin se’in guyyaa
Eebbaan na ga’e. (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:106), “ Ka’i maaloo ani dhugaadha
hin se’u! kuulaniitu dhufe.” (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992,147).
- Kana eegaa jette Taliileen yeroon kan inni hin goone hin jiruu .. Ihi… Lubbuun
jiraannaan hundii wal arga… (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:155, 157).
VII. Asoosamni filattan akaakuu jaargochootaa keessaa kamiin dhiyaate?
Fakkenyaan ibsuun fakkiin agarsiisi!
- Asoosamni dheeraan, dhaagala’aan ‘Godaannisa’ jedhamu kun akaakuu
jaaragochaa ‘Jaargocha ada adaan jijjiiramaa (progressive plot)’ tiin dhiyaate.
Fkn Abdiisaan abbaan irraa duunaan gargaarsa firaatiin baratee xumure. Umrii
barnootasaa keessatti jaalalaanis bu’aa bayii hedduu keessa darbeera. Haati
Abdiisaa Mannaaloo wajjiin jiraachu jalqabnaan achirraa ka’ee rakkoon adda
addaas argame.

Waldiddaa Guutmiira

Bu’iinsa
Olka’iinsa

Ka’umsa gochaa Furmaata

2.2 Gaaffiwwan armaan gaditti dhiyaatan namfakkiifi tooftaawwan Namfakkeessuu


(Character and Techniques of Characterization).
2.2.1 Namfakkeessuu Akkaataa Amala namfakkootaatiin
1. Qooddataa/-oota Kootamaa (protagonist Character)
Asoosama ‘Godaannisa’ jedhamu kana keessaa qooddattoota kootamaa kennan ta’an kan
akka:
- Abdiisaa soolan
- Taliilee Qajeelaa fi
- Kuulanii Soolan fa’a.
- Qooddattoonni armaan olii seenaa asoosamaa dhiyaate keessatti yeroo gara
garaatti dhiyaataa turan.
- Keessumaayyuu qooddataan ‘Abdiisaa Soolan’ jedhamu qooddataa cimaadha.
Gama amala isaaniitiinis Abdiisaaniifi Taliileen akkasumas kuulaniin ciccimoo fi
kaayyoo sanii fiixaan baasuuf kutannoon socho’aa turan.
2. Qooddataa/-oota Masaanuu (Antagonistic Character)
- Asoosama dhangala’aa ‘Godaannisa’ jedhamu kana keessatti qooddattoota
masaanuu kanneen ta’an kanneen akka:-
- Haadha Abdiisaa,
- Maannaaloo Balaay,
- Henook,
- Meeroon/Weejee/
- Tujubaa
- Raaheliifi
- Siifan Abdiisaa Soolan fa’a turan. Isaan kunniin bakka murtaa’aa qofatti argaman
malee itti fufiinsaan hin dhiyaanne. Kanaafuu qooddattoota masaanuu dha.
(Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:1-158).
2.2.2. Namfakkeessuu Akkaataa Hirmaannaa fi jijjirama
Namfakkootaan
1) Namfakkii Marsaa (Round Character)
Asoosama ‘Godaannisa’ jedhamu kana keessatti namfakkoota /Namfakkii marsaa kan
ta’an Abdiisaa Soolanii fi Taliilee Qajeelaa yoommuu ta’an, irra caala tti akka
namfakkii marsaatti (qofaasatti) ilaallamuu kan danda’u namfakkii Abdiisaa Soolan
kan jedhamuudha. (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:1-158).
2) Namfakkii Diriiraa (flat Character)
Asoosama ‘Godaannisa’ jedhamu kana keessatti akka nanfakkii diriiraatti kan
fudhataman hedduu dha.
Isaanis:-
- Haadha Abdiisaa
- Wayineesheet
- Meeroon
- Henook
- Almaaz
- Raaheli
- Tujubaa fi
- Siifan Abdiisaa fa’a
(Dhaabaa Wayyeessaa 1992: 1-158)
2.2.3. Akkaataa Namfakkeessuu gama eenyummaan namfakkootaa ittiin
ibsameen (dhiyaateen)
1) Himuun (Telling)
Asoosama ‘Godaannis’ jedhamu kana keessatti namfakeessuun gama eenyummaan
namfakkoota ittiin ibsameen yoo qaaccessifaman gama himuutiin kan akka
- Abbaa Abdiisaa kan ijoollee saarraa du’e.
- Wasiila Abdiisaa kan biratti guddate.
- Abbaa Taliilee Qajeelaa, kan dafqaan ilmaan isaa guddaisu.
- Haadha Taliilee tan dhibeedhaan sireerratti deebitee guyyaa du’aa eechaa turtee,
booda du’aan boqatte fa’a turen.
Nanfakkoni armaan olitti eeraman ennaa seeneffaman qofa gama hiwaamsatiin turan
malee gochootaa adda addaa keessa seenanii hin mul’anne.
II. Agarsiisuu (Showing)
Asoosama ‘Godaannisa’ jedhamu kan keessatti namfakkoota akka Abdiisa Soolan,
- Toliilee Qajeelaa, Kuulanii Soolan,
- Maannaaloo Balaay, Tujubaa, Wayinesheet fi Weejee fa’a gochoota adda
addaatiin sirritti beekkamuun haalliifi amalli isaaniis agarsiifama turee jira. Kanaaf
jecha namfakkoonni eeraman kunniin gama agarsiisuu tiin eenyummaan isaanii
seneffameera. (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:1-158)
2.3. Yoomessa asoosamichaa raga qabatamaa asoosamicha keesan waraabuun
gabaabsii agarsiisi!
Gaafii bakka dhalaata koo itti aansite. “Magaalaa Biilaa ….. Gimbii keessan” jedhe “Kan
koo Beddelleedha” jettee nati himate (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:35) Marraabbeetee
bakka dhaloota Maannaaloo Balaay. (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:8)
Anaafi obboleettiin koo woggaa kudhaniif mana wasiila keenyaa wajjiin jiraata turree.
(Dhaabaa wayyeessaa, 1992:8) yuunivaristii Qotiinsa Haramaayaatti ramadamuu koottu
ganda sanaa na baase. (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:11) Guyyaan isaa Kamisa. Ji’a
fulbaanaa Auutoobisiin ganamaan Finfinnee gadhiisee bayee.. (Dhaabaa wayyeessaa
1992:30) Ciroo.. kan “Asbe Tafarii” jedhan kanaadha. (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:36)
2.4. Gosa/-oota ija dubbii (points of view) asoosamichi ittiin dhiyaatee maalfaa
akka ta’an ragaan deeggaraa ibsi!
Addiisaa Soolan maqaa kooti. Kan ani ittiin waamamu. Maannaaloon yoo macha’ee
dhufu ishees haadha koo wajjiin walitti arrabsa. (Dhaaba Wayyeessaa, 1992 1,8) Ati
nama jabaadha, Bar intalli qaanfatteerti ija kee arguu iyyuu ni sodaatte. (Dhaabaa
wayyeessaa, 1992.153) Akkuma armaan olitti fakkeenyi ragaadhaan fuulaan wajji
kaayame kana ijji dubbii ramaddii tokkoffaa (ani), ishee (ramaddii sadaffaa), ati
(ramaddii 2ffaa) ta’a. Asoosama Godaaniis jedhamu kan keessatti bakka addaa addaatti
dhiyaataniiru.
2.5. DHAAMSA WALIIGALAA asoosamichaa gama ergaawwan xixiqqoo,
yoomessaa asoosamichaa, ijaarsa namfakkootaafi tooftaa namfakkeessuutiin
darbanirra dhaabbachuun gabaabsii ibsi!
Asoosama dhangala’aa ‘Godaannisa’ jedhamu kana keessatti dhaamsi walii gala akka
armaan gadii kana ta’a. kunis
- Namoonni akka namfakkii Maannaaloo Balaay, kan dhala namaarratti gocha suu
kaneessaa raawwatan akka argamanii fi isaan akkasii gocha hamaa kanaan
ummata biratti akka sirritti jibbaman nama barsiisa.
- Namfakkii akka “Wayneeshet” fa’a akka fakkeenyaatti yoo fudhanne
kaayyoosaanii hanga galmaan gayanitti fedhii nama birootiin akka hin sobamneefi
kutannoo cimaa qabaachuun akka barbaachisurraa baraanna.
- Gama biraatiin namfakkiin akka haadha Abdiisaa fa’a kan fedhii nama birootiin
sobamanii ofii fi maati ofiirraanis miidhaa hamaa geessisuu danda’anis akka jiran
nama barsiisa.
- Akkasumas namfakkoonni akka Abdiisaa Soolan, Kuulanii Soolanii fi Taliilee
Qajeelaa fa’a rakkoolee addaa addaatiin qoramaata ciccimaa keessa yoo bu’anis
osoo abdii hin kutatin keessaa ba’uu akka danda’an nama barsiisu.Walumaa
galatti asoosamichi gara laafumma, garajabina, abshaalummaa fi
gowwummaa… irraas akka beekkumsa cimaa argataniif baay’ee nama kakaasa.
- (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992: 1-158)
3. TOOFTAAWWAN OGUMAA (LITERARY TECHNIQUES) asoosichi ergaa
asoosamichaa dagaagsuuf itti gargaarame maalfaa akka ta’an raga
asoosamichaatiin deeggaraa ibsi!
1. OFIINDUBBII (monologue)
“Isheen waan fedhe haa deebistuuyyuu, ani afaan kootii baasee itti himutu narraa
jirra.”
“ Nan deema”
“ Hin deemtu “
“ Maaf hin deemu? “
Hin beeku? “ “Hin deemtu”
(Dhabaa Wayyeessaa, 1992:15-16)
…… “Ani si hin waamne jedhu laata? … gatee deebi’uu..
Fiiguu? …. Baqadhuu?”... jedhee yaade. (Dhaabaa wayyeessaa , 1992:21) “
“Taliileen ni duuteemii?
Gara kee kuttadhu, kan ajjeese immoo, si’i …. Si’ii….
Abbaa yakkaa … yakkama harka dhiigaa” …. Jedhee waan dubbatu fakkaata
(dhaabaa wayyeessaa, 1992:101).
II. Waliindubbii (Dialogue)
- Ihii…. Siinan jedhaam, Obboleessa”
Ihii?” “ Fenyuun barbaaddee ture?”
Si…. Siin” “ maaliif ture?”
Ihii ….. Ofumaati “ “ Akkam ofumaati?
“ kan na waamteef natti hin himatuu? “ “ Hin danda’u” “ Maaliif hin
dandeessu?” “Amma Sitti himuu hin danda’u.” (Dhaabaa Wayyeessaa 1992:22)
- “Ati woggaa meeqaffaadha?” jedhee gaafadhe. “jelqabaaf deemuu kooti, woggaa
tokkoffaa”
“Gaarii dha, womaa hin jedhu” (Dhaabaa Wayeessaa,1992:33)
III. Mildhuu (Fiashback)
Kan hanga ammaatti waliin haasa’eeru waynesheet qofaadha.
Qaaniif woo inni bara darbee iyyuu si ga’a. Takkaa adoodee dhaabbaa dheen ofduuba
deebi’e. “Maal deebiin akkanaa?…. Hin danda’u?.... yeroo hin qabu!.... jaalachuuf yeroo
hin qabu! Jaalatamuuf yeroo hin qabu! Ihim! …… maal jechuudha?…. Maalii intalli
akkanaa! Hibboo!... (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:28) .
Meeroon …. Meeroon … Meeroon…. Namni meeroon jedhamu kan an duraan beeku
sammuu kootti dhufuu dide. (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:124)
IV. Himageree (Foreshadowing)
Dhaqnee doormii buluu ni dandeenyaa.Yeroo sanatti dubartii geessee eessan bulcha?....
akkan geessee dubartoota mooraa sanaatti hin kenninee namaa beeku hin qabu. Ishetti
immoo hin dubbadhu… waa!... maal haa jettuuf!… maal jettiree- hinaaffaa dhaan
waxalamti malee!... (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:40) Biilatti deebi’ee jennaan yoo toleef
beela jaalala kootii gab gochuun danda’a. yoo kun naaf qajeeluu dhabes bra itti aanuuf
dadhabbii koo tokko tokko fooyyesseen deebi’a. (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992:29)
“Amma booda du’a malee waan biraan hin jiru”. “Du’a sodattee hin booyin mee ol ilaali”
jedheeti ulee isaa ol kaasee jara qarqara halleyyaa sanatti aarsiise. Deebi’een yoo fuula
koo olqabadhu, Taliileen biiftutti jijjiiramtee biiftuu obboroo Bahaan olbaatu taateetti.
(Dhaabbaa wayyeesaa, 1992: 13,114 fi 115)
V. Addeessuu (Describing)
- Ijaawwan gurguddoo akka bakkalcha barii ifan!... naannoon isaanii akka isa
kuulamee uumamaan gurraacha’eera.Funyaan qal’oo qimixee… Hidhiiwwan
haphii afaan dhiphaa walitti qabaniiru… Tuullaa rifeensa daddabaa gadibu’ee
yeroo qolee ishee irraa jaf jedhu, bifa ishee goraa diimate fakkaatu waliin
walgargaaranii simboo bareedaa uumu!...(Dhaabaa wayyeessaa, 1992..32)
- Ofii ishee woo soofamtee ekeraa taateettii!....(Dhaabaa wayyeessaa 1992:94) –
Dubartii magaalaa dheertuu. Dubartii rifeensa mataa ishee akka faashinii
jabaanaatti filattee halluu diimaa cuubde… Dubartii gurraafi funyan ishee warqeen
bareechite…. (Dhaabaa wayyeessaa 1992:88)
VI. FAYYADAMA AFAANIIFI DUBBII QOOLAA GOSA FAKKOOMII
(symbolism).
- Ganama mataan ko akka sibiilaa natti ulfaate. Yeroon dhaabbadhu fooqiin sun na
baatee sirba (Dhaabaa Wayyeessaa, 1992 :75)
- Sagaleen akka jirama jiguu natti dhaga’amnaan yeroon duuba koo ilaalu,
Taliileen dhabe (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:79)
- Manneetiin dhugaatii gamaa gamanaa afaan bananii na ilaalu, ni hamuummatu.
Hmummatanii na liqimsuufi (Dhaabaa wayyeessaa, 1992:80)
- Akkauma armaan olitti ragadhaaf fuula kitaabichaa wajjiin waraabbamanii
dhiyaatan dubbii qolaa gara garaatti fayyadamuun yaada dhiyaate sirritti
barreessichi ibseera. Dubbiin qolaa inni fayyadames kanneen akka akkaasaa,
nameessaafi bakka buusa … habalaka fa’a.

You might also like