You are on page 1of 1

Lakk 42848

Guyyaa 02/10/2013

Mana Murtii Olaanaa Godina Arsii Lixaatiif


Shaashamannee
Iyyataan ;- Obboo Abdii Tashitee

Teessoon:- Aanaa Shaashamannee Ganda Daanisaa

D/Kennaan; Obboo Amaan Tashitee

Teessoon; Aanaa Shaashamannee Ganda Daanisaa

Sababiin Iyyannoo Kiyyaa Dhoorkiin Kennamee Ture Akka Naaf Ka’u


Gaafachuudha.

Falmii qabiyyee lafa baadiyaa galmee lakkoofsi olitti tuqamerratti d/kennaan


ammaafi ana jidduu ture ilaalchisee murtii manni murtii aanaa Shaashamannee
naaf kenne bu’uura godhachuudhaan galmee raawwii lakkoofsa 73536 ta'e
banadhee kan ture ta’ullee sababii deebii kennaan kun oliyyata gaafateen galmeen
raawwii ani banadhe Dhoorkii mana murtii kanarraa kennameen cufameera.

Haa ta’u malee falmiin d/kennaafi ana jidduu ture dhaddacha gaafa 01/10/2013
ooleen murtii kan argate ta’ullee dhoorkiin kennamee ture waan hin kaaneef
iyyannoo kana dhiyeeffadheera.

Kanaafuu dhoorkiin mana murtii kanaan kennamee ture akka naaf ka’u ajajamee
akka naaf barraa’u kabajaan gaafadha.
Iyyanni kiyya dhugaa ta’uu bu’uura sdfhh kewt 92 tiin ni mirkaneessa.

Mallattoo Iyyataa

___________

You might also like