You are on page 1of 15

Biiroo Bulchiinsaa fi Itti

Fayyadama Lafaa Oromiyaatti

Leenjii
Kenniinsa Tajaajiloota Galmeessa
Qabiyyee Lafaa
Qoph: Malkaamuu Burraayyuu (LLB, LLM)

Muddee, 2013
Finfinnee
Qabiyyee Leenjichaa
1. Seensa
2. Barbaachisummaa
3. Tooftaa Leenjichaa
4. Gurmaa’iinsa Garee Hojichaaf
Barbaachisu
5. Galmeewwan Hojiif Barbaachisan
6. Kenniinsa Tajaajiloota Galmeessaa
7. Yaa’iinsa Kenniinsa Tajaajiloota
Galmeessaa
8. Gurmaa’iinsaa fi Qabiinsa Ragaawwanii
9. Miiltoowwan Hojiif deeggeran
Seensa
 Hojiin Galmeessa qabiyyee lafaa akkaataa
karoora hojii bara 2013 qabameen seeraa fi
hojmaata eegee raawwatamuu qaba.
 Kana gochuufis dandeettii raawwach-
iisummaa ogeessotaa fi hooggansa hojicha
gaggeessanii leenjii fi deeggersaan cimsuun
barbaachisaadha.
 Bu’uruma kanaatiin leenjiin kennamu kunis
barreeffamaa fi qabatamaan agarsiisuun
hojichi qulqullinaa fi si’aayina barbaadamuun
akka raawwatamuuf akkaataa gargaaruu
danda’utti qophaa’ee jira.
Tooftaa Leenjichi Ittiin Kennamu
 Gareen Hojicha Raawwatu Leenjichaaf
Dursa Adda Bahuu qaba.

 Maanuwaalii Galmeessaa fi Kenniinsa


Tajaajila Galmeessaa Lakk. 02/2013 Irratti
Leenjii kennuu (Material training) fi

 Qabatamaan Hojjechuun Agarsiisuu


(Practical Training) tiin kan raawwatamu
ta’a.
Barbaachisummaa
 Qabiyyee lafaa galmeessuun diinagdee biyyaa
fi naannoo keenyaatiif ragaa amansiisaa ta’e
maddisiisuun tajaajila barbaadamuuf
oolchuudhaaf,
 Mirgi itti fayyadama qabiyyee lafaa lammiilee
wabummaa akka argatuu fi guddina
diinagdee, hawaasummaa fi misooma
magaalota naannoo keenyaa ariifachiisuun
barbaachisaa ta’ee waan argameef,
 Hojiin Galmeessaa fi Kenniinsa tajaajila
seeraa fi hojmaata eegee akka raawwatamuu
fi
 Dandeettii raawwachiisummaa cimsuuf leenjii
kana kennuun barbaachisee jira.
Gurmaa’iinsa Garee Hojichaaf
Barbaachisu
 Akkaataa gurmaa’iinsa Hojiirra jiruun
leenjii kana irratti hooggansi fi
ogeessonni hojicha gaggeessan
/Raawwatan hundi kan hirmaatanii fi
akkaataa leenjii barreeffamaa fi
shaakallii hojii ogeessota naannootiin
kennamu fudhatanii seeraa fi hojmaata
hojichaa eeguun kan hojjetan ta’a.
Galmeewwanii fi Meeshaalee
Hojiif Barbaachisan
Galmeewwan
 Akkaataa Maanuwalii Galmeessaa fi
Kenniinsa Tajaajila Galmeessa
Qabiyyee Lafaa Lakk. 02/2013 kutaa
afur jalatti ibsameen jiraachuu qaba.
Kenniinsa Tajaajiloota Galmeessaa
Maanuwaalii Galmeessaa kutaa sadii jalatti
ibsameera.
 Tajaajila Galmeessa Jalqabaa
 Tajaajila Jijjiirraa/Dabarsa Mirgaa
 Dhorka mana murtii Galmeessuu ykn
fooyyessuu ykn haquu
 Dhorka Liqaa/Idaa Galmeessuu ykn
fooyyessuu ykn haquu
 Itti gaafatamummaa Galmeessuu ykn
fooyyessuu ykn Haquu
 Qabiyyee galmaa’an addaan qooduu ykn
walitti makuu
...Itti fufe
 Rogaa fi Golee cittuu lafaa sirreessuu
 Galmeessa ragaa wayitawaa taasisuu
 Galmeessa bakka bu’iinsa waraqaa ragaa
kennuu
 Waraabbii sanadaa kennuu
 Galmeessa Ragaa Faayilaan Wal qabsiisuu
 Galmeessa Ragaa Faayila keessaa baasuu
 Tajaajila walitti bu’iinsa daangaa hiikuu
Yaa’iinsa Kenniinsa Tajaajiloota
Galmeessaa
 Qabiyyeen tajaajilli irratti gaafatamu kan
galmaa’e ta’uu qaba.
 Tajaajila kennuuf haaldureewwan
maanuwaalii galmeessaa fi kenniinsa
tajaajilaa Lakk. 02/2013 kutaa sadii lakk.
3.2.1. jalatti ibsaman guutamuu qabu.
 Iyyannoon tajaajilaa akkaatuma tajaajila
galmeessa jalqabaatti dhiyaachuu qaba.
 Qaamni tajaajila kamiyyuu gaafatu tajaajila
gaafate argachuuf ragaawwan seera
qabeessaa fi qaama aangoo qabuun
mirkanaa’e dhiyeessuuf dirqama qaba.
Gurmaa’iinsaa fi Qabiinsa Ragaawwanii
 Galmee Iyyannoo Galmeessaa
 Galmee Galmeessa Mirga Qabiyyee Lafaa
 Galmee Galmeessa Qabiyyee Lafa Gamoo
Waliinii
 Galmee Galmeessa Qabiyyee Lafa
Qonnaan Bulaa Magaalaatti Daangeffamee
 Galmee Galmeessa Wabii Qabeenyaa
Dhaabbataa
 Galmee Galmeessa Dhorkaa
 Galmee galmeessa Iyyannoo Dhimmoota
Bulchiinsaa
 Galmee Galmeessa Jijjiirraa Maqaa
Miiltoowwan Hojiif deeggeran
Kenniinsa Tajaajilaa fi Komii

Komii Tajaajilaa Guddaa

Guddaa Keessummeessa Gaarii Xiqqaa


Miira Gareen Hojjechuu
Galatoomaa!

You might also like