You are on page 1of 17

4

KUTAA

BIQILTUU (Dhalootaa
hanga ji’a 6)
BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)
Mata-dureewwan Ijoo MHF Kutaa Kanaa Meeshaalee Barbaachisan
4
Waa’ee aAanna harmaa dura bahuhadha silga daa’imni dhalatee sa’aatii tokko keessatti osoo hin guutiin akka Kaardota tapha-qooda-fudhannaa waa’ee yeedaloowwan (weedduu) uruuruu hoosisa harmaa kan gareelee xixiqqaa 4f oolu:
argatan taasisuu
(Leenca, Harree, Weennii/Dammaa fi Bishaan, Haadha, Abbaa, Akkoo)
Waa’ee hHarma qofa hoosisuu
Qabee Ddaakuu Irdii
Waa’ee dDhiqannaa harkaa gaariisirrii
Geemii Tapha Argannaafi Bitannaa, Kaardota Maallaqaa (gareelee 4f )
Haala sirrii bBobbaa daa’imaa awwaaluu/gatuuitti gatamu/awwaalamu
Istiikara BIQILTUU

Ragaa dhuunfaa: yeroo harma hoosistutti gargaarsa abbaa manaa

Waraqaa dadachaatuu: qajeelfama akkaataa jalqabbii sirrii harma hosisuun

Gulantaa 1: SimannaaBaga nagaan dhuftan


1. MHF Marii hawaasa afraffaagabbataa afraffaa Guyyoota 1000n Jalqabaa kanaaf baga nagaan dhuftan.” JEDHIIN
2. Walgahii keenya kanarratti daa’imman keenya ciccimoo, fayya-qabeessaafi qareessa ta’anii akka guddatan wantoota addaa guyyoota 1000n jalqabaa keessatti raawwachuu qabnu akka barannu ni beektu jedheen abdadha.”

Gulantaa 2: Gabaasa Haala Manaa (Report-Back)Keessa deebii marii kutaa darbee


1. “MHF MHG keenya isa darberratti, Mootiiwwan Kanniisaa keenyaaf yeroo ulfaa gara boodaarratti maal gochuu akka qabnu barannee turre. Mariiwwan manatti mari’annu fooyyessuudhaaf, tooftaalee waliigaltee (koomunikeeshinii)
gara garaa kan baranne yammuu ta’u, dandeettiiwwan kanneen fayyadamuullee shaakallee turre
Yeroo miseensota maatii keenyaa waliin haasofnu, akka leencaa dheekkamaa/tuu ta’uu, akka HARREE ofgataa/ofgattuu ta’uu, akka WEENNII/ DAMMAAFI BISHAANII ofitti amanaa/ofitti amantuu fi ejjenno-qabeessa/
qabeettii kan garalaafummaafi obsa waliin qabnu ta’uu.
2. “Poostara Baay’ina Akaakuu Nyaata madaalameeaa fudhatanii galtanii akka miseensota maatii keessaniitti agarsiistaniifi keenyaa manaatti fannistan hunda keessaniif kenneen ture. Isin keessaa mee nama meeqatu/hagamiitu
poostaricha abbaa warraa/haadha warraa yookan miseensota maatii keessaniitti agarse? Nama meeqatu poostaricha keenyaa manaatti dhoobe hoo?” fannise?
3. Akkasumas waa’ee “guyyaa guyyaan nyaatawwan abbaa URJII baay’inaan nyaachuu, lamaaf jedhanii nyaachuu,akkasumas yeroo hunda qoraanii fi bishaan waraabuun haadha warraa keenya ni gargaarra kan jedhan muuxannooo
namoota dhuunfaa gara mana keessanitti fudhattanii akka galtaniif hunduma keessaniif kenneen ture .Mee isin keessa meeqan keessantu mootiiwwan kaannisaa akkaataa kaardii muuxannoo namoota dhuunfaa irratti ibsametti
gargaaruuf kan irratti walii galtan?
4. Geemii QophiiAkkasumas waa’ee Karoora Meenuuyaadannoo sirna nyaata guyyee Haadholee akkamitti akka taphattanillee hunda keessan barsiiseen ture. Namni hundi nyaatawwaniifi tursiistuuwwan Mootiiwwan Kanniisaa
isaanii nyaatanitti nyaatawwan ABBAA URJII akkamitti makan hundi keessan mari’achuuf turtan. Isin keessaa mee nama meeqatu dhimma kana haadha warraa/abbaa warraa yookan miseensota maatii isaanii wajjiin mari’ate? “
5. Namoonni meeqa waan kana akka raawwatan, yaadannoofi unkaa gabaasaa keerratti BARREESSI.
6. “Gaariidha! Mee amma immoo yeroo isin wantoota kana manatti hojiirra oolchuuf yaalaa turtan haalota turan haa haasofnu.
Waa’ee nyaatawwan ABBAA URJII, Mootiiwwan Kanniisaa fi daa’imman SANYII maal maatiiwwan keessanitti himtan?
ο Mootiiwwan Kanniisaa nyaata hundarratti nyaatawwan ABBAA URJII 2 fi nyaatawwan ABBAA URJII 3 guyyaa guyyaan makuun nyaachuu qabu.
ο Mootiiwwan Kanniisaa guyyaa hunda keessumaayyuu wayita dahumsaatti siqan nyaata baay’ee nyaachuu qabu. Kanas yeroo nyaanni nyaatamu amma amma nyaachuudhaan yookan bifa tursiistuun xix-
iqqeessanii nyaachuudhaan raawwachuu danda’u.
Yeroo isin poostara Baay’ina Akaakuu Nyaataa Haadholee itti agarsiistan, abbaan warraa/haati warraa yookan miseensonni maatii keessanii maal isiniin jedhan yookan maal isin gaafatan?
Yeroo isin barreeffama akkoordiyoonii “ akkaataa qophii nyaata lukkuuwwanii” ibsu itti agarsiistan, abbaan warraa/haati warraa yookan miseensonni maatii keessanii maal isiniin jedhan yookan maal isin gaafatan?”
Waa’ee baay’ina nyaata a Haadholee Mootiiwwan Kanniisaa ta’aniifi jabeenya daa’imman SANYIIF barbaachisuu, isiniifi abbaan warraa/haati warraa keessan wayita waliin mari’attan haalli gaariin ture maali?
Isin keessaa nama meeqatu Kaalandara Yaadachiistuu Asidii aayiren Fooleetii manatti fayyadamee jalqabe?
Mootiiwwan Kanniisaa nyaata dabalataa akka nyaataniifi nyaatawwan ABBAA URJII guyyaa guyyaan akka argatan gargaaruuf, Isin, abbaan warraa/haati warraa fi miseensonni maatii keessanii murtiin murteessitan
yookan tarkaanfiin fudhattan jiraa? Jira yoo ta’e, maalinni?
7. Namoonni 3 hanga 5 ta’an gaaffilee kanneen akka deebisaniifi muuxannoo mana isaanii akka qoodan JAJJABEESSI.
8. “Muuxannoo keessan nuuf qooduu keessaniif galatoomaa!yaada haaraa yeroo haasofnuufi qoodnu yeroo tokko tokko maatii keenya keessaa rakkoo yookan mormiin ni ka’a. Mootiiwwan Kanniisaa nyaata dabalataa nyaatawwan
ABBAA URJII waliin akka nyaatan gargaaruu ilaalchisee marii maatiiwwan keessan waliin taasistanirratti rakkoo isin quunname isin keessaa namoonni tokko tokko nuuf qoodduu?
9. Namoonni 3 hanga 5 ta’an gaaffilee kanneen akka deebisaniifi waa’ee baay’ina nyaata Mootiiwwan kanniisaa oduu haaraa jiru maatii isaaniif qooduuf wayita yaalan rakkoolee isaan quunnaman akka qoodan JAJJABEESSI.
10. “Muuxannoo keessan nuuf qooduu keessaniif galatoomaa! Garee akkasii kana keessatti argamuun gaarummaan isaa, namoota biroo nu gargaaruu danda’an of biraa qabaachuu keenya. Mee namoota rakkooleen quunname kana
gargaaruudhaaf namni isin keessaa yaada furmaataa kennu jiraa?rakkoolee kana furuudhaaf namni tooftaalee waliigaltee (communication) fayyadame jiraa?”
11. Namoonni 3 hanga 5 ta’an rakkoolee miseensota garee biroo manatti quunnaman kana haala furuun itti danda’amu, yaada furmaataa fi yaada qaban akka qoodan JAJJABEESSI.
12. G
ORSA GUMAACHA QABU KENNUU YOO DANDEESSE gareef kenni. Gareen rakkoolee ati ofii keef waan furmaata ta’u kennuufi hindandeenye yoo kaasan, suupparvaayizara kee waliin irratti akka mari’attan yaadannoo
keerratti barreessi.
13. “ Mootiiwwan Kanniisaa lubbuu lamaafi Jabeenyaaf kan nyaata ta’uu isaanii hindagatinaa. Jechuun guyyaa guyyaan nyaata baay’ee fi nyaatawwan ABBAA URJII dabalataa nyaachuu qabu. Lubbuu lamaafi jabeenya argachuuf jedhanii
nyaachuun keessumaa yeroo gara dahumsaatti dhihaatan baay’ee barbaachisaadha. Kana yoo ta’e Mootiin Kanniisaas taate daa’imni ishee dhahumsarratti nagaa ta’u.”
14. “Sadarkaa SANYII irratti deeggarsi abbootii warraa fi kan miseensota maatii biroo baay’ee barbaachisaadha. Kunis kan inni of keessaa qabu:
Mootiiwwan Kaniisaa nyaata baay’ee fi nyaatawwan ABBAA URJII dabalataa akka nyaatan jajjabeessuu
Nyaatawwan ABBAA URJII mootiiwwan Kanniisaa nyaatan horsiisuu, omishuu yookan bituu
Mootiiwwan Kanniisaa sirriitti boqachuufi nyaachuudhaaf yeroo akka argatan hojiilee manaa isaan gargaaruu
Mootiiwwan Kanniisaa Kiniinii Aayirenii yeroo hunda galgala galgala akka fudhatan yaadachiisuu
Dhaabbilee fayyaatti nagaan akka ofkaltu waan barbaachisan duursanii karoorfachuu (Maallaqa geejjibaaf ta’u olkaawwachuu, kkf.)”.

Gulantaa 3: Mata-duree har’aa beeksisibeeksisuu: BIQILTUU (daa’imman dhalootaa kaasee hanga ji’a 6 jiran)
1. “Kutaa leenjii keenya har’aa irratti, waa’ee daa’ima BIQILTUU fi daa’imni BIQILTUUn kun qareessa/ttii, cimaa/cimtuu fi fayya-qabeessa/ttii ta’ee/taatee akka guddatu/guddattu gargaaruudhaaf haadholeefi miseensonni maatii maal
raawwachuu akka danda’an mari’anna.
“Daa’imni BIQILTUUN maal akka ta’e/taate eenyutu nu yaadachiisuu danda’a”?
2. “Akkasumas bBaay’ina akaakuu nyaataa madaalamaa haadholee harma hoosisaniif barbaachisullee ni mari’annar”.
3. Maatileen BIQILTUU, daa’ima BIQILTUU fi Haadhaaf maal gochuu akka qaban ni marii’anna

Gulantaa 4: Qabxiilee kanneen cimsii ibsi :


Daa’imman BIQILTUUN haaraan akkuma dhalataniin sa’aatii tokko keessatti silga jechuun aannan harmaa jalqaba bahu kennaafi
Daa’imman BIQILTUUN aanna harma qofa dhuguu qabu. Aannan harmaa waan isaan barbaachisu hunda ni guutaaf- dhalatanii hanga ji’a jaha guutanitti nyaata yookan dhangala’aa biraa nyaachuu yookan dhuguu
hinqaban.
Daa’imman BIQILTUUN hanga ji’a jaha guutanitti bishaan homaayuu isaan hinbarbaachisu: aannan harma gahaadha.
Haati hanguma baay’inaan harma hoosistu, harmi ishees aannan baay’ee omisha. Kanaaf, halkanillee harma hoosisuun barbaachisaadha.
Abbootiin warraafi maatiiwwan Mootiiwwan Kanniisaa harma hoosisan baay’isanii akka nyaatan, sirriitti boqatanii daa’imman isaanii BIQILTUU hoosisuuf yeroo gahaa argatan gargaaruu qabu. Haadholeen harma
hoosisaa jiranillee lubbuu lamaaf jedhanii kan nyaatan ta’uu isaanii yaadadhaa!

Gulantaa 5: Muuxannoowwan Hoosis harmaa gaggaarii ta’an mari’adhaa


AKKANA JEDHIIN: “Uruuruun (Weedduun) reefu/sila dhaggeenye waa’ee harma hoosisuu qabxiilee nu fayyadan hedduu isaanii ibsae. Mee tokko tokkoon irratti haa mari’annu. Silga yookan aannan jalqabaa keelloo fakkaatu. Haadholeen
tokko tokko aanna kana daa’imman isaaniif kennuu sodaatu. Haata’u malee, kan inni uumameef daa’imman reefu dhalataniif. Silgi yookan aannan harmaa jalqaba bahu daa’imman Keenya BIQILTUU reefu dhalataniif maaliif
barbaachisaa fi baay’ee gaarii akka ta’e eenyutu beeka?
1. Namoonni aannan harmaa jalqaba bahu kanaa ilaalchisee yaada qaban gaariis ta’ee yaraa lamaaniyyuu akka qoodan jajjabeessiti aannan kana kennuun maaliif gaarii akka ta’e qabxiilee ibsan kana cimsi:
Daa’immanirraa vaayirasootaafi baakteeriyaa dhukkuba fidan ittisa. Aannan kun taalaallii daa’immanii kan jalqabaati.
Garaa daa’imaa qulqulleessa akkasumas ujummoo nyaanni itti daakamu (mari’maan/ xeerii) isaanii miidhamarraa eega.
Nyaata, nyaatawwan gabbisaa fi bishaan daa’imaaf barbaachisan hunda of keessaa qaba
AKKANA JEDHIIN: “Daa’imni keenya BIQILTUUN akkuma dhalateen sa’aatii tokko keessatti qaama haadhatti maxxanee harma akka qabatu taasisuun, daa’imichi aannan silga akka luuggatu kan gargaaru yammuu ta’u, fayyaafi nageenya
daa’imaafi haadhafillee baay’ee barbaachisaadha. Kun maaliif akkas akka ta’u sababa isaa kan beeku jiraa?”
2. Namoonni akka yaada isaanii qoodan JAJJABEESSI; Daa’imni BIQILTUUN akkuma dhalateen sa’aatii tokko keessatti harma qabsiisuun maaliif akka barbaachisu cimsii hubachiisi
Kana raawwachuun haati reefu deesse dahumsa booda dhiiga ishee dhangala’uu malu hir’isuuf gargaara.
Daa’ima hanguma daftanii harma qabsiistan, aannan harma keessaniis dafee bahuu jalqaba; daa’imni nyaataaf dhugaatii gahaa argata.
Hanguma daa’imni baay’isee harma luuggate; harmis aannan baay’ee omisha.
Daa’ima reefu dhalatellee du’aaf saaxilamuu jalaa baraara
AKKAS JEDHIIN: “Daa’imman BIQILTUUN ji’a jaha guutanii hanga gara sadarkaa KICHUU itti cehanitti silgaan jalqabanii aannan harmaa qofa dhugaa turuu isaan barbaachisa. Kun maaliif ta’a?”
3. Namoonni akka yaada isaanii qoodan JAJJABEESSI; Daa’imman BIQILTUUN ji’a jaha guutanii hanga gara daa’imman KICHUU itti cehanitti, aanna harmaa qofti maaliif akka isaan barbaachisu qabxiilee ibsan kana cimsii
Aannan harmaa daa’imman BIQILTUUF nyaata baay’ee sirrii ta’eedha. Waan guddina qaamaafi gabbina samuu daa’imman BIQILTUUF barbaachisan hunda of keessa qaba .
Aannan harmaa nyaatawwan gabbisaa surrii, ijaa fi guddina kutaalee qaamaa biroof gargaaru of keessaa qaba.
Aannan harmaa faalamoota(ifeekshinoota) adda addaa (garaa kaasaa, dhukkuba qaama argansuu kanneen akka michii sombaa(nimooniyaa), faalama gurraa fi morma gogsaa(mananjaayitsii)daa’immanirraa ittisa;
asumasni lubbuu baraaruu danda’a.
Aannan harmaa gara daa’imaatti akka salphaatti daakama.
Daa’imman ji’a jaha osoo hinguutin aannan loonii, bishaaniifi nyaata biraa kennuufiin balaafamaadha. Sababiin isaas, wantoonni kun jarmoota daa’imman BIQILTUUN ofirraa ittisuu hindandeenyeen sumaa’uu waan
danda’aniifi.
Dhangala’aan daa’imman BIQILTUUF barbaachisu aannan harmaa qofa- haalli qilleensaa hoo’aa ta’ullee, bishaan isaan hinbarbaachisu.
Daa’imman BIQILTUUN aannan harmaa qofa fudhatan, daa’imman BIQILTUU nyaanni gara biraafi bishaan kennameef caalaa haala gaariin guddatu, yeroo baay’ee hindhukkubsatan, barumsaanillee korma ta’u.

Gulantaa 6: Haala Akkaataa gaariin sirriin Harma Hoosisa sirriinuun Dhimma Maatiiti
AKKANA JEDHIIN: “Miseensonni maatii gara garaa daa’ima BIQILTUU maatii isaanitti haaraa makamu simachuuf gaheewwan addaa qabu. Mee yeroo daa’imni dhalatu waan uumamuufi yeroo heduu waan miseensonni maatii raawwatan haa
mari’annu.”
1. Daa’imman BIQILTUUN haala gaariin harma akka hodhan mirkaneessuurratti maatii keessatti namoonni gumaacha qaban eenyu akka ta’e garee guddaan akka mari’atan MIJEESSI. Gaaffilee kanneen gaafadhuuti, namoonni osoo
hindhiphatin yaada qaban akka qoodan jajjabeessi:
Dubartiin yeroo deessu yeroo baay’ee eenyutu ishee bira jiraata?
Daa’ima BIQILTUU reefu dhalate eenyutu qaba?
Haati daa’ima BIQILTUU reefu dhalate fudhattee baatti?
Daa’ima BIQILTUU reefu dhalateef, wanti nyaatu yookan dhugu yoom kennamaaf?Maaliifi?Eenyutu kennaaf?
Haati yoom harma hoosisuu jalqabdi? Akka hoosistu eenyu ishee gargaara yookan gorsa?
Aannan jalqaba bahu (silgi) maal ta’a? Hadholeen yeroo hedduu daa’imman BIQILTUU isaanii reefu dhalataniif silga ni kennu moo indhangalaasu? Maaliif?
2. Gareen dhimmoota kana mariirratti akka mari’atu GARGAARI:
AKKANA JEDHIIN: Haadholeen dubartoota harma hoosisanii yookan amaatiiwwan isaanii yeroo isaan dahan yeroo baay’ee isaan waliin ta’u akkasumas deesisuudhanillee gargaaruu malu..
Kanamaleesn haadholeen dubartoota harma hoosisanii yookan amaatiiwwan isaanii miseensota maatii dubartoonni dahan daa’ima BIQILTUU reefu dhalate akkamitti akka harma hoosisan gorsaniifi gargaarsallee
isaaniif taasisaniidha.
Maatiiwwan tokko tokko daa’imman isaanii BIQILTUU reefu dhalataniif aannan harmaa kennuun dura, dhadhaa arraabsisu yoon bishaan shukkaaraan kennuuf. Sabaabiin isaanis,garaa daa’imaa jiisa/laaffisa jedhanii waan
yaadaniifi.
Barmaatilee kana yeroo baay’ee aadaadha jechuun kan jajjabeessan akkoowwani. Maatiiwwan tokko tokko immoo aannan harmaa inni jalqaba bahu (silgi) xuriidha yookan summiidha jedhanii yaadu. Kanaaf, aannan
kun kan gatamu malee, daa’imaaf kan kennamu miti jedhanii yaadu.’’
AKKANA JEDHIIN: “Akkoowwan daa’ima BIQILTUU reefu dhalatee, daa’imichaaf waan ta’uu keessatti gahee guddaa akka qaban argina. Akaakilee isaanii baay’ee jaallatu waan ta’eef, waan baay’ee gaarii ta’e isaaniif hawwu.”
3. “Haata’u malee, akkoowwan tokko tokko, aannan harmaa jalqaba bahu (silgi) daa;imaaf baay’ee gaarii akka ta’e, oduu isaa Hojjettoota Eksiteenshinii Fayyaa fi narsootarraa hindhageenye ta’a. Namoonni tokko tokko bifti aannan
kana keelloo ta’uu isaa jibbu. Aannan jalqabaa kun xuraa’aadha yookan jibbisiisdha jedhanii yaadu.”
IBSI: “Dhugumaan bifti aannanichaa keelloo ta’uun isaa yookan bifa addaa qabaachuun isaa akka warqii waan mi’aawaa/qaalii ta’uu isaa mul’isa. Aannan kun nyaata gabbisaa daa’imaaf faayidaa olaanaa qabuun kan guutame waan ta’eef, keennaa
jaalalaa isa jalqabaafi guddaa, maatiiwwan daa’imman isaanii BIQILTUU reefu dhalataniif kennuu danda’aniidha .”
4. “Silgaafi aannan harmaa qofa kennuufiin faayidaa daa’imman BIQILTUUF qabu hubachuu kan dandeenyu ta’ullee, dhimmoota kana abbaa warraa/haadha warraa fi akkoowwan daa’imman BIQILTUUF ibsuurratti rakkooleen nu
quunnamuu danda’u. Isiniif maatiiwwan isin beektan silgaafi aannan harmaa qofa daa’imman BIQILTUUF kennuu wayita yaaltan rakkooleen muraasni qunnaman maali?”
5. Namoonni yaada isaanii akka ibsan JAJJABEESSI; odeeffannoo waa’ee silgaafi aannan harmaa qofa hosisuu miseensota maatiif ibsuurratti rakkoolee baraman ilaalchisuudhaan qabxiilee qophaa’an kanneen cimsii qaabachiisi
Dhimmoota armaan gadii kaasuun irratti mari’adhaa!
1. Abbaa warroonnii fi abbooliin akkaataa jalqabbii harma hooisuu isa sirrii akka isaan hin mari’anne rakkooleen isaan mudatu maal fa’i?
AKKANA JEDHIIN: Rakkoolee barataman:
οο Akka abbootii warraafi akka abbaatti, waa’ee gochaalee hoosisa harmaa, haadholee warraa yookan haadholee keenya waliin mari’achuun nu qaanessa; maalifi yoo jedhame, dhimmi kun “dhimma
dubartootaa” ta’ee waan ilaallamuufi.”
οο Akkoowwan isin nu guddisnu, yeroo ijoollee keenya guddisnu gochaalee aadaadhaan baraman hordofnee kunoo haala gaariidhaan guddattaniirtu- kanaaf waan durii kaasee raawwachaa turre
kana maalif hoo amma akaakileewwan keenyarratti jijjiirra isiniin jechuu danda’u.
οο Akkoowwan maanguddoota keenya, haadholee keenya waan ta’aniif nutti akka ilmaan isaanitti isaan kabajuufi waan isaan nu gorsan raawwachuu qabna.
2. Hadha manoonnii fi haadholiin akkaataa jalqabbii harma hoosisuu isa sirrii tahe akka hin marii’anneef rakkoolee isaan mudatan maal fa’iAKKANA JEDHIIN: Rakkoolee baraman:
AKKANA JEDHIIN: Rakkoolee barataman:
οο Akka haadholeen warraatti, abbootiin warraa yaada isaanii kan fudhatan itti hin fakkaatu.Sababiin isaas keenya nurraa hinfudhatan jennee yaadna. Abbaa warraa waan ta’aniif, daa’imman isaanii
haaluma haadholeen isaanii durii kaasee raawwachaa turaniin gochoota aadaan kunuunsa akka argatan barbaadu jedhu.
οο Haadholeen/ amaatiiwwan keenya ijoollee dhiiraa fi durbaa isaanii haala gaariidhaan guguddatan gochaalee aadaa keessatti baramaniin guddisne- kanaaf, maaltu bade amma gochoota kana
akaakileewwan keenyarratti jijjiirra jechuu danda’u.
οο Akkoowwan maanguddoota keenya, haadholee keenya waan ta’aniif nutti akka ilmaan isaanitti isaan kabajuufi waan isaan nu gorsan raawwachuu qabna.
οο Gaheen dubartootaa fudhachuufi raawwachuu ta’uun isaa waan nutti dhagahamu. Kanaaf, Sirrii ta’uu dandeenyullee, dubbachuufi yaada adda ta’e tokko kennuun ulfaataadha.
οο Maatiiwwan keenya tole jedhanillee, hojiin waan qabamnuuf yeroo tokko daa’imman keenya BIQILTUU miseensota maatii keenyatti dhiisuu qabna. Yeroo nutty hinjirre daa’imni yoo beela’e,
filannoon biraa waan hijirreef bishaaniifi nyaata biroo kennuufin hinoolu.
3. Akkoowwanii fi Amaatiin akkaataa jalqabbii harma hoosisuu isa sirrii tahe akka hin marii’anneef rakkoolee isaan mudatan maal fa’i? AKKANA JEDHIIN: Rakkoolee baraman:
AKKANA JEDHIIN: Rakkoolee barataman:
οο Nuti akkoowwan ijoollee keenyaaf, aadaa keessatti akka barame (silga dhangalaasuu, daa’imman reefu dhalatan dhadhaa nyaachisuu yookan bishaan shukkaaraan) raawwachaa turre. Isaanis
haala gaariidhaan guddatan jennee yaadna. kanaaf, maaltu bade amma gochoota kana akaakileewwan keenyarratti jijjiirra jechuu danda’u.
οο Nuti angafoota maatii keenyaa waan taaneef waan dur ture kana ni eegna: Amma yoo daandii barame kanarraa gore, namoonni biroo maal nuun jedhu?

Gulantaa 7: Geemii Tapha Argannaa fi Bitannaa


Qajeelchi: “Geemii Tapha Argannaa fi Bitannaa” (Fayyadama maallaqaafi karoora bajataa). Geemii kana taphachuuf hirmaattota gareelee xixxiqqaa 4 3 itti qooduuaa qabda. Gareen tokkoon tokkoon wantoota geemiicha taphicha taphachuuf oolan
argachuu qaba(afata geemii 1 fi kaardota maallaqaa 56 boorsaa xiqqaadhaan jiru). Miseesnonni gareelee afata geemichaa marsanii lafa yookan teessoorra taa’uu qabu.
1. Tapha Argannaafi Bitannaa kana taphachuudhaaf, qajeelchitoonni afata geemichaa lafa afuu qabu. Miseesnonni gareelee afata geemichaa marsanii lafa yookan teessoorra taa’uu qabu.
2. Meeshaalee manaa, nyaatawwan ABBAA URJII, meeshaaleen/oomishaaleen qonnaa afata geemichaa karaa alaatiin tarreeffaman wantoota maatiiwwan BITANI. Afata geemichaa karaa keessaatin immoo iddoo gabaa bakka
maatiiwwan omishaalee qonnaa itti GURGURATANI. Kaardonni maallaqas lafa gabaa kana keessa kaa’amu.
IBSI: Geemicha Taphicha taphachuudhaaf, taphataan hundi omishaalee maallaqa baasan gabaatti GURGUREE maallaqa itti gurgure argachuu qaba. Taphattoonni maallaqa ARGATANIIN, wantoota afata geemichaa karaa alaatin tarreeffaman
keessa kan barbaaddan BITACHUU danda’u..
GEEMII JARMOOTA DHUKKUBA OMISHUUFI RSIISUU
NAMATTI FIDANII
3. Taphataan jalqabaa dabaree isaa taphatee erga xumureen booda, kaardota maallaqaa hunda taphataa itti aanuuf afata geemichaarraa kaa’aa. Taphataan hundi maallaqa isaanii waan barbaadan bitachuuf fayyadamuu danda’u.
Namoonni biroo immoo wayita kana taa’anii filannoowwan isaanii daawwatu.
4. Taphataan hundi dabareedhaan ‘Argannaafi Bitannaa’ erga taphataniin booda, gareelee xixiqqaan immoo taphattoonni waan dura aansaniifi bitatan mari’atu.
Gaafadhu: Miseensonni gareelee nyaatawwan akkamii Mootiiwwan Kanniisaa, Kichuuwwaniifi Abaaboowwan isaaniif bituu akka barbaadan akka mari’atan gaafadhu. Gareeleerra naanna’iiti tapahattoonni maallaqa argataniin omisha manaa kam
akka bitan ilaali.
5. Nyaatawwaniifi meeshaalaa manaa maatiwwan dura aansuun barbaachisaa ta’erratti mari’achaa garee waliin bashannanaa. Gareeleen hundi sirna nyaataa Mootiiwwan Kanniisaa, daa’imman Kichuuwwaniifi Abaaboowwan isaanii
fooyyeessuuf, maallaqa argatan akkamitti baasuun akka irra ture itti agarsiisi.
6. Miseensonni gareelee waan bitachuu danda’anifi waan gabaatti gurguratan akkamitti akka karoorfatan yaaduu akka qaban jajjabeessi. Kana yoo ta’e yeroo itti aanu maallaqa argachuufi nyaatawwan ABBAA URJII bitachuu
akkasumas filannoowwan gaggaarii ta’an filachuu danda’u

Gulantaa 8:Tapha Qooda-fudhannaa Mari’annaafi MurteeffannaaWaliin mari’achuu fi Murteessuu


Muuxannoowwan hoosisa harmaa gaggaarii ta’an miseensota maatii waliin mari’achuu shaakalaa:
AKKANA JEDHIIN: “Wanti guddaan abbaan, haati fi akkoon hundi daa’imman BIQILTUUN isaanii akka lalisu fi cimaa, qareessa, barumsaan kan milkaa’u ta’ee akka guddatu barbaadu. Gareelee xixiiqqaa keenyaan, odeeffannoo arganne kana
akkamitti abbootii warraa/haadholee warraa, haadholii fi amaatiiwan keenyaaf akka qoodnu shaakalla. Taphoota qooda-fudhannaa kana keessatti rakkoolee nu qunnamuu danda’an karaa furuu dandeenyullee ni barbaadna.”
1. “Jalqaba, karaawwan adda addaa maatiiwwan keenya waliin waliigaluu dandeenyu ilaalchisee, barnoota walgahii darbe keessatti baranne wal haa yaadachiisnu. Akka LEENCAA, akka HARREE, yookan WEENNII/ DAMMAA fi
BISHAANII ta’uu dandeenya.
Akka LEENCAATTI namoota biroo wajjiin waliigaluu jechuun maal akka ta’e eenyutu nu yaadachiisuu danda’a?
Akka HARREETTI namoota biroo wajjiin waliigaluu jechuun maal akka ta’e eenyutu nu yaadachiisuu danda’a?
Akka WEENNII/DAMMAA fi KANNIISAATTI namoota biroo wajjiin waliigaluu jechuun maal akka ta’e eenyutu nu yaadachiisuu danda’a?
2. Namoonni yaada isaanii erga qoodanii booda, qabxiilee kana cimsii hubachiisi:
LEENCI baay’ee dheekkamaa; obsa hinqabu. Ni iyya, yaada isaa/ishee namoota biroorratti fe’uu barbaada, yeroo hunda lola gaada.
HARREEN baay’ee ofgataa fi callisaadha. HARREEN yaadaafi ilaalcha isaa hinqoodu. Hiree isa/ishee qunname hunda fudhata/tti; namoonni biroo akka isaaf/isheef murteessan dabarsee/dabarsitee kenna/kenniti.
WEENNII/DAMMII fi BISHAAN ofitti amanummaa waan qabuuf yaada isaa/ishee haala gara laafinaafi obsa qabuun ni qooda/niqooddi. Sababa kanaan, namni hundi WEENNII/DAMMII fi BISHAAN qaroominaafi
surraa qabu kanaaf ni dinqisiifatu.
3. Namoonni gareelee xixiqqaa miseensota 4-5 qabaniin akka gurmaa’an gaafadhu
4. Garee hundaaf kaardota tahoota qooda fudhannaa kenniif: ABBAA/ABBAA WARRAA, HAADHA/HAADHA WARRAA, AKKOO. Ajaja itti aanan kana kenni:
a. Taphoonni kun nama lama lamaan kan hojjetaman ta’uu isaanii ibsii. Namoonni lama yoo taphatan miseensonni garee 2-3 ta’an immoo taa’anii daawwatu.
b. N
amni hundi waan jireenya isaa/ishee keessatti dhugumaan fakkaatu ta’ee hojjechuuf carraa ni argata. Knaaf, namni hundi of ta’ee tapahata (yookan abbaa/abbaa warraa, haadha/haadha warraa, yookan akkoo ta’u).
c. F akkeenyaaf: Garee dubartootaa keessa jirtu yoo ta’e, tokkoon keessan of taatanii hojjettu (Kaardii haadhaa mormatti keewwattanii). Namni biraa immoo akka abbaa warraa fakkeessee tahata (Kaardii haadhaa mormatti
keewwattanii )
d. aphicharratti hirmaattonni wantoota itti aanan kanneen hojjechuu shaakalu:
T
Daa’imman BIQILTUUN hanga ji’a jaha guutanitti silgaafi aannan harmaa qofa akka isaan barbaachisu abbaa warraa/haadha warraa yookan haadhaa/amaatii isaaniif ibsuu shaakalu.
Miseensonni maatiiwwan isanii muuxannoowwan hoosisa harmaa gaggaarii ta’an akkamitti akka gargaaruu danda’an mari’achuu shaakalu.
e. Namni tokko of ta’ee yoo taphatu/taphattu, kan biraa immoo akka abbaa warraa/haadha warraa, haadhaa/amaatii fakkeessee taphata.
f. Daqiiqaa shaniif erga taphataniin booda, namoonni lamaan tapha isaanii dhaabanii, namoonni daawwataa turan yaadaa fi gorsa qaban kennu.
g. Duub-deebiifi gorsaan booda, namoonni haaraan lama daqiiqaa shaniif taphatu. Sana booda miseensota garee daawwataa turanirraa duub-deebiifi gorsa argatu.
h. amoonni hundi waa’ee daa’imman BIQILTUU silgaafi harma qofa hoosisuu maatiiwwan isaanitti akkamitti akka himan hanga shaakalanitti taphichi itti fufa.
N
9. Namoonni hundi carraa argatanii erga taphataniin booda garee guddichattii akka walitti dhufan gaafadhu. Gareelee xixiqqaa keessaa namoota fedhiidhaan muuxannoo tapha isaaniirraa argame ibsan gaafadhu:
10. Tapha qooda-fudhannaa kanarraa maal baranne?”
“Daa’imman keenya BIQILTUU harmaa hoosisuuf muuxannoo gaggaarii jiran maatiiwwan keenya waliin mar’achuuf qophoofne jennee yaadnaa? “Daa’imman keenya BIQILTUU harmaa hoosisuuf muuxannoo
gaggaarii jiran maatiiwwan keenya waliin mar’achuuf qophoofne jennee yaadnaa?
11. Marii garee Guddaa Mijeessi. Rakkoolee ofii deebisuu hindandeenye hunda barreessi. Suupparvaayizara kee waliin mari’achuun gorsa argatte walgahii itti aanurratti akka ibsituuf gareetti himi.

Gulantaa 9: Muuxannoowwan Qulqullina Gaarii Maatiiwwan BIQILTUUF Barbaachisanirratti Mari’adhaaMari’achuu


AKKAN JEDHIIN: “Daa’imman BIQILTUUN jaalalaafi xiyyeeffannaa hedduu haadholee abbootii, akkoowwaniifi obboleewwan isaaniirraa argatu. Miseensonni maatii kun hundi isaanii daa’imman BIQILTUU baachuufi kunuunsuudhaan
gargaarsa gumaachuuf gaheefi ittigaafatamummaa qabu. Waa’ee harma hoosisuu mari’annee jirra. Mee waa’een qulqullinaa hoo akkami? Miseensonni maatii hundi qulqullina qaama daa’imman BIQILTUU, qulqullina iddoo
rafiitiifi taphaa isaanii eeguuf gahee qabu.”
1. “Namoonni hedduun bobbaan/albaatiin daa’imman BIQILTUU miidhaa hinfidu jedhanii yaadu. Kuni maaliif ta’e?”
2. “Namoonni hedduun bobbaan/albaatiin daa’imman BIQILTUU miidhaa hinfidu jedhanii maaliif akka yaadan ibsa akka kennan GAAFADHU.Qabxiilee kunneen mariirratti yoo hinka’in ofii kee itti dabali:
Namoonni tokko tokko daa’imman BIQILTUU N aannan harmaa qofa waan dhuganiif bobbaan isaanii miidhaa hinqabu jedhanii yaadu
Namoonni tokko tokko bobbaan daa’imman BIQILTUU foolii gadhee waan hinqabneef miidhaa hinqabu jedhanii yaadu
Namoonni tokko tokko daa’imman BIQILTUUN homaa kan hinbeekneefi kan nama hinmiine waan ta’aniif, bobbaan isaaniis homaa kan hinbeekneefi kan nama hinmiineedha jedhanii yaadu.
IBSI: “daa’imman BIQILTUU keenya kan homaa hinbeekne, harma qofa kan hodhan, bobbaan isaanii foolii gadhee kan hinqabne ta’ullee, bobbaan isaanii miidhaa kan hinfidne miti. Sababiin isaas, waan fedhes ta’u bobbaan kun jarmii yoo
liqimsame daa’imaafi namoota biroo miidhuu danda’an ofkeessaa qabu.”
AKKANA JEDHIIN: “Wanti kun akka isin ajaa’ibsiisuufi namoota biroofillee oduu haaraa ta’u nan beeka. Ta’us mee jarmoonni akkamitti akka tamsa’an taphaan haa agarsiisnu.”
Geemi Tatamsa’ina Jarmii Taphadhaa
Geemii kana qajeelchuudhaaf qabee daakuu Irdii si barbaachisa:
1. Namoonni lama fedhiidhaan ka’anii akka dhaabbatan GAAFADHU. Daakuu Irdii xiqqoo harka mirgaa namoota fedhiin ka’aniitti facaasi
Daakuun Irdii kun harka mirgaa isaanii walgahuu isaa mirkaneessi. Sana booda, namoonni lamaan sun miseensota garee biro akka harka qaban gaafadhu: Namni tokko miseensota garee gartokkee harka mirkaa qaba. Namichi lammataa immoo,
miseensota garee kan hafan harka mirgaa qaba. Namni hundi harka fuudhamee erga walgaheen booda, namoonni hundi harka mirgaa isaanii akka ilaalan gaafadhu.
AKKAN JEDHIIN: “Amma namoonni hundi namoota fedhiin ka’an lamaan harka fuudhaniiru. Harka keessan mirgaa ilaalaa. Mee waan isinitti mul’atu natty himaa.”
2. Namni ta’e harka isaa/ishee mirgaarratti daakuu Irdii akka argu/argitu deebii akka kennu/kennitu taasisi. Sana booda, wantoota itti aanan kanneen ibsii:
Jarmoonni wantoota ijaan hinmul’anneefi dhukkuba fidaniidha. Ijaan isaan argguu hindandeenyu; garuu bobbaa daa’imman reefu dhalatanii, bobbaa daa’imman jabataniifi kan nama guddaa akkasumas kosii beeyiladootaa
keessa guutaniiru.
Bobbaa yoo tuqne harki keenya jarmoota kanaan faalama. Yoo harka namaa qabne immoo jarmoota kana akkuma daakuu Irdii kana harka tokkorraa gara harka biraatti dabarsina. Daakuu Irdii kana ijaan arguu kan
dandeenye keelloo waan ta’eefi. Jarmoota garuu ija keenyaan arguu hindandeenyu.
Harki keenyas fuula keenya tuqu, ija keenya rirriitu yookan yeroo nyaannu hidhiifi afaan keenya tuqu.
Daa’imman keessumaa harka isaaniin afaan isaanii dabalatee waan baay’ee tuttuqu.
Daa’immaniifi miseensonni maatiiwwan isaanii yeroo bobbaa tuttuqan, jarmoonni bobbaa sana keessa jiran gara afaaniifi ijaatti faca’anii dhukkuba fidu jechuudha
IBSI: “Namoonni bobbaan daa’immanii miidhaa hinqabu jedhanii waan yaadaniif, osoo hingatin turuu danda’u. Haata’u malee, bobbaan daa’immanii akkuma bobbaa daa’imman jabaataniifi bobbaa nama guddaa dafee gatamuu/awwaalamuu
akka qabu hubanneerrra.”
3. “Daa’imman BIQILTUU fi maatiiwwan keenya jarmootaafi dhukkuboota jalaa baraaruudhaaf, bobbaa mana fincaanii keessa buusuu yookan boolla qonnee awwaaluu qabna. Boolli itti awwaalamu kunis manarraa, iddoo omisha
kuduraafi muduraarraa yookan madda bishaaniirraa fagaachuu qaba.”
IITTIFUFI: “Bobbaa daa’imman BIQILTUU ofeeggannoon qabnee erga awwaalleen booda, wanti gochuu qabnu:
Daa’imman BIQILTUUN erga bobbaa taa’anii/alba’anii booda, teessoo/hudduu fi harka isaanii bishaaniifi saamunaadhaan sirrriitti dhiquu;
Harka keenyas saamunaafi bishaaniin dhiqachuu.
4. “Daa’imni baatamaa yoo hinjiraanne iddoo isa/ishee keenyullee ofeeggannoo gochuu qabna. Daa’imman BIQILTUUN huccuu yookan afata qulqulluurra kaa’amuu qabu. Kanamalees, kosiiwwan beeyiladaafi titiisota jarmoota
bobbaa baatan isaanirraa eeguu qabna.”
Gulantaa 10: Harka dhiqannaafi bobbaatii daa’immanii dhabamsiisuu/awwaaluu ilaalchisee rakkoolee jiraniifi karaa furamuu danda’an mari’adhaamari’achuu
1. “Daa’imman BIQILTUUN bobbaa akka hintutuqne eeguuf rakkoolee isin yookan hiriyaa keessan quunnamaa jiran gareelee xixiqqaadhaan haa mari’annu.
2. Gaaffilee kanneen sadan irratti mari’achuudhaaf garee bakka xixiqqaa 4 tti akka qoodaman gaafadhaa.Namootni akka taa’an erga taasiftanii xiqqoo gaaffilee marii irra deddemuun ilaalaa.
3. Gaaffileen marii muraasni kunooti:
Maatiiwwan bobbaa daa’imman BIQILTUU mana fincaanii keessa buusuuf yookan awwaaluuf rakkooleen muraasni isaan qunnaman maali?
Isin yookan maatiiwwan biroon bobbaa Daa’imman BIQILTUUN erga qabdanii booda harka saamunaafi bishaaniin dhiqachuudhaaf rakkooleen quunnaman maal maali?
Rakkoolee kanneen furuudhaaf, furmaanni nuti addaan baasnee keenye maal fa’i?
4. Gareeleen gaaffilee kanneen mari’achuudhaaf, gareelee xixiqqaa 4 itti akka qoodaman gaafadhu. Namoonni akka tasgabbaa’an gargaari. Naanna’uudhaanis, gaaffilee marii gareewwan yaadachiisi.
5. Gara daqiiqaa 20n booda namni hundi gara garee guddichaatti akka walitti dhufan gaafadhu. Gareelee hunda keessaa nama rakkooleefi furmaata garee isaaniin adda baasan dhiheessu gaafadhu.
6. qabxiilee kanneen marii garee guddaarratti cimsii hubachiisi:

Harka dhiqachuufi bobbaa Daa’imman BIQILTUU of Furmaata ta’uu kan danda’an


eeggannaan awwaaluuf rakkoolee baraman
Maatiiwwan tokko tokko mana fincaanii hinqaban Manni fincaanii akkamitti akka ijaaramu HEF yookan HEQ gorsa gaafachuu

Boolla bobbaan daa’immanii itti gatamu mana iddoo fuduraafi muduraa fi madda bishaaniirraa fageessanii qotuu. Bobbaa boollatti gatame foolii isaafi tittiisa irra qubatu hir’isuuf daaraa irraan naquu.

Ollaa mana fincaanii qabu waliin waliigaluudhaan, bobbaa daa’immanii mana fincaanii isaaniitti gatuu

Saamunaan hinjiraatu yookan maatiiwwan gatiin saamunaa mi’aa/ Iddoo saamunaan gatii bushaa’aan/rakasaan argamu HEF gaafachuu.
qaaliidha jedhanii yaadu
Galii maatiin argatu keessaa muraasa saamunaa harkaa dhiqachuuf, teessoo/hudduu dhiqquufi huccuudaa’immanii miiccuuf ta’u bituuf ramaduu ilaalchisee abbaa warraa/haadha warraa waliin
mari’achuu

Haala gaariin qulqullina eeguudhaaf saamunaan mana jiraachuu isaa qulqulleessuu

Saamunaan yoo hinjiraanne bakka saamunaa, daaraa qulqulluu yookan Andoodee fayyadamuu

Bishaan qophaa’ee hinargamu yookan darbee darbee fayyadamuu Bantuufi cuftuu bishaanii(iddoo dhiqannaa harkaa bishaan qusatu) akkamitti akka tolchan barachuu
qabna
Meeshaa bishaan qabu saamunaa waliin iddoo yeroof harka dhiqachuuf mijatu kaa’uu

AKKA JEDHIIN: “Hundi keessan ulfaadhaa! Maatiiwwan keenya karaa fayyaafi jabeenya daa’imman BIQILTUU eeguu danda’an adda baasneerra. Isaanis bobbaa erga tuqneen booda, harka keenyaafi kan daa’imman keenya bishaaniifi
saamunaadhaan dhiquudhaan daa’imman BIQILTUU jarmoota jalaa baraaruu,akkasumas bobbaa of eeggannoodhaan boollatti gatuudha.”

Gulantaa 11: Waa’ee sirna nyaataa Haadholee harma hoosisanii fi Daa’imman BIQILTUU harma hoosisanii irratti mari’achuu
AKKAN JEDHIIN: “Marii keenya xumuruudhaaf, Mootiiwwan kanniisaa keenya harma hoosisaa jiraniifi amma haadha ta’anitti haa deebinu. Maatiiwwan hedduun haadholee reefu dahaniif yeroo isaan bayyanataa jiran, kunuunsa addaafi nyaata
addaa kennuufidhaan hojii gaarii hojjechaa jiru. Mee haadholeen reefu dahan bayyanatanii akka jabaatanii wantoonni maatiiwwan keessan raawwachaa jiran maali?”
1. Namoonni gara garaa wantoota maatiiwwan isaanii haadha reefu deesseef(araasiidhaaf) gochaa jiran akka himan gaafadhu. Fakkeenyi tokko tokko kanneen itti aanan kana ta’uu danda’u
Abbootii warraa, haadholiin yookan amaatiiwwan isaanii hojii manaa irraa fuudhanii akka boqatan gargaaru
Abbootiin warraa re’ee, hoolaa yookan lukkuu qalanii akka isheen bayyanatuufi jabaattu foon nyaachisu
Haati dubartii deesse yookan amaatiin ishee dhugaatii addaa naqanii, marqaa marqanii, mooqa/bulluqa yookan nyaata biraa hojjetanii akka isaan jabaataniifi miidhaganii ka’an taasisu
Haadholeen reefu dahan harmi isaanii akka aannan qabaatu, dhugaatii addaa dhugu; mooqa/bulluqa gaarii dhugu.
IBSI: “Wantoonni kun hundi haadholiif gaariidha. Haati reefu deesse akka jabaattuufi fayyaan ishee deebi’u gargaaruun daa’ima BIQILTUUFILLEE baay’ee gaariidha.”
2. “Haati deesse yeroon isheen ciistee maatiidhaan arrasamaa turtu naannoo naannotti adda adda. Maatiiwwan tokko tokko turban tokko qofaaf kunuunsa addaa kana isheef taasisuu mala. Maatiiwwan tokko tokko immoo ji’a
tokkoof kunuunsa. Haalli kun kan maatii keessaniin walfakkaataa? Muuxannoon keessan maal fakkaata?”
3. Haala maatii isaanii keessa jiruun kan walfakkaatu akka ta’e namoonni fudhachuu isaanii ilaali. Namoonni hinfudhanne yoo jiraatan, haalli maatii isaanii keessa jiru maal akka ta’e gaafadhu.
AKKANA JEDHIIN: “Walgahii keenya darbeen, Mootiiwwan kanniisaa wayita ulfaa’an sirna nyaataa gaarii isaaniif barbaachisu barannee turre. Mootiiwwan Kanniisaa erga dahaniin boodas lubbuu lamaaf jedhanii nyaachuu itti fufu. Sababiin
isaas, bayyanachuufi daa’imman isaanii harma hoosisuu qabu. Mootiiwwan kanniisaa kun nyaata baay’ee guyyaa guyyaan nyaachuu qabu. Kanamalees, guyyaatti yoo xiqqaate nyaatawwan abbaa urjii -3 tokko (nyaata madda
beeyiladootarraa argaman) nyaatawwan abbaa urjii lamaa (fuduraaleefi muduraalee) nyaata hundarratti argachuu qabu.”
IBSI: “ Walgahii keenya darberratti nyaata mootiiwwan kanniisaa ulfaa nyaatan karaa dabaluu dandeenyu mari’annee turre. Haalli kun maaotiiwwan kanniisaa harma hoosisaniifi tokkuma. Kunis:
Tursiistuuwwan nyaachuu
Nyaata maatiirratti nyaata dabalataa nyaachuu
Yeroo bilcheessan nyaata dhamdhamuu
4. “Mootiiwwan Kanniisaa harma hoosisan nyaatawwan ABBAA URJII dabalataa nyaachuufi boqannaafi harma hoosisuuf yeroo gahaa argachuu qabu.Yeroo ulfa turan deeggarsa maatii akkuma barbaachisu, wayita harma hoosisanis
gargaarsa maatii barbaadu. Karaawwan muraasni abbootiin warraafi maatiiwwan Mootiiwwan kanniisaa harma hoosisan gargaaruu danda’an:
Yeroo gahaa argattee boqachuufi nyaachuu akkasumas daa’ima ishee harma hoosisuu akka dandeessu, hojiilee manaa ishee gargaaruu
Akka boqattuufi nyaata baay’ee nyaattu jajjabeessuu
Abbootiiwwan warraa nyaatawwan ABBAA URJII dabalataa horsiisuufi omishuuf lafaafi qabeenya barbaachisu ramaduu danda’u;
Abbootiin warraafi maatiiwwan yeroo mootiiwwan Kanniisaa harma hoosisaniif kunuunsa addaa taasisan dheeressuu danda’u. Haadholeen kun ofifi daa’imman isaanii BIQILTUU kunuunsuuf yeroo barbaadu.
Abbootiin warraa maallaqa nyaatawwan ABBAA URJII mootiiwwan kanniisaa nyaatan bituuf oolullee ramaduu danda’u.
IBSI: “Mootiiwwan Kanniisaa harma hoosisan erga dahanii boodas hanga ji’a sadi guutanitti kiniinii Aayirenii galgala galgala rafuun dura fudhachuu itti fufuu qabu. Kiniiniin Aayirenii haadholeen reefu dahan dafanii akka bayyanataniifi jabaatan
gargaara.”

Gulantaa 12: Meeshaalee fi Hojiilee gara manatti fudhatanii galan


1. Istiikara BIQILTUU maatiiwwan daa’imman BIQILTUU qabaniifi akkoowwan isaaniif tokko tokko qoodi. Istiikarri BIQILTUU maatiiwwan daa’imman isaanii BIQILTUUN ciccimoo, fayya-qabeeyyii fi qareeyyii ta’anii akka
guguddata gargaaruu akka qaban yaadachiisuudhaafi.
a. Istiikaricha keenyaa manaatti akka dhooban fannisan(maxxansan) itti himi.
b. Istiikara BIQILTUU kana namoota biroof akka ibsan itti himi
2. Barreeffama akkoordiyoonii akkaataadadachaatuu akkaataa jalqabbii hoosisa harmaaharma isa sirrii ibsu kenniifiti irratti mari’adhaa.
3. Kaardii muuxannoo/wabii nama dhuunfaa:Mootii kaannisaa koo nan jaalladha;Hojii mana keessaas nan gargaara jedhu hirmaattotaa hundaaf kennaa.
4. Barreeffama akkoordiyoonii dadachaatuu akkaataa hoosisa afi kunuunsa loonii ibsu kenniifiti irratti mari’adhaa.
5. Hirmaattonni uruuruu (weedduu) hoosisa harmaa abbaa warraa/haadha warraa/akkoowwan / amaatiiwwan isaanii akka barsiisan gaafadhu.
6. Haadholeen hoosisan uruuruu kana qophaafi abbaa warraa isaanii waliin ta’anii daa’ima isaaniif akka weeddisan itti himi.
7. Maatiiwwaniifi akkoowwan daa’imman BIQILTUUF istiikara biqiltuu tokko kenni.
Wantoota maatiiwwan biqiltuu raawwachuu qaban nama garee yaadachiisuu gaafadhu. Qabxiilee kana cimsii hubachiisi:
Daa’imni BIQILTUUN erga dhalateen booda sa’aatii tokkon jalqabaa keessatti coraa haadhatti maxxanee harma akka qabatu taasisna
Silga akka kennaa jaalalaa isa addaa jalqaba daa’ima keenyaaf kenninuutti isaaf/isheef kennina.
Daa’imman BIQILTUUN hanga ji’a jaha guutaniifi gara KICHUUTTI cehanitti, aannan harmaa qofa malee, bishaanis ta’ee nyaata biraa fudhachuu hinqaban.
Mootiiwwan kanniisaa harma hoosisan sirriitti akka boqatan nyaata nyaataniifi daa’ima isaanillee harma hoosisan hojiilee manaa gargaaruu qabna.
Mootiiwwan Kanniisaa keenya harma hoosisan nyaata dabalataa akka nyaatan, nyaatawwan ABBAA URJII dabalanii guyya guyyaan akka nyaatan gargaaruu qabna. Lubbuu lamaaf nyaatu waan ta’eef jechuudha.
8. Waa’ee muuxannoowwan harma hoosisuu gaggaarii ta’an maria’chuu shaakalleerra jechuun garee yaadachiisi.
GAAFADHU: Namoonni haala manaa ture walgahii itti aanuurratti gabaasuudhaaf fedhiin harka baasan:
9. Dhimmoota olitti ibsaman kanaaf naoonni meeqa akka harka baasan lakkaa’iiti; baay’ina isanii yaadannoo keerratti barreessi.

Gulantaa 12: Cufiinsa


1. Walgahiin Itti aanu yoom akka yaadachiisi.
2. “Hirmaannaa ho’aa taasisaniif hunda isaanii galateeffadhu!”

You might also like