You are on page 1of 3

Guyyaa 22/03/2015

Mana Murtii Aanaa Odaa Bultumiif


Baddeessaa
Himataan:- Galaasaa Sulxaan
Teessoon:- Aanaa Odaa Bultum Araddaa Lakk.05
Himatamttuun:- Feeyruzaa Abddallaa
Teessoon:- Aanaa Odaa Bultum Araddaa lakk.05
Himannoon kun b/s/d/f/s/lakk.222 fi Seera Maatoo Oromiyaa Keewwata 220 jalatti
tumameen kafalttiin qallaqa daa’immaa Kanaan dura galmee lakk. 40335 taheen
narrtti murtaahe akka narraa xiqaatu gaafachuuf himata dhihaateedha.
 Manni murtii kun dhimmi kana falmisiisee murtee laachuuf anggoo qaba
 Bitaa mirgi dandeettii seeraa qabu
 Himata kanan dhiheessu mata kootiini
 Xalayaa waamichaa himatamttuuf nan qaqabsiisa.
Tarree himata kiyyaa
Anaa fi himatamttuun Kanaan dura jaarsaa fi jaartii (abbaa warraa fi haadha warraa)
yammuu taanu mana murtii kanatti dhaddacha gaafa 09/07/2014 ooleen gaa’illi keenyaa
diigamee ture. Yeroo diiggaan gaa’ilaa keenya mana murtii kanatti gaggeeffamu galmee
kana irratti manni murtii kun osoo dandeettii kafaluu kiyyaa fi haala galii kiyya sirnaan
hubannoo keessa osoo naaf hin galchin ji’atti daa’ima takkaaf qarshii 1984 (kuma tokkoo fi
dhibba sagalii fi sadeetamii afur) yookaan waggatti qarshii 23,815 (kuma diigdamii sadii fi
dhibba sadeetii fi kudha shan) akkan kafalu natti murteesee jira. Haata’uu garuu ani nama
hojii dhaabbataa fi galii mataa kiyyaa tahe hin qabne shaqaxa xiqashoo abbaan kiyya
banatee qabu isaaf gurguraa ture yammuu tahu yeroo ammaa shaqanni kunis galiin isaa
dhabamee mtaa koo illee jiraachisuu kanan dadhabe waan taheef, qabeenya madda galii
anaaf tahu kan biroo kan mataa kootii tokkollee waanan hin qabneef mashruufa natti
murtaahe kana kafaluu dadhabee akka malee rakkachaatan jira. Akkaataa Seera Maatii
Oromiyaa keewwata 220 jalatti tumameen murtiin qallaba irratti kenname yeroo
kamiyyuu fooyya’uu kan dandahu tahuu seeraan tumamee jira waan taheef manni murtii
kun murtii Kanaan dura daa’ima takkaaf qarshii 1984(kuma tokkoo fi dhibba sagalii fi
sadeetamii afur) kafali jadhee narratti murteesse kana naarraa xiqqeesee akkaataa human
kiyyaatiin akkaan daa’ima tiyya mashruufu murtiin irra deebi’amee akka naaf kennamuuf
himata kana dhiheefadheetan jira.
Seerummaan gaafadhu
Manni Murtii kun akkataa Seera Maatii Oromiyaa keewwata 220 jalatti tumameetiin Murtii
Kanaan dura galmee lakkoofsa 40935 irrtti dhaddacha gaafa 09/07/2014 kennee ture naaf
fooyyesee ji’atti mashruufa daa’ima tiyyaa qarshii 1984 (kumaa fi dhibba sagalii fi
sadeetami afur) irraa gara qarshii 500 (dhibba shanitti) naaf xiqqesee akka naaf murteesuu
gaafadha.
Dhugaa tahuu b/s/d//f/s/lakk.92 mirkaneessa.
Guyyaa 22/03/2015

Mana Murtii Aanaa Odaa Bultumiif


Baddeessaa
Himataan:- Galaasaa Sulxaan
Teessoon:- Aanaa Odaa Bultum Araddaa Lakk.05
Himaatamttuun:- Feeyruzaa Abddallaa
Teessoon:- Aanaa Odaa Bultum Araddaa lakk.05
Tarree ibsa ragaa b/s/d/f/s/lakk.223tiin guutamee dhihaateedha
Ragaa namaa
1. Garagalcha murtii manni Murtii Aanaa Odaa Bultum Galmee Lakk. 40935 irratti gaafa
09/07/2014 kenne fuullu 3 walqabatee jiraa.
Ragaa namaa
1. Sulxaan Bakaree
2. Badruu Mahaamamd
3. Alamuu Girmaa
4. Siraaj Bakaree
5. Akliiluu Alamauu faa yoo tahaan teessoon isaanii Aanaa Odaa Bultum Araddaa lakkoofsa
5 waan tahaaniif waamichaan akka naaf dhagahaman gaafachaa yeroof ragaan qabu
kanuma.
Dhugaa tahuu b/s/d/f/s/lakk.92 mirkaneessa.

You might also like